Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Duratti Fudhatama Argachuu Dandaʼa Ture

Waaqayyo Duratti Fudhatama Argachuu Dandaʼa Ture

YIHOWAA tajaajiluu fi isa duratti fudhatama argachuu akka barbaannu beekamaa dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo namoonni isa duratti fudhatama akka argatan godhuu fi eebbisu eenyufaʼi? Namoonni bara durii tokko tokkoo cubbuu cimaa hojjetanii kan turan taʼu illee, isa duratti fudhatama argataniiru. Kaan immoo amalawwan gaggaarii kan qaban turanis, Waaqayyo duratti fudhatama utuu hin argatin hafaniiru. Kanaaf, “Yihowaan adda durummaadhaan tokkoon tokkoon keenya irraa maal barbaada?” jennee gaafanna taʼa. Fakkeenyi Rehobiyaam isa mootii Yihudaa ture deebii kanaa argachuuf nu gargaara.

JALQABA GAARII HIN TURRE

Abbaan Rehobiyaam, Solomoon isa waggaa 40f Israaʼeliin bulche dha. (1 Mot. 11:42) Solomoon kan duʼe Dh.K.D. bara 997⁠tti ture. Achiis Rehobiyaam mootii taʼee dibamuuf Yerusaalemii kaʼee gara kaabaatti deemuudhaan Sheekem dhaqe. (2 Sen. 10:1) Solomoon isa ogummaa guddaadhaan beekamu iddoo buʼuun isaa baayʼee akka isa sodaachise tilmaamuu dandeessuu? Rehobiyaam utuu hin turin dhimmawwan wal xaxoodhaaf furmaata kennuuf dandeettiin isaa akka qoramu dursee hubachuu kan dandaʼu akkamitti?

Haalli Israaʼel keessa ture Rehobiyaam dhiphinaan akka guutamu isa godhee taʼuu hin oolu. Yeroo booda bakka buutonni sabichaa dhufanii wanta isaan yaaddesse kallattiidhaan isatti himatan. Akkana jedhan: “Abbaan kee waanjoo nutti ulfaachisee ture, ati immoo hojii ulfaataa fi waanjoo ulfaataa abbaan kee nu irra kaaʼe nuuf salphisi! Yommus nuyi immoo siif in abboomamna.”—2 Sen. 10:3, 4.

Yeroo kanatti Rehobiyaam kiyyoo keessa akka gale isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa! Wantoota namoonni sun gaafatan yoo isaaniif guute, inni, maatiin isaa fi abbootiin taayitaa isaa, jireenya badhaadhummaa isaanii hirʼisuu fi wanta namoota irraa barbaadamu hirʼisuu qabu taʼa. Karaa biraatiin immoo, wanta isaan gaafatan yoo guutuu baate sabichi jeequmsa kaasa taʼa. Maal godha laata? Mootiin haaraan kun jalqaba irratti maanguddoota Solomooniif gorsitoota turanii wajjin mariʼate. Sana booda garuu Rehobiyaam dargaggoota hiriyoota isaa taʼan irraa gorsa gaafate. Achiis gorsa hiriyoota isaa fudhachuudhaan sabicha hacuuccaadhaan bulchuuf murteesse. Akkana jedhee deebise: “[Waanjoo] isa kan isaa caalaa ulfaatu isin irra nan kaa’a; abbaan koo qacceedhaan isin reebe, ani immoo qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun isin nan reeba.”—2 Sen. 10:6-14.

Barumsa kana irraa argannu hubattee? Yeroo baayʼee maanguddoota karaa hafuuraa muuxannoo qaban dhagaʼuun ogummaa akka taʼe ifa dha. Muuxannoo isaaniitti fayyadamanii, murtoon tokko maal fiduu akka dandaʼu hubachuudhaan gorsa gaarii nuuf kennuu dandaʼu.—Iyo. 12:12.

“ISAAN SAGALEE WAAQAYYOOF ABBOOMAMAN”

Jeequmsa kaʼee ture dhaabsisuuf Rehobiyaam loltoota isaa walitti qabate. Taʼus, Yihowaan gidduu seenuudhaan karaa Shemaaʼiyaa akkana jedhe: “Wanti taʼe kun fedhuma kootiin waan raawwatameef, isin Israaʼeloota obboloota keessan loluudhaaf ol hin baʼinaa! Hundumti keessan gara mana mana keessaniitti deebiʼaa!”—1 Mot. 12:21-24. *

Lola kaasuu illee hin qabu jechuu dhaa? Kun Rehobiyaamiin hammam akka isa dhiphise tilmaamuu dandeessu! Mootiin saba isaa “qaccee isa akka torbaanqabaa nama waraanuun” adabuuf doorsisee ture kun, booda garuu fincila sabaaf harka kenne ilaalchisee namootatti maaltu dhagaʼama? (2 Seenaa 13:7 waliin ilaali.) Kanas taʼe sana, mootichii fi loltoonni isaa, “sagalee Waaqayyoof abboomamanii akkuma dubbii isaatti deebiʼanii gara mana mana isaaniitti in galan.”

Kana irraa barumsa maalii arganna? Kan nutti qoosamu taʼu illee, Waaqayyoof ajajamuun ogummaa dha. Waaqayyoof ajajamuun, isa duratti fudhatamaa fi eebba argamsiisa.—Kes. 28:2.

Dhumni Rehobiyaam maal taʼe ree? Karoora saba haaraa hundeeffame sana loluuf qabu akka dhiisu isatti himameef ajajamuudhaan, naannoowwan gosoota Yihudaa fi Beniyaamin bulchaa jirutti mandaroota ijaaruu irratti xiyyeeffate. Mandaroonni hedduun akka “baayʼee” jabaatan godheera. (2 Sen. 11:5-12) Hunda caalaa garuu, yeroo muraasaaf seerawwan Yihowaa hordofeera. Mootummaan Israaʼel gosoota kurnanii Yerobiʼaam bulchu waaqolii tolfamoo yommuu waaqeffatanitti, namoonni achi jiran hedduun waaqeffanna dhugaa cinaa dhaabachuuf gara Yerusaalem dhaqanii ‘Rehobiyaam akka jabaatu godhaniiru.’ (2 Sen. 11:16, 17) Kanaaf, Rehobiyaam ajajamuun isaa mootummaan isaa akka jabaatu godheera.

CUBBUU FI YAADA GEDDARACHUU

Rehobiyaam mootummaan isaa yommuu baayʼee jabaatutti garuu, wanta hin eegamne tokko raawwate. Waaqolii tolfamoo waaqeffachuuf jecha seera Yihowaa dhiise! Garuu maaliif? Haati isaa ishiin qomoo warra Amoon taate dhibbaa waan isa irraan geessisteefii laata? (1 Mot. 14:21) Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, sabichi guutummaatti isa hordofeera. Rehobiyaam mandaroota sana kan jabeesse taʼus, Yihowaan mootiin warra Gibxii Shiishaaq mandaroota Yihudaa hedduu akka qabatu heyyameera!—1 Mot. 14:22-24; 2 Sen. 12:1-4.

Shiishaaq bakka Rehobiyaam itti bulchu Yerusaalemiin yommuu gaʼu dhimmi isaa baayʼee sodaachisaa taʼe. Yeroo kanatti Shemaaʼiyaa raajichi akkana jedhee ergaa Waaqayyo biraa dhufe Rehobiyaamii fi dura buutota isaatti hime: “Isin waan ana dhiiftaniif, anis immoo harka Shiishaaqitti gad isin dhiiseera.” Rehobiyaam ergaa kanaaf deebii akkamii kenne? Deebii gaarii kenneera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Mootichii fi dura-buutonni Israaʼel gad of deebisanii, ‘Wanti Waaqayyo hojjetu qajeelaa dha’ jedhan.” Kanaaf, Yihowaan Rehobiyaamii fi Yerusaalemiin badiisa irraa oolcheera.—2 Sen. 12:5-7, 12.

Sana booda, Rehobiyaam mootummaa kibbaa bulchuu isaa itti fufeera. Duʼuu isaa dura, ilmaan isaa hundaaf kennaa hedduu hireera; kanas kan godhe, obboleessa isaanii Abiiyaa isa isatti aanee mootii taʼu irratti jeequmsa akka hin kaasneef taʼuu dandaʼa. (2 Sen. 11:21-23) Karaa kanaan, Rehobiyaam hubannaa sanaan dura argisiisee hin beekne argisiiseera.

GAARII MOO GADHEE DHA?

Rehobiyaam wantoota gaggaarii muraasa raawwatus, Waaqayyo duratti fudhatama utuu hin argatin hafeera. Kitaabni Qulqulluun walumaa galatti waaʼee bulchiinsa isaa yommuu ibsu, “Wanta hamaa in hojjete” jedha. Maaliif? ‘Inni yaada isaatiin Waaqayyoon barbaaddachuutti jabaatee waan hin dhaabanneefi dha.’—2 Sen. 12:14.

Rehobiyaam haala Daawit Mooticha irraa adda taʼeen, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa utuu hin uumin hafeera

Mee wanta kun argisiisu yaadi: Rehobiyaam yeroo tokko tokko Waaqayyoof ajajameera. Kana malees, saba Yihowaatiif wantoota gaggaarii tokko tokko godheera. Taʼus, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuuf ykn isa gammachiisuuf fedhii cimaa qabachuuf utuu hin carraaqin hafeera. Kanaan kan kaʼes, gocha dogoggoraa raawwateera, waaqeffannaa sobaas hordofeera. Akkana jettanii gaafattu taʼa: ‘Sirreeffama Waaqayyo isaaf kenneef deebii kan kenne, garaadhaa waan yaada geddaratee fi Waaqayyoon gammachiisuu waan barbaadeef moo dhibbaa warri kaan isa irratti godhaniin kakaʼee ti?’ (2 Sen. 11:3, 4; 12:6) Jireenya isaa gara boodaatti wanta hamaa raawwachuutti deebiʼee ture. Daawit Mooticha isa akaakayyuu isaa ture irraa baayʼee adda dha! Daawit dogoggora raawwatee kan ture taʼus, jireenyi isaa jaalala Yihowaaf qabuun, waaqeffannaa dhugaatiif kan bule taʼuu isaatiin, akkasumas cubbuu raawwateef garaadhaa yaada geddarachuu isaatiin beekama ture.—1 Mot. 14:8; Far. 51:1, 17; 63:1.

Rehobiyaam irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya. Namoonni wanta maatii isaaniitiif barbaachisu yommuu dhiheessanii fi hojii buʼaa qabu raawwachuuf yommuu carraaqanitti galateeffamuu qabu. Haa taʼu malee, Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf, duraan dursinee waaqeffannaa dhugaa deggeruu fi itti maxxannee jiraachuu qabna.

Kana raawwachuu kan dandeenyu garuu, Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabannee jiraachuuf carraaqqii yoo goone dha. Akkuma ibiddi bobaʼuu isaa akka itti fufuuf tuttuquun nu barbaachisu, jaalalli Waaqayyoof qabnu bobaʼuu isaa akka itti fufuuf yeroo hunda Dubbii isaa qoʼachuu, wanta dubbisne irratti xiinxaluu fi kadhannaatti cimuu nu barbaachisa. (Far. 1:2; Rom. 12:12) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu immoo, hawwiin gocha keenya hundaan isa gammachiisuuf qabnu akka bobaʼu godha. Yeroo barbaachisaa taʼe tokko tokkottis, garaadhaa yaada geddarachuuf nu kakaasa. Rehobiyaam irraa haala adda taʼeen, yoom iyyuu waaqeffannaa dhugaatti cichinee jiraachuuf carraaqna.—Yih. 20, 21.

^ key. 9 Solomoon amanamaa utuu hin taʼin waan hafeef, Waaqayyo mootummaan isaa akka hiramu dursee dubbateera.—1 Mot. 11:31.