Bashannana Nama Jajjabeessu
Bashannana Nama Jajjabeessu
“Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” —1 QORONTOS 10:31.
1, 2. Bashannanawwan nama jajjabeessan “kennaa Waaqayyoo” akka ta’anitti ilaalamuu kan qaban maaliifi? Ta’us, Macaafni Qulqulluun akeekkachiisa ifa ta’e akkamii kenna?
BASHANNANA nama jajjabeessurratti hirmaachuu barbaaduun waan jirudha. Waaqni keenya inni gammadaan gammachuudhaan akka jiraannu waan barbaaduuf wantoota nu gammachiisan baay’inaan nuu kenneera. (1 Ximotewos 1:11; 6:17, NW) Solomoon Mootichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka; namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti.”—Lallaba 3:12, 13.
2 Namni tokko wanta itti dadhabetti, yeroo itti bashannanu akkasii argachuusaa qaamnisaa akka haaromu godha; keessumaammoo kan bashannanu maatiisaa yookiin jaalleewwansaa wajjin yoo ta’e caalaatti gammada. Gammachuun akkasiimmoo, “kennaa Waaqayyoo” jedhamuu danda’a. Kana jechuun garuu, kennaa guddaan Waaqayyo biraa arganne akkasii kun bashannana gadhiisii ta’erratti akka hirmaannu nu dandeessisa jechuu miti. Macaafni Qulqulluun machaa’uu, albaadhessa ta’uufi amala addaggummaa balaaleffachuusaarrayyuu, namoonni gocha akkasii raawwatan “matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan” jedha.— 1 Qorontos 6:9, 10; Fakkeenya 23:20, 21; 1 Phexros 4:1-4.
3. Karaa hafuuraa jabaannee dhaabachuufi guyyaa Yihowaa akka hin irraanfanne wanti nu gargaaru maalidha?
3 Guyyoota gara dhumaa kanatti Kiristiyaanonni yeroo kamiyyuu caalaatti jireenya biyya lafaa isa manca’aa ta’e kana hordofuurraa fagaatanii jiraachuuf of eeggannoo gochuu qabu. (Yohannis 17:15, 16) Akkuma dursee raajiidhaan dubbatametti, namoonni yeroo har’aatti argaman “rakkinni guddaan” akka dhufu “utuu hin beekin” waan hafaniif, “Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan” ta’aniiru. (Maatewos 24:21, 37-39; 2 Ximotewos 3:4, 5) Yesus akkas jechuudhaan bartootasaa akeekkachiisee ture: “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa.” (Luqaas 21:34, 35) Tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef, akeekkachiisa Yesus hojiirra oolchuuf murteessineerra. Namoota naannoo keenyatti argamaniifi Waaqayyo malee jiraatanirraa haala adda ta’een, karaa hafuuraa dammaqinaan deddeebi’uudhaan guyyaa Waaqayyoo akka hin irraanfanne argisiisuuf carraaqna.—Sefaniyaa 3:8; Luqaas 21:36.
4. (a) Bashannana gaarii argachuun rakkisaa kan ta’e maaliifi? (b) Efesoon 5:15, 16rratti gorsa hojiirra oolchuu qabnu akkamiitu jira?
4 Seexanni gocha biyya lafaa isa manca’aa gaarii fakkeessee waan dhiheessuufi salphaadhumatti akka argaman waan godheef, wantoota kanarraa fagaachuun ulfaataa ta’uu danda’a. Keessumaa yeroo bashannanuu barbaannu kana gochuun rakkisaa ta’uu danda’a. Wanta addunyaan kun dhiheessu keessaa baay’eensaanii, “fedha foonii” kakaasuuf kan qophaa’anidha. (1 Phexros 2:11) Bashannanawwan miidhaa namarraan ga’an bakka bashannana sabaatti kan dhihaatan ta’anillee, barreeffamarratti, televijiiniidhaan, Intarneetiifi viidiyoodhaan mana namootaa seenuu danda’u. Kanaaf, Sagaleen Waaqayyoo akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gorsa: “Attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!” (Efesoon 5:15, 16) Bashannanawwan miidhaa namarraan ga’anirraa, yeroo keenya akkasumaan balleessuurraa fagaachuufi walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu dhabuudhaan badiisa ofirratti fiduurraa ooluu kan dandeenyu gorsa kana yoo hojiirra oolchine qofadha.—Yaaqoob 1:14, 15.
5. Boqonnaa dhugaa eessaa arganna?
5 Kiristiyaanonni yeroonsaanii hojiifi tajaajilaan kan qabame waan ta’eef, yeroo tokko tokko bashannanuu akka qaban isaanitti dhaga’amuu danda’a. Lallabni 3:4, “kolfuunis yeroo qaba . . . sirbuunis yeroo qaba” jedha. Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun bashannanuun yeroo ofii balleessuudha hin jedhu. Ta’us, bashannanni kan nu haaromsu ta’uu qaba malee, karaa hafuuraa balaadhaaf kan nu saaxilu yookiin sochii hafuuraa keenya kan nu jalaa gufachiisu ta’uu hin qabu. Kiristiyaanonni ga’eessota ta’an gammachuu guddaan kan argamu warra kaaniif kennuudhaan akka ta’e muuxannoo dabarsanirraa hubatu. Kanaaf, fedha Yihowaa raawwachuuf dursa kennu; kana gochuudhaanis, waanjoo Yesus isa nama hin dhibne baachuudhaan ‘lubbuusaaniitiif boqonnaa argatu.’—Maatewos 11:29, 30; Hojii Ergamootaa 20:35.
Bashannana Sirrii Ta’e Filachuu
6, 7. Bashannanni tokko sirriidha yookiin sirrii miti jettee murteessuuf wanti si gargaaru maalidha?
6 Bashannanni tokko Kiristiyaana tokkoof akka ta’uufi akka hin taane hubachuu kan dandeenyu akkamitti? Warri ijoolleesaaniitiif qajeelfama kan kennan yommuu ta’u, gargaarsi jaarsoliis yeroo itti barbaachisu jira. Dhugaasaa dubbachuuf, kitaabni, fiilmiin, taphni, shubbisni yookiin sirbi tokko Kiristiyaanaaf kan ta’u miti jedhee namni garabiraan nutti himuun barbaachisaa miti. Phaawulos ‘warra ga’an sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaafi gaarii gargar baasuu danda’u’ jedhee dubbateera. (Ibroota 5:14; 1 Qorontos 14:20) Macaafni Qulqulluun seerawwan bu’uuraa qajeelfama ta’an qabateera. Yaada garaa qullaa’aa Sagalee Waaqayyootiin leenjifame kan dhaggeeffannu yoo taane gargaarsa arganna.—1 Ximotewos 1:19.
7 Yesus “mukti ija isaatiin in beekama” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 12:33) Bashannanni tokko walirratti ka’uu amala addaggummaa yookiin hojii hafuura xuraa’oo babal’isuudhaan ija gadhee kan godhatu yoo ta’e fudhatama hin qabu. Kana malees, lubbuu yookiin fayyaa nama tokkoo balaadhaaf kan saaxiluu, qarshii kan nama harkaa fixu, kan abdii nama kutachiisu yookiin warra kaan kan gufachiisu yoo ta’e, bashannana sirriidha jechuun hin danda’amu. Phaawulos yaada garaa obboleessa keenyaa madeessuun cubbuu ta’uusaa yeroo akeekkachiisu akkas jechuudhaan barreesseera: “Karaa kanaan obboloota keessan yakkitanii, yaada garaa isaanii isa dadhabaa madeessuu keessaniin Kristosin in yakkitu. Kanaafis nyaata akkasiitti dhi’aachuun sababii obboleessa koo kuffisu yoo ta’e, ani obboleessa koo akkan hin kuffifnetti matumaa deebi’ee foon hin nyaadhu.”—1 Qorontos 8:12, 13.
8. Meeshaa elektirooniksiifi viidiyoodhaan bashannanuun balaawwan akkamii geessisuu danda’a?
8 Meeshaan elektirooniksiifi viidiyoon gabaarratti baay’inaan argama. Warri tokko tokko miidhaa kan hin geessisne, kan nama gammachiisaniifi kan nama bashannansiisan yoo ta’aniyyuu, bashannanawwan akkasii yeroo baay’ee wantoota Macaafni Qulqulluun balaaleffatu argisiisu. Taphni meeshaa elektirooniksiitiin taphatamu tokko qaamarra miidhaan yeroo ga’u kan geessisu, yeroo wal ajjeesan kan argisiisu yookiin amalli addaggummaa yommuu raawwatamu kan argisiisu yoo ta’e, bashannanni akkasii sirriidha jechuu hin danda’amu. Yihowaan “isa humnaan nama irratti ka’uu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.” (Faarfannaa 11:5; Fakkeenya 3:31; Qolosaayis 3:5, 6) Akkasumas, haasaan ati haasoftu sassata yookiin amala namarratti ka’uu keessa keetti uumuudhaan miirakee kan hadoochu yookiin yerookee akkasumaan kan balleessu yoo ta’e, garanumaa karaa hafuuraa balaa inni sirraan ga’uu danda’u hubachuudhaan hatattamaan sirreeffama godhi.—Maatewos 18:8, 9.
Karaa Sirrii Ta’een Bashannanuun Kan Danda’amu Akkamitti?
9, 10. Obboloonni hubannaa qaban fedhii bashannanaaf qaban guuttachuuf maal gochuu danda’u?
9 Al tokko tokko Kiristiyaanonni, “bashannanni addunyaan kun dhiheessu Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faalleessu waan ta’eef, bashannanni sirriin isa kamidha?” jedhanii gaafatu. Haata’u malee, bashannanni gaariin argamuu akka danda’u homaa hin shakkin; bashannana akkasii argachuun garuu carraaqqii gochuu gaafata. Warri bashannana akkasiitiif dursanii karoora baasuu qabu. Obboloonni baay’een maatiisaaniifi miseensota gumii wajjin bashannanuun gaarii akka ta’e hubataniiru. Maatiiwwan nyaata nyaachaa wanta guyyaa sanatti isaan mudaterratti yookiin Macaafa Qulqulluurratti mari’achuunsaanii, kan isaan gammachiisuufi isaan jajjabeessu ta’uu danda’a. Haasaa sirrii ta’e haasa’uu yookiin miillaan adeemuun ni danda’ama. Bashannanawwan sirrii ta’an akkasii kan nama gammachiisan ta’uu danda’u.
10 Jaarsi gumii tokkoofi haati manaasaa ijoollee sadii guddisan akkas jedhaniiru: “Ijoolleen keenya yeroo xixinnoo turanii jalqabee, boqonnaadhaaf eessa akka dhaqnu yeroo murteessinu, ijoolleen keenyas filannoo goonurratti ni hirmaatu turan. Yeroon boqonnaa kun caalaatti kan nama gammachiisu akka ta’u gochuuf jecha ijoolleen keenya hundi hiriyootasaanii warra amala gaarii qabu jedhan akka afeeran ni heyyamnaaf turre. Wantoota jireenya ijoollee keenya keessatti iddoo guddaa qaban xiyyeeffannaadhaan hordofna turre. Yeroo tokko tokko maatiiwwan keenyaafi hiriyoota keenya gumii keessatti argaman mana keenyatti afeerra turre. Mana keenyaa alatti nyaata bilcheesinee nyaachaa, haasaa garagaraa ni haasofna turre. Konkolaataadhaan kan adeemnuufi miillaanis gara tulluutti kan ol baanu yommuu ta’u, wantoota Yihowaan uumerraa barumsa argachuuf itti gargaaramneerra.”
11, 12. (a) Al tokko tokko bashannanaaf yeroo karoora baastan obboloonni tokko tokko akka isinii wajjin argaman gochuu kan dandeessan akkamitti? (b) Afeerriiwwan hin irraanfatamne kan akkamiiti?
11 Dhuunfaattis ta’e maatiidhaan bashannanaaf yeroo karoora baastan warri kaanis akka isinii wajjin hirmaatan gochuu dandeessuu? Dubartoota abbaan manaa irraa du’e, warra hiriyaa gaa’elaa hin qabne, maatiiwwan abbaa yookiin haadha qofa qaban jajjabina argachuun isaan barbaachisa ta’a. (Luqaas 14:12-14) Miseensota gumii haaraas dabaluu dandeessu; haata’u malee, walitti dhufeenyi akkasii warra kaanirra dhiibbaa gadhee akka hin geessisne of eeguun barbaachisaadha. (2 Ximotewos 2:20, 21) Obboloonni manaa ba’uu hin dandeenye yoo jiraatan, wanta nyaatamu fuunee gara manasaanii dhaquudhaan isaanii wajjin nyaachuuf qophii gochuun ni danda’ama.—Ibroota 13:1, 2.
12 Obboloonni baay’een bakka afeerrii xinnoon godhamerratti argamuudhaan warri kaan akkamitti akka Kiristiyaana ta’aniifi Waaqayyoof amanamoo ta’anii dhaabachuuf wanti isaan gargaare maal akka ta’e dhaga’uunsaanii baay’ee isaan jajjabeesseera. Ijoollee dabalatee namoonni afeeraman hundi, yaada Macaafa Qulqulluurratti hirmaachuu danda’an kaasuun ni danda’ama. Mariin akkasii kun, eenyuyyuu utuu hin sodaatin yookiin warra kaanii gad akka ta’e utuu itti hin dhaga’amin wal jajjabeessuuf gargaara.
13. Yesusiifi Phaawulos warra kaan simachuudhaanis ta’e ofiisaaniitii keessummoota gaarii ta’uudhaan fakkeenya gaarii kan ta’an akkamitti?
13 Yesus warra kaan simachuudhaanis ta’e ofiisaatii keessummaa gaarii ta’uudhaan fakkeenya guddaa ta’a. Yeroo hundaa carraa akkasii kanatti barumsa hafuuraa dabarsuuf itti gargaarama ture. (Luqaas 5:27-39; 10:42; 19:1-10; 24:28-32) Bartoonnisaa dur turanis fakkeenyasaa kana hordofaniiru. (Hojii ) Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Ani kennaa hafuuraa isiniin ga’uudhaan akka isin ittiin jabaattaniifan isin arguu yaada. Caalaadhumatti iyyuu amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu, kana jechuunis isin amantii kootiin, anis amantii keessaniin akka wal jajjabeessinuuf.” ( Ergamootaa 2:46, 47Roomaa 1:11, 12) Nutis haaluma wal fakkaatuun carraawwan itti walii wajjin taanu yeroo itti jajjabina argannu ta’uu qabu.—Roomaa 12:13; 15:1, 2.
Wantoota Irratti Yaaduufi Of Eeggannoo Gochuu Qabnu Tokko Tokko
14. Afeerrii namoonni baay’een irratti argaman qopheessuun gaarii kan hin taane maaliifi?
14 Yeroo baay’ee afeerrii namoonni baay’een irratti argaman to’achuun ulfaataa waan ta’eef afeerrii akkasii qopheessuu dhiisuun gaariidha. Maatiiwwan muraasni yeroo sochii karaa hafuuraa godhan hin xuqne filatanii bashannanuu yookiin haasaa yaada natu caala jedhu of keessaa hin qabne haasa’uu danda’u. Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii yookiin obboloonni ga’eessota ta’an yeroo afeerriirratti argaman dhiibbaa gaarii geessisuufi qophichi caalaatti kan nama jajjabeessu akka ta’u gochuu danda’u.
15. Afeerrii qopheessuun to’annaa barbaachisaa ta’e gochuus kan dabalatu maaliifi?
15 Namoonni afeerrii qopheessan qophicha to’achuun akka isaanirra jiru irraanfachuu hin qaban. Namoota keessumsiisuun kan nama gammachiisu ta’us, dantaa dhabuukeetiin wanta manakee keessatti raawwatame tokkotti namni tokko akka gufate yoo dhageesse hin gaddituu? Qajeelfama Keessa Deebii 22:8rratti argamu ilaali. Israa’eloonni yeroo mana haaraa ijaaran bantii manasaaniirratti bakka keessummoonni itti keessumsiifaman yeroo ijaaran qarqara bantii manasaaniirratti ittisa itti hojjechuu qabu turan. Maaliif? Caqasichi, “namni bantii isaa irraa kufe dhiiga dhangala’uu fi gumaa mana kee irratti akka hin fidnetti” jedha. Haaluma wal fakkaatuun atis yeroo namoota manakeetti keessumsiistu, qajeelfama asiifi achi nama hin sochoofne baasuudhaan keessummootakee utuu hin dhiphisin wanti ati gootu nageenyasaaniifi fedhii hafuuraasaaniitiif akka yaaddu kan argisiisu ta’uu qaba.
16. Afeerriin yeroo qophaa’u dhugaatiin alkoolii kan dhihaatu yoo ta’e of eeggannoo akkamii gochuun barbaachisaadha?
16 Afeerricharratti dhugaatiin alkoolii kan dhihaatu yoo ta’e, of eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaadha. Kiristiyaanonni baay’een dhugaatii alkoolii dhiheessuu kan qaban, keessummootasaaniitiif maal akka dhihaateefi hammam akka dhugan ofiisaaniitii to’achuu yoo danda’an qofadha. Namoonni afeerricharratti argaman tokko tokko akka gufatan yookiin humnaa ol dhuguuf akka qoraman gochuun sirrii miti. (Efesoon 5:18, 19) Keessummoonni tokko tokko sababii gara garaatiin dhugaatii alkooliirraa fagaachuuf murteessuu danda’u. Biyyoota baay’eetti ijoolleen umurii murtaa’ee gaditti argaman dhugaatii alkoolii akka hin dhugne seerri ba’e jiraachuu danda’a. Al tokko tokko ittisni akkasii sirrii kan hin taane fakkaatus, Kiristiyaanonni seera mootummaan baaseef ni ajajamu.—Roomaa 13:5.
17. (a) Afeerriirratti muuziqaan yoo jiraate filannoo sirrii ta’e gochuun kan barbaachisu maaliifi? (b) Sirbi jiraannaan akka of to’annu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Namni afeerrii kana qopheesse muuziqaan, shubbisni yookiin bashannanni garabiraan yeroo sanatti godhamu seera bu’uuraa Kiristiyaanummaa wajjin kan wal simu ta’uusaa mirkaneessuu qaba. Filannoon namoonni sirbaaf qaban gargar ta’uusaarrayyuu, muuziqaa gara garaa baay’eetu jira. Haata’u malee, muuziqaawwan yeroo ammaatti argaman baay’een walirratti ka’uu, amala addaggummaafi yakka gaarii fakkeessanii kan dhiheessanidha. Kanaafuu filachuun barbaachisaadha. Muuziqaan tokko laafaa ta’uunsaa qofti gaarii isa hin taasisu; haata’u malee, fedhii saalqunnamtii kan kakaasu, amala addaggummaa kan dabarsuufi gar-malee kan iyyuu ta’uu hin qabu. Namni sagaleen muuziqaa, hammam dhaga’amuu akka qabu sirriitti hin beekne tokko muuziqaa akka filu heyyamuurraa of eeggadhu. Kiristiyaanotaaf haala fedhii qunnamtii saalaa kakaasuun luqqeettuu yookiin harma sosochoosuudhaan, gochawwan nama yeellaasisaniifi kanaa wajjin wal fakkaatan garabiraa argisiisaa sirbuun sirrii akka hin taane beekamaadha.—1 Ximotewos 2:8-10.
18. Warri afeerrii ijoolleensaanii irratti argaman to’achuudhaan balaarraa isaan eeguu kan danda’an akkamitti?
18 Warri Kiristiyaanota ta’an, afeerrii ijoolleensaanii irratti argaman kamirrattiyyuu maaltu akka raawwatamu beekuufi isaanii wajjin argamuunsaanii gaariidha. Kan nama gaddisiisu garuu maatiiwwan tokko tokko, bakka namoonni baay’een itti afeeramaniifi amala addaggummaa yookiin amalawwan gadhee garabiraa itti argisiisanitti yookiin bakka namni afeerricha to’atu hin jirretti ijoolleensaanii akka argaman heyyamaniiru. (Efesoon 6:1-4) Ijoolleen kun dhuma waggaa kudha sagalii keessatti kan argamaniifi kan amanaman ta’anillee, ‘kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaaturraa baqachuu’ akka danda’aniif gargaarsi isaan barbaachisa.—2 Ximotewos 2:22.
19. Wanta ‘duraan dursinee yaada keenya itti hidhuu’ qabnurratti xiyyeeffachuuf wanti nu gargaaru maalidha?
19 Darbee darbee, bashannana nama haaromsurratti hirmaachuun keenya gammachuu akka argannu nu gargaara. Yihowaan gammachuu karaa kanaan argamu nu dhowwachuu baatus, sochiiwwan kun badhaadhummaa walitti qabachuuf akka nu hin gargaarre sirriitti beekna. (Maatewos 6:19-21) Yesus jireenya ofii keessatti wanti dursi kennamuufi qabu, ‘duraan dursanii yaadasaanii mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaachuutti hidhuu’ malee, wantoota ‘warri saba Waaqayyoo hin ta’in yaadasaanii itti hidhan’ jechuunis waan nyaatan, waan dhuganiifi waan uffatan argachuuf oliif gad fiiguu akka hin taane akka hubatan bartootasaa gargaareera.—Maatewos 6:31-34.
20. Tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoon Waaqa arjaa kan ta’e Yihowaarraa wantoota gaarii akkamii arganna jedhanii abdatu?
20 ‘Egaa yeroo nyaannu yookiis yeroo dhugnu yookiis waanuma goonu hundumaan’ Waaqayyo isa Kennaa gaarii hundumaa karaa seera qabuun akka itti gargaaramnuuf nuu kenne ni galateeffanna. (1 Qorontos 10:31) Yihowaan yeroo dhihootti lafa kana gara jannataatti erga jijjiiree booda, namoota hidhata amantaa keenya ta’aniifi ulaagaa inni qajeelummaadhaaf baasee raawwatan hundaa wajjin kennaasaa isa guddaa inni arjummaadhaan nuu kennetti bara baraaf gammadaa jiraanna.—Faarfannaa 145:16; Isaayaas 25:6; 2 Qorontos 7:1.
Ni Yaadattaa?
• Kiristiyaanonni yeroo har’aatti bashannana sirrii ta’e argachuun kan isaan rakkisu maaliifi?
• Bashannanawwan maatiin Kiristiyaanaa itti gammaduu danda’an keessaa tokko tokko maalfa’i?
• Namni tokko bashannanawwan gaarii ta’anirratti yommuu hirmaatu wantoota akkamiirratti yaaduufi of eeggannoo gochuu qaba?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]