Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhiironni Muudamtan Ximotewos Irraa Baradhaa

Dhiironni Muudamtan Ximotewos Irraa Baradhaa

WAGGAA darbetti, Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman keessaa dhiironni kumaan lakkaaʼaman jaarsolii fi tajaajiltoota gumii taʼanii muudamaniiru. Obboloota kana keessaa tokko yoo taate, mirga tajaajilaa haaraa argatte kanatti akka gammaddu hin shakkisiisu.

Haa taʼu malee, hamma tokko yaaddaʼuu akka dandeessus beekamaa dha. Dargaggeessi Jeesan jedhamuu fi jaarsa gumii taʼe, “Yeroon jalqaba irratti muudamu, itti gaafatamummaan koo inni haaraan hojii akka natti baayʼise natti dhagaʼamee ture” jedheera. Musee fi Ermiyaas, Yihowaan hojii haaraa yeroo isaaniif kennetti dandeettii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamee ture. (Bau. 4:10; Er. 1:6) Atis kan akkana sitti dhagaʼamu yoo taʼe, miira kana mooʼuu fi guddina gochuu kan dandeessu akkamitti? Mee fakkeenya Kiristiyaana Ximotewos jedhamuu ilaali.—HoE. 16:1-3.

FAKKEENYA XIMOTEWOS HORDOFAA

Phaawulos isa wajjin akka deemu yeroo Ximotewos affeeretti, tarii umuriin Ximotewos dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba waggoota 20⁠nii keessa taʼuu dandaʼa. Ximotewos dargaggeessa waan tureef, jalqaba irratti ofitti amanamummaa dhabee ykn hojii haaraa isaaf kenname kana raawwachuu mamee taʼuu dandaʼa. (1 Xim. 4:11, 12; 2 Xim. 1:1, 2, 7) Taʼus, waggaa kudhan booda, Phaawulos gumii Filiphisiyusiin akkana jedhee ture: “Fedhii Gooftaa Yesuus yoo taʼe Ximotewosiin dafee gara keessanitti akkan ergu nan abdadha. Sababiin isaas, ani nama akka isaa . . . kan biraa hin qabu.”—Filp. 2:19, 20.

Ximotewos jaarsa gumii akkasii akka taʼu maaltu isa gargaare? Fakkeenya isaa irra barumsawwan argachuu dandeessu jaʼa hubachuuf yaali.

1. Garaadhaa namootaaf yaada ture. Phaawulos obboloota Filiphisiyus jiraniin, ‘[Ximotewos] waaʼee keessan garaadhaa yaada’ jedheera. (Filp. 2:20) Eeyyee, Ximotewos namootaaf ni yaada ture. Namoonni Yihowaatti akka dhihaatan barbaada ture; akkasumas isaan gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheesseera.

Konkolaachisaa atoobisii namoota feʼuu caalaa buufata atoobisii hunda bira yeroodhaan gaʼuun isa yaaddessu tokko akka hin fakkaanne of eeggadhaa. Wiiliyaam inni waggoota 20 oliif jaarsa gumii kabajamaa taʼe, obboloota haaraa muudaman akkana jedhee gorsa: “Obboloota jaalladhaa. Hojii gumii kaan caalaa wanta isaan barbaachisu irratti xiyyeeffadhaa.”

2. Hojii lallabaatiif dursa kenna ture. Phaawulos haala Ximotewos kan warra kaanii wajjin wal bira qabuudhaan akkana jedheera: “Warri kaan hundi faayidaa Yesuus Kiristoosiif utuu hin taʼin, faayidaa mataa isaaniitiif carraaqu.” (Filp. 2:21) Phaawulos kana kan barreesse Roomaatti ture. Obboloonni achi jiran dhimmoota mataa isaanii irratti garmalee xiyyeeffatanii akka turan hubatee ture. Wantoota hafuuraa raawwachuuf guutummaatti of hin dhiheessan turan. Ximotewos garuu akkas hin turre! Misiraachicha babalʼisuuf carraa yeroo argatutti, miira akka Isaayaas isa, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jechuudhaan dubbatee qaba ture—Isa. 6:8.

Itti gaafatamummaa dhuunfaa fi itti gaafatamummaa karaa hafuuraa qabdu madaallii isaa eegdee raawwachuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, wanta dursa kennuufii qabdu addaan baasi. Phaawulos, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa’ jechuudhaan gorsa kenneera. (Filp. 1:10) Wanta Waaqni dursa akka kennituuf barbaaduuf dursa kenni. Lammaffaa immoo, jireenya salphaa jiraadhu. Wantoota yeroo fi humna kee fudhatan irraa fagaadhu. Phaawulos akkana jedhee Ximotewos gorseera: “Hawwii dargaggummaa irraa baqadhu; kanaa mannaa, . . . qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa hordofi.”—2 Xim. 2:22.

3. Tajaajila qulqulluu irratti cimee hojjeteera. Phaawulos obboloota Filiphisiyus akkana jedhee yaadachiiseera: “[Ximotewos] misiraachicha babalʼisuuf jecha, akkuma ilmi abbaa isaa wajjin hojjetutti anaa wajjin akka garbichaatti tajaajiluudhaan eenyummaa isaa akkamitti akka mirkaneesse isin beektu.” (Filp. 2:22) Ximotewos dhibaaʼaa hin turre. Phaawulos wajjin ciminaan hojjeteera; kun immoo jaalala waliif qaban isaaniif cimseera.

Yeroo harʼaatti jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti hojiin hojjetamu hedduun jira. Hojiin kun immoo gammachuu dhugaa argamsiisa; akkasumas obboloota wajjin caalaatti akka walitti dhihaattu si gargaara. Kanaafuu, yeroo hunda ‘hojiin Gooftaa kan siif baayʼatu’ akka taʼu galma baafadhu.—1 Qor. 15:58.

4. Wanta barate hojii irra oolcheera. Phaawulos Ximotewosiif akkana jedhee barreesseera: “Ati . . . barumsa koo, akkaataa jireenyaa koo, kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo fi jabaadhee dhaabachuu koo cimsitee hordofteetta.” (2 Xim. 3:10) Ximotewos wanta barate hojii irra waan oolcheef, itti gaafatamummaa guddaa fudhachuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼeera.—1 Qor. 4:17.

Nama karaa hafuuraa fakkeenya sii taʼu qabdaa? Hin qabdu taanaan maaliif nama akkasii hin barbaaddu? Toom inni jaarsa gumii taʼee yeroo dheeraadhaaf tajaajile, wanta yaadatu yeroo dubbatu akkana jedheera: “Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko xiyyeeffannaa naa kennuudhaan akka gaariitti na leenjiseera. Yeroo baayʼee gorsa akka naa kennun isa gaafadha; gorsa isaas hojii irra nan oolcha. Kun immoo ofitti amanamummaan koo dafee akka guddatu na gargaareera.”

5. Of leenjisuu isaa itti fufeera. Phaawulos, “Waaqayyoof buluu galma godhachuudhaan of leenjisi” jechuudhaan Ximotewos gorseera. (1 Xim. 4:7) Atleetiin tokko nama isa leenjisu kan qabu taʼus, innis of leenjisuu qaba. Phaawulos akkana jedhee Ximotewos gorseera: “Uummataaf dubbisuuf, gorsuu fi barsiisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi. . . . Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali; akkasumas xiyyeeffannaa guddaa kenniif.”—1 Xim. 4:13-15.

Atis dandeettii kee guddisuu kee itti fufuun si barbaachisa. Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti kan qoʼattuu fi qajeelfama haaraa jaarmiyichi kennu wajjin qixxee kan deemtu taʼi. Akkasumas, muuxannoo gaarii waan qabduuf qorannaa gaarii utuu hin godhin wanta kam iyyuu raawwachuu akka dandeessu yaaduudhaan garmalee akka ofitti hin amanamne of eeggadhu. Fakkeenya Ximotewos hordofuudhaan, “Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.”—1 Xim. 4:16.

6. Hafuura Yihowaatti amanameera. Phaawulos tajaajila Ximotewos yaadachuudhaan akkana isaan jedheera: “Wanta gaarii imaanaadhaan sitti kenname kana karaa hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun eegi.” (2 Xim. 1:14) Ximotewos tajaajila isaatiif iddoo guddaa akka kennuu fi akka itti jabaatuuf, hafuura Yihowaatti amanamuun isa barbaachiseera.

Doonaaldi inni waggoota hedduudhaaf jaarsa gumii taʼee tajaajile akkana jedheera: “Dhiironni muudaman walitti dhufeenya Waaqayyo wajjin qabaniif bakka guddaa kennuu qabu. Namoonni akkana godhan ‘humna godhachaa in adeemu.’ Hafuura Waaqayyoo argachuuf kan kadhatanii fi firii hafuurri kun argamsiisu horachuuf kan carraaqan yoo taʼe, obboloota isaaniitiif eebba guddaa taʼu.”—Far. 84:7; 1 Phe. 4:11.

MIRGA ARGATTEEF IDDOO GUDDAA KENNI

Obboloonni haaraa muudaman hedduun, akkuma kee karaa hafuuraa guddina gochaa akka jiran arguun baayʼee nama jajjabeessa. Jeesan inni jalqaba irratti caqasame akkana jedheera: “Yeroon jaarsa gumii taʼee tajaajile hundatti waan baayʼee baradheera, ofitti amanamummaan koos dabaleera. Amma hojiin koo kun na gammachiisa, akkasumas mirga adda taʼe akka taʼettin ilaala!”

Karaa hafuuraatiin guddina gochuu kee itti fufaa jirtaa? Ximotewos irraa barachuuf carraaqqii godhi. Akkas taanaan atis saba Waaqaatiif eebba taata.