Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu

Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu

Uumaa Kee Jajachuuf Galmawwan Hafuuraa Baafadhu

“NAMNI tokko kallattii itti deemu hin beeku yoo taʼe, kallattiin qilleensi itti qilleensaʼu isa hin yaaddessu.” Yaada kana kan dubbate falaasaa Roomaa jaarraa tokkoffaatti jiraate dha. Yaadni kun dhugaa tokko nu hubachiisa; jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatuuf galmi baayʼee barbaachisaa dha.

Kitaabni Qulqulluun namoota galma qabaachuu irratti fakkeenya taʼan qabateera. Noh gara waggaa 50f, ‘maatii isaa oolchuuf doonii ijaareera.’ Musee raajichi, “badhaasa isaaf kaffalamu xiyyeeffannaadhaan ilaaleera.” (Ibroota 11:7, 26) Iyyaasuu inni Musee bakka buʼe biyya Kanaʼan akka injifatu Waaqayyo galma isaaf baasee ture.—Keessa Deebii 3:21, 22, 28; Iyyaasuu 12:7-24.

Yaadni Yesuus, “misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama” jechuudhaan dubbate, galma hafuuraa Phaawulos Ergamaan Dh.K.B jaarraa jalqabaatti baafate irratti dhiibbaa godhee taʼuu akka qabu hin shakkisiisu. (Maatewos 24:14) Ergaa fi mulʼattoo Gooftaan Yesuus dhuunfaatti isaaf kenne dabalatee, “Saboota duratti maqaa [Yesuus] akka baatu” jajjabina isaaf kannameen, Phaawulos Eeshiyaa xinnootii hamma Awroppaatti gumii kiristiyaanaa hedduu hundeessuu irratti gaʼe guddaa qabaateera.—Hojii Ergamootaa 9:15; Qolosaayis 1:23.

Eeyyee, tajaajiltoonni Yihowaa kanaan dura jiraatan galma hunda irra caalu baafachuu fi irra gaʼuudhaan Waaqayyoof ulfina fidaniiru. Nuti hoo haaraatti galma hafuuraa baafachuu kan dandeenyu akkamitti? Galmawwan akkamii baafachuu dandeenya? Galmawwan kana irra gaʼuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya?

Kakaʼumsi Sirriin Barbaachisaa dha

Kallattii jireenya keenyaa kam irratti iyyuu galma baafachuu ni dandeenya; addunyaan kunis namoota galmaan deddeebiʼan qaba. Haa taʼu malee, galmawwan tiʼokraasii galma addunyaa wajjin tokko miti. Sababii namoonni galmawwan addunyaa itti baafatan inni guddaan qabeenya hedduu, aangoo fi beekamtii argachuu dha. Aangoo fi beekamtii argachuuf galma baafachuun dogoggora guddaa dha. Galmawwan Yihowaaf ulfina fidan warra waaqeffannaa keenyaa fi fedhii Mootummichaa wajjin wal qabatani dha. (Maatewos 6:33) Galmawwan akkasii Waaqayyoo fi namootaaf jaalala qabaachuu irra kan maddan yoo taʼu Waaqayyoof buluu jajjabeessu.—Maatewos 22:37-39; 1 Ximotewos 4:7.

Galmi keenya mirga tajaajilaa dabalataa argachuus taʼe, guddina hafuuraa gochuu, galma hafuuraa baafachuu fi hordofuuf kakaʼumsa sirrii haa qabaannu. Taʼus, galmawwan kakaʼumsa sirriidhaan baafaman illee yeroo tokko tokko milkaaʼuu dhiisuu dandaʼu. Maarree, galma baafachuu fi carraan itti milkaaʼu balʼaa akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Fedhii Guddaa Qabaachuun Barbaachisaa dha

Mee akkaataa Yihowaan uumama cufa uumee itti raawwate haa ilaallu. Yihowaan yeroo uumamaa walitti aananii jiran ilaalchisee, “Ni dhihe, ni bariʼes” jechuudhaan yeroowwan sun jalqabaa fi xumura akka qabaatan godheera. (Uumama 1:5, 8, 13, 19, 23, 31) Jalqaba tokkoon tokkoon yeroo uumamaatti galma ykn kaayyoo guyyaa sanaaf qabu sirriitti adda baaseera. Akkasumas Waaqayyo kaayyoo Wantoota uumuuf qabu raawwateera. (Mulʼata 4:11) Iyyoob inni abbaa amantii taʼe, “Inni [Yihowaan] wanta gochuu barbaadu ni raawwata” jedheera. (Iyyoob 23:13) Yihowaan “wanta tolche hundumaa” ilaalee, “baayʼee gaarii” akka taʼe yommuu dubbatu baayʼee gammadee taʼuu qaba.—Uumama 1:31.

Nutis karoorrri keenya akka galma gaʼuuf, karooricha raawwachuuf fedhii cimaa qabaachuu qabna. Fedhii cimaa akkasii horachuuf maaltu nu gargaara? Yihowaan yeroo lafti duwwaa turtetti illee, lafti yeroo booda hawaa keessatti iddoo bareedduu ulfinaa fi kabaja isaaf fiddu akka taatu ilaalee ture. Haaluma kana fakkaatuun nutis, buʼaa fi faayidaa galma keenya raawwachuun qabu irratti xiinxaluudhaan, karoora keenya galmaan gaʼuuf fedhii cimaa horachuu dandeenya. Toonii inni umuriin isaa waggaa 19 taʼe akkas godheera. Tooniin Waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Lixa Awurooppaa jiru yeroo daawwatetti wanta isa mudate matumaa hin irraanfatu. Yeroo sanaa eegalee, ‘Iddoo akkasii jiraachuu fi achitti tajaajiluun maal fakkaata?’ gaaffiin jedhu sammuu isaa keessa jira ture. Waaʼee iddoo kanatti tajaajiluu yaaduu fi galma kana irra gaʼuuf carraaquu isaa matumaa hin dhaabne. Waggoota hedduu booda iyyannoon inni waajjira damee kanatti tajaajiluuf dhiheesse yommuu fudhatama argatu baayʼee gammadeera.

Namoota galma baafatan tokko irra gaʼanitti michoomuun keenyas galma keenya irra gaʼuuf fedhii nutti horuu dandaʼa. Jaasoon inni umuriin isaa 30 taʼe, yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti tajaajiluu hin jaallatu ture. Barumsa sadarkaa lammafaa erga xumuree booda garuu qajeelchaa taʼuudhaan yeroo isaa guutuu Mootummicha labsuu eegale. Jaasoon qajeelchaa taʼuuf fedhii akka qabaatu maaltu isa gargaare? Jaasoon, “Namoota qajeelchitoota taʼan haasofsiisuu fi isaanii waliin tajaajiluun koo dhiibbaa guddaa na irratti godheera” jedheera.

Galma Keenya Barreeffachuun Nu Gargaaruu Dandaʼa

Yaada tokko jechaan yommuu ibsinu yaadichi caalaatti ifaa taʼa. Solomoon jechoonni sirriin humna qabaachuu fi akkuma arfii qotiyyoo jireenya kallatii qabasiisuu akka dandaʼan hubateera. (Lallaba 12:11) Jechoonni akkasii yommuu barreeffaman sammuu fi garaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu. Yihowaan mootonni Israaʼel Seericha kooppii dhuunfaa isaanii akka barreeffatan kan ajaje kanaaf ture. (Keessa Deebii 17:18) Kanaafuu galma keenyaa fi kana irra ittiin gaʼuuf tooftaa ykn tarsiimoo baafanne dabalatee rakkinoota nu mudachuu dandaʼanii fi akkamitti moʼuu akka yaadne barreessuu qabna. Kana malees wantoota sirriitti beekuu qabnu, dandeettii wantoota kana beekuuf nu gargaaruu fi namoota gama kanaan nu gargaaruu fi nu deggaruu dandaʼan adda baafachuun nu gargaaruu dandaʼa.

Jeefarii inni biyya Eshiyaa tokkotti yeroo dheeraaf qajeelchaa addaa taʼee tajaajilu galma hafuuraa baafachuun isaa tasgabbaaʼuuf isa gargaareera. Haati manaa isaa tasa yommuu duutu gaddi cimaan isa irra gaʼee ture. Jeefariin yeroo fudhatee sirreeffama erga godhee booda, galma baafachuudhaan tajaajila isaa irratti guutummatti xiyyeeffachuuf murteesse. Galma isaa waraqaa irratti erga barreessee booda, dhuma jiʼichaatti qoʼannaa haaraa sadii jalqabsiisuuf kadhannaadhaan murteesse. Guyyaa guyyaan sochii isaa ni gamaaggama, guyyaa kudhanitti immoo jijjiirama godhe irra deebiʼee ilaala. Maarree galma isaa irra gaʼeeraa? Qoʼannaa haaraa afur gabaasa waan godheef gammachuudhaan eeyyee jedhee deebiseera!

Galma Yeroo Gabaabaa Mallattoo Godhadhaa

Galmawwan tokko tokko jalqaba irratti ulfaataa fakkaachuu dandaʼu. Toonii inni olitti ibsame waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatti tajaajiluun abjuu itti fakkaatee ture. Akkas kan itti dhagaʼame yeroo sanatti akkaataan jireenyaa isaa sirrii waan hin turree fi Waaqayyoof waan of hin murteessineef ture. Haa taʼu malee, Tooniin jireenya isaa daandii Yihowaa wajjin wal simsiisuuf murteesse, akkasumas cuuphamuuf galma baafate. Galma kana irra erga gaʼee booda, guyyaa itti eegalu barreessee qajeelchaa gargaaraa fi qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf galma baafate. Yeroo muraasaaf qajeelchaa taʼee erga tajaajilee booda, waajjira dameetti tajaajiluun galma bira gaʼamuu dandaʼu itti hin fakkaanne ture.

Nutis galmawwan keenya yeroo dheeraaf turan, galamawwan yeroo gabaabaatti hiruun keenya gaarii dha. Galmawwan keenya iddu jireessa taʼan galma keenya yeroo dheeeraa irra gaʼuuf, akka mallattootti nu tajaajiluu dandaʼu. Akka fakkeenyaatti mallattoowwan daandii keenya irra jiran kana yeroo yerootti gamaaggamuun keenya yaadni akka hin hihhiramne nu gargaara. Waaʼee karoora keenyaa irra deddeebinee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun keenyas yaadni keenya akka hin hihhiramne nu gargaara. Phaawulos ergamaan gorsa, “Yeroo hundumaa kadhadhaa” jedhu kenneera.—1 Tasaloniiqee 5:17.

Kutannoo fi Tattaaffiin Barbaachisaa dha

Galma keenya itti yaadnee kan baafanee fi galma keenya irra gaʼuuf fedhii cimaa kan qabnu taʼu illee, galmawwan tokko tokko irra gaʼuun hin dandaʼamu. Yohaannis Maarqos, Phaawulos ergamaan deemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa irratti isa fudhatee deemuu yommuu didetti baayʼee abdii kutatee taʼuu qaba. (Hojii Ergamootaa 15:37-40) Maarqos haala kana irraa barachuu fi tajaajila dabalataatiif galma isaa sirreessuu qaba ture. Akkas akka godhes hin shakisiisu. Yeroo booda Phaawulos waaʼee Maarqos wanta gaarii kan dubbate yoo taʼu, Pheexiros ergamaa wajjin Baabilon keessa akka tures ibsameera. (2 Ximotewos 4:11; 1 Pheexiros 5:13) Tarii mirgi guddaan inni argate seenaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus barreessuu taʼuu hin oolu.

Nutis galma hafuuraa yommuu hordofnu gufuuwwan nu mudachuu dandaʼu. Taʼus abdii kutachuu mannaa galma keenya irra deebinee gamaaggamuu, madaaluu fi sirreeffama gochuu qabna. Yommuu gufuuwwan nu mudatan kutannoo fi ciminaan fuulduratti hiixachuu qabna. Solomoon Mootichi inni ogeessi, “Wanta raawwattu hundumaa Yihowaatti kennadhu, Karoorri kees siif ni milkaaʼa” jechuudhaan nuu mirkaneesseera.—Fakkeenya 16:3.

Taʼus darbee darbee galmawwan tokko tokko hordofuun sirrii akka hin taane haalawwan taasisan jiru. Fakkeenyaaf, fayyaa dhabuun ykn itti gaafatamni maatii galmawwan tokko tokko irra akka hin geenye nu dhowwuu dandaʼu. Badhaasni keenya inni guddaan samii irratti ykn lafa Jannata taatu irratti jireenya bara baraa argachuu akka taʼe matumaa dagachuu hin qabnu. (Luqaas 23:43; Filiphisiyus 3:13, 14) Kana argachuun kan dandaʼamu akkamitti? Yohaannis ergamaan “namni fedhii Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraaf jiraata” jedhee barreesseera. (1 Yohaannis 2:17) Haalli keenya galma tokko irra gaʼuuf kan nuuf hin heyyamne yoo taʼe illee, ‘waaqa dhugaa sodaachuu fi ajajawwan isaa eeguu’ ni dandeenya. (Lallaba 12:13) Galmawwan hafuuraa fedhii Waaqayyoo raawwachuu irratti xiyyeeffachuuf nu gargaaru. Kanaafuu, galmawwan keenya Uumaa keenyaaf ulfina fiduuf itti haa fayyadamnu.

[Saanduqa]

Galma Hafuuraa Baafachuu Dandeessu

○ Guyyaa guyyaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu

○ Maxxansa Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! hunda dubbisuu

○ Kadhannaa kee fooyyessuu

○ Firii hafuuraa argisiisuu

○ Tajaajila dabalataa raawwachuuf carraaquu

○ Lallabuu fi barsiisuu irratti caalaatti buʼa qabeessa taʼuu

○ Bilbilaan, karaa al idilee fi bakka daldalaatti dhugaa baʼuuf ogummaa horachuu