Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seerrii fi Qajeelfamni Waaqayyoo Qalbii Keessan Akka Leenjisu Heyyamaa

Seerrii fi Qajeelfamni Waaqayyoo Qalbii Keessan Akka Leenjisu Heyyamaa

‘Ani yaadachiisawwan kee irratti nan xiinxala.’—FAR. 119:99, NW.

FAARFANNAA: 127, 88

1. Wantoota ilmaan namootaa bineensota irra akka caalan godhan keessaa tokko maali dha?

WANTOOTA ilmaan namootaa bineensota irra akka caalan godhan keessaa tokko qalbii qabaatanii uumamuu isaanii ti. Kunis dhugaa yeroo namni lafa irratti uumamee jalqabee jiru dha. Addaamii fi Hewwaan seera Yihowaa erga cabsanii booda ni dhokatan. Kunis qalbiin isaanii isaan ceephaʼaa akka ture argisiisa.

2. Qalbiin keenya koompaasiitti fakkeeffamuu kan dandaʼu akkamitti? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

2 Namoonni qalbii isaanii akka gaariitti hin leenjisne, doonii koompaasiin isaa sirriitti hin hojjenneen geggeeffamuu wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼu. Koompaasii sirrii hin taaneen imala jalqabuun balaadhaaf kan nama saaxilu taʼuu dandaʼa. Qilleensii fi dambaliin garbaa, doonii sana salphaatti karaa irraa kaachisuu akka dandaʼus beekamaa dha. Koompaasiin sirriitti hojjetu namni doonicha oofu sun kallattii sirrii taʼeen akka oofu gargaaruu dandaʼa. Qalbiin keenyas koompaasiitti fakkeeffamuu dandaʼa. Qalbiin, miira keessaa wanta sirrii ykn dogoggora taʼe beekuudhaan kallattii sirrii taʼeen akka deemnu nu qajeelchuu dandaʼu dha. Qalbii keenya sirriitti yoo leenjisne akka gaariitti nu qajeelchuu dandaʼa.

3. Qalbiin keenya sirriitti leenjiʼuu baannaan miidhaa akkamii geessisuu dandaʼa?

3 Qalbiin nama tokkoo sirriitti hin leenjine taanaan, wanta dogoggora taʼe raawwachuu irraa isa hin dhowwu. (1 Xim. 4:1, 2) Qalbiin akkasii “isa gaariidhaan . . . hamaa dha” akka jennu nu amansiisuu illee ni dandaʼa. (Isa. 5:20) Yesuus duuka buutota isaa akkana jedhee akeekkachiiseera: “Saʼaatiin namni isin ajjeesu hundi Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheessu isatti dhagaʼamu ni dhufa.” (Yoh. 16:2) Namoonni Isxifaanos baratichaa fi namoota akka isaa kaan ajjeesan akkana jedhanii yaadanii turan. (HoE. 6:8, 12; 7:54-60) Seenaa darbe keessatti, namoonni amantii hedduun yakka cimaa akka nama ajjeesuu jiru raawwachaa turaniiru; kanas kan godhan Waaqayyoof akka taʼe dubbatu. Wanti isaan raawwatan garuu seera Waaqayyoo wajjin kan wal faallessu dha! (Bau. 20:13) Dhuguma iyyuu, qalbiin isaanii karaa dogoggoraa irra isaan qajeelcheera!

4. Qalbiin keenya sirriitti akka hojjetu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Qalbiin keenya sirriitti akka hojjetu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Seerrii fi qajeelfamni Dubbii Waaqayyoo keessa jiru, “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf ni fayyada.” (2 Xim. 3:16) Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan qoʼachuu, wanta dubbisne irratti xiinxaluu fi hojii irra oolchuudhaan, qalbiin keenya ilaalcha Waaqayyoo wajjin akka wal simuu fi qajeelfama amansiisaa akka nuuf kennu leenjisuu dandeenya. Seerrii fi qajeelfamni Yihowaa qalbii keenya leenjisuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

SEERRI WAAQAYYOO AKKA ISIN LEENJISU HEYYAMAA

5, 6. Seera Waaqayyoo hordofuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

5 Seerri Waaqayyoo akka nu gargaaru kan barbaannu yoo taʼe, dubbisu ykn maal akka taʼan beekuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Seera Waaqayyoo jaallachuu fi kabajuu keenya itti fufuu qabna. Dubbiin Waaqayyoo, “Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa!” jedha. (Amo. 5:15) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Inni guddaan wantootaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu barachuu dha. Fakkeenyaaf, rakkinni hirriba dhabuu akka isin mudate godhaa yaadaa. Ogeessi fayyaa keessan nyaata nyaattan, sochii qaamaa gootanii fi akkaataa jireenyaa keessan akka jijjiirtan isin gorse. Gorsa isiniif kenname erga hojii irra oolchitanii booda gaarii taʼuu isaa hubattan! Ogeessi fayyaa keessan jireenyi keessan akka fooyyaʼu waan isin gargaareef guddaa akka dinqisiifattan beekamaa dha.

6 Haaluma wal fakkaatuun, Uumaan keenya seera miidhaa cubbuu irraa nu eeguu fi akkaataa jireenyaa keenya fooyyessuu dandaʼu nuuf kenneera. Seera Kitaaba Qulqulluu sobuu, gowwoomsuu, hatuu, halalummaa, hammeenyaa fi gocha hafuurota xuraaʼoo irraa akka fagaannu ilaalchisee nuuf kenname hordofuudhaan faayidaa arganne yaadaa. (Fakkeenya 6:16-19 dubbisi; Mul. 21:8) Eebba hedduu waan hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuun argamsiisu yommuu argannu, jaalallii fi dinqisiifannaan Yihowaafis taʼe seera isaatiif qabnu guddachaa deema.

7. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran dubbisuu fi irratti xiinxaluun maal gochuuf nu gargaara?

7 Kan nama gammachiisu garuu, barumsa guddaa argachuuf miidhaa seera Waaqayyoo cabsuun nutti fiduun dhiphachuun nu hin barbaachisu. Dogoggora namoota seenaan isaanii Dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffame irraa barachuu dandeenya. Fakkeenyi 1:5, “Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata” jedha. Yommuu seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran dubbisnuu fi irratti xiinxallu, Waaqayyo irraa qajeelfama hunda irra caalu arganna. Fakkeenyaaf, dhiphina guddaa Daawit Mootichi seera Yihowaa erga cabsee fi Baat-Sheebaa wajjin erga ejja raawwatee booda isatti dhagaʼamee ture mee yaadaa. (2 Sam. 12:7-14) Seenaa kana yommuu dubbisnuu fi irratti xiinxallu akkana jennee of gaafanna taʼa: ‘Gadda guddaa Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwachuun isaa isa irra geessise hambisuu kan dandaʼu akkamiitti? Qorumsi wal fakkaatu yoo na mudate, qorumsicha moʼuuf jabina qabaa? Akka Yoseefin baqadha moo akka Daawitin moʼama?’ (Uma. 39:11-15) Miidhaa cubbuun geessisu irratti xiinxaluudhaan, garaan keenya ‘wanta hamaa akka jibbuuf’ jabeessuu dandeenya.

8, 9. (a) Qalbiin keenya maal gochuuf nu gargaara? (b) Qajeelfamni Yihowaa fi qalbiin keenya kan wal simu akkamitti?

8 Gochawwan Waaqayyo jibbu irraa fagaanneerra taʼa. Taʼus, sochiiwwan ykn bifawwan jireenyaa Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan seera hin kennine jiru. Gama kanaan, wanta Waaqayyo duratti fudhatama qabuu fi isa gammachiisu beekuu kan dandeenyu akkamitti? Qalbiin keenya inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe gaʼee kan qabaatu yeroo kanatti dha.

9 Yihowaan jaalalaan kakaʼee qajeelfama qalbii keenya isa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼe wajjin wal simu nuuf kenneera. Inni waaʼee ofii isaa akkana jedheera: “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.” (Isa. 48:17, 18) Sammuu fi garaa keenyatti fayyadamnee qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti yoo yaadne, qalbii keenya sirreessuu, qajeelchuu fi leenjisuu dandeenya. Kunis murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf nu gargaara.

QAJEELFAMNI WAAQAYYOO AKKA ISIN GEGGEESSU HEYYAMAA

10. Qajeelfama jechuun maal jechuu dha? Yesuus karaa buʼa qabeessa taʼeen kan itti fayyadame akkamitti?

10 Dhugaan buʼuuraa, dhugaa bakka guddaa qabu ykn barumsa waan tokko yaaduuf ykn gochuuf akka buʼuuraatti tajaajilu dha. Dhugaa buʼuuraa tokko hubachuun, ilaalcha qaamni seera kenne sun qabuu fi sababii inni seera tokko itti kenne hubachuu dabalata. Yesuus yommuu tajaajilaa ture hundatti, barattoota isaa miidhaa ilaalchi ykn gochi tokko tokko fidu akka hubatan gargaaruuf dhugaa buʼuuraa isaan barsiiseera. Fakkeenyaaf, mufachuun hammeenyatti, fedhii hamaan ejja raawwachuutti geessuu akka dandaʼu barsiiseera. (Mat. 5:21, 22, 27, 28) Qalbii sirriitti leenjifame qabaachuuf, qajeelfamni Waaqayyoo akka nu geggeessu heyyamuu qabna; kunis Waaqayyoof ulfina argamsiisa.—1 Qor. 10:31.

Kiristiyaanni bilchina qabu qalbii warra kaanii tilmaama keessa galcha (Keeyyata 11 fi 12 ilaali)

11. Qalbiin namootaa adda adda taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

11 Dhimmawwan tokko tokko irratti Kiristiyaanonni qalbii Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼe qaban lama murtoo faallaa taʼe gochuu dandaʼu. Mee dhugaatii alkoolii akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii xinnoo dhuguu hin dhowwu. Kanaa mannaa, gar malee dhuguu fi machii dhowwa. (Fak. 20:1; 1 Xim. 3:8) Kana jechuun garuu Kiristiyaanni tokko dhugaatii alkoolii baayʼee hamma hin dhugnetti, wantoota tilmaama keessa galchu kan biroo hin qabu jechuu dhaa? Matumaa. Kiristiyaanni tokko qalbiin isaa kan isa hin ceephaane taʼu illee, qalbii warra kaanii tilmaama keessa galchuu qaba.

12. Yaanni Roomaa 14:21 irratti argamu qalbii warra kaanii kabajuuf kan nu kakaasu akkamitti?

12 Kiristiyaanni tokko qalbii warra kaanii tilmaama keessa galchuu akka qabu yommuu ibsu Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Obboleessa kee kan gufachiisu yoo taʼe, foon nyaachuu yookiin daadhii wayinii dhuguu yookiin wanta akkamii iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.” (Rom. 14:21) Obboleessa qalbiin isaa kan keessan irraa adda taʼe kan gufachiisu yoo taʼe, wantoota mirga keessan taʼan illee dhiisuuf fedhii qabduu? Fedhii akka qabaattan hin shakkisiisu. Obboloonni keenya tokko tokko Dhugaa Baatota taʼuu isaanii dura dhugaatii alkoolii gar malee dhugu turan, amma garuu dhuguu dhiisuuf murteessaniiru. Eenyuun keenya iyyuu, obboleessi kun wanta amala isaa duraa miidhaa guddaa isa irraan geessisutti akka deebiʼu isa taasisu gochuu akka hin barbaanne beekamaa dha! (1 Qor. 6:9, 10) Kanaaf, obboleessi tokko dhugaatii alkoolii dhuguu akka hin barbaanne yoo dubbate, namni isa afeere dhiibbaa isa irratti gochuun isaa akka isa jaallatu hin argisiisu.

13. Ximotewos misiraachoo mootummichaa akka fudhatan gargaaruuf qalbii warra kaanii kan kabaje akkamitti?

13 Ximotewos dargaggeessichi umurii waggoota kurnanii ykn jalqaba umurii waggoota 20mmanii irra yommuu turetti taʼuu hin oolu, Yihudoota isaaniif lallabuuf jedhu gufachiisuu waan hin barbaanneef dhaqna qabateera. Innis ilaalcha Phaawulos ergamaa wajjin wal fakkaatu qaba ture. (HoE. 16:3; 1 Qor. 9:19-23) Ati hoo akkuma Ximotewos faayidaa warra kaaniitiif jecha, aarsaa kaffaluuf fedhii qabdaa?

‘GARA BILCHINAATTI DEEMUUF CARRAAQQII CIMAA GODHAA’

14, 15. (a) Gara bilchinaatti deemuun maalfaa dabalata? (b) Jaalalli warra kaanitti argisiisnu bilchina Kiristiyaanummaa wajjin kan walqabatu karaa kamiini?

14 Kiristiyaanonni hundi ‘barumsa isa jalqabaa waaʼee Kiristoos ibsu irra darbuu fi gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii cimaa gochuuf’ fedhii qabaachuu qabu. (Ibr. 6:1) Kun immoo akkasumaan kan dhufu miti. Utuu wal irraa hin kutin “carraaqqii cimaa” gochuu gaafata. Gara bilchinaatti deemuun beekumsaa fi hubannaadhaan guddachuu kan dabalatu dha. Guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu muraasa akka dubbisnu yeroo hunda kan jajjabeeffamnus kanaafi. (Far. 1:1-3) Ati hoo galma kana baafatteettaa? Dubbisni akkasii seeraa fi qajeelfama Yihowaa ilaalchisee hubannaa guddaa isiniif argamsiisa; akkasumas Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan akka hubattan godha.

15 Kiristiyaanotaaf seerri hunda irra caalu seera jaalalaa ti. Yesuus barattoota isaatiin, “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedhee ture. (Yoh. 13:35) Obboleessa Yesuus kan taʼe Yaaqoob, jaalalli “seera Mootichaa” akka taʼe dubbateera. (Yaq. 2:8) Phaawulosis, “Namni nama jaallatu seera hundumaa hojii irra oolcha” jedheera. (Rom. 13:10) Kitaabni Qulqulluun “Waaqayyo jaalala dha” waan jedhuuf, jaalala ilaalchisee ibsi akkasii kennamuun isaa nama hin dinqisiisu. (1 Yoh. 4:8) Jaalalli Waaqayyoo miiraan qofa kan ibsamu miti. Yohaannis akkana jedhee barreesseera: “Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera; kunis nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf Waaqayyo tokkicha Ilma isaa gara addunyaatti erge.” (1 Yoh. 4:9) Eeyyee, jaalalli Waaqayyo qabu tarkaanfii akka fudhatu isa kakaaseera. Yihowaa, Ilma isaa, Kiristiyaanota obboloota keenya taʼanii fi namoota kaan akka jaallannu yommuu argisiisnu, Kiristiyaanota bilchina qaban akka taane mirkaneessina.—Mat. 22:37-39.

Qajeelfama Waaqayyoo irratti yommuu yaadnu, qalbiin keenya caalaatti geggeessaa amanamu taʼa (Keeyyata 16 ilaali)

16. Karaa hafuuraa gara bilchinaatti guddachaa yommuu deemnu, qajeelfamni caalaatti barbaachisaa kan nuuf taʼu maaliifi?

16 Gara bilchina Kiristiyaanummaatti guddachaa yommuu deemtan, qajeelfamni caalaatti barbaachisaa isiniif taʼa. Kunis kan taʼe seerri haalawwan murtaaʼan keessatti kan hojjetu siʼa taʼu, qajeelfamni garuu karaa balʼaa taʼeen hojii irra ooluu waan dandaʼuufi dha. Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokko balaa hiriyummaa gadheen geessisu hin hubatu taʼa; warri isaa hubatoo taʼan garuu eegumsa isaaf gochuuf seera baasu taʼa. (1 Qor. 15:33) Taʼus, mucichi bilchaataa yommuu deemu, dandeettiin yaaduu isaa waan guddatuuf, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee yaaduu dandaʼa. Kanaaf, dandeettiin murtoo ogummaa irratti hundaaʼee hiriyoota filachuuf qabu guddachaa adeema. (1 Qorontos 13:11; 14:20 dubbisi.) Qajeelfama Waaqayyoo irratti yommuu yaadnu, qalbiin keenya caalaatti geggeessaa amanamuu fi ilaalcha Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼa.

17. Murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf wanta nu barbaachisu qabna kan jennu maaliifi?

17 Murtoo ogummaa irratti hundaaʼee fi Yihowaa gammachiisu gochuuf wanta nu barbaachisu hunda qabnaa? Eeyyee. Seeraa fi qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru sirriitti fayyadamuudhaan, ‘hojii gaarii hundumaaf akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophoofne’ taʼuu dandeenya. (2 Xim. 3:16, 17) Kanaaf, ‘fedhiin Yihowaa maal akka taʼe hubachuuf,’ qajeelfama Kitaaba Qulqulluu keessa jiru qoraa. (Efe. 5:17) Meeshaalee qoʼannaaf gargaaranii fi karaa gumii Kiristiyaanaa argannutti akka gaariitti fayyadamaa; isaanis Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa, Wochtaawar Laayibrarii, Wochtaawar OONLAAYIN LAAYIBRARII fi appilikeshinii JW Laayibrarii dha. Meeshaaleen kun qoʼannaa dhuunfaa fi qoʼannaa maatii irraa, caalaatti faayidaa akka argannu nu gargaaruuf kan qophaaʼani dha.

QALBIIN KITAABA QULQULLUUDHAAN LEENJIʼE EEBBA ARGAMSIISA

18. Seeraa fi qajeelfama Yihowaa wajjin haala wal simuun yoo jiraanne eebba akkamii arganna?

18 Seeraa fi qajeelfama Yihowaatiif ajajamuun eebba akkamii akka argamsiisu Faarfannaa 119:97-100 irratti ibsameera: “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada. Abboommiin kee bara baraan ana bira jira, diinota koo caalaas ogeessa na godha. [“Ani yaadachiisawwan kee irratti waanan xiinxaluuf,” NW] ani barsiisota koo hundumaa caalaa nan qalbifadha. Ani ajaja kee waanan eegeef, maanguddoota caalaa nan hubadha.” Seeraa fi qajeelfama Waaqayyoo irratti yeroo fudhannee yoo ‘xiinxalle,’ caalaatti ogummaa fi hubannaadhaan deddeebina. Carraaqqii cimaa gochuudhaan seerrii fi qajeelfamni Waaqayyoo qalbii keenya akka leenjisu yoo heyyamne, “akkuma Kiristoos . . . bilchina guutuu” bira gaʼuu dandeenya.—Efe. 4:13.