Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Yihowaa Isa Waaqa Jajjabinaa Taʼee Hordofuu

Fakkeenya Yihowaa Isa Waaqa Jajjabinaa Taʼee Hordofuu

‘Waaqaaf galanni haa gaʼu; inni rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.’—2 QOR. 1:3, 4.

FAARFANNAA: 7, 3

1. Yihowaan yeroo Eeden keessatti fincilli kaʼetti jajjabina akkamii kenne?

ILMAAN namootaa cubbuutti erga kufanii kaasee, Yihowaan Waaqa jajjabina kennu taʼuu isaa argisiiseera. Akkuma Eeden keessatti fincilli kaʼeen, sanyiiwwan Addaam warra gara fuulduraatti dhufaniif sababa itti jajjabaatan isaaniif kenneera. Ilmaan namootaa abdii malee hin hafne. Raajiin Uumama 3:15 irratti argamu, “bofti inni jalqabaa,” inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu yeroo booda gocha isaa isa hamaa hundumaa wajjin akka balleeffamu erga hubatamee booda ilmaan namootaatiif abdii kenneera.—Mul. 12:9; 1 Yoh. 3:8.

YIHOWAAN TAJAAJILTOOTA ISAA WARRA DURII JAJJABEESSEERA

2. Yihowaan Nohiin kan jajjabeesse akkamitti?

2 Tajaajilaa Yihowaa kan taʼe Nohi addunyaa Waaqayyoon hin beekne keessa jiraachaa ture; yeroo kanatti Yihowaa kan waaqeffatan miseensota maatii isaa qofa turan. Nohi wal irratti kaʼuu fi saalqunnamtiin seeraan ala taʼe guutummaa naannoo isaa keessatti babalʼatee waan tureef, abdii kutatee taʼuu dandaʼa. (Uma. 6:4, 5, 11; Yih. 6) Yihowaan garuu odeeffannoo ija jabina isaaf argamsiisu isaaf kenneera; kunis carraaqqii ‘karaa Waaqayyoo irra deddeebiʼuuf’ godhu akka itti fufu isa gargaareera. (Uma. 6:9) Yihowaan addunyaa hamaa sana balleessuuf akka jedhu Nohitti kan hime siʼa taʼu, maatii isaa badiisa irraa oolchuuf maal gochuu akka qabu isa ajaje. (Uma. 6:13-18) Yihowaan Nohiif Waaqa jajjabinaa taʼuu isaa argisiiseera.

3. Iyaasuun jajjabina akkamii argate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Yeroo booda immoo, Iyaasuun saba Waaqayyoo Biyyattii Abdachiifamte keessa akka qubachiisuuf hojii ulfaataan isaaf kennamee ture. Kun immoo raayyaawwan waraanaa ciccimoo saboota naannoo sana qabatanii turanii injifachuu kan dabalatu ture. Iyaasuun sodaachuuf sababa gaʼaa qaba ture. Yihowaan kana waan beekuuf Iyaasuu akka jajjabeessu Musee ajaje. Waaqayyo, “Iyaasuunis immoo saba kana dura buʼee dhaqee, biyya ati argitu kana akka isaan dhaalan in godha; ati isa ajaji, gorsi, jajjabeessis” isaan jedhe. (Kes. 3:28) Iyaasuun hojii isaa jalqabuu isaa dura Yihowaan akkana jedhee isa jajjabeesse: “Ani Waaqayyo gooftaan kee, ‘Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin naʼinis!’ jedhee si hin abboomnee ree?” (Iya. 1:1, 9) Kun jajjabina guddaa dha!

4, 5. (a) Yihowaan saba isaa bara duriitti turaniif jajjabina akkamii kenne? (b) Yihowaan Ilma isaa kan jajjabeesse akkamitti?

4 Yihowaan dhuunfaatti qofa utuu hin taʼin, akka gareettis saba isaa jajjabeesseera. Raajii Yihudoota boojuu Baabilon jala turan jajjabeesse keessatti Yihowaan akkana jedheera: “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” (Isa. 41:10) Kiristiyaanonni duriis taʼan sabni Waaqayyoo yeroo harʼaatti argaman jajjabina akkanaa argataniiru.—2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.

5 Yesuus iyyuu Abbaa isaa irraa jajjabina argateera. Yesuus yeroo cuuphametti sagalee, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa ani itti gammadu dha” jedhu samii irraa dhagaʼee ture. (Mat. 3:17) Yesuus yeroo lafa irratti tajaajilaa ture hundumaatti jechoonni kun akka isa jajjabeessan hin shakkisiisu!

YESUUS JAJJABINA KENNEERA

6. Fakkeenyi waaʼee taalaantii dubbatu jajjabina kan namaaf kennu akkamitti?

6 Yesuus fakkeenya Abbaa isaa hordofeera. Fakkeenyi taalaantii Yesuus raajii dhuma sirna kanaa ilaalchisee dubbate irratti caqase amanamummaa kan jajjabeessu dha. Gooftichi akkana jechuudhaan tokkoon tokkoon garboota isaa warra amanamoo taʼaniif ulfina kenneera: “Garbicha gaarii fi amanamaa nana, baʼeessa goote! Ati wantoota xixinnoo irratti amanamaa taateetta. Ani immoo wantoota hedduu irratti sin muuda. Gara gammachuu gooftaa keetti seeni.” (Mat. 25:21, 23) Kun amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnu kan nu jajjabeessu mitii?

7. Yesuus ergamoota isaatiif, keessumaa immoo Pheexirosiif jajjabina akkamii kenne?

7 Ergamoonni Yesuus yeroo baayʼee isaan gidduudhaa eenyu akka caalu ilaalchisee wal lolu turan; Yesuus garuu akka gad of qaban, akkasumas ajajjoota utuu hin taʼin tajaajiltoota akka taʼan obsaan isaan jajjabeesseera. (Luq. 22:24-26) Keessumaa Pheexiros yeroo baayʼee Yesuusiin mufachiiseera. (Mat. 16:21-23; 26:31-35, 75) Yesuus garuu Pheexirositti abdii kutachuu mannaa, kan isa jajjabeesse taʼuu isaa irra iyyuu, obboloota isaa akka jajjabeessus isa ajajeera.—Yoh. 21:16.

JAJJABINA BARA DURIITTI KENNAME

8. Hisqiyaas ajajjoota raayyaa waraanaa fi saba Yihudaatiif jajjabina kan kenne akkamitti?

8 Ilmi Yihowaa gara lafaa dhufee jajjabina kennuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe argisiisuu isaa dura iyyuu, tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoon warra kaan jajjabeessuun barbaachisaa akka taʼe hubatanii turan. Hisqiyaas yommuu Asoronni isa sossodaachisanii turanitti, ajajjoota raayyaa waraanaa fi saba Yihudaa jajjabeessuuf walitti isaan qabee ture. “Kana irratti jarri dubbii [inni] dubbateen humna in argatan.”—2 Seenaa 32:6-8 dubbisi.

9. Kitaabni Iyoob jajjabina kennuu ilaalchisee barumsa akkamii nuuf kenna?

9 Iyoob jajjabinni kan isa barbaachisu taʼus, jajjabina kennuu ilaalchisee ‘jajjabeessitoota isaa warra rakkina dabalan’ sadaniif barumsa tokko kenneera. Inni iddoo isaanii utuu taʼee, ‘dubbii afaan isaatiin akka isaan jajjabeessu, arraba isaatiinis dhukkubbii isaanii akka salphisu’ isaanitti himee ture. (Iyo. 16:1-5) Dhuma irratti, Iyoob Eliihuu fi Yihowaa irraa jajjabina argateera.—Iyo. 33:24, 25; 36:1, 11; 42:7, 10.

10, 11. (a) Intalli Yiftaa jajjabinni kan ishii barbaachise maaliif ture? (b) Yeroo harʼaatti akkuma ishii jajjabina kan barbaadu eenyu dha?

10 Namoota bara duriitti jajjabina argachuun isaan barbaachisee ture keessaa tokko intala Yiftaa ti. Yiftaan inni abbaa firdii taʼe Amoonota waraanuuf baʼuu isaa dura, Yihowaan injifannoo yoo isaaf kenne nama yommuu inni waraana irraa deebiʼu isa simachuuf jalqaba baʼu iddoo qulqulluu keessatti Yihowaa akka tajaajiluuf guutummaatti akka kennu wareegee ture. Injifannoo inni argatetti isaa wajjin gammaduuf jalqaba kan baate intala isaa ishii tokkittii turte. Yeroo kanatti Yiftaan baayʼee gadde. Taʼus wareega isaa eeguudhaan jireenya ishii guutuu godoo qulqulluu keessatti akka tajaajiltuuf intala isaa ishii durba taate gara Shiilootti ni erge.—Abo. 11:30-35.

11 Haa taʼu malee, kun Yiftaadhaaf ulfaataa ture; caalaatti immoo intala isaa ishii fedhiidhaan murtoo abbaa ishii deggerteef ulfaataa ture. (Abo. 11:36, 37) Akka kanaan ishiin mirga heerumuu, ijoollee godhachuu, akkasumas maqaa fi dhaala maatii ishii itti fufsiisuuf qabdu dhiisteetti. Kanaafuu, jajjabinni baayʼee ishii barbaachisa ture. Kitaabni Qulqulluun, “Kana irraa kan kaʼe durboonni Israaʼel waggaa waggaatti guyyaa afuriif baʼanii intala Yiftaa Giilʼaadichaaf in booʼu turan; kunis biyya Israaʼel keessatti amala taʼe” jedha. (Abo. 11:39, 40) Maarree, Kiristiyaanota gaaʼela hin godhannee fi carraa kanatti fayyadamanii “wantoota Gooftaa” irratti xiyyeeffatan galateeffachuu fi jajjabeessuu hin qabnuu?—1 Qor. 7:32-35.

ERGAMOONNI OBBOLOOTA ISAANII JAJJABEESSANIIRU

12, 13. Pheexiros ‘obboloota isaa kan jajjabeesse’ akkamitti?

12 Yesuus galgala duʼa isaa dura turetti Pheexiros ergamaadhaan akkana jedhee ture: “Yaa Simoon, yaa Simoon, kunoo Seexanni hunda keessan akka qamadiitti gingilchuuf gaafateera. Ani garuu amantiin kee akka hin badne siif wawwaadheera; atis yommuu deebitu obboloota kee jajjabeessi.”—Luq. 22:31, 32.

Xalayaawwan ergamoonni barreessan gumiiwwan jaarraa jalqabaatti turan jajjabeessaniiru; yeroo harʼaattis nu jajjabeessu (Keeyyata 12-17 ilaali)

13 Pheexiros gumii Kiristiyaanaa bara duriitti tureef utubaa taʼuu isaa argisiiseera. (Gal. 2:9) Yeroo Phenxeqosxeettis taʼe sana booda ija jabina argisiisuudhaan fakkeenya isaaniif taʼuudhaan obboloota isaa jajjabeesseera. Yeroo dheeraadhaaf erga tajaajilee booda xumura irratti Kiristiyaanota hidhata isaa taʼaniif xalayaa barreessee ture. Sababa isaa yeroo ibsu, “Ani isin jajjabeessuu fi kun dhuguma gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa taʼuu isaa cimsee ragaa baʼuuf, . . . gabaabsee isiniif barreesseera. Gaarummaa kana keessatti jabaadhaa dhaabadhaa” jedheera. (1 Phe. 5:12) Xalayaawwan Pheexiros geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse baroota hedduudhaaf Kiristiyaanotaaf madda jajjabinaa taʼuu isaanii itti fufaniiru; yeroo waadaa Yihowaan gale eeggachaa jirru kanatti jajjabinni kun baayʼee nu barbaachisa!—2 Phe. 3:13.

14, 15. Wantoonni Yohaannis ergamaan hafuuraan geggeeffamee barreesse baroota hedduudhaaf Kiristiyaanotaaf madda jajjabinaa kan taʼan akkamitti?

14 Yohaannis ergamaanis gumii Kiristiyaanaa bara durii keessatti utubaa ture. Seenaan inni tajaajila Yesuus ilaalchisee Wangeela keessatti barreesse baroota hedduudhaaf Kiristiyaanotaaf madda jajjabinaa taʼeera; yeroo harʼaattis isaan jajjabeessaa jira. Yesuus mallattoon barattoota isaa warra dhugaa adda baasee beeksisu jaalala taʼuu isaa akka dubbate kan ibsu Wangeela Yohaannis qofa dha.—Yohaannis 13:34, 35 dubbisi.

15 Xalayaawwan sadan Yohaannis barreesse dhugaawwan gatii guddaa qaban dabalataa of keessatti qabataniiru. Baʼaan cubbuu yommuu nutti ulfaatu yaada, “Dhiigni Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa” jedhu dubbisuun keenya boqonnaa nuuf hin argamsiisuu? (1 Yoh. 1:7) Garaan keenya nu ceephaʼuu isaa yeroo itti fufu immoo yaada, “Waaqayyo garaa keenya irra ni caala” jedhu dubbisuun keenya nu hin jajjabeessuu? (1 Yoh. 3:20) Kana malees, “Waaqayyo jaalala” akka taʼe kan barreesse Yohaannis qofa dha. (1 Yoh. 4:8, 16) Xalayaa isaa isa lammaffaa fi sadaffaa keessatti immoo Kiristiyaanota “dhugaadhaan deddeebiʼuu” isaanii itti fufan galateeffateera.—2 Yoh. 4; 3 Yoh. 3, 4.

16, 17. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota bara duriitti turaniif jajjabina akkamii kenne?

16 Jaarraa jalqabaatti, ergamaan hundumaa caalaa obboloota isaa jajjabeesse Phaawulos ergamaa taʼuu hin oolu. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti yeroo Kiristiyaanummaan jalqabetti ergamoonni hedduun Yerusaalem keessaa hin baʼan turan; qaamni olaanaan magaalaa kana keessa ture. (HoE. 8:14; 15:2) Kiristiyaanonni Yihudaa keessa turan namoota Waaqa tokkotti amananiif waaʼee Kiristoos lallabanii turan. Gama biraatiin immoo, Phaawulos ergamaan saboota Giriikii fi Roomaa warra waaqolii hedduu waaqeffataniif akka lallabu hafuura qulqulluudhaan ergamee ture.—Gal. 2:7-9; 1 Xim. 2:7.

17 Phaawulos naannoo yeroo harʼaatti Turkii jedhamtu dabalatee Giriikii fi Xaaliyaanii keessa imaluudhaan namoota Yihudoota hin taane gidduutti gumiiwwan Kiristiyaanaa hundeesseera. Namoonni reefuu Kiristiyaanota taʼan kun ‘namoota biyya isaanii irraa rakkinni isaan irra gaʼaa’ waan tureef jajjabinni isaan barbaachisa ture. (1 Tas. 2:14) Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 50tti gumii Tasalonqee isa haaraa tureef akkana jedhee barreesseera: “Nuti kadhannaa keenya keessatti waaʼee hunda keessanii yommuu kaasnu, yeroo hunda Waaqayyoon ni galateeffanna; sababiin isaas nuti hojii isin amanamummaadhaan hojjettan, jaalalaan kakaatanii carraaqqii gochuu keessanii fi . . . jabaattanii dhaabachuu keessan . . . yeroo hunda ni yaadanna.” (1 Tas. 1:2, 3) Akkasumas, “Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa” jechuudhaan akka wal cimsan isaan gorseera.—1 Tas. 5:11.

QAAMA OL AANAA JAJJABINA KENNU

18. Qaamni ol aanaan jaarraa jalqabaa Filiphoosiif jajjabina akkamii kenne?

18 Qaamni ol aanaan jaarraa jalqabaatti ture warra geggeessitoota taʼaniifis taʼe Kiristiyaanota hundaaf madda jajjabinaa taʼeera. Filiphoos inni lallabaa wangeelaa taʼe warra Samaariyaatiif waaʼee Kiristoos yeroo lallabetti warri qaama ol aanaa keessa turan guutummaatti isa deggeraniiru. Amantoonni haaraan hafuura qulqulluu akka argatan akka isaaniif kadhataniif miseensota isaanii lama, jechuunis Pheexirosii fi Yohaannisiin erganiiru. (HoE. 8:5, 14-17) Filiphoosii fi namoonni inni lallabeef sun deggersa qaama ol aanaa irraa argataniin akka jajjabaatan hin shakkisiisu!

19. Xalayaan qaamni ol aanaan erge gumii Kiristiyaanaa bara durii ture irratti dhiibbaa akkamii geessise?

19 Yeroo booda immoo, Kiristiyaanonni Yihudoota hin taane akkuma Seerri Musee Yihudoota irraa eegutti dhaqna qabachuu kan qaban taʼuu fi dhiisuu isaa akka murteessu qaamni ol aanaan ni gaafatame. (HoE. 15:1, 2) Obboloonni itti gaafatamummaa qabanis qajeelfama hafuura qulqulluu erga argatanii fi Kitaabota Qulqulluu erga qoranii booda dhaqna qabaan akka hin barbaachisne murteessan; murtoo irra gaʼan kanas xalayaadhaan gumiiwwan beeksisan. Xalayicha akka geessaniifis bakka buʼoonni qaama ol aanaa gara gumiiwwaniitti ni ergaman. Kun buʼaa akkamii argamsiise? “Xalayicha erga dubbisanii booda, jajjabina argatanitti guddaa gammadan.”—HoE. 15:27-32.

20. (a) Yeroo harʼaatti Qaamni Ol Aanaan waldaa obbolummaa addunyaa maraatiif jajjabina akkamii kenna? (b) Mata duree itti aanu irratti gaaffii isa kamiif deebii arganna?

20 Yeroo harʼaattis Qaamni Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa miseensota maatii Betʼeliif, warra tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran kaaniif, akkasumas Kiristiyaanota dhugaa warra waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiran hundaaf jajjabina ni kenna. Kunis buʼaa jaarraa jalqabaatti argamee wajjin wal fakkaatu argamsiiseera; isaanis jajjabina argatanitti guddaa gammadaniiru! Dabalataanis birooshurri Qaamni Ol Aanaan bara 2015tti qopheessee fi Gara Yihowaatti Deebiʼi jedhamu namoota hedduu addunyaa maratti argamaniif madda jajjabinaa taʼeera. Haa taʼu malee, jajjabina kennuu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan qaban namootaa aangoo qaban qofa dhaa? Deebiin gaaffii kanaa mata duree itti aanu irratti argama.