Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa, Yihowaa Tajaajiluu Filadhaa

Dargaggootaa, Yihowaa Tajaajiluu Filadhaa

Dargaggootaa, Yihowaa Tajaajiluu Filadhaa

“Har’a eenyuuf akka hojjettan fo’adhaa!” —IYAASUU 24:15.

1, 2. Saba Kiristiyaanaa keessatti cuuphaa dogoggoraa akkamiitu raawwatama?

 BARREESSAAN seenaa Tartuuliyaan jedhamu tokko Dh.K.B. dhuma jaarraa lammaffaatti, [ijoolleen] “Yeroo Kiristosiin beekuu danda’anitti Kiristiyaanota akka ta’an godhaa” jechuudhaan barreesseera. Cuuphaa daa’immanii Kiristiyaanota sobaa yeroo sanatti turan keessatti babal’ate ni morma ture. Namichi Ogestiin jedhamu, Tartuuliyaaniifi Macaafa Qulqulluu mormuudhaan, cuuphaan cubbuu dhaalame kan namarraa haqu yommuu ta’u ijoolleen utuu hin cuuphamin duute ibidda sii’olitti darbatamti jedheera. Amantaan kun daa’imman akkuma dhalataniin dafanii cuuphsisuun akka babal’atu kan godhedha.

2 Manneen Sagadaa Saba Kiristiyaanaa gurguddaa ta’an hedduun daa’imman reefuu dhalatan ammayyuu ni cuuphu. Kana malees, seenaa keessatti “namoonni amantii hin qabne” moototaafi geggeessitoota amantiitiin dirqisiifamanii cuuphamuudhaan Kiristiyaanota akka ta’an godhamaa turan. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun daa’immanis ta’e namoota ga’eessota ta’an dirqisiisanii cuuphuu hin deggeru.

Yeroo Ammaatti Dirqamanii Of Murteessuun Sirrii Miti

3, 4. Ijoolleen warra of murteessan qaban fedhiisaaniitiin of murteessuuf maaltu isaan gargaaruu danda’a?

3 Macaafni Qulqulluun, warrisaanii Kiristiyaanota amanamoo yoo ta’an qofa ijoolleen kan qulqullaa’an ta’u jedha. (1 Qorontos 7:14, 1899) Kana jechuun ijoolleen tajaajiltoota Yihowaadhaaf of murteessanidha jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Haata’u malee, ijoolleen warra Yihowaadhaaf of murteessaniin guddatan, leenjii argataniin fayyadamanii fedhiisaaniitiin of murteessu. Solomoon Mootichi akkas jedhee barreesseera: “Yaa ilma ko, abboommii abbaa keetii eegi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin! . . . Yommuu ati adeemtu karaa si argisiisa, yommuu raftu si eega, yommuu dammaqxu si haasofsiisa. Abboommiin kun ibsaa dha, barsiifni kunis ifa, ifanni adabaa karaa jireenyaa ti.”—Fakkeenya 6:20-23.

4 Ijoolleen qajeelfama warri Kiristiyaana ta’an isaaniif kennan hordofuunsaanii eegumsa isaaniif argamsiisa. Itti dabalees Solomoon akkas jedheera: “Ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.” “Yaa ilma ko dhaga’i! Ogeessa ta’i, yaada kees daandii qajeelaa irratti eegi!” (Fakkeenya 10:1; 23:19) Eeyyee, leenjii warri keessan isinii kennanirraa fayyadamuuf, gorsaafi adaba fudhachuu qabdu. Ogeessa taatanii dhalachuu baattaniyyuu, ‘ogeessa ta’uu’ akkasumas fedhii keessaniin “karaa jireenyaa” hordofuu ni dandeessu.

Barsiisuu Jechuun Maal Jechuudha?

5. Phaawulos warraafis ta’e ijoolleedhaaf gorsa akkamii kenneera?

5 Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha. Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!’ isa jedhuu dha. Abdichis, ‘Gaarii akka siif ta’utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!’ jedha. Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!”—Efesoon 6:1-4.

6, 7. Barsiisa Yihowaatiin ijoollee guddisuun maalfaa dabalata? Kun karaa sirrii hin taaneen ijoolleerratti dhiibbaa gochuu miti kan jennu maaliifi?

6 Warri Kiristiyaana ta’an “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” ijoolleesaanii guddisu jechuun, sababii ga’aa utuu hin argatin waan tokko akka fudhatu godhu jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Warri waan sirriidha jedhaniifi amala gaarii akka qabaatan godha jedhanii yaadan ijoolleessaanii barsiisuusaaniitiin namni isaan komatu jiraa? Namni Waaqayyo jiraachuusaatti hin amanne tokko ijoolleesaa Waaqayyo hin jiru jedhee barsiisuusaatti namni isa komatu hin jiru. Namoonni amantii Kaatolikiifi Ortodoksii hordofan ijoolleesaanii amantii kana keessatti guddisuun dirqama akka ta’e isaanitti dhaga’ama; akkas gochuu dhiisuusaaniitiin garuu hin komataman. Haaluma walfakkaatuun, Dhugaa Baatonni Yihowaa ijoolleesaanii dhugaadhaaf akkasumas seerawwan bu’uuraa Yihowaan amalaaf baaseen guddisuunsaanii isaan komachiisuu hin qabu.

7 Akka Ti’ooloojikaal Dikshinarii oov za Niiwu Teestaamant jedhutti, jechi Efesoon 4:6⁠rratti “barsiisa” jedhu, “ilaalcha nama tokkoo sirreessuu, wanta gaarii isa gadheerraa adda baasanii beekuudhaan ilaalcha Waaqayyoo qabaachuu” jedhamee hiikameera. Ijoolleen wanta hiriyoonnisaanii hojjetan gochuuf jecha leenjii warrasaanii hojiirra oolchuu akka didan beekamaadha. Yeroo akkasiitti dhiibbaa kanaaf kan itti gaafatamu hiriyootasaaniimoo warrasaaniiti? Hiriyoonnisaanii qoricha sammuu namaa hadoochu akka fudhatan, akka machaa’an ykn amala addaggummaarratti akka hirmaatan isaan jajjabeessu taanaan, warrimmoo ilaalcha ijoolleesaanii sirreessuufi amalli gadheen kun balaa isaanirra kan geessisu ta’uusaa akka hubatan gargaaruusaaniitiin komatamuu qabuu?

8. Ximotewos ‘akka amanu’ wanti isa godhe maalidha?

8 Phaawulos, Ximotewos isa dargaggeessa tureef akkas jechuudhaan barreessee ture: “Isa barsiifamte, cimsitees itti amante sana eenyufa’i irraa akka barte waan beektuuf, isatti qabamii jiraadhu! Mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqullaa’aa isa Kristos Yesusitti amanuudhaan akka fayyitutti ogummaa siif kennuu danda’u, akka barte in beekta.” (2 Ximotewos 3:14, 15) Ximotewos ijoollummaasaatii kaasee, beekumsa Caaffata Qulqullaa’aatiin amantaa Waaqarratti qabu akka jabeeffatuuf haatisaafi akkoonsaa isa gargaaraniiru. (Hojii Ergamootaa 16:1; 2 Ximotewos 1:5) Yeroo Kiristiyaana ta’anittis akka amanu isa dirqisiisuu mannaa, ragaawwan beekumsa Caaffata Qulqullaa’aarratti hundaa’aniin ‘akka amanu’ godhaniiru.

Yihowaan Filannaa Akka Gootu Si Afeereera

9. (a) Yihowaan uumamawwansaatiif ulfina kan kenne akkamitti? Maaliif? (b) Ilmi Waaqayyoo inni tokkichi mirga filannaasaatti kan gargaarame akkamitti?

9 Yihowaan uumamnisaa akkasumaan fedhasaa qofa akka raawwatan godhee uumuu danda’a ture. Haata’u malee, isaan kabajuudhaan filannaa gochuu akka danda’aniif mirga isaanii kenneera. Waaqni keenya fedha keenyaan akka isaaf bitamnu barbaada. Warri dulloomanis ta’e ijoolleen jaalalaan kaka’anii yeroo isa tajaajilan ni gammada. Kana ilaalchisee fakkeenya gaarii kan ta’u, tokkicha Ilmasaati. Yihowaanis akkas jechuudhaan waa’eesaa dubbateera: “Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama.” (Maatewos 3:17) Tokkichi Ilmisaas abbaasaatiin akkas jedheera: “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira.”—Faarfannaa 40:8; Ibroota 10:9, 10.

10. Karaa Yihowaa duratti fudhatama qabuun isa tajaajiluuf wanti barbaachisu maalidha?

10 Yihowaan namoonni qajeelfama Ilmasaa jalatti isa tajaajilan, jaalalasaaniitiin fedhasaatiif akka bitaman barbaada. Faarfatichi akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Guyyaa ati macca kee geggeessitutti, namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhi’eessu; dargaggoonni kees akka fixeensa barii ganamaatti simboo qulqulluudhaan siif in ba’u.” (Faarfannaa 110:3) Guutummaan jaarmiyaa Yihowaa, jechuunis inni samiifi lafarratti argamu, jaalalaan fedha Waaqayyootiif ni bitama.

11. Ijoolleen warra of murteessan jalatti guddatan filannaa akkamii qabu?

11 Kanaafuu, isin ijoollee kan taatan warri keessanis ta’e jaarsoliin akka cuuphamtaniif akka isin hin dirqisiisne hubachuu qabdu. Yihowaa tajaajiluun fedha keessanirratti kan hundaa’edha. Iyaasuun Israa’elootaan akkas jedhee ture: “Amanamummaa guutuudhaan [Yihowaadhaaf] hojjedhaa! . . . Har’a eenyuuf akka hojjettan fo’adhaa!” (Iyaasuu 24:14-22) Haaluma walfakkaatuun, Yihowaadhaaf of murteessuufi jireenya keessan guutuu fedhasaa raawwachuuf filachuun isiniif kan dhiisamedha.

Itti Gaafatamummaa Qabda

12. (a) Warri ijoolleesaanii leenjisuu danda’aniyyuu maal gochuufii hin danda’an? (b) Dargaggoonni filannoo godhaniif Yihowaa duratti kan itti gaafataman yoomi?

12 Yeroon eegumsa warra keessaan amanamoo ta’an jalaa itti baatan ni dhufa. (1 Qorontos 7:14) Yaaqoob ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Namni wanta gaarii hojjechuu beeku, wanta gaarii sana yoo hojjechuu dhiise, cubbuu itti in ta’a.” (Yaaqoob 4:17) Warri ijoolleesaaniitiif ijoolleenis warrasaaniitiif Yihowaa tajaajiluu hin danda’an. (Hisqi’el 18:20) Dargaggoonni waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa yeroo baratan, wanta baratan sirriitti hubachuu yeroo danda’aniifi isaa wajjin walitti dhufeenya uumuu yeroo danda’an, Yihowaan isa tajaajiluuf akka murteessan isaanirraa eeguunsaa sirrii mitii?

13. Dargaggoonni hin cuuphamne gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabu?

13 Babal’isaa hin cuuphamne, maatii Yihowaa waaqeffatan keessatti kan guddatte, walga’iiwwan gumiirratti kan argamtuufi misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti hirmaachaa kan jirtudhaa? Taanaan akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wantoota kana hundumaa kanan godhu maaliifi? Walga’iiwwanirrattiifi hojii lallabaarratti kanan hirmaadhu warri koo waan narraa eeganiifimoo Yihowaa waanan jaaladhuufidha?’ ‘Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baafachuu’ dandeesseettaa?—Roomaa 12:2.

Maaliif Hin Cuuphamtu?

14. Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu utuu hin cuuphamin turuun sirrii akka hin taane argisiisan kamfa’i?

14 Filiphos inni wangeela lallabu Yesus Masiihii ta’uusaa erga ibseefii booda, Xu’aashiin Itoophiyaa: “Akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?” jechuudhaan gaafateera. Xu’aashiin kun beekumsa Macaafa Qulqulluu ga’aa ta’e akka qabu waan hubateef, gumii Kiristiyaanaa wajjin ta’uudhaan Yihowaa tajaajiluu akka barbaadu argisiiseera; kunis gammachuu guddaa argamsiiseeraaf. (Hojii Ergamootaa 8:26-39) Haaluma walfakkaatuun, dubartiin Liidiyaa jedhamtu, “gooftaan gurra qalbii ishee baneefii waan tureef, isheen waan Phaawulos jedhu dhimmitee dhaggeeffatte;” achiis yerooma sana isheefi maatiinshee ‘cuuphamaniiru’. (Hojii Ergamootaa 16:14, 15) Akkasumas, Phaawulosiifi Siilaas Filiphisiiyusitti hidhamanii yeroo turan, ajajaa mana hidhaa sanaatti yeroo isaan “dubbii gooftaa” himan, “yeroodhuma sanatti nama isaa hundumaa wajjin in cuuphame.” (Hojii Ergamootaa 16:25-34) Kanaaf, waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa beekumsa bu’uuraa kan qabdu, fedhiisaa raawwachuu kan barbaaddu, gumii keessatti maqaa gaarii kan qabdu, yeroo hundumaa walga’iiwwan gumiirratti kan argamtuufi hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti hirmaachaa kan jirtu taanaan, maaliif hin cuuphamtu?—Maatewos 28:19, 20.

15, 16. (a) Dargaggoonni baay’een akka hin cuuphamneef sababii dogoggoraa akkamii dhiheessu? (b) Of murteessuufi cuuphamuun dargaggootaaf eegumsa kan ta’u akkamitti?

15 Nan dogoggoraa laata jettee sodaachuudhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e kana fudhachuurraa boodatti jechuu qabdaa? Akkas jettee yaaddofta taanaan mee fakkeenya kanarratti yaadi: Konkolaataa oofuu barachuu barbaaddee, garuu gaaf tokko balaan geessisa jettee yaadda’uudhaan konkolaataa oofuu barachuukee ni dhiistaa? Matumaa hin dhiistu! Ulaagaa barbaadamu ni guutta taanaan cuuphamuurraas gara duubaatti jechuu hin qabdu. Yoo Yihowaadhaaf of murteessiteefi fedhasaa raawwachuu yoo barbaadde, gocha hamaarraa fagaachuuf waan dandeesse hunda akka gootu beekamaadha. (Filiphisiiyus 4:13) Dargaggootaa, cuuphamuu dhiisuu keessaniin itti gaafatamummaarraa walaba taaneerra jettanii hin yaadinaa! Umrii itti gaafatamummaa fudhachuuf isin dandeessisurra yommuu geessan, cuuphamtanis cuuphamuu baattanis wanta gootan hundaaf Yihowaa biratti itti gaafatamtu.—Roomaa 14:11, 12.

16 Dargaggoonni baay’een addunyaa maratti argaman cuuphamuuf murtoo gochuunsaanii baay’ee akka isaan gargaare dubbatu. Mee fakkeenya Dhugaa Baatuu Yihowaa umriinsaa waggaa 23 ta’uufi Dhiha Awurooppaatti argamuu tokko ilaalaa. Waggaa 13⁠tti cuuphamuunsaa, ‘Kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatuun’ kufuurraa akka isa eege dubbateera. (2 Ximotewos 2:22) Yeroo dargaggeessa turetti, tajaajilaa yeroo guutuu ta’ee tajaajiluuf fedhii qaba ture. Yeroo ammaatti, waajjira damee Dhugaa Baatoota Yihowaa keessaa gammachuudhaan tajaajilaa jira. Siinis dabalatee dargaggoonni Yihowaa tajaajiluu filatan hundi eebba baay’ee argatu.

17. ‘Jaalalli gooftaa maal akka ta’e hubachuun’ keenya barbaachisaa ta’uusaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Of murteessuufi cuuphamuun, jireenya keenya hundaan fedha Yihowaa raawwachuuf jalqabuu keenya kan argisiisudha. Of murteessuun ‘yeroo nuu kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuu’ dabalata. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo wantoota waa’ee hin baasnerratti dabarsinu hir’isuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gochuuf, yeroo hundaa walga’iirratti argamuufi hanga dandeenye ‘wangeela mootummaa’ labsuurratti hirmaachuuf itti fayyadamuu dandeenya. (Efesoon 5:15-17; Maatewos 24:14) Of murteessuun keenyaafi jaalalasaa raawwachuuf fedhuun keenya, akkaataa jireenya keenya hundaarratti jijjiirama gochuu kan gaafatu yeroo ta’u, kunis karaa itti yeroo boqonnaa keenyatti fayyadamnu, akkaataa nyaataafi dhugaatii keenyaafi sirboota dhaggeeffannu kan dabalatudha. Bashannana bara baraaf itti gammaddan maaliif hin filattan? Dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa ta’an baay’een, ‘jaalala gooftaa’ utuma raawwatanii karaa sirrii ta’een bashannanuun akka danda’amu isinitti himuu danda’u.—Efesoon 5:18, 19.

‘Nuyis Isinii Wajjin Achi In Dhaqna’

18. Dargaggoonni gaaffii akkamii of gaafachuu qabu?

18 Dh.K.D. bara 1513 kaasee hanga Dh.K.B. 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Yihowaan saba gurmaa’e, saba filatamaafi Dhugaa Baatotasaa ta’an qaba ture. (Isaayaas 43:12) Ijoolleen Israa’elootaa filannaadhaan utuu hin ta’in dhalootaan miseensota saba kanaa ta’u turan. Guyyaa Phenxeqosteetii kaasee garuu Yihowaan lafarratti “saba” haaraa jechuunis Israa’el hafuuraa, “saba maqaasaatiif ta’u” uummateera. (1 Phexros 2:9, 10; Hojii Ergamootaa 15:14, NW; Galaatiyaa 6:16) Phaawulos ergamaan Kiristos ‘saba fo’amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif akka qulleesse’ dubbateera. (Tiitoos 2:14) Dargaggootaa bakka namoonni kun itti argaman ofii keessanii hubachuu dandeessu. Yeroo ammaatti “sabni qajeelaanii fi amanamaan,” seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal simee jiraatu, amanamummaadhaan Yihowaadhaaf dhugaa ba’aa kan jiruufi abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’uusaa lallabaa kan jiru eenyudha? (Isaayaas 26:2-4) Amala Waldaawwan Saba Kiristiyaanaafi amantiiwwan garabiraa keessatti argmu, wanta Macaafni Qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo warra dhugaarraa barbaaduu wajjin wal bira qabii ilaali.

19. (a) Namoonni miliyoonaan lakka’amaniifi addunyaa maratti argaman maal amananii fudhataniiru? (b) Dargaggoota saba Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaniif afeerrii akkamiitu dhihaate?

19 Dargaggoota hedduu dabalatee, namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi addunyaa maratti argaman, ‘sabni qajeelaan’ dibamtoota Dhugaa Baatota Yihowaa lafarratti argaman ta’uusaanii amananii fudhataniiru. Kanaafuu Israa’eloota hafuuraa kanaan: “Waaqayyo [isinii] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis [isinii] wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” (Zakaariyaas 8:23) Dargaggootaa, saba Waaqayyoo keessaa tokko ta’uudhaan ‘jireenya akka fo’attan’ jechuunis addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessatti jireenya bara baraa akka argattan abdiifi kadhannaa keenyadha.—Keessa Deebii 30:15-20; 2 Phexros 3:11-13.

Irra Deebi’uuf

• Barsiisuun maal kan dabalatudha?

• Tajaajilli Yihowaa duratti fudhatamaa ta’e kan akkamiiti?

• Dargaggoonni warrisaanii Kiristiyaanota ta’an filannaa akkamii gochuu danda’u?

• Cuuphamuun garmalee turuu kan hin qabne maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]