Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Dandeettii Hubannaa Keessan Eeggadhaa”

“Dandeettii Hubannaa Keessan Eeggadhaa”

“Dandeettii Hubannaa Keessan Eeggadhaa”

“Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata.”—FAKKEENYA 14:15.

1, 2. (a) Wanta biyya Sodoomitti Looxirra ga’erraa maal baranna? (b) “Dandeettii hubannaa keessan eeggadhaa” jechuun maal jechuudha?

 ABRAHAAM, Loox biyya barbaadu akka filatu yeroo heyyameefitti, iji Loox lafa isa bishaan ba’eessa qabuufi isa “akka lafa dhaabaa Waaqayyoo” fakkaaturra bu’e. Loox maatiisaatiif bakka mijaa’aa ta’e akka argate waan yaadeef utuu hin ta’in hin ooluu, “dachaa Yordaanos hunduma isaa ofii isaatiif fo’atee” naannoo Sodoomitti godoosaa dhaabbate. Haata’u malee, “namoonni Sodoom immoo jal’oota, cubbuu baay’eedhaanis Waaqayyoon kan yakkan” waan turaniif, haalli bakkeedhaan mul’atu kan nama gowwoomsu ture. (Uumama 13:7-13) Maatii Looxirra rakkoo guddaan ga’uu kan jalqabe utuu baay’ee hin turinidha. Dhumarrattis inniifi ijoolleensaa durbaa holqa keessa jiraachuuf dirqamaniiru. (Uumama 19:17, 23-26, 30) Wanti jalqaba isatti gaarii fakkaatee mul’atee ture dhumarratti gadhee ta’ee argameera.

2 Wanti Looxirra ga’e tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo ammaatti argamaniifis barumsa gaarii qabateera. Murtoo gochuun yommuu nu barbaachisu, wantoota ga’uu danda’an dursinee yaaduufi wantoota alaan arginuun akka hin gowwoomfamne of eeggannoo gochuu qabna. Sagaleen Waaqayyoos “dandeetti hubannaa keessan eeggadhaa” jedhee nu akeekkachiisuunsaa sirriidha. (1 Phexros 1:13, NW) Jechi asirratti afaan Giriikiitiin “dandeetti hubannaa keessan eeggadhaa” jedhu kallattiidhaan yeroo hiikamu “kan of qabdan ta’aa” jechuudha. Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan ta’an Riichaard Leeniskiin akka dubbatanitti, of qabuun “wantoota akka gaariitti madaaluufi gamaaggamuudhaan murtoo sirriirra ga’uudha.” Mee amma dandeetti hubannaa keenya eeguun maaliif akka barbaachisu haa ilaallu.

Afeerrii Daldalaaf Dhihaatu Gamaaggamuu

3. Daldala akka jalqabnuuf yeroo afeerriin nuu dhihaatu of eeggannoo gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3 Namni ulfina qabu tokko tariimmoo hidhata amantaakee ta’uudhaan Yihowaa waaqeffatu daldala akka jalqabdu si afeere haa jennu. Bu’aa daldala kanarraa argamu haala nama gomjaasisuun dubbachuudhaan carraan kun utuu si hin darbin akka daftee tarkaanfii fudhattu si jajjabeessa. Atis carraan kun jireenyakees ta’e jireenya maatiikee akka fooyyessuufi sochii karaa hafuuraa gootus caalaatti akka sii mijeessu yaaduu jalqabda ta’a. Ta’us, Fakkeenyi 14:15 akeekkachiisa akkas jedhu kenna: “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata.” Yeroo baay’ee namni tokko waa’ee daldala haaraa jalqabuu yommuu yaadu, gammachuun isatti dhaga’amu kasaaraafi haala gadhee isarra ga’uu danda’u akka hin yaanne isa gochuu danda’a. (Yaaqoob 4:13, 14) Yeroo haalli akkasii si mudatu dandeettii hubannaakee eeguun baay’ee barbaachisaadha!

4. Daldalarratti akka hirmaannu afeerriin yommuu nuuf dhihaatu ‘lafa dhaqnu ilaallachuu’ kan dandeenyu akkamitti?

4 Namni hubannaa qabu murtoo gochuusaa dura of eeggannoodhaan irratti yaada. (Fakkeenya 21:5) Kana gochuun rakkoowwan gara boodaatti uumaman hubachuuf gargaara. Haala armaan gaditti argamuufi ga’uu danda’u haa ilaallu: Namni tokko daldala jalqabuuf jecha qarshii akka liqeessituuf barbaade haa jennu; qarshii yoo liqeessiteef bu’aa baay’ee akka argattu sitti hima. Tarii afeerrichi kan nama gomjaasisu ta’uu danda’a; haata’u malee, rakkoo akkamii geessisuu danda’a? Namni liqii si gaafatu kun daldala kanarraa bu’aan argamus argamuu baatus qarshii liqeeffate deebisuuf waadaa ni galaa? Liqii kana kan deebisu yoo isaaf mijaa’e qofadhaa? Daldalli kun yoo utuu hin mijaa’in hafe qarshiinkee utuu sii hin deebi’in akka hafu barbaaddaa? Kana malees, akkas jedhii of gaafadhu: “Namni kun warra kaanirraa liqii kan gaafatu maaliifi? Baankiin hojii daldalaa inni jedhu kanatti ni amanaa?” Wanti kun rakkoo akkamii geessisuu akka danda’u yeroo fudhattee irratti yaaduunkee, yaada sii dhihaate sirriitti akka gamaaggamtu si gargaara.—Fakkeenya 13:16; 22:3.

5. (a) Ermiyaas yeroo lafa bite tarkaanfii sirrii ta’e akkamii fudhate? (b) Walii galtee daldalaa kamiyyuu karaa seera qabeessa ta’een barreeffamaan qabachuun gaarii kan ta’e maaliifi?

5 Ermiyaas raajichi nama akkasaa Yihowaa waaqeffatuufi ilma wasiilasaarraa yeroo lafa bite, walii galtee bittaafi gurgurtaa godhan namoota ragaa ta’an duratti waraqaarratti barreessuudhaan mallatteessee ture. (Ermiyaas 32:9-12) Yeroo ammaattis, haaluma wal fakkaatuun namni ogeessi firootasaafi namoota hidhata amantaasaa ta’anii wajjin hojii daldalaa jalqabuu yoo barbaade, walii galtee godhan karaa seera qabeessa ta’een waraqaarratti akka barreeffamu godha. a Barreeffamni walii galtee taasifame bal’inaan qabateefi akka gaariitti qophaa’e jiraachuunsaa walitti bu’iinsa hambisuusaarrayyuu, tokkummaa qabnu eeguuf gargaara. Karaa kaaniinimmoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa walii galteesaanii waraqaarratti barreessanii utuu waliif hin mallatteessin walii wajjin daldala kan geggeessan yoo ta’e rakkoo guddaa uumuu danda’a. Kan nama gaddisiisummoo, rakkoon akkasii kun gadda, lolaafi karaa hafuuraa kufaatii guddaa geessisuu danda’a.

6. Sassatarraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

6 Akkasumas, sassatarraa of eeguu qabna. (Luqaas 12:15) Abdiin bu’aa baay’een argadha jedhu, balaan ga’uu danda’u akka itti hin mul’anne gochuudhaan nama tokko daldala hin amansiisne keessa akka seenu gochuu danda’a. Obboloonni tajaajila Yihowaa keessatti mirga guddaa argatanii turanillee kiyyoo kana keessa galaniiru. Sagaleen Waaqayyoo akkas jechuudhaan nu akeekkachiisa: “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta’in, wanta argattaniin ‘Nu ga’a’ jedhaa!” (Ibroota 13:5) Kiristiyaanni tokko waa’ee afeerrii carraa daldalaa isaaf dhihaaterratti yeroo yaadu, ‘Daldala akkasii keessa galuunkoo dirqama barbaachisaadhaa?’ jedhee of gaafachuu qaba. Jireenya salphaa waaqeffannaa Yihowaarratti xiyyeeffate jiraachuun keenya, “hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu” irraa nu eega.—1 Ximootewos 6:6-10.

Rakkoowwan Kiristiyaanota Hiriyaa Gaa’elaa Isaaniif Ta’u Hin Arganneerra Ga’an

7. (a) Kiristiyaanota hin fuune yookiin hin heerumne baay’eerra rakkoo akkamiitu ga’a? (b) Hiriyaa gaa’elaa filachuun Yihowaaf amanamuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?

7 Tajaajiltoonni Yihowaa fuudhuu yookiin heerumuu utuu barbaadanii hiriyaa gaa’elaa isaaniif ta’u dhaban baay’een jiru. Biyyoota tokko tokko keessatti namoonni hin fuudhin yookiin hin heerumin akka fuudhan yookiin akka heeruman hawaasni dhiibbaa guddaa isaanirraan ga’a. Ta’us, carraan nama hiriyaa gaa’elaa ta’uufi nama hidhata amantii ofii ta’e argachuu dhiphaa ta’uu danda’a. (Fakkeenya 13:12) Kana malees, Kiristiyaanonni qajeelfama Macaafni Qulqulluun gaa’elli ‘nama amanee’ wajjin qofa hundeeffamuu akka qabu dubbatuuf abboomamuun Yihowaadhaaf amanamuu akka ta’e beeku. (1 Qorontos 7:39) Kanaafuu, Kiristiyaanonni hin fuudhin yookiin hin heerumin dhiibbaa isaanirra ga’us ta’e qorumsa isaanirra ga’e mo’uuf dandeettii hubannaasaanii eeggachuu qabu.

8. Durba Shulaamittiirra dhiibbaa akkamiitu ga’e? Ijoollee durbaa yeroo har’aa gumii Kiristiyaanaa keessatti argamanirra qorumsa wal fakkaatu akkamiitu ga’a?

8 Solomoon mootichi, yaannisaa durba Shulaamittii jedhamtuufi durba baadiyaatiin qabamee akka ture Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameera. Tiksee dargaggeessa jaalalleeshee ta’e kan qabdu taatullee, qabeenyasaatiin, ulfinasaafi surraasaatiin ishee sossobeera. (Weedduu Weedduu Caalu 1:9-11; 3:7-10; 6:8-10, 13) Durba Kiristiyaanaa yoo taate, namni tokko karaa ati hin barbaanneen ijasaa sirra buufatee ta’uu danda’a. Tarii namni kun nama ati wajjin hojjettu yookiin waajjira sana keessatti nama aboo qabu ta’uu danda’a. Si jajuu, wantoota gaarii sii gochuufi carraa itti sii wajjin ta’u barbaada ta’a. Wantoota akkasiitiin akka hin gowwoomfamne of eeggadhu. Namni tokko kan akkas godhu waan si jaallateef yookiin saalqunnamtii raawwachuu waan barbaadeefidha jedhanii dubbachuun rakkisaa ta’us, yeroo baay’ee garuu yaannisaa kanaa ala hin ta’u. Atis akka durba Shulaamittii “masaraa” ta’i. (Weedduu Weedduu Caalu 8:4, 10) Ibsa jaalalaa inni sitti argisiisu cimsii mormi. Guyyaa waajjirichatti qacaramtee jalqabdee Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taate beeksisi; akkasumas carraa argatte hundaatti dhugaa itti himi. Kana gochuunkee eegumsa siif argamsiisa.

9. Nama hin beeknee wajjin karaa Intarneetii michummaa uumuun balaa akkamii qaba? (Saanduqa fuula kanarra jiru ilaali.)

9 Weeb saayitonni namoota gaa’ela barbaadaniif yaadamanii qophaa’an fudhatama argachaa dhufaniiru. Namoonni tokko tokko Weeb saayitii akkasii malawwan namoota karaa garabiraa kamiiniyyuu wal baruu hin dandeenye ittiin baruuf gargaaran godhanii ilaalu. Haata’u malee, nama sirriitti wal hin beeknee wajjin michoomuun balaa guddaa qaba. Wanti Intarneetiidhaan dhihaatu hundi dhugaafi soba ta’uusaa sirriitti beekuun rakkisaadha. (Faarfannaa 26:4) Namni ani tajaajilaa Yihowaati ofiin jedhu hundi tajaajilaa Yihowaa miti. Kana malees, michummaan Intarneetiidhaan uumamu dafee guddachuu kan danda’u yommuu ta’u, kunimmoo dandeetti hubannaa keenyarratti dhiibbaa fiduu danda’a. (Fakkeenya 28:26) Nama sirriitti hin beeknee wajjin Intarneetiidhaanis ta’e karaa garabiraa kamiiniyyuu, walitti dhufeenya jabaa uumuun sirrii miti.—1 Qorontos 15:33.

10. Kiristiyaanota hin fuudhin yookiin hin heerumin jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Yihowaan, tajaajiltootasaatiif ‘ni oo’a.’ (Yaaqoob 5:11) Kiristiyaanonni haala humnasaanii ol ta’een utuu hin fudhin yookiin utuu hin heerumin jiran qorumsi isaanirra ga’u akka abdii isaan kutachisiisu sirriitti beeka; amanamummaa isaan argisiisanis baay’ee dinqisiifata. Nutihoo namoota akkasii akkamitti jajjabeessuu dandeenya? Ajajamoo ta’uusaaniitiifi fedhiisaanii aarsaa gochuusaaniitiif yeroo hundaa isaan galateeffachuu qabna. (Abbootii Firdii 11:39, 40, 1899) Kana malees, qophiiwwan nama jajjabeessan yeroo qopheessinu isaan afeeruu dandeenya. Dhihootti akkas gooteettaa? Akkasumas dandeettii hubannaasaanii akka eeggataniifi isa tajaajiluusaaniitti gammachuu akka argatan akka isaan gargaaruuf Yihowaa kadhachuu dandeenya. Namoota amanamoo ta’an akkasii kanaaf garaa keenyaa akka yaannu argisiisuudhaan nutis akka Yihowaa akka isaan dinqisiifannu haa argisiisnu.—Faarfannaa 37:28.

Dhibeen Fayyaa Yommuu Nu Mudatu

11. Dhibeen fayyaa cimaan haala rakkisaa akkamii geessisa?

11 Dhibeen fayyaa nurras ta’e namoota jaallannurra yommuu ga’u baay’ee gaddina. (Isaayaas 38:1-3) Ta’us, gama yaalii fayyaatiin gargaarsa argachuuf yeroo yaalii goonutti of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni abboommii Macaafni Qulqulluun dhiigarraa akka fagaachuu qabnu ilaalchisee kenne ni kabaju; akkasumas yaalii fayyaa hojii hafuura hamaa wajjin wal qabate gochuurraas ni fagaatu. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29; Galaatiyaa 5:19-21) Ta’uyyuu, gama yaalii fayyaatiin namoonni beekumsa hin qabne, filannoo yaalii fayyaa gochuun itti ulfaachuu danda’a. Yeroo akkasiitti dandeettii hubannaa keenya eeguuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

12. Kiristiyaanni tokko waa’ee filannoowwan yaalii fayyaa yeroo yaadu ilaalcha sirrii qabaachuusaa argisiisuu kan danda’u akkamitti?

12 “Namni hubataan” Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an qoruudhaan “lafa dhaqu in ilaallata.” (Fakkeenya 14:15) Biyyoota lakkoofsi ogeeyyiin fayyaafi manni yaalaa muraasa ta’anitti, qorichawwan biqiltuurraa hojjetamaniifi aadaarratti hundaa’uudhaan kennamaniin alatti filannoo garabiraan hin jiru ta’a. Karaa kanaan yaalamuu yoo barbaadde, Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1987 (Ingiliffa) ful. 26-29⁠rra yaada gaarii argachuu dandeessa. b Barruun kun rakkoowwan uumamuu danda’an ibsuudhaan nu akeekkachiisa. Fakkeenyaaf, wantoota armaan gaditti argaman adda baasnee beekuun nu barbaachisa ta’a: Namni qoricha aadaa hojjetu kun hojii hafuura xuraa’aa hojjechuudhaan beekama? Yaaliin fayyaa kun kan kennamu maddi dhukkubaafi du’aa waaqoliin (hafuurri abbootii durii) waan dheekkamaniif yookiin namoonni diina ta’an qoricha waan namatti hojjechiisaniifidha kan jedhudhaa? Yeroo qorichi qopheeffamu yookiin kennamu aarsaa dhiheessuun, qara’uufi hojiin hafuura xuraa’ummaa garabiraan ni raawwatamaa? (Keessa Deebii 18:10-12) Qorannaa akkasii gochuun keenya, gorsa Macaafa Qulqulluu isa: “Waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa!” jedhu hojiirra oolchuuf nu gargaara. c (1 Tasaloniiqee 5:21) Akkasumas ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara.

13, 14. (a) Fayyaa keenyaaf kunuunsa barbaachisaa ta’e gochuudhaan ilaalcha sirrii qabaachuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Waa’ee fayyaas ta’e waa’ee yaalii fayyaa warra kaanii wajjin yeroo mari’annu ilaalcha sirrii qabaachuu kan nu barbaachisu maaliifi?

13 Yaalii fayyaa gochuu dabalatee jireenya keenya keessatti ilaalcha sirrii ta’e qabaachuun barbaachisaadha. Fayyaa keenyaaf xiyyeeffannaa sirrii ta’e kennuudhaan jireenya nuu kennameef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Dhibeen fayyaa yommuu nu mudatu rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Ta’uyyuu, guyyaan Waaqayyo “saba biyya lafaa fayyisu” hamma ga’utti fayyaa guutuu argachuun hin danda’amu. (Mul’ata 22:1, 2) Wantoota karaa hafuura caalaatti nu barbaachisan hanga dagannutti waa’ee fayyaa keenyaa akka hin dhiphanne of eeggannoo gochuu qabna.—Maatewos 5:3; Filiphisiiyus 1:10.

14 Akkasumas, warra kaanii wajjin waa’ee fayyaa yookiin waa’ee yaalii fayyaa yeroo mari’annu ilaalcha sirrii qabaachuu qabna. Gumiifi walga’iiwwan gurguddaarratti barumsa argachuuf yommuu wal geenyu, ijoon haasaafi maree keenyaa waa’ee fayyaafi yaalii fayyaarratti kan xiyyeeffate ta’uu hin qabu. Kana malees, yeroo baay’ee namni tokko yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo gochuusaa dura, barumsa bu’uuraa Macaafa Qulqulluu, dhageettii yaada garaasaafi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu tilmaama keessa galchuu isa barbaachisa. Kanaafuu, obboleessi hidhata amantaa keenyaa ta’e ilaalcha keenya akka fudhatu dirqisiisuun yookiin wanta yaanni garaasaa itti himuuf akka hin ajajamne dhiibbaa irratti gochuun jaalala akka hin qabne kan argisiisu ta’uu danda’a. Miseensota gumii ga’eessota ta’an gorsa gaafachuun kan danda’amu ta’us, Kiristiyaana kan ta’e hundi, murtoo gochuuf itti gaafatamummaa qabu ‘ofii isaatii baachuu’ qaba; sababiinsaas “nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.”—Galaatiyaa 6:5; Roomaa 14:12, 22, 23.

Dhiphinni Yommuu Nurra Ga’u

15. Haalawwan nama dhiphisan miidhaa nurraan ga’uu kan danda’an akkamitti?

15 Haalawwan nama dhiphisan tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoonillee dubbii gowwummaa akka dubbatan yookiin gocha hin taane akka raawwatan isaan gochuu danda’u. (Lallaba 7:7) Rakkoowwan gurguddaan irra ga’anii kan turan Iyoob, ilaalchasaa sirreessuun isa barbaachisee ture. (Iyoob 35:2, 3; 40:6-8) ‘Museen namoota biyya lafaarra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa [nama gad of deebisu, NW] kan ture’ ta’uyyuu, al tokko jarjaree aariidhaan dubbii hin taane dubbateera. (Lakkoobsa 12:3; 20:7-12; Faarfannaa 106:32, 33) Daawit, Saa’olirra miidhaa geessisuurraa of qusachuudhaan nama of qabu ta’uusaa kan argisiise ta’us, yeroo Naabaal isa arrabseefi namoota inni erge ifate waan baay’ee aareef dandeetti hubannaasaa eeguu dadhabee ture. Daawit gara qalbiisaatti kan deebi’eefi dogoggora gadhee raawwachuurraa kan oole yeroo Abigaayil dubbii kana keessa harkashee galchitetidha.—1 Saamu’el 24:2-7; 25:9-13, 32, 33.

16. Jarjarsuudhaan akka tarkaanfii hin fudhanne maaltu nu gargaara?

16 Haaluma wal fakkaatuun nutis haalawwan dandeettii hubannaa keenya akka dhabnu taasisan nu mudachuu danda’u. Akkuma Daawit gorsa warri kaan nuu kennan fudhachuun keenya jarjarsuudhaan tarkaanfii fudhachuufi cubbuu hojjechuurraa nu oolcha. (Fakkeenya 19:2) Sagaleen Waaqayyoo akkas jechuudhaan nu akeekkachiisa: “Yoo aartan iyyuu, cubbuu hin hojjetinaa! Yeroo gab jettanii siree keessan irra jirtanitti, kana garaa keessanitti itti yaadaa.” (Faarfannaa 4:4) Hamma danda’ametti hanga aariin keenya nurraa darbutti tarkaanfii fudhachuurraa yookiin murtoo gochuurraa of qusachuun keenya gaariidha. (Fakkeenya 14:17, 29) Garaa keenya guutuudhaan Yihowaatti kadhannaadhaan yoo dhihaanne, “Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa [keenyaa] fi yaada [keenya] in eega.” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Nagaan Waaqayyo biraa argamu kun tasgabbii akka godhannu, akkasumas dandeettii hubannaa keenya akka eegnu nu gargaara.

17. Dandeettii hubannaa keenya eeguuf Yihowaatti amanamuu kan qabnu maaliifi?

17 Wantoota gadheerraa fagaachuufi ogummaadhaan deddeebi’uuf hamma dandeenyu yaalii goonuyyuu ni dogoggorra. (Yaaqoob 3:2) Utuu nutti hin beekamin cubbuu badiisa nurraan ga’u raawwachuu dandeenya. (Faarfannaa 19:12, 13) Namoota waan taaneef Yihowaarraa adda baanee karaa mataa keenyaa adeemuuf dandeettiis ta’e mirga hin qabnu. (Ermiyaas 10:23) Yihowaan akkas jechuudhaan waan nuu mirkaneesseef baay’ee galateeffachuu qabna: “Waaqayyo, waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha.” (Faarfannaa 32:8) Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin dandeettii hubannaa keenya eeguu dandeenya.

[Miiljaleewwan]

a Walii galtee daldalaa barreeffamaan qabachuu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, barruulee kanaa gaditti argamaniifi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’an ilaali: Masaraa Eegumsaa, Hagayya 1, 1997, ful. 30-31; Sadaasa 15, 1986, ful. 16-17 (Ingiliffa) ykn 11-107 ful. 14, 15 (Amaariffa) fi Dammaqaa!, Guraandhala 8, 1983, ful. 13-15 (Ingiliffa).

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 1994, ful. 19-22 ilaali.

c Yaanni kun namoota filannoowwan yaalii fayyaa yaada wal faallessan qaban argachuu barbaadanis ni gargaara.

Maal Jettee Deebista?

• Daldalarratti akka hirmaannu afeerriin yeroo nuu dhihaatu

• Hiriyaa gaa’elaa yeroo barbaannu

• Dhibeen fayyaa ennaa nu mudatu

• Dhiphinni yeroo nurra ga’u, dandeettii hubannaa keenyaa eeguu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 29rra jiru]

Amanuun Ni Danda’amaa?

Namoonni warra hin fuuneefi hin heerumneef Weeb saayitii qopheessan itti gaafatamummaarraa walaba of baasuuf akeekkachiisa armaan gaditti argamu kennaniiru:

“Hamma dandeenyu carraaqqii goonus, eenyummaan nama kanaa asirratti sirriitti ibsameera jennee waadaa galuu hin dandeenyu.”

“Ragaawwan Weeb saayitii kanarratti ibsaman hundi, sirriifi hir’ina kan hin qabne, akkasumas faayidaa kan qabudha jennee waadaa hin gallu.”

“Ilaalchi, gorsi, yaanni, afeerriin, ragaawwan Weeb saayitii kanarratti ibsamaniifi wantoonni garabiraan, namoota wantoota kanarratti qooda fudhataniin kan ibsaman waan ta’aniif . . . guutummaatti kan amanaman ta’uu dhiisu danda’u.”