Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obsa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa

Obsa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa

Obsa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa

“Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; . . . obsaan isiniif in danda’a.”2 Phexros 3:9.

1. Yihowaan namootaaf kennaa guddaa akkamii qopheesseera?

 YIHOWAAN wanta eenyuyyuu nuu kennuu hin dandeenye nuu qopheesseera. Wanti kunis baay’ee kan nama gammachiisuufi gati jabeessa waan ta’eef, eenyuyyuu bituu ykn argachuun qaba jechuu hin danda’u. Kennaan kunis jireenya bara baraa yeroo ta’u, innis baay’ee keenyaaf lafa jannata taaturra bara baraan jiraachuuf kan nu dandeessisudha. (Yohannis 3:16) Kennaan kun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Wantoonni gadda nurraan ga’an jechuunis, walitti bu’iinsi, jal’inni, hiyyumni, yakki, dhukkubniifi duuti hin jiraatan. Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti namoonni nagaafi tokkummaadhaan jiraatu. Kana argachuun baay’ee kan nama hawwisiisu mitii?—Isaayaas 9:6, 7; Mul’ata 21:4, 5.

2. Yihowaan hanga ammaatti biyya lafaa Seexanaan qabame utuu hin balleessin kan ture maaliifi?

2 Yihowaanis yeroo itti lafa kana jannata godhu hawwiidhaan eega. Sababiinsaas, inni qajeelummaafi murtoo sirrii waan jaallatuufidha. (Faarfannaa 33:5) Biyyi lafaa seera bu’uuraa inni qajeelummaadhaaf baase jibbu, seera bu’uuraasaa isa qajeelummaarratti hundaa’eef dantaa kan hin qabne, aboosaa fudhachuu kan diduufi sabasaarra ari’atama geessisu ilaaluun isa hin gammachiisu. Haata’u malee, hanga yoonaatti sirna Seexanaa isa hamaa kanarratti tarkaanfii fudhachuu kan dhiise sababii quubsaa waan qabuufidha. Sababiiwwan kun, gaaffiiwwan mirga Yihowaan wanta sirriifi sirrii hin taane murteessuuf qaburratti ka’anii wajjin walitti dhufeenya kan qabanidha. Yihowaan dhimmawwan kanaaf furmaata kennuuf amala baay’ee nama gammachiisuufi namoonni hedduun hin qabne jechuunis obsa argisiiseera.

3. (a) Jechi Macaafa Qulqulluu keessatti “obsa” jedhamee hiikame afaan Ibrootaafi afaan Giriikiitiin hiika akkamii qaba? (b) Amma gaaffiiwwan akkamiitiif deebii barbaanna?

3 Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti jechi afaan Giriikii al sadii “obsa” jedhamee hiikame tokko jira. Innis kallattiidhaan yeroo hiikamu “dheerina hafuuraa” jechuu yeroo ta’u, yeroo baay’ee “danda’uu” al tokkommoo “obsa argisiisuu” jedhamee hiikameera. Jechi afaan Giriikiitiinis ta’e afaan Ibrootaatiin “obsa” jedhame, obsaan danda’uu akkasumas aariitti suuta jechuu kan argisiisudha. Yihowaan obsa argisiisuunsaa kan nu fayyadu akkamitti? Obsa Yihowaafi jabina tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’anirraa barumsa akkamii arganna? Obsisaa daangaa akka qabu akkamitti beekuu dandeenya? Mee dhimmawwan kana haa ilaallu.

Obsa Yihowaa Hubadhaa

4. Phexros obsa Yihowaa ilaalchisee maal jechuudhaan barreesseera?

4 Phexros obsa Yihowaa ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Michoota ko! Guyyaan tokko goofticha biratti akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ta’uu isaa yaadatti qabadhaa! Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa’an miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan isiniif in danda’a.” (2 Phexros 3:8, 9) Yihowaan maaliif akka obse hubachuuf, qabxiiwwan lamaan asirratti ibsaman qalbeeffadhaa.

5. Ilaalchi Yihowaan yeroodhaaf qabu gochasaarratti dhiibbaa kan fidu akkamitti?

5 Tokkoffaa, ilaalchi Yihowaan yeroodhaaf qabu ilaalcha nuti qabnurraa addadha. Inni bara baraan waan jiraatuuf waggaan kumni isaaf guyyaa tokkodha. Yeroon, isa ittisuus ta’e isarratti dhiibbaa gochuu hin danda’u; rakkina uumame hiikuuf garuu hin seesu. Yihowaan ogummaa daangaa hin qabne waan qabuuf, namoota dhimmi kun isaan yaaddessu fayyaduuf jecha yoom tarkaanfii fudhachuu akka qabu sirriitti beeka; hanga yeroon kun ga’uttis obsaan eega. Ta’us, hanga guyyaan firdii ga’utti rakkina tajaajiltootasaarra ga’uuf dantaa hin qabu jennee yaaduu hin qabu. Yihowaan Waaqa jaalalaafi “oo’a” qabeessadha. (Luqaas 1:78; 1 Yohannis 4:8) Gara fuulduraattis rakkoowwan akka jiraatan heyyame guutummaatti balleessuu danda’a.—Faarfannaa 37:10.

6. Waa’ee Waaqayyoo maal jennee yaaduu hin qabnu? Maaliif?

6 Dhugaadha, wanta barbaannu tokko hanga argannutti obsaan eeggachuun salphaa miti. (Fakkeenya 13:12) Kanaafuu, namni tokko wanta jedhe dafee yoo raawwachuu dhiise, warri kaan namni kun wanta sana gochuuf fedhii hin qabu jedhanii yaaduu danda’u. Waaqayyos wanta jedhe raawwachuuf fedhii hin qabu jedhanii yaaduun gowwummaadha. Obsa Waaqayyoo akka seesuutti yoo fudhanne, shakkiitti, abdii kutachuufi karaa hafuuraa laafuutti nu geessuu danda’a. Kana malees Phexros, namoota amantii hin qabneefi ga’istoota ta’aniin gowwoomfamuu akka dandeenyu dursee dubbateera. Ga’istoonni kun akkas jedhu: “Deebi’ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du’anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata.”—2 Phexros 3:4.

7. Obsi Yihowaa namoonni akka qalbii geddaratan barbaaduusaa wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?

7 Barumsi lammaffaan jecha Phexrosirraa argannummoo, Yihowaan kan obse namoonni hundi akka qalbii geddaratan waan barbaaduufidha. Yihowaan namoota ta’e jedhanii hojiisaanii isa gadheerraa deebi’uu didan ni adaba. Haata’u malee, namoonni hamoon du’uunsaanii Yihowaa hin gammachiisu. Kanaa mannaa, namoonni qalbii geddarachuudhaan karaa gadheerraa deebi’anii akka jiraatan barbaada. (Hisqi’el 33:11) Obsa argisiisuudhaan misiraachoon kun guutummaa biyya lafaatti akka lallabamuufi namoonni jireenya akka argatan carraan kan isaaniif banames kanaafi.

8. Waaqayyo walitti dhufeenya saba Israa’elii wajjin qabnuun kan obse akkamitti?

8 Obsi Waaqayyoo, walitti dhufeenya inni saba Israa’elii wajjin qabuunis mul’ateera. Israa’eloonni waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif isaaf abboomamuu yoo didanillee obsaan isaaniif danda’eera. Raajotasaatiin fayyadamee irra deddeebi’uudhaan akkas jedhee isaan akeekkachiisaa ture: “Karaa keessan isa hamaa irraa deebi’aa! Abboommii koo fi seerrata koo isa ani seera godhee abboota keessaniif kennee, karaa hojjetoota koo raajotaa isinitti erge sana eegaa!” Deebiinsaanii maal ture? Kan nama gaddisiisu isaan garuu “amanamuu didan.”—2 Mootota 17:13, 14.

9. Yesus obsa Abbaansaa argisiisee wajjin wal fakkaatu kan argisiise akkamitti?

9 Dhumarrattis Yihowaan Ilmasaa erge. Ilmisaa kunis Yihudoonni Waaqayyoo wajjin akka araaramaniif irra deddeebi’ee isaan kadhateera. Yesus obsa abbaansaa argisiisee wajjin wal fakkaatu argisiiseera. Yeroo xinnoo booda akka ajjeefamu waan beekuuf akkas jechuudhaan gaddaan dubbateera: “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu, warra sitti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu, indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, si’a meeqan ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne.” (Maatewos 23:37) Jechoonni kun nama warra kaanitti faraduuf hawwu keessaa kan ba’an utuu hin ta’in, nama warra kaaniif gaddurraa kan maddanidha. Yesus, akkuma abbaasaa isa samii namoonni qalbii geddaratanii badiisarraa akka oolan barbaada. Namoonni tokko tokko akeekkachiisa Yesus kenne hojiirra oolchuudhaan badiisa Dh.K.B. bara 70 Yerusaalemirra ga’erraa oolaniiru.—Luqaas 21:20-22.

10. Obsi Waaqayyoo karaa kamiin nu fayyade?

10 Dhugumayyuu obsi Waaqayyoo kan nama dinqisiisu mitii? Namoonni hedduun Waaqayyoof abboomamuu didanillee, nuun dabalatee namoonni miliyoonaan lakkaa’aman akka isa beekaniifi abdii fayyinaa akka qabaatan carraa isaanii baneera. Phexros namoota hidhata amantiisaa ta’aniif: “Gooftaan obsaan isiniif danda’uun isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa’adhaa!” jechuudhaan barreesseera. (2 Phexros 3:15) Obsi Yihowaa fayyina akka argannu karaa nuu banuusaatti galateeffachuu hin qabnuu? Guyyaa guyyaadhaan yeroo isa tajaajillu Yihowaan nuuf obsuusaa akka itti fufu kadhachuu hin qabnuu?—Maatewos 6:12.

11. Obsa Yihowaa hubachuun keenya maal akka goonu nu kakaasa?

11 Yihowaan maaliif akka obse hubachuun keenya, fayyina inni fidu obsaan eeguuf nu gargaara; akkasumas abdii kenne raawwachuuf duubatti jedha jennee akka hin yaanne nu gargaara. (Faaruu Ermiyaas 3:26) Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuu keenya kan itti fufnu yoo ta’ellee, yeroo gaariin kadhannaan kun deebii argachuu itti qabu yoom akka ta’e Waaqayyo akka beeku ni amanna. Kana malees, obsa inni argisiise hordofuudhaan walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjinis ta’e namoota isaanii lallabnuu wajjin qabnuun amala kana argisiisuuf yaalii goona. Nutis akkuma Yihowaa, namoonni hundi qalbii geddaratanii akkuma keenya abdii jireenya bara baraa akka argatan malee eenyuyyuu akka badu hin barbaannu.—1 Ximotewos 2:3, 4.

Obsa Raajonni Argisiisan Hubadhaa

12, 13. Isaayaas raajichi, obsa Yaaqoob 5:10⁠rratti ibsamee wajjin wal fakkaatu kan argisiise akkamitti?

12 Waa’ee obsa Yihowaa yeroo barannu amala kana dinqisiifachuufi horachuuf kakaana. Obsa argisiisuun namoota gonkummaa hin qabneef salphaa ta’uu baatus, kana gochuun wanta hin danda’amnedha jennee yaaduu hin qabnu. Kana ilaalchisee tajaajiltoota Waaqayyoo warra bara duriirraa barumsa argachuu dandeenya. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Waa’ee waan hamaa isa namatti dhufu baachuu fi waa’ee obsaan danda’uu immoo obboloota ko, fakkeenya raajota warra maqaa gooftaatiin dubbatanii fudhadhaa!” (Yaaqoob 5:10) Warri kaan rakkoowwan yeroo ammaatti nurra ga’aa jiran mo’anii akka darban beekuun keenya nu jajjabeessa.

13 Fakkeenyaaf, Isaayaas raajichi hojii isaaf kenname raawwachuuf obsuun isa barbaachisee ture. Amala kana horachuun barbaachisaa ta’uusaa Yihowaan akkas jechuudhaan isatti himeera: “Gara saba kanaa dhaqiitii, ‘Dhaga’uu in dhageessa, garuu hin hubattu; ilaaluu in ilaalta, garuu hin argitu!’ jedhiin! Itti fufees immoo, akka hin arginetti, gurra isaatiin akka hin dhageenyetti, yaada garaa isaatiinis akka hin hubannetti, gara koottis akka hin deebinetti, akka hin fayyifamnettis, yaada garaa saba kanaa hadoodchi, gurra isaa cuqqaali, ija isaas dununfachiisi! jedhe.” (Isaayaas 6:9, 10) Namoonni sun kan hin ajajamne yoo ta’anillee, Isaayaas waggoota 46 ta’aniif akeekkachiisa Yihowaa biraa dhufe obsaan isaanitti labseera. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni ergaa kana kan hin fudhanne yoo ta’anillee obsi hojii misiraachoo kana lallabuutti akka jabaannu nu gargaara.

14, 15. Ermiyaas rakkinaafi abdii kutachuu akka mo’u kan isa gargaare maalidha?

14 Raajonni yeroo tajaajilasaanii raawwatan, namoonni ergaa isaan dabarsan fudhachuu diduusaanii qofa utuu hin ta’in, ari’atama isaanirraan ga’anis obsuu qabu turan. Namoonni isa mormaa turan Ermiyaasiin jirmatti hidhanii “mana hidhaa” erga isa galchanii booda boolla bishaaniitti isa darbataniiru. (Ermiyaas 20:2; 37:15; 38:6) Namoonni rakkina kana hundaa isarraan ga’an namoota inni isaan gargaaruu barbaadu ture. Ta’us Ermiyaas isaan hin hadheessine, haaloo ba’uufis yaalii hin goone. Kanaa mannaa, waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif obsaan jabaatee dhaabateera.

15 Ermiyaas namoonni yoo isa ari’ataniifi isatti ga’isanillee ergaa kana himuu hin dhiisne; yeroo ammaattis ergaa kana akka hin himne nu gochuu hin danda’an. Dhugaadha, darbee darbee abdii kutachuu dandeenya ta’a. Ermiyaas akkas jedhee barreessuudhaan abdii kutatee akka ture ibseera: “Yeroo hundumaa sagalee koo ol fuudhee isaanitti nan hima; isaan garuu dubbii kee kanaaf jedhanii na arrabsu anatti in ga’isus.” Haata’u malee, wanta sana booda itti dhaga’ame akkas jechuudhaan ibseera: “Ani garuu, ‘Maqaa Waaqayyoo hin dha’u, maqaa isaatiinis waan tokko illee namatti hin himu.’” Achiihoo maaltu ta’e? Ermiyaas lallabuusaa ni dhaabee? Itti aansuudhaanis akkas jechuudhaan dubbateera: “dubbiin kee lafee koo keessa lixee, garaa koo keessatti akka ibidda boba’uu waan ta’eef, ani isa ittisuu yoon yaale iyyuu homaa hin danda’u.” (Ermiyaas 20:8, 9) Ermiyaas namoota isarratti ga’isaa turanirratti xiyyeeffachuunsaa gammachuu akka isa dhabsiise qalbeeffadhaa. Xiyyeeffannaasaa gara ergaa Yihowaan kennetti yeroo deebise garuu gammachuu argachuu danda’eera. Kana malees, Yihowaan “akka loltuu jabaa fi sodaachisaatti” Ermiyaasii wajjin ta’ee hinaaffaafi ija jabinaan sagalee Waaqayyoo akka labsu isa jajjabeessa ture.—Ermiyaas 20:11.

16. Misiraachoo kana lallabuudhaan gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Ermiyaas hojiisaatti gammadeeraa? Eeyyee! Akkas jechuudhaan Yihowaatti dubbateera: “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ani kan kee ti’o, dubbii kee yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute.” (Ermiyaas 15:16) Ermiyaas Waaqa dhugaa bakka bu’uudhaan sagaleesaa labsuuf mirga argachuusaatti gammadeera. Nutis mirga akkasii argachuu keenyatti gammaduu dandeenya. Kana malees, akkuma ergamoota Waaqayyoo nutis, addunyaa maratti namoonni hedduun ergaa Mootummichaa fudhachuudhaan qalbii geddaratanii daandii jireenya bara baraatti geessurra adeemuu yeroo jalqaban ni gammanna.—Luqaas 15:10.

‘Obsa Iyoob Argisiise’

17, 18. Iyoob obsa kan argisiise karaa kamiini? Bu’aansaahoo maal ture?

17 Yaaqoob waa’ee raajota yeroo dheeraa dura jiraachaa turanii erga caqasee booda, akkas jechuudhaan barreesseera: “Iyoob attam akka obse dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo’a-qabeessas ta’uu isaa in argisiisa.” (Yaaqoob 5:11) Jechi afaan Giriikii asirratti “obsa” jedhamee hiikame, lakkoofsa isa dura jirurratti jecha “obsaan danda’uu” jedhamee hiikamee wajjin tokkodha. Hayyuun tokko garaagarummaa jechoota kana lamaan gidduu jiru ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Jechi jalqabarratti ibsame yeroo namni daba nurratti raawwatu obsuu kan argisiisu yommuu ta’u, jechi booda ibsamemmo rakkinni yeroo namarra ga’u jabaatanii dhaabachuu kan argisiisudha.”

18 Iyoobirra dhiphinni kana hin jedhamne ga’ee ture. Qabeenyasaa dhabeera; ijoolleensaa jalaa du’aniiru; dhukkuba hamaadhaanis qabameera. Akkasumas, Yihowaan si adabaa jira jedhamee yakkameera. Iyoob gadda isatti dhaga’ame utuu hin dhoksin dubbateera; akkasumas Waaqayyoon caalaatti qajeelaa akka ta’e dubbatee ture. (Iyoob 35:2) Ta’us, amantii Waaqayyorratti qabu hin dhabne; amanamaa ta’uusaas hin dhiisne. Akka Seexanni Waaqayyoon ni arrabsa jedhee isa yakke hin goone. (Iyoob 1:11, 21) Kana gochuusaatti bu’aa akkamiitu argame? Yihowaan “bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise.” (Iyoob 42:12) Yihowaan fayyaa Iyoob deebisuufiisaarrayyuu, qabeenyaasaa dachaa isaaf godheera; akkasumas namoota jaallatuu wajjin jireenya gammachuu qabu akka jiraatu gochuudhaan isa eebbiseera. Iyoob amanamummaasaa eegee obsaan danda’uunsaa caalaatti Yihowaa beekuuf isa gargaareera.

19. Obsa Iyoobirraa barumsa akkamii arganna?

19 Obsa Iyoobirraa barumsa akkamii arganna? Nutis akkuma Iyoob dhukkubni ykn rakkina garabiraan nurra ga’uu danda’a. Yihowaan rakkinni tokko akka nurra ga’u maaliif akka heyyame sirriitti hin hubannu ta’a. Ta’uyyuu, amanamummaa keenya eegnee yoo jiraanne, akka eebba argannuufi Yihowaan namoota isa barbaadan akka kiisu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Ibroota 11:6) Yesus: “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya” jechuudhaan dubbateera.—Maatewos 10:22; 24:13.

‘Guyyaan Waaqayyoo Ni Dhufa’

20. Guyyaan Yihowaa akka dhufu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?

20 Yihowaan kan obsu yoo ta’ellee, murtoo qajeelaa waan jaallatuuf bara baraaf hamminni akka jiraatu hin heyyamu. Obsisaa daangaa qaba. Phexros: “[Waaqayyo] biyya lafaa isa bara durii sana hin qusanne” jechuudhaan barreesseera. Nohiifi maatiinsaa badiisarraa kan oolan yeroo ta’u, namoonni Waaqayyo malee jiraachaa turan garuu bishaan badiisaatiin balleeffamaniiru. Yihowaan Sodoomiifi Gomoraarrattis firdii adabaa dabarsuudhaan guutummaatti isaan balleesseera. Murtiin kun ‘warra Waaqayyo malee jiraatanitti wanta dhufuuf jiruuf fakkeenya ta’a.’ Kanarraa ka’uudhaan, ‘guyyaan gooftaa akka dhufu’ mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—2 Phexros 2:5, 6; 3:10.

21. Obsa qabaachuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? Mataduree itti aanutti waa’ee maalii baranna?

21 Kanaafuu, warri kaan qalbii geddaratanii fayyina argachuu akka danda’an gargaaruuf Yihowaa fakkaachuudhaan obsa haa argisiisnu. Namoonni nuti lallabnuuf tarkaanfii fudhachuu kan hin barbaanne yoo ta’anillee, fakkeenya raajotaa fudhannee obsaan misiraachoo kana haa labsinu. Kana malees, akkuma Iyoob rakkina nurra ga’u obsaan yoo dandeenyeefi amanamummaa keenya yoo eegne, Yihowaan akka nu eebbisu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Yihowaan namoota misiraachoo kana guutummaa biyya lafaatti lallabuuf carraaqqii godhan akka eebbisaa jiru beekuun keenya tajaajila keenyatti akka gammannu nu gargaara. Mataduree itti aanutti waa’ee kanaa baranna.

Ni Yaadattaa?

• Yihowaan kan obse maaliifi?

• Obsa raajonni argisiisanirraa barumsa akkamii arganna?

• Iyoob kan obse akkamitti? Kana gochuusaatiin bu’aa maalii argate?

• Obsi Yihowaa kan daangaa qabu ta’uusaa akkamitti beekuu dandeenya?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]