Miseensa Saba Waaqayyo Filate Ta’anii Dhalachuu
Miseensa Saba Waaqayyo Filate Ta’anii Dhalachuu
‘Waaqayyo gooftaankee akka ati addaan baatee saba dhuunfaasaa taatuuf si fo’ateera.’ —KEESSA DEEBII 7:6.
1, 2. Yihowaan sabasaatiif jecha tarkaanfii akkamii fudhate? Israa’eloonni Waaqayyoo wajjin kakuu akkamii galan?
DHALOOTA Kiristos dura bara 1513tti Yihowaan tajaajiltootasaa lafarra jiranii wajjin walitti dhufeenya adda ta’e uumee ture. Yeroo kanatti mootii addunyaa salphisuudhaan Israa’eloota garbummaa jalaa baaseera. Kana gochuusaatiin, Fayisaafi Abbaasaanii ta’eera. Yihowaan tarkaanfii kana fudhachuusaa dura Museedhaan akkas jedhee ture: “Egaa Israa’elootaan, ‘Ani Waaqayyoo dha! Ba’aa warra Gibxii jalaa isin nan baasa, garbummaa isaanii keessaa isin nan oolcha; ani irree koo ol fudhadhee firdii gurguddaadhaan isin nan fura. Ani saba koo isin godhadhee isin nan simadha, Waaqayyo keessanis isiniif nan ta’a.’”—Ba’uu 6:6, 7; 15:1-7, 11.
2 Israa’eloonni erga Gibxii ba’anii yeroo xinnoo booda, Yihowaa wajjin kakuu galan. Innis dhuunfaadhaan, maatiidhaan ykn qomoodhaan namootaa wajjin walitti dhufeenya uumuu mannaa, saba tokko gurmeesse. (Ba’uu 19:5, 6; 24:7) Seerawwan jireenyasaanii isa guyyaa guyyaadhaaf keessumaammoo waaqeffannaasaatiif ta’u kenneeraaf. Museen akkas isaaniin jedheera: “Akkuma Waaqayyo gooftaan keenya yeroodhuma nuyi isa waammannutti nutti dhi’aatu kanatti, sabni guddaan waaqayyoliin isaa isatti dhi’aatan isa kam ree? Sabni guddaan seerrataa fi firdii isa qajeelaa akka seera isa ani har’a isin dura kaa’u kana hundumaa qabu isa kam ree?”—Keessa Deebii 4:7, 8.
Saba Dhugaa Baatuu Waaqayyoo Ta’e Gidduutti Dhalachuu
3, 4. Israa’eloonni sabaan kan gurmaa’an maaliif ture?
3 Jaarraawwan hedduu booda, Yihowaan karaa Isaayaas sabasaa akka ta’an kan isaan gurmeesse maaliif akka ta’e ibseera. Isaayaas akkas jedhe: “Yaa Yaaqoob, yaa Israa’el, Waaqayyo inni si uume, inni si tolches, ‘Ani si fureera hin sodaatin, “Ati kan koo ti” jedhees maqaa keetiin si waameera; ani Waaqayyo gooftaan kee isa qulqulluu kan Israa’el, ani fayyisaa kee ti. . . . Ilmaan koo biyya fagoodhaa, intaloonni koos andaara lafaatii haa dhufan! Warri maqaa kootiin waamaman hundinuu, warri ani ulfina kootiif uummadhe, warri ani tolchee bifa itti godhe haa dhufan!’ jedhe. Waaqayyo, ‘Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo’adhes isinuma. . . . Saba kana ofii kootiif uummachuun koo, akka inni na galateeffatuuf ture.’”—Isaayaas 43:1, 3, 6, 7, 10, 21.
4 Israa’eloonni maqaasaatiin waan waamamaniif, saboota kaan biratti olaantummaasaa dhugaa ba’u. Isaan saba ‘ulfinasaatiif uumaman’ turan. Karaa dinqisiisaa ta’een isaan oolchuusaafi maqaasaa isa qulqulluu faarsuudhaan ‘akka isa galateeffataniif ture.’ Walumaa galatti saba Yihowaadhaaf dhugaa ba’uu akka ta’aniif kan filataman turan.
5. Sabni Israa’el Yihowaadhaaf kan murtaa’e karaa kamiini?
5 Dh.K.D. jaarraa 11ffaatti, Solomoon Mootichi Yihowaan saba Israa’eliin fo’atee akka ture ibseera. Kadhannaasaarratti akkas jedheera: “Saba biyya lafaa hundumaa keessaa dhuunfaa kee akka ta’aniif addaan isaan in baafte.” (1 Mootota 8:53) Israa’eloonni dhuunfaadhaanis Yihowaa wajjin walitti dhufeenya adda ta’e qabu turan. Bara duriitti Museen akkas jedheenii ture: “Isin ijoollee Waaqayyo gooftaa keessanii ti; . . . isin saba Waaqayyo gooftaa keessaniif qulqullooftanii dha.” (Keessa Deebii 14:1, 2) Kanaafuu, ijoolleen Israa’elootaa Yihowaadhaaf of murteessuu isaan hin barbaachisu ture. Miseensota saba Waaqayyoof of murteesse ta’anii dhalatu turan. (Faarfannaa 79:13; 95:7) Dhaloonni haaraan hundi seera Yihowaatiin geggeeffamuufi kakuu sabni Israa’el Yihowaa wajjin gale eeguun dirqamasaa ture.—Keessa Deebii 11:18, 19.
Filachuuf Mirga Qabu Turan
6. Israa’eloonni dhuunfaatti filannoo akkamii gochuu qabu turan?
6 Israa’eloonni saba Yihowaadhaaf of murteesse keessatti kan dhalatan ta’uyyuu, Waaqayyoon tajaajiluuf dhuunfaatti murtoo gochuu qabu turan. Utuu Biyyattii Abdachiifamtetti hin galin dura Museen akkas jedhee ture: “Ani har’a jireenyaa fi du’a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa’ee, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo’adhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhaga’aa! Isattis maxxanaa! Inni jireenya keessan waan ta’eef, biyya inni abboota keessan Abrahaamii fi Yisihaqiif Yaaqoobiifis kennuudhaaf abdachiise keessatti bara dheeraa isiniif in kenna.” (Keessa Deebii 30:19, 20) Kanaafuu, Israa’eloonni dhuunfaasaaniitti Yihowaa jaallachuu, dubbiisaa dhaga’uufi isatti maxxanuu fo’achuu qabu turan. Israa’eloonni filachuuf mirga kan qaban ta’uyyuu, wanta filannoonsaanii geessisurraa garuu walaba hin turre.—Keessa Deebii 30:16-18.
7. Dhaloonni bara Iyaasuutti turan erga du’anii booda maaltu ta’e?
7 Barri Abboota Firdii, bu’aa amanamummaan argamsiisuufi miidhaa amanamummaa dhabuun geessisu beekuuf fakkeenya gaarii ta’a. Sana dura Israa’eloonni fakkeenya Iyaasuu hordofuudhaan eebba argataniiru. “Guutummaa bara Iyaasuu fi bara jaarsoliin warri isa booddee hafanii hojii guddaa Waaqayyo saba Israa’eliif godhe hundumaa argan jiraatanitti, sabni sun Waaqayyoof hojjechaa turan.” Haata’u malee erga Iyaasuun du’ee booda, “dhaloonni Waaqayyoon, gochaa inni saba Israa’eliif godhes hin beekne in ka’e. Israa’eloonni Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan.” (Abbootii Firdii 2:7, 10, 11) Dhaloonni haaraa kun, mirga saba murteeffame akka ta’an isaaniif kennameefi dinqii Yihowaan abbootasaaniitiif godhe kan hin dinqisiifanne akka ta’e hubachuun ni danda’ama.—Faarfannaa 78:3-7, 10, 11.
Ulaagaa Of Murteessuunsaanii Isaanirraa Barbaadu Guutuu
8, 9. (a) Israa’eloonni of murteessuusaanii akka argisiisan qophii akkamiitu godhame? (b) Namoonni fedhaan aarsaa dhiheessan maal argatu?
8 Yihowaan sadarkaa sabaatti of murteessuusaanii wajjin haala wal simuun akka jiraatan isaan gargaaruuf qophii godheefii ture. Fakkeenyaaf, Seerichi aarsaan dirqamaafi fedhiidhaan dhihaatu kan akkamii akka ta’e ni ibsa. (Ibroota 8:3) Aarsaawwan akkasii kun qalma gubamu, aarsaa gubamuufi qalma araaraa fedhiidhaan dhihaatan yeroo ta’an, isaanis surraasaa argachuufi isa galateeffachuuf kan dhihaatanidha.—Lewwoota 7:11-13.
9 Aarsaawwan fedhiidhaan dhihaatan akkasii Yihowaa gammachiisaniiru. Qalmi gubamuufi aarsaan gubamu ‘foolii isaa [Waaqayyoon] garaa ciibsu’ akka ta’e ibsameera. (Lewwoota 1:9; 2:2) Qalma araaraaf dhihaatu, luboonniifi namoonni aarsaa dhiheessan walakkaasaa kan nyaatan ta’uyyuu, dhiigniifi coomnisaa garuu Yihowaadhaaf dhihaata ture. Kanaafuu nyaanni kun Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuusaanii kan argisiisu ture. Seerichi akkas jedha: “‘Aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof yeroo dhi’eessitan, akka isiniif fudhatamutti dhi’eessaa!’” (Lewwoota 19:5) Israa’eloonni dhalootumaan Yihowaadhaaf kan of murteessan ta’uyyuu, namoonni ‘fudhatama’ argataniifi eebbifaman warra fedhiidhaan aarsaa dhiheessan turan.—Miilkiyaas 3:10.
10. Yihowaan bara Isaayaasiifi Miilkiyaasitti aarsaasaaniitti akka hin gammanne kan dubbate akkamitti?
10 Haata’u malee, Israa’eloonni irra deddeebi’anii Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin ta’in hafaniiru. Yihowaan karaa Isaayaas raajiisaa akkas isaaniin jedheera: “Qalma gubamu anaaf dhi’eessuudhaaf xobbaallaa hin fidne, aarsaa keetiinis anaaf ulfina hin laanne; kennaa midhaanii akka anaaf dhi’eessituuf si hin giddisiifne.” (Isaayaas 43:23) Kana malees, aarsaan fedhii ykn jaalala malee dhihaatu Yihowaa duratti fudhatama hin qabu. Fakkeenyaaf, bara Isaayaasii kaasee waggaa 300 booda, jechuunis bara Miilkiyaasitti Israa’eloonni horii mudaa qaban aarsaa godhanii dhiheessu turan. Yihowaan karaa Miilkiyaas akkas jechuudhaan isaanitti dubbatee ture: “Ani isin hin jaalladhu, aarsaa isin anaaf dhi’eessitanis isin harkaa hin fudhadhu waanan ta’eef, . . . isinoo horii hatame, horii naafa, horii dhukkubsataas fiddanii aarsaa in dhi’eessitu, egaa kana harka keessan keessaa fudhadhuu ree?”—Miilkiyaas 1:10, 13; Amos 5:22.
Saba Waaqayyoof Of Murteessan Ta’uunsaanii Ni Hafe
11. Israa’elootaaf carraa akkamiitu kennamee ture?
11 Yeroo Israa’eloonni saba murteeffaman ta’anii turanitti Yihowaan akkas jedhee waadaa isaanii galee ture: “Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta’eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu. Isin luboota mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaa’aa anaaf in taatu.” (Ba’uu 19:5, 6) Masiihiin inni abdachiifame isaan gidduudhaa dhalatee miseensota bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo akka ta’aniif carraa jalqabaa isaanii kenna ture. (Uumama 22:17, 18; 49:10; 2 Saamu’el 7:12, 16; Luqaas 1:31-33; Roomaa 9:4, 5) Haata’u malee, garri caalaan saba Israa’el of murteessuudhaan kakuu seenanii wajjin haala wal simuun hin jiraanne. (Maatewos 22:14) Masiihicha kan hin fudhanne ta’uusaaniirrayyuu, dhumarratti isa ajjeesaniiru.—Hojii Ergamootaa 7:51-53.
12. Israa’eloonni saba Yihowaadhaaf of murteessan ta’uunsaanii akka hafe kan argisiisan jechoota Yesus warra kamidha?
12 Yesus du’uusaa guyyaa muraasa dura, geggeessitoota Yihudootaatiin akkas jedhee ture: “Isin caaffata qulqullaa’an keessaa, ‘Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu ta’e; kun gocha gooftaa ti, ija keenyattis dinqiidha’ kan jedhu takkaa hin dubbifnee ree? Egaa mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima.” (Maatewos 21:42, 43) Yihowaan, saba Isaaf of murteessan ta’uusaanii akka dhiise argisiisuuf akkas jedhe: “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu, warra sitti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu, indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabat[t]utti, si’a meeqan ijoollee kee walitti qabuu barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne. Ilaa, manni keessan onee in hafa.”—Maatewos 23:37, 38.
Saba Haaraa Waaqayyoof Of Murteesse
13. Yihowaan bara Ermiyaasitti raajii akkamii dubbate?
13 Yihowaan bara Ermiyaas raajichaatti, sabasaatiif wanta haaraa akka godhu raajii dubbatee ture. Caqasichi akkas jedha: “‘Kunoo, barri ani itti namoota biyya Israa’eliif, biyya Yihudaafis kakuu haaraa galu in dhufa; innis sanyii kakuu isa ani abboota isaanii gargaaree biyya Gibxii yommuun baase isaaniif dhaabnaan, utuma ani gooftaa isaanii ta’ee jiruu, isaan immoo kakuu koo cabsan sanaa miti; ani Waaqayyo kana dubbadheera. Kakuun inni ani bara sana Israa’eliif galuuf jiru kanatti fufee jira; ani seera koo yaada isaanii keessa nan kaa’a, garaa isaanii keessattis nan caafa; ani Waaqayyo isaanii nan ta’a, isaanis saba koo in ta’u.’”—Ermiyaas 31:31-33.
14. Sabni haaraan Yihowaadhaaf murtaa’e yoomiifi maal bu’uura godhachuudhaan uumame? Sabni haaraan kun eenyudha?
14 Bu’uurri kakuu haaraa kan hundeeffame Dh.K.B. bara 33 yeroo Yesus gatii dhiigasaa isa dhangala’ee Abbaasaatti dhiheessedha. (Luqaas 22:20; Ibroota 9:15, 24-26) Haata’u malee, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yeroo hafuurri qulqulluun bu’e kakuu haaraan saba haaraa “Israa’el Waaqayyoo” jedhamurratti hojiisaa jalqabe. (Galaatiyaa 6:16; Roomaa 2:28, 29; 9:6; 11:25, 26) Phexros ergamaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf akkas jedhee barreesseera: “Isin . . . qomoo fo’amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa’aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta’anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame. Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu.” (1 Phexros 2:9, 10) Walitti dhufeenyi addaa Yihowaafi saba Israa’el gidduu ture guutummaatti ni dhaabate. Eebbi Yihowaa saba Israa’elirraa gara Israa’el hafuuraatti geddaramuudhaan, gumii Kiristiyaanaa Mootummaa Masiihichaatiif ‘ija godhatuuf’ kenname.—Maatewos 21:43.
Dhuunfaatti Of Murteessuu
15. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Phexros namoonni isa dhaggeeffachaa turan cuuphaa isa kamiin akka cuuphaman gaafate?
15 Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii kaasee, Yihudoonnis ta’e sabni kaan ‘maqaa abbaatiifi ilmaatti, kan hafuura qulqulluutti cuuphuudhaan’ dhuunfaatti Yihowaadhaaf of murteessuu qabu turan. a (Maatewos 28:19) Guyyaa Phenxeqosteetti Phexros ergamaan Yihudootas ta’e namoota Yihudiitti jijjiiramaniin akkas jedheera: “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.” (Hojii Ergamootaa 2:38) Yihudoonniifi namoonni Yihudiitti jijjiiraman cuuphamuunsaanii, Yihowaadhaaf kan of murteessan ta’uusaanii qofa utuu hin ta’in, Yihowaan karaa Yesus cubbuusaanii ittiin isaanii dhiisu godhanii fudhachuusaanii kan argisiisudha. Angafa Lubaa, Geggeessaasaanii akkasumas Mataa gumii Kiristiyaanaa Yihowaan muude godhanii fudhachuu qabu turan.—Qolosaayis 1:13, 14, 18.
16. Bara Phaawulositti Yihudoonnis ta’e namoonni gara Yihudiitti geddaramaniifi garaa qajeelaa qaban miseensota Israa’el hafuuraa kan ta’an akkamitti?
16 Waggoota booda Phaawulos ergamaan akkas jedhee ture: “Jalqaba warra Damaasqootti, itti aansees warra Yerusaalemitti, kana booddees kutaa biyya Yihudaa hundumaatti, warra saba Waaqayyoo hin ta’inittis yaada garaa isaanii geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebi’aniif, hojii yaada garaa geddarachuu isaanii mul’isus akka hojjetaniif, isaanitti labseera.” (Hojii Ergamoota 26:20) Phaawulos, Yihudootaafi namoota gara Yihudiitti geddaraman, Yesus Kiristos, Masiihii ta’uusaa erga amansiisee booda of murteessanii akka cuuphaman isaan gargaareera. (Hojii Ergamootaa 16:14, 15, 31-33; 17:3, 4; 18:8) Gara Waaqayyootti deebi’uudhaan bartoonni haaraan kun miseensota Israa’el hafuuraa ta’aniiru.
17. Hojiin mallatteessuu raawwatamuuf jedhu maalidha? Hojiin hatattamaan raawwatamaa jiruhoo isa kami?
17 Yeroo ammaatti lakkoofsi Israa’eloota hafuuraa mallatteessuu xumuramuuf jedha. Yeroo lakkoofsi kun guutu, ‘ergamoonni arfan’ golee qilleensota badiisa “rakkina guddaa” fidu gadhiisu. Hamma yeroon sun ga’utti, “tuuta soonaan baay’ee” lafarra bara baraaf jiraachuuf abdii qaban walitti qabuun hatattamaan raawwatama. ‘Hoolonni kan biraa’ kun “dhiiga hoolichaarratti” amantaa qabaachuuf filataniiru; Yihowaaf of murteessuusaaniis cuuphamuudhaan argisiisaniiru. (Mul’ata 7:1-4, 9-15; 22:17; Yohannis 10:16; Maatewos 28:19, 20) Isaan keessaa baay’eensaanii maatii Kiristiyaanota ta’aan keessatti kan guddatanidha. Mana dhugaa keessatti kan guddatte yoo ta’e mataduree ittaanu dubbisuun si gammachiisuu danda’a.
[Miiljalee]
a Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2003, ful. 30-31 ilaali.
Irra Deebi’uuf
• Ijoolleen Israa’elootaa dhuunfaatti of murteessuun kan isaan hin barbaachisne maaliif ture?
• Israa’eloonni haala of murteessuusaanii wajjin wal simuun jiraachuusaanii argisiisuu kan danda’an akkamitti?
• Yihowaan Israa’eloonni saba isaaf murteeffame ta’anii akka itti fufan kan hin barbaanne maaliifi? Sabni kun eenyuun bakka buufame?
• Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii kaasee, Yihudoonniifi saboonni kan biraan miseensota Israa’el hafuuraa ta’uuf maal gochuu qabu turan?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]