Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Ani Seera Kee Attam Nan Jaalladha!”

“Ani Seera Kee Attam Nan Jaalladha!”

“Ani Seera Kee Attam Nan Jaalladha!”

“Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebi’ee itti nan yaada.”—FAARFANNAA 119:97.

1, 2. (a) Barreessaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Faarfannaa 119 barreesse haalawwan akkamiitu isa mudatee ture? (b) Rakkoo irra ga’eef Maaltu isatti dhaga’ame? Maaliif?

 BARREESSAA Faarfannaa 119⁠rra qorumsi baay’een ga’eera. Diinonni of tuulaniifi Seera Waaqayyoo tuffatan isatti qoosaniiru, sobaanis maqaasaa balleessaniiru. Gurguddoonni akkamitti akka isa balleessan mari’achuudhaan ari’atama isarraan ga’aniiru. Warri hamoon isatti marsanii isa ajjeesuuf ka’anii turan. Rakkoowwan isarra ga’an kun, ‘gaddarraa kan ka’e taa’ee akka boo’u’ isa godhaniiru. (Faarfannaa 119:9, 23, 28, 51, 61, 69, 85, 87, 161) Qorumsi akkasii irra ga’uyyuu faarfatichi: “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebi’ee itti nan yaada” jechuudhaan faarfateera.—Faarfannaa 119:97.

2 “Seerri Waaqayyoo faarfaticha jajjabeessuu kan danda’e akkamitti?” jennee gaafachuu dandeenya. Yihowaan akka isaaf yaadu amanuunsaa isa jabeessee ture. Faarfatichi diinonnisaa isa dhiphisaniyyuu seera Waaqayyo jaalalaan kaka’ee kenne hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu hubachuunsaa isa gammachiiseera akka qabaatu isa godheera. Gaarummaa Yihowaan isaaf godhe hubateera. Kana malees, qajeelfama seera Waaqayyoo keessatti argamu hojiirra oolchuunsaa, diinotasaa caalaa ogummaa akka qabaatuufi lubbuudhaan akka jiraatu isa gargaareera. Seerichaaf ajajamuunsaa nagaafi yaada garaa isa hin ceephaane isaaf argamsiiseera.—Faarfannaa 119:1, 9, 65, 93, 98, 165.

3. Yeroo har’aa akka seera Waaqayyootti jiraachuun Kiristiyaanotaaf rakkisaa kan ta’e maaliifi?

3 Yeroo har’aas tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko sababii amantaasaaniitiin qorumsi cimaan adda addaa isaanirra ga’eera. Akka faarfatichaa qorumsi lubbuu keenya balaarra buusu nu mudatuu baatullee kan jiraannu ‘yeroo sodaachisaa’ keessadha. Namoonni naannoo keenyatti argaman baay’een dhimmawwan hafuuraatiif dhimma hin qaban, karoorrisaanii ofittummaafi jaalala qabeenyaarratti kan xiyyeeffate, kan of tuulaniifi kan kabaja hin qabnedha. (2 Ximotewos 3:1-5) Kiristiyaanonni dargaggoota ta’an yeroo hundumaa qorumsa ejjennoosaaniirratti dhufu mo’uu qabu. Haala akkasii keessatti jaalala Yihowaafi waan sirrii ta’eef qabnu eegnee jiraachuun ulfaataa ta’uu danda’a. Miidhaa akkasiirraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

4. Faarfatichi dinqisiifannaa seera Waaqayyootiif qabu kan argisiise akkamitti? Kiristiyaanonnis akkas gochuu qabuu?

4 Faarfatichi seera Waaqayyoo gadi fageenyaan qo’achuufi irratti xiinxaluunsaa, dhiibbaawwan isarra ga’an mo’uuf isa gargaareera. Karaa kanaan jaalala seera Waaqayyootiif qabu guddifachuu danda’eera. Lakkoofsonni Faarfannaa 119⁠rra jiran hundi, seerawwan Yihowaa tokko tokko ni ibsu jechuun ni danda’ama. a Yeroo har’aa Kiristiyaanonni, Seera Musee isa Waaqayyo Israa’eloota duriitiif kenne jala hin jiran. (Qolosaayis 2:14) Ta’uyyuu seerawwan bu’uuraa Seera sana keessa jiran ammayyuu faayidaa guddaa qabu. Seerawwan bu’uuraa kun faarfaticha jajjabeessaniiru; tajaajiltoota Waaqayyoo rakkina yeroo ammaa jiru mo’uuf carraaqaa jiranis jajjabeessuu danda’u.

5. Abboommiiwwan Seera Musee keessatti argaman keessaa warra kamfaa ilaalla?

5 Qajeelfamawwan Seera Musee keessatti argaman keessaa sadansaaniirraa qofa jajjabina akkamii argachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Isaanis: Qophii guyyaa Sanbataa ilaalchisee godhame, ajaja qarmiifi sassata ilaalchisee kennamedha. Rakkoowwan yeroo ammaa nurra ga’an mo’uuf, tokkoon tokkoonsaanii ilaalchisee seera bu’uuraa seerawwan kun irratti hundaa’an hubachuun keenya barbaachisaa ta’uusaa ilaalla.

Fedhii Hafuuraa Keenya Guutuu

6. Namoonni hundi fedhii barbaachisaa akkamii qabu?

6 Ilmaan namootaa fedhii hedduu qabu. Fakkeenyaaf namni tokko fayyaa akka qabaatuuf nyaanni, dhugaatiifi manni jireenyaa isa barbaachisa. Haata’u malee ilmaan namootaa fedhii “karaa hafuuraa” qabanis guutuu qabu. Kana yoo godhan malee gammachuu dhugaa hin argatan. (Maatewos 5:3) Yihowaan fedhii dhaalle kana guutuun barbaachisaa ta’uusaa waan beekuuf, sabnisaa torban torbaniin guyyaa tokko guutuu hojii dhuunfaasaanii dhiisanii dhimmawwan hafuuraatiif xiyyeeffannaa akka kennan ajajee ture.

7, 8. (a) Waaqayyo guyyaa Sanbataafi guyyoota kaan gidduu garaagarummaan akka jiraatu kan godhe akkamitti? (b) Sanbanni kaayyoo maaliitiif tajaajila ture?

7 Qophiin Sanbataaf godhame dhimmawwan hafuuraa hordofuun barbaachisaa ta’uusaa argisiisa. Jechi “sanbata” jedhu yeroo jalqabaatiif Macaafa Qulqulluu keessatti kan ibsame maannaa lafa onaa keessatti Israa’elootaaf kennamee wajjin haala wal qabateenidha. Israa’eloonni guyyoota ja’a buddeena dinqiidhaan isaaniif kenname kana akka walitti qabatan isaanitti himamee ture. Guyyaa torbaffaatti buddeenni kun waan isaanii hin kennamneef guyyaa ja’affaatti “buddeena guyyaa lamaaf ta’u” walitti qabachuu isaan barbaachisa ture. Guyyaa torbaffaan “Sanbata Waaqayyoof qulqullaa’e” waan ta’eef gaafa sana hundisaanii iddoosaaniitii adeemuu hin qaban turan. (Ba’uu 16:13-30) Abboommiiwwan kurnan keessaa inni tokko, guyyaa Sanbataatti hojiin tokkoyyuu akka hin hojjetamne kan ajaju ture. Guyyaan sun qulqulluu waan ta’eef, namni guyyaa sana hin kabajne ni ajjeefama ture.—Ba’uu 20:8-11; Lakkoobsa 15:32-36.

8 Qophiin Sanbata kabajuu ilaalchisee godhame, Yihowaan karaa fooniis ta’e karaa hafuuraa sabasaatiif akka yaadu argisiisa. Yesus “Sanbatatu namaaf uumame” jedheera. (Maarqos 2:27) Qophiin kun Israa’eloonni akka boqotan kan isaan godhu qofa utuu hin ta’in, Uumaasaaniitti akka dhihaataniifi jaalala isaaf qaban argisiisuuf carraa kan isaanii banu ture. (Keessa Deebii 5:12) Guyyaan sun sochiiwwan hafuuraa qofaaf kan murteeffame ture. Kunis maatiidhaan Yihowaa waaqeffachuu, kadhannaa dhiheessuufi Seera Waaqayyoorratti xiinxaluu dabalata. Qophiin kun, Israa’eloonni yeroofi humnasaanii hunda wantoota foonii hordofuu qofaan akka hin dabarsine gochuuf gargaareera. Sanbanni, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qaban waan hundumaarra akka caalu kan isaan yaadachiisu ture. Yesus seerri bu’uuraa kun akka hin jijjiiramne ibsuuf yaada Keessa Deebiirratti ibsame irra deebi’uudhaan: “‘Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaan malee’ kan jedhu caafameera” jedheera.—Maatewos 4:4.

9. Kiristiyaanonni qophii Sanbataarraa barumsa akkamii argatu?

9 Yeroo ammaatti Sabni Waaqayyoo Sanbata sa’aatii digdamii afurii kallattumaan akka kabajan isaanirraa hin eegamu. Haata’u malee qophiin Sanbataa seenaa qofa miti. (Qolosaayis 2:16) Kun, nuyis sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuu akka qabnu kan nu hubachiisu mitii? Qabeenya hordofuudhaan ykn bashannanatti qabamuudhaan sochiiwwan hafuuraatiif yeroo dhabuu hin qabnu. (Ibroota 4:9, 10) Kanaaf akkas jennee utuu of gaafannee gaariidha: “Jireenyakoo keessatti wanti bakka guddaa qabu maalidha? Qayyabannaa, kadhannaa, walga’iiwwan gumiirrattis ta’e walga’iiwwan gurguddaarratti argamuufi misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaaf dursa nan kennaa? Moo sochiiwwan kan biraatu wantoota kanaaf yeroo akkan hin arganne na gochaa jira?” Yihowaan dhimmawwan hafuuraatiif dursa yoo kennine wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka argannu nuu mirkaneesseera.—Maatewos 6:24-33.

10. Dhimmawwan hafuuraatiif yeroo ramaduudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota isarratti hundaa’an qayyabachuudhaan akkasumas ergaa isaan dabarsanirratti gadi fageenyaan yaaduudhaan yeroon dabarsinu Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaaruu danda’a. (Yaaqoob 4:8) Obboleettiin Suuzaan jedhamtuufi waggoota 40f utuu walirraa hin kutin Macaafa Qulqulluu qayyabatte tokko, qayyabannaan kun yeroo jalqabaatiif kan nama hin gammachiisneefi nama nuffisiisu ta’uusaa dubbatteetti. Haata’u malee, dubbisuushee itti fufuusheetiin qayyabannicha caalaatti jaallachuu jalqabde. Yeroo ammaatti wanti qayyabannaashee jalaa gufachiisu yeroo ishee mudatu baay’ee gadditi. “Qayyabannaan, Yihowaa akka abbaakootti akkan ilaalu na gargaareera. Isatti amanamuu, isarratti hirkachuufi sodaa tokko malee kadhannaadhaan isatti dhihaachuu nan danda’a. Yihowaan tajaajiltootasaa hammam akka jaallatu, dhuunfaatti akkamitti akka naaf yaadu, akkasumas akkamitti akka na gargaare arguunkoo baay’ee na gammachiiseera” jechuudhaan dubbatteetti. Nuyis yeroo hundumaa fedhii hafuuraa keenya guutuudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya.

Seera Waaqayyo Qarmii Ilaalchisee Kenne

11. Qarmii ilaalchisee qophii godhame ibsi?

11 Kutaan Seera Musee Waaqayyo sabasaatiif akka yaadu argisiisu inni lammaffaan hiyyeeyyiin qarmii funaannachuuf mirga akka qabaatan kan ajajudha. Yihowaan, qonnaan bulaan Israa’el tokko maasiisaarraa midhaan yommuu sassaabbatu namoonni hiyyeeyyii ta’an qarmii akka sassaabbatan heyyamuu akka qabu abboomee ture. Qonnaan bultoonni timjii maasiisaanii guutummaatti haamuu, akkasumas wayiniifi ejersa bira darban deebi’anii sassaabuu hin qaban ture. Bissiin midhaanii maasii keessatti yoo irraanfatame deebi’anii kaafachuu hin qaban. Kun qophii jaalalaa hiyyeeyyiidhaaf, galaadhaaf, ijoollee haadhaafi abbaa hin qabneefi dubartoota abbaan manaasaanii irraa du’eef godhame ture. Qarmii sassaabuun waan ulfaataa ta’uyyuu, rakkatanii akka hin kadhanne isaan gargaara ture.—Leewwoota 19:9, 10; Keessa Deebii 24:19-22; Faarfannaa 37:25.

12. Qophiin qarmii ilaalchisee godhame qonnaan bultootaaf carraa akkamii kennee ture?

12 Seera Waaqayyo qarmii ilaalchisee kenne keessatti qonnaan bultoonni namoota rakkataniif hammam dhiisuu akka qaban wanti murteeffame hin turre. Maasiinsaanii hammamiyyuu bal’aa ykn dhiphaa yoo ta’e hammam akka dhiisan murteessuuf mirga qabu turan. Qonnaan bultoonni hammam akka dhiisan ofiisaaniitiif akka murteessan godhamuunsaa arjummaa isaan barsiisee ture. Macaafni Qulqulluun, “Namni dadhabaadhaaf garaa laafu . . . uumaa isaatiif ulfina in kenna” waan jedhuuf, qophiin kun qote bulaan sun Waaqa midhaan nuu kennuuf dinqisiifannaasaa argisiisuuf carraa argata. (Fakkeenya 14:31) Bo’az warra akkas godhan keessaa isa tokko ture. Gaarummaadhaan kaka’ee dubartii abbaan manaa jalaa du’eefi maasiisaa keessaa qarmii sassaabbachaa kan turte Ruut, midhaan baay’ee akka sassaabbattu godheera. Yihowaanis arjummaasaatiif Bo’aziin eebbiseera.—Ruut 2:15, 16; 4:21, 22; Fakkeenya 19:17.

13. Qarmii ilaalchisee seera Israa’elootaaf kennamerraa barumsa maalii arganna?

13 Seerri bu’uuraa qophii qarmii irratti hundaa’e ammas hin jijjiiramne. Yihowaan sabnisaa keessumaammoo namoota rakkatanitti arjummaa akka argisiisan barbaada. Akkuma arjummaa keenyatti eebba arganna. Yesus akkas jedheera: “Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam’u, guutees kan irra dhangala’utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama.”—Luqaas 6:38.

14, 15. Arjummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo nuufis ta’e warra nuyi gargaarreef faayidaa akkamii argamsiisa?

14 Phaawulos ergamaan ‘nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii akka hojjennu’ nu gorseera. (Galaatiyaa 6:10) Kanaafuu, namoonni hidhata amantaa keenya ta’an sababii amantaasaaniitiin qorumsi yommuu isaanirra ga’u, karaa hafuuraa wanta isaan barbaachisu argachuufi dhiisuunsaanii nu yaaddessuu qaba. Tarii, gara Galma Mootummaa dhaquuf ykn gabaadhaa waa bituuf gargaarsi isaan barbaachisaa? Gumii keessan keessa obboloonni dullooman, dhukkubsatan ykn manaa ba’uu hin dandeenyeefi yoo dhaqxanii isaan gaafattan ykn gargaartan gammadan jiruu? Haalawwan akkasii hubachuuf carraaqqii yoo goone, Yihowaan nutti gargaaramee kadhannaasaaniitiif deebii kennuu danda’a. Waliif yaaduun dirqama Kiristiyaanotaa ta’uyyuu, gammachuus ni argamsiisa. Hidhattoota amantii keenyaaf jaalala qabaachuun keenya, gammachuu guddaafi surraa Yihowaa nuuf argamsiisa.—Fakkeenya 15:29.

15 Kiristiyaanonni ofittoo akka hin taane karaan itti argisiisan kan biraanimmoo, waa’ee kaayyoo Waaqayyoo dubbachuuf yeroofi humnasaaniitti fayyadamuudhaani. (Maatewos 28:19, 20) Namni warri kaan Yihowaadhaaf akka of murteessan gargaaruudhaan gammachuu argate, Yesus: “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jechuudhaan dubbachuunsaa dhugaa akka ta’e ni beeka.—Hojii Ergamootaa 20:35.

Sassatarraa Fagaachuu

16, 17. Abboommiin kurnaffaan maalirraa akka fagaannu dubbata? Maaliif?

16 Kutaa sadaffaan Seera Yihowaan Israa’elootaaf kenneefi Seera kurnaffaarratti argamummoo sassatuu kan dhowwudha. Seerichi akkas jedha: “Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin! Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!” (Ba’uu 20:17) Namni garaa namaa beekuu danda’u waan hin jirreef, ilmaan namootaa seera kana kabachiisuu hin danda’an. Kunis, abboommiin kurnaffaan kun seera ilmaan namootaa baasanirra baay’ee akka caalu argisiisa. Seerri kun, lammiin Israa’el tokko kallattiidhaan Yihowaa isa garaa namaa qoruu danda’u biratti akka itti gaafatamu isa hubachiisa ture. (1 Saamu’el 16:7) Hundumaa caalaattimmoo, abboommiin kun amalawwan wanta seeraan ala ta’e raawwachuuf sababii ta’anirraa akka fagaatan kan hubachiisu ture.—Yaaqoob 1:14.

17 Seerri sassata ilaalchisee kenname, sabni Waaqayyoo jaalala qabeenyaarraa, sassataafi haala keessa jiranitti guungumuurraa akka fagaatan kan isaan gorsu ture. Hannaafi addaggummaarraas isaan eegeera. Yeroo hundumaa namoonni qabeenya nuyi bakka guddaa laannuuf qaban ykn karaa ta’e tokkoon nu caalaatti kan isaaniif mijaa’e fakkaatan ni jiraatu. Haalawwan akkasii keessatti yaada keenya to’achuu yoo dadhabne, gammachuu dhabuufi warra kaanitti hinaafuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun sassanni “yaada jal’aa” akka ta’e dubbata. Kanaaf, amala akkasiirraa fagaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.—Roomaa 1:28-30.

18. Yeroo har’aa addunyaarratti ilaalcha akkamiitu babal’atee jira? Kun balaa akkamii geessisuu danda’a?

18 Ilaalchi yeroo har’aa biyya lafaarratti babal’atee jiru, jaalala qabeenyaafi wal dorgommii kan babal’isudha. Daldaltoonni beeksisatti fayyadamanii, meeshaawwan haaraa argachuu akka hawwinuufi wantoota kana malee gammachuu argachuun kan hin danda’amne fakkeessanii dhiheessu. Kunimmoo guutummaatti amala Seera Yihowaa keessatti dhowwamedha. Amalli Seera Yihowaa keessatti dhowwame kan biraanimmoo, waanuma fedhe nu gaafatuyyuu warra kaanirra caallee argamuufi qabeenya kuufachuuf bakka guddaa laachuudha. Phaawulos akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “ Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay’ee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu. Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru.”—1 Ximotewos 6:9, 10.

19, 20. (a) Namni Seera Yihowaa jaallatu wantoota akkamiitiif dursa kenna? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii baranna?

19 Warri seera Waaqayyoo jaallatan qabeenya jaallachuun balaa akka qabu waan hubataniif irraa fagaatu. Fakkeenyaaf faarfatichi akkas jechuudhaan Yihowaa kadhateera: “Bu’aa dalgaa fi sassatuu irraa, garaa koo gara wanta abboommiin kee dhugaa ba’uufitti qabi! Seerri inni afaan kee keessaa ba’e, warqee fi meetii guroo kumaatama irra anaaf wayya.” (Faarfannaa 119:36, 72) Jechoonni kun sirrii ta’uusaanii yoo amanne, jaalala qabeenyaa, sassataafi haala jireenyaa keenyatti guungumuurraa fagaachuudhaan ilaalcha sirrii qabaachuu dandeenya. Qabeenya kuufachuu utuu hin ta’in, “nama Waaqayyoo ta’uun” bu’aa guddaa qaba.—1 Ximotewos 6:6.

20 Seerawwan bu’uuraa Seerri Musee irratti hundaa’e, akkuma yeroo sanaatti yeroo rakkisaa keessa jirru kanattis faayidaa guddaa qabu. Seerawwan bu’uuraa kana hojiirra yoo oolchine, isaan hubachaafi jaallachaa, akkasumas gammachuu argachaa deemna. Seericharraa barumsa barbaachisaa ta’e baay’ee arganna; jireenyaafi muuxannoo namoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman yeroo ilaallus barumsi kun faayidaa guddaa akka qabu hubanna. Muuxannoowwan kana keessaa tokko tokko mataduree ittaanurratti ilaalla.

[Miiljalee]

a Lakkoofsota 176 Faarfannaa 119⁠rra jiran keessaa arfansaaniirraa kan hafe hundisaanii waa’ee abboommii, firdii, seera, ajaja, seerrata, dubbii, karaa ykn sagalee Yihowaa ni ibsu.

Maal Jettee Deebista?

• Barreessaan Faarfannaa 119 seera Yihowaa kan jaallate maaliifi?

• Kiristiyaanonni qophii guyyaa Sanbataarraa barumsa akkamii argatu?

• Qophiin Yihowaan qarmii ilaalchisee godhe faayidaa bara baraa akkamii argamsiisa?

• Abboommiin sassatarraa akka fagaannu nu ajaju eegumsa kan nuu ta’u akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]