Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristos Isa Mooticha Amanamummaadhaan Tajaajiluu

Kiristos Isa Mooticha Amanamummaadhaan Tajaajiluu

Kiristos Isa Mooticha Amanamummaadhaan Tajaajiluu

“Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif, [“isa tajaajilaniif,” NW] gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname.”—DAANI’EL 7:14.

1, 2. Kiristos Dh.K.B. bara 33⁠tti guutummaatti aboo Mootummaasaa akka hin fudhanne akkamitti beekna?

 BULCHAAN namoota isaaf bitamaniif lubbuusaa kennuufi deebi’ee du’aa ka’uudhaan mootii ta’uu danda’u jiraa? Lafarra jiraachuudhaan namoonni isaaf bitaman akka isatti amananiifi isaaf amanamoo akka ta’an erga godhee booda, samiirratti mootii ta’ee bulchuu kan danda’e mootii kamidha? Kana malees, wantoota kana caalan gochuu kan danda’e Yesus Kiristos qofadha. (Luqaas 1:32, 33) Yesus du’aa ka’ee gara samiitti erga deebi’ee, Dh.K.B. bara 33 Ayyaana Phenxeqosteetti Waaqayyo, “goofticha waan hundumaa gararraa jiru kanas waldaa kristiyaanaatiif mataa godhee kenne.” (Efesoon 1:20-22; Hojii Ergamootaa 2:32-36) Kiristos yeroo kanatti guutummaatti ta’uu baatus hamma tokko bulchuu jalqabee ture. Jalqaba kan inni bulchuu eegale Kiristiyaanota dibamoo, jechuunis Israa’eloota warra hafuuraa “Israa’el Waaqayyoo” jedhamanidha.—Galaatiyaa 6:16; Qolosaayis 1:13.

2 Dhaloota Kiristos booda, bara 33⁠tti Ayyaanni Phenxeqostee erga kabajamee naannoo waggaa 30 booda, Kiristos guutummaatti aboo Mootummaasaa akka hin fudhanne Phaawulos akkas jechuudhaan mirkaneesseera: “Gara mirga Waaqayyoo taa’e. Achi taa’ee diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti in eeggata.” (Ibroota 10:12, 13) Achiis Yohannis ergamaan Dh.K.B. naannoo dhuma jaarraa tokkoffaatti, Yihowaan inni Uumama Cufarratti Olaantummaa qabu, Mootummaa haaraa samiirratti hundeesserratti Yesus Kiristosiin mootii godhee muuduusaa mul’ataan argeera. (Mul’ata 11:15; 12:1-5) Bara 1914 kaasee Kiristos Mootii Mootummaa Masiihichaa ta’ee bulchuu jalqabuusaa seenaarraa hubachuu dandeenya. a

3. (a) Misiraachoon Mootummichaa bara 1914 eegalee haala dinqisiisaa ta’e akkamiitiin lallabameera? (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeenya?

3 Misiraachoon Mootummichaa bara 1914 jalqabee haala gammachiisaa ta’een sadarkaa olaanaarra ga’eera. Kiristos Mootummaa Waaqayyoo isa samiirratti argamurratti Mootii ta’uudhaan “diinota [isaa] gidduutti” kan bulchaa jiru ta’uyyuu, sochii tajaajiltootasaa lafarratti argaman to’achuuf aboosaatti fayyadamaa jira. (Faarfannaa 110:1, 2; Maatewos 24:14; Mul’ata 12:7-12) Kana malees, tajaajiltoonnisaa amanamoon lafarratti argaman seenaa ilamaan namootaa keessatti haala argamee hin beekneen, hojii guutummaa addunyaatti Macaafa Qulqulluu barsiisuurratti hirmaachuudhaan aboosaatiif gammachuudhaan bitamaa jiru. (Daani’el 7:13, 14; Maatewos 28:18) Kiristiyaanonni hafuura qulqulluudhaan dibamaniifi “ilmaan mootummaa” ta’an “afaan Kristos” ykn ambaasaaddarootasaa ta’anii tajaajilu. ‘Hoolonni kan biraan’ lakkoofsa hedduu qabaniifi bakka buutota Mootummaa Waaqayyoo ta’an amanamummaadhaan Kiristiyaanota dibamoo deggeraa jiru. (Maatewos 13:38; 2 Qorontos 5:20; Yohannis 10:16) Haata’u malee, aboo Kiristos fudhachuufi dhiisuu keenya mirkaneessuuf of qoruu nu barbaachisa. Guutummaatti isaaf amanamnaa? Mootii isa samiirra taa’ee bulchaa jiruuf amanamoo ta’uu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? Mee jalqaba sababii itti Kiristosiif amanamoo ta’uu qabnu haa ilaallu.

Mootii Amallisaa Amanamummaadhaan Akka Isaaf Bitamnu Nu Kakaasu

4. Yesus Mootii Muudame ta’ee yommuu lafa kanarra jiraachaa ture maalfaa raawwate?

4 Kiristosiif amanamoo akka taanu wanti nu kakaasu, wantoota inni godheefi dinqisiifannaa amalawwansaa warra gaariidhaaf qabnudha. (1 Phexros 1:8) Yesus inni Mootii akka ta’uuf muudame yeroo lafarra ture, guyyaa Waaqayyo murteessetti, guutummaa biyya lafaa yeroo bulchu wantoota raawwatu keessaa muraasasaanii argisiiseera. Namoota beela’an nyaachiseera. Kan dhukkubsatan, hir’ina qaamaa kan qaban, namoota arguu, dhaga’uuf dubbachuu hin dandeenye fayyiseera. Warra du’an keessaallee namoota tokko tokko kaaseera. (Maatewos 15:30, 31; Luqaas 7:11-16; Yohannis 6:5-13) Kana malees, jireenya Yesus lafarratti dabarse beekuun keenya, Mootiin keenya inni gara fuulduraatti biyya lafaa bulchu amalawwan akkamii akka qabu, caalaadhumattimmoo, jaalala inni hanga aarsaa godhee of dhiheessutti argisiise hubachuuf nu gargaara. (Maarqos 1:40-45) Kanaa wajjin haala wal qabateen Naappooliyoon Boonaappart akkas akka jedhe dubbatama: “Iskindir, Qeesaar, Shaarlaamaanyiifi ani bulchiinsa bal’aa hundeessuu dandeenyeerra; haata’u malee kana gochuu kan dandeenye akkamitti? Humnaanidha. Mootummaasaa kan jaalalarratti hundeesse Yesus Kiristos qofadha. Yeroo ammaattillee namoonni miliyoonaan lakkaa’aman isaaf jecha du’uuf fedhii qabu.”

5. Amalli Yesus namoota garasaatti kan harkisee maaliifi?

5 Yesus garraamiifi nama gad of deebisu waan tureef, dhiphina isaanirra ga’een namoonni ba’aan itti ulfaate hundi, barumsawwansaafi amalawwansaa warra gaariirraa jajjabina argatanii turan. (Maatewos 11:28-30) Ijoolleenillee isaa wajjin ta’uun isaan gammachiisa ture. Namoonni gad of qabaniifi hubannaa qaban gammachuudhaan bartootasaa ta’aniiru. (Maatewos 4:18-22; Maarqos 10:13-16) Namootaaf kan yaadu ta’uunsaafi amala of kabachiisu qabaachuunsaa, dubartoonni Waaqayyoon sodaatan hedduun amanamoo akka isaaf ta’an kakaaseera. Dubartoota kana keessaa baay’eensaanii yeroo inni tajaajilasaa raawwachaa ture yeroo, humnaafi qabeenyasaanii fayyadamuudhaan isa kunuunsaniiru.—Luqaas 8:1-3.

6. Alaazaar yommuu du’e amalawwan Yesus warra gaarii kamfaatu mul’ate?

6 Michuusaa kan ture Alaazaar yommuu du’e, amalawwan Kiristos warra gaarii keessaa tokko tokko ifatti mul’ataniiru. Maariyaamiifi Maartaan gadduusaanii yommuu arge of keessatti dhiphatee, “imimmaan isaa dhangalaase.” Yeroo muraasa booda Alaazaariin akka du’aa kaasu beekullee, “hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame.” Achiis Yesus jaalalaafi gara laafinaan kaka’ee, aangoo Waaqayyo isaaf kenneen Alaazaariin du’aa kaase.—Yohannis 11:11-15, 33-35, 38-44.

7. Yesusiif amanamoo ta’uu kan qabnu maaliifi? (Saanduqa fuula 31⁠rra jiru ilaali.)

7 Jaalalli Yesus wanta sirrii ta’eef qabu, jibbi inni fakkeessaafi hammeenyaaf qabu baay’ee kan nama dinqisiisudha. Daldaltoota sassatoo ta’an al lama mana qulqullummaa keessaa ari’uudhaan tarkaanfii ija jabina gaafatu fudhateera. (Maatewos 21:12, 13; Yohannis 2:14-17) Kana malees, yommuu lafarra jiraachaa ture, rakkoon hundumtuu isarra ga’uunsaa, rakkoof dhiphina nurra ga’u akka gaariitti hubachuuf isa gargaareera. (Ibroota 5:7-9) Akkasumas, Yesus jibbamuuniifi jal’inni namarratti raawwatamuunsaa miira namootaarratti miidhaa akkamii akka geessisu beeka. (Yohannis 5:15-18; 11:53, 54; 18:38–19:16) Dhumarrattimmoo, jaalala Abbaasaa raawwachuufi namoota isaaf bitamaniif jireenya bara baraa argamsiisuuf jecha, du’a suukanneessaa ta’eef ija jabinaan dabarsee of kenneera. (Yohannis 3:16) Amalawwan Kiristos argisiise akkasii kun amanamummaadhaan isa tajaajiluukee akka itti fuftu si hin kakaasuu? (Ibroota 13:8; Mul’ata 5:6-10) Erga akkas ta’e, Kiristos isa Mootii ta’eef bitamuuf ulaagaan barbaachisu maalidha?

Ulaagaawwan Kiristosiif Bitamuuf Barbaachisan

8. Namoota Kiristosiif bitamanirraa ulaagaawwan akkamiitu barbaadama?

8 Mee fakkeenyawwan armaan gaditti argaman wal bira qabii ilaali: Yeroo baay’ee lammii biyya garabiraa ta’uuf ulaagaawwan tokko tokko guutuun barbaachisaadha. Namoonni lammummaa biyya garabiraa argachuuf gaaffii dhiheessan, amala gaarii akka argisiisaniifi fayyaa ilaalchisee ulaagaa gaafataman guutuu qabu ta’a. Namoonni Kiristosiif bitamanis amala qulqulluu argisiisuufi karaa hafuuraa haala gaariirratti argamuu isaan barbaachisa.—1 Qorontos 6:9-11; Galaatiyaa 5:19-23.

9. Kiristosiif amanamoo ta’uu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

9 Yesus Kiristos namoonni isaaf bitaman isaafis ta’e Mootummaasaatiif amanamummaa akka argisiisan isaanirraa eeguunsaa sirriidha. Amanamummaa akkasii kanas kan argisiisan, Mootii Muudame ta’ee yeroo lafaarra ture barumsa inni barsiisee wajjin haala wal simuun jiraachuudhaani. Qabeenyaaf dursa kennuu mannaa, fedhii Mootummichaafi jaalala Waaqayyootiif dursa kennu. (Maatewos 6:31-34) Haala rakkisaa keessatti kan argaman ta’aniyyuu, amala Kiristos calaqqisuuf yaalii godhu. (1 Phexros 2:21-23) Kana malees, namoonni Kiristosiif bitaman warra kaaniif waan gaarii gochuuf dursa fudhachuudhaan fakkeenyasaa hordofu.—Maatewos 7:12; Yohannis 13:3-17.

10. Amanamummaa Kiristosiif qabnu (a) maatii keessattiifi (b) gumii keessatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Karaa garabiraan bartoonni Yesus isaaf amanamoo ta’uusaanii itti argisiisanimmoo, maatiisaanii keessatti amala Kiristos calaqqisuudhaani. Fakkeenyaaf, abbootiin manaa karaa amala Kiristos calaqqisuun haadhotii manaasaaniifi ijoolleessaanii kunuunsuudhaan, Mootiisaanii isa samiirratti argamuuf amanamoo ta’uusaanii argisiisu. (Efesoon 5:25, 28-30; 6:4; 1 Phexros 3:7) Haadhotiin manaa, amala qulqulluu argisiisuudhaan, akkasumas “hafuura garraamummaa fi gabii” qabaachuudhaan Kiristosiif akka amanamoo ta’an argisiisu. (1 Phexros 3:1-4; Efesoon 5:22-24) Ijoolleenis akka Kiristos warrasaaniitiif ajajamuudhaan akka amanamoo ta’an argisiisuu qabu. Yesus, warrisaa namoota gonkummaa hin qabne ta’anillee, yommuu dargaggeessa turetti isaaniif ni abboomama ture. (Luqaas 2:51, 52; Efesoon 6:1) Namoonni Kiristosiif bitaman, amanamummaadhaan “Obboloota jaallachuudhaan, gara-laafina” argisiisuudhaanis isa fakkaachuuf yaalii godhu. Akkasumas, ‘Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan deebisuu’ mannaa amala ‘gad of deebisuu’ argisiisuudhaan Kiristosiin fakkaachuuf carraaqqii godhu.—1 Phexros 3:8, 9; 1 Qorontos 11:1.

Namoonni Kiristosiif Bitaman Seerasaatiifis Ni Abboomamu

11. Namoonni Kiristosiif bitaman seerawwan kamiif abboomamu?

11 Namoonni lammii biyya garabiraa ta’uuf gaaffii dhiheessan seera biyyasaanii isa haaraadhaaf akkuma ajajaman, namoonni Kiristosiif bitamanis jireenyasaanii wanta Yesus barsiiseefi ajaje hundaa wajjin wal simsiisuudhaan ‘seera Kiristos raawwatu.’ (Galaatiyaa 6:2) Caalaadhumattimmoo, “Seera mootichaa” isa seera jaalalaa jedhamee waamamuuf amanamummaadhaan abboomamu. (Yaaqoob 2:8) Seerawwan kun maalfaa dabalatu?

12, 13. ‘Seera Kiristosiif’ amanamummaadhaan kan ajajamnu akkamiitti?

12 Namoonni Kiristosiif bitaman gonkummaa hin qaban. (Roomaa 3:23) Kanaaf, ‘obbolootasaanii garaa qulqulluudhaan jaallachuufi jaalala ho’aa isa garaa keessaa dhufuun jaallachuuf’ carraaqqii gochuu isaan barbaachisa. (1 Phexros 1:22) Kiristiyaanonni, “namni tokko isa kaan yoo komate,” ‘waliif danda’uufi waliif dhiisuudhaan’ seera Kiristos amanamummaadhaan hojiirra oolchu. Seera kanaaf abboomamuunsaanii hir’ina namootaarratti utuu hin ta’in, wantoota akka wal jaallatan isaan godhanirratti akka xiyyeeffatan gargaara. Atoo namoota jaalalaan Mootiisaanii isa jaalala qabeessa ta’eef amanamummaadhaan bitamaniifi “jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu” qaban keessaa tokko ta’uukee ni dinqisiifattaa?—Qolosaayis 3:13, 14.

13 Kana malees, jaalalli Yesus argisiise jaalala namoonni waliisaaniitiif qaban akka caalu dubbateera. (Yohannis 13:34, 35) Namoota nu jaallatan qofa kan jaallannu yoo ta’e, ‘warra kaan caalaa waan goone’ hin qabnu jechuudha. Akkas kan goonu yoo ta’e jaalalli keenya guutuu hin ta’u. Yesus namoota nu jibbaniifi nu ari’atan, jechuunis namoota diinota keenya ta’aniifillee jaalala isa seera bu’uuraarratti hundaa’e argisiisuudhaan Abbaasaa akka fakkaannu nu gorseera. (Maatewos 5:46-48) Jaalalli akkasii kun namoonni Mootummichaaf bitaman hojiisaanii isa barbaachisaa ta’etti amanamummaadhaan akka itti fufan isaan gargaara. Hojiin kun maalidha?

Amanamummaan Namoota Kiristosiif Bitamanii Ni Qorama

14. Hojiin lallabaa baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

14 Yeroo ammaatti namoota Mootummaa Waaqayyootiif bitamanitti hojiin baay’ee barbaachisaa ta’e, jechuunis ‘waa’ee Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti dhugaa ba’uu’ itti kennameera. (Hojii Ergamootaa 28:23) Yihowaan uumama cufarratti Olaantummaa kan qabu ta’uusaa kan mirkaneessu Mootummaa Masiihichaa waan ta’eef, kana gochuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. (1 Qorontos 15:24-28) Namoonni yeroo misiraachicha lallabnu nu dhaggeeffatan carraa Mootummichaaf bitamuuf isaan dandeessisu argatu. Akkasumas, deebiin namoonni misiraachoo kanaaf kennan, firdii Kiristos kennuuf bu’uura ta’ee tajaajila. (Maatewos 24:14; 2 Tasaloniiqee 1:6-10) Kanaafuu, amanamummaa Kiristosiif qabnu karaa itti argisiisnu keessaa inni guddaan, abboommii inni waa’ee Mootummichaa akka lallabnuuf nuu kenne raawwachuudha.—Maatewos 28:18-20.

15. Amanamummaan Kiristiyaanotaa kan qoramu maaliifi?

15 Seexanni hanga humnisaa danda’etti hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu kan mormu yommuu ta’u, warri biyya bulchanis aboo Waaqayyoo Kiristosiif kenne hin fudhanne. (Faarfannaa 2:1-3, 6-8) Kiristos akkas jechuudhaan bartootasaa akeekkachiiseera: “Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu! . . . Kanaaf na ari’atanii yoo jiraatan isinis in ari’atu.” (Yohannis 15:20) Kanaaf, duuka buutonni Kiristos lola hafuuraa amanamummaansaanii akka qoramu godhu keessatti argamu.—2 Qorontos 10:3-5; Efesoon 6:10-12.

16. Namoonni Mootummichaaf bitaman ‘Waaqayyoof kan fudhachuun isaaf ta’u kan kennan’ akkamitti?

16 Ta’uyyuu, namoonni Mootummaa Waaqayyootiif bitaman Mootiisaanii isa ijaan hin argamneef amanamoo ta’anii kan jiraatan yommuu ta’u, namoota aboorratti argamaniifis ulfina ni kennu. (Tiitoos 3:1, 2) Yesus: “Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!” jechuudhaan dubbateera. (Maarqos 12:13-17) Kanaafuu, namoonni Kiristosiif bitaman seerawwan mootummaa abboommii Waaqayyoo wajjin wal hin faallessineef ni ajajamu. (Roomaa 13:1-7) Haata’u malee, manni murtii olaanaa warra Yihudii abboommii Waaqayyoo cabsuudhaan bartoonni Yesus akka hin lallabne yommuu dhowwanitti, ija jabinaan, garuu karaa ulfina qabuun, “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jechuudhaan deebii kennaniiru.—Hojii Ergamootaa 1:8; 5:27-32.

17. Qorumsa amanamummaa keenyarra ga’u ija jabinaan mo’uu kan dandeenyu akkamitti?

17 Kiristiyaanonni yeroo ari’atamni isaanirra ga’u Mootiisaaniitiif amanamoo ta’anii jiraachuuf ija jabinni akka isaan barbaachisu beekamaadha. Ta’us Yesus akkas jedheera: “Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari’atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa! . . . Egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta’a.” (Maatewos 5:11, 12) Bartoonni Yesus jaarraa tokkoffaatti turan jechoonni kun dhugaa ta’uusaanii hubataniiru. Waa’ee Mootummichaa lallabuusaanii dhaabuu diduusaaniitiin yommuu reebaman, wanta isaanitti dhaga’ame Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Ulfinni maqaa kanaaf salphachuu waan isaaniif ta’eef, gammadaa yaa’icha biraa gad ba’an. Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta’e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.” (Hojii Ergamootaa 5:41, 42) Atis yommuu rakkoon sirra ga’u, yeroo dhukkubsattu, nama jaallattu du’aan dhabuudhaan yommuu gaddi sirra ga’u ykn ennaa mormiin sirra ga’u jabaattee kan dhaabattu yoo ta’e, amanamummaakee argisiisaa waan jirtuuf galateeffatamuu qabda.—Roomaa 5:3-5; Ibroota 13:6.

18. Jechoonni Yesus Phonxos Philaaxositti dubbate maal argisiisu?

18 Mootii Muudame kan ture Yesus lammii warra Roomaa Phonxos Philaaxos isa bulchaa biyyaa tureen akkas jedheera: “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa ta’ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti.” (Yohannis 18:36) Kanaan kan ka’es, namoonni Mootummaa isa samiitiif bitaman eenyuuniyyuu miidhuuf meeshaa waraanaa hin hidhatan. Walitti bu’iinsa namoota gidduutti godhamu kamiyyuu keessas hin seenan. Kiristos isa “Angafa nagaa” ta’eef amanamoo waan ta’aniif, dhimmawwan biyya lafaa isa namoonni akka wal qoodan godhu keessa hin galan.—Isaayaas 2:2-4; 9:6, 7.

Namoonni Amanamummaadhaan Bitaman Eebba Bara Baraa Argatu

19. Namoonni Kiristosiif bitaman yeroo gara fuulduraa amantaa guutuudhaan eeggachuu kan danda’an maaliifi?

19 Namoonni Kiristos isa “Mootii moototaa” ta’eef amanamummaadhaan bitaman yeroo gara fuula duraa amantaa guutuudhaan eeggatu. Yeroo bulchiinsisaa lafa kana bulchuu jalqabus hawwii guddaadhaan eegu. (Mul’ata 19:11–20:3; Maatewos 24:30) Dibamtoonni amanamoon “Ilmaan mootummaa” ta’an, abdiisaanii isa gammachiisaa Kiristosii wajjin dhaalan hawwii guddaadhaan eeggatu. (Maatewos 13:38; Luqaas 12:32) ‘Hoolonni kan biraan’ Kiristosiif amanamoo ta’anis, yeroo Mootiinsaanii akka armaan gadii jedhee dubbatu hawwiidhaan eeggatu: “Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa’etti [jannata isa lafarratti argamuufi Mootummaa Waaqayyootiin bulfamu] galaa!” (Yohannis 10:16; Maatewos 25:34) Egaa Mootummichaaf kan bitamnu hundi, Kiristos Mooticha amanamummaadhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf murtoo haa goonu!

[Miiljaleewwan]

a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e fuula 94-96⁠rraa, mataduree “Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaan Waaqayyoo kan hundaa’ee bara 1914⁠tti kan jedhan maaliifi?” jedhu ilaali.

Ibsuu Ni Dandeessaa?

• Kiristos amanamoo akka taanu nurraa eeguunsaa sirrii kan ta’e maaliifi?

• Namoonni Kiristosiif bitaman amanamummaa isaaf qaban argisiisuu kan danda’an akkamitti?

• Kiristos isa Mootichaaf amanamoo ta’uu kan qabnu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 31rra jiru]

AMALAWWAN KIRISTOS QABU KAN BIRAA

Namoota wal hin caalchisuYohannis 4:7-30.

Oo’a qabeessadhaMaatewos 9:35-38; 12:18-21; Maarqos 6:30-34.

Jaalala lubbuusaa aarsaa godhee akka dhiheessu godhu qaba tureYohannis 13:1; 15:12-15.

AmanamummaaMaatewos 4:1-11; 28:20; Maarqos 11:15-18.

Namootaaf ni gadda tureMaarqos 7:32-35; Luqaas 7:11-15; Ibroota 4:15, 16.

Sababi qabeessa ta’uuMaatewos 15:21-28.