Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dhaqaa, Isaan Cuuphuudhaan Bartootakoo Godhaa!’

‘Dhaqaa, Isaan Cuuphuudhaan Bartootakoo Godhaa!’

‘Dhaqaa, Isaan Cuuphuudhaan Bartootakoo Godhaa!’

“Egaa dhaqaa, . . .  isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!” —MAATEWOS 28:19, 20.

1. Sabni Israa’el Tulluu Siinaa jalatti kakuu akkamii galan?

 NAANNOO waggaa 3,500 dura, namoonni saba sana keessatti argaman hundi Waaqayyoo wajjin kakuu galanii turan. Israa’eloonni Tulluu Siinaa jalatti walitti qabaman: “Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jechuudhaan kakuu galan. Yeroo sanaa eegalee Israa’eloonni, saba Waaqayyoof murtaa’aniifi kan ‘dhuunfaasaa’ ta’aniiru. (Ba’uu 19:5, 8; 24:3) Kanaan kan ka’es, Yihowaan akka isaan eeguufi isaaniinis ta’e ijoolleensaanii dhalootaa hanga dhalootaatti “biyya aannanii fi damma baasu” akka isaan dhaalsisu eeggachuu jalqaban.—Lewwoota 20:24.

2. Yeroo ammaatti, namoonni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akkamii qabaachuu danda’aniiru?

2 Haata’u malee, Asaaf inni faarfatichi akka ibsetti, “isaan [Israa’eloonni] kakuu Waaqayyoo hin eegne akka seera isaattis deddeebi’uu in didan.” (Faarfannaa 78:10) Kakuu abboonnisaanii Yihowaa wajjin galan eeguu dhaaban. Dhumarrattis, walitti dhufeenya addaa Yihowaa wajjin qaban dhabaniiru. (Lallaba 5:4; Maatewos 23:37, 38) Kanaan kan ka’es, Waaqayyo, “warra saba isaa hin ta’in keessaa, saba ofii isaatii godhachuudhaaf [“maqaasaatii fudhachuudhaaf, 1899]” xiyyeeffannaasaa gara saboota garabiraatti deebise. (Hojii Ergamootaa 15:14) Waaqayyo, guyyoota gara dhumaa kanattis, “tuuta sonaan baay’ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaa’uu hin dandeenye” walitti qabuu kan jalqabe yommuu ta’u, isaanis gammachuudhaan: “Fayyinni Waaqayyo keenya isa teessicha irra taa’u biraa, hoolicha biraas in argama!” jedhanii dubbatu.—Mul’ata 7:9, 10.

3. Namni tokko Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo barbaade, tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qaba?

3 Namni tokko warra Waaqayoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qaban keessaa tokko ta’uu yoo barbaade, Yihowaadhaaf of murteessuufi murtoosaa kanas cuuphamuudhaan argisiisuu qaba. Namni tokko kana gochuunsaa, abboommii Yesus akkas jechuudhaan bartootasaatiif kenne kabajuusaa argisiisa: “Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!” (Maatewos 28:19, 20) Israa’eloonni, yeroo Museen “macaafa kakuu” dubbisu dhaggeeffachaa turan. (Ba’uu 24:3, 7, 8) Kanaan kan ka’es, wanta Yihowaan isaanirraa barbaadu hubataniiru jechuudha. Har’as haaluma wal fakkaatuun, namni tokko cuuphamuusaa dura waa’ee kaayyoo Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu ilaalchisee beekumsa sirrii argachuunsaa barbaachisaadha.

4. Namni tokko cuuphaaf ga’eessa ta’uuf maal gochuu qaba? (Yaada saanduqa ful. 21⁠rratti argamu itti dabalii deebisi.)

4 Yesus bartoonnisaa cuuphamuusaanii dura amantaa jabaa akka qabaatan kan barbaade ta’uusaa kanarraa hubachuun ni danda’ama. Duuka buutonnisaa, dhaqanii saba hundumaa bartootasaa akka godhan qofa utuu hin ta’in, ‘waan inni isaan abboome hundumaas eeguu’ akka isaan barsiisan ajajeera. (Maatewos 7:24, 25; Efesoon 3:17-19) Kanaafuu, yeroo baay’ee namoonni cuuphamuuf ga’eessota ta’an namoota ji’oota baay’eedhaaf yookiin waggaa tokko yookiin lamaaf Macaafa Qulqulluu kan qayyabatan yommuu ta’u, kunis jarjaranii yookiin beekumsa ga’aa utuu hin qabaatin cuuphamuuf akka hin murteessine isaan gargaara. Guyyaa cuuphamanittis, gaaffiiwwan gurguddaa ta’an lamaaf deebii eeyyee jedhu kennu. Yesus, ‘eeyyeen keenya eeyyee, waawuun keenyas waawuu’ ta’uu akka qabu waan nu akeekkachiiseef, hundi keenyayyuu gaaffiiwwan cuuphaa lamaan hiika maalii akka qaban sirriitti irratti yaaduun keenya baay’ee barbaachisaadha.—Maatewos 5:37.

Qalbii Geddarachuufi Of Murteessuu

5. Gaaffiin cuuphaa inni jalqabaa tarkaanfiiwwan gurguddaa lamaan kamirratti xiyyeeffata?

5 Gaaffiin cuuphaa inni jalqabaa, nama cuuphamuuf dhihaatu, jireenyasaa isa darbetti gaabbee qalbii geddarachuusaafi fedha Yihowaa raawwachuuf kan of murteesse ta’uusaa kan gaafatudha. Gaaffiin kun, tarkaanfiiwwan gurguddaa cuuphaa dura fudhatamuu qaban lamarratti kan xiyyeeffatu yommuu ta’u, isaanis qalbii geddarachuufi of murteessuudha.

6, 7. (a) Qalbii geddarachuun namoota cuuphamuu barbaadan hundaaf barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Namni tokko erga qalbii geddaratee booda jijjiirama akkamii gochuu qaba?

6 Namni tokko cuuphamuusaa dura qalbii geddarachuu kan qabu maaliifi? Phaawulos: “Nus hundumti keenya hawwa foon keenyaa duukaa buunee . . . jiraanneerra” jechuudhaan ibseera. (Efesoon 2:3) Waa’ee fedha Waaqayyoo utuu sirriitti hin beekin dura, biyya lafaa wajjin tokko taanee qajeelfamaafi sadarkaa ejjennoo inni baaseen jiraachaa turre. Jireenyi keenya to’annaa Seexanaa isa waaqayyicha bara si’anaa ta’e jala ture. (2 Qorontos 4:4) Jaalalli Waaqayyoo maal akka ta’e erga hubannee booda garuu, “akka jaalala Waaqayyootti malee, akka hawwa namaatti jiraachuu” dhaabneerra.—1 Phexros 4:2.

7 Akkaataa jireenyaa haaraa akkasii jiraachuun eebba baay’ee nuuf argamsiiseera. Hundumaa caalaa Yihowaa wajjin walitti dhufeenya addaa akka qabaannu kan nu gargaare yommuu ta’u, Daawit haala kana “godoo” Waaqayyoo keessa buufachuufi ‘tulluusaa isa qulqullaa’aa’ keessa jiraachuu wajjin wal fakkeesseera. Dhugumayyuu, kun mirga guddaa mitii? (Faarfannaa 15:1) Namni Yihowaan iddoo kana akka jiraatuuf afeeru, “nama balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu” malee, nama kana hin goone miti. (Faarfannaa 15:2) Ulaagaawwan caqasa kanarratti ibsaman guutuuf, amalaafi akkaataa jireenyaa keenya isa utuu dhugaa hin beekin dura turerratti jijjiirama gochuu qabna jechuudha. (1 Qorontos 6:9-11; Qolosaayis 3:5-10) Jijjiirama akkasii gochuuf wanti nu kakaasu, qalbii geddarachuu, jechuunis akkaataa jireenyaa keenya isa duraatti garaadhaa gaabbuufi Yihowaa jajachuuf murtoo gochuu keenyadha. Kunimmoo, amala ofittummaafi fedhii jireenya biyya lafaa calaqqisuurraa fagaannee jireenya Waaqayyoon gammachiisu jiraachuuf nu gargaara.—Hojii Ergamootaa 3:19.

8. Kan of murteessinu akkamitti? Kun cuuphaa wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?

8 Kutaa lammaffaan gaaffii jalqabaa kaadhimamtoota cuuphamtootaaf dhihaatummoo, namoonni kun jaalala Yihowaa raawwachuuf of murteessuusaanii gaafata. Of murteessuun tarkaanfii guddaa cuuphaa dura fudhatamuu qabudha. Kan of murteessinu, karaa Kiristos mataa keenya Yihowaadhaaf dabarsinee kennuu akka barbaannu kadhannaadhaan ibsuudhaani. (Roomaa 14:7, 8; 2 Qorontos 5:15) Yeroo sanaa eegalee, Yihowaan Gooftaa keenya yommuu ta’u, nutis qabeenyasaa taana; akkuma Yesusis fedha Yihowaa raawwachuutti gammanna. (Faarfannaa 40:8; Efesoon 6:6) Kakuu adda ta’e akkasii Yihowaa wajjin galuu kan dandeenyu al tokko qofadha. Of murteessuun Yihowaafi nama sana gidduutti qofa kan raawwatamudha; haata’u malee, kakuun yeroo cuuphamnu namoota duratti galle, Abbaa keenya isa samiitiif of murteessuun keenya warri kaanis akka beekan kan godhudha.—Roomaa 10:10.

9, 10. (a) Fedha Yihowaa raawwachuun maalfaa dabalata? (b) Abbootiin taayitaa warra Naazii Jarman of murteessuu keenya ilaalchisee maal hubatanii turan?

9 Haala fedha Waaqayyoo raawwachuu wajjin wal qabateen, fakkeenya Yesus hordofuun maalfaa dabalata? Yesus bartootasaatiin akkas jedheera: “Namni tokko illee ana duukaa bu’uu yoo barbaade, waa’ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa [isa anaaf jedhee baatu] of irra kaa’atee, ana duukaas haa bu’u!” (Maatewos 16:24) Asirratti wantoota gochuu qabnu sadii ibseera. Jalqaba, waa’ee ofii keenyaa ‘dhiisna.’ Kana jechuunis, fedha keenya isa ofittummaarratti hundaa’eef iddoo kennuu mannaa, gorsaafi qajeelfama Waaqayyoo hordofna jechuudha. Lammaffaarrattimmoo, ‘fannoo keenya baattanna.’ Yeroo Yesus lafarra ture, fannoon mallattoo salphinaafi dhiphinaa argisiisa ture. Kiristiyaanota waan taaneef, sababii misiraachoo Mootummichaatiin rakkoon akka nurra ga’u amannee fudhanna. (2 Ximotewos 1:8) Biyyi lafaa kan nu arrabsuufi kan nutti ga’isu ta’us, Waaqayyoon akka gammachiisaa jirru hubachuun keenya, akka gammannuufi nutis akka Kiristos ‘yeelloo nurra ga’u homaatti utuu hin lakkaa’in’ jabaannee dhaabachuuf nu gargaara. (Ibroota 12:2) Dhumarrattis, utuu walirraa hin kutin Yesus ‘duukaa buuna.’—Faarfannaa 73:26; 119:44; 145:2.

10 Mormitoonni tokko tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waaqayyoof kan of murteessan guutummaatti isa tajaajiluuf akka ta’e hubachuunsaanii nama gammachiisa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa mana hidhaa warra Naazii Buukanwaald jedhamu keessatti hidhamanii turan, amantaasaanii ganuu waan didaniif, waraqaa yaada armaan gaditti barreeffamerratti akka mallatteessan gaafatamu turan: “Ani ammayyuu Barataa Macaafa Qulqulluu of murteessedha; matumaa kakuun Yihowaadhaaf gale hin diigu.” Barreeffamni kun fedhii tajaajiltoota Yihowaa of murteessaniifi amanamoo ta’an hundaa akka gaariitti kan ibsuudha!—Hojii Ergamootaa 5:32.

Dhugaa Baatota Yihowaa Keesssaa Akka Isa Tokkootti Lakkaa’amuu

11. Namni cuuphame mirga akkamii argata?

11 Gaaffii lammaffaan nama cuuphamuu barbaaduuf dhihaatu, namni kun Dhugaa Baatuu Yihowaa keessaa akka isa tokkootti kan ilaalamu ta’uusaa hubachuusaati. Erga cuuphamee booda, tajaajilaa Yihowaa muudame ta’a. Kun mirgaafi itti gaafatamummaa guddaa kan itti fidudha. Kana malees, namni cuuphame kun Yihowaadhaaf amanamaa ta’ee yoo jiraate fayyina bara baraa argata.—Maatewos 24:13.

12. Maqaa Waaqayyoo baachuun itti gaafatamummaa akkamii fida?

12 Dhugumayyuu, maqaa Yihowaa isa hundumaa danda’u baachuun mirga guddaadha. Miikiyaas raajichi akkas jedheera: “Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebi’u; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin [“Yihowaatiin,” NW] in deddeebina.” (Miikiyaas 4:5) Haata’uyyuu malee, mirgi argamu kun itti gaafatamummaas qaba. Jireenya keenya karaa maqaa baanne kanaaf ulfina fiduun geggeessuuf carraaqqii gochuu qabna. Akkuma Phaawulos Kiristiyaanota Roomaa akeekkachiise, namni tokko wanta lallabu kan hojiirra hin oolchine yoo ta’e, maqaan Waaqayyoo “in arrabsama” yookiin maqaa hin taane godhata.—Roomaa 2:21-24.

13. Tajaajiltoonni Yihowaa of murteessan waa’ee Waaqasaanii dhugaa ba’uuf itti gaafatamummaa kan qaban maaliifi?

13 Namni tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa yeroo ta’u, waa’ee Waaqasaa lallabuuf itti gaafatamummaa fudhata. Yihowaan sabni Israa’el warra isaaf of murteessan waa’ee Waaqayyummaasaa isa bara baraa akka dhugaa ba’an isaan afeeree ture. (Isaayaas 43:10-12, 21) Haata’u malee, sabni kun itti gaafatamummaa qabu utuu hin raawwatin kan hafe yommuu ta’u, yeroo boodammoo guutummaatti fudhatama Yihowaa biratti qabu dhabeera. Kiristiyaanonni dhugaa yeroo ammaatti argaman waa’ee Yihowaa dhugaa ba’uuf mirga argataniif bakka guddaa kennu. Waa’ee maqaansaa dhugaa kan baanu waan isa jaallannuufi maqaansaa qulqulluu ta’ee akka eegamu waan barbaannuufidha. Waa’ee dhugaafi kaayyoo Abbaa keenya isa samii erga dhugaasaa barree booda akkamitti callisuu dandeenya? Nutis akkuma Phaawulos: “Kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!” jedhee dubbate nutti dhaga’ama.—1 Qorontos 9:16.

14, 15. (a) Jaarmiyaan Yihowaa karaa hafuuraa akka guddannu maal nuu gochaa jira? (b) Karaa hafuuraa guddina akka argisiisnuuf qophiiwwan akkamii godhamaniiru?

14 Gaaffii lammaffaan kaadhimamtoota cuuphamtootaaf dhihaatu, namni cuuphamu kun jaarmiyaa Yihowaan karaa hafuurasaa geggeessuu wajjin wal ta’iinsaan hojjechuu akka qabu kan argisiisudha. Qofaa keenya Yihowaa tajaajiluu waan hin dandeenyeef, gargaarsaafi jajjabinaa “obbolummaa amantootaa” argachuun nu barbaachisa. (1 Phexros 2:17; 1 Qorontos 12:12, 13) Jaarmiyaan Yihowaa karaa hafuuraa akka guddannuuf gargaarsa guddaa nuu godha. Jaarmiyaan kun, barreeffamoota beekumsa sirrii argachaa akka adeemnu nu gargaaran, yeroo rakkoowwan nu mudatan tarkaanfii sirrii akka fudhannuufi caalaatti Waaqayyoo wajjin walitti dhihaachuuf nu gargaaran baay’inaan nuu qopheessa. Akkuma haati tokko ijoolleeshee akka gaariitti nyaachistuufi kunuunsitu, ‘hojjetaan amanamaniifi ogeessis’ karaa hafuuraa akka guddannu nyaata hafuura yeroosaatti nuu dhiheessa.—Maatewos 24:45-47; 1 Tasaloniiqee 2:7, 8.

15 Sabni Yihowaa, tajaajiltootasaa amanamoo akka ta’aniif walga’iiwwan torban torbaniin godhamanirratti, leenjiifi jajjabina argatu. (Ibroota 10:24, 25) Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti, akkamitti saba duratti haasawaa dhiheessuu akka dandeenyu kan barannu yommuu ta’u, Walga’ii Tajaajilaarrattimmoo, ergaa keenya karaa bu’a qabeessa ta’een akkamitti lallabuu akka dandeenyu baranna. Yeroo walga’iittis ta’e, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an yommuu qayyabannu, hafuurri Yihowaa akka hojjechaa jiruufi jaarmiyaasaa akka geggeessaa jiru hubanna. Waaqayyo, qophiiwwan utuu walirra hin citin dhihaatan kanaan balaarraa akka eegamnu, karaa bu’a qabeessa ta’een akka dhugaa baanuufi karaa hafuuraa dammaqnee akka jiraannu nu gargaara.—Faarfannaa 19:7, 8, 11; 1 Tasaloniiqee 5:6, 11; 1 Ximotewos 4:13.

Wanti Of Murteessuuf Nu Kakaasu Maal Ta’uu Qaba?

16. Yihowaadhaaf akka of murteessinu kan nu kakaasu maal ta’uu qaba?

16 Gaaffiiwwan lamaan kaadhimamtoota cuuphamtootaaf dhihaatan, cuuphaan hiika guddaa akka qabuufi itti gaafatamummaa akka fidu isaan hubachiisa. Ta’uyyuu, akka cuuphamaniif wanti isaan kakaasu maal ta’uu qaba? Bartoota cuuphaman ta’uu kan dandeenye, namni garabiraan waan nu dirqisiiseef utuu hin ta’in Yihowaan garasaatti waan nu ‘harkiseefidha.’ (Yohannis 6:44) “Waaqayyo jaalala waan ta’eef” uumama cufa kan bulchu jaalalaan malee, dirqamaan miti. (1 Yohannis 4:8) Amalli Yihowaa inni gaariiniifi haalli inni itti nu qabu garasaatti akka dhihaannu nu kakaasa. Tokkicha Ilmasaa nuu kennuusaarrayyuu, gara fuulduraattis abdii gaarii akka qabaannu nu godheera. (Yohannis 3:16) Kanaaf, nutis isaaf of murteessuudhaan jireenya keenya isaaf kennina.—Fakkeenya 3:9; 2 Qorontos 5:14, 15.

17. Kan of murteessine maaliif miti?

17 Yihowaadhaaf malee, yaada namootaa yookiin hojii tokkoof of murteessine miti. Hojiin Yihowaan sabasaatiif kennu adda adda ta’uu danda’us, murtoon isaan Yihowaa tajaajiluuf godhan garuu hin jijjiiramu. Fakkeenyaaf, hojiin Abrahaamiifi Ermiyaasiif kenname adda adda ture. (Uumama 13:17, 18; Ermiyaas 1:6, 7) Ta’us, lamaansaanii Yihowaa kan jaallataniifi fedhasaa raawwachuu kan barbaadan waan turaniif, hojii Waaqayyo isaaniitti kenne raawwataniiru. Bartoonni Yesus warri cuuphamaniifi guyyoota gara dhumaa kanatti argaman hundi, ajaja Kiristos waa’ee Mootummaa Waaqayyoo akka lallabaniifi namoota bartoota taasisuuf kenne raawwachuuf carraaqqii godhu. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Hojii kana garaa guutuudhaan raawwachuun keenya, jaalala Abbaa keenya isa samiitiif qabnuufi dhugumaan kan isaaf of murteessine ta’uu argisiisuuf nu dandeessisa.—1 Yohannis 5:3.

18, 19. (a) Yeroo cuuphamnu saba duratti maal jennee akka dubbanne kan argisiisudha? (b) Mataduree itti aanutti waa’ee maaliitu ibsama?

18 Cuuphaan karaa eebba baay’ee itti argannu kan nuu banu ta’us, wanta akka salphaatti ilaalamu miti. (Luqaas 14:26-33) Itti gaafatamummaa kamiyyuu caalaatti, wanta bakka guddaan kennamuuf goonee ilaaluu qabna. (Luqaas 9:62) Yeroo cuuphamnu akka waan saba duratti akkas jennee dubbanneetti lakkaa’ama: “Inni kun Waaqayyo akka ta’e, yeroo hundumaa bara baraan Waaqayyo keenya, ammaa hamma du’a garasiittis geggeessaa keenya ta’uu isaa himaa!”—Faarfannaa 48:14.

19 Matadureen itti aanu, gaaffiiwwan cuuphaa wajjin wal qabatan ka’aniif deebii kenna. Namni tokko sababii akka hin cuuphamne isa godhan qabaachuu danda’aa? Umuriin cuuphaarratti jijjiirama fidu qabaa? Namoonni achitti argaman hundi sirni cuuphaa ulfina qabeessa akka ta’uu gochuu kan danda’an akkamitti?

Ibsuu dandeessaa?

• Kiristiyaanni tokko cuuphamuusaa dura qalbii geddarachuu kan qabu maaliifi?

• Waaqayyoof of murteessuun maalfaa dabalata?

• Maqaa Yihowaa baachuuf mirga argachuun itti gaafatamummaa akkamii fida?

• Cuuphamuuf akka murteessinu maaltu nu kakaasuu qaba?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

GAAFFIIWWAN LAMAAN NAMOOTA CUUPHAMANIIF DHIHAATAN

Aarsaa furii Yesusitti amantanii, waa’ee cubbuu keessaniitiif qabii geddarachuudhaan, jaalala Yihowaa raawwachuuf of murteessitaniittuu?

Of murteessitanii cuuphamuun keessan, jaarmiyaa Yihowaa isa hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuu wajjin kan hojjettan, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa akka isa tokkootti akka isin lakkoofsisu hubattaniittuu?