Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenya Mudaa Hin Qabne Jiraachuun Gammachuu Argamsiisa

Jireenya Mudaa Hin Qabne Jiraachuun Gammachuu Argamsiisa

Jireenya Mudaa Hin Qabne Jiraachuun Gammachuu Argamsiisa

“Eebbi Waaqayyoo—nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu.”—FAKKEENYA 10:22.

1, 2. Waa’ee gara fuulduraa garmalee dhiphachuu kan hin qabne maaliifi?

 FALAASAAN Ameerikaa tokko, “Waa’ee gara fuulduraa garmalee dhiphachuun . . . yeroo keenya isa har’aa akka gaariitti akka itti hin fayyadamne nu dhowwa” jechuudhaan dubbateera. Jechi kun, ijoollee wanta yeroo nama guddaa ta’an hojjetanirratti garmalee xiyyeeffachuusaaniitiin kan ka’e, yeroo ijoollummaasaanii akka gaariitti hin fayyadamin hafan kan argisiisudha.

2 Waaqeffattoonni Yihowaas, al tokko tokko ilaalcha akkasii qabaachuu danda’u. Mee haala armaan gadiirratti yaadi. Waaqayyo lafa kana gara jannataatti yommuu jijjiiru arguuf hawwina. Jireenya dhukkuba, dulluma, rakkinaafi dhiphina hin qabne hawwii guddaadhaan eegganna. Wantoota akkasii kana argachuuf hawwuun dogoggora ta’uu baatus, wantoota gama fooniitiin gara fuulduraatti argannurratti garmalee xiyyeeffachuun keenya, eebbawwan yeroo ammaatti karaa hafuuraa argachaa jirru akka hin hubanne yoo nu godhe baay’ee kan nama gaddisiisu hin ta’uu? Ilaalcha akkasii kan qabnu yoo ta’e, akkuma Macaafni Qulqulluun “abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa” jedhu, wanti nuti eegnu baay’ee akka ture yoo nutti dhaga’ame abdii nu kutachiisuu danda’a. (Fakkeenya 13:12) Kana malees, rakkoowwan jireenya keenya keessatti nu mudatan waa’ee mataa keenyaa garmalee akka dhiphannu nu gochuu danda’u. Rakkoowwan nu mudataniif furmaata barbaaduu mannaa guungumuu jalqabuu dandeenya. Eebbawwan yeroo ammaatti argannerratti kan xiyyeeffannu yoo ta’e garuu wantoota kana hundumaarraa of oolchuu dandeenya.

3. Mataduree qayyabannaa kana keessatti maalirratti xiyyeeffanna?

3 Fakkeenyi 10:22, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedha. Eebbawwan tajaajiltoonni Yihowaa bara kanatti argatan akka gammannu kan nu taasisan mitii? Mee amma eebbawwan karaa hafuuraa arganneefi dhuunfaatti faayidaa maalii akka nuuf argamsiisan haa ilaallu. Eebbawwan Yihowaan ‘namoota qajeeloofi jireenya mudaa hin qabne jiraataniif’ kennurratti xiyyeeffachuun keenya, Abbaa keenya isa samii gammachuudhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf murtoo goone nuu jabeessa.—Fakkeenya 20:7.

‘Eebbawwan Yeroo Ammaatti Badhaadhummaa Nuuf Argamsiisan’

4, 5. Barumsa Macaafa Qulqulluu isa kamiif iddoo guddaa laatta? Maaliif?

4 Beekumsa sirrii barumsa Macaafa Qulqulluu arganneerra. Walumaa galatti yommuu ilaalamu Sabni Kiristiyaanaa Macaafa Qulqulluutti akka amanan dubbatu. Haata’u malee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisurratti walii galtee hin qaban. Namoonni garee amantii tokkoo ta’anillee, barumsa Macaafni Qulqulluun barsiisu ilaalchisee yaada gara garaa qabu. Haalli tajaajiltoota Yihowaa garuu kanarraa addadha! Gosa, aadaa ykn qomoodhaan gargar taanullee, Waaqa dhugaa maqaasaatiin beeknu waaqeffanna. Inni Waaqa hin beekamne ykn Sillaasee miti. (Keessa Deebii 6:4; Faarfannaa 83:18; Maarqos 12:29) Kana malees, Olaantummaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen gaaffii guddaan ka’e yeroo dhihootti deebii akka argatuufi nutis Yihowaaf amanamoo ta’uu keenya ilaalchisee gaaffii ka’eef deebii kennuu akka dandeenyu ni hubanna. Namoota du’an ilaalchisee dhugaansaa maal akka ta’e waan beeknuuf, Waaqayyo namoota ibidda sii’olitti ykn bakka ibiddaan itti qulqulleeffamanitti isaan erga barumsi jedhu nu hin sodaachisu.—Lallaba 9:5, 10.

5 Kana malees, lubbuudhaan kan argamne jijjiirama tirannaatiin akka hin taane beekuun keenya baay’ee nu hin gammachiisuu? Kanaa mannaa akka fakkeenya Waaqayyootti kan uumamneefi uumamasaa akka taane ni hubanna. (Uumama 1:26; Miilkiyaas 2:10) Faarfatichi akkas jechuudhaan Waaqasaa jajateera: “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka.”—Faarfannaa 139:14.

6, 7. Atis taate namoonni beektu jijjiirama akkamii gochuudhaan eebbifamtaniittu?

6 Amalawwaniifi gochawwan miidhaa geessisanirraa walaba baaneerra. Balaa tamboo xuuxuun, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguufi gaa’elaan alatti saalqunnamtii raawwachuun geessisu ilaalchisee gama sabqunnamtiitiin akeekkachiisni ni kennama; namoonni baay’een garuu akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa hin kennan. Haata’u malee, namni garaa qajeelaa qabu Waaqni inni dhugaa wantoota akkasii akka balaaleffatuufi namoota gochawwan akkasii raawwatanitti akka gaddu yommuu baratu maal godha? Wantoota kanarraa guutummaatti fagaata! (Isaayaas 63:10; 1 Qorontos 6:9, 10; 2 Qorontos 7:1; Efesoon 4:30) Sababii guddaan inni kana itti godhu Waaqayyoon gammachiisuu waan barbaaduuf ta’us, barsiifata akkasiirraa fagaachuunsaa fayyaafi sammuu nagaa qabu waan isaaf argamsiisuuf, eebbawwan dabalataa argata.

7 Barsiifata gadheerraa fagaachuun namoota baay’eetti ni ulfaata. Haata’u malee, namoonni kumaatama kudhaniin lakkaa’aman akkas gochaa jiru. Of murteessanii namoota duratti cuuphamuudhaan gochawwan Waaqayyoon gaddisiisanirraa akka fagaatan argisiisu. Kun hunda keenya kan jajjabeessu mitii? Tarkaanfiiwwan namoonni kun fudhatan murtoo garba cubbuu ta’uurraa fagaachuuf goone nuuf jabeessa.

8. Maatii gammachuu qabu qabaachuuf gorsa Macaafa Qulqulluu isa kamtu gargaara?

8 Maatii gammachuu qabu qabna. Biyyoota baay’eetti jireenyi maatii gadi badaa jira. Abbaan manaafi haati manaa baay’een kan wal hiikan yommuu ta’u, kunimmoo miira ijoolleerratti miidhaa guddaa geessisa. Maatiiwwan biyyoota Awurooppaatti argaman keessaa parsantii 20 kan ta’an abbaa ykn haadhaa wajjin qofa jiraatu. Yihowaan gama kanaan mudaa malee akka deddeebinu kan nu gargaare akkamitti? Yaada Efesoon 5:22–6:4⁠rratti argamu dubbisuudhaan, gorsa Sagaleen Waaqayyoo abbootii manaa, haadhotii manaafi ijoolleedhaaf kenne qalbeeffadhu. Gorsa Macaafa Qulqulluu caqasa kanarrattis ta’e caqasawwan Macaafa Qulqulluu garabiraarratti argamu hojiirra oolchuun gaa’ela kan jabeessu ta’uusaarrayyuu, ijoollee sirriitti guddisuufi maatiin gammachuu akka qabaatu gargaara; kun eebba nama gammachiisu mitii?

9, 10. Ilaalchi gara fuulduraatiif qabnu ilaalcha biyya lafaarraa adda kan ta’e akkamitti?

9 Rakkoowwan biyya lafaa yeroo dhihootti akka badan abdii amansiisaa qabna. Yeroo ammaatti gama saayinsiifi teeknooloojiitiin beekumsi baay’een kan argameefi bulchitoonni tokko tokko rakkoo balleessuuf garaasaaniitii carraaqqii kan godhan ta’us, rakkoowwan gurguddaa balleessuun hin danda’amne. Hundeessaa Fooramii Dinagdee Addunyaa kan ta’an Kilaawus Shiwaab dhihoo kana, “rakkoowwan addunyaarratti argaman yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan adeeman yommuu ta’u, rakkoowan kana hambisuuf garuu yeroo dhabaa jirra” jedhaniiru. “Goolii uumtummaan, faalamni naannoofi haalli dinagdee tasgabbii dhabuunsaa saba hundaarra balaa kan geessisan” ta’uusaa erga ibsanii booda akkas jechuudhaan xumuraniiru: “Rakkoo addunyaa keenya mudate hiikuuf, yeroo kamiyyuu caalaatti har’a namoonni waliin ta’anii tarkaanfii murteessaa fudhachuu qabu.” Jaarraa 21⁠ffaa keessa galluyyuu, haalli ilmaan namootaa gara fuulduraa yommuu ilaalamu ammayyuu dukkanaa’aadha.

10 Yihowaan rakkoo ilmaan namootaa hunda karaa Mootummaa Masiihichaa hundeesaatii fonqolchee balleessuuf qophii akka godhe beekuun baay’ee nama hin gammachiisuu? Waaqni dhugaa, karaa Mootummaa kanaa “duulli akka dhaabatu,” akkasumas ‘nagaan akka baay’atu’ godha. (Faarfannaa 46:9; 72:7) Yesus Kiristos inni akka Mootii ta’uuf dibame, ‘isa gadadamaa nama isa gargaaru hin qabne, isa dadhabaafi isa namoota humnaan namarratti ka’aniin cunqurfame in fura.’ (Faarfannaa 72:12-14) Bulchiinsa Mootummichaa jalatti beelli hin jiraatu. (Faarfannaa 72:16) Yihowaan, “imimmaan hundumaa ija [keenyattii] in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” jedheera. (Mul’ata 21:4) Mootummaan kun erga samiirratti hundeeffamee waggoonni muraasni kan darban yommuu ta’u, dhiheenyattimmoo rakkoo lafarratti argamu guutummaatti balleessa.—Daani’el 2:44; Mul’ata 11:15.

11, 12. (a) Sochiiwwan nama bashannansiisanrratti xiyyeeffachuun gammachuu dhugaa argamsiisuu danda’aa? Ibsi. (b) Wanti gammachuu dhugaa argamsiisu maalidha?

11 Wanti gammachuu dhugaa argamsiisu maal akka ta’e beekna. Wanti gammachuu dhugaa argamsiisu maalidha? Hayyuun xinsammuu tokko, wantoonni gammachuu argamsiisan sadii jiraachuusaanii kan dubbatan yommuu ta’u, isaanis sochiiwwan nama bashannansiisan, hojiifi dhimma maatiirratti xiyyeeffachuu, galma namoota kaan gammachiisurra ga’uuf carraaqqii gochuudha. Hayyuun kun wantoota gammachuu argamsiisu jedhanii dubbatan sadan keessaa sochiiwwan nama bashannansiisaniif sadarkaa dhumaa kan kennan yommuu ta’u, “Jireenyi namoota baay’ee sochiiwwan kanarratti kan xiyyeeffate waan ta’eef, wanta kanaaf xiyyeeffannaan kennamuufii qaba” jedhaniiru. Waa’ee kanaa Macaafni Qulqulluun maal jedha?

12 Mootii Israa’el durii kan ture Solomoon akkas jedheera: “Ani ofii kootii, ‘Mee dhaqeen gammachuu qoree, wanta gaariis ilaala!’ jedhee nan ka’e; kunoo, kunis immoo wanta waa’ee hin baafnee dha; ‘Kolfi maraatummaa dha, gammachuunis maal namaaf godha?’ nan jedhe.” (Lallaba 2:1, 2) Macaafni Qulqulluun gammachuun sochiiwwan nama bashannansiisanirratti hirmaachuudhaan argamu yeroodhaaf qofa ta’uusaa ibsa. Waa’ee hojii maal jechuutu danda’ama? Hojiin waa’ee Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnuufi namoota bartoota akka goonuuf nutti kenname hojii kamiyyuu kan caaludha. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Ergaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuufi waa’ee fayyinaa dubbatu warra kaaniif hiruudhaan, hojii nuufis ta’e namoota kaaniif fayyina argamsiisurratti hirmaachuu dandeenya. (1 Ximotewos 4:16) Waaqayyoo ‘wajjin kan hojjennu’ waan taaneef, jechi “fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedhu dhugaa ta’uusaa arguu dandeenya. (1 Qorontos 3:9, 1899; Hojii Ergamootaa 20:35) Hojiin kun gammachuu akka argannu gochuusaarrayyuu, Seexana isa Uumaa keenya arrabsuuf deebii kennuuf nu gargaara. (Fakkeenya 27:11) Dhugumayyuu, Yihowaan nama Waaqayyoo ta’uun gammachuu dhugaafi yeroo hundaa turu kan argamsiisu ta’uusaa argisiiseera.—1 Ximotewos 4:8.

13. (a) Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii eebba kan nuuf argamsiise karaa kamiini? (b) Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa faayidaa akkamii argatteetta?

13 Leenjii barbaachisaafi bu’a qabeessa ta’e arganna. Gerhaart gumii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti jaarsa ta’ee tajaajila. Yeroo dargaggummaasaa ilaalchisee akkas jedha: “Yommuun dargaggeessa ture dubbachuurratti rakkoo guddaan qaba ture. Yommuun dhiphadhu sirriitti dubbachuun waan na rakkisuuf nan giinga’an ture. Gadaantummaan kan natti dhaga’amu yommuu ta’u, kunimmoo dhiphinni akka narra ga’u godheera. Warrikoo leenjii sirriitti akkan dubbadhu na gargaaru akkan argadhu godhaniyyuu, carraaqqiinsaanii bu’aa hin argamsiisne. Rakkoonkoo rakkoo qaamaa utuu hin ta’in rakkoo anumti sammuukoo keessatti uume ture. Haata’u malee qophii gaarii Yihowaan karaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii godherratti hirmaachuunkoo ija jabina akkan argadhu na gargaareera. Wantan baradhe hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuunkoos bu’aa naaf argamsiiseera! Boodas sirriitti dubbachuun jalqabe. Dhiphinnikoos kan na dhiise yommuu ta’u, tajaajilarrattis ija jabinaan hirmaachuun jalqabe. Yeroo ammaatti haasawaa sabaa dhiheessuu danda’eera. Yihowaan karaa mana barumsaa kanaa jireenyikoo akka jijjiiramu waan na gargaareef guddaan isa galateeffadha.” Leenjiin Yihowaan hojiisaa akka raawwannuuf nuu kennu kan nama gammachiisu mitii?

14, 15. Haalli nu dhiphisu yommuu nu mudatu maaltu nu gargaara? Fakkeenyaan ibsi.

14 Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu keenyarrayyuu, obboloota addunyaa maratti argamaniifi tokkummaa qabanirraa deggersa arganna. Obboleettiin Kaatriin jedhamtuufi Jarman keessa jiraattu, kibba bahaa Eeshiyaatti socho’iinsi lafaa guddaan akka ga’eefi naannoon sun sunaamiidhaan akka rukutame yommuu dhageessu baay’ee naatee turte. Yommuu balaan kun ga’etti intallishee daawwannaadhaaf biyya Taayilaand dhaqxee turte. Kaatriin mucaanshee lubbuudhaan jiraachuusheefi namoota hedduu balaa kanaan du’an keessaa ta’uushee utuu hin beekin sa’aatii 32 turte. Dhumarrattis mucaanshee nagaa akka taate bilbilaan yommuu dhageessu baay’ee gammadde!

15 Kaatriin yeroo dhiphinaa kanatti akka tasgabbii qabaattu kan ishee gargaare maalidha? Akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Yeroo kana hundaa jechuun ni danda’amaa, Yihowaa kadhachaan ture. Yeroo baay’ee akkan hubadhetti akkas gochuunkoo jabinaafi nagaa akkan argadhu na gargaareera. Kana malees obboloonni hidhata amantaakoo ta’an na gaafachaa, akkasumas na jajjabeessaa turan.” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Obboleettiin kun utuu kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuufi jajjabina obboloonni isheedhaaf kennan argachuu baattee, dhiphinnishee kun haala gadheerra ishee geessisa ture! Walitti dhufeenyi cimaan nuti Yihowaafi Ilmasaa, akkasumas obboloota keenyaa wajjin qabnu, eebba guddaa waan ta’eef mirga adda ta’e kana salphisnee ilaaluu hin qabnu.

16. Fakkeenya abdiin du’aa ka’uu eebba guddaa ta’uusaa argisiisu dubbadhu.

16 Michoota keenya du’aan dhabne argachuuf abdii qabna. (Yohannis 5:28, 29) Dargaggeessi Maatiyaas jedhamu tokko kan guddate maatii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti ture. Haata’u malee, eebbawwan argateef dinqisiifannaa waan hin qabneef ijoollummaasaatti gumii Kiristiyaanaarraa fagaate. Dhiheenya kanatti akkas jechuudhaan barreesseera: “Abbaakoo wajjin seeraan haasofnee hin beeknu. Waggoonni yommuu darbaa adeemanis abbaakoo wajjin yeroo baay’ee walitti buuna turre. Akkasiyyuu ta’ee abbaankoo yeroo hundaa jireenya gaarii akkan jiraadhu hawwa ture. Yeroo sanatti haallisaa anaaf galuu baatus baay’ee na jaallata ture. Bara 1996⁠tti, sireesaa bira taa’ee harkasaa qabadhee ergan baay’ee boo’ee booda, wantan godhetti baay’ee akkan gaabbe, akkasumas akkan isa jaalladhun itti hime. Haata’u malee, inni na dhaga’uu hin dandeenye. Yeroo muraasaaf erga dhukkubsatee boodas ni du’e. Yommuu abbaankoo du’aa ka’u arguu nan danda’a taanaan dogoggora darbe sirreessuu dandeenya. Innis yeroo ammaatti jaarsa ta’ee akkan tajaajilaa jiruufi aniifi haati manaakoo qajeelchitoota akka taane yommuu dhaga’u baay’ee akka gammadu homaa hin shakku.” Dhugumayyuu abdiin du’aa ka’uu eebba guddaa mitii?

“Badhaadhummaattis Inni Rakkina Hin Dabalu”

17. Eebbawwan Yihowaan nuu fidurratti xiinxaluun keenya kan nu gargaaru akkamitti?

17 Yesus Kiristos, waa’ee Abbaasaa isa samii akkas jechuudhaan dubbateera: “Innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jal’ootaaf in roobsa.” (Maatewos 5:45) Yihowaan warra hamootaafi qajeeloo hin taane kan eebbisu erga ta’ee, namoota mudaa malee deddeebi’animmoo caalaatti hin eebbisuu? Faarfannaan 84:11, “Gooftichi wanta gaarii ta’e warra balleessaa malee deddeebi’an duraa hin hambisu” jedha. Yihowaan namoota isa jaallataniif kunuunsa addaa akkamii akka godhu yommuu yaannu garaan keenya galataafi gammachuudhaan hin guutamuu?

18. (a) Eebbi Yihowaa rakkina hin dabalatu kan jedhamu akkamitti? (b) Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo baay’eerra rakkinni kan ga’u maaliifi?

18 “Eebbi Waaqayyoo” sabnisaa karaa hafuura badhaadhota akka ta’an godheera. Kana malees, “badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedhameera. (Fakkeenya 10:22) Erga akkas ta’ee tajaajiltoota Waaqayyoo hedduurra rakkinni hangana hin jedhamne kan ga’u maaliifiree? Rakkinniifi haalawwan namoota dhiphisan tokko tokko kan nurra ga’an sababiiwwan gurguddaa sadiin kan ka’edha. (1) Cubbuu dhaalle. (Uumama 6:5; 8:21; Yaaqoob 1:14, 15) (2) Seexanaafi hafuurota xuraa’oo. (Efesoon 6:11, 12) (3) Biyya lafaa isa hamaa. (Yohannis 15:19) Yihowaan rakkoowwan kun akka nurra ga’an heyyamus, maddi rakkoowan kanaa isa miti. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa.” (Yaaqoob 1:17) Eebbi Yihowaa badhaadhummaatti rakkina hin dabalu.

19. Namoonni mudaa tokko malee deddeebi’an eebba akkamiitu isaan eega?

19 Karaa hafuuraa badhaadhina argachuu jechuun, Yihowaatti dhihaachuus kan dabalatudha. Isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu keenyaanimmoo, ‘badhaadhummaa walitti qabannee jireenya dhugaa harka keenya keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii kaa’anna.’ (1 Ximotewos 6:12, 17-19) Addunyaa haaraa Waaqayyo gara fuulduraatti fidu keessatti badhaadhummaa hafuuraatiin alatti eebbawwan garabiraas ni arganna. Yeroo sanatti, namoonni ‘sagalee Waaqayyoo dhaggeeffatan’ hundi jireenya dhugaa argatu. (Keessa Deebii 28:2) Ejjennoo keenya jabeessuufi mudaa tokko malee gammachuudhaan deddeebi’uu keenya itti haa fufnu.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

Maal Baratte?

• Waa’ee gara fuulduraa garmalee dhiphachuun sirrii kan hin taane maaliifi?

• Yeroo ammaatti eebbawwan akkamii argachaa jirra?

• Tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo ta’anirra rakkinni kan ga’u maaliifi?