Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqeffannaa Sobaarraa Fagaadhaa!

Waaqeffannaa Sobaarraa Fagaadhaa!

Waaqeffannaa Sobaarraa Fagaadhaa!

“Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba’aas; wanta xuraa’aa harkaan hin qabinaa!.  . . jedha gooftaan.” —2 QORONTOS 6:17.

1. Namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun karaa hafuuraa haala akkamii keessatti argamu?

 NAMOONNI garaa qajeelaa qaban hedduun waa’ee Waaqayyoos ta’e kaayyoo inni ilmaan namaatiif qabu hin beekan. Karaa hafuuraa dhimmawwan isaan yaaddessaniif deebii waan hin arganneef mamiifi shakkii keessatti argamu. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman barsiifataan, sirna amantiitiin ykn ayyaanota waggaa Uumaa keenya hin gammachiisneen qabamaniiru. Atis ollaawwan ykn firoottan abidda qiliileetti, sillaaseetti, barumsa lubbuun hin duutu jedhuufi barumsawwan sobaa garabiraatti amanan qabda ta’a.

2. Geggeessitoonni amantii maal godhaniiru? Kun rakkina akkamii geessise?

2 Dukkana karaa hafuuraa dhufe kanaaf kan itti gaafatamu eenyu? Barumsawwan yaada Waaqayyoo wajjin wal faallessan kan babal’isan jaarmiyaawwaniifi geggeessitoota amantiiti. (Maarqos 7:7, 8) Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun Waaqa dhugaa akka waaqeffachaa jiranitti itti haa dhaga’amuyyuu malee, dhugaasaa dubbachuuf wanta isa biratti fudhatama hin qabne gochaa jiru. Haala nama gaddisiisu kanaaf kallattiidhaan kan itti gaafatamu amantii sobaati.

3. Hundumaa caalaa amantii sobaa kan babal’isu eenyu? Qaamni kun Macaafa Qulqulluu keessatti akkamitti ibsameera?

3 Amantii sobaa duuba qaamni ijaan hin argamne tokko jira. Phaawulos qaama kana ilaalchisee akkas jedheera: “Inni hamaan waaqayyicha bara si’anaa kana ta’e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.” (2 Qorontos 4:4) “Waaqayyicha bara si’anaa” kan jedhamemmoo Seexanadha malee eenyuyyuu miti. Eenyuyyuu caalaatti waaqeffannaa sobaa kan babal’isu isadha. Phaawulos akkas jedheera: “Seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf waan wallaalchifatuuf, kun waan dinqisiisu miti. Kanaaf hojjetoonni isaas hojjetoota qajeelinaa fakkaachuudhaaf yoo wallaalchifatan kun waan guddaa miti.” (2 Qorontos 11:14, 15) Seexanni wanta hamaa gaarii fakkeessuudhaan namoonni sobatti akka amanan godha.

4. Raajota sobduu ilaalchisee Seerri Waaqayyo Israa’elootaaf kenne maal jedha?

4 Macaafni Qulqulluun amantii sobaa maaliif akka balaaleffatu hubachuun nama hin rakkisu. Fakkeenyaaf, Seerri Musee sabni Waaqayyoo raajota sobaarraa akka fagaatan akeekkachiisa kenneera. Namni barumsa sobaafi waaqeffannaa waaqolii sobaa babal’isu ‘Yihowaarratti akka ka’an waan godheef ni ajjeefama’ ture. Israa’eloonni ‘hamaa of gidduudhaa akka baasan’ abboomamanii turan. (Keessa Deebii 13:1-5) Eeyyee, Yihowaan amantii sobaa ni balaaleffata.—Hisqi’el 13:3.

5. Yeroo ammaatti akeekkachiisa kam hojiirra oolchuu qabna?

5 Yesus Kiristosiifi bartoonnisaas akkuma Yihowaa amantii sobaa akka jibban argisiisaniiru. Yesus akkas jechuudhaan bartootasaa akeekkachiiseera: “Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha.” (Maatewos 7:15; Maarqos 13:22, 23) Phaawulosis akkas jechuudhaan barreesseera: “Dheekkamsi Waaqayyoo, Waaqayyo malee jiraachuu fi, jal’ina namootaa hunduma irratti waaqa irraa in mul’ata, isaanoo jal’ina isaaniitiin dhugaa gad in ukkaamsu.” (Roomaa 1:18) Kiristiyaanonni dhugaan akeekkachiisa kana hojiirra oolchuudhaan warra dhugaa Sagalee Waaqayyoo keessatti argamu dhoksaniifi barumsa sobaa babal’isanirraa fagaachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha!—1 Yohannis 4:1.

“Baabilon Guddittii” Keessaa Ba’aa

6. Macaafni Qulqulluun “Baabilon guddittii” akkamitti ibsa?

6 Macaafni Mul’ataa amantii sobaa akkamitti akka ibsu qalbeeffadhu. Amantiin sobaa dubartii ejjituu machoofte, akkasumas mootummootaafi namoota hedduurratti olaantummaa qabaachuunshee ibsameera. Dubartiin fakkeenyaan ibsamte kun mootota hedduu wajjin ejjiteetti; akkasumas dhiiga namoota Waaqa dhugaa waaqeffataniin machoofteetti. (Mul’ata 17:1, 2, 6, 18) Maqaan xuraa’ummaasheefi ciigaasistuu ta’uushee ibsu addasheerratti barreeffameera. Maqaan kun “Baabilon guddittii, haadha ejjitootaa fi wanta ciiggaasisaa biyya lafaa” kan jedhudha.—Mul’ata 17:5.

7, 8. Amantiin sobaa kan ejjite akkamitti? Kana gochuunsheemmoo rakkina akkamii geessise?

7 Ibsi Macaafni Qulqulluun Baabilon Guddittiidhaaf kennu amantii sobaa biyya lafaarratti argaman hunda kan argisiisudha. Amantiiwwan kumaan lakkaa’aman kun tokkummaa hin qabaatiniyyuu malee, kaayyoofi hojiinsaanii tokko isaan godheera. Amantiin sobaa macaafa Mul’ataa keessatti akka dubartii ejjituutti ibsamte mootummoota biyya lafaarratti dhiibbaa guddaa geessisti. Akkuma haadha manaa kakuu gaa’elasheetiif galteef hin amanamnee, amantiin sobaas humnoota siyaasaa adda addaa wajjin tokkummaa uumuudhaan ejjiteetti. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin namoota garagaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta’uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.”—Yaaqoob 4:4.

8 Amantiin sobaa mootummootaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuunsaa, ilmaan namaarratti rakkina guddaa fideera. Waa’ee siyaasaa kan qorataniifi Doktoor Oneenaa Maanguu jedhaman akkas jedhaniiru: “Amantiin siyaasaa wajjin wal makuusaatiin namoonni hedduun ajjeefamuusaanii seenaa addunyaarraa hubachuun ni danda’ama.” Gaazexaan dhihootti maxxanfame tokkos akkas jedha: “Yeroo ammaatti dhiigni baay’een kan dhangala’uufi walitti bu’iinsi cimaan kan uumamu sababii amantii wajjin wal qabateenidha.” Walitti bu’iinsa amantiin deggeru gidduutti godhameen namoonni miliyoonaan lakkaa’aman lubbuusaanii dhabaniiru. Baabilon Guddittiinis warra dhugumaan Waaqayyoon tajaajilanirra ari’atama geessisuufi ajjeesuudhaan fakkeenyaan dhiiga namoota kanaatiin machoofteetti.—Mul’ata 18:24.

9. Macaafni Mul’ataa Yihowaan waaqeffannaa sobaa akka jibbu kan argisiisu akkamitti?

9 Yihowaan waaqeffannaa sobaa akka jibbu wanta Baabilon Guddittiirra ga’urraa hubachuun ni danda’ama. Mul’anni 17:16 akkas jedha: “Gaanfonni kurnan ati argite, bineensichis ishee ejjituu sana jibbuuf jiru; isaan onsanii qullaatti ishee in hambisu; isaan foon ishee in nyaatu, ibiddaanis ishee in gubu.” Jalqaba, bineensi guddaan tokko erga dha’ee ishee ajjeesee booda foonshee nyaata. Achiis, wanti isheerraa hafe hundi ni gubama. Mootummoonni biyya lafaa yeroo dhihootti amantii sobaarratti tarkaanfii akkasii fudhatu. Kana akka godhan kan isaan kakaasummoo Waaqayyodha. (Mul’ata 17:17) Baabilon Guddittiin jechuunis guutummaan amantiin sobaa badiisaaf qophoofteetti. “Deebitees hin argamtu.”—Mul’ata 18:21.

10. Amantii sobaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

10 Waaqeffattoonni dhugaan Baabilon Guddittiidhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? Macaafni Qulqulluun kallattiidhaan akkas jedha: “Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, dha’icha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa ba’aa!” (Mul’ata 18:4) Namoonni fayyina argachuu barbaadan utuu yeroonsaa hin darbin amantii sobaa keessaa ba’uu qabu. Yesus yeroo lafarra ture bara dhumaatti namoonni baay’een sobaan isaaf abboomamna akka jedhan dubbateera. (Maatewos 24:3-5) Yesus namoota kanaan akkas jedha: “Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!” (Maatewos 7:23) Yeroo ammaatti Mootii ta’ee kan jiru Yesus Kiristos amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya tokkoyyuu hin qabu.

Waaqeffannaa Sobaarraa Fagaachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

11. Waaqeffannaa sobaarraa fagaachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

11 Kiristiyaanonni dhugaa barumsa amantii sobaafi waaqeffannaa sobaarraa fagaachuu qabu. Kana jechuun barumsa amantiin sobaa raadiyoofi televijiiniidhaan dabarsurraa, akkasumas barreeffamawwan waa’ee Sagalee Waaqayyoo soba babal’isanirraa ni fagaanna jechuudha. (Faarfannaa 119:37) Kana malees, qophiiwwan bashannanaa amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti hirmaachuurraa fagaachuu qabna. Karaa kamiiniyyuu waaqeffannaa sobaa hin deggerru. (1 Qorontos 10:21) Wantoota akkasiirraa fagaachuun keenya ‘namni tokkollee akka barsiisa Kiristositti utuu hin ta’in, yaada mataasaa keessaa ba’eefi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen akka nu hin harkisneefi akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kanarratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti akka nu hin boojine’ nu eega.—Qolosaayis 2:8.

12. Namni tokko walitti dhufeenya jaarmiyaa amantii sobaa wajjin qabu dhaabuu kan danda’u akkamitti?

12 Namni Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’uu barbaadu tokko ammayyuu maqaansaa amantii sobaa keessatti galmeeffamee kan jiru yoo ta’e maal gochuu qaba? Akkuma beekamu namni tokko maqaansaa galmee amantii sobaa keessaa akka balleeffamu gochuunsaa miseensa amantii sanaa ta’uu akka hin barbaanne argisiisa. Keessumaammoo namni kun amantii sobaa wajjin haala wal qabateen karaa hafuuraa isaanii wajjin walitti dhufeenya akkamiiyyuu gochuurraa fagaachuunsaa baay’ee barbaachisaadha. Kana malees, walitti dhufeenya amantii sobaa wajjin qabu dhaabuusaas warri kaan akka beekan gochuu qaba.

13. Macaafni Qulqulluun waaqeffannaa sobaarraa fagaachuu ilaalchisee gorsa akkamii kenna?

13 Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jal’inni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? Kristosii fi Seexanni attamitti walii galu ree? Inni amane isa hin amanne biraa qooda maalii qaba ree? Manni qulqullummaa Waaqayyoo immoo waaqayyolii tolfamanii wajjin walii galtee maalii qabu? Iddoo biraattis immoo, ‘Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba’aas; wanta xuraa’aa harkaan hin qabinaa! Anis isinan simadha, jedha gooftaan.’” (2 Qorontos 6:14-17) Waaqeffannaa sobaarraa fagaachuudhaan akeekkachiisa kana hojiirra oolchuu dandeenya. Gorsi Phaawulos kenne namoota waaqeffannaa sobaa keessa jiranirraa akka fagaannu kan nu akeekkachiisudhaa?

‘Ogummaadhaan Jiraadhaa’

14. Namoota waaqeffannaa sobaarratti hirmaatanirraa guutummaatti fagaachuu qabnaa? Ibsi.

14 Kiristiyaanonni dhugaan namoota waaqeffannaa sobaa keessa jiranirraa guutummaatti fagaachuu qabu jechuudhaa? Namoota amantii keenya hin hordofnerraa adda of baafnee jiraachuu qabnaa? Matumaa akkas gochuu hin qabnu. Abboommiiwwan gurguddaa keessaa inni lammaffaan “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a” jedha. (Maatewos 22:39) Misiraachoo Mootummaa kana yeroo isaaniif lallabnu jaalala isaaniif qabnu ibsina. Macaafa Qulqulluu yeroo isaan qayyabsiifnuufi waaqeffannaa sobaarraa fagaatanii jiraachuun barbaachisaa ta’uusaa isaan hubachiisuun keenya jaalala isaaniif qabnu argisiisa.

15. ‘Kan biyya lafaa’ ta’uu dhiisuu jechuun maal jechuudha?

15 Misiraachoo kana namootaaf kan lallabnu ta’uyyuu akkuma duuka buutota Yesus nutis ‘kan biyya lafaa miti.’ (Yohannis 15:19) Jechi asirratti “biyya lafaa” jedhame namoota Waaqayyorraa adda ba’anii jiraatan kan argisiisudha. (Efesoon 4:17-19; 1 Yohannis 5:19) Ilaalcha, dubbiifi amala Waaqayyoon hin gammachiisnerraa fagaachuudhaan biyya lafaarraa adda taanee jiraanna jechuudha. (1 Yohannis 2:15-17) Kana malees, ‘hiriyaa gadheen amala gaarii in mancaasa’ waan jedhuuf namoota seera Macaafa Qulqulluu hojiirra hin oolchinetti maxxanuurraa fagaanna. (1 Qorontos 15:33) Kan biyya lafaa ta’uu dhiisuu jechuun “xuraa’ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu” jechuudha. (Yaaqoob 1:27) Kanaaf, biyya lafaarraa adda ta’anii jiraachuu jechuun, qaamaan namoota kaanirraa fagaachuu jechuu miti.—Yohannis 17:15, 16; 1 Qorontos 5:9, 10.

16, 17. Kiristiyaanonni namoota dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu hin beekne akkamiitti ilaaluu qabu?

16 Namoota dhugaa Macaafa Qulqulluu hin beekneef kunuunsa akkamii gochuu qabna? Phaawulos gumii Qolosaayisiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan, namoota waldaa kristiyaanaa keessa hin jirree wajjin akka itti jiraattan ogummaadhaan amaleeffadhaa! Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u beekaa!” (Qolosaayis 4:5, 6) Phexrosis akkas jechuudhaan barreesseera: “Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba’e kennaaf! Waa’ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga’u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1 Phexros 3:15) Phaawulos ‘maqaa nama tokkoollee utuu hin balleessin, naga-qaboota, garraamota ta’aa, nama hundumaatti karaa hundumaa gara-laafina argisiisaa!’ jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera.—Tiitoos 3:2.

17 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, wantoota warra kaan dheekkamsiisan ykn aarsan hin dubbannu. Matumaa jecha namoota amantii garabiraa qaban mufachiisu dubbachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, namni haasofsiifnu, ollaan keenya, namni wajjin hojjennu yoo nu morme ykn jecha nama mufachiisu yoo nutti dubbatellee malaan isaaniif deebisuu qabna.—Qolosaayis 4:6; 2 Ximotewos 2:24.

‘Dubbii Sirrii Gaggeessaa Godhadhaa Duukaa Bu’aa’

18. Namoonni gara waaqeffannaa sobaatti deebi’an karaa hafuuraa haala nama gaddisiisu akkamii keessatti argamu?

18 Namni tokko dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu erga baratee booda gara waaqeffannaa sobaatti yoo deebi’e baay’ee nama gaddisiisa. Kana gochuun miidhaa akkamii akka geessisu Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa. “Gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuudhaan, xuraa’ummaa biyya lafaa duraa baqatanii erga ba’anii, deebi’anii ittiin qabamanii yoo mo’aman, akki isaan itti jiran inni booddee isa duraa irra in hammaata. . . . Jechi inni, ‘Sareen diddigee diddiga isaatti in deebi’a akkasumas, Booyyeen dhiqatee dhoqqee keessa gangalachuutti in deebi’a’ jedhu dhugaa ta’uun isaa, waan isaan kana irra ga’uun in mul’ata.”—2 Phexros 2:20-22.

19. Wantoota karaa hafuuraa nu miidhuu danda’an hundumaarraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

19 Wantoonni karaa hafuuraa balaa nurraan ga’uu danda’an waan jiraniif, Yeroo hundumaa of eeggannoo gochuu qabna. Phaawulos akkas jechuudhaan akeekkachiisa kenneera: “Bara booddeetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu’anii, amantii wangeelaa irraa akka garagalan, hafuurri qulqulluun keessaa baasee in dubbata.” (1 Ximotewos 4:1) “Bara booddee” keessa jiraachaa jirra. Namoonni waaqeffannaa sobaarraa hin fagaanne ‘asiifi achi rukutamuu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin, haxxummaasaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman’ ta’uu danda’u.—Efesoon 4:13, 14.

20. Dhiibbaa amantiin sobaa geessisurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Dhiibbaa amantiin sobaa geessisurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Wanta Yihowaan nuu qopheesse hundaarratti yaadi. Sagalee Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu qabna. (2 Ximotewos 3:16, 17) Yihowaan, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaan’ fayyadamee nyaata hafuuraa ga’aa nuu qopheessaa jira. (Maatewos 24:45) Dhugaatti jabaachaa yeroo adeemnu ‘nyaata jabaa kan warra ga’anii’ dhamdhamachuufi bakka walga’iiwwan wantoota hafuuraa itti barannu dhaquuf fedhii qabaachuu hin qabnuu? (Ibroota 5:13, 14; Faarfannaa 26:8) Guutummaatti qophiiwwan Yihowaatti fayyadamuudhaan ‘dubbii sirrii isa dhageenye sana gaggeessaa godhannee duukaa bu’uuf’ murtoo haa goonu. (2 Ximotewos 1:13) Kana gochuudhaan waaqeffannaa sobaarraa fagaachuu dandeenya.

Maal Baratte?

• “Baabilon guddittiin” maalidha?

• Amantii sobaarraa fagaachuuf maal gochuu qabna?

• Karaa hafuuraa balaa nurra ga’urraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]