Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yihowaan Waaqa Beekuu Qabnu Dha

Yihowaan Waaqa Beekuu Qabnu Dha

Yihowaan Waaqa Beekuu Qabnu Dha

JIREENYA kee keessatti wanti baayʼee barbaachisaa taʼe tokko akka sitti hirʼate sitti dhagaʼamaa? Waaʼee Waaqayyoo wanti beektu muraasa yoo taʼe, eeyyee wanti sitti hirʼate jira. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, Waaqa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame beekuun jireenya keenya keessatti faayidaawwan guguddaa akka nuuf argamsiisu namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman hubachuu dandaʼaniiru. Faayidaawwan kana ammaa jalqabdee argachuu dandeessa, gara fuulduraattis bara baraaf itti fufa.

Yihowaa inni Abbaa Kitaaba Qulqulluu taʼe, waaʼee isaa akka beektu barbaada. Faarfatichi, “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan” jedhee barreesseera. Yihowaan isa beekuun akka nu fayyadu beeka. “Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu . . . dha” jedheera. Yihowaa isa Hundaa Olii beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?—Faarfannaa 83:18; Isaayyaas 48:17.

Qajeelfama rakkoowwan guyyaa guyyaatti nu mudatan dandamachuuf nu gargaaran nuuf kenna; akkasumas abdii amansiisaa gara fuulduraatti raawwatamuu fi nagaa sammuu nuuf kenna. Kana malees, Yihowaa akka gaariitti beekuun keenya gaaffiiwwan barbaachisoo namoonni addunyaa maratti argaman gaafataniif ilaalcha addaa qabaachuuf nu gargaara. Gaaffiiwwan kunneen maal faʼi?

Jireenyi Kee Kaayyoo Qabaa?

Ilmaan namootaa gama teknooloojiitiin guddina ajaaʼibsiisaa kan godhan taʼus, gaaffiiwwan guguddaa kanneeniif deebii hin arganne: ‘Kanan uumame maaliifi? Dhumni koo maal taʼa? Kaayyoon jireenyaa maali dha?’ Namni tokko gaaffiiwwan kanneeniif deebii quubsaa hin argatu yoo taʼe, jireenyi isaa kaayyoo dhugaa hin qabaatu. Maarree namoonni hedduun jireenyi isaanii kaayyoo dhugaa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamaa? Qorannoon dhuma bara 1990mmaniitti Jarman keessatti geggeeffame akka argisiisutti, namoota qorannoon isaan irratti geggeeffame keessaa walakkaan isaanii yeroo baayʼee ykn yeroo tokko tokko jireenyi isaanii kaayyoo akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu dubbataniiru. Tarii namoonni bakka ati jiraattu jiranis miirri akkasii isaanitti dhagaʼama taʼa.

Namni tokko jireenyi isaa kaayyoo hin qabu yoo taʼe, galma baafachuu hin dandaʼu. Namoonni hedduun jireenyi isaanii kaayyoo akka qabaatuuf, hojii milkaaʼina qabu argachuu ykn qabeenya walitti qabachuuf carraaqu. Haa taʼu malee, ammas jireenya isaanii keessatti wanti isaanitti hirʼate akka jiru isaanitti dhagaʼama. Namoonni tokko tokko jireenyi isaanii kaayyoo dhabuun isaa hamma jiraachuu jibbanitti isaan geessiseera. Seenaan barruu International Herald Tribune shamarree bareedduu “maatii qabeenya guddaa qabu keessatti guddattee fi wanta barbaadde gochuu dandeessu” ilaalchisee dubbate kanaaf fakkeenya gaarii taʼa. Jireenya qananii kan jiraattu taʼus kophummaan ishiitti dhagaʼama; jireenyi ishiis kaayyoo akka hin qabne ishiitti dhagaʼama ture. Qoricha hirribaa hedduu waan fudhatteef duutee argamte. Atis namoota kophummaan isaanitti dhagaʼamuu fi jireenya isaanii haala suukanneessaa taʼeen dhaban beekta taʼa.

Haa taʼu malee, namoonni saayinsiin waaʼee jireenyaa nutti himuu dandaʼa yeroo jedhan dhageessee beektaa? Gaazexaan Jarmanii Dii Vook jedhamuu fi torban torbaniin maxxanfamu akkana jedheera: “Saayinsiin dhugaa yoo taʼe illee, karaa amantii fi naamusaa hirʼina qaba. Jijjiiramni tirannaa fi barumsi kuwaantam fiiziksi jedhamu jajjabinaa fi nageenya argamsiisuu hin dandeenye.” Argannoowwan saayinsiis jireenya karaa garaa garaan ibsuuf, akkasumas marsaa uumamaa fi wantoota jireenyaaf barbaachisan ibsuuf gumaacha guddaa godhaniiru. Haa taʼu malee, saayinsiin maaliif akka uumamnee fi dhumni keenya maal akka taʼe nutti himuu hin dandaʼu. Saayinsii qofa irratti kan amanamnu yoo taʼe, gaaffiiwwan waaʼee jireenyaa gaafannu deebii utuu hin argatin hafu. Gaazexaan Jarmanii Zudyiche Tsaayitungi jedhamu akka jedhetti, “qajeelfamni baayʼeen nu barbaachisa.”

Maarree qaamni Uumaa caalaa qajeelfama akkasii kennuu dandaʼu jiraachuu dandaʼaa? Jalqabuma iyyuu ilmaan namootaa lafa irra akka jiraatan kan godhe isa waan taʼeef, namoonni maaliif akka uumaman beeka. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan ilmaan namootaa kan uume baayʼatanii lafa akka guutanii fi lafichas akka kunuunsaniif akka taʼe dubbata. Ilmaan namootaa wanta hojjetan hundumaa irratti amaloota Waaqayyoo kanneen akka haqaa, ogummaa fi jaalalaa calaqqisiisuu qabu turan. Yihowaan maaliif akka nu uume hubachuun keenya, lafa irra kan jiraannu maaliif akka taʼe beekuuf nu gargaara.—Uumama 1:26-28.

Maal Gochuu Dandeessa?

Kana dura gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii quubsaa hin arganne yoo taʼe maal gochuu dandeessa? ‘Kanan uumame maaliifi? Dhumni koo maal taʼa? Kaayyoon jireenyaa maali dha?’ Kitaabni Qulqulluun caalaatti Yihowaa beekuu akka qabnu nu gorsa. Yesuus iyyuu akkana jedheera: “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.” Amaloota Waaqayyo jaallatu, keessumaa immoo jaalala akka horattuu fi Mootummaa Waaqayyoo Masiihichaan geggeeffamuu fi gara fuulduraatti dhufu jala jiraachuuf galma akka baafattu si jajjabeessina. Akkas yoo goote jireenya kaayyoo qabu, akkasumas gara fuulduraatti abdii dinqisiisaa fi amansiisaa qabaatta. Gaaffiiwwan guguddaa si dhiphisaa turaniifis deebii argachuun kee hin oolu.—Yohaannis 17:3; Lallaba 12:13.

Gaaffiiwwan kanneeniif deebii argachuun kee faayidaa akkamii siif argamsiisa? Haansi namni tokko gaaffiiwwan kanneeniif deebii argachuun isaa akkamitti akka isa fayyadu ibseera. * Waggoota muraasa dura Waaqayyo irratti amantii xiqqoo qaba ture. Amantiin inni qabu kun garuu jireenya isaa irratti jijjiirama hin finne. Haansi qorichawwan sammuu namaa hadoochan fudhata, halalummaa raawwata, akkasumas yakkawwan adda addaa irratti hirmaata ture. “Garuu jireenya koo keessatti wanti natti hirʼatu akka jiru waan natti dhagaʼamuuf gammachuu hin qabun ture” jedheera. Haansi umuriin isaa yeroo walakkeessa waggoota 20mmannii keessa turetti, Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan dubbisuudhaan waaʼee Waaqayyoo beekuuf murteesse. Yihowaa caalaatti yommuu beekuu fi kaayyoo jireenyaa yommuu hubatu jireenya isaa jijjiiruudhaan cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Waggoota kurnan darbaniif tajaajilaa yeroo guutuu taʼee tajaajilaa jira. Waaʼee isaa akkana jechuudhaan ifatti dubbateera: “Jireenyi hunda irra caalu Yihowaa tajaajiluu dha. Wanti kam iyyuu isaa wajjin wal gituu hin dandaʼu. Yihowaa beekuun koo jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu godheera.”

Haa taʼu malee, gaaffiin namoota hedduu yaaddessu kaayyoo jireenyaa qofa miti. Haalli addunyaa kanaa caalaatti mancaʼaa yommuu deemu, gaaffii guddaan namoota hedduu yaaddessu kan biraanis ni kaʼa.

Rakkinni kan Nu Irra Gaʼu Maaliifi?

Namni tokko rakkinni yeroo isa irra gaʼu, yeroo baayʼee ‘Rakkinni kun kan na irra gaʼu maaliifi?’ jedhee gaafata. Namni tokko rakkina kana dandamachuu kan dandaʼu, gaaffii kanaaf deebii quubsaa yoo argate dha. Deebii quubsaan yoo dhabame garuu rakkinni sun itti fufa. Namni sunis garmalee aaruu dandaʼa. Mee fakkeenyaaf muuxannoo Biruunii haa ilaallu.

Haati Biruunii jedhamtu akkana jetteetti: “Waggoota muraasa dura intalli koo xinnummaatti na jalaa duute. Waaqayyotti waanan amanuuf qeesii naannoo keenyatti argamu irraa jajjabina argachuufan yaale. Innis Waaqayyo Suuzaaniin gara samiitti akka fudhatee fi amma maleekaa akka taate natti hime. Sababa duʼa ishiitiin lafti natti dukkanaaʼe; Waaqayyo waan na jalaa ishii fudhateefis isa nan jibbe.” Kanaan kan kaʼes gaddii fi dhiphinni Biruunii waggoota hedduudhaaf itti fufee ture. Akkana jetteetti: “Achiis Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko Waaqayyoon jibbuu akkan hin qabne Kitaaba Qulqulluu irraa baastee natti argisiiste. Yihowaan Suuzaaniin gara samiitti hin fudhanne, maleekaas hin taane. Kan dhukkubsatte ilmaan namootaa cubbuu kan dhaalan waan taʼaniifi. Suuzaan duʼaan waan boqotteef guyyaa Yihowaan duʼaa itti ishii kaasu eeggachaa jirti. Yihowaan ilmaan namootaa lafa jannata taate irra bara baraaf akka jiraatan akka barbaaduu fi kunis dhiheenyatti akka raawwatamu baradheera. Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe ergan hubadhee booda, caalaatti isatti dhihaachuun jalqabe, gadda koo irraas jajjabaachuun jalqabe.”—Faarfannaa 37:29; Hojii Ergamootaa 24:15; Roomaa 5:12.

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman rakkoowwan dhuunfaa, waraana, beela ykn balaa uumamaatiin rakkachaa jiru. Biruuniin rakkoowwan nu irra gaʼaniif Yihowaan akka itti hin gaafatamne, namoonni akka rakkatan kaayyoo isaa akka hin turree fi dhiheenyatti hammeenya akka balleessu Kitaaba qulqulluu irraa arguun ishii tasgabbiin akka ishiitti dhagaʼamu godheera. Rakkinni baayʼachuun isaa iyyuu mallattoo “guyyoota dhumaa” sirna kanaa keessa akka jirru argisiisani dha. Jijjiiramni gaariin hundi keenya hawwinu dhiheenyatti ni dhufa.—2 Ximotewos 3:1-5; Maatewos 24:7, 8.

Waaqayyoon Beekuu

Haansii fi Biruuniin waaʼee Waaqayyoo beekumsa muraasa qofa qabu turan. Waaʼee isaa wanta baayʼee utuu hin beekin isatti amanaa turan. Yihowaa beekuuf carraaqqii gochuun isaanii isaan kiiseera. Gaaffiiwwan guguddaa namoonni yeroo harʼaa jiran gaafataniifis deebii quubsaa argataniiru. Kunis nagaa sammuu fi abdii amansiisaa akka qabaatan godheera. Tajaajiltoonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼamanis muuxannoo wal fakkaataa akkasii qabu.

Yihowaa beekuun Kitaaba Qulqulluu isa waaʼee isaa fi wanta inni nu irraa barbaadu nutti himu gad fageenyaan qoruu irraa eegala. Namoonni jaarraa jalqabaatti jiraatan tokko tokkos akkas godhaniiru. Barreessaa seenaa fi ogeessa fayyaa kan ture Luqaas waaʼee Yihudoota gumii Beriyaa, Giriikii keessa jiranii yommuu ibsu akkana jedheera: “[Wanti Phaawulosii fi Siilaas irraa] dhagaʼan dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, guyyuma guyyaadhaan Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qoranii hawwii guddaadhaan dubbicha fudhatan.”—Hojii Ergamootaa 17:10, 11.

Kana malees, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan gumiiwwan keessatti walitti qabamu turan. (Hojii Ergamootaa 2:41, 42, 46; 1 Qorontos 1:1, 2; Galaatiyaa 1:1, 2; 2 Tasalonqee 1:1) Harʼas haalli isaa akkasuma. Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa keessumaa namoonni gara Yihowaatti caalaatti akka dhihaatanii fi isa tajaajiluudhaan gammachuu akka argatan gargaaruuf kan qophaaʼani dha. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti qabamuun faayidaa kan biraas qaba. Namoonni suutuma suuta Waaqa waaqeffatan waan fakkaataniif, Dhugaa Baatonni Yihowaas hamma isaaniif dandaʼame amaloota Yihowaa calaqqisiisuuf carraaqqii godhu. Kanaafuu, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti qabamuun keenya Yihowaa caalaatti beekuuf nu gargaara.—Ibroota 10:24, 25.

Waaqayyoon beekuuf hamma kana carraaqqii guddaa gochuun keenya barbaachisaa dhaa? Eeyyee baayʼee barbaachisaa dha. Wantoota jireenya kee keessatti milkeessuu barbaadduu wajjin haala wal qabateenis kun dhugaa dha. Mee carraaqqii atleetiin beekamaan tokko leenjiʼuuf godhu yaadi. Fakkeenyaaf, namichi Zyaan Kilood Kiil jedhamuu fi Olompikii Faransaayii irratti cabbii irra sigigaachuudhaan meedaaliyaa warqii argate dorgommii ispoortii irratti milkaaʼina argachuuf wanta godhamuu qabu ilaalchisee akkana jedheera: “Waggoota 10 dura shaakala jalqabuu fi waggoota hedduudhaaf karoora baafachuu si barbaachisa, akkasumas waaʼee isaa guyyaa hunda yaaduu qabda . . . Karaa sammuus taʼe karaa qaamaa waggaa guutuu guyyaa guyyaadhaan qophaaʼuu qabda.” Carraaqqiin kun hundi kan godhamu dorgommii daqiiqaa kudhaniif geggeeffamuuf qofa taʼuu dandaʼa! Yihowaa beekuun garuu faayidaa kana irra caaluu fi bara baraaf itti fufu nuuf argamsiisa.

Hariiroo Guddachaa Deemu

Namni jireenya keessatti wanta baayʼee barbaachisaa taʼe dhabuu barbaadu jiraa? Hin jiru. Kanaafuu, jireenyi kee kaayyoo dhugaa akka dhabe yoo sitti dhagaʼame ykn sababii rakkinni itti gaʼu beekuu yoo barbaadde waaʼee Yihowaa, jechuunis waaʼee Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee beekuuf murtoo cimaa godhi. Waaʼee isaa beekuun kee jireenyi kee bara baraaf akka fooyyaʼu godha.

Yeroon itti waaʼee Yihowaa barachuu dhaabnu jiraa? Namoonni waggoota hedduudhaaf isa tajaajilan wantoota waaʼee isaa baratanii fi wantoota haaraa barachaa jiranitti ni dinqisiifamu. Waaʼee isaa barachuun keenya gammadoo taʼuu fi caalaatti isatti dhihaachuuf nu gargaara. Nutis yaada Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan barreesse irratti walii galla: “Badhaadhinni, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu! Sababiin isaas, ‘Eenyutu yaada Yihowaa beeke? Yookiin eenyutu gorsituu isaa taʼe?’”—Roomaa 11:33, 34.

[Miiljalee]

^ key. 12 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi]

Namoonni tokko tokko amma iyyuu gaaffiiwwan guguddaa akkana jedhan ni gaafatu: ‘Kanan uumame maaliifi? Dhumni koo maal taʼa? Kaayyoon jireenyaa maali dha?’

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi]

“Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe ergan hubadhee booda, caalaatti isatti dhihaachuun jalqabe”

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi]

“Jireenyi hunda irra caalu Yihowaa tajaajiluu dha. Wanti kam iyyuu isaa wajjin wal gituu hin dandaʼu. Yihowaa beekuun koo jireenyi koo kaayyoo akka qabaatu godheera”