Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Gaarii Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Argamurratti Xiyyeeffadhaa

Wanta Gaarii Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Argamurratti Xiyyeeffadhaa

Wanta Gaarii Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Argamurratti Xiyyeeffadhaa

“Wanta gaarii isa mana kee . . . keessatti argamuun in quufna.”—FAARFANNAA 65:4.

1, 2. (a) Mana qulqullummaa wajjin haala wal qabateen qophiiwwan godhaman saba Waaqayyootiif faayidaa akkamii argamsiisu turan? (b) Daawit ijaarsa mana qulqullummaatiif gargaarsa akkamii godhe?

 NAMOOTA beekamoo Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti ibsaman keessaa Daawit isa tokko ture. Namni tiksee, weellisaa, raajiifi mootii ture kun guutummaatti Yihowaatti kan amanamu ture. Walitti dhufeenyi gaariin Daawit Yihowaa wajjin qabu mana qulqullummaa akka ijaaru isa kakaaseera. Manni qulqullummaa kunimmoo Israa’el keessatti bakka waaqeffanna dhugaa ta’ee tajaajila. Daawit manni qulqullummichaas ta’e wanti achi keessatti raawwatamu saba Waaqayyootiif eebbaafi gammachuu akka argamsiisu beeka ture. Kanaaf, akkas jechuudhaan waa’ee Yihowaa faarfateera: “Namni ati fo’atte oobdii mana kee keessa akka buufatuufis inni ati ofitti buttu haa gammadu! Wanta gaarii isa mana kee mana qulqullummaa keessatti argamuun in quufna.”—Faarfannaa 65:4.

2 Ta’us, Daawit mana qlqullummaa kana akka ijaarsisu isaaf hin heyyamamne. Kanaa mannaa mirgi adda ta’e kun ilmasaa Solomooniif kenname. Mirgi guddaan inni hawwiidhaan eegaa ture kun nama garabiraadhaaf kennamuusaatti hin guungumne. Wanti hunda caalaatti isa yaaddesse manni qulqullummaa ijaaramuusaa ture. Akkaataa manichi itti ijaaramu ilaalchisee qajeelfama Yihowaan isaaf kenne Solomoonitti kennuudhaan ijaarsa kana garaa guutuudhaan akka deggeru argisiiseera. Kana malees, Lewwoonni kumaatamaan lakkaa’aman tajaajila gara garaa akka raawwataniif isaan gurmeesseera.—1 Seenaa 17:1, 4, 11, 12; 23:3-6; 28:11, 12; 29:1-5.

3. Tajaajiltoonni Waaqayyoo qophii waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabateef ilaalcha akkamii qabu?

3 Israa’eloonni amanamoo ta’anis, qophii waaqeffannaa dhugaa mana Yihowaa keessatti raawwatamu gargaaruuf godhame deggeraniiru. Nutis tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, qophii waaqeffannaa dhugaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarratti argamu keessatti raawwatamu gargaaruuf taasifamu ni deggerra. Karaa kanaanis ilaalcha Daawitii wajjin wal fakkaatu akka qabnu kan argisiisnu yommuu ta’u, mormiis hin qabnu. Kanaa mannaa wantoota gaarii jaarmiyaa Yihowaa keessatti argamanirratti xiyyeeffanna. Wantoota gaarii garaa keenyaa akka galateeffannu nu godhanirratti yaaddee beektaa? Mee isaan keessaa tokko tokko haa ilaallu.

Obboloota Nu Geggeessaniif Galateeffachuu

4, 5. (a) “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” hojiisaa akkamitti raawwachaa jira? (b) Dhugaa Baatonni tokko tokko nyaatawwan hafuuraa isaaniif dhihaatuuf maaltu isaanitti dhaga’ama?

4 ‘Hojjetaa amanamaa’ Yesus qabeenyasaa isa lafarratti argamu akka to’atuuf muude galateeffachuuf sababii ga’aa qabna. Kutaan hojjetaa amanamaa Kiristiyaanota hafuuraan dibamaniin gurmaa’e misiraachicha lallabuudhaan, walga’iiwwan waaqeffannaa qindeessuufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an afaanota 400 ol ta’aniin maxxansiisuudhaan dursa fudhatee hojjeta. Namoonni addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaa’aman nyaata hafuuraa “yeroodhaan . . . isaaniif kennuuf” ni galateeffatu. (Maatewos 24:45-47) Gama kanaan sababii itti guunguman hin qaban.

5 Dhugaa Baatuun Elfii jedhamaniifi umurii dheeraa qaban, gorsawwan hojjetaan amanamaaniifi ogeessi Caaffata Qulqullaa’aarratti hundaa’ee qopheesse waggoota dheeraadhaaf hojiirra oolchuudhaan jajjabinaafi gargaarsa argachaa turaniiru. Elfiin dinqisiifannaa guddaadhaan “Jaarmiyaan Yihowaa utuu hin jiru ta’ee maal taana turre?” jechuudhaan barreessaniiru. Peetafi Armigaartimmoo, abbaa manaafi haadha manaa waggoota dheeraadhaaf Waaqayyoon tajaajilaa turanidha. Armigaart, qophiiwwan “jaarmiyaan Yihowaa inni jaalala qabuufi warra kaaniif yaadu” isaaniif godhe hundumaaf galata dhiheessiteetti. Barreeffamoonni kun barreeffamoota namoota rakkoo adda ta’e qabaniif, jechuunis namoota arguufi dhaga’uu hin dandeenyeef maxxanfaman kan dabalatanidha.

6, 7. (a) Gumiiwwan addunyaa maratti argaman akkamitti geggeeffamu? (b) Namoonni tokko tokko waa’ee jaarmiyaa Yihowaa isa lafarratti argamuu wanta isaanitti dhaga’amu akkamitti ibsan?

6 Qaamni Olaanaan Dhugaa Baatota Yihowaa, ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ bakka bu’uudhaan hojjeta; Qaamni Olaanaan kunis obboloota dhiiraa hafuura qulqulluudhaan dibaman muraasa kan of keessatti qabate yommuu ta’u, waajjira muummee Biruukiliin Niiwu Yoorkitti argamu keessatti tajaajila. Qaamni Olaanaan kun tajaajiltoonni Yihowaa muuxannoo qaban waajjiroota damee keessatti akka tajaajilaniif kan muudu yommuu ta’u, isaanis sochii gumiiwwan 98,000 ol ta’aniifi addunyaa maratti argaman godhan olaantummaadhaan to’atu. Dhiironni ulaagaa Macaafni Qulqulluun gaafatu guutanis, gumii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti jaarsoliifi tajaajiltoota gumii ta’anii muudamu. (1 Ximotewos 3:1-9, 12, 13) Jaarsoliin kunis karra hoolota Waaqayyoo warra eegumsasaanii jalatti argaman kan geggeessan ta’uusaaniirrayyuu, jaalalaan isaan eegu. Karra hoolotaa kana keessaa tokko ta’uudhaan, kutaa “obbolummaa amantootaa” ta’uun eebba guddaa akkamiiti!—1 Phexros 2:17; 5:2, 3.

7 Yeroo baay’ee, namoonni hundi qajeelfama hafuuraa jaarsoliin jaalalarratti hundaa’uudhaan isaaniif kennan yommuu dinqisiifatan malee ennaa guunguman hin dhaga’amu. Mee amma waa’ee obboleettii haadha manaa taateefi Birgiit jedhamtu, akkasumas umuriinshee waggoota 30 keessatti argamu tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Umurii dargaggummaarra yommuu turte, namoota amala gadhee qaban hiriyaa godhachuusheetiin gochawwan gadhee raawwachuutti dhihaattee turte. Haata’u malee, gorsi ifa ta’eefi Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan jaarsoliin kennaniif, akkasumas gargaarsi namoonni hidhata amantaashee ta’an kennaniif haala gadhee ishee mudachuuf turerraa ishee oolcheera. Yeroo ammaa Birgiititti maaltu dhaga’ama? Akkas jetteetti: “Hanga ammaatti jaarmiyaa Yihowaa keessa jiraachuukootiif baay’een galateeffadha.” Obboleessi Andiree’aas jedhamuufi umuriinsaa waggaa 17 ta’emmoo akkas jedheera: “Dhugumayyuu, jaarmiyaa addunyaa maratti argaman hundaa kan caalu jaarmiyaa Yihowaati.” Wantoota gaarii jaarmiyaa Yihowaa isa lafarratti argamu keessatti argamaniif galateeffachuu hin qabnuu?

Obboloonni Nu Geggeessan Gonkummaa Hin Qaban

8, 9. Namoonni bara Daawit turan tokko tokko maal godhaniiru? Haata’u malee Daawit sababii namoota kanaatiin maal hin goone?

8 Namoonni waaqeffannaa dhugaa keessatti nu geggeessuuf muudaman gonkummaa kan hin qabne ta’uunsaanii beekamaadha. Hundisaanii dogoggora kan raawwatan yommuu ta’u, warri tokko tokkommoo, hir’ina utuu walirraa hin kutin mo’uuf yaalii gochuun isaan barbaachisu qabu. Kun abdii nu kutachiisuu qabaa? Matumaa. Israa’el durii keessatti namoonni itti gaafatamummaa guddaan kennameefillee dogoggora guddaa raawwataniiru. Fakkeenyaaf Daawit yommuu dargaggeessa turetti, Saa’ol Mooticha isa dhiphachaa ture gammachiisuuf muuziqaa akka taphatuuf filatamee ture. Yeroo boodammoo Saa’ol Daawitiin ajjeesuu kan barbaade yommuu ta’u, Daawitis lubbuusaa oolchuuf baqateera.—1 Saamu’el 16:14-23; 18:10-12; 19:18; 20:32, 33; 22:1-5.

9 Israa’eloonni kaanis gantoota ta’anii turan. Ajajaa waraanaa Daawit kan ture Yo’aab, fira Saa’ol Abneeriin ajjeeseera. Abiishaalom abbaasaa isa mootii turerratti fincila kaaseera. Akkasumas gorsaa Daawit kan ture Ahiitofel yeroo booda isa ganeera. (2 Saamu’el 3:22-30; 15:1-17, 31; 16:15, 21) Haata’u malee, Daawit kanatti baay’ee kan hin mufanne ta’uusaarrayyuu, waaqeffannaa dhugaarraa hin fagaanne. Kanaa mannaa wanta kanarraa faallaa ta’e raawwate. Rakkoon isarra ga’e, caalaatti Yihowaatti akka dhihaatuufi yeroo Saa’ol jalaa baqatettis ilaalcha sirrii akka qabaatu isa gargaareera. Yeroo sanatti akkas jechuudhaan faarfatee ture: “Araara anatti argisiisi, yaa Waaqayyo! Lubbuun koo kooluu waan sitti galteef, araara anatti argisiisi! Badiisi jabaan hamma darbutti, ani gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu nan gala.”—Faarfannaa 57:1.

10, 11. Obboleettiin Geertiruut jedhamtu yeroo umurii dargaggummaarra turte maaltu ishee mudatee ture? Dogoggora namoonni hidhata amantiishee ta’an raawwatan ilaalchisee maal jette?

10 Yeroo har’aattis gantummaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti raawwatameef mufachuu hin qabnu. Yihowaafi ergamoonnisaa, akkasumas namoonni karaa hafuuraa tiksitoota ta’an gantoota gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman callisanii hin ilaalan. Haata’u malee, hundi keenyayyuu hir’ina mataa keenyaafi hir’ina tajaajiltoota Yihowaa kaanii wajjin qabsoofna.

11 Obboleettiin Geertiruut jedhamtuufi waggoota dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa turte tokko umurii dargaggummaarra yommuu turte, tajaajiltuu yeroo guutuu taatee misiraachoo Mootummichaa kan lallabdu utuu hin ta’in kan namoota gowwoomsitudha jedhamtee sobaan himatamtee turte. Maal gooteree? Haala uumametti ni guungumtee? Matumaa! Bara 2003⁠tti Waggaa 91⁠ffaasheetti utuu hin du’in yeroo muraasa dura jireenya dabarsite yaadachuudhaan akkas jettee barreessiteetti: “Wantoonni kuniifi wantoonni yeroo booda na mudatan garabiraan, namoonni dogoggora yoo raawwatanillee, Yihowaan namoota akka keenya gonkummaa hin qabneen hojiisaa isa guddaa akka raawwatu hubadheera.” Obboleettiin kun hir’ina warra kaaniitiin yommuu rakkinni ishee mudatu, kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaatti turte.

12. (a) Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaatti turan tokko tokko fakkeenya gadhee akkamii kaa’anii darbaniiru? (b) Yaanni keenya maalirratti akka xiyyeeffatu gochuu qabna?

12 Kiristiyaanonni baay’ee amanamoo ta’aniifi jaalala guddaa qabanillee gonkummaa waan hin qabneef, tajaajiltoonni muudaman dogoggora yommuu raawwatan ‘waan hundumaa guungummii malee’ raawwachuu keenya itti haa fufunu. (Filiphisiiyus 2:14) Fakkeenya gadhee namoota jaarraa tokkoffaatti gumii Kiristiyaanaa keessa turan tokko tokkoo kan hordofnu yoo ta’e baay’ee kan nama gaddisiisu ta’a! Akka Yihudaan ibsetti barsiistonni sobaa bara sana turan, “gooftummaa Waaqayyo isaan irraa qabu in dagatu, warra akka ergamootaa waaqa keessatti ulfina qaban in arrabsu.” Hundumaa caalaattimmoo, namoonni gocha gadhee akkasii raawwatan kun “waan hundumaatti in guungumu, waan hundumaas in komatu.” (Yihudaa 8, 16) Daandii namoota guungumaniifi komataniirraa fagaachuudhaan qalbii keenya gara wantoota gaarii karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaatiin’ argannurra haa goonu. Wantoota gaarii jaarmiyaa Yihowaa keessatti argamanirratti xiyyeeffachuudhaan, ‘wanta hundumaa guungummii malee’ haa raawwannu.

“Kunoo Jecha Jabaa Dha”

13. Yesus Kiristos yommuu barumsawwan tokko tokko barsiise namoonni tokko tokko maal godhan?

13 Jaarraa tokkoffaatti, namoota warra muudamanirratti guunguman malees, namoonni wanta Yesus barsiiserratti guunguman jiru turan. Akka Yohannis 6:48-69⁠rratti galmeeffamee argamutti Yesus, “Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba” jedhee ture. “Bartoota isaa keessaa baay’een . . . ‘Kunoo, jecha jabaa dha, eenyutu isa dhaggeeffachuu danda’a?’ jedhan.” Yesus “bartoonni isaa kana irratti guungumuu isaanii beekee” ture. Kana malees, “Yeroo sanaa jalqabanii bartoota isaa keessaa baay’een gara booddee deebi’an; ergasiis isaa wajjin hin adeemne.” Haata’u malee kan guunguman bartoota hunda hin turre. Yesus bartootasaa 12⁠niif, “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?” jechuudhaan gaaffii yommuu dhiheesse wanta ta’e qalbeeffadhu. Pheexros akkas jechuudhaan deebise: “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba’o. Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras.”

14, 15. (a) Namoonni muraasni barumsawwan Kiristiyaanummaa tokko tokkotti kan mufatan maaliifi? (b) Haala Emaanu’eliin mudaterraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

14 Bara keenyattis, saba Waaqayyoo gidduudhaa namoonni muraasni barumsa Kiristiyaanummaa tokko tokkotti waan mufataniif, jaarmiyaa Yihowaa isa lafaarratti guungumaniiru. Maaliif? Yeroo baay’ee guungummiin akkasii kan uumamu karaa itti Yihowaan wantoota raawwatu sirriitti hubachuu dadhabuudhaani. Uumaan sabasaatiif dhugaa kan ibsu sadarkaa sadarkaadhaanidha. Kanaaf, Caaffata Qulqullaa’aa ilaalchisee hubannaan nuti qabnu yeroodhaa gara yerootti bal’achaa adeema. Dhugaa Baatonni Yihowaa baay’een sirreeffamni akkasii godhamuusaatti ni gammadu. Namoonni muraasnimmoo ‘qajeelaa keessa-ba’aa’ waan of godhaniif jijjiirama kana fudhachuun isaanitti ulfaata. (Lallaba 7:16) Kanaaf wanti guungumuuf sababii ta’uu danda’u koora yommuu ta’u, kunis warri tokko tokko kiyyoo yaada ofiitiin geggeeffamuutiin akka qabaman isaan taasiseera. Sababiinsaa maaliyyuu yoo ta’e, amalli guungummii akkasii kun gara biyya lafaafi daandiisaatti waan nu deebisuuf balaa guddaa qaba.

15 Fakkeenyaaf, Emaanu’el Dhugaa Baatuu Yihowaa barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessurraa dogoggora barbaadu ture. (Maatewos 24:45) Barreeffamoota Kiristiyaanotaaf qophaa’an erga dubbisuu dhiisee yeroo muraasa booda, Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’uu akka hin barbaanne jaarsolii gumiisaatti hime. Haata’u malee, Emaanu’el barumsawwan jaarmiyaa Yihowaatiin qophaa’an sirrii ta’uusaanii utuu baay’ee hin turin hubate. Kanaafuu, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin erga wal argee booda dogoggorasaa amanuudhaan deebi’ee Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’e. Kanaan kan ka’es gammachuu dura qabu deebisee argate.

16. Shakkii barumsawwan Kiristiyaanummaa tokko tokkorratti qabnu mo’uuf maaltu nu gargaara?

16 Barumsawwan jaarmiyaan Yihowaa barsiisu tokko tokko shakkuudhaan akka guungumnu yoo qoramne maal gochuu qabna? Ariifachuu hin qabnu. “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” yeroo booda barreeffama gaaffii keenyaaf deebii kennu qopheessuudhaan shakkiirraa akka fagaannu nu gargaaruu danda’a. Gargaarsa jaarsolii barbaaduunis gaariidha. (Yihudaa 22, 23) Kana malees, kadhannaa dhiheessuun, qayyabannaa dhuunfaa gochuuniifi namoota ilaalcha hafuuraa qabanii wajjin hariiroo qabaachuun keenya shakkii qabnu mo’uuf nu gargaara; akkasumas, barmusawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aniifi amantaa keenya jabeessaniif dinqisiifannaa qabnu nuu jabeessa.

Gaariitti Yaaduu

17, 18. Guungumuu mannaa ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?

17 Ilamaan namootaa gonkummaa hin qabne cubbuu dhaaluunsaanii beekamaadha; kanaafuu, namoonni tokko tokko amala guungummii qabaachuu danda’u. (Uumama 8:21; Roomaa 5:12) Amala guungumuu yoo qabaanne garuu hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu danda’a. Kanaafuu, amala guungumuu kamiyyuu to’achuu qabna.

18 Wantoota gumii keessatti argamanirratti guungumuu mannaa, gara gaariitti yaaduun keenya, hojiidhaan akka qabamnu, gammachuu akka argannu, warra kaan akka kabajnu, ilaalcha sirriifi cimina akka qabaannu nu gargaara. (1 Qorontos 15:58; Tiitoos 2:1-5) Yihowaan wanta jaarmiyaasaa keessatti raawwatamu hundaa kan to’atu yommuu ta’u, Yesusis akkuma jaarraa jalqabaa wantoota gumii keessatti raawwataman hundaa sirriitti hubata. (Mul’ata 1:10, 11) Kanaaf, Yihowaafi Kiristos isa mataa gumii ta’e obsaan haa eegnu. Wantoota sirreeffamuu qaban sirreessuuf obboloota itti gaafatamummaa qabaniin gargaaramu ta’a.—Faarfannaa 43:5; Qolosaayis 1:18; Tiitoos 1:5.

19. Hamma Mootummaan Waaqayyoo dhimmawwan ilamaan namootaa guutummaatti to’atutti maalirratti xiyyeeffachuu qabna?

19 Mootummaan Masiihichaa yeroo dhihootti dhimmawwan ilamaan namootaa guutummaatti yommuu to’atu sirni hamaan kun ni balleeffama. Hamma yeroon sun ga’utti hundi keenya ilaalcha sirrii qabaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha! Akkas gochuun keenya, dogoggora namoonni hidhata amantii keenyaa ta’an hojjetanirratti utuu hin ta’in, hojiisaanii isa gaariirratti akka xiyyeeffannu nu gargaara. Akkas gochuun keenyammoo gammachuu nuuf argamsiisa. Kanaafuu, guungumuudhaan of miidhuu mannaa karaa hafuuraa jabaachuu wayya.

20. Wantoota gara gaariitti yaaduun eebbawwan akkamii nuuf argamsiisa?

20 Wantoota gara gaariitti yaaduun, eebbawwan hedduu kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarratti argamuu ta’uu keenyaan arganne akka hin irraanfanne nu gargaara. Lafa kanarratti Yihowaadhaaf amanamaa kan ta’e jaarmiyaa kana qofadha. Dhugaa kana, akkasumas waaqeffannaa Yihowaa isa qofaasaa Waaqa dhugaa ta’eef dhihaaturratti hirmaachuuf mirga argachuukeetti maaltu sitti dhaga’ama? Ilaalchikee faarfannaa Daawit akkas jechuudhaan faarfatee wajjin kan wal fakkaatu haa ta’u: “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa. Namni ati fo’atte oobdii mana kee keessa akka buufatuufis inni ati ofitti buttu haa gammadu! Wanta gaarii isa mana kee . . . keessatti argamuun in quufna.”—Faarfannaa 65:2, 4.

Ni Yaadattaa?

• Namoota gumii keessatti nu geggeessaniif galateeffachuu kan qabnu maaliifi?

• Obboloonni itti gaafatamummaa qaban yommuu dogoggora raawwatan ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

• Barumsawwan Macaafa Qulqulluu ilaalchisee yeroo sirreeffamni godhamu ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

• Kiristiyaanni tokko shakkiirraa akka fagaatu maaltu isa gargaara?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]