Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan kanaa gadii deebisuuf yaali:

Dandeettii faarfachuu keenya fooyyessuuf wantoota arfan kamfaa gochuu dandeenya?

Kitaaba faarfannaa keenya ol qabuudhaan sirriitti dhaabachuu dandeenya. Akka gaariitti hafuura fudhachuu qabna. Afaan keenyaa fi laagaa keenya balʼisnee yoo banne, sagalee keenya ol kaasnee faarfachuu dandeenya.—w17.11, ful. 5.

Bakkaawwanii fi daandiiwwan gara magaalota Israaʼel kooluu itti galanii wajjin haala walqabateen wanti nama dinqisiisu maali dha?

Biyyattii keessa magaalota kooluu itti galan jaʼaa fi daandiiwwan gaarii achitti geessan jiru turan. Kanaaf, namni tokko hamma tokko dafee salphaatti bakka mijataa kooluu itti galu argata.—w17.11, ful. 14.

Kennaan furii Waaqayyo karaa Yesuus kenne, kennaa hunda irra caalu dha kan jennu maaliifi?

Fedhii bara baraaf jiraachuuf qabnu nuuf guuta; akkasumas wanta cubbuu fi duʼa irraa walaba baʼuuf nu barbaachisu nuuf guuta. Waaqayyo ilmaan Addaamiif jaalala waan qabuuf, utuu nuti cubbamoota taanee jiruu Yesuus nuuf jedhee akka duʼu godheera.—wp17.6, ful. 6-7.

Yaanni Faarfannaa 118:22 [NW] irra jiru duʼaa kaʼuu Yesuus kan argisiisu akkamitti?

Yesuus, Masiihiichi tuffatameera, akkasumas ajjeefameera. “Dhagaa buʼuuraa” taʼuuf garuu duʼaa kaafamuu qaba ture.—w17.12, ful. 9-10.

Hiddi dhalootaa gara Masiihichaatti geessu mirga angafummaa wajjin kan wal qabatu turee?

Yeroo tokko tokko toorri hidda dhalootaa kun karaa ilma hangafaa kan darbu taʼus, kun kan taʼu yeroo hunda hin turre. Daawit ilma Issey isa hangafaa hin turre; Masiihichi kan dhufe garuu karaa isaa ture.—w17.12, ful. 14-15.

Kitaabni Qulqulluun fayyaa ilaalchisee qajeelfama akkamii qabateera?

Seerri Musee namoonni dhukkuba tokko tokkoon qabaman kophaatti baafamuu akka qaban ajaja. Namoonni reeffa erga tuqanii booda dhiqachuu qabu turan. Seerichi bobbaan namaa karaa sirrii taʼeen awwaalamuu akka qabu ajaja. Dhaqna qabaan guyyaa saddeettaffaa, yeroo dandeettiin dhiigni kantaruuf qabu sadarkaa sirrii irra gaʼutti raawwatamuu qaba ture.—wp18.1, ful. 7.

Kiristiyaanni tokko hamma tokko of jaallachuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?

Namoota akka ofii keenyaatti jaallachuu qabna. (Mar. 12:31) Abbootiin manaa “haadhotii manaa isaanii akkuma qaama isaaniitti jaallachuu qabu.” (Efe. 5:28) Haa taʼu malee, of jaallachuun as irratti ibsame jaalala ofittummaa irraa adda dha.—w18.01, ful. 23.

Karaa hafuuraa guddachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?

Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti xiinxaluu, akkasumas wanta baranne hojii irra oolchuu nu barbaachisa. Kana malees, hafuurri qulqulluu sammuu keenyaa fi garaa keenya irratti akka hojjetu heyyamuu fi gargaarsa warra kaaniis fudhachuu qabna.—w18.02, ful. 26.

Urjii lakkaaʼuu fi hooda dubbachuun yeroo gara fuulduraa beekuuf kan nu hin gargaarre maaliifi?

Sababii hedduun kan jiru taʼus, sababiin inni guddaan Kitaabni Qulqulluun gochawwan lamaanuu waan balaaleffatuufi dha.—wp18.2, ful. 4-5.

Afeerraa nyaataa nuuf dhihaateef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

Afeerraa nuuf dhihaateef tole yoo jenne, waadaa galle eeguuf carraaqqii gochuu qabna. (Fak. 15:4) Dantaa dhabummaadhaan hafuu hin qabnu. Namni nu afeere sun nyaata qopheessuuf baayʼee dadhabee taʼuu dandaʼa.—w18.03, ful. 18.

Dhiironni muudaman Ximotewos irraa maal barachuu dandaʼu?

Ximotewos garaadhaa namootaaf kan yaaduu fi hojii lallabaatiif dursa kan kennu ture. Tajaajila qulqulluu irratti cimee hojjeteera, akkasumas wantoota barate hojii irra oolcheera. Of leenjisuu isa itti fufeera, hafuura Yihowaatti amanameera. Jaarsoliinis taʼan namoonni kaan fakkeenya isaa hordofuu dandaʼu.—w18.04, ful. 13-14.