Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Keenya Qajeelummaatti Hidhuun Keenya Eegumsa Nuuf Argamsiisa

Yaada Keenya Qajeelummaatti Hidhuun Keenya Eegumsa Nuuf Argamsiisa

Yaada Keenya Qajeelummaatti Hidhuun Keenya Eegumsa Nuuf Argamsiisa

“Duraan dursitanii yaada keessan . . . qajeelummaa isaa [Waaqayyoo] barbaaduutti hidhaa!”Maatewos 6:33.

1, 2. Obboleettiin tokko maal murteessite? Maaliifi?

 OBBOLEETTIIN biyya Eeshiyaatti argamtu tokko waajjira mootummaa keessatti barreessituu taatee hojjetti turte. Hojiishee sirriitti kan hojjettu yeroo ta’u, sa’aatii itti hojiin jalqabamu duras hojiisheerratti argamti turte; sa’aatii hojiittis asiif achi hin adeemtu. Haata’u malee, hojjetaa dhaabbataa waan hin turreef hojiinshee ni gamaaggamama ture. Hoogganaanshee, isaa wajjin saalqunnamtii yoo raawwatte hojjetaa dhaabbataa akka taatuufi itti gaafatamummaas akka argattu isheetti hime. Kana gochuu diduunshee hojii kan ishee dhabsiisu yoo ta’ellee, matumaa wanta kana akka hin raawwanne itti himte.

2 Kan gochuunshee dogoggora turee? Matumaa! Wanta Yesus: “Duraan dursitanii yaada keessan . . . qajeelummaa [Waaqayyoo] barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan dubbate sirriitti hordofteetti. (Maatewos 6:33) Seeraan ala saalqunnamtii raawwachuudhaan bu’aa argachuu mannaa, seerawwan qajeelummaarratti hundaa’an hordofuun isheedhaaf waan guddaa ture.—1 Qorontos 6:18.

Qajeelummaan Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?

3. Qajeelummaa jechuun maal jechuudha?

3 “Qajeelummaan” seerawwan amalaa cimsanii eeguu kan argisiisudha. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi afaan Giriikiitiinis ta’e afaan Ibrootaatiin qajeelummaa jedhu yaada “sirrii” ykn “qajeelaa” jedhu kan dabarsudha. Kana jechuun garuu ulaagaa ofii baasuudhaan akka qajeelaatti of ilaaluu jechuu miti. (Luqaas 16:15) Kanaa mannaa seera Yihowaan qajeelummaadhaaf baase eeguu kan argisiisudha. Jechi kun qajeelummaa Waaqayyoos kan argisiisudha.—Roomaa 1:17; 3:21.

4. Kiristiyaana tokkoof qajeelummaan barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

4 Qajeelummaan barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Yihowaan ‘Waaqa qajeelaa’ waan ta’eefi sabasaa kan eebbisu yeroo isaan wanta qajeelaa raawwatan waan ta’eefidha. (Isaayaas 45:21; Fakkeenya 2:20-22; Anbaaqom 1:13) Namni jal’ina hojjetu kamiyyuu, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu hin danda’u. (Fakkeenya 15:8) Phaawulos, Ximotewos ‘kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaaturraa baqachuudhaan qajeelina duukaa akka bu’uufi’ amalawwan barbaachisan garabiraa akka horatu kan isa gorses kanaaf ture. (2 Ximotewos 2:22) Phaawulos waa’ee mi’a lolaa hafuuraa adda addaa yeroo ibsetti, waa’ee ‘qajeelummaa maddaa sibiilaa’ kan dubbates kanumaaf ture.—Efesoon 6:14

5. Namoonni gonkummaa hin qabne yaadasaanii qajeelummaa barbaaduutti hidhuu kan danda’an akkamitti?

5 Dhugaadha, eenyuyyuu guutummaatti qajeelaa ta’uu hin danda’u. Addaamirraa mudaa waan dhaalleef, hundi keenya uumamaan cubbamootaafi qajeelummaa kan hin qabnedha. Ta’uyyuu, Yesus duraan dursinee yaada keenya qajeelummaa barbaaduutti hidhuu akka qabnu nu gorseera. Kun akkamitti danda’ama? Yesus lubbuusaa isa gonkummaa qabu aarsaa godhee waan nuu kenneef, aarsaa sanatti yoo amanne Yihowaan cubbuu keenya nuu dhiisa. (Maatewos 20:28; Yohannis 3:16; Roomaa 5:8, 9, 12, 18) Kanaaf, seerawwan Yihowaan qajeelummaadhaaf baase yoo baranne, isaaniinis hojiirra oolchuudhaaf hanga dandeenyu carraaqqii yoo gooneefi dadhabbii keenya mo’uuf gargaarsasaa yoo kadhanne, Yihowaan waaqeffannaa keenyatti ni gammada. (Faarfannaa 1:6; Roomaa 7:19-25; Mul’ata 7:9, 14) Kana beekuun kan nama jajjabeessu mitii?

Biyya Lafaa Qajeelaa Hin Taane Keessatti Qajeelummaa Argisiisuu

6. Biyyi lafaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif rakkisaa kan ture maaliifi?

6 Abboommiin Yesus “hamma andaara lafaatti” dhugaa baatuukoo taatu jechuudhaan bartootasaatti hime haalli rakkisaan akka isaan eegu kan argisiisu ture. (Hojii Ergamootaa 1:8) Naannoon tajaajilaasaanii hundi “harka isa hamaa,” jechuunis Seexana jala jira ture. (1 Yohannis 5:19) Biyyi lafaa hafuura hamaadhaan waan guutamee tureef, Kiristiyaanonni dhiibbaa gadhee kanaaf saaxilamuunsaanii hin oolle. (Efesoon 2:2) Biyyi lafaa isaaniif bakka rakkisaa ture. Amanamummaasaanii eeganii jiraachuu kan danda’an duraan dursanii yaadasaanii qajeelummaa Waaqayyootti yoo hidhan qofadha. Isaan keessaa baay’eensaanii kana gochuu kan danda’an ta’us, muraasnisaanii garuu ‘karaa qajeelummaarraa’ goraniiru.—Fakkeenya 12:28; 2 Ximotewos 4:10.

7. Kiristiyaanni tokko dhiibbaa biyya lafaarraa fagaachuuf maal gochuu qaba?

7 Biyyi lafaa Kiristiyaanota yeroo ammaatti argamaniif bakka gaariidhaa? Matumaa! Yeroo ammaatti biyyi lafaa jaarraa jalqabaa caalaatti manca’eera. Kana malees, Seexanni gara biyya lafaatti waan darbatameef Kiristiyaanota dibamoo jechuunis,‘sanyii [dubartittii] warra kaanitti, warra abboommii Waaqayyoo eegan, isa Yesus dhugaa ba’etti jabaatanirrattis’ waraana baneera. (Mul’ata 12:12, 17) Seexanni warra “sanyii” sana deggeran hundarrattis miidhaa geessisuu barbaada. Ta’us, Kiristiyaanonni biyya lafaarraa eessayyuu dhaquu hin danda’an. Kan biyya lafaa ta’uu baatanillee, isuma keessa jiraatu. (Yohannis 17:15, 16) Kiristiyaanonni namoota jireenya bara baraatiif qophaa’an argachuufi bartoota Yesus akka ta’an isaan barsiisuuf, biyya lafaa kana keessatti lallabuu qabu. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Kanaaf, Kiristiyaanonni dhiibbaa biyya lafaa kana balleessuu yoo baatanillee, dhiibbaan kun akka isaanirra hin geenye mormuu qabu. Mee amma dhiibbaawwan kana keessa arfansaanii haa ilaallu.

Balaa Amalli Addaggummaa Geessisu

8. Israa’eloonni waaqolii Mo’aabotaa waaqeffachuu kan jalqaban maaliif ture?

8 Israa’eloonni hedduun adeemsasaanii isa lafa onaa waggaa 40 xumuruu yeroo ga’anitti karaa qajeelummaarraa jal’atanii turan. Yihowaan birmaduu isaan baasuuf wanta isaaniif godhe hundumaa arguusaaniirrayyuu, Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf yeroo muraasatu isaan hafa ture. Haata’u malee, yeroo murteessaa ta’e kanatti waaqolii Mo’aabotaa waaqeffachuu jalqaban. Maaliif? ‘Hawwii fooniitti’ waan qabamaniifidha. (1 Yohannis 2:16) Macaafni Qulqulluun: “Isaan keessaa jarri tokko dubartoota Mo’aabii wajjin ejjuutti in ka’an” jedha.—Lakkoobsa 25:1.

9, 10. Hawwiin foonii dogoggora ta’e ejjennoo keenya balleessuu akka danda’u yeroo hundaa yaadachuun keenya barbaachisaa ta’uusaa wantoonni argisiisan maalfa’i?

9 Seenaan kun hawwiin foonii dogoggora ta’e namoota of eeggannoo hin goone mancaasuu akka danda’u argisiisa. Keessumaa yeroo amalli addaggummaa akka waan sirrii ta’eetti ilaalamu kanatti, seenaa kanarraa barumsa argachuu qabna. (1 Qorontos 10:6, 8) Gabaasni Yuunaayitid Isteets keessaa argame tokko akkas jedha: “Bara 1970 dura biyyoota Ameerikaa hundaatti utuu wal hin fuudhin waliin jiraachuun akka seeraan alaatti ilaalama ture. Amma garuu waan baramedha. Namoota wal fuudhan keessaa harki walakkaa ol seeraan utuu wal hin fuudhin dura waliin jiraachaa kan turanidha.” Gochi kunis ta’e hojiin amala addaggummaa garabiraan biyya tokko qofatti kan baraman miti. Wantoonni kun addunyaa maratti kan baraman ta’uusaaniirrayyuu, Kiristiyaanonni tokko tokko daandii biyya lafaa kana hordofuusaaniitiin gumii Kiristiyaanaa keessaa baafamaniiru.—1 Qorontos 5:11.

10 Akkasumas, amalli addaggummaa idduma hundaatti babal’ateera. Viidiyoowwaniifi sagantaan televijiinii dargaggoonni gaa’ela dura saalqunnamtii gochuunsaanii sirrii ta’uusaa dubbatu. Namoonni saala wal fakkaatu qaban saalqunnamtii gochuunsaanii fudhatama argachaa dhufeera. Fiilmiiwwan yeroo saalqunnamtiin ifatti raawwatamu argisiisan babal’ataniiru. Intarneetiirraas fakkiiwwan saalqunnamtii argisiisan salphaadhumatti argachuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, namni gaazexaa qopheessu tokko ilmisaa umuriinsaa waggaa torba ta’e tokko, mana barumsaatii yeroo galu hiriyoonnisaa Intarneetii banuudhaan dubartoonni qullaasaanii yeroo saalqunnamtii raawwatan arguusaa itti hime. Abbaansaa kana yeroo dhaga’e baay’ee na’e; haata’u malee, ijoolleen wanta akkasii akka ilaalan warrasaaniitti himan hammam ta’u? Warri haasawaan viidiyoo ijoolleensaanii taphatan maal maal akka qabu beekan hangamsaaniiti? Taphawwan hedduun, amala addaggummaa, hafuura xuraa’ummaafi hammeenya kan babal’isanidha.

11. Maatiin tokko addaggummaa amalaa biyya lafaarraa fagaachuu kan danda’u akkamitti?

11 Maatiin tokko “bashannana” gadhee akkasiirraa fagaachuu kan danda’u akkamitti? Duraan dursinee yaada keenya qajeelummaa Waaqayyootti hidhuudhaan wanta dogoggora ta’e hundumaarraa fagaachuu dandeenya. (2 Qorontos 6:14; Efesoon 5:3) Warri sochiiwwan ijoolleesaanii to’ataniifi ijoolleesaaniis ta’e ofiisaanii jaalala Yihowaafi seerasaa isa qajeelaa barsiisan, ijoolleensaanii fakkiiwwaniifi taphawwan viidiyoo saalqunnamtii argisiisaniifi qorumsa kan biraatiif akka hin mo’amne isaan gargaaru.—Keessa Deebii 6:4-9. a

Dhiibbaa Karaa Hawaasummaatiin Ga’u

12. Jaarraa jalqabaatti rakkina akkamiitu uumamee ture?

12 Phaawulos yeroo Lisxiraa ishee biyya Eeshiyaa xinnoo keessa turetti, dinqii raawwachuudhaan nama dhukkubsate tokko fayyiseera. Seenaansaa akkas jedha: “Namoonni baay’atanii achi turan waan Phaawulos hojjete yommuu argan, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaa’oniyaatiin, ‘Waaqayyoliin namoota fakkaatanii gara keenyatti gad bu’aniiru’ jedhanii dubbatan. Baarnaabaasin ‘Ze’os’ jedhan, Phaawulosin immoo kan dubbate isa waan tureef, akka ergamaa waaqayyolii isaaniitti ‘Hermees’ jedhanii moggaasan.” (Hojii Ergamootaa 14:11, 12) Xinnuma turanii namootumti kun Phaawulosiifi Baarnaabaasin ajjeesuu barbaadan. (Hojii Ergamootaa 14:19) Kanarraa ifatti ilaaluun akka danda’amutti namoonni kun dhiibbaa hawaasa naannoosaaniitiin mo’amanii turan. Namoota naannoo kana turan keessaa warri tokko tokko erga Kiristiyaanota ta’anii boodas ilaalcha amantii sobaa qabaachuu hin oolu. Phaawulos xalayaa Kiristiyaanota Qolosaayisiif barreesserratti ‘ergamoota waaqarraa waaqeffachuurraa’ akka fagaatan isaan akeekkachiisee ture.—Qolosiyaas 2:18.

13. Duudhaawwan Kiristiyaanni tokko irraa fagaachuu qabu tokko tokko maalfa’i? Jabina kana gochuuf isa dandeessisu eessaa argachuu danda’a?

13 Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argamanis, duudhaawwan amantii sobaarratti hundaa’aniifi namoota hedduu biratti fudhatama argatanirraa, akkasumas seera Kiristiyaanotaaf kenname cabsuurraa fagaachuu qabu. Fakkeenyaaf, biyyoota tokko tokkotti ayyaanonni yeroo dhalootaattis ta’e yeroo du’aatti kabajaman baay’eensaanii, barumsa sobaa du’a booda lubbuun jiraachuushee itti fufti jedhurratti kan hundaa’edha. (Lallaba 9:5, 10) Biyyoottan tokko tokkotti ijoollee durbaa dhagna qabuun beekamaadha. Kun, gocha gara jabinaafi hojii gadhee warri ijoolleesaaniirratti raawwachuu hin qabnedha. (Keessa Deebii 6:6, 7; Efesoon 6:4) Kiristiyaanonni dhiibbaa hawaasummaa mo’uudhaan gocha akkasiirraa fagaachuu kan danda’an akkamitti? Guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan kana gochuu danda’u. (Faarfannaa 31:6) Waaqayyo qajeelaa waan ta’eef, namoota garaa guutuudhaan akkas jechuudhaan isa kadhatan ni jajjabeessa akkasumas wanta isaan barbaachisu isaanii dhiheessa: “Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha.”—Faarfannaa 91:2; Fakkeenya 29:25.

Yihowaa Hin Irraanfatinaa

14. Yihowaan Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii yeroo muraasa dura akeekkachiisa akkamii isaanii kenne?

14 Israa’eloonni gara Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii yeroo muraasa dura, Yihowaan akka isa hin irraanfanne akkas jechuudhaan isaan akeekkachiisee ture: “Egaa ati abboommii isaa, wanta qajeelaa ta’e, seerrata isaas warra ani har’a si abboomu eeguu dhiisuudhaan, Waaqayyoon gooftaa kee akka hin irraanfannetti of eeggadhu! Kanaa achi ati yeroo nyaattee quuftu, manneen gaggaariis ijaarrattee yeroo keessa jiraattu, saawwan kee fi bushaayeen kee yeroo wal horan, meetiin kee fi warqeen kee yeroo baay’atu, wanti ati qabdu hundinuus yeroo guddatu, yommus ati garaa keetti ol of qabuu in jalqabda, Waaqayyoon gooftaa kee . . . in irraanfatta.” (Keessa Deebii 8:11-14)

15. Yihowaa akka hin irraanfanne akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

15 Yeroo ammaattoo dogoggorri wal fakkaatu hojjetamuu danda’aa? Eeyyee, wantoota dursi kennamuufii hin qabneef dursa kan laannu yoo ta’e uumamuu danda’a. Duraan dursinee yaada keenya qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduutti yoo hiine garuu, hundumaa dura waaqeffannaa dhugaatiif dursa laanna. Akkuma Phaawulos nu jajjabeessettis, ‘yeroo nuu kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan’ miira ariitiitiin tajaajila keenya raawwanna. (Qolosaayis 4:5; 2 Ximotewos 4:2) Haata’u malee, gumiirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu caalaa bashannana ykn yeroo gaarii dabarsuuf dursa kan laannu yoo ta’e, isaaf sadarkaa lammaffaa laachuudhaan Yihowaa irraanfachuu dandeenya. Phaawulos guyyoota gara dhumaatti namoonni “Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru” jedheera. (2 Ximotewos 3:4) Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban ilaalchi akkasii akka isaanirratti dhiibbaa hin gooneef yeroo hundumaa of qoru qabu.—2 Qorontos 13:5.

Yaada Ofiitiin Geggeeffamuurraa Of Eegaa

16. Hewwaaniifi obboloonni bara Phaawulos turan tokko tokko dogoggora akkamii hojjettan?

16 Seexanni dhaaba Eeden keessatti, Hewwaan yaada ofiitiin akka gaggeeffamtuuf yaaliin godhe isaaf mijaa’eera. Hewwaan wanta dogoggoraafi sirrii ta’e ofiisheetiin murteeffachuu barbaaddee turte. (Uumama 3:1-6) Jaarraa jalqabaattis, obboloonni gummii Qorontos keessa turan tokko tokko amala yaada ofiitiin geggeeffamuu argisiisanii turan. Phaawulos caalaa beekumsa qabna jedhanii waan yaadaniif innis ergamoota warra hundumaarra caalan jedhee isaan waamuudhaan isaanitti ga’iseera.—2 Qorontos 11:3-5; 1 Ximotewos 6:3-5.

17. Yaada ofiitiin gaggeeffamuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Namoonni yeroo ammaa jiran hedduunis “warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan” waan ta’aniif, Kiristiyaanonni tokko tokkos ilaalcha akkasiitiif saaxilamaniiru. Isaan keessaa tokko tokko dhugaa mormuutti ka’aniiru. (2 Ximotewos 3:4; Filiphisiiyus 3:18) Nuti garuu haala waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabateen, Yihowaan qajeelfama akka nuu kennu kadhachuun keenya, “hojjetaa amanamaafi ogeessa” akkasumas jaarsolii gumii wajjin tokkummaa qabaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Akkas gochuun keenya yaada keenya qajeelummaa barbaaduutti akka hiinu nu gochuusaarrayyuu, yaada ofiitiin geggeeffamuurraa akka fagaannu nu gargaara. (Maatewos 24:45-47; Faarfannaa 25:9, 10; Isaayaas 30:21) Gumiin Kiristiyaanota dibamoo “utubaa fi demdemoo dhugaa ta’ee dha.” Yihowaan gumii kana kan nuu qopheesse, eegumsaafi qajeelfama akka irraa argannuufidha. (1 Ximotewos 3:15) Ga’ee gumiin kun qabu hubachuun keenya, fedha Yihowaa isa qajeelummaarratti hundaa’eef yeroo abboomamnu ‘of dhiibuudhaan waan tokkollee akka hin hojjenne’ nu gargaara.—Filiphisiiyus 2:2-4; Fakkeenya 3:4-6.

Fakkeenya Yesus Hordofaa

18. Karaawwan kam fa’iin fakkeenya Yesus akka hordofnu gorsamneerra?

18 Macaafni Qulqulluun Yesusiin ilaalchisee: “Ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite” jechuudhaan raajii dubbata. (Faarfannaa 45:7; Ibroota 1:9) Kun, fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii? (1 Qorontos 11:1) Yesus seerawwan Yihowaa beekuu qofa utuu hin ta’in seerawwan kana ni jaallata ture. Kanaaf, yeroo Seexanni lafa onaatti isa qore, Yesus ‘karaa qajeelummaarraa’ akka hin jallanne ija jabinaan argisiiseera.—Fakkeenya 8:20; Maatewos 4:3-11.

19, 20. Yaada ofii qajeelummaa barbaaduutti hidhuun bu’aa akkamii argamsiisa?

19 Dhugaadha, fedhiin keenya inni jal’aan nu rakkisuu danda’a. (Roomaa 7:19, 20) Ta’us, qajeelummaadhaaf bakka guddaa laachuun keenya, hamminarraa fagaachuuf nu gargaaruu danda’a. (Faarfannaa 119:165) Jaalalli qajeelummaadhaaf qabnu wanti dogoggora ta’e yeroo nu mudatu eegumsa nuu ta’a. (Fakkeenya 4:4-6) Haala akkamii keessattiyyuu qorumsa nurra ga’uuf harka kennuun keenya Seexanaaf injifannoo argamsiisuu keenya ta’uusaa irraanfachuu hin qabnu! Kanaa mannaa, Seexanaan mormuudhaan Yihowaadhaaf injifannoo argamsiisuun keenya gaarii mitii?— Fakkeenya 27:11; Yaaqoob 4:7, 8.

20 Kiristiyaanonni dhugaan yaadasaanii qajeelummaatti waan hidhaniif: “Ija karaa Yesus Kristos qajeelummaa irraa argamuun guutamanii ulfina Waaqayyoof galata isaatiifis ta’uuf jiru.” (Filiphisiiyus 1:10, 11) “Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame” uffataniiru. (Efesoon 4:24) Isaan kan Yihowaa waan ta’aniif, isa tajaajiluuf jiraatu malee of gammachiisuuf miti. (Roomaa 14:8; 1 Phexros 4:2) Yaadasaaniis ta’e gochisaanii kan to’atu ilaalcha kanadha. Kana gochuunsaanii Abbaasaanii isa samii kan gammachiisu mitii?—Fakkeenya 23:24.

[Miiljalee]

a Kitaabni Maatii Gammachuu Qabu Argachuun Kan Danda’amu Akkamitti? jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e, warri maatiisaanii amala addaggummaarra eeguuf maal gochuu akka danda’an yaada gaarii qabateera.

Ibsuu Ni Dandeessaa?

• Yaada ofii qajeelummaa barbaaduutti hidhuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Kiristiyaanni gonkummaa hin qabne tokko yaadasaa qajeelummaatti hidhuu kan danda’u akkamitti?

• Wantoonni Kiristiyaanni tokko irraa fagaachuu qabu maalfa’i?

• Yaada keenya qajeelummaatti hidhuun keenya eegumsa kan nuuf ta’u akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]