Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan “Wanta Booddee Dhufuuf Jiru Duraan Dursee” Hima

Yihowaan “Wanta Booddee Dhufuuf Jiru Duraan Dursee” Hima

Yihowaan “Wanta Booddee Dhufuuf Jiru Duraan Dursee” Hima

“Ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta’in jiru dubbadheera.” —ISAAYAAS 46:10.

1, 2. Kufaatii Baabilonii wajjin haala wal qabateen wanti nama ajaa’ibsiisu maalidha? Kunimmoo waa’ee Yihowaa maal argisiisa?

 LOLTOONNI diinaa halkaniin suuta jedhanii gara magaalaa Baabilon ishee jabduutti seenuuf Laga Efraaxiis ce’aa jiru. Gara balbala magaalattiitti yeroo siqan wanta nama ajaa’ibsiisu tokko argan. Balballi kellaashee inni gurguddaan lamaan banamaa ture! Laga sana ce’uudhaan gara magaalattii seenan. Yeruma sanas magaalattii to’annaasaanii jala galchan. Gaggeessaasaanii kan ture Qiiros biyyattii sana to’achuudhaan Israa’eloonni boojuudhaan gara magaalattii dhufan akka gadhiifaman ajaje. Namoonni kumaan lakkaa’aman Yerusaalemitti waaqeffannaa Yihowaa deebisanii dhaabuuf biyyasaaniitti deebi’an.—2 Seenaa 36:22, 23; Izraa 1:1-4.

2 Wantoonni Dh.K.D. bara 539-537⁠tti raawwataman dhugaa ta’uusaanii namoonni seenaa qoratan mirkaneessaniiru. Wantoonni kun waggaa 200 dura beekamuunsaanii kan nama ajaa’ibsiisudha. Yihowaan, Isaayaas gaggeessaa hafuura qulqulluutiin kufaatii Baabilon ilaalchisee raajii akka dubbatu godheera. (Isaayaas 44:24–45:7) Waaqayyo wantoota kufaatii Baabilonii wajjin walitti dhufeenya qaban qofa utuu hin ta’in, maqaa namicha waraana kana geggeessuus dubbateera. a Yihowaan Israa’eloota yeroo sanatti dhugaa baatotasaa turaniin akkas jedheera: “Wanta dur ture yaadadhaa; ani Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru; ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta’in jiru dubbadheera.” (Isaayaas 46:9, 10a) Dhugumayyuu Yihowaan Waaqa wanta gara fuulduraatti dhufu beekuu danda’udha.

3. Gaaffiiwwan akkamiitiif deebii arganna?

3 Waaqayyo waa’ee gara fuulduraa hammamsaa beeka? Yihowaan wanta tokkoon tokkoon keenya gara fuulduraatti goonu beekaa? Dhuguma carraan keenya dursee murteeffameeraa? Deebii Macaafni Qulqulluun dhimma kanaafis ta’e wantoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qabaniif kennu, mataduree kanaafi isa itti aanurratti ilaalla.

Yihowaan Waaqa Raajii Dubbatudha

4. Maddi raajiiwwan Macaafa Qulqulluu eenyudha?

4 Yihowaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu waan beekuuf, tajaajiltoonnisaa durii gaggeessaa hafuura qulqulluutiin raajii hedduu akka barreessan gochuudhaan wanta gara fuulduraatti abdachiifame nutti himeera. Yihowaan: “Kunoo, wanti dur dubbatame ta’eera, amma immoo waan haaraa isinitti nan beeksisa, utuu isaan bakkeetti hin ba’inis isinitti nan hima” jechuudhaan dubbateera. (Isaayaas 42:9) Saba Waaqayyoo kan taane hundi wanta gara fuulduraatti dhufu beekuu waan dandeenyeef Yihowaa galateeffanna.

5. Wanta Yihowaan gara fuulduraatti raawwatu duraan dursanii beekuun itti gaafatamummaa akkamii fida?

5 Amos raajichi akkas jechuudhaan nuu mirkaneesseera: “Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul’isin, tokko illee hojii irra hin oolchu.” Beekumsi kunimmoo itti gaafatamummaa kan fidu ta’uusaa akkas jechuudhaan fakkeenyaan ibseera: “Leenci in aada, egaa eenyu ree kan hin sodaanne?” Namoonnis ta’an bineensonni battala leenci aadutti akkuma na’anii fiigan, raajonni akka Amosis wanta Yihowaan jedhe yeruma sana labsaniiru. Amos fakkeenya kana yeroo xumuru, “Waaqayyo gooftaan in dubbachiisa, egaa eenyu ree raajii kan hin dubbanne?” jedheera.—Amos 3:7, 8.

“Dubbiin” Yihowaa ‘Ni Raawwatama’

6. ‘Akeekni’ Yihowaan Baabiloniif qabu kan raawwatame akkamitti?

6 Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa: “Akeeki koo dhaabataa in ta’a, wantan yaades nan raawwadha” jechuudhaan dubbateera. (Isaayaas 46:10b) ‘Akeekni’ Waaqayyo Baabiloniif qabu jechuunis fedhiinsaa ykn kaayyoonsaa, Qiirosiin biyya Faaresii waamee Baabiloniin akka kuffisu gochuu ture. Yihowaan kaayyoosaa kana kan beeksise yeroo dheeraa dura ture. Akkuma jedhamettis Dh.K.D. bara 539⁠tti raajiin kun raawwatameera.

7. “Dubbiin” Waaqayyoo yeroo hundumaa akka raawwatamu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?

7 Qiiros Baabiloniin mo’uusaa jaarraa afur dura, loltoonni Amooniifi Mo’aab Yoshaafaax Mooticharratti waraana kaasanii turan. Mootichis akkas jechuudhaan Yihowaa kadhate: “Yaa Waaqayyo gooftaa abboota keenyaa! Ati Waaqayyo isa waaqa irra jiraattu mitii ree? Ati mootummoota saba lafa irraa hundumaa irratti gooftummaa qabda, humnii fi aangoon harka kee keessa jiru; namni siin mormuu danda’us hin jiru.” (2 Seenaa 20:6) Isaayaasis akkas jedhee kadhachuudhaan Yihowaarratti amantaa qabaachuusaa argisiiseera: “Waaqayyo gooftaan maccaa murtoo godheera, eenyutu isa hambisa ree? Harki isaas ol fuudhameera, eenyutu isa gad deebisa ree?” (Isaayaas 14:27) Mootii Baabilon kan ture Nebukadnezaaris deebi’ee erga of baree booda gad of qabuudhaan akkas jedheera: “Harka isaa [Waaqayyoo] hojjechuu irraa kan ittisu, waan inni hojjetu kan gaafatus tokko illee hin jiru.” (Daani’el 4:35) Eeyyee Yihowaan akkas jechuudhaan sabasaatiif mirkaneesseera: “Dubbiin afaan koo keessaa ba’u, wanta ani fedhe hojjetee, wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebi’u.” (Isaayaas 55:11) “Dubbiin” Yihowaa yeroo hundumaa akka raawwatamu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Yoomiyyuu kaayyoon Waaqayyoo ni raawwatama.

‘Akeeka Waaqayyo Bara Baraaf Qabu’

8. ‘Akeekni Waaqayyo bara baraaf qabu’ maalidha?

8 Phaawulos xalayaa Kiristiyaanota Efesooniif barreesserratti Waaqayyo ‘akeeka bara baraa’ akka qabu ibseera. (Efesoon 3:11) ‘Akeekni’ kun Waaqayyo hojii tokko hojjechuuf karoora akka baafatu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, kaayyoo jalqaba namootaafis ta’e lafaaf qabu galmaan ga’uuf murteessuusaa kan argisiisudha. (Uumama 1:28) Raajii jalqaba Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame ilaaluun keenya, kaayyoon Yihowaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne nu hubachiisa.

9. Uumamni 3:15 kaayyoo Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

9 Abdiin Uumama 3:15⁠rratti kenname, akkuma Addaamiifi Hewwaan cubbuu hojjetaniin Yihowaan dubartiin fakkeenyaan ibsamte sanyii ykn ilma akka godhattu murteessuusaa kan ibsu ture. Kana malees Yihowaan diinummaan dubartittiifi Seexana gidduutti akkasumas sanyiisaanii gidduutti uumamu dhumnisaa maal akka ta’u dursee hubatee ture. Yihowaan Sanyiin dubartittii koomeesaarra akka hiddamu yoo heyyameyyuu, Sanyiin kun mataa bofichaa jechuunis mataa Seexanaa akka buruqsu ibseera. Yesus Masiihii abdachiifame ta’uunsaa hanga beekamutti, kaayyoon Yihowaa karaa hidda dhalootaa inni filateen raawwatameera.—Luqaas 3:15, 23-38; Galaatiyaa 4:4.

Wanta Yihowaan Duraan Dursee Murteesse

10. Yihowaan Addaamiifi Hewwaan cubbuu akka hojjetan duraan dursee murteessee turee? Ibsi.

10 Phexros ga’ee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu akkas jechuudhaan barreesseera: “Inni uumamuu biyya lafaa dura yaadaan qabame [“hundeeffame,” NW]; gara dhuma barichaatti immoo isiniif jedhee mul’ifame.” (1 Phexros 1:20) Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan akka cubbuu hojjetaniifi Yesus Kiristosimmoo aarsaa furii akka dhiheessu duraan dursee murteessee turee? Hin turre. Jechi afaan Giriikiitiin ‘hundeeffamuu’ jedhu kallattiidhaan yeroo hiikamu “sanyii facaasuu” jechuudha. Addaamiifi Hewwaan utuu cubbuu hin hojjetin dura ‘sanyii facaasanii’ ykn ijoollee godhatanii turanii? Hin godhanne. Ijoollee kan godhatan erga Waaqayyoof abboomamuu didanii booda ture. (Uumama 4:1) Kanaaf Yihowaan “sanyiin” kun akka dhufu kan murteesse Addaamiifi Hewwaan erga cubbuu hojjetan boodaafi utuu ijoollee hin godhatin dura ture. Duutiifi du’aa ka’uun Yesus qophii furii yeroo ta’u, furiin kunis cubbuufi carraaqqii Seexanni godhu hunda kan balleessu ture.—Maatewos 20:28; Ibroota 2:14; 1 Yohannis 3:8.

11. Yihowaan kaayyoosaa galmaan ga’uuf duraan dursee maal murteesseera?

11 Waaqayyo kaayyoosaa kana galmaan ga’uuf wanta dursee murteesse garabiraas qaba. Phaawulos Kiristiyaanota Efesooniif, Waaqayyo “wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba” jechuudhaan barreesseera. Kanaan kan ka’es warra “wanta bantii waaqaa keessa jiru” jedhaman, jechuunis warra Kiristosii wajjin akka dhaalaniif filataman ilaalchisee Phaawulos: “Nus immoo akka inni yaadee qopheessee of duraa qabuutti, karaa Kristos fo’amneerra” jechuudhaan ibseera. (Efesoon 1:10, 11) Eeyyee, Yihowaan namoonni muraasa ta’an sanyii dubartittii ta’uudhaan Kiristosii wajjin ilmaan namootaatiif eebba furii sanarraa argamu akka dhangalaasan dursee murteesseera. (Roomaa 8:28-30) Phexros namoota kana “saba qulqullaa’aa” jechuudhaan ibseera. (1 Phexros 2:9) Yohannis lakkoofsi namoota Kiristosii wajjin dhaalanii 144,000 ta’uusaa mul’ataan arguuf mirga argateera. (Mul’ata 7:4-8; 14:1, 3) Namoonni kun Kiristosiin deggeranii “ulfina isaatiif [Waaqayyootiif] galata” galchu.—Efesoon 1:12-14.

12. Namoonni 144,000 ta’an dhuunfaatti duraan dursanii kan murteeffaman akka hin taane akkamitti beekuu dandeenya?

12 Yihowaan namoota 144,000 ta’an duraan dursee filateera jechuun, namoonni tokko tokko amanamummaadhaan akka isa tajaajilan murteesseera jechuu miti. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu afaan Giriikiitiin barreeffaman harki caalaansaanii, dibamtoonni amanamummaasaanii akka eeganiifi samiitti waamamuusaanii akka mirkaneessan gorsuuf kan barreeffaman turan. (Filiphisiiyus 2:12; 2 Tasaloniiqee 1:5, 11; 2 Phexros 1:10, 11) Yihowaan namoonni 144,000 ta’an isa tajaajiluuf ga’eessota akka ta’an dursee beeka ture. Eenyummaansaanii kan murteeffamu, akkaataa jireenyasaaniifi akkaataa murtoo tokko tokko itti godhanirrattidha.—Maatewos 24:13.

Wanta Yihowaan Dursee Beeku

13, 14. Wanti Yihowaan duraan dursee beeku maalsaa wajjin kan wal simudha? Kun kan ta’ehoo maaliifi?

13 Yihowaan Waaqa kaayyoo qabuufi raajii dubbatu ta’uyyuu, dandeettii dursee waa beekuuf qabutti kan fayyadamu akkamitti? Jalqaba, daandiin Waaqayyoo dhugaa, qajeelaafi jaalalarratti kan hundaa’e ta’uusaa hubanna. Phaawulos Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, xalayaa Kiristiyaanota Ibrootaatiif barreesserratti Waaqayyo kakuufi abdii “hin geddaramne sobnis keessa hin jirre kana lamaaniin jajjabina cimaa akka argannu barbaade” jechuudhaan nuu mirkaneesseera. (Ibroota 6:17, 18) Xalayaa Tiitosiif barreesserrattis ‘Waaqayyo matumaa akka hin sobne’ ibseera.—Tiitos 1:2.

14 Kana malees, Yihowaan humna hammana hin jedhamne qabaatuyyuu wanta jal’aa ta’e hin hojjetu. Museen, Yihowaan “Waaqayyo amanamaa dha, jal’innis isa keessa hin jiru, inni dhuga-qabeessaa fi qajeelaa dha” jechuudhaan dubbateera. (Keessa Deebii 32:4) Wanti Yihowaan godhu hundi amalawwansaa warra gurguddaa ta’an jechuunis jaalala, ogummaa, qajeelinaafi humnasaa wajjin kan wal simudha.

15, 16. Yihowaan dhaaba Eeden keessatti Addaam filannaa akkamii akka godhu mirga kenneefii ture?

15 Amalawwansaa kun hundi wanta Eeden keessatti raawwatamee wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban qalbeeffadhaa. Yihowaan waan isaan jaallatuuf wanta Addaamiifi Hewwaaniin barbaachisu hunda qopheessee ture. Addaamis yaaduu, gaariif gadhee addaan baasuufi murtoo gochuu akka danda’u godhee isa uume. Haala bineensotarraa adda ta’een filannaa gochuuf dandeettii qaba ture. Addaam erga uumamee booda, Waaqayyo teessoosaa isa samiirra taa’ee “waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture.”—Uumama 1:26-31; 2 Phexros 2:12.

16 Waaqayyo Addaamiin “ija mukicha nyaatanii hamaafi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin!” jedhee yeroo isa abboometti, qajeelfama ifa ta’e waan isaaf kenneef Addaam maal gochuu akka qabu murteessuu danda’a ture. Yihowaan Addaam ija mukichaa akka hin nyaanne dhowwameefi du’a itti fiduu danda’uun alatti, ‘mukkeetii iddoo dhaabaa sana keessa jiran hundumaarraa akka nyaatu’ isaaf heyyameera. (Uumama 2:16, 17) Gochi Addaam isarratti maal akka geessisu Yihowaan itti himeera. Addaam maal gochuuf filata laata?

17. Yihowaan wanta gara fuulduraatti dhufu beekuuf dandeettii qabutti kan fayyadamu yoo barbaadedha kan jennu maaliifi?

17 Yihowaan wanta gara fuulduraatti isaanirra ga’u dursee beekuu danda’uyyuu, wanta Addaamiifi Hewwaan godhan dursee ilaaluu akka hin barbaanne beekamaadha. Kanaaf amma gaaffiin ka’u, Yihowaan wanta gara fuulduraatti dhufu dursee ilaaluu ni danda’amoo hin danda’u kan jedhu utuu hin ta’in, beekuu ni barbaadamoo hin barbaadu kan jedhu ta’a. Kana malees, Yihowaan Waaqa jaalalaa waan ta’eef, rakkina sana booda dhufu utuma beekuu ta’e jedhee gara jabinaan kana akka godhan isaanitti hin murteessu jennee yaaduu qabna. (Maatewos 7:11; 1 Yohannis 4:8) Kanaaf, Yihowaan wanta gara fuulduraatti dhufu beekuuf dandeettii qabutti kan fayyadamu yoo barbaade qofadha jechuudha.

18. Yihowaan wanta gara fuulduraatti ta’u beekuuf dandeettii qabu kan fayyadamu yoo barbaadedha jechuun inni mudaa akka qabu kan hin argisiisne maaliifi?

18 Yihowaan wanta gara fuulduraatti dhufu beekuuf dandeettii qabutti kan fayyadamu yoo barbaadedha jechuun humna hin qabu ykn hir’ina qaba jechuudhaa? Miti. Museen, Yihowaan “Kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu” jechuudhaan dubbateera. Kanaaf, rakkina cubbuu ilmaan namootaatiin dhufeef kan itti gaafatamu Waaqayyo miti. Rakkinni yeroo ammaatti hunda keenyarra ga’aa jiru hundi kan dhufe Addaamiifi Hewwaan abboomamuu diduusaaniitiinidha. Maddi rakkina kanaa maal akka ta’e Phaawulos akkas jechuudhaan ibseera: “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e.”—Keessa Deebii 32:4, 5; Roomaa 5:12; Ermiyaas 10:23.

19. Mataduree itti aanutti gaaffiiwwan akkamiitiif deebii arganna?

19 Barumsa hanga yoonaatti barannerraa Yihowaa bira jal’inni akka hin jirre hubanneerra. (Faarfannaa 33:5) Kanaa mannaa kaayyoon Yihowaa dandeettii, amalaafi seerasaa wajjin kan wal simu ta’uusaa hubanna. (Roomaa 8:28) Yihowaan Waaqa raajii dubbatu waan ta’eef, “ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta’in jiru dubbadheera” jechuu ni danda’a. (Isaayaas 46:9, 10) Kana malees, dandeettii wanta gara fuulduraatti ta’u beekuuf qabutti kan fayyadamu yoo barbaade qofa ta’uusaa hubanneerra. Kun maal akka goonu nu kakaasa? Murtoon keenya kaayyoo Waaqayyoo wajjin kan wal simu ta’uusaa mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya eebba akkamii nuuf argamsiisa? Matadureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

[Miiljalee]

a Birooshuura Kitaaba Namoota Hundaaf Ta’u jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ful. 28 ilaali.

Ibsuu Dandeessaa?

• “Dubbiin” Waaqayyoo yoomiyyuu ‘raawwiisaa akka argatu’ fakkeenya bara durii kamirraa hubachuu dandeenya?

• Yihowaan ‘akeeka bara baraaf’ qabuu wajjin haala wal qabateen wantoota akkamii dursee murteesseera?

• Yihowaan wanta gara fuulduraatti ta’u dursee hubachuuf dandeettii qabutti kan fayyadamu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]