Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Warra Hoolotasaa Tiksan Ni Leenjisa

Yihowaan Warra Hoolotasaa Tiksan Ni Leenjisa

Yihowaan Warra Hoolotasaa Tiksan Ni Leenjisa

“Ogummaa Waaqayyotu kenna, beekumsii fi hubannaan dubbii afaan isaa keessaa ba’uun in argama.”—FAKKEENYA 2:6.

1, 2. Dhiironni cuuphaman, gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa argachuuf kan carraaqan maaliifi?

 OBBOLEESSI Niik jedhamuufi waggaa torbaaf jaarsa ta’ee tajaajile, “Yeroon jaarsa ta’ee muudame baay’een gammade” jechuudhaan dubbateera. Itti fufuudhaanis akkas jedheera: “Mirgan argadhe kana tajaajilan Yihowaadhaaf dhiheessu guddisuuf kan na gargaaru godheen ilaala. Wanta inni naa godhe hundumaaf gatiisaa deebisuuf itti gaafatamummaa akkan qabu natti dhaga’ama. Kana malees, hanga humnikoo danda’utti miseensota gumii hunda gargaaruufi akkuma jaarsoliin naaf godhan anis warra kaan gargaaruun barbaada ture.” Niik kan gammade ta’us wantoonni isa dhiphisan jiru turan. Itti fufuudhaan akkas jedheera: “Yeroo sanatti dhuma waggaa 20 keessa waanan tureef, dandeetti gumicha karaa bu’a qabeessa ta’een gargaaruuf na dandeessisu, jechuunis hubannaafi ogummaa hin qabu ta’a jedhee yaadda’een ture.”

2 Namoonni Yihowaan hoolotasaa akka eeganiif muude wantoota itti gammadan baay’ee qabu. Phaawulos, jaarsoliin gumii Efesoon jecha Yesus: “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jechuudhaan dubbate yommuu isaaniif caqase, wanti isaan gammachiisu akka jiru isaan yaadachiiseera. (Hojii Ergamootaa 20:35) Dhiironni cuuphaman, tajaajilaa ykn jaarsa gumii ta’anii tajaajiluunsaanii, carraawwan Yihowaafi gumiidhaaf kennuu danda’an isaaniif argamsiisa. Fakkeenyaaf, tajaajiltoonni gumii jaarsolii wajjin hojjetu. Kana malees, hojiiwwan baay’ee barbaachisaa ta’aniifi yeroo dheeraa fudhatan raawwatu. Obboloonni kun tajaajila iddoo guddaa qabu akkasii kan raawwatan jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabaniin kaka’uudhaani.—Maarqos 12:30, 31.

3. Obboloonni tokko tokko gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu kan sodaatan maaliifi?

3 Obboloonni ga’eessota akka hin taane itti dhaga’amu, akkasumas tajaajiltootaafi jaarsolii gumii ta’uu hin barbaanne yaada sirrii qabu jechuun ni danda’amaa? Isaanis akkuma Niik, tiksee gaarii ta’uuf ga’eessota akka hin taane isaanitti dhaga’ama ta’a. Atoo, kan cuuphamte taatus akkas sitti dhaga’amaa? Yihowaan tiksitoota warra muude haala isaan itti hoolota qabanirratti waan isaan gaafatuuf akkas sitti dhaga’amuunsaa waan nama dinqisiisu miti. Yesus akkas jedheera: “Nama baay’een itti kenname harkaa baay’eetu barbaadama; nama hadaraa baay’een bira kaa’ame irraa kan caalu in gaafatu.”—Luqaas 12:48.

4. Yihowaan namoota hoolotasaa akka kunuunsaniif muudu kan gargaaru akkamitti?

4 Yihowaan namoota tajaajiltootaafi jaarsolii gumii godhee muude, itti gaafatamummaa isaanitti kenname gargaarsa tokko malee akka raawwatan isaanirraa eegaa? Matumaa akkas hin godhu; kanaa mannaa, itti gaafatamummaa qaban akka raawwatan qofa utuu hin ta’in, hojii bu’a qabeessa ta’e akka raawwatanis isaan gargaara. Akkuma mata duree darberratti ibsame, Yihowaan hoolota gara laafinaan akka kunuunsaniif hafuura qulqulluu isaaniif kennuudhaan namoota kana ni gargaara. (Hojii Ergamootaa 20:28; Galaatiyaa 5:22, 23) Akkasumas ogummaa, beekumsaafi hubannaa isaaniif kenna. (Fakkeenya 2:6) Kana kan godhu akkamitti? Karaawwan sadan Yihowaan namoota hoolotasaa akka kunuunsaniif muude itti leenjisu haa ilaallu.

Tiksitoota Muuxannoo Qabaniin Leenjifamuu

5. Phexrosiifi Yohannis tiksitoota bu’a qabeeyyii ta’uu kan danda’an akkamitti?

5 Phexrosiifi Yohannis yommuu Yaa’ii warra Yihudootaa duratti dhihaatanii turan, abbootiin firdii ogummaa biyya lafaa qaban Phexrosiifi Yohannis warra fuulasaanii dura dhaabatanii turan, “barumsa dheeraa akka hin qabne” godhanii ilaalanii turan. Namoonni kun barreessuufi dubbisuu kan danda’an ta’anillee, Caaffata Qulqullaa’aa ilaalchisee barumsa barsiistonnisaanii barsiisan hin arganne. Haata’u malee Phexros, Yohannisiifi bartoonni kaan namoonni isaan dhaggeeffatan amantoota akka ta’an waan gargaaraniif, barumsi isaan barsiisan kan bu’aa qabu ta’uusaa mirkaneessaniiru. Namoonni hin beekamne kun barsiistota bu’a qabeeyyii ta’uu kan danda’an akkamitti? Yaa’ichi, Phexrosiifi Yohannisiin erga dhaggeeffatee booda, “jarreen kun Yesusii wajjin akka turan isaaniif gale.” (Hojii Ergamootaa 4:1-4, 13) Dhugaadha, hafuura qulqulluu argataniiru. (Hojii Ergamootaa 1:8) Haata’u malee, Yesus namoota kana akka leenjise, wantoota hafuura abbootiin firdii hubachuu hin dandeenyellee hubatanii turan. Yesus isaanii wajjin yommuu lafarra ture, ergamoonnisaa namoota hoolotaan fakkeeffaman akkamitti akka walitti qabuu danda’an qofa utuu hin ta’in, namoonni kun erga karra hoolotaatti makamanii boodas, akkamitti isaan kunuunsuu akka danda’an isaan barsiiseera.—Maatewos 11:29; 20:24-28; 1 Phexros 5:4.

6. Warra kaan leenjisuudhaan Yesusiifi Phaawulos fakkeenya akkamii nuu ta’u?

6 Yesus erga du’aa ka’ee booda, namoota akka tiksitoota ta’aniif muude leenjisuusaa itti fufee ture. (Mul’ata 1:1; 2:1–3:22) Fakkeenyaaf, Phaawulosiin kan filate isa yommuu ta’u, leenjii isaaf kennames kan to’atu isuma ture. (Hojii Ergamootaa 22:6-10) Phaawulosis leenjii isaaf kennameef bakka guddaa kennuusaarrayyuu, wanta barate jaarsolii kaaniif hireera. (Hojii Ergamootaa 20:17-35) Fakkeenyaaf, Ximotewosiin tajaajila Waaqayyoof dhiheessurratti “akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeella’u hin qabneetti” leenjisuuf, yeroo dheeraafi humna baay’ee fixeera. (2 Ximotewos 2:15) Yeroo boodas Phaawulosiifi Ximotewos michuu walii ta’aniiru. Phaawulos jalqabarratti waa’ee Ximotewos akkas jechuudhaan barreesseera: ‘Akka ilmi abbaa isaaf hojjetutti anaa wajjin hojii wangeelaa hojjechaa ture.’ (Filiphisiiyus 2:22) Phaawulos, Ximotewosis ta’e namoonni kaan duuka buutotasaa akka ta’an gochuu hin barbaadu ture. Kanaa mannaa, namoonni hidhata amantaasaa ta’an, ‘akkuma inni fakkeenya Kiristos fudhate, isaanis fakkeenyasaa akka fudhatan’ isaan jajjabeesseera.—1 Qorontos 11:1.

7, 8. (a) Jaarsoliin, fakkeenya Yesusiifi Phaawulos hordofuunsaanii bu’aa gaarii akka qabu muuxannoo isa kamtu argisiisa? (b) Jaarsoliin obboloota gara fuulduraatti tajaajiltoota ykn jaarsolii gumii ta’anii tajaajilu jedhamanii abdataman yoomi kaasanii leenjisuu qabu?

7 Tiksitoonni muuxannoo qaban fakkeenya Yesusiifi Phaawulos hordofuudhaan obboloota dhiiraa cuuphaman leenjisuudhaaf dursa fudhachuunsaanii bu’aa gaarii argamsiisa. Mee muuxannoo Chaad haa ilaallu. Chaad nama maatii amantiidhaan wal hire keessatti guddate ta’us, yeroo dhihoodhaa asitti jaarsa ta’ee muudameera. Akkas jedheera: “Waggoottan darbanitti, jaarsoliin muuxannoo qaban baay’een karaa hafuuraa akkan guddadhu na gargaaraniiru. Abbaankoo nama hin amanne waan ta’eef, obboloonni kun baay’ee kan naaf yaadan ta’uusaaniirrayyuu karaa hafuuraa abbaa naaf ta’aniiru. Yeroo fudhatanii tajaajilarratti kan na leenjisan yommuu ta’u, yeroo boodammoo jaarsi gumii tokko itti gaafatamummaan gumii keessatti qabu akkamitti raawwachuu akkan danda’u na leenjiseera.”

8 Akka muuxannoon Chaad argisiisutti, tiksitoonni hubannaa gaarii qaban obboloota gara fuulduraatti tajaajiltootaafi jaarsolii gumii ta’anii tajaajiluu danda’an leenjisuu kan jalqaban, ulaagaa isaanirra barbaadamu guutuusaanii yeroo dheeraa duradha. Akkas gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Macaafni Qulqulluun obboloonni kun tajaajiltoota ykn jaarsolii gumii ta’anii muudamuusaanii dura amala gaariifi jireenya qulqulluu jiraachuu akka qaban waan ibsuufidha. Muudamuusaanii dura “qoramanii ilaalamuu” qabu.—1 Ximotewos 3:1-10.

9. Tiksitoonni muuxannoo qaban itti gaafatamummaa akkamii qabu? Maaliif?

9 Obboloonni cuuphaman qoramuun kan isaan barbaachisu taanaan, dursanii isaan leenjisuun barbaachisaadha. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Barsiistonni dursanii leenjii barbaachisaa ta’e utuu hin kennin, barataa tokkoof qorumsa ulfaataa utuu dhiheessanii barataan sun qormaata sana darbuu danda’aa? Carraan inni qorumsa kana darbuuf qabu baay’ee xiqqoodha. Kanaafuu, leenjiin barbaachisaadha. Haata’u malee, barsiistonni hubannaa gaarii qaban barattoonni sun qorumsicha akka darbaniif leenjisuu qofa utuu hin ta’in, beekumsa argatan kana akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’anis isaan barsiisu. Haaluma wal fakkaatuunis, jaarsoliin hubannaa gaarii qaban obboloonni muudaman ulaagaa isaanirraa barbaadamu akka guutaniif leenjii barbaachisaa isaaniif kennu. Akkas kan godhan, obboloonni kun akka muudamaniif qofa utuu hin ta’in, hoolota akka gaariitti akka eegan gargaaruufidha. (2 Ximotewos 2:2) Obboloonni cuuphamanis, ulaagaawwan jaarsoliifi tajaajiltoota gumiirraa barbaadaman guutuuf carraaqqii gochuu qabu. (Tiitoos 1:5-9) Ta’uyyuu, tiksitoonni muuxannoo qaban obboloota itti gaafatamummaa kanarra ga’uuf carraaqqii godhan fedhasaaniitiin kaka’anii gargaaruudhaan isaan leenjisuu danda’u.

10, 11. Tiksitoonni, obboloonni kaan mirga dabalataa akka argatan leenjisuu kan danda’an akkamitti?

10 Keessumaa tiksitoonni muuxannoo qaban, obboloonni kaan itti gaafatamummaa qaban karaa bu’a qabeessa ta’een akka raawwatan gargaaruu kan danda’an akkamitti? Jalqaba, obboloota kanaa wajjin yeroo hundaa tajaajilarratti hirmaachuudhaan, ‘dubbicha isa dhugaa qajeeltootti’ dubbachuu akka danda’an leenjisuufi dandeettisaanii akka fooyyessan gargaaruudhaan akka isaaniif yaadan argisiisuu qabu. (2 Ximotewos 2:15) Tiksitoonni ga’eessota ta’an, gammachuu warra kaan tajaajiluudhaan argamu, akkasumas galmawwan hafuuraarra ga’uuf carraaquunsaaniifi galmawwan baafatan kanarra ga’uunsaanii, gammachuu akkamii akka isaaniif argamsiise obboloota kanatti himuu danda’u. Kana malees, obboleessi tokko ‘karra hoolotaatiif fakkeenya’ ta’uuf maal gochuu akka qabu gaarummaadhaan ibsuuf.—1 Phexros 5:3, 5.

11 Obboleessi tokko tajaajilaa gumii ta’ee erga muudamee boodas, jaarsoliin ogeeyyii ta’an isa leenjisuusaanii itti fufu. Obboleessi Biruus jedhamuufi naannoo waggaa 50tiif jaarsa ta’ee tajaajile akkas jedheera: “Tajaajilaa haaraa muudamee wajjin qajeelfamawwan hojjetaan amanamaaniifi ogeessi qopheesserra deebi’uun baay’ee na gammachiisa. Kana malees, qajeelfamawwan hojii isaaf kennaman ibsan hundaa walii wajjin kan dubbisnu yommuu ta’u, hamma inni hojicha akka gaaritti barutti isaa wajjin hojjechuun na gammachiisa.” Tajaajilaan gumii tokko, muuxannoo argachaa yommuu adeemu akkamitti hojii tiksummaa raawwachuu akka danda’u leenjii argachuu danda’a. Biruus itti fufuudhaan, akkas jedha: “Hojii tiksummaa raawwachuuf yeroon tajaajilaa gumii tokko fuudhee deemu, caqasawwan nama ykn maatii daawwannu sana jajjabeessaniifi hojiidhaaf kakaasan akkamitti akka filatu ittan argisiisa. Tajaajilaan tokko tiksee bu’aa gaarii argamsiisu akka ta’u yoo barbaadame, Macaafa Qulqulluu karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuu kan danda’amu akkamitti akka ta’e karaa kanaan barachuunsaa barbaachisaadha.”—Ibroota 4:12; 5:14.

12. Tiksitoonni muuxannoo qaban, jaarsolii haaraa muudaman leenjisuu kan danda’an akkamitti?

12 Tiksitoonni haaraa muudamanis leenjii dabalataa yoo argatan ni fayyadamu. Niik obboleessi jalqabarratti ibsame akkas jedheera: “Leenjiin obboloonni umuriidhaan na caalan lama naaf kennan baay’ee gaarii ture. Obboloonni kun dhimmawwan tokko tokko akkamitti akka qaban sirriitti beeku turan. Yaada ani kennu fudhachuu baatanis, yeroo hundumaa obsaan na dhaggeeffachuu isaaniirrayyuu, yaada ani kennuuf iddoo guddaa kennu turan. Obboloota gumii keessatti argaman ulfinaan akka qaban arguukootti barumsa guddaa argadheera. Jaarsoliin kun, rakkoo hiikuufis ta’e warra kaan jajjabeessuuf Macaafa Qulqulluu karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuun barbaachisaa ta’uusaa akka gaariitti akkan hubadhu na gargaaraniiru.”

Sagalee Waaqayyootiin Leenjifamuu

13. (a) Obboleessi tokko tiksee bu’a qabeessa ta’uuf maaltu isa barbaachisa? (b) Yesus, “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti” kan jedhe maaliifi?

13 Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun, seera, seerawwan bu’uuraafi fakkeenyawwan tikseen tokko, “hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e [ga’eessa, NW] akka ta’u” gargaaran qabateera. (2 Ximotewos 3:16, 17) Obboleessi tokko barumsa biyya lafaa akka gaariitti kan barate ta’us, tiksee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u garuu beekumsa Macaafa Qulqulluu yoo qabaateefi beekumsa kana hojiirra oolchuu yoo danda’edha. Fakkeenya Yesus qalbeeffadhu. Yesus nama kamiyyuu caalaa beekumsa, hubannaafi tiksee ogummaa guddaa qabu ta’uyyuu, ogummaa mataasaarratti hundaa’ee hoolota Yihowaa hin barsiisne. Akkas jedheera: “Barsiifni ani barsiisu kan koo miti, kan isa ana ergee ti malee.” Yesus Abbaasaa isa samiitiif ulfina kan kenne maaliifi? “Namni of keessaa fuudhee dubbatu, ulfina mataa isaa barbaada” jechuudhaan sababiisaa ibseera.—Yohannis 7:16, 18.

14. Tiksitoonni ulfina mataasaanii barbaachuurraa fagaachuu kan danda’an akkamiitti?

14 Tiksitoonni amanamoo ta’an ulfina mataasaanii barbaachuurraa ni fagaatu. Gorsaafi jajjabinni isaan kennan Sagalee Waaqayyoorratti malee, beekumsa mataasaaniirratti kan hundaa’e ta’uu hin qabu. Hojiin jaarsoliitti kenname, hoolonni “yaada Kristos” akka qabaatan gargaaruu malee, yaada jaarsolii akka qabaatan gochuu akka hin taane ni hubatu. (1 Qorontos 2:14-16) Fakkeenyaaf, jaarsi tokko abbaa manaafi haadha manaa gaa’elasaanii keessatti rakkoon uumame yommuu gargaaru, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheesse dhiisee, muuxannoo mataasaarratti hundaa’ee gorsa utuu isaaniif kennee rakkoo maaliitu uumama? (Maatewos 24:45) Gorsisaa, dhiibbaa aadaa hawaasa naannoo sanaa kan qabuufi beekumsa mataasaa isa muraasarratti kan hundaa’e ta’uu danda’a. Jaarsi kun aadaawwan tokko tokko gadhee akka hin taaneefi jireenya dabarserraa muuxannoo argate qabaachuu danda’a. Haata’u malee, hoolonni caalaatti kan fayyadaman, ilaalcha namootaatiin ykn aadaa naannootiin akka geggeeffaman itti himuudhaan utuu hin ta’in, sagalee Yesusiifi dubbii Yihowaa akka dhaga’an yoo jajjabina argatan qofadha.—Faarfannaa 12:6; Fakkeenya 3:5, 6.

‘Hojjetaa Amanamaafi Ogeessaan’ Leenjifamuu

15. Yesus ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaaf’ hojii akkamii kenne? Sababiiwwan hojiin kutaa hojjetaa kanaa akka gaariitti akka hojjetamu godhan keessaa inni tokko maalidha?

15 Tiksitoonni, akka Phexros, Yohannisiifi Phaawulos hundi, miseensota ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ turan. Kutaan hojjetaa kanaa, obboloota Yesus warra hafuuraan dibamaniifi lafarratti argaman, jechuunis namoota Yesusii wajjin samiirratti mo’uuf abdii qaban kan qabatedha. (Mul’ata 5:9, 10) Guyyoota gara dhumaa kanatti, lakkoofsi namoota obboloota Kiristos ta’aniifi lafarratti argamanii hir’achaa dhufeera. Hojiin lallabaa, Yesus dhumnisaa utuu hin dhufin dura akka hojjetaniif isaanitti kennes yeroo kamiyyuu caalaatti babal’achaa jira. Hojiin kutaa hojjetaa kanaa akka gaariitti hojjetameera! Kan akkas jennu maaliifi? Sababiiwwan hojiin kun akka gaariitti akka hojjetamu godhan keessaa inni tokko, miseensonni “hoolota kan biraa” hojii lallabaafi barsiisuurratti leenjii akka argatan gochuusaati. (Yohannis 10:16; Maatewos 24:14; 25:40) Yeroo ammaatti hojii kana bal’inaan hojjechaa kan jiran tuuta hoolota kan biraati.

16. Kutaan hojjetaa amanamaa, obboloota dhiiraa muudaman akkamitti leenjisa?

16 Kutaan hojjetaa kanaa leenjii kana kan kennu akkamitti? Jaarraa jalqabaatti bakka buutonni kutaa hojjetaa kanaa ta’an, namoota gumii keessatti jaarsolii ta’anii tajaajilan akka muudaniifi akka leenjisaniif aboon kan isaaniif kennamee ture yommuu ta’u, isaanis gamasaaniitiin hoolota ni leenjisu turan. (1 Qorontos 4:17) Har’as haallisaa wal fakkaata. Kutaan hojjetaa amanamaa, Qaama Olaanaa jedhamee beekamuufi jaarsolii hafuuraan dibaman muraasa qabate, gumiiwwan kumaatama kudhaniin lakkaa’amaniifi addunyaa maratti argaman keessatti, tajaajiltoota gumiifi jaarsolii akka muudaniifi akka leenjisaniif bakka buutotasaatiif aboo kenneera. Kana malees, Qaamni Olaanaan kun miseensonni waajjira damee, daawwattoonni olaanaan, jaarsoliiniifi tajaajiltoota gumii hoolota akka gaariitti kunuunsuu akka danda’aniif, manneetii barumsaa leenjiin itti kennamu qopheesseera. Akkasumas, xalayaa, barumsawwan Masaraa Eegumsaarratti ba’aniifi barreeffamoota garabiraa kan akka kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamaniin qajeelfamawwan dabalataa dhiheessa. a

17. (a) Yesus kutaa hojjetaa amanamaarratti amantii guddaa akka qabu akkamitti argisiise? (b) Namoonni karaa hafuuraa tiksitoota ta’an kutaa hojjetaa amanamaarratti amantaa akka qaban argisiisuu kan danda’an akkamitti?

17 Yesus kutaa hojjetaa amanamaarratti amantaa guddaa waan qabuuf, “qabeenya isaa hundumaa irratti” jechuunis karaa hafuuraa qabeenya lafarraa qabu hundaarratti isa muudeera. (Maatewos 24:47) Tiksitoonni muudamanis, qajeelfama Qaamni Olaanaan isaaniif kennu hojiirra oolchuudhaan kutaa hojjetaa kanarratti amantaa akka qaban argisiisu. Eeyyee, tiksitoonni warra kaan yommuu leenjisan, ofiisaaniitis Sagalee Waaqayyoorraa barachuuf fedhii yoo argisiisaniifi leenjii kutaan hojjetaa kanaa isaaniif kennu hojiirra yoo oolchan, karri hoolotaa tokkummaa akka qabaatu godhu. Yihowaan miseensota gumii Kiristiyaanaa hunda akka kunuunsaniif, dhiirota akka gaariitti leenjisuusaatti guddaa galateeffachuu hin qabnuu?

[Miiljalee]

a Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

Maal Jettee Deebista?

• Tiksitoonni ga’eessota ta’an warra kaan leenjisuu kan danda’an akkamitti?

• Tiksitoonni barumsa yaada mataasaaniirratti hundaa’e barsiisuu kan hin qabne maaliifi?

• Tiksitoonni kutaa hojjetaa amanamaarratti amantaa akka qaban argisiisuu kan danda’an akkamitti? Kana gochuu kan qaban maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]