Tarkaanfii Murteessaa Fudhachuuf Yeroonsaa Ammadha
Tarkaanfii Murteessaa Fudhachuuf Yeroonsaa Ammadha
“Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta’a?” —1 Mootota 18:21.
1. Yeroo keenya yeroo darberraa wanti adda isa taasisu maalidha?
YIHOWAAN qofti Waaqa dhugaa akka ta’e ni amantaa? Raajiin Macaafa Qulqulluu ‘guyyoota gara dhumaa’ sirna hamaa isa kan Seexanaa keessa akka jiraannu kan dubbatu ta’uusaahoo ni amantaa? (2 Ximotewos 3:1) Taanaan, yeroo ammaatti kan jiraannu tarkaanfii fudhachuuf yeroo murteessaa ta’e keessa ta’uusaa ni amanta jechuudha. Seenaa keessatti jireenyi ilmaan namootaa akka yeroo ammaatti balaadhaaf saaxilamee hin beeku.
2. Yeroo Ahaab mootii turetti, mootummaa Israa’el gosa kurnanii keessatti maaltu raawwatamaa ture?
2 Dhaloota Kiristos dura jaarraa kudhanaffaatti sabni Israa’el murtoo cimaa gochuu isaan barbaachisee ture. Eenyuun tajaajiluu qabu? Ahaab mootichi, Iizaabel haadha manaasaa ishee waaqa tolfamaa waaqeffattuun geggeeffamee, mootummaa gosa Israa’el kurnan keessatti waaqeffannaan Ba’aal akka babal’atu godhee ture. Ba’aal waaqa hormaataa yeroo ta’u, bokkaafi midhaan gaarii kenna jedhamee amanama ture. Namoonni Ba’aaliin waaqeffatan hedduun jaalala isaaf qaban ibsuusaaniirrayyuu, waaqasaanii isa harkaan tolfame kanaaf ni sagadu turan. Akkasumas, midhaaniifi loonsaanii akka isaaniif eebbisu jecha, ejjitoota galma Ba’aaliif ijaarame keessatti argamanii wajjin saalqunnamtii raawwatu turan. Kana malees, namoonni kun qaamasaanii murmuruudhaan dhiigasaanii dhangalaasu turan.—1 Mootota 18:28.
3. Waaqeffannaan Ba’aal saba Waaqayyoorratti dhiibbaa akkamii geessisee ture?
3 Haata’u malee, waaqeffannaa sobaarratti, amala addaggummaafi gocha gara jabinaarratti kan hin hirmaanne Israa’eloonni 7, 000 ta’an jiru turan. (1 Mootota 19:18) Isaan kun, kakuu Yihowaa wajjin galan amanamummaadhaan eeguusaaniitiin ari’atamni isaanirra ga’eera. Fakkeenyaaf, Iizaabel Mootittiin raajota Yihowaa baay’ee ajjeesisteetti. (1 Mootota 18:4, 13) Sabni Israa’el haalli rakkisaan akkasii waan isa mudateef, baay’eensaanii Yihowaas ta’e Ba’aaliin gammachiisuuf jecha waaqeffannaa wal makaa dhiheessaa turan. Haata’u malee, Israa’eloonni Yihowaa dhiisanii waaqa sobaa waaqeffachuunsaanii gantoota ta’uusaanii kan argisiisu ture. Yihowaan, Israa’eloonni yoo isa jaallataniifi isaaf abboomaman akka isaan eebbisu, yoo isa qofa waaqeffachuu didan garuu akka isaan balleessu dubbatee ture.—Keessa Deebii 5:6-10; 28:15, 63.
4. Yesusiifi ergamoonnisaa Kiristiyaanota gidduutti maaltu akka raawwatamu dursanii dubbatanii turan? Kun kan raawwatame akkamitti?
4 Saba Kiristiyaanaa yeroo har’aatti jiran gidduuttis haala wal fakkaatutu argama. Namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhanis, guyyoonni ayyaanaasaanii, amallisaaniifi amantaansaanii wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin kan wal faallessanidha. Akkuma Iizaabel, luboonni Saba Kiristiyaanaas Dhugaa Baatota Yihowaa ari’achuudhaan beekamu. Luboonni kun durii kaasee waraana kan deggaran ta’uusaanii seenaan kan mirkaneessu yeroo ta’u, du’a miseensotasaanii hangana hin jedhamnerra ga’eefis itti gaafatamu. Deggarsi amantiin mootummoota biyya lafaatiif godhu akkasii kun Macaafa Qulqulluu keessatti ejja karaa hafuuraa raawwatamu jedhamee waamameera. (Mul’ata 18:2, 3) Akkasumas, Sabni Kiristiyaanaa ejja luboonnisaanii kallattiidhaan raawwatan utuu arganii callisanii ilaalu. Yesus Kiristosiifi ergamoonnisaa gantummaa guddaan akkasii akka ga’u raajiidhaan dubbataniiru. (Maatewos 13:36-43; Hojii Ergamootaa 20:29, 30; 2 Phexros 2:1, 2) Miseensonni Saba Kiristiyaanaa biliyoona tokkoo ol ta’an dhumnisaanii maal ta’a? Waaqeffattoonni Yihowaa, isaan kanaafis ta’e namoota amantii sobaatiin gowwoomfaman garabiraadhaaf itti gaafatamummaa maalii qabu? Wantoonni ‘Ba’aal waaqni tolfamaan Israa’el keessaa akka balleeffamu’ godhan maal akka ta’an qoruudhaan gaaffiiwwan kanaaf deebii ifa ta’e arganna.—2 Mootota 10:28.
Jaalala Waaqayyo Sabasaa Warra Jal’oota Ta’aniif Qabu
5. Yihowaan sabasaa warra jal’ootaaf jaalala akka qabu kan argisiise akkamitti?
5 Yihowaan namoota isaaf amanamoo hin taane adabuun isa hin gammachiisu. Akkuma Abbaa ijoolleessaa jaallatuu, innis namoonni cubbamoota ta’an qalbii geddaratanii garasaatti akka deebi’an barbaada. (Hisqi’el 18:32; 2 Phexros 3:9) Bara Ahaabiifi Iizaabelitti, Ba’aaliin waaqeffachuun balaa akkamii akka geessisu sabasaa akeekkachiisuuf raajota baay’ee garasaaniitti erguunsaa jaalalasaa argisiisa. Raajota kana keessaa inni tokko Eliyaasidha. Akkuma dursee dubbatametti, beelli badiisa guddaa geessise biyya Israa’elirra ga’ee kan ture yeroo ta’u, Eliyaasis, Ahaab Mootichi Israa’elootaafi raajota Ba’aal Tulluu Qarmelosirratti akka walitti isaaf qabu itti hime.—1 Mootota 18:1, 19.
6, 7. (a) Eliyaas gantummaan Israa’el keessatti akka babal’atuuf wanta sababii guddaa ta’e kan ibse akkamitti? (b) Raajonni Ba’aal maal godhan? (c) Eliyaasoo maal godhe?
6 Walga’ichi kan godhame iddoo Yihowaadhaaf aarsaan itti dhihaatutti yeroo ta’u, iddoon kunis “diigamee ture.” Kun kan ta’es, Iizaabeliin gammachiisuuf jecha ta’uu hin ooluu. (1 Mootota 18:30) Kan nama gaddisiisummoo, Israa’eloonni achitti argaman bokkaa baay’ee barbaachisaa ta’e kan roobsu Yihowaafi Ba’aal keessaa eenyu akka ta’e mirkanaa’oo hin turre. Namoonni Ba’aaliin bakka bu’anii walga’icharratti argaman raajota 450 yeroo ta’an, raajiin Yihowaa bakka bu’uudhaan walga’icharratti argame garuu Eliyaas qofa ture. Eliyaasis rakkoo guddaa isaan qaban caqasuudhaan: “Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta’a?” jechuudhaan sabicha gaafate. Itti fufee akkas jechuudhaanis dhimma kana caalaatti ifa godhe: “Gooftichi Israa’el Waaqayyoo dha yoo ta’e, isa duukaa bu’aa! Yookiis Ba’aaltu Waaqayyoo dha yoo ta’e, isa duukaa bu’aa!” Eliyaas Israa’eloonni murtoo gochuu dadhaban Yihowaa qofa akka waaqeffatan kakaasuuf jecha, qorumsa Waaqni dhugaa eenyu akka ta’e argisiisu isaaniif dhiheesse. Tuntunoonni lama erga qalamanii booda inni tokko Yihowaadhaaf inni kaanimmoo Ba’aaliif aarsaa ta’ee dhihaata. Waaqni inni dhugaa aarsaa isaaf dhihaate ibiddaan nyaata. Raajonni Ba’aal aarsaasaanii erga dhiheessanii booda, sa’aatii dheeraadhaaf “Yaa Ba’aal deebii nuuf kenni!” jedhanii waamaa oolan. Yeroo Eliyaas isaanitti ga’isu hanga dhiignisaanii lola’utti qaamasaanii murmuraa, akkasumas hanga laagaansaanii baqaqutti caraanaa oolan. Haata’u malee deebii tokkoyyuu hin arganne.—1 Mootota 18:21, 26-29.
7 Ammammoo dabareen kan Eliyaasidha. Jalqaba iddoo aarsaa Yihowaa isa diigamee ture erga ijaaree booda, foon tuntunichaa buusaa buusaasaatti kukkutee iddoo aarsaarra kaa’e. Itti aansuudhaanis, bishaan okkotee afur iddoo aarsicharratti akka naqan isaan ajaje. Boolli naannoo iddoo aarsichaatti argamu hanga bishaaniin guutamutti al sadii iddoo aarsichaatti bishaan naqan. Dhumarrattis, Eliyaas akkas jechuudhaan kadhannaa dhiheesse: “Yaa Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam, kan Yisihaq, kan Yaaqoobis ati Waaqayyo isa kan Israa’el akka taate, ani garbicha kee akkan ta’e, wanta kana hundumaas abboommii keetiin akkan godhe har’a akka beekamu godhi! Jarri kun ati Waaqayyo gooftaa akka taate, yaada isaanii gara ofii keetti deebisuuf akka jirtu akka beekanitti anaaf dhaga’i! Yaa Waaqayyo, anaaf dhaga’i!”—1 Mootota 18:30-37.
8. Waaqayyo kadhannaa Eliyaasiif deebii akkamii kenne? Eliyaas raajich tarkaanfii akkamii fudhate?
8 Waaqni inni dhugaa ibiddi waaqarraa bu’ee aarsichas ta’e iddoo aarsichaa akka gubu gochuudhaan deebii kenne. Ibiddichi bishaan boolla sana keessa jiru arraabee gogse! Wanti kun Israa’elootarratti dhiibbaa akkamii akka geessisu mee yaadi. “Adda isaaniitiin gombifamanii sagalee guddaadhaan, ‘Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!’ jedhan.” Yeroo kanatti Eliyaas tarkaanfii murteessaa ta’e garabiraa fudhachuudhaan Israa’eloota akkas jedhee ajaje: “Raajota Ba’aal qabaa! Isaan keessaa namni tokko illee akka ba’u hin godhinaa!” Raajonni Ba’aal 450ni qarqara tulluu Qarmelositti ajjeefaman.—1 Mootota 18:38-40.
9. Waaqeffattoonni dhugaa ammas deebi’anii qorumsaaf kan saaxilaman akkamitti?
9 Yihowaanis waggaa sadiif walakkaa booda, guyyaa hin irraanfatamne kanatti, yeroo jalqabaatiif bokkaan akka roobu godhe. (Yaaqoob 5:17, 18) Israa’eloonni gara manasaaniitti yeroo deebi’an maal dubbachaa akka deebi’an tilmaamuu ni dandeessa; Yihowaan Waaqa dhugaa ta’uusaa mirkaneesseera. Haata’u malee, waaqeffattoonni Ba’aal ammayyuu abdii hin kunne. Iizaabel raajota Waaqayyoorra ari’atama geessisuushee itti fufte. (1 Mootota 19:1, 2; 21:11-16) Kanaan kan ka’es, amanamummaan saba Waaqayyoo deebi’ee qorumsaaf saaxilame. Yeroo Waaqayyo waaqeffattoota Ba’aalirratti tarkaanfii fudhatutti, Yihowaa qofa utuu waaqeffatanii argamu ta’innaa?
Ammuma Tarkaanfii Murteessaa Ta’e Fudhadhaa
10. (a) Kiristiyaanonni dibamoon yeroo keenyatti argaman hojii akkamii raawwataniiru? (b) Abboommii Mul’ata 18:4rratti argamuuf ajajamuu jechuun maal jechuudha?
10 Kiristiyaanonni dibamoon yeroo keenyatti argamanis, hojii Eliyaas hojjetee wajjin wal fakkaatu hojjetaniiru. Lallabasaaniitiinis ta’e barreeffamootasaaniitiin, namoota Saba Kiristiyaanaa keessattiifi isheedhaan alatti argaman hundaatti balaa amantiin sobaa geessisu himuudhaan akeekkachiisaniiru. Kanaan kan ka’es, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman amantii sobaa ta’uu dhiisuudhaan tarkaanfii murteessaa ta’e fudhataniiru. Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamuudhaanis bartoota Yesus ta’aniiru. Eeyyee, akeekkachiisa Waaqayyo amantii sobaa ilaalchisee akkas jechuudhaan kenne dhaga’anii tarkaanfii fudhataniiru: “Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, dha’icha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa ba’aa!”—Mul’ata 18:4.
11. Yihowaa biratti fudhatama argachuuf maal gochuu barbaachisa?
11 Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman garabiraanimmoo, barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’an kan isaan gammachiisan ta’us, tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qaban mirkanaa’oo miti. Isaan kana keessaa warri tokko tokko Ayyaana Yaadannoorratti yookiin walga’iiwwan gurguddaa tokko tokkorratti darbee darbee ni argamu. Namoonni akkasii kun hundi jecha Eliyaas: “Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta’a?” jechuudhaan gaafate akka qalbeeffatan isaan akeekkachiisna. (1 Mootota 18:21) Namoonni kun har’a bor jechuu mannaa ammuma tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuudhaan of murteessuufi tajaajiltoota Yihowaa warra cuuphaman ta’uuf carraaqqii gochuu qabu. Abdiin isaan jireenya bara baraa argachuuf qaban balaadhaaf saaxilameera!—2 Tasaloniiqee 1:6-9.
12. Kiristiyaanonni cuuphaman tokko tokko haala rakkisaa akkamii keessatti argamu? Maal gochuu qabu?
12 Kiristiyaanonni cuuphaman tokko tokko yeroo hundaa gumiirratti kan hin argamne ta’uunsaaniifi Waaqeffannaasaanii dhaabuunsaanii baay’ee nama gaddisiisa. (Ibroota 10:23-25; 13:15, 16) Warri kaanimmoo, ari’atama sodaachuudhaan, dhiphina bu’aa ba’ii jireenyaatiin, sooromuuf carraaqqii gochuudhaan, yookiin fedhii ofittummaatiin hinaaffaan qaban qabbanaa’eera. Yesus wantoonni kun duuka buutotasaa keessaa warra tokko tokkotti gufuufi kiyyoo akka itti ta’an, akkasumas akka isaan hudhuu danda’an akeekkachiisee ture. (Maatewos 10:28-33; 13:20-22; Luqaas 12:22-31; 21:34-36) Namoonnii akkasii kun ‘yaada walaallammii’ qabaachuu mannaa, waadaa yeroo Waaqayyoof of murteessanitti galanii wajjin haala wal simuun jiraachuuf, tarkaanfii murteessaa fudhachuudhaan ‘dhimmanii yaada garaasaanii geddarachuu’ qabu.—Mul’ata 3:15-19.
Badiisa Akka Tasaa Amantii Sobaarra Ga’u
13. Yeroo Yehuun mootii ta’ee muudametti haala Israa’el keessa ture ibsi.
13 Gaaffiin Waaqni dhugaa eenyu jedhu tulluu Qarmelosirratti erga deebii argatee waggaa 18 booda, wanti Israa’el keessatti raawwatame ilmaan namootaa ammumaa tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliif akka ta’e caalaatti nu hubachiisa. Bara bakka bu’aa Eliyaas kan ture Elsaa’i tajaajilaa turetti, guyyaan Yihowaan waaqeffannaa Ba’aalirratti tarkaanfii itti fudhatu akka tasaatti ga’e. Yeroo sanatti Israa’eliin bulchaa kan ture ilma Ahaab mootichaa Yoraam yeroo ta’u, haatisaa Iizaabel mootittiinis lubbuudhaan turte. Elsaa’i, ajajaa waraanaa Israa’el kan ture Yehuu mootii godhee akka dibuuf hojjetaasaa dhoksaadhaan erge. Yeroo sanatti, Yehuun biyya Raamoot Giil’aad isa karaa Yordaanos bahaatti argamutti diinota Israa’el waraanaa ture. Yoraam mootichimmoo, madaa dirree waraanaarratti isarra ga’erraa fayyuuf gara dirree naannoo Megidootti argamtu gara Yizre’el dhaqee ture.—2 Mootota 8:29–9:4.
14, 15. Yehuudhaaf hojii akkamiitu kennameefii ture? Innoo tarkaanfii akkamii fudhate?
14 Abboommiin Yihowaan Yehuudhaaf kenne kan akkas jedhu ture: “Ani immoo dhiiga garboota koo warra raajotaa fi dhiiga garboota koo warra kaanii hundumaafis Iizaabel irratti ijaa akkan baafadhutti ati mana gooftaa kee Ahaab in rukutta. Manni Ahaab guutummaatti in bada; . . . Naannoo mandara Yizre’elitti saroonni Iizaabelin in nyaatu, namni tokko illees ishee hin awwaalu.”—2 Mootota 9:7-10.
15 Yehuun nama atattamaan tarkaanfii fudhatu ture. Yeruma sana konkolaataasaarra taa’ee gara Yizre’elitti qajeele. Namichi inni eegduun akkaataa Yehuun konkolaataa itti oofuun waan isa bareef, Yoraam mootichatti hime; yeroo kanatti, Yoraam mootichi Yehuu isa ajajaa waraanaa wajjin wal arguuf konkolaataasaarra taa’ee gara Yehuutti adeeme. Yeroo wal arganittis Yoraam, “Yehuu! Yaada nagaatiif dhufte moo?” jedhee isa gaafate. Yehuunis: “Ejjuunii fi qoricha namatti gochuun inni haati kee Iizaabel, jalqabde baay’achaa utuu jiruu nagaa maaliitu jira?” jedhee deebiseef. Achiis, Yoraam baqachuufillee utuu yeroo hin argatin Yehuun iddaasaa harkisee xiyyasaa itti gadhiisuudhaan onneesaa keessa baasee isa ajjeese.—2 Mootota 9:20-24.
16. (a) Xu’aashota Iizaabel haala tasaa akkamiitu isaan mudate? (b) Wanti Yihowaan Iizaabeliin ilaachisee dubbate raawwiisaa kan argate akkamitti?
16 Yehuun utuu baay’ee hin turin konkolaataasaatiin gara magaalaa dhaqe. Iizaabelis of kuultee gara foddaatti as ba’uudhaan yeroo Yehuun dhufu dheekkamsaan isa simatte. Yehuun garuu isheedhaaf deebii kennuu mannaa, “Eenyumatu na gargaara laata? Eenyuma ree?” jechuudhaan gargaarsa gaafate. Yeroo kanatti, tajaajiltoonni Iizaabel tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuutu isaanirraa eegama ture. Xu’aashonni lama yookiin sadii karaa foddaa achii as ba’an. Battaluma sanatti haalli amanamummaasaanii qoru isaan mudate. Yehuun “Gad ishee darbadhaa!” jedhee ajaje. Xu’aashonni sunis kan gad ishee darbatan yeroo ta’u, isheenis fardeeniifi konkolaataa Yehuutiin dhidhiitamte. Karaa kanaanis, dubartiin Israa’el keessatti waaqeffannaan Ba’aal akka hundaa’u goote kan hojii harkashee argatte. Akkuma dursee dubbatametti, reeffisheellee utuu argamee hin awwaalamin saroonni foonshee nyaatan.—2 Mootota 9:30-37.
17. Tarkaanfiin Waaqayyo Iizaabelirratti fudhate, gara fuulduraattis eenyurratti tarkaanfii fudhata jennee akka amannu nu gargaaruu qaba?
17 Ejjitu “Baabilon Guddittii” jedhamtee waamamturras haala suukanneessaa wal fakkaatutu ga’a. Ejjituun kun amantii sobaa addunyaa Seexanaa keessatti argamaniifi Baabilon ishee duriirraa dhufan kan argisiistudha. Amantiin sobaa erga badee booda, Yihowaan xiyyeeffannaasaa gara namoota kutaa addunyaa Seexanaa kana ta’anitti deebisa. Isaan kanas addunyaa qajeelummaan keessatti dagaage fiduuf jecha ni balleessa.—Mul’ata 17:3-6; 19:19-21; 21:1-4.
18. Iizaabel erga duutee booda Waaqeffattoota Ba’aal warra Israa’el keessa turanirra maaltu ga’e?
18 Iizaabel erga duutee booda Yehuu mootichi utuu yeroo hin balleessin sanyii Ahaabiifi deggertootasaa hundaa balleesse. (2 Mootota 10:11) Ta’us, Israa’eloonni waaqeffattoota Ba’aal ta’an baay’een biyyicha keesatti hafanii turan. Yehuun namoota kanarrattis tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuudhaan ‘hinaaffaa Waaqayyoof qabu’ argisiiseera. (2 Mootota 10:16) Mootichi kun waaqeffataa Ba’aal of fakkeessuudhaan galma Ahaab biyya Samaariyaatti Ba’aaliif ijaaree keessatti cidha guddaa qopheesse. Waaqeffattoonni Ba’aal Israa’el keessa jiraatan hundis ayyaanicharratti argaman. Erga isaan galmicha keessa lixanii boodas, namoonni Yehuu hundasaanii ajjeesan. Macaafni Qulqulluun wanta ga’e akkas jedhee ibsuudhaan xumura: “Yehuun akkasitti Ba’aal Waaqayyo tolfamaa Israa’el keessaa in balleesse.”—2 Mootota 10:18-28.
19. Waaqeffattoota Yihowaa warra “tuuta sonaan baay’ee” ta’an abdii gammachiisaa akkamiitu isaan eega?
19 Waaqeffannaan Ba’aal Israa’el keessaa ni balleeffame. Amantiin sobaa addunyaa maratti argamus haala suukanneessaa akkasiitiin utuu hin yaadamin balleeffama. Guyyaa firdii guddaa kanatti eenyu cina dhaabatta? Ammumaa tarkaanfii murteessaa ta’e yoo fudhatte, “tuuta sonaan baay’ee” “rakkina guddaa keessaa” ba’an gidduudhaa tokko ta’uu ni dandeessa. Achiis, badiisa isheerra ga’e gammachuudhaan yaadachaa, “ejjituu guddittii ishee halalummaa isheetiin biyya lafaa balleessite sanatti” waan faradeef Waaqayyoon jajuu ni dandeessa. Waaqeffattoota dhugaa warra kaanii wajjin tokko ta’uudhaan, sagalee guddaa waaqa keessaa “Haaleluyaa! Fayyinni, guddinni, aangoon kan Waaqayyo keenyaa ti!” jedhuu wajjin walii galuu dandeessa.—Mul’ata 7:9, 10, 14; 19:1, 2, 6.
Gaaffiiwwan Irratti Xiinxaluuf Nu Gargaaran
• Israa’el isheen durii waaqeffannaa Ba’aalirratti hirmaachuu kan dandeesse akkamitti?
• Macaafni Qulqulluun gantummaan akkamii akka dhufu dursee dubbatee ture? Raajiin kun raawwiisaa kan argate akkamitti?
• Yehuun waaqeffannaa Ba’aal kan balleesse akkamitti?
• Guyyaa firdii Waaqayyoorraa ooluuf maal gochuu qabna?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]