Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Akka Jiraattaniif Jireenya Fo’adhaa’

‘Akka Jiraattaniif Jireenya Fo’adhaa’

‘Akka Jiraattaniif Jireenya Fo’adhaa’

‘Ani har’a jireenyaa fi du’a, eebbaa fi abaarsa isin dura kaa’eera, akka jiraattaniif jireenya fo’adhaa!’—KEESSA DEEBII 30:19.

1, 2. Namni bifa Waaqayyootiin uumame jechuun maal jechuudha?

 “KOTTAA! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in uumnaa!” Jechi Waaqayyoo kun boqonnaa jalqabaa Macaafa Qulqulluurratti argama. Itti aansuudhaanis Uumamni 1:26, 27 “Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume” jechuudhaan ibsa. Kanaan kan ka’es, namni jalqabaa uumamawwan lafarratti argaman hundumaarraa adda ture. Uumaasaa wajjin haala wal fakkaatuun gaariifi gadhee gargar baasuudhaan akkasumas, jaalala, qajeelummaa, ogummaafi humna qabaachuudhaan amala Waaqayyoo calaqqisuu danda’a ture. Yaada garaasaatti fayyadamuudhaan murtoo isa fayyaduufi Abbaasaa isa samii gammachiisu gochuu danda’a ture. (Roomaa 2:15) Walumaa galatti, Addaam filannaa gochuuf mirga qaba ture. Akkaataa Addaam itti uumame erga ilaalee booda, Yihowaan wanta hojjete ilaalchisee: “Kunoo, innis baay’ee gaarii ture” jedheera.—Uumama 1:31; Faarfannaa 95:6.

2 Nutis ijoollee Addaam waan taaneef kan uumamne akka bifaafi akka fakkaattii Waaqayyoottidha. Haata’u malee, wanta barbaanne filachuuf mirga qabnaa? Yihowaan wanta gara fuulduraatti ta’u hubachuu kan danda’u ta’uyyuu, wanta tokkoon tokkoon keenya hojjennuufi wanta nurra ga’u dursee hin murteessine. Ijoolleensaa warri lafarratti argaman carraadhaan akka jiraatan hin godhu. Wanta sirrii ta’e gochuuf mirga qabnutti fayyadamuun keenya hangam barbaachisaa akka ta’e hubachuuf, saba Israa’el akka fakkeenyaatti haa ilaallu.—Roomaa 15:4.

Israa’eloonni Filannaa Gochuuf Mirga Qabu Turan

3. Abboommiiwwan Kurnan keessaa inni jalqabaa maal jedha? Israa’eloonni amanamoo ta’an seera kanaaf abboomamuu kan filatan akkamitti ture?

3 Yihowaan, Israa’elootaan “Ani Waaqayyo, gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baasee dha” jedhee ture. (Keessa Deebii 5:6) Sabni Israa’el Dh.K.D. bara 1513⁠tti haala dinqisiisaa ta’een garbummaa biyya Gibxii keessaa waan ba’aniif jechoota olitti ibsaman kana haaluu hin danda’an. Yihowaan Abboommiiwwan Kurnan karaa Musee kenne keessaa isa jalqabaarratti: “Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin!” jedheera. (Ba’uu 20:1, 3) Yeroo sanatti sabni Israa’el Yihowaadhaaf abboomamuu filatanii turan. Fedhiisaaniitiinis Yihowaa waaqeffachuuf of dhiheessanii turan.—Ba’uu 20:5; Lakkoobsa 25:11.

4. (a) Museen Israa’eloonni filannaa akkamii lama akka qaban isaanitti hime? (b) Nutihoo yeroo ammaatti filannaa akkamii gochuu dandeenya?

4 Waggaa 40 boodammoo Museen filannaa Israa’eloonni dhaloota haaraa ta’an qaban akkas jechuudhaan ibseera: “Ani har’a jireenyaa fi du’a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa’ee, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo’adhaa!” (Keessa Deebii 30:19) Haaluma wal fakkaatuun nutis yeroo ammaatti filannaa gochuuf mirga qabna. Eeyyee jireenya bara baraa yaadatti qabannee amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf ykn isaaf abboomamuu dhiisnee rakkinarra bu’uuf filachuu dandeenya. Mee amma namoota filannaa faallaa ta’e godhan lama haa ilaallu.

5, 6. Iyaasuun filannaa akkamii godhe? Kun eebba akkamii isaaf argamsiise?

5 Iyaasuun Dh.K.D. bara 1473⁠tti saba Israa’el Biyyattii Abdachiifamtetti galcheera. Iyaasuun du’uusaa dura saba sanaan akkas jedhee ture: “Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo fakkaate garuu, waaqayyolii warra abboonni keessan lagicha gamatti hojjechaafii turaniif yookiis warra kan Amoorota isin biyya isaanii keessa teessan kanaaf hojjettu yoo ta’e, har’a eenyuuf akka hojjettan fo’adhaa!’” Achiis maatiisaa ilaalchisee: “Garuu anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna” jedheera.—Iyaasuu 24:15.

6 Isa dura Yihowaan Iyaasuun akka cimuufi akka ija jabaatu akkasumas Seera Waaqayyoorraa akka hin jallanne isa abboomee ture. Macaafni Seerichaa afaansaa keessaa akka hin dhabamne, jechuunis akka dubbisuufi kana yoo godhes wanti inni hojjetu hundi akka wal isaaf qixxaatu ykn akka isaaf mijaa’u itti himee ture. (Iyaasuu 1:7, 8) Iyaasuun kana gochuusaatti wanti inni hojjete hundi wal isaaf qixxaateera. Filannaansaas eebba isaaf argamsiiseera. Iyaasuun: “Wanti gaariin Waaqayyo saba Israa’el abdachiise hundinuu in raawwatame malee, tokko illee keessaa hin hafne” jechuudhaan dubbateera.—Iyaasuu 21:45.

7. Bara Isaayaasitti Israa’eloonni tokko tokko filannaa akkamii godhan? Kun balaa akkamii isaaniirraan ga’e?

7 Haala kanarraa faallaa ta’eenimmoo, waggoota 700 booda haala biyya Israa’el keessa ture haa ilaallu. Israa’eloonni yeroo sana turan hedduun aadaa namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii hordofu turan. Fakkeenyaaf, namoonni bara sana turan dhumni waggaa yeroo ga’u, minjaala nyaanni gaariiniifi wayinii mi’aawaan irra guutetti marsanii nyaatu turan. Kun yeroo namoonni firoottansaanii wajjin nyaataaf dhugaatii itti wal afeeran hin turre. Kanaa mannaa, ayyaana waaqayyolii sobaa lamaaf ulfina kennuuf godhamu ture. Isaayaas, Waaqayyo gocha kanaaf ilaalcha akkamii akka qabu akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin warra ana Waaqayyoon dhiiftanii, tulluu koo isa qulqullaa’aa irraanfattanii, ‘Gaad’ waaqayyolii milkii fi, ‘Maanii’ Waaqayyittii Ateeteef [carraatiif] maaddii qopheessitanii, dhibaayyuufis daadhii waynii qodaatti in guuttaniif.” Oomisha gaarii kan argatan Yihowaan waan isaan eebbiseef utuu hin ta’in, ‘Gaad waaqayyolii milkiifi Maanii waaqayyittii Ateetee [carraa]’ kadhachuusaaniitiin ta’uusaa amanu turan. Dhugaasaa dubbachuuf garuu, filannaa sirrii hin taane gochuudhaan carraasaanii balleessanii turan. Kanaan kan ka’es Yihowaan akkas isaaniin jedheera: “Ani billaatti dabarsee isin nan kenna, isin hundumti keessan kukkuftanii in gorra’amtu; isin wanta ana duratti hamaa ta’e hojjettan, wanta ana hin gammachiifnes gootan malee, yommuun isin waame na jalaa hin oowwaanne, yommuun dubbadhes isin anaaf hin dhageenye.” (Isaayaas 65:11, 12) Filannaansaanii badiisa kan isaanirratti fide yeroo ta’u, waaqoliin Milkiifi Carraasaaniis badiisa kanarraa isaan oolchuu hin dandeenye.

Filannaa Sirrii Ta’e Gochuu

8. Akka Keessa Deebii 30:20⁠rratti ibsametti filannaa sirrii gochuun maalfaa dabalata?

8 Museen Israa’eloonni jireenya akka filatan yeroo isaan gorse: “Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhaga’aa! Isattis maxxanaa!” jechuudhaan wanta gochuu qaban sadan isaan beeksiseera. (Keessa Deebii 30:20) Amma tokkoon tokkoonsaanii haa qorru.

9. Jaalala Yihowaadhaaf qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

9 Waaqa keenya Yihowaa jaallachuudhaan: Yihowaa tajaajiluuf kan filanne waan isa jallannuufidha. Akeekkachiisa Israa’elootaaf kenname hojiirra oolchuudhaan, qorumsa saalqunnamtii seeraan ala ta’e akka raawwannu nurra ga’u mo’uufi ilaalcha namoonni biyya lafaa qabeenya horachuuf qaban hordofuurraa fagaachuu dandeenya. (1 Qorontos 10:11; 1 Ximotewos 6:6-10) Yihowaatti maxxannee jiraanna; seerawwansaas ni eegna. (Iyaasuu 23:8; Faarfannaa 119:5, 8) Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii dura Museen akkas jechuudhaan isaan gorsee ture: “Kunoo, isin biyya dhuunfaa keessan godhachuudhaaf itti galtan keessatti akka hojjettaniif, ani akkuma Waaqayyo gooftaan keessan na abboometti seerrataa fi wanta qajeelaa ta’e isin barsiiseera. Kun saba hundumaa duratti ogummaadhaa fi hubannaa keessan waan ta’uuf, isaan seerrata kana hundumaa yeroo dhaga’an, ‘Dhuguma sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha’ isiniin in jedhu; kanaaf isin kana duukaa bu’aa eegaa!” (Keessa Deebii 4:5, 6) Fedha Yihowaa dursuudhaan jaalala isaaf qabnu yeroon itti argisiisnu ammadha. Kana gochuu yoo filanne eebbasaa akka argannu homaa hin shakkinu.—Maatewos 6:33.

10-12. Wanta bara Nohitti ga’erraa barumsa akkamii arganna?

10 Sagalee Waaqayyoo dhaga’uudhaan: Nohi ‘qajeelina lallabaa’ ture. (2 Phexros 2:5) Namoonni bishaan badiisaa dura turan hundi yaannisaanii dhimmawwan adda addaatiin hiramee waan tureef akeekkachiisa Nohiif xiyyeeffannaa utuu hin kenniniifi ‘utuu hin beekin’ hafaniiru. Kun balaa akkamii isaanitti fide? “Bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokke.” Yesus bara keenyatti jechuunis “bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta’a” jechuudhaan akeekkachiiseera. Wanti bara Nohitti ta’e, namoota yeroo ammaatti Sagalee Waaqayyoo hojiirra oolchuu hin filanneef akeekkachiisa ta’a.—Maatewos 24:39.

11 Namoonni akeekkachiisa sabni Waaqayyoo bara ammaatti kennaa jiranitti ga’isan, akeekkachiisa kana hojiirra oolchuu diduun rakkina akkamii akka geessisu hubachuu qabu. Namoota ga’isan kana ilaalchisee Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “‘Deebi’ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du’anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata’ in jedhu. Jarri kun bantiiwwan waaqaa durii jalqabanii akka uumaman, laftis sagalee Waaqayyootiin bishaaniin uumamee, bishaan keessaas ba’uu isaa yaadachuu dadhaban. Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee akka balleeffame hin yaadanne. Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaa’amanii jiru.”—2 Phexros 3:3-7.

12 Mee dhimma kana filannaa Nohiifi maatinsaa godhanii wajjin wal bira qabaa ilaalaa. “Nohi amantiidhaan isa Waaqayyo waa’ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul’anneetiif akeekkachiise dhaga’ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfate.” Akeekkachiisa kana hojiirra oolchuunsaa maatiisaatiif fayyina argamsiiseera. (Ibroota 11:7) Nutis, Sagalee Waaqayyoo dhaga’uufi hojiirra oolchuuf haa ariifannu.—Yaaqoob 1:19, 22-25.

13, 14. (a) ‘Yihowaatti maxxanuun’ barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Yihowaan akka ‘nu tolchu’ gochuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Yihowaatti maxxanuudhaan: ‘Akka jiraannuuf jireenya fo’achuu’ yoo barbaanne, isa jaallachuufi sagaleesaa dhaga’uu qofa utuu hin ta’in, ‘isatti maxxanuu,’ jechuunis fedhasaa raawwachuu keenya itti fufuu qabna. Yesus, “rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu” jedheera. (Luqaas 21:19) Kana ilaalchisee filannaan goonu wanta garaa keenya keessa jiru argisiisa. Fakkeenyi 28:14, “Namni yeroo hundumaa Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha, namni mataa jabaatu garuu rakkina keessa in bu’a” jedha. Mootii Gibxii kan ture Fara’oon kanaaf fakkeenya ta’a. Yeroo Dha’ichi Kurnan warra Gibxii rukutu, Fara’oon Waaqayyoon sodaachuu mannaa mata jabeessa ta’e. Yihowaan Fara’oon akka hin abboomamne isa hin goone; kanaa mannaa, mootiin kun kana akka filatu isaaf heyyameera. Filannaan Fara’oon maaliyyuu yoo ta’e Yihowaan fedhasaa akka raawwatu Yeroo ibsu Phaawulos: “Ani maqaan koo lafa hundumaa irratti akka labsamutti, humna koo si irratti argisiisuudhaafan ol si kaase” jechuudhaan wanta Yihowaan jedhe barreesseera.—Roomaa 9:17.

14 Israa’eloonni harka Fara’oon jalaa erga ba’anii jaarraawwan hedduu booda, Isaayaas akkas jechuudhaan barreesseera: “Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; ati immoo akka nama suphee dha’uutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti.” (Isaayaas 64:8) Qayyabannaa dhuunfaa gochuufi sagaleesaa hojiirra oolchuudhaan Yihowaan akka nu sirreessu yoo heyyamne, suutuma suuta namummaa haaraa uffachaa adeemna. Kana malees, gad of qabuufi sirreeffama argannu hojiirra oolchuun keenya, dhugumaan isa gammachiisuu akka barbaannu waan argisiisuuf amanamummaadhaan Yihowaatti maxxanuuf nu gargaara.—Efesoon 4:23, 24; Qolosaayis 3:8-10.

‘Ijoollee Keessan Barsiisaa’

15. Akka Keessa Deebii 4:9⁠rratti ibsametti, Museen itti gaafatamummaa Israa’eloonni qaban lamaan maal jechuudhaan isaan hubachiise?

15 Museen yeroo sabni Israa’el gara Biyyattii Abdachiifamtee galuuf xinnoon isaan hafetti akkas jedhee ture: “Isin garuu dammaqaa, wanta ijaan argitan akka hin irraanfannetti, bara jireenya keessanii guutuus garaa keessan keessaa akka hin badnetti of eeggadhaa! Ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis barsiisaa!” (Keessa Deebii 4:9) Sabni sun biyya dhaaluuf jedhan sanatti eebba Yihowaafi badhaadhummaa argachuuf itti gaafatamummaa Yihowaaan isaanii kenne lamaan raawwachuu qabu turan. Dinqii Yihowaan ijasaanii duratti hojjete irraanfachuu hin qaban; akkasumas seera kana dhaloota itti aanu barsiisuu qabu turan. Nutis saba Waaqayyoo waan taaneef, ‘akka jiraannuuf jireenya filachuu’ yoo barbaanne kanuma gochuu qabna. Yeroo ammaatti dinqii Yihowaan nuu godhe karaa itti arginu qabnaa?

16, 17. (a) Misiyoononni Giil’aadii eebbifaman hojii Mootummicha lallabuurratti gahee akkamii raawwataniiru? (b) Namoota Misraachoo kana hinaaffaadhaan lallaban caqasi?

16 Yihowaan hojii lallabaafi bartoota taasisuu nuti raawwannu akka eebbise ilaaluun keenya nu gammachiisa. Bara 1943⁠tti Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giil’aad erga banamee jalqabee, misiyoononni dursa fudhatanii biyyoota hedduutti hojii bartoota taasisuu kana hojjechaa jiru. Yeroo sanaa eegalee, namoota mana barumsaa kanaa eebbifaman keessaa warri duraa kan dulloomaniifi humnisaanii kan dadhabe ta’uyyuu, labsii Mootummichaarratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jiru. Namoota fakkeenya ta’an kana keessaa isheen tokko Meerii Oolsan kan jedhamtu yeroo ta’u, mana barumsaa Giil’aadii kan eebbifamte bara 1944⁠tti ture. Obboleettiin kun misiyoonii ta’uudhaan jalqaba Kolombiyaatti achiis Uraaguwaayitti kan tajaajilte yeroo ta’u, ammammoo Portoo Rikootti tajaajilaa jirti. Dullumaan kan ka’e humnishee daangeffamuyyuu, Meeriin ammayyuu hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jirti. Afaan Ispeen waan baratteef torban torbaniin babal’istoota naannoo sanaa wajjin tajaajilti.

17 Obboleettiin Naansii Poortar jedhamtuufi abbaan manaashee jalaa du’e bara 1947⁠tti Mana Barumsaa Giil’aadii kan eebbifamte yeroo ta’u, ammayyuu Baahaamaasitti tajaajilaa jirti. Naansiin seenaa jireenyaashee keessatti, “Dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaan barsiisuun gammachuu adda ta’e naaf argamsiisa; karaa hafuuraa barsiifata gaariifi jireenyakoo keessattis tasgabbii akkan qabaadhu na gargaareera” jetteetti. a Obboleettiin kunis taate warri amanamummaadhaan tajaajilan waggoota tajaajilarratti dabarsan yeroo yaadan wanta Yihowaan isaanii godhe hin irraanfatan. Nutihoo? Yihowaan naannoo keenyatti hojii Mootummaa kana eebbisuusaa ni dinqisiifannaa?—Faarfannaa 68:11.

18. Seenaa jireenyaa misiyoonotaa dubbisuudhaan barumsa akkamii argachuu dandeenya?

18 Hojii namoonni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan kun raawwataniifi raawwachaa jiran ni dinqisiifanna. Seenaa jireenyaa namoota kanaa dubbisuun keenya wanta Yihowaan isaanii godhe waan nu hubachiisuuf, isa tajaajiluuf murtoo goone akka cimsinu nu jajjabeessa. Muuxannoowwan nama gammachiisaniifi Masaraa Eegumsaarratti ba’an kana yeroo yeroodhaan dubbistee irratti xiinxaltaa?

19. Warri ijoollee qaban, seenaa jireenyaa Masaraa Eegumsaarratti argamutti fayyadamuu kan danda’an akkamitti?

19 Museen, Israa’eloonni wanta Yihowaan isaanii godhe hundumaa akka hin irraanfanneefi wantoonni kun umriisaanii guutuu garaasaanii keessaa akka hin baane isaan yaadachiiseera. Itti dabaluudhaanis: “Ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis barsiisaa!” isaaniin jedheera. (Keessa Deebii 4:9) Seenaa jireenyaa dubbisuun baay’ee nama gammachiisa. Dargaggoonni nama fakkeenya gaarii isaanii ta’u argachuu qabu. Obboloonni durbaa qeentee ta’an dubartoota maanguddoo amanamummaadhaan tajaajilaa turaniifi muuxannoonsaanii Masaraa Eegumsaarratti ibsamerraa barumsa argachuu danda’u. Obboloonni hedduun namoota afaan garabiraa dubbataniif misiraachoo kana lallabuudhaan tajaajilasaanii babal’isuu danda’aniiru. Warri ijoollee qabdan, muuxannoo misiyoonota Giil’aadii eebbifamaniifi kan warra kaaniitti fayyadamtanii, ijoolleen keessan tajaajila yeroo guutuu akka filatan maaliif hin jajjabeessitan?

20. ‘Jireenya filachuuf’ maal gochuu qabna?

20 Tokkoon tokkoon keenya ‘jireenya filachuu’ kan dandeenyu akkamitti? Filannaa gochuuf mirga argannetti fayyadamnee Yihowaa jaallachuufi hanga inni mirga kana nuu kennetti tajaajilarratti hirmaachuudhaani. Akkuma Museen jedhe Yihowaan ‘jireenya keenyadha; isa bara dheeraa nuuf kennudhas.’—Keessas Deebii 30:19, 20.

[Miiljalee]

a Muuxannoo mataduree “Gaddi Guddaan Yoo Narra Ga’eyyuu Gammachuu Qaba Nan Galateeffadhas” jedhuun Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2001, ful. 23-27⁠rratti ba’e ilaali.

Ni Yaadattaa?

• Namoota filannaa wal faallessu godhanirraa barumsa akkamii argatte?

• ‘Jireenya filachuuf’ tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu qabna?

• Itti gaafatamummaa akkamii lama qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]