Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantiin Waaqayyorratti Qabdan Hammam Jabaadha?

Amantiin Waaqayyorratti Qabdan Hammam Jabaadha?

Amantiin Waaqayyorratti Qabdan Hammam Jabaadha?

“Duraan dursitanii yaada keessan Mootummaa Waaqayyoo . . . barbaaduutti hidhaa!”MAATEWOS 6:33.

1, 2. Dargaggeessi tokko haala hojiidhaa wajjin wal qabateen tarkaanfii akkamii fudhate? Kana kan godhe maaliifi?

 DARGAGGEESSI tokko caalaatti gumii gargaaruu barbaada ture. Haata’u malee, hojiinsaa yeroo hundumaa walga’ii gumiirratti akka hin argamne gufuu itti ta’e. Rakkina kanaaf furmaata argachuu kan danda’e akkamitti? Jireenyasaa salphaa gochuudhaan hojiisaa gadhiise; yeroo boodas hojii sochii gumii keessatti qabu akka raawwatu isa gargaaru argate. Yeroo ammaatti mindaa duraan argaturra baay’ee xiqqoo kan argatu ta’us, wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessaa, caalaatti gumii gargaaraa jira.

2 Dargaggeessi kun sirreeffama akkasii maaliif akka godhe hubatteettaa? Atihoo haala isaa wajjin wal fakkaatu keessa utuu jiraattee tarkaanfii akkasii ni fudhatta turtee? Kiristiyaanonni hedduun sirreeffama wal fakkaatu gochuunsaanii kan isaan galateeffachiisudha. Tarkaanfiinsaanii kunis abdii Yesus akka armaan gadiitti jechuudhaan kennetti akka amanan kan argisiisudha: “Duraan dursitanii yaada keessan Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” (Maatewos 6:33) Hojiisaaniitti utuu hin ta’in Yihowaatti amanamu.—Fakkeenya 3:23, 26.

3. Namoonni tokko tokko yeroo ammaatti duraan dursanii yaada ofii Mootummaa Waaqayyoo barbaachuutti hidhuun kan danda’amu ta’uusaa kan shakkan maaliif ta’uu danda’a?

3 Namoonni tokko tokko haala rakkisaa yeroo ammaatti keessa jiraannurraa ka’uudhaan, dargaggeessi sun murtoo sirrii gochuusaa ni shakku. Yeroo ammaatti, namoonni tokko tokko sadarkaa jireenyaa olaanaa seenaa keessatti argamee hin beekne keessa yeroo jiraatan, warri kaan garuu hiyyummaa kana hin jedhamne keessa jiraatu. Namoonni biyyoota hiyyeeyyii keessa jiraatan hedduun, carraa jireenya fooyya’aa jiraachuuf isaan dandeessisu hundumaa argachuu hawwu. Karaa garabiraammoo, namoonni biyyoota sooressa ta’an keessa jiraatan, haalli dinagdeefi haalli hojii waan jijjiiramuuf, akkasumas namoonni isaan hojjechiisan yeroofi humna baay’ee isaanirraa waan barbaadaniif jireenyasaanii isa gaarii jiraachuusaanii itti fufuun rakkisaa ta’aa dhufeera. Namoonni tokko tokko waan ittiin jiraatan argachuuf hojjechuun rakkisaa waan itti ta’eef ‘yeroo kanatti duraan dursanii yaada ofii Mootummaa Waaqayyoo barbaachuutti hidhuun akkamitti danda’amaa?’ jedhanii gaafatu ta’a. Gaaffii kanaaf deebii argachuuf, waa’ee namoota Yesus dhimma kana ilaalchisee isaanitti himaa turee haa ilaallu.

“Hin Yaadda’inaa!”

4, 5. Yesus, sabni Waaqayyoo yaaddoo jireenyaatiin dhiphachuun akka isaanirra hin jirre fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

4 Yesus Galiilaatti tuuta sonaan baay’ee biyya adda addaatii dhufanitti dubbachaa ture. (Maatewos 4:25) Isaan keessaa namoonni muraasni sooressa yoo ta’anillee, baay’eensaanii hiyyeessa turan. Ta’us, Yesus namoonni kun qabeenya argachuuf utuu hin ta’in, badhaadhina karaa hafuuraa argamuuf dursa kennuu akka qaban isaan akeekkachiiseera. (Maatewos 6:19-21, 24) Akkas isaaniin jedhe: “Waa’ee jireenya keessanitti, waan nyaattanii fi waan dhugdaniif yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda’inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree?”—Maatewos 6:25.

5 Gorsi kun namoota Yesusiin dhaggeeffachaa turan hedduudhaaf hin liqimsamne ta’a. Jabaatanii yoo hojjetan malee maatiinsaanii akka rakkatu beeku. Haata’u malee, Yesus waa’ee simbirrootaa isaanitti hime. Simbirroonni guyyaa guyyaatti wanta nyaataniifi bakka jireenyaa argachuu qabu; wanta kana akka argatan kan isaan gargaaru Yihowaadha. Yesus itti aansuudhaanis, Yihowaan daraarota Solomoon isa ulfina guddaa qabu caalaa miidhaganiif akkamitti akka kunuunsa godhu isaanitti hime. Yihowaan simbirrootaafi daraarotaaf kunuunsa kan godhu erga ta’ee, nuufimmoo caalaatti kunuunsa hin godhuu? (Maatewos 6:26-30) Akkuma Yesus jedhe, lubbuufi dhagni keenya nyaata lubbuu keenya tursuuf binnuufi uffata dhagna keenyatti uffachuuf binnurra baay’isee caala. Nyaataafi uffata argachuuf qofa carraaqqii cimaa kan goonu yoo ta’eefi Yihowaa tajaajiluuf yeroo kan hin qabne yoo ta’e, kaayyoon jireenyaa inni guddaan maal akka ta’e daganneerra jechuudha.—Lallaba 12:13.

Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

6. (a) Kiristiyaanonni itti gaafatamummaa akkamii qabu? (b) Guutummaatti kan amananihoo eenyutti?

6 Yesus namoonni isa dhaggeeffachaa turan wanta maatiisaaniitiif barbaachisu Waaqayyo nuu qopheessa jedhanii hojjechuu akka dhiisan isaan jajjabeessuusaa hin turre. Simbirroonnillee ofiifis ta’e ilmooleesaaniitiif nyaata barbaachuu qabu. Kanaaf, Kiristiyaanonnis nyaachuu yoo barbaadan hojjechuu qabu turan. Itti gaafatamummaa maatii keessatti qaban raawwachuu qabu turan. Kiristiyaanonni tajaajiltootaafi garboota ta’an namoota isaan hojjechiisaniif ciminaan hojjechuu qabu turan. (2 Tasaloniiqee 3:10-12; 1 Ximotewos 5:8; 1 Phexros 2:18) Phaawulos yeroo baay’ee wanta jireenyaaf isa barbaachisu argachuuf dunkaana hodha ture. (Hojii Ergamootaa 18:1-4; 1 Tasaloniiqee 2:9) Ta’uyyuu, Kiristiyaanonni kun hojiisaaniitti utuu hin ta’in Yihowaatti amanamu turan. Kanaan kan ka’es, keessasaaniitti nagaa warri kaan hin arganne argataniiru. Faarfatichi akkas jechuudhaan dubbateera: “Warri Waaqayyoon amanatan, akka tulluu Xiyoon isa hin mittiqnee, isa bara baraan dhaabatuu ti.”—Faarfannaa 125:1

7. Namni Yihowaarratti amantaa cimaa hin qabne tokko ilaalcha akkamii qabaachuu danda’a?

7 Namni Yihowaarratti amantaa cimaa hin qabne haala kanarraa faallaa ta’een yaaduu danda’a. Namoonni hedduun wanti baay’ee amansiisaa ta’e qabeenyadha jedhanii yaadu. Kanaan kan ka’es, hojii mindaa gaarii argamsiisu argachuuf isaan qopheessa jedhanii abdachuudhaan warri ijoolleensaanii barumsa sadarkaa olaanaa akka hordofan jajjabeessu. Ijoolleensaanii jireenya hafuuraatiif xiyyeeffannaa kennuu dhiisuudhaan qabeenyaaf bakka guddaa kennuunsaanii maatiiwwan tokko tokkorratti rakkoo guddaa geessisuunsaa baay’ee nama gaddisiisa.

8. Kiristiyaanonni hojiidhaafis ta’e jireenya hafuuraatiif ilaalcha akkamii qabu?

8 Kanaaf, Kiristiyaanonni gamna ta’an, gorsi Yesus jaarraa jalqabaatti kenne yeroo ammaattis akka hojjetu ni hubatu; akkasumas itti gaafatamummaa qaban sirriitti raawwachuuf yaalii godhu. Itti gaafatamummaa caaffata Qulqullaa’aarratti isaaniif kenname raawwachuuf sa’aatii dheeraa hojiirratti yoo dabarsanillee, horii argachuuf jecha jireenya hafuuraa isa baay’ee barbaachisaa ta’e hin dagatan.—Lallaba 7:12.

‘Wantoota Nama Yaaddessan Garabiraa’

9. Yesus namoota guutummaatti Yihowaatti amanaman maal jedhee jajjabeesse?

9 Yesus Lallabasaa isa Tabbaarratti akkas jechuudhaan dhaggeeffattootasaa gorseera: “Kanaafis isin ‘Maal nyaanna?’ yookiis ‘Maal dhugna?’ yookiis ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaadda’inaa! Warri saba Waaqayyoo hin ta’in yaada isaanii isaan kanatti hidhanii jiru’o; isaan kun hundinuu isiniif barbaachisoo akka ta’an garuu abbaan keessan inni waaqa irraa in beeka.” (Maatewos 6:31, 32) Dhugumayyuu jechoonni kun kan nama jajjabeessan mitii? Guutummaatti Yihowaatti yoo amanamne inni yeroo hundumaa nu gargaaruuf qophaa’aadha. Haata’u malee, jechoonni Yesus dhaamsa garabiraas of keessaa qabu. Jechoonni kun qabeenya barbaaduutti ‘yaada keenya yoo hiine’ akka namoota Kiristiyaanota dhugaa hin taanee jechuunis akka ‘warra saba Waaqayyoo hin ta’inii’ akka taanu nu yaadachiisu.

10. Dargaggeessi tokko gorsa argachuuf ennaa garasaatti dhufe, Yesus wanta inni caalaatti jaallatu ifa kan godhe akkamitti?

10 Yeroo tokko dargaggeessi baay’ee sooressa ta’e tokko jireenya barabaraa argachuuf maal gochuun qaba jedhee Yesusiin gaafatee ture. Yeroo sanatti seerri sun waan hojjetuuf Yesus ulaagaa Seera Musee keessatti argamu isa yaadachiise. Dargaggeessichis deebisee, “Kana hundumaa raawwadheera; egaa amma maaltu na duraa hir’ate?” jedhee Yesusiin gaafate. Deebiin Yesus dargaggeessa kanaaf kenne namoota baay’eetti sirrii fakkaachuu dhiisuu danda’a. Yesus akkas jedhe: “Raawwattee guutuu ta’uu yoo feete, dhaqi qabeenya kee gurguri, warra deegaadhaaf kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta! Kottuutii ana duukaa bu’i!” (Maatewos 19:16-21) Dargaggeessichis qabeenyaasaa dhabuu waan hin barbaanneef gaddee achii deeme. Namni kun Yihowaa caalaatti qabeenyasaa jaallateera.

11, 12. (a) Yesus sooruma ilaalchisee akeekkachiisa barbaachisaa ta’e akkamii kenne? (b) Qabeenyi, Yihowaa akka hin tajaajillee gufuu namatti ta’uu kan danda’u akkamitti?

11 Wanti kunis Yesus wanta haaraa hin eegamne tokko akka dubbatu isa godhe: “Namni sooressi Mootummaa waaqaatti galuun rakkisaa dha. . . . sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba’uutu salphata” jedhe. (Maatewos 19:23, 24) Yesus, namni sooressa ta’e Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu jechuusaa turee? Itti aansuudhaan: “Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda’ama” waan jedheef kana jechuusaa hin turre. (Maatewos 19:25, 26) Dhugumayyuu, yeroo sanatti namoonni sooressa turan tokko tokko gargaarsa Yihowaatiin Kiristiyaanota dibamoo ta’uu danda’aniiru. (1 Ximotewos 6:17) Ta’uyyuu, Yesus jechoota nama dinqisiisan kana yeroo dubbate sababii quubsaa qaba ture. Akeekkachiisa kennaa ture.

12 Namni tokko akkuma dargaggeessa sanaa garmalee qabeenyaaf xiyyeeffannaa kan kennu yoo ta’e, qabeenyisaa kun garaa guutuudhaan akka Yihowaa hin tajaajille gufuu itti ta’uu danda’a. Haalli kun nama sooressa ta’eefis ta’e nama ‘sooromuu barbaaduuf’ ni hojjeta. (1 Ximotewos 6:9, 10) Namni tokko qabeenyarratti amantaa guddaa gatuunsaa, ‘wanta karaa hafuuraa isa barbaachisu akka dagatu’ gochuu danda’a. (Maatewos 5:3, NW) Kunimmoo, gargaarsi Yihowaa akka isa hin barbaachisne akka itti dhaga’amu gochuu danda’a. (Keessa Deebii 6:10-12) Obboloonni gummii keessatti argamanis ulfina addaa akka isaaf kennan eeguu danda’a. (Yaaqoob 2:1-4) Yihowaa tajaajiluu mannaa yeroosaa gara caalaa qabeenyasaatiin bashannanuutti dabarsuu danda’a.

Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

13. Warri Laa’odiiqeyaa ilaalcha sirrii hin taane akkamii qabu turan?

13 Jaarraa jalqabaatti namoonni gumii Laa’odiiqeyaa keessa turan tokko tokko qabeenyaaf ilaalcha sirrii hin taane qabu turan. Yesus akkas isaaniin jedhe: “Atis, ‘Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru’ in jetta; ati nama gadadamaa namni boo’uufiin ta’u, deegaa, jaamaa, qullaas ta’uu kee hin beektu.” Warra gumii Laa’odiiqeyaa keessatti argaman karaa hafuuraa kan boo’amuuf kan isaan godhe qabeenyasaanii hin turre. Haala akkasiirra kan isaan geessise Yihowaa caalaa qabeenyasaaniitti amanamuusaaniiti. Karaa hafuuraa bu’aa’aa waan ta’aniifis, Yesus ‘afaansaatii isaan tufuuf’ ture.—Mul’ata 3:14-17.

14. Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaa galateeffachuu kan qabu maaliif ture?

14 Karaa garabiraammoo, Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaa yeroo ari’atamni isaanirra ga’etti ija jabina argisiisaniif akkas jechuudhaan isaan galateeffateera: “Isin warra hidhamanii wajjin dhiphattaniittu; qabeenya isa caalaa wayyuu fi isa hin darbine akka qabdan waan beektaniifis, saamamuu qabeenya keessanii gammachuudhaan fudhattaniittu.” (Ibroota 10:34) Kiristiyaanonni sun qabeenyasaanii dhabuusaaniitti abdii hin kunne. Wanta gati jabeessa ta’e, jechuunis “qabeenya isa caalaa wayyuufi isa hin darbine” waan qabaniif gammachuusaanii hin dhabne. Fakkeenya Yesus kenne keessatti namicha callee babba’eessa argachuuf jecha wanta qabu hundumaa gurguree wajjin haala wal fakkaatuun, isaanis aarsaa akkamiiyyuu yoo isaan kaffalchiise abdii Mootummicharratti qaban akka hin dhabne murteessanii turan. (Maatewos 13:45, 46) Kun ilaalcha sirrii mitii?

15. Obboleettiin biyya Laayibeeriyaatti argamtu tokko duraan dursitee yaadashee Mootummaa Waaqayyootti kan hiite akkamitti?

15 Yeroo ammaattis namoonni hedduun ilaalcha gaarii kanaa wajjin wal fakkaatu qabu. Fakkeenyaaf, obboleettiin biyya Laayibeeriyaa jiraattu tokko yunivarsiitii galtee barachuuf carraa argattee turte. Carraan akkasii biyya sana keessatti akka waan guddaatti ilaalama. Haata’u malee, obboleettiin kun qajeelchaa ta’uusheerrayyuu, yeroo muraasaaf qajeelchaa addaa akka taatuuf afeerriin isheedhaaf dhihaatee ture. Obboleettiin kun duraan dursitee yaadashee Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuuf filachuudhaan qajeelchaa taatee hojjechuushee itti fufte. Bakka ramadamte dhaquudhaanis ji’a sadii gidduutti namoota 21 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqabde. Obboleettii kana dabalatee namoonni akkashee ta’aniifi kumaan lakkaa’aman, duraan dursanii yaadasaanii Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuudhaan qabeenya guddaa argachuu danda’an aarsaa godhaniiru. Biyya lafaa isa qabeenyaaf bakka guddaa kennu kana keessatti ilaalcha gaarii akkasii qabaachuu kan danda’an akkamitti? Amalawwan gaggaarii hedduu waan horataniifidha. Mee amalawwan kana keessaa tokko tokko haa ilaallu.

16, 17. (a) Yihowaatti amanamuuf gad of qabuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Abdii Waaqayyo kennetti amanuu kan qabnu maaliifi?

16 Gad of qabuu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha. Ani ogummaa qaba ofiin hin jedhin.” (Fakkeenya 3:5-7) Darbee darbee, wantoonni tokko tokko ija fooniitiin yommuu ilaalaman sirrii fakkaachuu danda’u. (Ermiyaas 17:9) Yeroo kanattillee taanaan, Kiristiyaanni yaada qajeelaa qabu qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalii gochuu qaba. (Faarfannaa 48:14) ‘Karaasaa hundumaatti’, jechuunis dhimmawwan gumii, barumsa, hojii, bashannana ykn maaliyyuu yoo godhe gad of qabuudhaan gargaarsa Yihowaa argachuuf carraaqqii godha.—Faarfannaa 73:24.

17 Abdii Yihowaan kennetti amanuu: Phaawulos akkas jedheera: “Eenyu illee Waaqayyootti dhi’aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.” (Ibroota 11:6) Yihowaan abdii kenne raawwachuusaarratti shakkii yoo qabaanne, guutummaatti ‘biyya lafaatti dhimma ba’uun’ sirrii nutti fakkaachuu danda’a. (1 Qorontos 7:31) Amantaa cimaa yoo qabaanne garuu, duraan dursinee yaada keenya Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuuf murteessina. Amantaa cimaa qabaachuun kan danda’amu akkamitti? Yeroo hundumaa kadhannaa garaa guutuutiin Yihowaatti dhihaachuufi qayyabannaa dhuunfaa gochuudhaan amantii cimaa qabaachuu dandeenya. (Faarfannaa 1:1-3; Filiphisiiyus 4:6, 7; Yaaqoob 4:8) Akkuma Daawit Mootichaa akkas jechuudhaan kadhachuu dandeenya: “Ani si amanadheera yaa Waaqayyo, ‘Ati Waaqayyo koo ti’ jedheera.” ‘Gaarummaankee attam baay’eedha!’—Faarfannaa 31:14, 19.

18, 19. (a) Ciminaan hojjechuun keenya amantaa Yihowaarratti qabnu kan nuuf jabeessu akkamitti? (b) Kiristiyaanni tokko aarsaa kaffaluuf fedhii qabaachuu kan qabu maaliifi?

18 Tajaajila Yihowaatti jabaachuu: Phaawulos akkas jechuudhaan yeroo barreessetti, abdii Yihowaan kennetti amanuu jabaatanii hojjechuu wajjin wal qabsiisee ibseera: “Isinis abdichi guutummaan isaa kan hin mamsiifne ta’uu isaa beektanii, tokkon tokkon keessan isumaaf dhimmuu keessan hamma dhumaatti akka argisiiftan in barbaanna.” (Ibroota 6:11) Tajaajilasaarratti yeroo dheeraa kan dabarsinu yoo ta’e Yihowaan nu gargaara. Gargaarsa kana yeroo hundaa argachuun keenya, amantaan isarratti qabnu nuu cimsuusaarrayyuu, ‘utuu hin socho’in jabaannee dhaabachuu’ akka dandeenyu nu gargaara. (1 Qorontos 15:58) Amantaan keenya ni haaromfama, abdiin keenyas ni cima.—Efesoon 3:16-19.

19 Aarsaa kaffaluuf fedhii qabaachuu: Phaawulos Yesusiin hordofuuf jecha, hojii bakka guddaa isaaf argamsiisu aarsaa godheera. Darbee darbee sababii hiyyummaatiin rakkinni kan isarra ga’e yoo ta’ellee, filannaa gaarii gochuusaa hin shakkinu. (1 Qorontos 4:11-13) Yihowaan jireenya qananii jiraattu jedhee waadaa waan hin galleef, darbee darbee tajaajiltootasaarras rakkinni ga’uu danda’a. Jireenya salphaa jiraachuuf jecha, aarsaa kaffaluuf fedhii qabaachuun keenya Yihowaa tajaajiluuf murteessuu keenya argisiisa.—1 Ximotewos 6:6-8.

20. Namni duraan dursee yaadasaa Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhu obsi kan isa barbaachisu maaliifi?

20 Obsa: Yaaqoob akkas jechuudhaan namoota hidhata amantiisaa ta’an gorseera: “Ammas obboloota ko, hamma gooftaan deebi’ee dhufutti obsaan danda’aa!” (Yaaqoob 5:7) Biyya lafaa ariitiidhaan guutame kana keessatti obsa argisiisuun rakkisaadha. Wanti tokko dafee akka nuuf godhamu barbaanna. Ta’us, Phaawulos fakkeenya namoota “amantii fi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jedhanii” akka hordofnu nu gorseera. (Ibroota 6:12) Obsaan Yihowaa eeggachuuf fedhii qabaadhaa. Lafa jannata taaturra bara baraan jiraachuun abdii obsaan eegamuu qabudha.

21. (a) Duraan dursinee yaada keenya Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti hidhuun keenya maal argisiisa? (b) Mataduree itti aanurratti waa’ee maalii mari’anna?

21 Eeyyee, Yesus duraan dursinee yaada keenya Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti akka hiinu nu gorsuunsaa sirrii ture. Kana yoo goone, dhugumaan Yihowaatti akka amannuufi daandii sirrii Kiristiyaanonni irra adeemuu qaban akka filanne argisiifna. Kanaafuu, Yesus “duraan dursitanii yaada keessan . . . qajeelummaa [Waaqayyoo] barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan nu gorseera. Gorsi kun keessumaa yeroo ammaatti barbaachisaa kan ta’e maaliif akka ta’e mataduree itti aanurratti ilaalla.

Ibsuu Ni Dandeessaa?

• Yesus haala qabeenyaa wajjin wal qabateen, yaada sirrii akkamii akka qabaannu nu jajjabeesse?

• Fakkeenya Yesus gaalli qaawwa lilmoo keessa ba’uushee ilaalchisee dubbaterraa barumsa akkamii arganna?

• Amallawwan duraan dursinee yaada keenya Mootummaa Waaqayyoo barbaaduutti akka hiinu nu gargaaran kamfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]