Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Isa Waaqa Bilisummaa Taʼe Tajaajilaa

Yihowaa Isa Waaqa Bilisummaa Taʼe Tajaajilaa

Bakka hafuurri Yihowaa jirus bilisummaan jira.2 QOR. 3:17.

FAARFANNAA: 49, 73

1, 2. (a) Namoonni bara Phaawulos ergamaan turetti jiraatan waaʼeen garbummaa fi bilisummaa kan isaan yaaddessu maaliif ture? (b) Phaawulos namoonni bilisummaa dhugaa eessaa argachuu akka dandaʼan isaanitti hime?

WARRI Roomaa Kiristiyaanonni durii isaan gidduu jiraachaa turan, seera isaaniitiin, haqa raawwachiisuudhaanii fi bilisummaadhaan warra kaan akka caalan waan isaanitti dhagaʼamuuf of jaju turan. Haa taʼu malee, aangoonii fi ulfinni Bulchiinsa Roomaa garri caalaan isaa kan hundaaʼe gateettii garbootaa irratti ture. Yeroo taʼe tokkotti, jiraattota biyyichaa keessaa dhibbeentaa 30⁠ni garboota turan. Waaʼeen garbummaa fi bilisummaa, Kiristiyaanota dabalatee namoota hedduu yaaddessaa akka ture hin shakkisiisu.

2 Phaawulos ergamaan xalayaawwan barreesse irratti waaʼee bilisummaa waan baayʼee dubbateera. Taʼus tajaajilli isaa kan xiyyeeffatte wanta namoonni hedduun barbaadan irratti, jechuunis hawaasa ykn siyaasa irratti jijjiirama fiduu irratti hin turre. Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kaan bilisummaa argachuuf bulchitoota ilmaan namaa ykn dhaabbata kam iyyuu hin abdanne. Kanaa mannaa, namoonni kaan waaʼee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo fi gatii guddaa aarsaan furii Yesuus Kiristoos qabu akka baratan gargaaruu irratti cimanii hojjetaniiru. Phaawulos, obboloonni kaan Madda bilisummaa dhugaa akka beekan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, xalayaa lammaffaa Kiristiyaanota Qorontosiif barreesse irratti, “Yihowaan Hafuura; bakka hafuurri Yihowaa jirus bilisummaan jira” jechuudhaan ifatti dubbateera.—2 Qor. 3:17.

3, 4. (a) Phaawulos yaada 2 Qorontos 3:17 irratti argamu akka dubbatu kan isa kakaase maali? (b) Bilisummaa Yihowaa biraa argamu qabaachuuf maal gochuu qabna?

3 Phaawulos jalqaba xalayaa warra Qorontosiif barreesse kanaa irratti, Museen maleekaa Yihowaa tokko bira turee Tulluu Siinaa irraa yeroo buʼetti ulfinni Yihowaa akka isa irratti mulʼate ibseera. Namoonni yeroo Musee argan baayʼee waan sodaataniif, Museen fuula isaa haguuggate. (Bau. 34:29, 30, 33; 2 Qor. 3:7, 13) Phaawulos, “Namni tokko yommuu gara Yihowaatti garagalu garuu haguuggichi irraa fuudhama” jedheera. (2 Qor. 3:16) Phaawulos maal jechuu isaa ture?

4 Mata duree darbe irratti, Yihowaan Uumaa uumama hundaa waan taʼeef bilisummaa guutuu fi daangaa hin qabne kan qabu isa qofa akka taʼe ilaalleerra. Kanaafuu, “bakka hafuurri Yihowaa jiru” bilisummaan jira. Haa taʼu malee, bilisummaa kana qabaachuu fi irraa fayyadamuuf, ‘gara Yihowaatti garagaluu,’ jechuunis dhuunfaatti isa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu qabna. Israaʼeloonni yeroo lafa onaa keessa turanitti, walitti dhufeenya Yihowaan isaan wajjin qabu ija hafuuraatiin hin ilaalle. Bilisummaa qaamaa Gibxii keessaa baʼuudhaan argatan irratti qofa xiyyeeffatanii waan turaniif, garaa fi sammuun isaanii haguugamee fi hadoodee ture.—Ibr. 3:8-10.

5. (a) Hafuurri Yihowaa bilisummaa akkamii argamsiisa? (b) Karaa qaamaatiin bilisummaa dhabuun, bilisummaa Yihowaan kennu akka nama hin dhabsiisne akkamitti beekna? (c) Gaaffilee kamiif deebii argachuu qabna?

5 Bilisummaan karaa hafuura Yihowaatiin argamu, bilisummaa qaamaa argachuu irra baayʼee kan caalu dha. Wanta carraaqqii namootaatiin argamuu dandaʼu irraa haala adda taʼeen, hafuurri Yihowaa cubbuu fi duʼa irraa, akkasumas waaqeffannaa sobaa fi gochawwan waaqeffannaa sobaa wajjin wal qabatan irraa bilisa nu baasa. (Rom. 6:23; 8:2) Dhuguma iyyuu kun bilisummaa guddaa dha! Namni tokko mana hidhaa keessa ykn garbummaa jala kan jiru yoo taʼe illee bilisummaa akkasii irraa fayyadamuu dandaʼa. (Uma. 39:20-23) Kun dhugaa taʼuu isaa muuxannoo obboleessa keenya Haarold Kiing isa sababa amantii isaatiin waggoota baayʼee hidhamee irraa hubachuu dandeenya. Muuxannoo isaa JW Biroodkaastiing irraa dhaggeeffachuu dandeessa. (INTERVIEWS AND EXPERIENCES > ENDURING TRIALS kan jedhu jala ilaali.) Haa taʼu malee gaaffii, bilisummaa keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu akkamitti argisiisuu dandeenya? jedhu ilaalu qabna. Bilisummaa keenyatti ogummaadhaan fayyadamuuf hoo maal gochuu dandeenya?

BILISUMMAA WAAQNI NUU KENNEEF IDDOO GUDDAA KENNUU

6. Israaʼeloonni bilisummaa Yihowaan isaaniif kenne utuu hin dinqisiifatin kan hafan akkamitti?

6 Kennaan gatii guddaa qabu tokko faayidaa guddaa qabaachuu isaa yeroo hubannu, nama kennaa sana nuu kenne galateeffachuuf kakaana. Israaʼelonni bilisummaa Yihowaan garbummaa Gibxii jalaa isaan baasuudhaan isaaniif kenne utuu hin dinqisiifatin hafaniiru. Garbummaa jalaa bilisa baʼanii jiʼoota muraasa booda nyaataa fi dhugaatii Gibxiitti argachaa turan hawwan; kana malees, qophii Yihowaan isaaniif godhe irratti kan gunguman taʼuu isaa irra iyyuu gara Gibxiitti deebiʼuu kajeelan. Mee yaadaa: bilisummaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe waaqeffachuuf argatan caalaa ‘qurxummii, dabaaqula, buqqee dheedhii nyaatamu, wanta akka goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adiitiif’ iddoo guddaa kennan. Yihowaan isaanitti dheekkamuun isaa nama dinqisiisaa ree? (Lak. 11:5, 6, 10; 14:3, 4) Kun barumsa guddaa nuuf taʼa!

7. Phaawulos gorsa 2 Qorontos 6:1 irratti kenne wajjin wanta wal simu kan godhe akkamitti? Nuti hoo akka isaa gochuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Phaawulos ergamaan, bilisummaa Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin isaanii kenne utuu hin dinqisiifatin akka hin hafne Kiristiyaanota hunda gorseera. (2 Qorontos 6:1 dubbisi.) Phaawulos garbummaa cubbuu fi duʼaa jala akka jiru itti dhagaʼamuun isaa rakkinaa fi dhiphina sammuu isatti fidee akka ture yaadadhaa. Taʼus, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa gaʼu!” jedheera. Maaliif? Obboloota isaatiin akkana jedheera: “Sababiin isaas, seerri hafuuraa inni warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaniif jireenya kennu, seera cubbuu fi seera duʼaa jalaa bilisa isin baaseera.” (Rom. 7:24, 25; 8:2) Nutis fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan, bilisummaa garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa baʼuudhaan arganne dinqisiifachuu qabna. Furiin waan nuu kaffalameef, sammuu qulqulluudhaan Waaqa keenya tajaajiluu fi kana gochuudhaan gammachuu dhugaa argachuu dandeenya.—Far. 40:8.

Bilisummaa filannoo gochuuf argattetti hojii Mootummichaa deggeruuf itti fayyadamta moo fedhii mataa keetiif itti fayyadamta? (Keeyyata 8-10 ilaali)

8, 9. (a) Akkaataa bilisummaa keenyatti itti fayyadamnu ilaalchisee Pheexiros ergamaan akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Yeroo harʼaatti qorumsawwan akkamiitu nu mudata?

8 Haa taʼu malee, galateeffannaa qabnu ibsuu malees, bilisummaa guddaa arganne kana karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamne of eeggachuu qabna. Pheexiros ergamaan bilisummaa arganne sababa godhannee fedhii foon keenyaa akka hin guuttanne nu akeekkachiiseera. (1 Pheexiros 2:16 dubbisi.) Akeekkachiisni kun wanta Israaʼeloonni lafa onaa keessatti isaan mudate si hin yaadachiisuu? Balaan nu irra gaʼu immoo kana irra iyyuu kan caalu taʼuu dandaʼa. Seexannii fi addunyaan isaa uffannaa fi miidhagina, nyaataa fi dhugaatii, bashannanaa fi bohaartii, akkasumas wantoota kan biraa ilaalchisee yeroo kami iyyuu caalaa filannoowwan baayʼee nama hawwatan dhiheessaa jiru. Namoonni haxxeen beeksisa himsiisan, namoota beeksisuu irratti nama hawwatanitti fayyadamnii yeroo baayʼee wanta baayʼee hin barbaachisne isa malee jiraachuu kan hin dandeenye fakkeessanii dhiheessuudhaan namoota gowwoomsu. Gowwoomsaa kanaan mooʼamnee bilisummaa keenyatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun salphaa dha!

9 Gorsi Pheexiros kenne, filannoowwan guguddaa akka barumsaa fi hojii irrattis ni hojjeta. Fakkeenyaaf, yeroo harʼaatti dargaggoonni barumsa irra jiran barumsa sadarkaa ol aanaa akka baratan dhiibbaa guddaan isaan irratti godhama. Namoonni baayʼeen, barumsa sadarkaa ol aanaa yoo baratan hojii gaarii, qarshii hedduu fi kabaja akka argatan isaanitti himu. Kana malees istaatistiiksiin, mindaan namoonni barumsa ol aanaa baratanii kan warra barumsa idilee baratan argatan irra baayʼee akka caalutti dhiheessa. Dargaggoonni filannoowwan jireenya isaanii guutuu tuquu dandaʼan gochuun yeroo isaan barbaachisutti wantoonni kun hundi isaan hawwatu taʼa. Dargaggoonni kunii fi warri isaanii maal sammuutti qabachuu qabu ree?

10. Bilisummaa keenyatti fayyadamnee filannoo dhuunfaa yeroo goonu maal yaadachuu qabna?

10 Namoonni tokko tokko filannoowwan kun filannoo dhuunfaa waan taʼaniif, hamma sammuun isaanii isaaniif heyyametti wanta isaan gammachiisu gochuuf bilisummaa akka qaban isaanitti dhagaʼama. Akkana kan isaanitti dhagaʼamu wanta Phaawulos nyaata ilaalchisee, “Bilisummaan koo qalbii nama kan biraatiin maaliif itti murteeffama?” jedhee Kiristiyaanota Qorontosiif barreesse sammuutti qabatanii taʼuu dandaʼa. (1 Qor. 10:29) Dhimmoota barumsaa fi hojii wajjin wal qabatan ilaalchisee filannoo dhuunfaa gochuuf bilisummaa kan qabnu taʼus, bilisummaan keenya daangaa akka qabuu fi murtoon goonu kam iyyuu wanta geessisu akka qabu yaadachuun keenya barbaachisaa dha. Phaawulos akkana jedhee kan dubbate kanaafi: “Wanti hundi heyyamameera, taʼus wanti hundi faayidaa qaba jechuu miti. Wanti hundi heyyamameera, taʼus wanti hundi ijaaruuf gargaara jechuu miti.” (1 Qor. 10:23) Kun, haala jireenyaa keenya hundaan mirga keenyatti yeroo fayyadamnu, filannoowwan keenya caalaa wantoonni tilmaama keessa galchuu qabnu akka jiran hubachuuf nu gargaara.

WAAQA TAJAAJILUUF BILISUMMAA KEENYATTI OGUMMAADHAAN FAYYADAMUU

11. Sababiin Yihowaan bilisa itti nu baase maali?

11 Pheexiros bilisummaa keenyatti karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne yeroo akeekkachiisetti sababii kana itti gochuu qabnus dubbateera. Bilisummaa keenyatti “akka garboota Waaqayyootti” akka itti fayyadamnu nu gorseera. Kanaafuu, Yihowaan Yesuusitti fayyadamee seera cubbuu fi duʼaa jalaa bilisa akka baanu kan godhe, isaaf of murteessinee “akka garboota Waaqayyootti” akka jiraannu waan barbaaduufi.

12. Nohii fi maatiin isaa fakkeenya akkamii nuu taʼu?

12 Bilisummaa keenya karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu irraa fagaachuu fi deebine hawwii fi fedhii addunyaa kanaatiif garboota akka hin taane of eeggachuuf wantoota nu gargaaran keessaa inni guddaan, guutummaatti dhimmoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu dha. (Gal. 5:16) Fakkeenyaaf, waaʼee Noh isa nama amantii turee fi waaʼee maatii isaa ilaalaa. Kan jiraatan addunyaa lollii fi gadhiisiin itti babalʼate keessa ture. Taʼus, hawwii fi fedhii namoonni naannoo isaanii jiraatan itti qabamaniin hin liqimfamne. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Hojii Yihowaan isaaniif kenne hunda irratti, jechuunis doonii ijaaruu, wanta isaanis taʼan bineeldonni nyaatan kuusuu fi warra kaanitti akeekkachiisa labsuu irratti xiyyeeffachuu filataniiru. “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate.” (Uma. 6:22) Buʼaa akkamiitu argame ree? Nohii fi maatiin isaa badiisa addunyaa sana irra gaʼe irraa oolaniiru.—Ibr. 11:7.

13. Hojiin Yesuusiif kennamee fi inni immoo duuka buutota isaatiif dabarse maali?

13 Yeroo harʼaatti Yihowaan maal akka hojjennu nu ajajeera? Waaqayyoo Yesuus akka lallabu akka isa ajajee fi Yesuus immoo hojii kana duuka buutota isaatiif dabarsee akka kenne beekna. (Luqaas 4:18, 19 dubbisi.) Yeroo harʼaatti waaqni sirna kanaa sammuu namoota baayʼee jaamseera; akkasumas namoonni baayʼeen karaa amantii, dinagdee fi hawaasaa garbummaa jala jiru. (2 Qor. 4:4) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, namoonni Yihowaa isa Waaqa madda bilisummaa taʼe akka beekanii fi akka isa waaqeffatan gargaaruuf mirga arganneerra. (Mat. 28:19, 20) Hojiin kun salphaa miti; wantoota rakkisaa taʼan hedduu qaba. Biyyoota tokko tokko keessatti namoonni caalaatti dantaa kan hin qabne taʼaa jiru; sirumaa iyyuu namoonni tokko tokko jibba qabu. Gaaffiin hundumti keenya irratti yaaduu qabnu, ‘Hojii Mootummichaa caalaatti deggeruuf bilisummaa kootti fayyadamuu nan dandaʼaa?’ kan jedhu dha.

14, 15. Sabni Yihowaa hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen deebii akkamii kennaa jiru? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

14 Obboloonni baayʼeen, yeroon keessa jirru ariifachiisaa taʼuu isaa hubachuudhaan, tajaajila yeroo guutuu irraatti hirmaachuuf jireenya isaanii salphaa gochuun isaanii baayʼee nama jajjabeessa. (1 Qor. 9:19, 23) Obboloota kana keessaa tokko tokko biyyuma isaaniitti tajaajilu; warri kaan immoo iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajilu. Gabaasonni akka argisiisanitti waggoota shanan darbanitti, lakkoofsi qajeelchitoota yeroo hundaa dabaluudhaan 1,100,000 ol kan taʼe siʼa taʼu, addunyaa maratti lakkoofsi tajaajiltoota yeroo guutuu miliyoona kurmaanaa oliin dabalameera. Kun buʼaa dinqisiisaa Yihowaa tajaajiluuf bilisummaa keenyatti ogummaadhaan fayyadamuudhaan argame dha!—Far. 110:3.

15 Obboloonni kun bilisummaa isaaniitti ogummaadhaan akka fayyadaman maaltu isaan gargaare? Joonii fi Juudiit warra waggaa 30f biyyoota garaa garaatti tajaajilan akka fakkeenyaatti ilaalaa. Bara 1977⁠tti Manni Barumsaa Qajeelchitootaa yeroo jalqabametti, iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessuudhaaf xiyyeeffannaa guddaan kennamee akka ture ni yaadatu. Joon galma kana irratti xiyyeeffachuu akka dandaʼanitti jireenya isaanii salphaa gochuuf yeroo baayʼee hojii akka jijjiirrate dubbateera. Yeroo booda, gara biyya alaa yeroo deemanitti, afaan haaraa barachuu, aadaa haaraatti baruu fi haalawwan qilleensaa rakkisaa taʼan dandamachuu dabalatee gufuuwwan isaan mudatan mooʼuuf Yihowaa kadhachuu fi isatti amanamuun isaanii akka isaan gargaare hubataniiru. Waggoonni tajaajila irratti dabarsan kun buʼaa akkamii isaaniif argamsiisaniiru? Joon akkana jedheera: “Hojii hunda caalaa gaarii taʼee fi jireenya koo keessatti argee hin beekne keessa akkan gale natti dhagaʼame. Yihowaan akkuma abbaa jaalala qabeessa taʼe tokkootti caalaatti naa dhugoomeera. Amma yaada Yaaqoob 4:8 irra jiruu fi ‘Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata’ jedhu akka gaariitti hubadheera. Wantan barbaadaa ture, jechuunis jireenya gammachiisa kaayyoo qabu akkan argadhe natti dhagaʼama.”

16. Obboloonni kumaan lakkaaʼamanii fi haala isaan daangessu keessa jiran bilisummaa isaaniitti ogummaadhaan kan fayyadaman akkamitti?

16 Haala Joonii fi Juudiit irraa adda taʼeen, obboloonni kaan tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu kan dandaʼan yeroo muraasaaf qofa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, obboloonni baayʼeen hojii ijaarsaa addunyaa maratti hojjetamu irratti hirmaachuuf carraa argatanitti ni fayyadamu. Fakkeenyaaf, yeroo waajjirri muummee Woorwiik, Niiwu Yoorkitti argamu ijaaramaa turetti, obboloonni gara 27,000 taʼan, torbee lamaa jalqabee hanga waggaa tokko ykn isaa oliitti achitti hojjechuuf of dhiheessanii turan. Obboloonni baayʼeen achitti tajaajiluuf jecha aarsaa baayʼee kaffalaniiru. Obboloonni kun bilisummaa Waaqni isaaniif kennetti fayyadamanii Yihowaa isa Waaqa bilisummaa taʼe jajachuu fi isaaf ulfina kennuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼu!

17. Namoonni yeroo harʼaatti bilisummaa Waaqni isaaniif kenneetti ogummaadhaan fayyadaman wanta gaarii akkamiitu isaan eeggata?

17 Yihowaa waan beeknee fi bilisummaa waaqeffannaa dhugaan argamsiisu waan arganneef baayʼee galateeffanna. Filannoon goonu bilisummaa keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu kan argisiisu haa taʼu. Bilisummaa keenyaa fi carraawwan inni nuuf argamsiisutti taphachuu ykn karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuu mannaa, guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf itti haa fayyadamnu. Akkas goona taanaan, eebbawwan Yihowaan raajii kanaa gadii irratti waadaa gale yeroo itti raawwataman eeggachuu dandeenya; raajichi akkana jedha: ‘Uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee, bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa taʼe ni argata.’—Rom. 8:21.