Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Bantii Waaqaa Keessa Jiruufi Wanta Lafarra Jiru Walitti Qabuu

Wanta Bantii Waaqaa Keessa Jiruufi Wanta Lafarra Jiru Walitti Qabuu

Wanta Bantii Waaqaa Keessa Jiruufi Wanta Lafarra Jiru Walitti Qabuu

“Waan isatti gaarii fakkaate . . . wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.”—EFESOON 1:9, 10.

1. Yihowaan bantiiwwan waaqaafi lafaaf ‘wanta gaarii akkamii yaade’?

 NAGAA UUMAMA CUFAA! Yihowaan “inni nagaa kennu” kaayyoonsaa kanadha. (Ibroota 13:20) Yihowaan, Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin akkas jedhe akka barreessu godhee ture: “Waan isatti gaarii fakkaate . . . wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.” (Efesoon 1:9, 10) Jechi caqasa kanarratti “walitti qaba” jedhame hiiknisaa maalidha? Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan ta’an Joon Laayitfuut akkas jedhaniiru: “Ibsi kun uumamni cufti walta’iinsa akka qabaatu, akkasumas qaamonni orma ta’aniifi wal qooduu fidan badanii hundinuu karaa Kiristos akka tokko ta’an argisiisa. Cubbuun, duuni, gaddiifi dhiphinni hin jiraatu.”

“Wanta Bantii Waaqaa Keessa Jiru”

2. ‘Wantoonni bantii waaqaa keessa jiraniifi’ walitti qabamuun isaan barbaachisu eenyufa’i?

2 Phexros, abdii dinqisiisaa Kiristiyaanonni qaban akkas jechuudhaan barreesseera: “Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.” (2 Phexros 3:13) ‘Bantii waaqaa haaraan’ asirratti abdachiifame, bulchiinsa haaraa jechuunis Mootummaa Masiihichaati. Phaawulos ergaa Kiristiyaanota Efesooniif barreesserratti ‘wantoonni bantii waaqaa keessa jiran’ “Kiristos jalatti” akka walitti qabaman ibseera. Wantoonni bantii waaqaa keessatti argaman kun, namoota lakkoofsa muraasa qabaniifi Kiristosii wajjin samiirratti bulchan kan argisiisanidha. (1 Phexros 1:3, 4) Kiristiyaanonni 144,000 ta’aniifi hafuura qulqulluudhaan dibaman kun, Kiristosii wajjin Mootummaa isa samii akka dhaalaniif warra “biyya lafaa keessaa furaman” akkasumas “warra sanyii namaa keessaa . . . furaman” ta’uunsaanii ibsameera.—Mul’ata 5:9, 10; 14:3, 4; 2 Qorontos 1:21; Efesoon 1:11; 3:6.

3. Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman utuu lafarra jiranii ‘bantii waaqaa keessaa akka iddoon isaaniif kennametti’ kan ibsaman maaliifi?

3 Kiristiyaanonni dibamoon karaa hafuuraa ijoollee Yihowaa akka ta’aniif hafuura qulqulluudhaan lammaffaa dhalataniiru. (Yohannis 1:12, 13; 3:5-7) Yihowaan akka ‘ilmaansaatti’ waan isaan simateef, obbolaa Yesus ta’aniiru. (Roomaa 8:15; Efesoon 1:5) Utuu lafarra jiranii, ‘Karaa Kristos Yesus isumaa wajjin du’aa ka’anii, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoon akka isaaniif kenname’ kan ibsames kanumaafi. (Efesoon 1:3; 2:6) Iddoo guddaa akkasii argachuu kan danda’an ‘hafuura qulqulluu isa abdachiifameen waan mallateeffamaniifidha. Hafuurri qulqulluunimmoo wanta isaan argachuuf jiraniif qabdiisaaniiti.’ (Efesoon 1:13, 14; Qolosaayis 1:5) Yihowaan lakkoofsasaanii dursee waan murteesseef, ‘wantoonni bantii waaqaa keessa jiraniifi’ walitti qabamuun isaan barbaachisu isaan kanadha.

Walitti Qabuun Ni Jalqabame

4. ‘Wantoota bantii waaqaarratti argaman’ walitti qabuun yoomiifi akkamitti jalqabame?

4 “Bulchiinsi” Yihowaa, jechuunis karaan inni itti wantoota raawwatu, hojii ‘wantoota bantii waaqaa keessatti argaman’ walitti qabuu kan jalqabu “barri murame yeroo guututti” ture. (Efesoon 1:10) Barri murame kunis, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti jalqabe. Guyyaa sanatti, ergamoota Yesusirra, durbaafi dhiira bartoota ta’anirra hafuurri qulqulluun ni bu’e. (Hojii Ergamootaa 1:13-15; 2:1-4) Kunis kakuu inni haaraan hojii jalqabuusaa kan argisiisu yeroo ta’u, karaa kanaanis, gumiin Kiristiyaanaa “Israa’el Waaqayyoo” jechuunis sabni Israa’el inni hafuuraa ni dhalate.—Galaatiyaa 6:16; Ibroota 9:15; 12:23, 24.

5. Yihowaan, “saba” haaraa Israa’eloota warra fooniitiin bakka buufaman kan uume maaliifi?

5 Kakuun Seerichaa Yihowaan Israa’eloota warra foonii wajjin gale, “luboota mootii waaqaa fi lafaa . . . saba qulqullaa’aa” ta’ee bara baraaf samiirratti tajaajilu argamsiisuu hin dandeenye. (Ba’uu 19:5, 6) Yesus geggeessitoota amantii Yihudootaatiin: ‘Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf kennama’ jedheera. (Maatewos 21:43) Sabni kun, Israa’eloota warra hafuuraa, jechuunis Kiristiyaanota warra hafuuraan dibamaniifi kakuu haaraa keessa galfaman kan qabatedha. Phexros Kiristiyaanota kanaaf akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin garuu qomoo fo’amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa’aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta’anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame. Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu.” (1 Phexros 2:9, 10) Israa’eloonni warri foonii saba Waaqayyoo warra kakuun galameef ta’uunsaanii ni hafe. (Ibroota 8:7-13) Akkuma Yesus dursee dubbate, mirgi isaan kutaa Mootummaa Masiihichaa ta’uuf qaban isaanirraa fudhatamee miseensota Israa’el warra hafuuraa 144,000 ta’aniif kenname.—Mul’ata 7:4-8.

Kakuu Mootummaatti Galuu

6, 7. Yesus obbolootasaa warra hafuuraan dibamaniif kakuu addaa akkamii gale? Kun isaaniif bu’aa maalii argamsiisa?

6 Yesus galgala ayyaana Yaadannoo du’asaa dhaaberratti ergamootasaa warra amanamoodhaan akkas jedhee ture: “Isin qorama koo keessatti warra anaa wajjin turtanii dha. Abbaan koo mootummaa akka anaaf kaa’e, anis immoo akkasuma isiniif nan kaa’a. Mootummaa kootti maaddii koo irraa in nyaattu, in dhugdu, teessota irra teessanii gosa Israa’el kudha lamaan keessatti firdii in kennitus.” (Luqaas 22:28-30) Yesus asirratti kan dubbate, waa’ee kakuu addaa namoota “hamma du’aatti amanamaa” ta’aniifi ‘warra mo’an’ jechuunis namoota 144,000 hafuuraan dhalataniifi obbolootasaa ta’anii wajjin galedha.—Mul’ata 2:10; 3:21.

7 Namoonni lakkoofsisaanii muraasaafi miseensota kutaa kanaa ta’an hundi, abdii bara baraaf fooniin lafarra jiraachuuf qaban aarsaa godhaniiru. Samiirratti Kiristosii wajjin bulchu; akkasumas teessoorra taa’anii ilmaan namootaatiif firdii kennu. (Mul’ata 20:4, 6) Mee ammammoo, caqasawwan garabiraa waa’ee Kiristiyaanota hafuuraan dibamanii dubbataniifi sababii ‘hoolonni kan biraan’ ayyaana Yaadannoorratti maxinichaafi wayinicharraa itti hin hirmaanneef haa ilaallu.—Yohannis 10:16.

8. Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman maxinicharraa nyaachuunsaanii hiika maalii qaba? (Saanduqa fuula 11⁠rra jiru ilaali.)

8 Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman akkuma Kiristos rakkinni kan isaanirra ga’u yommuu ta’u, du’a inni du’e du’uufis fedhii qabu. Miseensa tuuta kanaa kan ta’e Phaawulos ‘Kiristosiin bu’aasaa godhachuudhaaf, kanaafis isa duwwaa beekuuf, humna du’aa ka’uusaas miyeeffachuuf, dhiphinasaarraa, du’asaarraas hirmaachuuf’ aarsaa kamiyyuu kaffaluuf qophaa’aa ta’uusaa ibseera. Eeyyee, Phaawulos “du’a isaa irraas” hirmaachuuf fedhii qaba ture. (Filiphisiiyus 3:8, 10) Kiristiyaanonni dibamoon baay’een yeroo lafarra jiraatan, “milikkita du’atti geeffamuu Yesus,” dhagnasaaniitti baatanii adeemu.—2 Qorontos 4:10.

9. Maxinoon Ayyaana Yaadannoorratti dhihaatu maaliif fakkeenya ta’a?

9 Yesus Irbaata Gooftaa yeroo dhaabe: “Kun dhagna koo ti!” jedheera. (Maarqos 14:22) Akkas jechuunsaa, dhagnasaa isa yeroo muraasa booda reebamuufi dhiigaan faalamu argisiisuusaa ture. Maxinoon raacitii hin qabne foon Yesusiif fakkeenya gaariidha. Maaliif? Macaafa Qulqulluu keessatti raacitiin cubbuu yookiin hammeenya waan argisiisuufidha. (Maatewos 16:4, 11, 12; 1 Qorontos 5:6-8) Yesus nama gonkummaa qabuufi cubbuurraa walaba ta’e ture. Foonsaa isa cubbuu hin qabne kana aarsaa godhee dhiheessa. (Ibroota 7:26; 1 Yohannis 2:2) Kana gochuunsaa, Kiristiyaanota amanamoo samiirras ta’e lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf abdatan hundaa kan fayyadudha.—Yohannis 6:51.

10. Namoonni ayyaana Yaadannoorratti wayinicharraa hirmaatan ‘dhiiga Kiristosirraa kan hirmaatan’ akkamitti?

10 Phaawulos, wayinii Kiristiyaanonni dibamoon ayyaana Yaadannoorratti dhugan ilaalchisee yeroo barreessu: “Xoofoo eebbaa isa eebbifannu irraa hirmaachuun keenya, dhiiga Kristos irraa hirmaachuu keenya mitii ree?” jedheera. (1 Qorontos 10:16) Namoonni wayinicharraa hirmaatan ‘dhiiga Kiristosirraa kan hirmaatan’ akkamitti? Isaanumtiyyuu fayyina argachuun waan isaan barbaachisuuf, Kiristosii wajjin ta’anii ilmaan namootaatiif aarsaa ta’uu hin danda’an. Humna dhiigni Kiristos fayyisuuf qabutti amanuusaaniitiin cubbuunsaanii kan isaaniif dhiifame yeroo ta’u, samiirratti jireenya argachuu akka danda’aniif qajeelota ta’anii ilaalamaniiru. (Roomaa 5:8, 9; Tiitoos 3:4-7) Kiristiyaanonni Kiristosii wajjin dhaalaniifi 144,000 ta’an kun kan ‘qullaa’an,’ kan adda baafamaniifi kan “qulqullaa’an” karaa dhiiga Kiristos isa dhangala’edha. (Ibroota 10:29; Daani’el 7:18, 27; Efesoon 2:19) Eeyyee, Kiristos dhiigasaa isa dhangala’een ‘gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas, namoota Waaqayyoof bite. Waaqayyo keenyaaf mootummaadhaaf, luboota isaas akka ta’an isaan godhe, isaanis lafa irratti mo’uuf jiru.’—Mul’ata 5:9, 10.

11. Kiristiyaanonni dibamoon wayinii ayyaana Yaadannoorratti dhihaaturraa dhuguudhaan maal argisiisu?

11 Kiristos ayyaana Yaadannoo du’asaa yeroo dhaabetti, ergamootasaa warra amanamoodhaaf xoofoo wayinii qabu erga kennee booda akkas isaaniin jedhe: “Hundumti keessan kanattii dhugaa! Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetiif dhangala’a.” (Maatewos 26:27, 28) Kakuun Seerichaa Waaqayyo saba Israa’elii wajjin galee ture dhiiga jibootaafi dhiiga re’ootaatiin akkuma dhaabatee ture, kakuu haaraan Yihowaan Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii jalqabee Israa’eloota warra hafuuraa wajjin gales dhiiga Yesusiin dhaabate. (Ba’uu 24:5-8; Luqaas 22:20; Ibroota 9:14, 15) Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman wayinii isa “dhiiga kakuu” argisiisu dhuguunsaanii kakuu isa haaraa keessa akka galaniifi faayidaa kakuun kun argamsiisurraa hirmaachaa akka jiran argisiisa.

12. Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman Kiristositti dabalamuuf kan cuuphaman akkamitti?

12 Kiristiyaanonni dibamoon wayinii kanarraa dhuguunsaanii wanta isaan yaadachiisu garabiraas qaba. Yesus bartootasaa warra amanamoodhaan akkas jedheera: “Xoofoo ani keessaa dhuguuf jedhu keessaa dhuguuf jirtu, cuuphaa ani ittiin cuuphamus cuuphamuuf jirtu.” (Maarqos 10:38, 39) Phaawulos yeroo booda, Kiristiyaanonni ‘du’a Kiristositti dabalamuudhaaf akka cuuphaman’ dubbateera. (Roomaa 6:3) Kiristiyaanonni dibamoon jireenya aarsaa kaffaluu gaafatu jiraatu. Abdii bara baraaf lafarra jiraachuuf qaban fedhasaaniitiin waan dhiisaniif duutisaanii du’a aarsaati. Kiristiyaanonni kun amanamummaadhaan erga du’anii booda, Kiristosii wajjin samiirratti ‘mo’uuf’ qaama hafuuraa ta’anii yeroo du’aa kaafaman, cuuphaan isaan Kiristositti dabalamuudhaan cuuphaman ni dhaabata.—2 Ximootewos 2:10-12; Roomaa 6:5; 1 Qorontos 15:42-44, 50.

Maxinoofi Wayiniirraa Hirmaachuu

13. Kiristiyaanonni lafarra jiraachuuf abdii qaban maxinoofi wayiniirraa kan hin hirmaanne maaliifi? Haata’u malee, ayyaana Yaadannoorratti maaliif argamu?

13 Yeroo ayyaana Yaadannootti maxinoofi wayinii naanneffamurraa hirmaachuun wantoota kana hundaa kan dabalatu waan ta’eef, Kiristiyaanonni lafarra jiraachuuf abdii qaban maxinichaafi wayinicharraa hirmaachuunsaanii sirrii akka hin taane ifaadha. Kiristiyaanonni lafarra jiraachuuf abdii qaban, kutaa Kiristiyaanota dibamoo qaama Kiristos akka hin taaneefi Yihowaan kakuu haaraa namoota Kiristosii wajjin bulchanii wajjin gale keessa akka hin jirre ni hubatu. ‘Xoofichi’ kakuu haaraa kan argisiisu waan ta’eef, maxinicharraafi wayinicharraa hirmaachuu kan danda’an Kiristiyaanota kakuu haaraa keessa galan qofadha. Kiristiyaanonni bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti jireenya bara baraa argatanii lafarra jiraachuuf abdii qaban, du’a Kiristositti dabalamuuf hin cuuphamne; isaa wajjin gara samii dhaquufis hin filatamne. Kiristiyaanonni kun maxinichaafi wayinicharraa yoo hirmaatan, gochisaanii kun waa’eesaanii yaada dogoggoraa dabarsuu danda’a. Kanaafuu, ayyaana Yaadannoorratti argamanii sirnasaa kabajaan hordofu malee maxinichaafi wayinicharraa hin hirmaatan. Dhiiga Yesus Kiristos isa dhangala’een dhiifama cubbuu akka argatan karaa isaaniif banuusaa dabalatee, qophiiwwan Yihowaan karaa Ilmasaa isaaniif godheef ni galateeffatu.

14. Dibamtoonni maxinoofi wayinicharraa hirmaachuunsaanii karaa hafuuraa jajjabina kan isaaniif argamsiisu akkamiitti?

14 Kiristiyaanonni lakkoofsa muraasa qabaniifi Kiristosii wajjin samiirratti akka bulchaniif filataman yeroon itti mallatteeffamanii xumuraman dhihaateera. Dibamtoonni kun jireenyasaanii isa lafarraa hanga aarsaa godhanii kennanitti, maxinichaafi wayinicharraa hirmaachuudhaan karaa hafuuraa jajjabina argatu. Akkas gochuusaaniitiinis obbolootasaanii warra kutaa qaama Kiristos ta’anii wajjin tokkummaa akka qaban argisiisu. Maxinichaafi wayinicharraa hirmaachuunsaanii hamma du’aatti amanamoo ta’uu akka qaban isaan yaadachiisa.—2 Phexros 1:10, 11.

“Wanta Lafa Irra Jiru” Walitti Qabuu

15. Kiristiyaanota dibamoo cinatti walitti qabamaa kan turan eenyufa’i?

15 Bara 1935 jalqabee, ‘hoolonni kan biraan’ lakkoofsisaanii baay’achaa dhufeefi miseensa kutaa “karra xinnayyoo” hin ta’in, bara baraan lafarra jiraachuuf abdii qaban dibamtoota wajjin tokko ta’anii hojjechuu jalqabaniiru. (Yohannis 10:16; Luqaas 12:32; Zakaariyaas 8:23) Namoonni kun obboloota Kiristos amanamummaadhaan deggeranii, ‘wangeela mootummaa’ saba hundumaaf lallabamurratti hirmaachuudhaan gargaarsa guddaa isaaniif godhaniiru. (Maatewos 24:14; 25:40) Kana gochuusaaniitiinis, yeroo Kiristos sabootarratti faraduuf dhufu ‘hoolotasaa’ ta’uudhaan namoota isa biratti fudhatama argachuudhaan “mirga isaa” dhaabatan keessaa tokko ta’u. (Maatewos 25:33-36, 46) Amantaa dhiiga Kiristosirratti qabaniin “rakkina guddaa keessaa” ooluudhaan kutaa “tuuta sonaan baay’ee” ta’u.—Mul’ata 7:9-14.

16. ‘Wanti lafarra jiru’ eenyufaa dabalata? Isaan kun hundinuu carraa “ijoollee Waaqayyoo” ta’uu kan argatan akkamitti?

16 Namoonni miseensota 144,000 ta’an, erga mallatteeffamanii raawwatamanii booda, ‘qilleensonni’ badiisaa sirna Seexanaa isa hamaa kanarratti gad dhiifamu. (Mul’ata 7:1-4) Yesus namoota moototaafi luboota ta’anii wajjin waggaa kuma tokkoof yeroo bulchu, namoonni du’aa kaafamaniifi lakkoofsisaanii hangana hin jedhamne tuuta sonaan baay’ee wajjin walitti makamu. (Mul’ata 20:12, 13) Isaan kunis, Mootummaa Masiihichaa isa Yesus Kiristosiin geggeeffamu jala bara baraaf lafarra jiraachuuf carraa argatu. Dhuma waggaa kuma tokkoorratti ‘wantoonni lafarra jiran’ hundinuu yeroo dhumaatiif qoramu. Namoonni qorumsicha amanamummaadhaan mo’an “ijoollee Waaqayyoo” warra lafarratti argaman ta’u.—Efesoon 1:10; Roomaa 8:21; Mul’ata 20:7, 8.

17. Kaayyoon Yihowaa raawwiisaa kan argatu akkamitti?

17 Yihowaan “bulchiinsa” tokkoon yookiin karaa itti wantoota raawwatuun fayyadamee kaayyoosaa isa ‘wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kiristos jalatti walitti qabuuf’ baase kana galmaan ga’a. Ergamoonni samiirratti argamanis ta’e ilmaan namootaa hundi, Yihowaa isa kaayyoosaa galmaan ga’uufi bulchiinsasaa isa qajeelummaarratti hundaa’eef gammachuudhaan bitamuudhaan nagaa uumama cufaa jalatti walitti qabamu.

18. Dibamtoonnis ta’an namoonni hidhatasaanii ta’an kaan ayyaana Yaadannoorratti argamuusaaniitiin faayidaa maalii argatu?

18 Kiristiyaanonni dibamoon lakkoofsa muraasa qabanis ta’e hoolonni kan biraan hidhatasaanii ta’an ayyaana Yaadannoo Ebla 12, 2006 kabajamurratti argamuunsaanii amantaasaanii isaaniif jabeessa. Abboommii Yesus: “Kanas seenaa kootiif godhadhaa!” jedheef ajajamuudhaan ayyaana Yaadannoo du’a Kiristos kabaju. (Luqaas 22:19) Namoonni ayyaana Yaadannoorratti argaman hundi, qophii Yihowaan karaa tokkicha Ilmasaa isa jaallatamaa isaaniif godhe yaadachuu qabu.

Irra Deebii

• Kaayyoon Yihowaan wanta bantii waaqaa keessa jiruufi lafarra jiruuf qabu maalidha?

• ‘Wantoonni bantii waaqaa keessa jiran’ eenyufa’i? Isaan kun kan walitti qabaman akkamitti?

• ‘Wantoonni lafarra jiran’ maalidha? Isaanoo abdii akkamii qabu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 11rra jiru]

“Dhagna Kristos”

Phaawulos, xalayaa 1 Qorontos 10:16, 17⁠rratti obboloota Kiristos warra dibamoodhaaf barreesserratti hiika maxinichi qabu yeroo ibsu, jecha “dhagna” jedhuun fayyadameera. Akkas jedhe: “Buddeena isa cabsannu irraa hirmaachuun keenya, dhagna Kristos irraa hirmaachuu keenya mitii ree? Buddeenni tokkicha waan jiruuf, nus immoo hammam yoo baay’anne iyyuu, hundumti keenya buddeena tokkicha sana irraa waan hirmaannuuf, nuyi dhagna tokkicha.” Kiristiyaanonni dibamoon maxinoo ayyaana Yaadannoorratti dhihaaturraa hirmaachuunsaanii gumii Kiristiyaanota dibamoo wajjin tokkummaa qabaachuusaanii argisiisa; gumiin kun dhagna tokko yommuu ta’u, Mataansaas Kiristosidha.—Maatewos 23:10; 1 Qorontos 12:12, 13, 18.