Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Badiisa Jalaa Ooluuf Qophii Gooteettaa?

Badiisa Jalaa Ooluuf Qophii Gooteettaa?

Badiisa Jalaa Ooluuf Qophii Gooteettaa?

“Dhaloota kana keessaa, ati na duratti qajeelaa akka taate waanan argeef, ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali!”—UUMAMA 7:1.

1. Yihowaan bara Nohitti namoota badiisarraa oolchuuf qophii akkamii godhee ture?

 YIHOWAAN, bara Nohitti ‘warra Waaqayyo malee jiraatanirratti bishaan badiisaa fiduudhaan balleessuyyuu,’ karaa itti badiisa kanarraa ooluu danda’amus qopheessee ture. (2 Phexros 2:5) Waaqni dhugaa, Nohi inni nama qajeelaa ture badiisa bishaanii kanarraa ooluuf akkamitti akka markaba hojjechuu qabu qajeelfama ifa ta’e kenneefii ture. (Uumama 6:14-16) Akkuma tajaajilaa Waaqayyoo amanamaa ta’e tokkorraa eegamu, “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate.” Yeroo ammaatti lubbuudhaan jiraachuu kan dandeenye, Nohi Waaqayyoof waan abboomameefidha.—Uumama 6:22.

2, 3. (a) Namoonni bara Nohitti turan wanta Nohi hojjete ijaan arganiyyuu maal utuu hin godhin hafaniiru? (b) Nohi markabicha keessa yommuu lixu amantaa akkamii qaba ture?

2 Markaba hojjechuun hojii salphaa hin turre. Namoonni baay’een bara sana turan, hojii Nohiifi maatiinsaa hojjetan utuu hin dinqisiifatin hin oolan. Haata’u malee, wanti isaan argan fayyinnisaanii kan hundaa’e markabicha keessa lixuudhaan ta’uusaa akka amanan isaan hin taasisne. Dhumarrattis obsi Waaqayyo biyya lafaa isa hammeenyaan guutameef qabu ni dhume.—Uumama 6:3; 1 Phexros 3:20.

3 Nohiifi maatiinsaa hojii baay’ee ulfaataa ta’e kana waggoota baay’eedhaaf erga hojjetanii booda, Waaqayyo Nohiin: “Dhaloota kana keessaa, ati na duratti qajeelaa akka taate waanan argeef, ati warra mana kee hundumaa wajjin markabichatti gali!” jedheen. Sagalee Waaqayyootti amanuudhaan, “Nohi, haadha manaa isaa, ilmaan isaa, dubartoota ilmaan isaa wajjin markabichatti in gale.” Achiis, Yihowaan waaqeffattootasaa badiisarraa oolchuuf jecha balbala markabichaa cufe. Lafti yommuu bishaaniin liqimfamte, markabni Waaqayyo tajaajiltootasaa amanamoo ta’aniif qopheesse amansiisaa ta’uunsaa ifatti mul’ateera.—Uumama 7:1, 7, 10, 16.

Haalli Bara Keenyaa Bara Nohi Wajjin Wal Fakkaata

4, 5. (a) Yesus yeroo itti haala ijaan hin argamneen deebi’ee dhufu yeroo isa kamii wajjin wal fakkeesseera? (b) Wantoonni bara Nohiifi bara keenya wal fakkeessan maalfa’i?

4 “Bara Nohitti akkuma ture, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in ta’a.” (Maatewos 24:37) Yesus akkas jedhee dubbachuunsaa, yeroon inni haala ijaan hin argamneen deebi’ee itti dhufu bara Nohi wajjin akka wal fakkaatu ibsuusaa kan ture yommuu ta’u, kunis sirriitti raawwiisaa argateera. Keessumaa bara 1919 asitti, akeekkachiisni wanta Nohi lallabee wajjin wal fakkaatu saba hundumaaf lallabamaa jira. Walumaa galatti, ilaalchi namoonni akeekkachiisa kanaaf qaban ilaalcha namoonni bara Nohi turan qabanirraa adda miti.

5 “Lafti humnaan wal irratti ka’uu isaaniitiin waan guuteef,” Yihowaan bishaan badiisaa fiduudhaan tarkaanfii fudhateera. (Uumama 6:13) Nohiifi maatiinsaa walirratti ka’uu yeroo sana turerratti hirmaachuu dhiisuunsaaniifi namoota nagaa barbaadan ta’uudhaan markabicha hojjechuutti fufuunsaanii namoota isaan arganiif kan ifatti mul’atu ture. Har’as haaluma wal fakkaatu argina. Namoonni yaada qajeelaa qaban, “garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal’oota gidduu jiru, warra . . . Waaqayyoof hojjetuu fi warra . . . hin hojjenne gidduu jirus . . . [arguu]” danda’u. (Miilkiyaas 3:18) Namoonni ilaalcha sirrii qaban Dhugaa Baatonni Yihowaa haqaan kan hojjetan, gaarummaa kan qaban, nagaa kan qabaniifi hojiisaanii garaa guutuudhaan kan hojjetan ta’uusaanii hubachuudhaan kan isaan dinqisiifatan yommuu ta’u, amalawwan akkasii kunis saba Waaqayyoo saba kaanirraa adda taasisu. Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa kamiiniyyuu walirratti ka’uurratti kan hin hirmaanne ta’uusaaniirrayyuu, hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuus ni fedhu. Namoota nagaa qabaniifi karaa qajeelummaarra deddeebi’an kan ta’anis kanumaafi.—Isaayaas 60:17.

6, 7. (a) Namoonni bara Nohitti turan wanti isaan utuu hin hubatin hafan maal ture? Yeroo har’aatti haallisaa kan wal fakkaatu akkamitti? (b) Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota kaanirraa adda ta’anii akka ilaalaman fakkeenyawwan argisiisan kamfa’i?

6 Namoonni bara Nohi turan, akka inni gargaarsa Waaqayyoo qabuufi qajeelfama Waaqayyoo hordofu utuu hin hubatin hafaniiru. Kanaan kan ka’es akeekkachiisa Nohiif xiyyeeffannaa kennuu dhiisuudhaan utuu tarkaanfii hin fudhatin hafaniiru. Namoonni yeroo ammaatti argaman saba Waaqayyoofis ta’e akeekkachiisa isaan kennaniif ilaalcha akkamii qabu? Namoonni hedduun hojii lallabaa Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwachaa jiraniifi amalasaanii kan dinqisiifatan ta’anillee, baay’eensaanii hojii lallabaa isaan raawwataniifi akeekkachiisa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan kennaa jiraniif iddoo guddaa hin kennan. Ollaawwan, namoonni qacaranii isaan hojjechiisan ykn firoottansaanii amalawwan gaarii Kiristiyaanonni dhugaa argisiisan kan dinqisiifatan ta’aniyyuu, “Utuu Dhugaa Baatota Yihowaa ta’uu baatanii gaarii ture” jechuudhaan komii dhiheessu. Namoonni kun Dhugaa Baatonni Yihowaa, jaalala, nagaa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi amala of qabuu argisiisuu kan danda’an hafuura Waaqayyootiin waan geggeeffamaniif ta’uusaa hin hubatan. (Galaatiyaa 5:22-25) Amalawwan gaariin isaan argisiisan kun ergaasaanii dhaggeeffachuuf caalaatti isaan kakaasuu qaba ture.

7 Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa Ruusiyaa keessatti Galma Mootummaa ijaaru turan. Namni tokko dhaabatee warra hojjechaa jiran keessaa isa tokkoon akkas jedhe: “Bakka ijaarsaa nama dinqisiisu akkasii argee hin beeku; kan tamboo xuuxu, kan nama arrabsu ykn kan machaa’e hin jiru! Ati Dhugaa Baatuu Yihowaatii?” Innis deebisee, “Utuun lakki siin jedhee na amantaa?” jedhee isa gaafate. Namichis deebisee, “Matumaa” jechuudhaan deebii kenne. Magaalaa Ruusiyaa garabiraattimmoo bulchaan magaalichaa Dhugaa Baatonni Yihowaa Galma Mootummaa haaraa yommuu ijaaran argee baay’ee dinqisiifate. Dur, gareen amantii hundi tokko jedhee amanaa akka ture erga ibsee booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa haala ofittummaarraa walaba ta’een garaasaaniitii yommuu hojjetan arguusaatiin ilaalchasaa akka jijjiire dubbateera. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota qajeelfama Macaafa Qulqulluu wajjin haala wal faallessuun jiraatanirraa adda ta’uusaanii fakkeenya kanarraa hubachuun ni danda’ama.

8. Badiisa sirna hamaa kanarra ga’urraa ooluun keenya maalirratti kan hudaa’edha?

8 Badiisni ‘biyya lafaa’ yeroo sana ture yommuu dhihaate, Nohi nama “qajeelina lallabu” ta’ee amanamummaadhaan tajaajileera. (2 Phexros 2:5) Sabni Yihowaa, guyyoota gara dhumaa badiisni sirna kanaa itti dhihaate kanatti ulaagaa inni qajeelummaadhaaf baaseefi misiraachoo badiisarraa ooluudhaan gara addunyaa haaraatti galuun akka danda’amu ibsu lallabaa jiru. (2 Phexros 3:9-13) Nohiifi maatiinsaa markaba keessa lixuudhaan badiisarraa ooluu akkuma danda’an, namoonni yeroo ammaatti argamanis fayyinnisaanii amantaa qabaachuufi kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo isa uumama cufaafi yeroo ammaa lafarratti argamu amanamummaadhaan deggeruusaaniirratti kan hundaa’edha.

Badiisarraa Ooluuf Amantaan Barbaachisaadha

9, 10. Badiisa sirna Seexanaatti dhufu jalaa ooluu yoo barbaanne amantaa qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

9 Namni tokko badiisa yeroo dhihootti biyya lafaa isa to’annaa Seexanaa jalatti argamurra ga’u jalaa ooluu yoo barbaade maal gochuu qaba? (1 Yohannis 5:19) Jalqaba eegumsaafi da’oo argachuun akka isa barbaachisu hubachuu qaba. Kana malees, eegumsa akka argatuuf qophii isaaf godhametti fayyadamuu qaba. Namoonni bara Nohitti turan badiisa isaanitti dhufu jalaa ooluuf da’oon akka isaan barbaachisu utuu hin hubatin waan hafaniif, yaannisaanii sochiiwwan guyyaa guyyaan godhaniin qabamee ture. Kana malees Waaqayyorratti amantaa hin qaban turan.

10 Karaa garabiraadhaanimmoo, Nohiifi maatiinsaa eegumsa argachuufi badiisarraa ooluun akka isaan barbaachisu hubataniiru. Akkasumas, Yihowaa isa uumama cufarratti Olaantummaa qaburratti amantaa guddaa qabu turan. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi’aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.” Itti fufuudhaanis akkas jedheera: “Nohi amantiidhaan isa Waaqayyo waa’ee waan yeroo sanatti ija namaatti hin mul’anneetiif akeekkachiise dhaga’ee sodaatee, warra mana isaa oolchuufis bidiruu tolfate; amantii isaatiin immoo biyya lafaatti yakka muree, qajeelina amantiidhaan argamus qabeenya isaa in godhate.”—Ibroota 11:6, 7.

11. Baroota darbanitti karaa Yihowaan sabasaatiif eegumsa godherraa barumsa maalii arganna?

11 Sirni hamaan yeroo ammaatti argamu yommuu badu ooluu yoo barbaanne, sirni kun akka badu amanuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Qophii Waaqayyo fayyinaaf qopheessetti guutummaatti fayyadamuudhaan amantaa akka qabnu argisiisuu qabna. Aarsaa furii Ilma Waaqayyoo Yesus Kiristositti amanuu nu barbaachisa. (Yohannis 3:16, 36) Haata’u malee, namoonni bishaan badiisaarraa oolan namoota markabicha keessa lixan qofa ta’uusaanii hubachuun keenya barbaachisaadha. Haaluma wal fakkaatuunis, Israa’el durii keessatti namni utuu hin beekin nama ajjeese eegumsa argachuu kan danda’u, mandara kooluun itti galamutti dursee yoo baqateefi hanga hangafni lubootaa yeroo sanatti ture du’utti achi yoo ture qofadha. (Lakkoobsa 35:11-32) Bara Museetti, dhahicha kurnaffaa ga’een hangafni ijoollee warra Gibxii ajjeefamanii turan; haata’u malee, ijoolleen Israa’elootaa oolaniiru. Maaliif? Yihowaan akkas jechuudhaan Museedhaaf qajeelfama kennee ture: “Yommus warri qalan [Israa’eloonni] dhiiga isaa [dhiiga xobbaallaa Ayyaana Irra Darbaa] irraa fuudhanii michichila balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa manneen xobbaallicha keessatti nyaataniitti haa diban! . . . Isin keessaa immoo namni tokko illee hamma bari’utti mana isaatii gad hin ba’in!” (Ba’uu 12:7, 22) Ijoollee Israa’elootaa hangafa ta’an keessaa, mana buusaan mataa balbalaafi michichillisaa dhiigni itti dibame keessaa ba’uudhaan qajeelfama Waaqayyo kenne kan cabse jiraa?

12. Hundi keenya maal jennee of gaafachuu qabna? Maaliif?

12 Nutis haala dhuunfaa keenyarratti of eeggannoodhaan yaaduuf sababii ga’aa qabna. Qophii Yihowaan karaa hafuuraa eegumsa akka argannuuf godherraa faayidaa argachaa jirraa? Namoonni qophii kanarraa faayidaa argatan yeroo rakkinni guddaan dhufu gammachuufi galata guddaadhaan imimmaan dhangalaasu. Warri kaan garuu gaddaafi gaabbiidhaan boo’u.

Sirreeffamni Jaarmiyaan Yihowaa Yeroo Yeroodhaan Godhu Badiisarraa Ooluuf Nu Gargaara

13. (a) Fooyya’iinsi gama jaarmiyaatiin godhame bu’aa akkamii argamsiiseera? (b) Fooyya’iinsa yeroodhaa gara yerootti godhame keessaa tokko tokko ibsi.

13 Yihowaan, jaarmiyaansaa inni lafarratti argamuufi kutaa jaarmiyaasaa isa uumama cufaa ta’e, yeroodhaa gara yerootti fooyya’iinsa argisiisaa akka adeemu godheera. Kunis jaarmiyaansaa caalaatti jabaatee akka dhaabatuufi amansiisaa akka ta’u godheera. Waggoota bara 1870 hanga bara 1932 turanitti, obboloonni jaarsoliifi diiyaaqonii ta’anii tajaajilan miseensota gumichaatiin filatamu turan. Bara 1932⁠tti jaarsolii utuu hin ta’in koree tajaajilaa filachuun kan jalqabame yommuu ta’u, itti gaafatamummaan koree kanaas dirikteera tajaajilaa muudame gargaaruu ture. Bara 1938⁠tti namoonni gumii keessatti tajaajilan hundi, karaa ti’ookraasiitiin muudamuu jalqaban. Bara 1972 eegalee, ilaaltonni olaanaaniifi tajaajiltoonni gumii qajeelfama Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin karaa ti’ookraasii muudamuu kan jalqaban yommuu ta’u, yaanni deggersaa dhihaate fudhatama yoo argate xalayaan kana ibsu gumiiwwaniif ergama. Yeroo boodammoo, ga’een Qaama Olaanaa guddachaa waan adeemeef jijjiiramawwan hojicha caalaatti fooyyessan raawwatamaniiru.

14. Bara 1959⁠tti leenjii akkamiitu jalqabame?

14 Bara 1950⁠tti qo’annoon Faarfannaa 45:16⁠rratti gadi fageenyaan godhame, sagantaan leenjii itti fufiinsa qabu akka jalqabamuuf karaa bane. Caqasichi akkas jedha: “Ilmaan kee iddoo abboota kee in bu’u, ati lafa hundumaatti akka isaan biyya mo’an in goota.” Jaarsoliin yeroo ammaatti gumicha geggeessuudhaan tajaajilan, itti gaafatamummaa ammas ta’e Armaagedoon booda qabaniif leenjii argachaa jiru. (Mul’ata 16:14, 16) Manni Barumsaa Tajaajila Mootummaa bara 1959⁠tti jalqabame. Sassaabdota olaanaa yeroo sanatti tajaajiltoota gumii jedhamanii waamamaniif leenjii ji’a tokko fudhatutu kennama ture. Yeroo ammaatti manni barumsaa kun ilaaltota olaanaafi tajaajiltoota gumii hundaaf leenjii kenna. Obboloonni kunimmoo Dhugaa Baatota gumiisaanii keessatti argaman leenjisu. Karaa kanaanis, Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi karaa hafuuraa gargaarsa argachuusaaniirrayyuu, wangeela Mootummichaa yommuu lallaban tajaajilasaaniirratti caalaatti bu’a qabeeyyii ta’uuf gargaarsa argataniiru.—Maarqos 13:10.

15. Karaawwan lamaan qulqullinni gumii Kiristiyaanaa akka eegamu gargaaran kamfa’i?

15 Namoonni miseensa gumii Kiristiyaanaa ta’uu barbaadan ulaagaawwan guutuu qaban qabu. Ga’istoonni bara Nohi turan markabicha keessa lixuun akkuma hin heyyamamneef, ga’istoonni bara keenyatti argamanis gumii Kiristiyaanaa keessatti iddoo hin qaban. (2 Phexros 3:3-7) Caalaadhumattimmoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1952 eegalee, qophii namoota qalbii hin geddaranne gumii keessaa baasuudhaan qulqullina gumichaa eeguuf godhame deggeraniiru. Haata’u malee, namoota garaasaanii guutuudhaan qalbii geddarataniif ‘miillasaaniitiif akka ta’utti daandii qajeelaa irra adeeman’ akka argataniif qophiin jaalalarratti hundaa’e ni godhamaaf.—Ibroota 12:12, 13; Fakkeenya 28:13; Galaatiyaa 6:1.

16. Sabni Yihowaa karaa hafuuraa haala akkamii keessatti argamu?

16 Dhugaa Baatonni Yihowaa badhaadhina hafuuraa kan argatan dingata ykn akka tasaa miti. Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa akkas jedheera: “Kunoo, garboonni koo in nyaatu, isin garuu in beeloftu! Kunoo, garboonni koo in dhugu, isin garuu in dheebottu! Kunoo garboonni koo in gammadu, isin garuu in yeellaasifamtu! Kunoo, garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu, isin garuu garaan keessan waan gadduuf, hafuurri keessanis waan cabeef in wawwaattu!” (Isaayaas 65:13, 14) Yihowaan nyaata hafuuraa yeroosaatti qophaa’uufi karaa hafuuraa nu gargaaru nuu qopheessuusaa itti fufuudhaan jabaannee akka dhaabannu gochaa jira.—Maatewos 24:45.

Badiisarraa Ooluuf Of Qopheessaa

17. Qophii fayyinaaf nu qopheessu gochuuf maaltu nu gargaara?

17 Yeroon kun, yeroo kamiyyuu caalaatti gorsa akkas jedhu yeroo itti hojiirra oolchinudha: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; .  . ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.” (Ibroota 10:23-25) Yeroo ammaatti gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa 98,000 ol ta’an kan argaman yommuu ta’u, gumiiwwan kana keessaa isa tokko keessatti walitti qabamuun, akkasumas sochii gumichi godhurratti hirmaachuun keenya, fayyinaaf akka of qopheessinu nu gargaara. “Namummaa haaraa” uffachuufi qophii Yihowaan fayyinaaf godhe namoonni kaan akka beekan gargaaruuf garaa keenyaa yommuu carraaqnu gargaarsa obboloota keenyaa ni arganna.—Efesoon 4:22-24; Qolosaayis 3:9, 10; 1 Ximotewos 4:16.

18. Gumii Kiristiyaanaatti maxxantee jiraachuuf kan murteessite maaliifi?

18 Seexanniifi biyyi lafaa inni hamaan to’annaasaa jala jiru gumii Kiristiyaanaarraa nu fageessuuf hawwii guddaa qabu. Haata’u malee, gumii Kiristiyaanaa wajjin deddeebi’uu keenya itti fufuudhaan badiisa sirna hamaa kanatti dhufurraa ooluu dandeenya. Jaalalliifi dinqisiifannaan qophii Yihowaan nuu godheef qabnu, yeroo kamiyyuu caalaatti carraaqqii Seexanaa fashaleessuuf akka kakaanu nu haa godhu. Eebbawwan yeroo ammaatti argannerratti xiinxaluun keenya murtoo goone nuuf jabeessa. Eebbawwan kana keessaa tokko tokko mataduree itti aanurratti ibsamu.

Deebiinkee Maalidha?

• Yeroon keenya bara Nohii wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

• Fayyina argachuuf amalawwan akkamii qabaachuu nu barbaachisa?

• Yihowaan qophii nu fayyisuuf godhe jabeessuuf fooyya’iinsa akkamii godheera?

• Fayyina argachuuf dhuunfaatti qophii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]