Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Saba Hundumaaf Dhugaa Ba’uu’

‘Saba Hundumaaf Dhugaa Ba’uu’

‘Saba Hundumaaf Dhugaa Ba’uu’

Isin garuu, hamma andaara lafaatti dhugaa baatota koo in taatu.HOJII ERGAMOOTAA 1:8.

1. Duuka buutonni Yesus raajii Maatewos 24:14⁠rratti argamu kan dhaga’an yoomiifi eessatti ture?

 BAAY’EEN keenya jechoota Yesus Maatewos 24:14⁠rratti argaman akka gaariitti beekna. Raajii baay’ee nama dinqisiisu mitii? Duuka buutonni Yesus yeroo jalqabaatiif raajii kana yommuu dhaga’an maaltu akka isaanitti dhaga’amu mee yaadi. Yeroonsaa Dh.K.B. bara 33 ture. Duuka buutonni Yesus waggaa sadiif isaa wajjin erga turanii booda, ammammoo isumaa wajjin gara Yerusaalem dhaqaniiru. Dinqiiwwan inni raawwate arganiiru; wanta inni barsiisaa tures dhaga’aniiru. Dhugaa inni barsiisetti yoo gammadanillee, namoonni hundi dhugaa kanatti akka hin gammanne beeku turan. Diinonni Yesus, humna guddaa kan qabaniifi warra kaan biratti fudhatama kan qaban turan.

2. Bartoota Yesusirra rakkinawwan akkamiitu isaanirra ga’a?

2 Duuka buutonni afur Yesusii wajjin Gaara Ejersaarra turan, rakkina gara fuulduraatti isaanirra ga’u yeroo isaanitti himu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa turan. Isa dura garuu innumtiyyuu akka ajjeefamu isaanitti himee ture. (Maatewos 16:21) Itti aansuudhaanimmoo isaanirras ari’atamni cimaan akka ga’u akkas jechuudhaan itti hime: “Yommus rakkinatti dabarsanii isin in kennu; isin in ajjeesu; anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu.” Kana qofa utuu hin ta’in, raajonni sobduunis namoota baay’ee ni gowwoomsu. Isaan keessaa tokko tokkommoo ni gufatu, dabarsanii wal kennu akkasumas wal jibbu. Jaalalli ‘namoonni baay’een’ Waaqayyoofis ta’e Sagaleesaatiif qaban ni qabbanaa’a.—Maatewos 24:9-12.

3. Jechoonni Yesus Maatewos 24:14⁠rratti argaman kan nama ajaa’ibsiisan maaliifi?

3 Yesus wanta nama gaddisiisu kana erga ibsee booda, akkas jechuudhaan wanta duuka buutotasaa dinqisiisu dubbateera: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.” (Maatewos 24:14) Eeyyee, hojiin “dhugaadhaaf dhugaa ba’uu” Yesus Israa’elitti jalqabe ittuma fufaa adeemuudhaan guutummaa biyya lafaa kan waliin ga’u ture. (Yohannis 18:37) Dhugumayyuu raajii nama dinqisiisu ture. Hojii kana ‘saba hundumaatiin’ ga’uun rakkisaa waan ta’eef, utuma ‘saboonni isaan jibbanii’ hojii kana hojjechuunsaanii dinqiidha jedhamuu danda’a. Hojiin barbaachisaa ta’e kun aangoofi olaantummaa Yihowaa kan ol ol godhu qofa utuu hin ta’in, jaalalasaa, araarasaafi obsasaas kan argisiisudha. Kana malees, tajaajiltoonnisaa isarratti amantaa akka qabaataniifi isa qofa akka waaqeffatan argisiisuuf carraa isaaniif bana.

4. Hojiin dhugaa ba’uu eenyutti kenname? Yesus maal jechuudhaan isaan jajjabeesse?

4 Yesus, duuka buutonnisaa hojii bakka guddaan kennamuuf hojjechaa akka turan isaanitti himeera. Gara samii utuu hin adeemin dura akkas isaaniin jedhe: “Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra bu’u, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu.” (Hojii Ergamootaa 1:8) Yeroo xinnoo booda warri kaan isaanitti dabalamanis, lakkoofsisaanii xiqqoo ture. Hojii Waaqayyo isaaniif kenne kana raawwachuuf hafuura qulqulluurraa akka humna argatan beekuunsaanii, baay’ee isaan jajjabeesseera jechuun ni danda’ama.

5. Hojii dhugaa ba’uu ilaalchisee wantoonni duuka buutonni hin beekne maalfaa turan?

5 Duuka buutonni misiraachoo kana akka lallabaniifi ‘saba hundumaa bartoota akka godhan’ abboomamuusaanii beeku turan. (Maatewos 28:19, 20) Ta’us, akkamitti guutummaatti dhugaa ba’uu akka danda’aniifi dhumni yoom akka dhufu hin beekan turan. Nutis hin beeknu. Wantoota kana kan beeku Yihowaa qofadha. (Maatewos 24:36) Misiraachoon kun hanga inni ni ga’a jedhutti erga lallabamee booda, Yihowaan sirna hamaa kana ni balleessa. Kiristiyaanonni, Yihowaan hojiin lallabaa hanga kana akka raawwatamu barbaachuusaa kan beekan yeroo sanatti qofadha. Duuka buutonni jaarraa jalqabaatti turanis hojiin lallabaa yeroo dhumaa kanatti hojjetamu hangam akka bal’atu raajii hin dubbanne.

Hojii Lallabaa Jaarraa Jalqabaatti Raawwatame

6. Dhaloota Kiristos booda bara 33 guyyaa Phenxeqosteettiifi isa booda maaltu raawwatame?

6 Hojiin lallabaafi bartoota taasisuu jaarraa jalqabaatti hojjetame bu’aa gaarii argamsiiseera. Dhaloota Kiristos booda bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, duuka buutonni 120 ta’an fooqii Yerusaalemitti argamu tokko keessatti walitti qabamanii turan. Yeroo kanatti hafuurri qulqulluun isaanirratti dhangala’ee ture; Phexros haasawaa nama kakaasu dhiheessuudhaan hiikni dinqii kanaa maal akka ta’e erga ibsee booda namoonni 3,000 ta’an amantoota ta’uudhaan cuuphaman. Seenaan kun wanta jalqabarratti raawwatame qofa kan ibsudha. Geggeessitoonni amantii hojii misiraachoo lallabuu kana dhaabsisuuf kutatanii ka’anillee, “gooftaanis [Yihowaanis] guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti in dabale.” Utuma baay’ee hin turin, “lakkoobsi amantootaas kan dhiirotaa duwwaan iyyuu akka kuma shanii ga’e.” Kana booda, “warri gooftaatti amanan, dhiironnis dubartoonnis, ittumaa baay’atan.”—Hojii Ergamootaa 2:1-4, 8, 14, 41, 47; 4:4; 5:14.

7. Qorneelewos Kiristiyaana ta’uunsaa hiika guddaa qaba kan jennu maaliifi?

7 Dhaloota Kiristos booda bara 36 wanti haaraan tokko ni raawwatame. Nama Yihudii kan hin turre Qorneelewos Kiristiyaana ta’uudhaan cuuphame. Yihowaan Phexrosiin gara nama Waaqayyoon sodaatu kanaatti erguudhaan, abboommiin Yesus ‘saba hundumaa bartootakoo godhaa’ jechuudhaan dubbate Yihudoota bakka adda addaatti argaman qofaaf akka lallaban kan kenname akka hin taane argisiiseera. (Hojii Ergamootaa 10:44, 45) Warri hojii lallabaa kanarratti dursa fudhatan, jijjiiramni kun godhamuusaatti maaltu isaanitti dhaga’ame? Hojiin misiraachoo lallabuu kun warra saba Waaqayyoo hin ta’inittis lallabamuu akka qabu yeroo hubatan Waaqayyoon galateeffataniiru. (Hojii Ergamootaa 11:1, 18) Hojiin lallabaa kun Yihudoota gidduuttis babal’achaa adeemeera. Waggoota muraasa booda, jechuunis naannoo Dh.K.B. bara 58 amantoota saba Waaqayyoo hin taane dabalatee “Yihudoonni amanan kumaatama meeqatti kan lakkaa’aman” amantoota ta’aniiru.—Hojii Ergamootaa 21:20.

8. Misiraachoon kun jireenya namootaarratti jijjiirama akkamii fida?

8 Lakkoofsa namoota jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanota ta’an qofa utuu hin ta’in, jijjiiramni isaan godhanis kan nama dinqisiisudha. Ergaan Macaafa Qulqulluu isaan dhaga’an kan humna qabu ture. (Ibroota 4:12) Jireenyi namoota ergaa kana fudhatanii haala nama ajaa’ibsiisuun jijjiirameera. Namoonni sun amala gaarii argisiisuu qofa utuu hin ta’in, namummaa haaraa uffachuudhaan Waaqayyoo wajjin araaramaniiru. (Efesoon 4:22, 23) Yeroo ammaattis haallisaa wal fakkaata. Namoonni misiraachoo kana fudhatan hundi abdii jireenya bara baraa argatu.—Yohannis 3:16.

Waaqayyoo Wajjin Hojjechaa Turan

9. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa mirgaafi itti gaafatama isaaniif kenname ilaalchisee maal hubatanii turan?

9 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa wanta hojjetameef kan galateeffamuu qabu Waaqayyo ta’uusaa hubatanii turan. Hojiin lallabaasaanii “humna hafuura qulqulluutiin” deggeramaa akka tures hubataniiru. (Roomaa 15:13, 19) Karaa hafuuraa guddinni akka argamu kan godhe Yihowaadha. Kiristiyaanonni yeroo sana turan ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuuf’ mirgaafi itti gaafatamni akka isaaniif kenname beeku turan. (1 Qorontos 3:6-9 1899) Kanaaf, gorsa Yesusii wajjin haala wal simuun, hojii isaaniif kenname raawwachuuf carraaqaniiru.—Luqaas 13:24.

10. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa saba hundumaatiif dhugaa ba’uuf carraaqqii akkamii godhaniiru?

10 Phaawulos “saba Waaqayyoo warra hin ta’iniif ergamaa” waan tureef, bulchiinsota Roomaa biyya Asiyaa keessa turaniifi biyya Giriikitti gumiiwwan hedduu hundeessuuf jecha lafa gogaafi galaanarra kiilomeetira hedduu adeemeera. (Roomaa 11:13) Gara biyya Roomaafi tariimmoo gara Isphaaniyaatti adeemeera. Phexrosis ‘wangeela warra seera dhagna-qabaa eegan biraan ga’uun’ hadaraa akka isatti kenname hubachuudhaan, bakka Yihudoonni hedduun itti argaman jechuunis gara Baabilonitti adeemeera. (Galaatiyaa 2:7-9; 1 Phexros 5:13) Namoota hedduu hojii gooftaarratti dadhaban keessaa dubartoonni Triifeeneefi Triifaasee jedhaman keessatti argamu. Dubartiin Pharsiis jedhamtus ‘hojii gooftaatti baay’ee dadhabuunshee’ himameera.—Roomaa 16:12.

11. Yihowaan carraaqqii duuka buutonni godhan kan eebbise akkamitti?

11 Yihowaan carraaqqii namoota kanaas ta’e kan warra kaanii baay’ee eebbiseera. Yesus saba hundumaatti akka dhugaa ba’an raajii erga dubbatee waggaa 30 booda, Phaawulos “wangeelichi waaqa jalaa uumama hundumaatti lallabamee jira” jedhee barreesseera. (Qolosaayis 1:23) Yeroo sanatti dhumni dhufee turee? Gama tokkoon yeroo ilaalamu dhufee ture jechuun ni danda’ama. Dhaloota Kiristos Booda bara 70 yeroo warri Roomaa Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee balleessanitti dhumni kun Yihudootarratti dhufeera. Haata’u malee, Yihowaan sirna Seexanaa isa hamaa kana utuu hin balleessin dura hojiin dhugaa ba’uu kun bal’inaan akka hojjetamu murteesseera.

Hojii Lallabaa Yeroo Ammaatti Raawwatamaa Jiru

12. Jalqabarratti barattoonni Macaafa Qulqulluu abboommii hojii lallabaa ilaalchisee kenname akkamitti hubatanii turan?

12 Waaqeffannaan sobaa erga babal’atee waggoota hedduu booda, jechuunis dhuma jaarraa 18⁠ffaatti waaqeffannaan dhugaa deebi’ee hundeeffame. Yeroo sanatti Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhamanii waamamaa kan turan Dhugaa Baatonni Yihowaa, saba hundumaa bartoota akka godhaniif abboommii kenname sirriitti hubatanii turan. (Maatewos 28:19, 20) Bara 1914⁠tti namoonni hojii lallabaa kanarratti ciminaan hirmaachaa turan 5,100 kan turan yeroo ta’u, misiraachoon kunis biyyoota 68⁠tti babal’atee ture. Ta’us, Barattoonni Macaafa Qulqulluu hiika jecha Maatewos 24:14⁠rratti argamu guutummaatti hin hubanne turan. Dhuma jaarraa 18⁠ffaatti Macaafni Qulqulluun inni misiraachoo ykn wangeela qabate Waldaa Macaafa Qulqulluutiin afaan hedduudhaan hiikamee addunyaa maratti raabsamee ture. Kanarraa ka’uudhaan waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif Barattoonni Macaafa Qulqulluu hojiin dhugaa ba’uu kun saba hundumaaf kennameera jedhanii amanu turan.

13, 14. Masaraan Eegumsaa bara 1928⁠tti maxxanfame jaalalaafi kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee hubannaan akkamii akka argamee ibsee ture?

13 Yihowaan suutuma suutaan fedhaafi kaayyoosaa ilaalchisee sabasaatiif hubannaa gaarii kenneera. (Fakkeenya 4:18) Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1928 akkas jedhee ture: “Macaafa Qulqulluu raabsuudhaan wangeela mootummichaa lallabuu ilaalchisee wanti raajiidhaan dubbatame raawwatameera jechuu dandeenyaa? Hin dandeenyu! Macaafni Qulqulluun yoo raabsameyyuu, dhugaa baatonni lakkoofsisaanii muraasa ta’e kun barreeffamoota kaayyoo Waaqayyoo ibsan maxxansuufi gara manneen Macaafni Qulqulluun itti kenname dhaquudhaan namoota sana bariisisuu qabu. Kun ta’uu baannaan garuu namoonni yeroo keenyatti Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuusaa hubachuu hin danda’an.”

14 Masaraan Eegumsaa kun itti dabaluudhaanis akkas jedheera: “Barattoonni Macaafa Qulqulluu bara 1920⁠tti . . . raajii gooftaan Maatewos 24:14⁠rratti dubbate sirriitti hubataniiru. Yeroo sanatti, ‘wangeelli’ warra saba Waaqayyoo hin ta’inirrattis ta’e saba hundumaarratti akka dhugaa ba’uuf lallabamuu qabu, waa’ee mootummaa isa gara fuulduraatti dhufuu utuu hin ta’in, waa’ee Mootummaa Masiihichaa isa guutummaa biyya lafaarratti bulchuu jalqabee kan ibsu ta’uusaa hubatan.”

15. Bara 1920 kaasee, hojiin dhugaa ba’uu kan babal’ate akkamitti?

15 Dhugaa baatonni bara 1920 keessa “muraasa turan” akkuma muraasa ta’anitti hin hafne. Waggoottan kurnan itti aananii jiranitti, ‘tuutni sonaan baay’ee’ “hoolota kan biraa” ta’an walitti qabamuutti ka’an. (Mul’ata 7:9; Yohannis 10:16) Yeroo ammaatti biyyoota 235⁠tti namoonni 6,613,829 ta’an misiraachoo kana labsaa jiru. Raajiin kun haala nama dinqisiisuun raawwiisaa argachaa akka jiru kan argisiisu mitii? “Wangeelli mootummaa kun” haala kanaan dura argamee hin beekneen lallabamaa jira. Namoonni amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan akka yeroo ammaatti baay’atanii hin beekan.

16. Waggaa darbe hojii akkamiitu raawwatame? (Chaartii fuula 27-30⁠rratti argamu ilaali.)

16 Dhugaa baatonni lakkoofsa hedduu qaban kun bara 2005⁠tti hojii kana bal’inaan hojjetaniiru. Biyyoota 235 ta’anitti misiraachoo kana babal’isuurratti sa’aatii biliyoona tokkoo ol dabarsaniiru. Deddeebii gaaffii miliyoonaan lakkaa’amu godhaniiru, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu kumaatama dhibbaan lakkaa’aman geggeessaniiru. Hojii kana kan hojjetan Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo ta’an, isaanis Sagalee Waaqayyoo warra kaaniif hiruudhaaf yeroofi qabeenyasaanii aarsaa godhaniiru. (Maatewos 10:8) Yihowaanis hafuurasaatiin gargaaramee tajaajiltoonnisaa jaalalasaa akka raawwatan jajjabeessuusaa itti fufeera.—Zakaariyaas 4:6.

Hojii Lallabaa Raawwachuuf Jabaatanii Hojjechuu

17. Sabni Yihowaa misiraachoo kana lallabuu ilaalchisee abboommii Yesus kenne raawwachaa kan jiran akkamitti?

17 Yesus misiraachoon kun akka lallabamu kan dubbate waggoota 2,000 dura yoo ta’ellee, ammayyuu hinaaffaan sabni Waaqayyoo hojicha raawwachuuf qaban hin qabbanoofne. Wanta gaarii hojjechuuf jabina argisiisuudhaan amalawwan Yihowaa, jechuunis jaalalasaa, araarasaafi obsasaa calaqqisuu dandeenya. Nutis akkuma Yihowaa, namoonni qalbii geddaratanii isaa wajjin akka araaraman malee, eenyuyyuu akka badu hin barbaannu. (2 Qorontos 5:18-20; 2 Phexros 3:9) Dhugaa Baatonni Yihowaa hafuurasaatiin gargaaramuudhaan hanga andaara lafaatti misiraachoo kana hinaaffaadhaan labsuusaanii itti fufaniiru. (Roomaa 12:11) Kanaan kan ka’es, namoonni iddoo hundumaatti argaman dhugaa kana fudhachaa, akkasumas qajeelfama Yihowaan kennu argachaa jiru. Fakkeenyawwan muraasa haa ilaallu.

18, 19. Namoota misiraachoo kana fudhatan ilaalchisee muuxannoo eenyuu caqasuu dandeessa?

18 Chaarles, qonnaan bulaa biyya Keeniyaa lixaatti argamudha. Bara 1998⁠tti tamboo kiiloo giraama 8,000 kan gurgure yeroo ta’u, tamboo oomishuudhaan tokkoffaa waan tureef waraqaa ragaan kennameeraaf. Yeroo sanatti Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Utuu baay’ee hin turin, namni tamboo oomishu abboommii Yesus nama akka ofiikeetti jaalladhu jedhu akka cabsaa jiru hubate. (Maatewos 22:39) ‘Namni akka gaariitti tamboo oomishu namoota hedduu akka fixaa jiru’ hubachuudhaan Chaarles tamboosaa balleesse. Achiis guddina gochuudhaan of murteessee kan cuuphame yommuu ta’u, yeroo ammaattis qajeelchaafi tajaajilaa gumii ta’ee hojjechaa jira.

19 Yihowaan hojii dhugaa ba’uu addunyaa maratti hojjetamaa jiruun fayyadamee saba lafarraa sochoosuudhaan, badhaadhummaan saba lafarraa, jechuunis namoonni garasaatti akka dhufan gochaa jira. (Haagee 2:7) Peetroon mucaa biyya Poortugaal jiraatuufi umriinsaa waggaa 13 kan ta’e yeroo ta’u, barumsa luba ta’uuf isa gargaaru barachuu jalqabe. Kaayyoonsaa hojii misiyoonummaarratti hirmaachuudhaan Macaafa Qulqulluu barsiisuu ture. Haata’u malee, barumsi Macaafa Qulqulluu kan kennamu darbee darbee qofa waan tureef barumsasaa kana ni dhiise. Waggoota ja’a boodas yuunivarsiitii Lisbonitti barumsa Xiinsammuu saayikooloogii barachuu jalqabe. Kan inni jiraachaa ture Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taate adaadaasaa wajjin waan ta’eef, isheenis Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu isa jajjabeessite. Yeroo kanatti Peetroon Waaqayyo jiraachuusaa kan shakku yeroo ta’u, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf murtoo gochuu hin dandeenye. Mamiisaa kanas barsiisaasaatti hime. Barsiisaansaas akka barumsa Xiinsammuutti namoonni murtoo gochuuf rakkatan miidhaarra of buusu jechuudhaan isaaf deebise. Innis erga kana dhaga’ee booda, Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf murteesse. Peetroon dhihootti kan cuuphame yeroo ta’u, innis amma namoota kaan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jira.

20. Misiraachoon kun namoota hedduudhaaf lallabamaa kan jiru ta’uunsaa kan nu gammachiisu maaliifi?

20 Misiraachoon kun sabootaaf hangam lallabamuu akka qabus ta’e guyyaafi sa’aatii dhumnisaa itti dhufu hin beeknu. Wanti nuti beeknu yeroonsaa akka hin turre qofadha. Misiraachoon kun hangana lallabamuunsaa mallattoowwan Mootummaan Waaqayyoo mootummoota ilmaan namootaa bakka bu’u dhihaachuusaa argisiisan keessaa isa tokko ta’uusaa beekuun keenya nu gammachiisa. (Daani’el 2:44) Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaa’aman misiraachoo kanaaf deebii akka kennan carraan isaaniif banamaa kan jiru yeroo ta’u, kunimmoo Yihowaadhaaf ulfina fida. Amanamoo taanee obboloota keenya addunyaa maratti argamanii wajjin misiraachoo kana sabootatti himuu keenya akka hin dhaabne murtoo haa goonu. Kana yoo goone mataa keenyaafi warra nu dhaga’an ni oolchina.—1 Ximotewos 4:16.

Ni Yaadattaa?

Maatewos 24:14, raajii bakki guddaan kennamuufidha kan jennu maaliifi?

• Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hojii lallabaa kana raawwachuuf carraaqqii akkamii godhaniiru? Bu’aa kan argatan akkamitti?

• Barattoonni Macaafa Qulqulluu saba hundaatiif dhugaa ba’uun barbaachisaa ta’uusaa kan hubatan akkamitti?

• Wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa darbetti raawwatan yeroo ilaaltu wanti si dinqisiise maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

aaltu wanti si dinqisiise maalidha?