Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Faarfannaan 144:12-15 saba Waaqayyootiif hojjeta moo namoota hamoo lakkoofsa 11 irratti warra ormaa jedhamaniif hojjeta?

Jechoonni Afaan Ibrootaa caqasa kana irratti argaman karaa adda addaatiin hubatamuu dandaʼu. Taʼus, qabxiileen kanaa gadii yaada isa sirrii hubachuuf nu gargaaru:

  1. Yaada naannoo caqasichaatti argamu ilaalaa. Lakkoofsi 12 “sana booda” (nwt) jedhee jalqabuun isaa, eebbawwan lakkoofsa 12 hanga 14 irratti ibsaman kan argatan qajeeloota, jechuunis warra (lakkoofsa 11 irratti) furamuu fi ooluudhaaf kadhatan akka taʼan argisiisa. Jechi lakkoofsa 15 irratti iddoo lamatti ‘gammaduu’ jedhus, namootuma kanaaf, jechuunis saba ‘Waaqni isaanii Yihowaa taʼeef’ kan hojjetu dha!”

  2. Hubannaan kun, caqasoota Kitaaba Qulqulluu eebba Waaqayyo saba isaa warra amanamoo taʼaniif fidu dubbatan kaan wajjin kan wal simu dha. Faarfannaan kun, Daawit Waaqayyo Israaʼeloota diinota isaanii harkaa erga furee booda gammachuu fi badhaadhina akka isaaniif argamsiisu abdii inni qabu kana argisiisu dha. (Lew. 26:9, 10; Kes. 7:13; Far. 128:1-6) Fakkeenyaaf, Keessa Deebiin 28:4 akkana jedha: “Dhalli keessan, midhaan maasii keessanii, hormaanni horii qeʼee keessanii, jabboonni, xobbaallaanis eebbifamoo in taʼu.” Dhuguma iyyuu, yeroo ilmi Daawit Solomoon bulchaa turetti sabichi nagaa fi badhaadhina guddaa argatee ture. Kana malees, bulchiinsi Solomoon bulchiinsi Masiihichaa maal akka fakkaatu kan argisiisu ture.—1 Mot. 4:20, 21; Far. 72:1-20.

Hubannaan Faarfannaa 144 irratti arganne kun, guutummaan faarfannichaa abdii tajaajiltoonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf iddoo guddaa kennaafii turan irratti kan xiyyeeffate taʼuu isaa nu hubachiisa; abdiin kun, Yihowaan warra hamoo akka balleessuu fi warra qajeeloodhaaf bara baraaf nagaa fi badhaadhina akka fidu kan dubbatu dha.—Far. 37:10, 11.