Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa qoqqoodama dhiigaa xixiqqoo kam iyyuu ni fudhatuu?

Deebiin armaan gaditti ibsame Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2000 irraa kan fudhatame dha.

Deebiin gaaffii kanaaf kennamu, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga hin fudhatani kan jedhu dha. Seerri Waaqayyo dhiiga ilaalchisee kenne yommuu ilaalchi namootaa jijjiiramu hundatti ilaalcha isaanii wajjin akka wal simuuf jijjiiramuu qaba jennee hin amannu. Taʼus, yeroo ammaatti dhiiga kutaalee afurittii fi kutaalee kana immoo qoqqoodama dhiigaa xixiqqootti qoqqooduun kan dandaʼamu taʼuun isaa gaaffii haaraa kaaseera. Kiristiyaanni tokko wantoota kana fudhachuuf ykn dhiisuuf murteessuu isaa dura faayidaa ykn miidhaa yaaliin fayyaa akkasii qabu caalaa wanti irratti yaaduu qabu kan biraan jira. Wanti isa yaaddessuu qabu, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuu fi hariiroo Waaqa Hundumaa Dandaʼuu wajjin qabu irratti dhiibbaa guddaa kan geessisu taʼuu isaa ti.

Jalqaba gaaffiiwwan armaan gadii hubachuun keenya barbaachisaa dha: Dhiigatti fayyadamuu kan qabnu karaa kamiini? Kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Seenaa ilmaan namootaa keessatti dhiigni faayidaa akkamiitiif oolaa ture? Hospitaalonnii fi doktaroonni akkamitti itti fayyadamu? Deebii gaaffiiwwan kana beekuun kee hubannaa murtoo gaarii gochuuf si dandeessisu qabaachuuf si gargaara.

Yihowaan Noh isa akaakilii keenya taʼeen dhiigni wanta bakki guddaan kennamuufii qabu akka taʼe isatti himeera. (Uumama 9:3, 4) Yeroo booda immoo, Waaqayyo seera Israaʼelotaaf kenne irratti akkana jechuudhaan dhiigni qulqulluu taʼuu isaa ibseera: “Mana Israaʼel keessaa yookiin nama biyya ormaa . . . keessaa namni kam iyyuu dhiiga akkamii iyyuu yoo nyaate, ani dhugumaan fuula koo nama dhiiga nyaatu sanatti nan gurraachessa.” Namni Israaʼel tokko seera Waaqayyoo cabsuudhaan warra kaan mancaasuu waan dandaʼuuf, Waaqayyo “saba isaa gidduudhaas isa nan balleessa” jechuudhaan dubbateera. (Leewwota 17:10) Yeroo boodas, walgaʼii Yerusaalemitti geggeeffame irratti ergamoonnii fi jaarsoliin ‘dhiiga irraa akka fagaannu’ murteessaniiru. Dhiiga irraa fagaachuun hammuma halalummaa fi waaqa tolfamaa irraa fagaachuu barbaachisaa dha.—Hojii Ergamootaa 15:28, 29.

Jaarraa jalqabaatti ‘dhiiga irraa fagaachuu’ jechuun maal jechuu ture? Kiristiyaanonni dhiiga hoʼaas taʼe kantaraa hin nyaatan yookiin foon horii dhiigni isaa hin dhangalaane hin nyaatan. Kana malees, nyaatawwan dhiigni itti makame hin nyaatan turan. Karaawwan kana keessaa isa tokkoon illee dhiiga nyaachuun seera Waaqayyoo cabsuu dha.—1 Saamuʼel 14:32, 33.

Akka barreeffama Tartuuliyaan (Dh.K.B. jaarraa lammaffaa fi sadaffaatti) barreesse irraa hubannutti namoonni bara duriitti turan hedduun dhiiga nyaachuun isaan hin jeequ ture. Himata sobaa Kiristiyaanonni dhiiga akka nyaatan dhihaate ilaalchisee deebii yeroo kennu, Tartuuliyaan gosoonni walii galtee isaanii mirkaneessuuf dhiiga dhugan akka jiran ibseera. Kana malees, “bakkawwan dorgommiin ispoortii itti geggeeffamanitti [namoonni tokko tokko] dhukkuba gaggabdoo isaanii irraa fayyuuf . . . dhiiga hoʼaa nama yakkamaa sanaa dhugu turan.”

(Warri Roomaa fayyaadhaaf jedhanii kana kan godhan taʼus) Kiristiyaanonni garuu barsiifata akkasii irratti hin hirmaatan turan; Tartuuliyaan, “dhiiga horii illee nyaata keenyatti hin daballu” jedhee barreesseera. Warri Roomaa ejjennoo Kiristiyaanota dhugaa qoruuf nyaata dhiiga qabu isaaniif kennu turan. Tartuuliyaan itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Mee gaaffii tokkoon isin gaafadha, [Kiristiyaanonni] dhiiga horii nyaachuu akka balaaleffatan sirriitti utuma beektanii dhiiga namaa ni nyaatu jettanii yaaduun keessan sirrii dhaa?”

Yeroo harʼaatti ogeessi fayyaa dhiiga akka fudhatan yaada yoo isaaniif dhiheesse yaanni kun seera Waaqni Hundumaa Dandaʼu kenne cabsuu akka taʼe namoonni beekan muraasa dha. Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo dheeraa jiraachuu kan barbaannu taʼus, seera Yihowaan dhiiga ilaalchisee kenneef ajajamuuf kutanneerra. Yaalii fayyaa bara keenyaa wajjin haala wal qabateen kana jechuun maal jechuu dha?

Dhiiga guutuu kennuun Waraana Addunyaa Lammaffaa booda baramaa taʼaa yommuu dhufetti, Dhugaa Baatonni Yihowaa kun seera Waaqayyoo wajjin kan wal faallessu akka taʼe hubatan, ammas akkasuma jennee amanna. Taʼus, yaaliin fayyaa yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa deema. Yeroo harʼaatti, yeroo baayʼee dhiigni guutuun hin kennamu; kanaa mannaa kan kennamu kutaalee dhiigaa guguddaa keessaa isa tokko dha: (1) seelii dhiiga diimaa; (2) seelii dhiiga adii; (3) pilaatleetii; (4) pilaazmaa (serum), kutaa dhangalaʼaa. Ogeeyyiin fayyaa haala nama dhukkubsate sanaa irratti hundaaʼuudhaan seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatleetii ykn pilaazmaa akka fudhatu isaaf ajaju taʼa. Kutaalee dhiigaa guguddaa kana haala kanaan qoqqooduudhaan dhiiga yuuniitii tokko namoota dhukkubsatan hedduudhaaf kennuun ni dandaʼama. Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa dhiigaas taʼe kutaalee dhiigaa guguddaa arfan fudhachuun seera Waaqayyoo cabsuu akka taʼe amanu. Ejjennoo Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kana hordofuun isaanii, dhukkuba tiruu (hepatitis) fi Eedsii dabalatee dhukkuboota dhiigaan daddarban hedduu irraa isaan baraareera.

Haa taʼu malee, dhiigni kutaalee dhiigaa guguddaa malees qoqqoodamuu waan dandaʼuuf, qoqqoodama dhiigaa kana ilaalchisees gaaffiin ni kaʼa. Qoqqoodamni kun faayidaa irra kan oolan akkamitti? Kiristiyaanni tokko qoqqoodama kana fudhachuuf murteessuu isaa dura maal irratti yaaduu qaba?

Dhiigni wantoota hedduu kan of keessatti qabate dha. Pilaazmaa inni harka 90 bishaan taʼe illee, albuudaa fi sukkaara dabalatee hormoonota, ashaboo kaarboonii hin qabne (inorganic salts), inzaayimootaa fi niiwutirantii qabateera. Kana malees, pilaazmaan pirootinoota kan akka albuumiinii, pirootinoota dhiiga kantarsanii fi dhukkuba ittisan qabateera. Ogeeyyiin pirootinoota pilaazmaa keessa jiran hedduu baasanii itti fayyadamu. Fakkeenyaaf, pirootiniin dhiiga kantarsu (clotting factor 8) namoota dhukkuba hemoofiiliyaatiin qabamanii fi dhiigni isaanii salphaatti dhangalaʼuuf kennama. Yookiin namni tokko dhukkuba taʼe tokkoof yoo saaxilame, doktaroonni gaamaa giloobuliinii isa dhiiga pilaazmaa nama dandeettii dhukkuba of irraa ittisuu qabu irraa fudhatame lilmoodhaan akka fudhatu ajaju taʼa. Pirootinoonni pilaazmaa kaanis yaalii fayyaatiif kan oolan taʼus, qabxiin olitti ibsame kutaan dhiigaa guddaa tokko (pilaazmaan) kutaalee xixiqqoo gara garaatti qoqqoodamuu akka dandaʼu kan argisiisu dha. *

Akkuma pilaazmaan bakkawwan gara garaatti qoqqoodamuu dandaʼu, kutaalee dhiigaa guguddaan kaanis (seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatleetii) kutaalee xixiqqoo garaa garaatti qoqqoodamuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, seeliin dhiiga adii qorichawwan intarfeeroonii fi intarluukiin jedhaman, kan infeekshinii vaayirasii fi gosawwan kaansarii tokko tokko yaaluuf gargaaraniif akka maddaatti tajaajilu. Pilaatleetii irraa wanta madaa fayyisuuf gargaaru argachuun ni dandaʼama. Kana malees, (yoo xinnaate jalqaba irratti) qorichi kutaalee dhiigaa irraa fudhatame qabu hojjetamaa jira. Yaaliiwwan fayyaa akkasii kutaalee dhiigaa guguddaa fudhachuu akka taʼetti hin ilaalamu; kanaa mannaa yeroo baayʼee qorichawwan kunneen kutaalee dhiigaa guguddaa irraa fudhataman muraasa ykn qoqqoodama isaa irraa kan hojjetamani dha. Maarree Kiristiyaanonni yaalii fayyaatiif qoqqoodama dhiigaa kana fudhachuu qabuu? Kana kan murteessu nu miti. Kitaabni Qulqulluun kana ilaalchisee ibsa balʼaa waan hin kennineef, Kiristiyaanni tokko qalbii isaa irratti hundaaʼee Waaqayyo duratti murtoo mataa isaa gochuu qaba.

Namoonni tokko tokko wanta dhiiga keessaa baʼu kam iyyuu (qoqqoodama dhiigaa yeroodhaaf dhukkuba dandamachuuf gargaaru illee) fudhachuu hin barbaadan. Ajaja Waaqayyo ‘dhiiga irraa akka fagaannu’ kenne kan hubatan karaa kanaani. Seera inni Israaʼelotaaf dhiiga horii ‘lafa irratti akka dhangalaasan’ kenne kanas kan dabalatu akka taʼe godhanii yaadu. (Keessa Deebii 12:22-24) Caqasni kun haala kanaaf ni hojjetaa? Gaamaa giloobuliinii, pirootinoota dhiiga keessaa argamanii fi dhiiga kantarsan, akkasumas wantoota kana fakkaatan qopheessuuf, dhiiga kuusuu fi qoqqooduun barbaachisaa dha. Kanaafuu, Kiristiyaanonni tokko tokko akkuma dhiiga guutuu ykn kutaalee dhiigaa guguddaa arfan fudhachuu hin barbaanne wantoota kanas fudhachuu hin barbaadan. Ejjennoon isaan qalbii isaanii irratti hundaaʼanii fudhatan isaaniif kabajamuu qaba.

Kiristiyaanonni kaan immoo ejjennoo adda taʼe qabu. Isaanis dhiiga guutuu, seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatleetii ykn pilaazmaa hin fudhatan. Taʼus, ogeessi yaalii fayyaa tokko qoqqoodama dhiigaa kutaalee dhiigaa guguddaa irraa fudhatameen yaalii yoo isaaniif godhe ni fudhatu taʼa. As irrattis garaa garummaan jiraachuu dandaʼa. Kiristiyaanni tokko tarii gaamaa giloobuliinii lilmoodhaan kan fudhatu taʼus, wanta seelii dhiiga diimaa ykn seelii dhiiga adii irraa fudhatame garuu waraannachuuf fedhii qabaachuu ykn dhiisuu dandaʼa. Walumaa galatti garuu Kiristiyaanonni tokko tokko qoqqoodama dhiigaa fudhachuuf akka murteessan maaltu isaan gochuu dandaʼa?

Mata dureen “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 1990 (Ingiliffa) irratti baʼe, pirootinoonni pilaazmaa (qoqqoodama) dhiiga dubartii ulfaa keessa jiran gara marsaa dhiigaa ulfa garaa ishii keessa jirutti akka darban ibsee ture. Kanaafuu, haati immiyuunogiloobuliinii dandeettii dhukkuba of irraa ittisuu qabu gara ulfa garaa ishii keessa jiruutti dabarsiti. Seeliiwwan dhiiga diimaa ulfa garaa keessa jiru sanaa yeroo duʼanitti, kutaan oksijiinii baatu ni jijjiirama. Muraasni isaa biliirubiinitti jijjiiramee obbaatii haadhaa keessa darbuudhaan xuraaʼaa qaama ishii keessa jiruu wajjin baʼa. Kiristiyaanonni tokko tokko qoqqoodamni dhiigaa karaa uumamaa kanaan nama tokko irraa gara nama biraatti kan darbu erga taʼee, qoqqoodama dhiigaa pilaazmaa ykn seelotaa fudhachuu akka dandaʼanitti yaadu.

Ilaalchi garaa garaa jiraachuu isaa fi namoonni qalbii isaanii irratti hundaaʼanii murtoo adda addaa gochuun isaanii dhimmi kun akka laayyootti kan ilaalamu taʼuu isaa argisiisaa? Lakki. Dhimma cimaa dha. Taʼus, dhimmi isaa ifa dha. Barreeffamni olitti ibsame Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga guutuu fi kutaalee dhiigaa guguddaa akka hin fudhanne ibsa. Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni ‘wantoota waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼan irraa, dhiiga irraa fi halalummaa irraa akka fagaattan’ ajaja. (HoE. 15:29) Qoqqoodama kutaalee dhiigaa guguddaa kam irraa iyyuu fudhatamanii wajjin haala wal qabateen garuu, Kiristiyaanni hundi of eeggannoo fi kadhannaadhaan erga irratti yaadee booda qalbii isaa irratti hundaaʼuudhaan murtoo mataa isaa gochuu qaba.

Namoonni hedduun dhiiga fudhachuu dabalatee faayidaa hatattamaa argachuuf jecha yaalii fayyaa balaa akka qabu beekamu fudhachuu irraa duubatti hin jedhan. Kiristiyaanni garaa qajeelaa qabu tokko garuu haala fayyaa isaa qofa utuu hin taʼin madaallii isaa eeguudhaan dhimmicha irratti balʼisee yaaduuf carraaqa. Dhugaa Baatonni Yihowaa carraaqqii yaalii fayyaa buʼa qabeessa taʼe argachuuf godhamu ni dinqisiifatu; taʼus faayidaa fi miidhaa yaaliin kam iyyuu qabu irratti ni yaadu. Haa taʼu malee, wantoota dhiiga irraa fudhatamanii hojjetaman ilaalchisee, wanta Waaqayyo jedhuu fi hariiroo Waaqa Madda Jireenyaa taʼee wajjin qaban irratti of eeggannoodhaan yaadu.—Faarfannaa 36:9.

Kiristiyaanni tokko amanannaa akka faarfaticha akkana jedhee barreessee qabaachuun isaa eebba dha: “Yihowaan aduu fi gaachana dha; inni gaarummaa ni argisiisa, ulfinas ni kenna. Yihowaan warra amanamummaadhaan deddeebiʼan, wanta gaarii tokko iyyuu hin dhowwatu. Yaa Yihowaa . . . , namni sitti amanamu gammadaa dha”!—Faarfannaa 84:11, 12.

[Miiljalee]

^ key. 13Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 1978 (Ingiliffa) fi Onkoloolessa 1, 1994 (Amaariffa) ilaali. Dhaabbileen qoricha oomishan qorichawwan dhiiga irraa hin fudhatamnee fi qoqqoodama dhiigaa kanaan dura fudhatamaa turan bakka buʼan oomishaniiru.

[Saanduqa]

GAAFFIIWWAN DOKTARA TOKKOOF DHIHAATAN

Yaaliin baqaqsanii hodhuu ykn yaalii fayyaa wantoota dhiiga irraa argaman fudhachuu dabalatu yoo si mudate akkana jedhii gaafadhu:

Namoonni yaalii fayyaa naaf godhan hundi ani Dhugaa Baatuu Yihowaa akkan taʼee fi haala akkamii keessatti iyyuu dhiiga akkan hin fudhanne (dhiiga guutuu, seelii dhiiga diimaa, seelii dhiiga adii, pilaatleetii ykn dhiiga pilaazmaa akka hin fudhanne) beekuu?

Qorichi siif ajajame pilaazmaa ykn seelii dhiiga diimaa ykn seelii dhiiga adii ykn pilaatleetii irraa kan oomishame yoo taʼe akkana jedhii gaafadhu:

Qorichi kun kutaalee dhiigaa guguddaa arfan keessaa isa tokko irraa kan oomishame dhaa? Taanaan, maal irraa akka oomishame natti himuu dandeessuu?

Qoricha qoqqoodama dhiigaa irraa oomishame kana irraa hammamtu naaf kennama? Kan naa kennamu hoo karaa kamini?

Qalbiin koo naaf heyyamee qoqqoodama dhiigaa kana yoon fudhadhe, miidhaa akkamii na irraan geessisa?

Qalbiin koo qoqqoodama dhiigaa kana fudhachuu kan naaf hin heyyamne yoo taʼe, yaaliin fayyaa kan biraa jira?

Dhimma kana irratti gad fageenyaan ergan irratti yaadee booda murtoo koo yoom isinitti himu?