Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Yaadachiisnikee Garaa Na Ciibsa’

‘Yaadachiisnikee Garaa Na Ciibsa’

‘Yaadachiisnikee Garaa Na Ciibsa’

“Wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.”—ROOMAA 15:4.

1. Yihowaan yaadachiisa kan nuu kennu karaawwan kamiini? Kun kan nu barbaachisu maaliifi?

 YIHOWAAN tajaajiltoonnisaa dhiibbaawwan yeroo rakkisaa kanatti isaan mudatan akka mo’an gargaaruuf yaadachiisa isaaniif kenna. Yaadachiisawwan tokko tokko kan argaman dubbisa Macaafa Qulqulluurraa, haasawaa dhihaatu ykn yaadawwan walga’ii gumiirratti kennamanirraati. Yaadawwan yeroo akkasiitti dubbisnu ykn dhageenyu baay’eensaanii nuuf haaraa miti. Sanaan dura yaada wal fakkaatu barannee ta’uu danda’a. Haata’u malee yeroo baay’ee waan irraanfannuuf, kaayyoo, seeraafi qajeelfama Yihowaa ilaalchisee yeroo hundumaa yaadachiisa argachuun keenya barbaachisaadha. Yaadachiisa Yihowaan nuu kennu, sababii seerasaa akka eegnu nu kakaaserratti akka xiyyeeffannu nu gargaaruudhaan yaada keenya waan nuu haaromsuuf isa galateeffachuu qabna. Kanaan kan ka’es Faarfatichi, “Abboommonni siif dhugaa ba’an garaa na ciibsu” jechuudhaan Yihowaa faarfateera.—Faarfannaa 119:24.

2, 3. (a) Yihowaan, seenaan jireenyaa namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii hanga ammaatti akka turu kan godhe maaliifi? (b) Mataduree qayyabannaa kana keessatti Seenaawwan Macaafa Qulqulluu kamfaa ilaalla?

2 Sagaleen Waaqayyoo kan barreeffame jaarraawwan hedduu dura ta’uyyuu humna guddaa qaba. (Ibroota 4:12) Namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman ilaalchisee seenaa jireenyaa dhugaa nutti hima. Aadaawwaniifi ilaalchi bara sana turan kan jijjiiraman ta’uyyuu, rakkoowwan yeroo ammaa nu mudatan rakkoowwan namoota bara sanaa mudatanii wajjin wal fakkaatu. Seenaawwan faayidaa keenyaaf Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffaman, namoota Yihowaa jaallataniifi rakkinni adda addaa isaanirra ga’uyyuu amanamummaadhaan isa tajaajilan ilaalchisee fakkeenyawwan garaa nama tuqan qabataniiru. Seenaawwan kaanimmoo amalawwan Waaqayyo jibbu kan argisiisanidha. Yihowaan barumsa barbaachisaa ta’e akka argannuuf jecha seenaawwan namootaa gaariis ta’e hamaa ta’an Macaafa Qulqulluu keessatti akka galmeeffaman godheera. Akkuma Phaawulos barreesse: “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.”—Roomaa 15:4.

3 Seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman sadiirratti haa xiyyeeffannu. Isaanis: seenaa waa’ee Daawitiifi Saa’ol, waa’ee Anaaniyaasiifi Safiiraa akkasumas waa’ee Yoseefiifi haadha manaa Phoxiifaar ibsudha. Seenaa namoota kanaarraa barumsa gaarii arganna.

Qophii Waaqayyootiif Amanamoo Ta’uu

4, 5. (a) Saa’ol Mootichaafi Daawit gidduu haala akkamiitu ture? (b) Daawit jibba Saa’oliif ilaalcha akkamii qaba ture?

4 Saa’ol Mootichi Yihowaadhaaf amanamaa waan hin taaneef saba Israa’el bulchuuf ga’eessa akka hin taane argisiise. Kanaafuu, Waaqayyo mootummaasaarraa isa ari’uudhaan, Saamu’el raajicha ergee Daawit gara fuulduraatti mootii Israa’el akka ta’uuf isa dibe. Daawit waraanarratti goota ta’uusaatiin namoonni yommuu isa jajan, Saa’ol akka diinasaatti isa ilaaluu jalqabe. Sana booda isa ajjeesuuf yeroo baay’ee yaalii godhe. Daawit garuu Yihowaan isaa wajjin waan tureef kanarraa ooluu danda’eera.—1 Saamu’el 18:6-12, 25; 19:10, 11.

5 Daawit waggoota baay’eedhaaf Saa’ol jalaa baqatee jiraachuuf dirqamee ture. Daawit Saa’oliin ajjeesuuf yeroo carraa argatetti, namoonni isaa wajjin turan Yihowaan diinasaa harkasaa jala akka galche itti himuudhaan akka isa ajjeesu Daawitiin jajjabeessanii turan. Daawit garuu Yihowaadhaaf amanamaa waan ta’eef, akkasumas aangoo Saa’ol mootii saba Waaqayyoo ta’ee dibamuusaatiin argate waan kabajuuf kana gochuurraa of qusateera. Dhugumayyuu, Saa’ol Mootii Israa’el akka ta’u kan isa dibe Yihowaa hin turree? Akkasumammoo yeroonsaa ennaa ga’u iddoosaarraa isa buusa. Daawit Saa’oliin mootummaasaarraa ari’uun hojiisaa akka hin taane dubbateera. Daawit jibba Saa’ol qabbaneessuuf waan danda’u hundumaa erga godhee booda akkas jechuudhaan murteesse: “Namni kun Waaqayyo isa dha’ee yoo du’e, yookiis guyyaan isaa ga’ee yoo du’e, yookiis immoo gara adda waraanaa dhaqee achitti yoo barbadeeffame malee, isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka koo ol fudhachuu inni ana haa oolchu!”—1 Saamu’el 24:3-15; 26:7-20.

6. Seenaa Daawitiifi Saa’ol qoruun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

6 Seenaan kun barumsa baay’ee barbaachisaa ta’e qabateera. Gumii Kiristiyaanaa keessatti rakkoowwan akkasii kan uumaman maaliif akka ta’e yaaddee beektaa? Namni tokko waan sirrii hin taane gochuusaatiin ta’uu danda’a. Wanti inni godhe dogoggora guddaa miti ta’a; haata’u malee si jeeqeera. Yeroo kanatti maal gochuu qabda? Jaalala isaaf qabduufi Yihowaadhaaf amanamaa ta’uu keetiin kan ka’e, rakkoo kana sirreessuuf gaarummaadhaan isa haasofsiisuu barbaadda ta’a. Rakkoon kun yoo itti fufe maal goota? Waan dandeessu hunda erga gootee booda, dhimmasaa Yihowaadhaaf dhiista ta’a. Daawitis akkasuma godhe.

7. Dabni yoo nurratti raawwatame ykn yoo jibbamne fakkeenya Daawit hordofuudhaan maal gochuu qabna?

7 Yookiinimmoo dabni sirratti raawwatamuufi amantii keetiin kan ka’e jibbamuu dandeessa ta’a. Yeroo kanatti wanti gochuu dandeessu xinnoo ta’uu danda’a; ykn homaa gochuu hin dandeessu ta’a. Haalawwan akkasii keessa darbuun baay’ee rakkisaa ta’uyyuu, ilaalcha Daawit daba isarratti raawwatameef qaburraa barumsa guddaa arganna. Faarfannaawwan Daawit barreesse, kadhannaa Waaqayyo harka Saa’ol jalaa akka isa oolchu garaadhaa dhiheesse qofa utuu hin ta’in, Yihowaadhaaf amanamaa ta’uunsaafi maqaan Waaqayyoo ulfina argachuunsaa akka isa yaaddessu kan argisiisanidha. (Faarfannaa 18:1-6, 25-27, 30-32, 48-50; 57:1-11) Saa’ol waggoota baay’eedhaaf wanta sirrii hin taane gochuusaa itti fufuyyuu, Daawit Yihowaadhaaf amanamaa ta’eera. Nuyis daba nurratti raawwatamuufi gocha warra kaaniirratti utuu hin xiyyeeffatin, Yihowaafi jaarmiyaasaatiif amanamoo taanee itti haa fufnu. Yihowaan waan nurra ga’aa jiru hundumaa akka ilaalu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Faarfannaa 86:2.

8. Dhugaa Baatonni Yihowaa Moozaambiik keessa turan amanamummaansaanii yeroo qorame maal godhan?

8 Kiristiyaanonni Moozaambiikitti argaman yeroo rakkinaatti Yihowaadhaaf amanamoo ta’uudhaan yeroo ammaatiif fakkeenya gaarii ta’aniiru. Bara 1984⁠tti finciltoonni Dhugaa Baatota Yihowaa saamuudhaan, manasaanii gubuufi isaan ajjeesuudhaan miidhaa isaanirraan ga’aniiru. Kiristiyaanonni dhugaa kun balaa kana ofirraa ittisuu hin danda’an ture. Namoonni ganda sanaa obboloonni kun leenjii fudhachuudhaan finciltootaa wajjin waraanarratti akka hirmaatan ykn karaa biraatiin waraana akka deggeran gochuuf carraaqqii gochaa turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa kun, Kiristiyaanota dhimma siyaasaa keessa hin galleef gochi kun sirrii akka hin taane hubatanii turan. Kana diduunsaanii finciltoota sana ni aarse. Yeroo rakkisaa sanatti Dhugaa Baatonni 30 ta’an kan ajjeefaman ta’uyyuu, sabni Waaqayyoo du’a sodaatanii amanamummaasaanii hin dhiisne. a Akkuma Daawit dabni isaanirratti raawwatamuyyuu dhumarratti injifannoo argataniiru.

Seenaa Akeekkachiisa Nuu Ta’u

9, 10. (a) Fakkeenya Caaffata Qulqullaa’aa keessatti argaman tokko tokkorraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Gochi Anaaniyaasiifi Safiiraa dogoggora kan ture maaliifi?

9 Seenaan namoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokkoo, amala irraa fagaachuu qabnu ilaalchisee akeekkachiisa nuu ta’a. Dhugaadha, Macaafni Qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo dogoggora hojjetaniifi rakkinni isaan mudate dabalatee seenaa namoota baay’ee qabateera. (1 Qorontos 10:11) Seenaawwan akkasii keessaa tokko, seenaa abbaa manaafi haadha manaa Anaaniyaasiifi Safiiraa jedhamanii ennaa ta’u, isaanis jaarraa jalqabaatti miseensota gumii Yerusaalem turan.

10 Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda, obboloota haaraa ergamootaa wajjin yeroo dabarsuuf Yerusaalemitti hafaniif karaa foonii gargaarsa gochuun barbaachisee ture. Miseensonni gumichaa tokko tokko qabeenyasaanii gurguranii obboloota gargaarsi barbaachisu kanaaf buusii godhaniiru. (Hojii Ergamootaa 2:41-45) Anaaniyaasiifi Safiiraan araddaasaanii gurguranii walakkaasaa gara ergamootaa erga fidanii booda, qarshiisaa hundumaa akka kennan dubbatan. Anaaniyaasiifi Safiiraan hamma barbaadan kennuuf mirga qabu turan; haata’u malee, yaannisaanii dogoggora, gochisaaniis gowwoomsaa ture. Xiyyeeffannaa warra kaanii harkisuufi isa kennan caalaa kan kennan fakkeessuu barbaadanii turan. Phexros ergamaan hafuura qulqulluutiin kaka’ee, amanamummaa dhabuufi fakkeessitummaasaanii saaxila baase; Yihowaanis isaan ajjeese.—Hojii Ergamootaa 5:1-10.

11, 12. (a) Amanamummaa ilaalchisee yaadachiisni akkamii kennameera? (b) Amanamoo ta’uudhaan faayidaa akkamii arganna?

11 Namoota biratti fudhatama argachuuf jecha wanta dhugaa ta’e jal’isuuf kan qoramnu yoo ta’e, seenaan Anaaniyaasiifi Safiiraa akeekkachiisa guddaa nuu ta’a. Namoota gowwoomsuu ni dandeenya ta’a, Yihowaa garuu gowwoomsuu hin dandeenyu. (Ibroota 4:13) Namoonni soban lafa jal’inarraa qulqulloofterratti iddoo waan hin qabaanneef, yeroo hundumaa Caaffanni Qulqullaa’aan waliif amanamoo akka taanu nu gorsa. (Fakkeenya 14:2; Mul’ata 21:8; 22:15) Soba hundumaa kan babal’isu Seexana qofa waan ta’eef, amala akkasiirraa fagaachuu qabna.—Yohannis 8:44.

12 Akkaataa jireenyaa keenya dhugaarratti hundeessuun faayidaa baay’ee nuu argamsiisa. Fakkeenyaaf, yaada garaa qulqulluu qabaachuufi namoota biratti amanamoo ta’uu keenyaan gammachuu arganna. Yeroo baay’ee Kiristiyaanonni, amanamoo ta’uusaaniitiin hojii argachuu ykn hojiisaaniirraa utuu hin ari’amin turuu danda’aniiru. Faayidaan hunda caalu garuu, amanamoo ta’uu keenyaan Waaqa Hundaa Ol ta’ee wajjin michoota ta’uu keenyadha.—Faarfannaa 15:1, 2.

Addaggummaarraa Fagaachuudhaan Qulqullummaa Ofii Eeguu

13. Yoseefirra maaltu ga’e? Innoo maal godhe?

13 Yoseef ilmi Yaaqoob umuriinsaa waggaa 17 yeroo turetti garbummaadhaan gurgurame. Booddees mana Phoxiifaar jechuunis hojjetaa mootii Gibxii keessa kan ture yeroo ta’u, achittis haati manaa gooftaasaa isa jaallatte. Yoseef bareedaa waan tureef isaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu barbaaddee, guyyuma guyyaadhaan “anaa wajjin ciisi!” jettee isa rakkisti turte. Yoseef maatiisaarraa fagaatee biyya namuu isa hin beekne keessa jiraata ture. Warri kaan utuu hin beekin ishee wajjin saalqunnamtii gochuu danda’a ture. Haata’u malee, dhumarratti haati manaa Phoxiifaar Yoseefin yommuu qabattu, Yoseef ni baqate.—Uumama 37:2, 18-28; 39:1-12.

14, 15. (a) Seenaan Yoseef xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? (b) Obboleettiin tokko yaadachiisa Yihowaa fudhachuusheetti kan gammadde maaliifi?

14 Yoseef maatii Waaqayyoon sodaatu keessatti waan guddateef abbaa manaafi haadha manaatiin ala saalqunnamtii gochuun dogoggora ta’uusaa beeka ture. “Attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jedhee gaafatee ture. Murtoo kanarra kan ga’e, seera Waaqayyo hiriyaa gaa’elaa tokko qofa qabaachuu ilaalchisee Eeden keessatti baase waan beekuuf ta’uu hin oolu. (Uumama 2:24) Yeroo har’aas sabni Waaqayyoo fakkeenya Yoseef hordofuudhaan faayidaa argachuu danda’u. Naannoowwan tokko tokkotti saalqunnamtii raawwachuun akka homaattiyyuu waan hin ilaalamneef, dargaggoota addaggummaa akkasiirratti hin hirmaannetti hiriyoonnisaanii itti qoosu. Warri gurguddaanis hiriyaa gaa’elaasaaniitiin ala warra kaan wajjin saalqunnamtii raawwachuunsaanii waan baramedha. Kanaafuu, seenaa Yoseefirraa yaadachiisa yeroo ammaatiif barbaachisaa ta’e arganna. Yeroo ammaattis ejjiifi halalummaan Waaqayyo biratti cubbuudha. (Ibroota 13:4) Namoonni saalqunnamtii dhowwaa ta’erratti hirmaachuuf qorumsa isaanirra ga’uun mo’aman baay’een, kanarraa fagaachuun barbaachisaa akka ta’e ni amanu. Balaawwan sababii kanaatiin dhufan keessaa tokko tokko, qaanii, jeequmsa sammuu, hiriyaan gaa’elaa akka hinaafu gochuu, ulfaa’uufi dhukkuboota saalqunnamtiidhaan namatti darbanidha. Yaadachiisni Macaafa Qulqulluu keessatti argamu akkuma jedhu, namni ejja raawwatu “dhagna isaatti cubbuu hojjeta.”—1 Qorontos 5:9-12; 6:18; Fakkeenya 6:23-29, 32.

15 Obboleettiin Jeenii b jedhamtu tokko yaadachiisawwan Waaqayyo isheedhaaf kenneef isa galateeffatteetti. Bakka hojiisheetti namichi ishee wajjin hojjetu tokko akka ishee jaallatu argisiise. Jeeniin deebii kennuufii yommuu diddu jaalallisaa itti jabaate. Jeeniin, “namni saala faallaa ta’e tokko yeroo nama jaallatu waan nama gammachiisuuf, qulqulluu ta’ee jiraachuuf wal’aansoorran jira ture” jechuudhaan dhugaasaa dubbatteetti. Haata’u malee, namichi dubartoota hedduu saalqunnamtii waliin godhu keessaa tokko ishee gochuu akka barbaade hubatte. Qorumsa kana mo’uuf dadhabbii akka qabdu yommuu beektu, amanamummaashee eegdee jiraachuuf gargaarsa Yihowaa kadhatte. Jeeniin, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota kaanitti fayyadamtee qorannaa gochuudhaan barumsi argatte, yaadachiisa eegumsa isheedhaaf ta’u akka argamsiiseef hubatteetti. Yaadachiisawwan kana keessaa tokko seenaa Yoseefiifi haadha manaa Phoxiifaar ture. Akkas jechuudhaan xumurti: “Jaalalan Yihowaadhaaf qaburratti yoon yaade, hammeenyaafi cubbuu guddaa kana isarratti nan raawwadha jedhee sodaachuun na hin barbaachisu.”

Yaadachiisa Waaqayyoo Hojiirra Oolchaa!

16. Seenaa jireenyaa namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii dubbisuufi irratti xiinxaluudhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Yihowaan seenaawwan tokko tokko Macaafa Qulqulluu keessatti akka nuu galmeeffaman kan godhe maaliif akka ta’e hubachuuf carraaqqii gochuudhaan, dinqisiifannaa ulaagaalee Yihowaatiif qabnu guddisuu dandeenya. Ulaagaawwan kun maal nu barsiisu? Amala ykn ilaalcha namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman argisiisan kamfaa hordofuufi kamfaarraa fagaachuu qabna? Sagalee Waaqayyoo keessatti seenaa namoota dhibbaan lakkaa’amanii arganna. Namoonni qajeelfama Waaqayyoo jaallannu hundi, barumsa fakkeenyawwan Yihowaan hanga ammaatti nuu turserraa argamu dabalatee, ogummaa jireenya namaa kennu argachuuf fedhii qabaachuudhaan faayidaa argachuu dandeenya. Barruun kun yeroo baay’ee seenaa namootaa barumsa irraa argannu qabatee ba’a. Seenaawwan kana maaliif hin dubbistu?

17. Yaadachiisa Yihowaan kennu ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama? Maaliif?

17 Jaalala Yihowaan namoota fedhiisaa raawwachuuf carraaqaniif qabu yeroo ilaallu isa galateeffachuuf kakaana! Akkuma namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman gonkummaa hin qabne, nuyis gonkummaa hin qabnu. Ta’uyyuu, seenaa gochasaanii ilaalchisee galmeeffamerraa faayidaa guddaa arganna. Yaadachiisawwan Yihowaa hojiirra oolchuudhaan dogoggora guddaa hojjechuurraa fagaachuufi fakkeenya namoota daandii qajeelummaarra deddeebi’anii hordofuu dandeenya. Yoo kana goone akkuma Faarfatichaa akkas jennee faarfachuu dandeenya: “Warri abboommii isaaf dhugaa ba’u eegan, warri garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaadan . . . haa gammadan. Ani abboommii siif dhugaa ba’u lubbuudhumaaf nan eega, baay’isees isa nan jaalladha.”—Faarfannaa 119:2, 3, 167.

[Miiljaleewwan]

a Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1996, ful. 160-162 ilaali.

b Maqaan asirratti ibsame jijjiirameera.

Maal Jettee Deebista?

• Saa’oliin ilaalchisee obsa Daawit argisiiserraa maal baranna?

• Seenaa Anaaniyaasiifi Safiiraarraa maal baranna?

• Seenaan Yoseef keessumaa yeroo har’aatti faayidaa guddaa qaba kan jennu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]