Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa, Galmawwan Hafuuraa Irratti Xiyyeeffachaa Jirtuu?

Dargaggootaa, Galmawwan Hafuuraa Irratti Xiyyeeffachaa Jirtuu?

“Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus [“karoorfattus,” NW] fiixaan siif in baʼa.”—FAK. 16:3.

FAARFANNAA: 135, 144

1-3. (a) Dargaggoota hunda rakkina akkamiitu isaan mudata? Kunoo akkamitti fakkeenyaan ibsamuu dandaʼa? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan rakkina kana haala gaariidhaan akkamitti moʼuu dandaʼu?

DHIMMA guddaa tokkoof gara magaalaa fagoo jiru tokkoo deemuuf karoorfatte haa jennu. Bakka sana gaʼuuf otoobisiidhaan karaa dheeraa deemuu gaafata. Yeroo dhaaba otoobisii geessu, imaltootaa fi otoobisii hedduu arguun kee baayʼee si burjaajesse. Bakka yaadde sana gaʼuuf, otoobisii bakka deemuu barbaadde sana deemu yaabbachuun kee baayʼee barbaachisaa dha! Otoobisii bakka biraa deemu kam iyyuu yaabbachuu jechuun kallattii dogoggoraatti deemaa jirta jechuu dha.

2 Dargaggoonni yeroo harʼaa jiranis, imaltoota kanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. Dargaggoonni otoobisiidhaan utuu hin taʼin, jireenya isaanii keessatti daandii dheeraa deemuuf dirqamu. Dargaggoonni yeroo tokko tokko carraa hedduun akka isaaniif dhihaatee fi murtoo hedduun akka isaan mudate isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dargaggootaa, jireenya keessan keessatti eessa dhaquu akka barbaaddan ilaalchisee yaada gaarii yoo qabaattan adeemsi kun salphaa akka isiniif taʼu godha. Gara kamitti deemuu qabdu ree?

3 Mata dureen kun, dargaggoonni jireenyi isaanii fedhii Yihowaa gammachiisuuf qaban irratti akka xiyyeeffatu jajjabeessuudhaan gaaffii kanaaf deebii kenna. Kana jechuun jireenya isaanii hunda keessatti, jechuunis barumsa, hojii, itti gaafatamummaa maatii fi kan kana fakkaatan irratti Yihowaa dursuu jechuu dha. Akkasumas galmawwan hafuuraa baafachuu dabalata. Dargaggoonni Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuu isaanii itti fufan, Yihowaan jireenya isaanii keessatti milkaaʼina akka argatan gochuudhaan akka isaan eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.—Fakkeenya 16:3 dubbisi.

GALMAWWAN HAFUURAA BAAFACHUUN BARBAACHISAA DHA

4. Mata duree kana keessatti maal qorra?

4 Ijoollummaatti galmawwan tiʼookraasii baafachuun murtoo sirrii dha. Maaliif? Mee sababiiwwan sadii haa ilaallu. Sababiiwwan lamaan duraa, galmawwan hafuuraa baafachuun walitti dhufeenya namni tokko Yihowaa wajjin qabu akka cimsu argisiisu; inni sadaffaan immoo, faayida ijoollummaatti galmawwan tiʼookraasii irratti xiyyeeffachuun qabu ibsa.

5. Sababiin galmawwan hafuuraa baafachuun itti barbaachise inni duraa maali dha?

5 Sababiin galma hafuuraa baafachuu itti qabnu inni guddaan, jaalala Yihowaan nutti argisiisee fi wanta inni nuuf godheef galateeffannaa qabnu argisiisuufi dha. Faarfatichi, “Waaqayyoof galata galchuun . . . maal maal gaarii dha! Ati yaa gooftaa, gocha keetiin na gammachiifteetta, hojii harka keetti gammadee nan faarfadha!” jedheera. (Far. 92:1, 4) Dargaggootaa, wanta Yihowaa irraa argattan hunda yaadaa. Jireenya, amantii, Kitaaba Qulqulluu, gumii fi abdii dinqisiisaa gara fuulduraa qabdan yaadaa. Wantoota hafuuraatiif dursa kennuun, karaa eebbawwan Yihowaan nuu kenne kanaaf itti galateeffannu siʼa taʼu, kunis akka isatti dhihaannu nu gargaara.

6. (a) Galmawwan hafuuraa baafachuun walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu akkamitti tuqa? (b) Ijoollummaatti galmawwan akkamii baafachuun ni dandaʼama?

6 Sababiin inni lammaffaan galmawwan hafuuraa baafattee hojii irra oolchuu yommuu jalqabdu, hojii gaarii hojjechuudhaan Yihowaa duratti seenaa gaarii galmeessisuu jalqabda. Kun immoo caalaatti Yihowaatti akka dhihaattu si gargaara. Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jechuudhaan abdii kenneera. (Ibr. 6:10) Galma hafuuraa baafachuuf matumaa umuriin keessan akka hin geenye gootanii hin yaadinaa. Kiristiin yommuu seenaa jireenyaa Dhugaa Baatota amanamoo taʼanii yeroo hunda dubbisuuf murteessitetti umuriin ishii waggaa kudhan ture. Toobiin cuuphamuu isaa dura Kitaaba Qulqulluu dubbisee xumuruuf kan murteesse umurii isaa waggaa 12⁠tti ture. Maaksiyaam umurii isaa waggaa 11⁠tti, obboleettiin isaa Naaʼomiin immoo waggaa 10⁠tti cuuphaman. Sana booda lamaan isaanii iyyuu Betʼel keessa tajaajiluuf galma baafatan. Galma isaanii irratti xiyyeeffachuuf akka isaan gargaaruuf, foormii Betʼel girggiddaa isaanii irratti maxxanfatan. Atis galmawwan iddoo guddaa kennituuf adda baastee beekuudhaan isaan irra gaʼuuf carraaqqii gochuu maaliif hin jalqabdu?—Filiphisiyus 1:10, 11 dubbisi.

7, 8. (a) Galma baafachuun murtoo gochuu kan nuuf salphisu akkamitti? (b) Shamarreen tokko Yunivarsiitii barachuu maaliif didde?

7 Sababii sadaffaan ijoollummaatti galma baafachuu itti qabnu, murtoo gochuu wajjin kan wal qabate dha. Dargaggoonni gama barumsaatiin, hojii fi dhimmawwan kan biroo wajjin haala wal qabateen murtoo gochuu qabu. Murtoo gochuun daandiin qaxxaamuraa tokko yommuu geenyu daandii sirrii filachuu wajjin wal fakkaata. Bakka dhaqxu kan beektu yoo taʼe, daandii sirrii taʼe filachuun ulfaataa miti. Haaluma wal fakkaatuun, galmawwan kee kan beektu yoo taʼe murtoo sirrii gochuun salphaa siif taʼa. Fakkeenyi 21:5, “Yaadni [karoorri] warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba” jedha. Ijoollummaatti galma gaarii baafachuudhaan karoora yoo qabaatte, daftee milkaaʼina argatta. Damaaris umurii waggoota kurnanii keessatti murtoo guddaan yeroo ishii mudatetti kun dhugaa taʼuu isaa hubatteetti.

8 Damaaris barumsa ishii buʼuuraa qabxii ol aanaadhaan xumurte. Biyya alaa deemtee Yunivarsiitii tokko keessatti barumsa seeraa akka barattu afeerraa ishiidhaaf dhihaate fudhachuu dandeessi turte; ishiin garuu baankii tokko keessa hojjechuu filatte. Maaliifi? “Ijoollummaa kootti qajeelchaa taʼee tajaajiluuf murteesseen ture. Kun immoo saʼaatii muraasa hojjechuu gaafata. Yunivarsiitiitti baradhee utuun digirii argadhee qarshii hedduu argachuu nan dandaʼa; garuu carraan ani hojii saʼaatii muraasa hojjetamu argachuuf qabu xiqqaa taʼa.” Damaaris waggoota 20f qajeelchaa taatee tajaajilaa jirti. Umurii waggoota kurnanii keessa yommuu turte galma sirrii akka baafattee fi murtoo sirrii akka goote ishiitti dhagaʼamaa? “Mana baankii keessaa iddoon hojjedhutti, yeroo baayʼee abbootii seeraa wajjin wal nan arga. Isaan hojii ani utuun seera baradheera taʼee hojjedhu hojjechaa jiru. Haa taʼu malee, baayʼeen isaanii hojii isaaniitti gammadoo miti. Murtoon qajeelchaa taʼuuf godhe, dhiphina hojiin fidu hambisuu fi Yihowaa tajaajiluudhaan waggoota hedduudhaaf gammachuu argachuuf karaa naaf baneera.”

9. Dargaggoonni keenya garaadhaa galateeffamuu kan qaban maaliifi?

9 Dargaggoonni gumii addunyaa maratti argamu keessa jiran hundi miira hoʼaadhaan galateeffamuu qabu. Yihowaadhaaf of kennuudhaan jireenyi isaanii galmawwan tiʼookraasii irratti akka xiyyeeffatu godhaniiru. Dargaggoonni kun jireenyatti gammadoo dha, akkasumas wanta hojjetan hundumaa irratti qajeelfama Yihowaa hordofuu barachuuf tattaafatu. Kun immoo barumsa, hojii fi jireenya maatii dabalata. Solomoon, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu. . . . Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jedhee barreesseera. (Fak. 3:5, 6) Dargaggoonni gumii Kiristiyaanaa keessa jiran Yihowaa isa isaan jaallatu, isaan eegu, qajeelfama isaaniif kennuu fi isaan eebbisu duratti iddoo guddaa qabu.

DHUGAA BAʼUUF AKKA GAARIITTI QOPHAAʼUU

10. (a) Tajaajilli wantoota dursa kenninuuf keessaa iddoo guddaa qabaachuu kan qabu maaliifi? (b) Tajaajila irratti buʼa qabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Dargaggeessi jireenyi isaa Yihowaa gammachiisuu irratti akka xiyyeeffatu godhe tokko, tajaajila isaatiif xiyyeeffannaa addaa kenna. Yesuus Kiristoos, ‘jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu akka qabu’ cimsee dubbateera. (Mar. 13:10) Hojiin lallabaa baayʼee ariifachiisaa waan taʼeef, wantoota dursa kenninuuf keessaa isa jalqabaa taʼuu qaba. Tajaajila irratti yeroo dheeraa dabarsuuf galma baafatteettaa? Qajeelchaa taʼuu hoo ni dandeessaa? Taʼus tajaajila irra gammachuu xiqqoo qofa argachaa jirta yoo taʼe hoo? Dhugaa baʼuu irratti caalaatti buʼa qabeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Qabxiiwwan lamaan kun si gargaaruu dandaʼu: Akka gaariitti qophaaʼi, akkasumas wanta beektu warra kaanitti himuu irraa duubatti hin jedhin. Haala kanaan lallabuun gammachuu guddaa akka siif argamsiisu yommuu hubattu dinqisiifamuu dandeessa taʼa.

Dhugaa baʼuuf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 11, 12 ilaali)

11, 12. (a) Dargaggoonni tajaajilaaf qophaaʼuuf maal gochuu dandaʼu? (b) Dargaggeessi tokko mana barumsaatti dhugaa baʼuuf carraa argatetti kan fayyadame akkamitti?

11 Gaaffii hiriyoonni mana barumsaa kee yeroo hedduu gaafataniif deebii barbaaduudhaan jalqabuu dandeessa. Weeb saayitiin keenya jw.org jedhamu, mata dureewwan, dargaggoonni ofuma isaanii gaaffii kanaaf deebii akka kennan gargaaruuf qophaaʼan qabateera. Birooshura Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname jedhamu irraa mata dureen “Jijjiirama Tirannaatti Amanuun Qabaa?” jedhu deebii mataa kee qopheessuuf si gargaaruu dandaʼa.— 1 Pheexiros 3:15 dubbisi.

12 Carraa yommuu argattu, hiriyoonni mana barumsaa kee weeb saayitii jw.org jedhamu ofuma isaaniitii akka daawwatan jajjabeessuu dandeessa. Luukaan akkana godhee ture. Daree isaa keessatti waaʼee amantii gara garaa mariin godhamaa ture; Luukaan yeroo kanatti, kitaabni barataa sun waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa yaada dogoggoraa tokko tokko qabachuu isaa hubate. Luukaan mamee kan ture taʼus, yaada dogoggoraa kana sirreessuuf heyyama gaafate, barsiistuun isaas isaaf heyyamte. Luukaan waaʼee amantii isaa ibsuu qofa utuu hin taʼin, weeb saayitii keenya warra daree sana keessa jiran hundatti argisiiseera. Yeroo kanatti barsiistuun sun barattoonni hundi animeeshinii gabatee adii Aboottee Utuu Hin Fayyadamin Abbaa Humnaa Moʼi jedhu ilaalanii akka dhufan hojii manaa isaaniif kennite. Luukaan akka gaariitti dhugaa baʼuun isaa isa gammachiiseera.

13. Yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

13 Yeroo tokko tokko daandiin isaa buʼaa baʼii yoo qabaate illee abdii hin kutatinaa. (2 Xim. 4:2) Yeroo haalli rakkisaan isin mudatutti, galma keessan cimsaa qabadhaa. Kaatiriinaan namoota ishii wajjin hojjetan hundaaf dhugaa baʼuuf yommuu galma baafatte umuriin ishii waggaa 17 ture. Yeroo kanatti namni tokko ishii arrabsaa kan ture taʼus, ishiin garuu doorsisa kanaaf harka hin kennine. Haala rakkisaa kana keessatti amala gaarii qabaachuun ishii, nama ishii wajjin hojjetuu fi Haanis jedhamu tokko ajaaʼibsiiseera. Kanaan kan kaʼes namni kun barreeffama keenya dubbisuu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi cuuphamuu dandaʼeera. Kaatiriinaan bakkaa sanaa waan deemteef, wanta taʼe kana hunda hin beekne turte. Waggaa 13 booda Galma Walgaʼii keessa maatii ishii wajjin teessee utuu jirtuu, Haanis haasaa akka dhiheessu gara waltajjiitti afeeramuu isaa yommuu argitu hammam akka gammadde yaadi! Kaatiriinaan galma namoota ishii waliin hojjetaniif lallabuuf baafatte abdii utuu hin kutatin itti fufuun ishii baayʼee gaarii ture!

YAANNI KEESSAN AKKA HIHHIRAMU HIN GODHINAA

14, 15. (a) Dargaggoonni yeroo dhiibbaan isaan irra gaʼu maal yaadachuu qabu? (b) Dargaggoonni dhiibbaa hiriyaa akkamitti moʼuu dandaʼu?

14 Mata dureen kun, hamma yoonaatti fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabdu irratti akka xiyyeeffattu si jajjabeesseera. Kana jechuun jireenyi kee galmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatu gochuu jechuu dha. Dargaggoonni hiriyoota kee taʼan kaan tarii jireenyi isaanii bashannanna irratti akka xiyyeeffatu gochaa waan jiraniif, akka isaanii wajjin taatu si afeeruun isaanii hin oolu. Ammas taʼe gara fuulduraatti, filannoo goote hammam cimsitee akka hordoftu argisiisuun si barbaachisuu dandaʼa. Dhiibbaan hiriyaa yaada kee akka hihhiru hin godhin. Kana malees fakkeenya waaʼee otoobisii jalqaba irratti ibsamee irraa akka hubannutti, namoonni achi irra jiran bashannanaa kan jiran waan fakkaataniif qofa, otoobisichi eessa akka deemu utuu hin beekin callistee akka hin yaabbanne beekamaa dha.

15 Dhiibbaa hiriyaa karaawwan hedduutiin moʼuun ni dandeessa. Fakkeenyaaf, haalawwan baramaa qorumsaaf nama saaxilan irraa fagaadhu. (Fak. 22:3) Akkasumas miidhaa guddaa namoota amala gadhee qabanitti michoomuun geessisu of yaadachiisi. (Gal. 6:7) Wanti si gargaaru kan biraan immoo, gorsi akka si barbaachisu amanii fudhadhu. Amala gad of qabuu qabaachuun kee, yaada maatiin kee fi miseensonni gumii karaa hafuuraa bilchaatoo taʼan siif kennan fudhachuuf si gargaara.—1 Pheexiros 5:5, 6 dubbisi.

16. Muuxannoo amalli gad of qabuu faayidaa akka qabu argisiisu tokko dubbadhu.

16 Kiristoof amala gad of qabuu qabaachuun isaa gorsa gaarii akka fudhatu isa godheera. Erga cuuphamee utuma baayʼee hin turin, giddu gala ispoortii tokko keessatti yeroo hunda leenjiʼuu jalqabe. Dargaggoonni giddu gala sana keessa jiran kaan miseensa kilabii ispoortii isaanii akka taʼu isa jajjabeessan. Innis waaʼee dhimma kanaa jaarsa tokkotti kan hime siʼa taʼu, jaarsichis murtoo gochuu isaa dura balaawwan kanaan wal qabatanii dhufan tokko tokko, kan akka miira wal morkiitiin faalamuu jiran akka yaadu isa gaafate. Haa taʼu malee, Kiristoof miseensa kilabii kanaa taʼe. Yeroo booda garuu ispoortiin sun hammeenya akka jajjabeessu, darbees balaa akka qabu hubate. Ammas jaarsolii hedduu kan mariisise siʼa taʼu, isaaniis gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe isaaf kennan. Kiristoof, “Yihowaan gorsitoota gaarii naaf ergee ture; yeroo kan natti fudhate taʼu illee anis isa dhaggeeffadheera” jedheera. Atoo amala gad of qabuu gorsa gaarii fudhachuuf si gargaaru qabdaa?

17, 18. (a) Yihowaan dargaggoonni yeroo harʼaa jiran maal akka argatan barbaada? (b) Yeroo nama guddaa taʼanitti haalli gaddisiisaan akkamii uumamuu dandaʼa? Kana hambisuun kan dandaʼamu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

17 “Yaa dargaggeessaa, [ykn yaa shamarree] dargaggummaa keetti gammadi! Bara dargaggummaa keetti garaan kee haa gammadu.” (Lal. 11:9) Eeyyee, Yihowaan bara dargaggummaa keetti garaa gammadaa akka qabaattu barbaada. Mata dureen kun karaa kana argachuu itti dandeessu tokko ibseera. Karoora kee hunda keessatti Yihowaa tilmaama keessa galchuudhaan, galmawwan tiʼookraasii irratti xiyyeeffachuu kee itti fufi. Ijoollummaatti kana gochuu yoo jalqabde, Yihowaan eegumsa akka siif godhu, qajeelfama fi eebba akka siif kennu hubachuun yeroo sitti hin fudhatu. Gorsa gaarii Dubbii Waaqayyoo keessaa argattu hundumaa yaadi, akkasumas gorsa, “bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu” jedhu qalbeeffadhu.—Lal. 12:1.

18 Namni yeroo hundumaa dargaggeessa taʼee jiraatu hin jiru. Dargaggoonni utuma baayʼee hin turin, nama guddaa taʼu. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni guguddaa hedduun dargaggummaa isaaniitti galmawwan dogoggoraa hordofuu isaaniitti ni gaabbu ykn galma tokko illee utuu hin qabaatin hafuu isaanitti ni aaru. Dargaggoonni yeroo harʼaa galma tiʼookraasii irratti xiyyeeffatan garuu, yeroo nama guddaa taʼan filannaa akkasii gochuu isaaniitti baayʼee gammadu. Meryaanaa ishiin yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turtetti, ispoortii irratti dandeettii guddaa qabdu akkas ishiitti dhagaʼama. Dorgommii biyyoota hedduu gidduutti godhamu irratti akka hirmaattu gaafatamtee kan turte taʼus, ishiin garuu tajaajila yeroo guutuu filatte. Meryaanaan waggaa 30 oliif amma iyyuu abbaa manaa ishii wajjin yeroo guutuu tajaajilaa jirti. Akkana jetteetti: “Beekamtiin, ulfinni, aangoo fi qabeenyi ni darbu, akkasumas galmawwan gad aanaa taʼani dha. Waaqayyoon tajaajiluu fi namoota karaa hafuuraa gargaaruuf gumaacha xinnoo gochuuf carraaquun, galmawwan dhugumaan ol aanaa taʼanii fi itti fufiinsa qabani dha.”

19. Ijoollummaatti galmawwan hafuuraa irratti xiyyeeffachuun faayidaa maalii akka qabu gabaabsii ibsi.

19 Dargaggoonni gumii keessa jiran, akkaataa rakkoowwan kanaaf furmaata itti kennanii fi jireenyi isaanii Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuuf waan murteessaniif garaadhaa galateeffamuu qabu. Dargaggootaa, galmawwan hafuuraa baafachuu fi hojii lallabaatiif dursa kennuudhaan kana godhaa. Hunda caalaa immoo, addunyaan kun yaada isaanii akka hin hihhirre gochuuf murteessaniiru. Dargaggoonni jabaatanii hojjechuun isaanii gatii guddaa akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Obboloonnii fi obboleettonni isaanii jaalalaan deggersa isaaniif godhu, akkasumas yeroo Yihowaadhaaf of kennan karoorri isaanii isaaniif ni milkaaʼa.