Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tiksitoota ‘Hoolotaaf Fakkeenya Ta’an’

Tiksitoota ‘Hoolotaaf Fakkeenya Ta’an’

Tiksitoota ‘Hoolotaaf Fakkeenya Ta’an’

“Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana . . .  jaalalaan, . . .  of kennuudhaan . . . hoolota karra sanaaf fakkeenya ta’uudhaan egaa.”—1 PHEXROS 5:2, 3.

1, 2. (a) Yesus, Phexrositti itti gaafatamummaa akkamii kenneera? Phexrosiin amanuunsaa dogoggora miti kan jennu maaliifi? (b) Yihowaan tiksitoota muudaman akkamitti ilaala?

 AYYAANNI Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33⁠tti utuu hin kabajamin yeroo muraasa dura, Phexrosiifi bartoonni garabiraan ja’a, ciree Yesus qarqara galaana Galiilaatti qopheesse nyaachaa turan. Phexros, Yesus erga du’aa ka’ee booda isa arguunsaa isa jalqabaa hin turre. Yesus lubbuudhaan akka jiru hubachuunsaa baay’ee akka isa gammachiise homaa hin shakkisiisu. Ta’us, guyyoota muraasa dura matumaa isa hin beeku jedhee Yesusiin ganee waan tureef utuu hin yaadda’in hin hafne. (Luqaas 22:55-60; 24:34; Yohannis 18:25-27; 21:1-14) Yesus, Phexros inni qalbii geddarate amantiinsaa hir’uu waan tureef isa ceepha’eeraa? Matumaa! Kanaa mannaa, Phexros “hoolota” Yesus akka eeguufi akka kunuunsuuf itti gaafatamummaa isaaf kenneera. (Yohannis 21:15-17) Seenaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamuufi waa’ee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa dubbatu akka argisiisutti Yesus, Phexrosiin amanuunsaa dogoggora hin qabu ture. Phexros, ergamoota kaaniifi jaarsolii Yerusaalemitti argamanii wajjin ta’uudhaan ari’atamni guddaan yeroo Kiristiyaanotarra ga’es ta’e yommuu gumiin guddina argisiisaa turetti tiksee ta’ee hojjechuusaa itti fufeera.—Hojii Ergamootaa 1:15-26; 2:14; 15:6-9.

2 Yihowaan yeroo rakkisaa ta’e kanatti, karaa Yesus Kiristos, dhiirota karaa hafuuraa hoolotasaa eeguufi kunuunsuuf ga’eessota ta’an muudeera. (Efesoon 4:11, 12; 2 Ximotewos 3:1) Namoota akkasii amanuunsaa dogoggoradhaa? Nagaan tokkummaa obbolummaa addunyaa maraa gidduutti argamu, Yihowaan isaan amanuunsaa dogoggora akka hin taane argisiisa. Dhugaadha, tiksitoonni kunis akkuma Phexros namoota dogoggoruu danda’anidha. (Galaatiyaa 2:11-14; Yaaqoob 3:2) Haata’u malee, Yihowaan hoolota “dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate” akka kunuunsan isaan amana. (Hojii Ergamootaa 20:28) Yihowaan namoota kanaaf jaalala guddaa kan qabu yommuu ta’u, ‘gatii dadhabbiisaanii dachaa lama ulfina argachuun akka isaaniif ta’u’ ni amana.—1 Ximotewos 5:17, 1899.

3. Namoonni karaa hafuuraa tiksitoota ta’an hoolotaaf fakkeenya ta’uuf fedhii cimaa qabaachuu kan danda’an akkamitti?

3 Namoonni karaa hafuuraa tiksitoota ta’an, hoolotaaf fakkeenya ta’uuf fedhii cimaa qabaachuu kan danda’an akkmitti? Isaanis akkuma Phexrosiifi tiksitoota jaarraa jalqabaa, jabina itti gaafatamummaa isaanitti kenname baachuuf isaan gargaaru argachuuf hafuura Waaqayyootti amanamu. (2 Qorontos 4:7) Hafuurri qulqulluunis firiiwwan hafuuraa kan akka jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaafi garraamummaa akka qabaatan isaan gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) Tiksitoonni hoolota isaan jalatti argaman yeroo kunuunsan, firiiwwan hafuuraa kana horachuudhaan karaawwan isaan itti hoolotaaf fakkeenya ta’uu danda’an tokko tokko haa ilaallu.

Walitti Qabaattis Ta’e Dhuunfaatti Hoolota Jaalladhaa

4, 5. (a) Yihowaafi Yesus hoolota akka jaallatan kan argisiisan akkamitti? (b) Namoonni karaa hafuuraa tiksitoota ta’an, hoolota jaallachuusaanii karaan itti argisiisan tokko tokko maalfa’i?

4 Firiiwwan hafuurri Waaqayyoo argamsiisu keessaa inni guddaan jaalaladha. Yihowaan nyaata hafuuraa baay’inaan dhiheessuunsaa hoolotasaa guutummaatti akka jaallatu kan argisiisudha. (Isaayaas 65:13, 14; Maatewos 24:45-47) Haata’u malee, Yihowaan hoolotasaa guutummaatti sooruu caalaas tokkoon tokkoonsaaniitiif dhuunfaatti ni yaada. (1 Phexros 5:6, 7) Yesusis hoolotasaa waan jaallatuuf, isaaniif jecha lubbuusaa dabarsee kan kenne ta’uusaarrayyuu, tokkoon tokkoonsaanii “maqaa maqaa isaaniitiin” beeka.—Yohannis 10:3, 14-16.

5 Namoonni karaa hafuuraa tiksitoota ta’anis fakkeenya Yihowaafi Yesus hordofu. Tiksitoonni kun, gumicha ‘barsiisuutti of kennuudhaan’ Walitti qabaatti hoolota Waaqayyootiif akka yaadan argisiisu. Haasawaan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan dhiheessan, hoolota eeguufi kunuunsuuf kan gargaaru yommuu ta’u, hojiin isaan ciminaan hojjetan kun eenyu jalaayyuu kan dhokate miti. (1 Ximotewos 4:13, 16) Galmeewwan gumii qabuu, xalayaa barreessuu, sagantaa qopheessuufi sochiin gumii “akka tolutti, sabriidhaan” akka hojjetamu gochuudhaan hojii isaan raawwatan baay’een keenya hin hubannu ta’a. (1 Qorontos 14:40) Hojiiwwan kana keessaa baay’eensaanii kan hojjetaman utuu warri kaan hin argin waan ta’eef, utuu hin hubatamin hafuu danda’u. Dhugumayyuu, kun hojii jaalalarratti hundaa’uudhaan hojjetamudha.—Galaatiyaa 5:13.

6, 7. (a) Karaa tiksitoonni hoolotaa wajjin akka gaariitti wal baruu itti danda’an keessaa inni tokko maalidha? (b) Al tokko tokko wanta nutti dhaga’amu jaarsoliitti himuun keenya gaarii ta’uu kan danda’u maaliifi?

6 Tiksitoonni jaalala qaban, tokkoon tokkoon miseensa gumiitiif garaadhaa akka yaadan argisiisuuf carraaqqii godhu. (Filiphisiiyus 2:4) Karaawwan tiksitoonni hoolota hundumaa wajjin caalaatti wal baruuf isaan gargaaran keessaa inni tokko, tajaajilarratti isaanii wajjin hirmaachuudha. Yesus yeroo baay’ee hojii lallabaarratti hirmaachaa kan ture yommuu ta’u, carraawwan akkasii kanas isaan jajjabeessuuf itti fayyadameera. (Luqaas 8:1) Tikseen muuxannoo qabu tokko akkas jedheera: “Karaawwan obboleessa ykn obboleettii tokko beekuufi jajjabeessuuf gargaaran keessaa inni tokko, isa ykn ishee wajjin tajaajiluu akka ta’e hubadheera.” Dhiheenyatti jaarsa gumii wajjin tajaajiluuf carraa kan hin arganne yoo ta’e, isaa wajjin tajaajiluuf maaliif qophii hin gootu?

7 Jaalalli Yesus qabu, gammachuus ta’e gadda duuka buutotasaarratti akka hirmaatu isa kakaaseera. Fakkeenyaaf, bartoonnisaa 70⁠ni a gammachuudhaan yommuu tajaajilaa deebi’an “gammadee” ture. (Luqaas 10:17-21) Haata’u malee, sababii du’a Alaazaariin Maariyaam, maatiinsheefi firoottanshee yeroo boo’aa turanitti, “Yesus imimmaan isaa dhangalaase.” (Yohannis 11:33-35) Har’as haaluma wal fakkaatuun, tiksitoonni oo’a qabeessa ta’an namoota miira hoolotasaaniitiif dantaa hin qabne miti. Jaalalli, jaarsoliin ‘warra gammadanii wajjin akka gammadan, warra boo’anii wajjinis akka boo’an’ isaan kakaasa. (Roomaa 12:15) Atis, yeroo gammaddus ta’e yeroo gadditu wanta sitti dhaga’amu jaarsoliitti himuu hin sodaatin. Gammaduukee dhaga’uunsaanii isaan jajjabeessa. (Roomaa 1:11, 12) Rakkinni akka sirra ga’e beekuunsaaniimmoo, jajjabina akka sii kennan isaan dandeessisa.—1 Tasaloniiqee 1:6; 3:1-3.

8, 9. (a) Jaarsi tokko haadha manaasaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti? (b) Tikseen tokko maatiisaatiif jaalala qabaachuunsaa hangam barbaachisaadha?

8 Kunuunsa tikseen tokko maatiisaatiif godhurraa jaalala qabaachuusaa beekuun ni danda’ama. (1 Ximotewos 3:1, 4) Kan fuudhe yoo ta’e, haadha manaasaa jaallachuufi kabajuudhaan abbootii manaa warra kaaniif fakkeenya ta’a. (Efesoon 5:25; 1 Phexros 3:7) Obboleettiin Liindaa jedhamtuufi abbaan manaashee du’uusaa dura waggaa 20 ol ta’aniif jaarsa gumii ta’ee tajaajile tokko akkas jetteetti: “Abbaan manaakoo yeroo baay’ee hojii gumii hojjechuutti qabama ture. Haata’u malee, hojii kanarratti akkan hidhatasaa ta’e akka natti dhaga’amu godha ture. Wanta ani godhuuf yeroo baay’ee kan na galateeffatu yommuu ta’u, yeroo hafemmoo anaa wajjin dabarsa ture. Kana gochuunsaammoo akkan jaallatamu akka natti dhaga’amu waan godheef, sa’aatiin inni gumicha tajaajiluurratti dabarsu akkan hinaafu na hin goone.”

9 Tikseen gumii ijoollee qabu tokko, jaalalaan kan isaan adabuufi yeroo hundaa kan isaan galateeffatu ta’uunsaa, maatiiwwan kaaniif fakkeenya gaarii akka ta’u isa gargaara. (Efesoon 6:4) Maatiisaatiif jaalala qabaachuunsaa, itti gaafatamummaa yeroo hafuura qulqulluudhaan muudame itti kenname raawwachaa akka jiru kan argisiisudha.—1 Ximotewos 3:4, 5.

Waliin Mari’achuudhaan Nagaafi Gammachuun Akka Jiraatu Godhaa

10. (a) Wanti nagaafi gammachuu gumii balleessuu danda’u maalidha? (b) Jaarraa jalqabaatti wanti nagaa gumichaa booresse maal ture? Kun furmaata kan argate akkamitti?

10 Hafuurri qulqulluun garaa Kiristiyaana tokkoo keessatti, jaarsolii gidduufi guutummaa gumichaa keessatti gammachuufi nagaan akka jiraatu gochuu danda’a. Haata’u malee, mareen ifa ta’e kan hin jirre yoo ta’e gammachuufi nagaa kanarratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Solomoon mootichi: “Mareen hin jiru yoo ta’e, wanti yaadame fiixaan hin ba’u; warri gorsa kennan yoo baay’atan garuu, fiixaan in ba’a” jechuudhaan dubbateera. (Fakkeenya 15:22) Karaa garabiraammoo, mareen ulfina qabeessaafi ifa ta’e, nagaafi gammachuun akka jiraatu godha. Fakkeenyaaf, jaarraa jalqabaatti waa’een dhagna qabaa nagaa gumichaa yeroo booressee ture, qaamni olaanaan Yerusaalemitti argamu qajeelfama hafuura qulqulluu argachuuf yaalii godheera. Miseensonni qaama olaanaa kun dhimma kanarratti yaada mataasaanii kennaniiru. Maree cimaa erga godhanii booda murtoo tokkorra ga’aniiru. Boodas, yaada tokkorratti walii galanii murtoosaanii kana gumiiwwaniif yommuu ergan, obboloonni “gorsa isaatti in gammadan.” (Hojii Ergamootaa 15:6-23, 25, 31; 16:4, 5) Nagaafi gammachuu argatanii turan.

11. Jaarsoliin gumii keessatti nagaafi gammachuun akka jiraatu gochuu kan danda’an akkamitti?

11 Har’as haaluma wal fakkaatuun, tiksitoonni akka gaariitti waliin mari’achuudhaan gumii keessatti nagaafi gammachuun akka jiraatu gochuu danda’u. Haalli nagaa gumichaa booressu yoo uumame, walga’anii waan isaanitti dhaga’amu ifatti mari’atu. Tiksitoonni hidhatasaanii ta’an yeroo dubbatan ulfinaan dhaggeeffatu. (Fakkeenya 13:10; 18:13) Hafuura qulqulluu argachuuf erga kadhannaa godhanii booda, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluufi qajeelfamawwan “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” baaserratti hundaa’uudhaan murtoo godhu. (Maatewos 24:45-47; 1 Qorontos 4:6) Qaamni jaarsolii murtoo Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e erga godhee booda, murtoon kun jaarsolii baay’ee biratti fudhatama argachuu baatus, murtoo kanaaf ajajamuudhaan qajeelfama hafuura qulqulluutiif akka abboomaman argisiisu. Amala gad of deebisuu argisiisuun nagaafi gammachuun akka uumamu gochuusaarrayyuu, hoolonni akkamitti Waaqayyoo wajjin akka deddeebi’an fakkeenyaan argisiisuuf gargaara. (Miikiyaas 6:8) Tiksitoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan yeroo murtoo godhan gad of qabuudhaan murtoosaanii ni fudhattaa?

Obsaafi Gaarummaa Qabaadhaa

12. Yesus walitti dhufeenya ergamootasaa wajjin qaburratti gaarummaafi obsa argisiisuunsaa barbaachisaa kan ture maaliifi?

12 Yesus, ergamoonnisaa yeroo baay’ee dogoggora kan raawwatan ta’anillee, walitti dhufeenya isaanii wajjin qabuun obsaafi gaarummaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, gad of deebisuun hangam akka barbaachisaa ta’e isaan hubachiisuuf yeroo baay’ee yaalii godheera. (Maatewos 18:1-4; 20:25-27) Haata’u malee, dhuma jireenyasaa isa lafarraatti miillasaanii dhiquudhaan barumsa erga isaaniif kennee boodallee, “nu keessaa eenyutu caala jechuu irraa kan ka’e, ergamoota isaa gidduutti morkiin ka’ee ture.” (Luqaas 22:24; Yohannis 13:1-5) Yeroo kanatti Yesus ergamoota ifateeraa? Lakki, kanaa mannaa akkas jechuudhaan gaarummaadhaan isaan gorseera: “Isa maaddiitti taa’ee jiru moo, isa ergamutu caalaa guddaa dha ree? Isa maaddiitti dhi’aatee jiru mitii ree? Ani garuu isin gidduutti akka isa ergamuu ti.” (Luqaas 22:27) Yeroo booda, garaan ergamootaa obsa, gaarummaafi fakkeenya gaarii Yesus argisiiseen tuqameera.

13, 14. Tiksitoonni keessumaa gaarummaa argisiisuu kan qaban yoomi?

13 Haaluma wal fakkaatuun, namni karaa hafuuraa tiksee ta’e, nama dogoggora hojjete tokkoof irra deddeebi’ee gorsa kennuun isa barbaachisa ta’a. Tiksichi nama kanatti aaruu danda’us, innis akka dogoggoru hubachuunsaa, obbolootasaa “warra seera malee deddeebi’an” yeroo qajeelchu obsaafi gaarummaadhaan isaan qabuuf yaalii akka godhu isa gargaara. Akkas gochuunsaa Yihowaafi Yesus, warra tiksitoota dabalatee Kiristiyaanota hundaatti amala kana argisiisan fakkaachuuf isa gargaara.—1 Tasaloniiqee 5:14, NW; Yaaqoob 2:13.

14 Darbee darbee tiksitoonni namoota cubbuu hojjetaniif gorsa cimaa kennuun isaan barbaachisa ta’a. Namni cubbuu hojjete qalbii geddarachuu yoo dide gumii keessaa isa baasuu qabu. (1 Qorontos 5:11-13) Haata’u malee, tiksitoonni kun nama akkasii kana yommuu haasofsiisan amalli isaan argisiisan namicha utuu hin ta’in, cubbuu inni raawwate akka jibban kan argisiisu ta’uu qaba. (Yihudaa 23) Gaarummaan tiksitoonni argisiisan, hoolaan bade kun gara karra hoolotaatti akka deebi’u isa gargaaruu danda’a.—Luqaas 15:11-24.

Amantaan Hojii Gaarii Hojjechuuf Nama Kakaasa

15. Tiksitoonni gaarummaa Waaqayyoo karaa itti calaqqisan keessaa inni tokko maalidha? Kana gochuuf wanti isaan kakaasu maalidha?

15 “Waaqayyo nama hundumaaf” namoota wanta inni isaaniif godhu hin dinqisiifanneefillee “gaarii dha.” (Faarfannaa 145:9; Maatewos 5:45) Keessumaammoo sabnisaa ‘wangeela mootummaa’ akka lallabaniif erguunsaa, gaarummaasaa kan argisiisudha. (Maatewos 24:14) Tiksitoonnis hojii lallabaarratti dursa fudhatanii hojjechuudhaan gaarummaa Waaqayyoo calaqqisu. Carraaqqii walirraa hin cinne akka godhan kan isaan kakaasu maalidha? Amantaa cimaa isaan Yihowaafi abdii inni kennerratti qabanidha.—Roomaa 10:10, 13, 14.

16. Tiksitoonni hoolotaaf ‘gaarii gochuu’ kan danda’an akkamitti?

16 Tiksitoonni hojii lallabaatiin “nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii” gochuudhaan itti gaafatamummaasaanii raawwachuu qabu. (Galaatiyaa 6:10) Karaawwan kana itti raawwatan keessaa inni tokko gara manasaanii dhaqanii hoolota jajjabeessuudhaanidha. Jaarsi tokko, “Hojii tiksummaa raawwachuun na gammachiisa” jechuudhaan dubbateera. Itti fufuudhaanis, “Yeroon akkasii kun carraaqqii obboloonni godhaniif isaan galateeffachuufi hojiin isaan garaasaaniitii raawwatan gatii guddaa akka qabu akka hubatan gargaaruuf carraa naa bana.” Darbee darbee, tiksitoonni namni tokko karaa itti tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessu fooyyessuu danda’urratti yaadawwan gara garaa hiruufii danda’u. Tiksitoonni gaariin yeroo kana godhan fakkeenya Phaawulos hordofu. Phaawulos obboloota Tasaloniiqee akkamitti akka jajjabeesse qalbeeffadhaa: “Wanta isinitti himne hundumaa akka raawwattan, raawwachuufis akka jirtan karaa gooftaa isin amananneerra.” (2 Tasaloniiqee 3:4) Tiksitoonni amantaa guddaa akka isaanirratti qaban haala argisiisuun dubbachuunsaanii, hoolonni ilaalcha sirrii akka qabaataniifi salphaadhumatti ‘geggeessitootasaaniitiif akka abboomaman’ isaan gargaara. (Ibroota 13:17) Jaarsoliin yeroo si jajjabeessan ni galateeffattaa?

Garraamummaa Argisiisuuf Of Qabuun Barbaachisaadha

17. Phexros, Yesusirraa barumsa akkamii argate?

17 Yesus wanti isa dheekkamsiisu yeroo isa mudatettillee garraamummaa argisiisa ture. (Maatewos 11:29) Guyyaa dabarfamee kennameefi hidhamettillee, amala garraamummaafi of qabuu argisiiseera. Phexros billaasaa luqqifatee jarjarsuudhaan tarkaanfii yeroo fudhatetti Yesus akkas isaan jedhee ture: “Ani abbaa kootti dhageessifachuu hin danda’u sitti fakkaataa ree? Innoo ammuma ergamoota duula kudha lama irra caalan iyyuu anaaf in erga ture.” (Maatewos 26:51-53; Yohannis 18:10) Phexros dogoggora raawwaterraa barumsa waan argateef, yeroo booda akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gorsuu danda’eera: “Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera. . . . Inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; yommuu dhiphates . . . warra isa dhiphisan hin doorsifne.”—1 Phexros 2:21-23.

18, 19. (a) Tiksitoonni, amala garraamummaafi of qabuu caalaatti argisiisuu kan qaban yoomi? (b) Mataduree ittaanurratti gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?

18 Haaluma wal fakkaatuun, tiksitoonni hojii bu’aa qabu raawwachuu yoo barbaadan, wanti sirrii hin taane isaanirratti raawwatamuyyuu garraamota ta’uu qabu. Tarii, miseensonni gumii tokko tokko carraaqqii jaarsoliin isaan gargaaruuf godhan utuu hin dinqisiifatin hafuu danda’u ta’a. Namni gargaarsi isa barbaachisu kun karaa hafuuraa kan dadhabe ykn kan dhukkubsate yoo ta’e, yeroo gorsi isaaf kennamu ‘dubbii gar-malee dubbatamuufi akka billaa nama waraanu’ dubbachuu danda’a ta’a. (Fakkeenya 12:18) Ta’us, tiksitoonni dubbii gar malee dubbatamu dubbachuu ykn ijaa ba’uuf yaalii gochuu mannaa, amala garraamummaafi of qabuu argisiisuudhaan Yesusiin fakkaatu. Kana gochuunsaaniimmoo, nama gargaarsi isa barbaachisuuf eebba argamsiisa. (1 Phexros 3:8, 9) Yeroo gorsi siif kennamu amala garraamummaafi of qabuu argisiisuudhaan fakkeenya jaarsolii ni hordoftaa?

19 Yihowaafi Yesus, carraaqqii tiksitoonni kumaatamaan lakkaa’aman fedhasaaniitiin kaka’anii hoolota addunyaa maratti argaman kunuunsuuf godhan akka dinqisiifatan homaa hin shakkisiisu. Kana malees, Yihowaafi Ilmisaa, tajaajiltoota gumii kumaatamaan lakkaa’amaniifi ‘warra isaaf qulqullaa’an gargaaruudhaan’ jaarsolii gumii deggeraniifis dinqisiifannaa guddaa qabu. (Ibroota 6:10) Erga akkas ta’ee, obboloonni cuuphaman tokko tokko “hojii ba’eessa” ta’e kana hojjechuuf carraaqqii gochuurraa duubatti kan jedhan maaliifi? (1 Ximotewos 3:1) Yihowaan namoota tiksitoota godhee muudu kan leenjisu akkamitti? Mataduree itti aanurratti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna.

[Miiljalee]

a Macaafni Qulqulluun tokko tokko 70 kan jedhan yommuu ta’u, tokko tokkommoo 72 jedhu.

Ni Yaadattaa?

• Karaawwan tiksitoonni hoolota akka jaallatan itti argisiisan keessaa tokko tokko maal fa’i?

• Miseensonni gumii, gumichi nagaafi gammachuu akka argatu gochuu kan danda’an akkamitti?

• Tiksitoonni yeroo gorsa kennan amala garraamummaafi of qabuu kan argisiisan maaliifi?

• Jaarsoliin gaarummaafi amantaa akka qaban argisiisuu kan danda’an akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]