MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Ebla 2018

Maxxansi qoʼannaa kun mata dureewwan Waxabajjii 4 hanga Adoolessa 8, 2018 qoʼataman kan qabate dha.

Daandii Bilisummaa Dhugaa Argamsiisu

Namoonni tokko tokko hacuuccaa, wal qoodiinsaa fi hiyyummaa irraa bilisa taʼuu barbaadu; kaan immoo mirga dubbachuu fi filachuuf qaban irratti bilisummaa argachuu barbaadu. Bilisummaa dhugaa argachuun ni dandaʼamaa?

Yihowaa Isa Waaqa Bilisummaa Taʼe Tajaajilaa

Yihowaan bilisa kan nu baase akkamitti? Bilisummaa Waaqni nuu kennetti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Dhiironni Muudamtan Ximotewos Irraa Baradhaa

Ximotewos yeroo Phaawulos ergamaa wajjin tajaajiluu jalqabetti ofitti amanamummaa waan dhabe fakkaata. Jaarsolii fi tajaajiltoonni gumii fakkeenya Ximotewos irraa maal barachuu dandaʼu?

Fakkeenya Yihowaa Isa Waaqa Jajjabinaa Taʼee Hordofuu

Sabni Yihowaa yeroo hundumaa jajjabina argachuun isaan barbaachisa.

“Caalaatti” wal Jajjabeessaa

Guyyaan Yihowaa dhihaachaa waan jiruuf, yeroo barbaachisu hundumaatti isaan jajjabeessuu akka dandeenyutti obboloota keenyaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna.

Dargaggootaa, Galmawwan Hafuuraa Irratti Xiyyeeffachaa Jirtuu?

Dargaggoonni yeroo tokko tokko carraa hedduun akka isaaniif dhihaatee fi murtoo hedduun akka isaan mudate isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Jireenya isaanii gara fuulduraa ilaalchisee filannoo sirrii gochuu kan dandaʼan akkamitti?

Gaaffii Dubbistootaa

Barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa weeb saayitii dhuunfaa ykn miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun kan hin heyyamamne maaliifi?

Gaaffii Dubbistootaa

Faarfannaan 144: 12-15 saba Waaqayyootiif hojjeta moo namoota hamoo lakkoofsa 11 irratti warra ormaa jedhamaniif hojjeta?