Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa weeb saayitii dhuunfaa ykn weeb saayitii hawaasaa irratti maxxansuun kan hin heyyamamne maaliifi?

Barreeffamoonni keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kaffaltii malee waan qophaaʼaniif, namoonni tokko tokko barreeffamoota kana garagalchuu fi weeb saayitoota kaan irratti ykn weeb saayitii hawaasaa irratti maxxansuun fudhatama akka qabu itti dhagaʼama. Haa taʼu malee, akkana gochuun seera Walii Galtee Itti Fayyadama * weeb saayitii keenya kan diigu taʼuu isaa irra iyyuu, rakkina guddaa uuma. Akkuma walii galteewwan kana irratti ibsame, namni kam iyyuu, “Fakkiiwwan, barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qophaaʼan, mallattoowwan daldalaa, muuziqaa fi faarfannaa, suuraa, viidiyoowwan ykn mata dureewwan weeb saayitii kana irra jiran (weeb saayitii kam irratti iyyuu, mala ittiin faayiloota walii ergan, viidiyoo walii ergan ykn weeb saayitii hawaasaa irratti maxxansuu)” hin dandaʼu. Dhorkaan akkasii maaliif barbaachise?

Namni kam iyyuu barreeffamoota keenya warra mirgi abbummaa isaanii seeraan eegamaa taʼe weeb saayitoota kan biraa irratti maxxansuu hin dandaʼu

Wantoonni weeb saayitii keenya irratti baʼan hundi mirgi abbummaa isaanii kan eegame dha. Gantoonnii fi mormitoonni barreeffamoota keenya weeb saayitii isaanii irratti baasuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa fi namoota kaan gowwoomsuuf yaalu. Kaayyoon weeb saayitoota kanaa sammuu dubbistootaa keessatti shakkii uumuu dha. (Far. 26:4; Fak. 22:5) Namoonni kaan immoo, yaadawwan barreeffamoota keenya irra jiran ykn mallattoo jw.org daldala isaanii beeksisuuf, meeshaawwan gurgurtaaf dhihaatanii fi appilikeeshinii moobaayilii irratti itti fayyadamaniiru. Mirga abbummaa fi mallattoo daldalaa qabaachuun keenya itti fayyadama seeraan alaa kana ittisuuf seera qabeessa akka taanu nu godha. (Fak. 27:12) Haa taʼu malee, obboloonni keenya illee yoo taʼan, barreeffamoota bifa elektirooniikiitiin qophaaʼaan weeb saayitoota kan biraa irratti akka baasan ykn mallattoo daldalaa jw.org miʼa isaanii gurguruuf akka itti fayyadaman yoo heyyamne, manni murtii carraaqqii nuti mormitootaa fi dhaabbilee daldalaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadaman dhowwuuf goonu deggeruu dhiisuu dandaʼa.

Barreeffamoota jw.org alatti weeb saayitii kan biraa kam irraa iyyuu garagalfachuun balaa guddaa qaba. Yihowaan nyaata hafuuraa akka dhiheessuuf itti gaafatamummaa kan kenne, ‘garbicha amanamaa fi ogeessaaf’ qofa dha. (Mat. 24:45) “Garbichi” kun nyaata hafuuraa maxxansuuf weeb saayitoota seera qabeessa taʼanii fi www.pr418.com, tv.pr418.com fi wol.pr418.com jedhaman qofatti fayyadama. Appilikeeshinoota seera qabeessa taʼanii fi moobaayilii irratti feʼamuu dandaʼan sadii qofa kan qabnu siʼa taʼu, isaanis JW Language®, JW Library®, fi JW Library Sign Language® jedhamu. Appilkeeshinoonni kun beeksisawwan daldalaa ykn faalama addunyaa Seexanaa irraa walaba akka taʼan mirknaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Nyaata hafuuraa madda kan biraa irraa yoo fudhanne garuu, kan jijjiirame ykn kan faalame taʼuu dandaʼa.—Far. 18:26; 19:8.

Kana malees, barreeffamoota keenya weeb saayitoota iddoo yaada itti kennan qaban irratti baasuun, gantoonnii fi namoonni dogoggora funaanan kaan jaarmiyaa Yihowaa irratti shakkii akka uuman carraa isaaniif kenna. Obboloonni tokko tokko falmii intarneetiidhaan godhamu irratti hirmaachuudhaan maqaa Yihowaa irratti arrabsoo dabalataa fidu. Waltajjiin marii intarneetiidhaan godhamu, ‘warra ilaalcha sirrii hin qabne garraamummaadhaan gorsuuf’ bakka sirrii taʼe miti. (2 Xim. 2:23-25; 1 Xim. 6:3-5) Kana malees, weeb saayitoota hawaasaa fi weeb saayitoonni sobaa maqaa jaarmiyaa keenyaa, maqaa Qaamaa Ol Aanaa fi miseensota isaatiin banaman akka jiran beekameera. Haa taʼu malee, miseensi Qaama Ol Aanaa kam iyyuu, weeb saayitii dhuunfaa hin qabu ykn weeb saayitii hawaasaa kam irratti iyyuu hin hirmaatu.

Namoonni jw.org akka daawwatan jajjabeessuun “misiraachoo” babalʼisuuf gargaara. (Mat. 24:14) Barreeffamoonni tajaajilaaf akka itti fayyadamnu bifa elektiroonkiitiin nuuf dhihaatan yeroo yeroodhaan fooyyaʼaa jiru. Namni kam iyyuu wantoota qophaaʼan kana irraa faayidaa akka argatu ni barbaanna. Kanaaf, akkuma Walii Galtee Itti Fayyadamaa irratti ibsame, barreeffamoota bifa elektoronkiitiin baʼan iimeeliidhaan nama tokkoof erguu ykn liinkii wantoota jw.org irratti baʼanii erguufii ni dandeenya. Namoonni fedhii qaban weeb saayitii keenya seera qabeessa taʼe akka ilaalan jajjabeessuudhaan, madda nyaata hafuuraa tokkicha isa dhugaa taʼe, jechuunis ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ wajjin akka wal baran gochuu dandeenya.

^ key. 1 Liinkiin Walii Galtee Itti Fayyadama kanaa weeb saayitii jw.org jedhamu fuula kaʼumsa jedhu dhuma irratti kan argamu siʼa taʼu, dhorkaawwan achi irra jiran wantoota weeb saayitii keenya irratti baʼan hundumaaf ni hojjetu.