Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Sodaachuudhaan Gammachuu Argadhaa!

Yihowaa Sodaachuudhaan Gammachuu Argadhaa!

Yihowaa Sodaachuudhaan Gammachuu Argadhaa!

“Namni Waaqayyoon sodaatu, .  .  . haa gammadu!”—FAARFANNAA 112:1.

1, 2. Waaqayyoon sodaachuun maal argamsiisuu danda’a?

 GAMMACHUUN salphaatti hin argamu. Gammachuun dhugaa filannaa sirrii gochuudhaan, wanta sirrii ta’e hojjechuufi wanta dogoggora ta’erraa fagaachuudhaan argama. Uumaan keenya Yihowaan jireenya gaarii akkamitti jiraachuu akka dandeenyu nu barsiisuuf Macaafa Qulqulluu nuu kenneera. Qajeelfama Yihowaa barbaaduufi hordofuudhaan, dhugumaan Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuu kan dandeenyu yommuu ta’u, kunis gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa.—Faarfannaa 23:1; Fakkeenya 14:26.

2 Mataduree kana keessatti, fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamaniifi yeroo ammaatti argaman ilaalla; fakkeenyonni kun Waaqayyoon sodaachuun dhiibbaawwan gocha gadhee akka raawwannu nu godhan mo’uuf, akkasumas wanta sirrii gochuuf akkamitti akka nu gargaaru kan argisiisanidha. Waaqayyoon sodaachuun akkuma Daawit, karaa dogoggora ta’erraa akka deebinuufi gammachuu akka argannu kan nu gargaaru ta’uusaa ilaalla. Akkasumas, Waaqayyoon sodaachuun dhaala bakki guddaan kennamuufii qabuufi warri ijoolleesaaniitiif dabarsuu danda’an ta’uusaa ilaalla. Macaafni Qulqulluun: “Namni Waaqayyoon sodaatu, .  .  . haa gammadu!” jedha.—Faarfannaa 112:1.

Gammachuusaanii Deebisanii Argataniiru

3. Daawit dogoggorasaarraa akka deebi’u maaltu isa gargaare?

3 Akkuma mataduree darberratti ilaalle, Daawit yeroo sadanuu Waaqayyoof sodaa sirrii ta’e utuu hin qabaatin hafuusaatiin cubbuu hojjeteera. Haata’u malee, adaba Yihowaan isaa kenne fudhachuudhaan nama Waaqayyoon sodaatu ta’uusaa argisiiseera. Sodaa sirriin inni Waaqayyoof qabu, balleessaasaa akka amanu, jireenyasaa akka sirreessuufi hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabu deebisee akka argatu isa gargaareera. Dogoggorri inni raawwate isarrattis ta’e namoota kaanirratti rakkina fidus, gochasaatti garaasaatii gaabbuunsaa gargaarsaafi eebba Yihowaa isaaf argamsiiseera. Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argamanis cubbuu cimaa yommuu hojjetan fakkeenya Daawitirraa barumsa guddaa argatu.

4. Namni tokko Waaqayyoon sodaachuunsaa gammachuu dhabe deebisee akka argatu kan isa gargaaru akkamitti?

4 Mee fakkeenya Zooniyaa ilaali. a Tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaa kan turte ta’uyyuu, hiriyoota gadhee wajjin hariiroo uumuusheefi gocha Kiristiyaanummaa ala ta’e raawwachuusheetiin gumii keessaa baafamte. Yeroo gara qalbiisheetti deebitu, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu deebisuuf jecha wanta gochuu qabdu hundaa goote. Boodas gara gumiitti deebite. Yeroo kun ta’u hundatti, Zooniyaan fedhiin Yihowaa tajaajiluuf qabdu hin banne. Achiis qajeelchituu taate. Booddees jaarsa gumii tokkotti kan heerumte si’a ta’u, yeroo ammaatti gammachuudhaan gumii keessatti waliin tajaajilaa jiru. Zooniyaan yeroo muraasaaf daandii Kiristiyaanummaarraa maquusheetti kan gaabbitu ta’us, Waaqayyoon kan sodaattu ta’uunshee garasaatti akka deebitu waan ishee godheef gammachuu guddaatu itti dhaga’ama.

Cubbuu Hojjechuurra Rakkachuu Wayya

5, 6. Daawit yeroo lama lubbuu Saa’ol du’arraa kan oolche akkamittiifi maaliif akka ta’e ibsi.

5 Jalqabumayyuu, namni tokko Waaqayyoon sodaachuunsaa cubbuurraa akka fagaatu yoo isa godhe gaariidha. Kunimmoo wanta Daawitirra ga’een mirkanaa’eera. Yeroo tokko Saa’ol, holqa Daawitiifi namoonnisaa 300n dhokatan keessa seene. Namoonni Daawitis akka inni Saa’oliin ajjeesu isa gorsanii turan. Yihowaan nama diinasaa ta’e kana harkasaatti dabarsee kennuusaa mitii? Daawit suuta jedhee bira ga’uudhaan fiixee uffatasaa kute. Daawit nama Waaqayyoon sodaatu waan ta’eef, wanti miidhaa hin geessisne kunillee, hamma tokko sammuusaa jeeqeera. Namootasaa akkas jechuudhaan ittise: “Waaqayyo waan akkasii gooftaa koo isa Waaqayyo dibe irratti hojjechuu anattii haa fageessu!” b1 Saamu’el 24:1-7.

6 Yeroo boodammoo, Saa’oliifi namootasaa hundaatti “Waaqayyo hirriba ulfaataa” waan buuseef rafanii turan. Daawitiifi ilmi obboleettiisaa Abiishaayi inni ija jabeessi dhokatanii buufata walakkaa lixuudhaan bakka Saa’ol ciisu ga’an. Yeroo kanattis Abiishaayi, Saa’oliin ajjeesuu barbaadee ture. Daawit garuu: “Namni isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka isaa ol fudhatu yakkaa ta’ee waan gaafatamuuf ati lafatti isa hin dabalin!” jedhee isa dhowwe.—1 Saamu’el 26:9, 12.

7. Wanti Daawitiin cubbuu raawwachuurraa isa ittise maalidha?

7 Yeroo lama Daawit carraa Saa’oliin ajjeesuuf isa dandeessisu argatus utuu isa hin ajjeesin kan hafe maaliifi? Saa’ol caalaa Yihowaa waan sodaatuufidha. Daawit Waaqayyoof sodaa sirrii ta’e waan qabuuf cubbuu hojjechuurra, barbaachisaa taanaan rakkachuufillee of qopheessee ture. (Ibroota 11:25) Yihowaan isaafis ta’e namoota isaa wajjin jiraniif kunuunsa akka godhu guutummaatti amanee ture. Daawit, Waaqayyoof abboomamuunis ta’e isatti amanamuun gammachuufi eebba akka argamsiisu, kana dagachuunimmoo eebbasaa akka nama dhabsiisu beeka ture. (Faarfannaa 65:4) Waaqayyo kakuu Daawitiin mootii gochuuf gale akka raawwatu, akkasumas yeroo ofiisaatiif murteessettiifi karaa barbaadeen Saa’olirratti akka tarkaanfii fudhatu hubatee ture.—1 Saamu’el 26:10.

Waaqayyoon Sodaachuun Gammachuu Argamsiisa

8. Amalli Daawit yeroo rakkina keessa ture argisiise fakkeenya kan nuuf ta’u akkamitti?

8 Kiristiyaanota hamma taanetti, ga’isni, ari’atamniifi rakkoowwan garabiraanis akka nurra ga’an eeguu dandeenya. (Maatewos 24:9; 2 Phexros 3:3) Al tokko tokko hariiroo namoota hidhata amantii keenya ta’anii wajjin qabnuun rakkoon nu mudachuu danda’a. Haata’u malee, Yihowaan wanta hundaa akka argu, kadhannaa keenya akka dhaga’uufi rakkoo nurra ga’eef karaa fedhasaa wajjin wal simuun furmaata akka nuu kennu beekna. (Roomaa 12:17-21; Ibroota 4:16) Kanaafuu, namoota nu morman sodaachuu mannaa Waaqayyoon sodaachuudhaan akka nu oolchuuf garasaa ilaaluu qabna. Nutis akkuma Daawit, ofii keenyaa haaloo ba’uus ta’e rakkoo nurra ga’u sodaannee ejjennoo keenya laaffisuu hin barbaannu. Akkas gochuun keenyammoo, yeroo booda gammachuu nuuf argamsiisa. Akkamitti?

9. Ari’atamni jiraatuyyuu Waaqayyoon sodaachuun gammachuu kan argamsiisu ta’uusaa fakkeenya argisiisu dubbadhu.

9 Misiyooniin Afriikaa keessatti waggoota hedduudhaaf tajaajile tokko akkas jedheera: “Haadhaafi intalashee waggoota kurnan keessatti argamtuufi kaardii paartii siyaasaa bitachuu didan hin irraanfadhu. Namoonni baay’een erga isaan reebanii booda gara manasaaniitti akka galan itti himan. Yeroo gara manaatti adeemanittis, intalashee ishee sababii wanti kun itti irra ga’e hubachuu dadhabde jajjabeessuuf yaalii gooti turte. Rakkoon kun yeroo sanatti isaan gammachiisuu baatus, sammuunsaanii qulqulluu ture. Booddee garuu Waaqayyoof abboomamuusaaniitti baay’ee gammadaniiru. Kaardii paartii siyaasaa sana utuu bitataniiru ta’ee, namoonni sun baay’ee gammadu turan. Akkasumas dhugaatii lallaafaa isaaniif kennuu qofa utuu hin ta’in, hanga manasaanii ga’anitti sirbaa isaan gaggeessu turan. Haatiifi intallimmoo, utuu amanamummaasaanii hir’isaniiru ta’ee baay’ee gaddu turan.” Sodaan Waaqayyoof qaban rakkoo kana isaan oolcheera.

10, 11. Dubartiin tokko Waaqayyoon sodaachuusheetiin bu’aa gaarii akkamiitu argame?

10 Qorumsawwan lubbuudhaaf ulfina kennuu wajjin wal qabatan yeroo nu mudatanittis, Waaqayyoon sodaachuun gammachuu keenya eegnee akka jiraannu nu gargaara. Meeriin mucaashee isa sadaffaa ulfa yeroo turtetti, ogeessi fayyaa haala fayyaashee to’atu ulficha akka baasistu akkas jechuudhaan itti hime: “Haala gadheerra jirta. Fayyaankee dhibee waan qabuuf sa’aatii 24 keessatti du’uu dandeessa. Mucichis ni du’a. Karaa kaminiyyuu mucichi fayyaa ta’uu danda’a jennee abdii kennuu hin dandeenyu.” Yeroo sanatti Meeriin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan jirtu ta’uyyuu hin cuuphamne turte. Meeriin akkas jetti; “Haallisaa maaliyyuu yoo ta’e Yihowaa tajaajiluufi isaaf abboomamuuf murteesseen ture.”—Ba’uu 21:22, 23.

11 Meeriin yeroo ulfa turtetti, qayyabachuushees ta’e maatiishee kunuunsuu itti fufteetti. Dhumarratti mucaan ni dhalate. “Haallisaa yeroon ijoollee lamaan godhadherra rakkisaa kan ture ta’uyyuu, hamma kanatti kan nama dhiphisu hin turre” jetteetti. Waaqayyoon sodaachuunshee yaada garaa qulqulluu akka qabaattuufi yeroo muraasa boodas akka cuuphamtu ishee gargaareera. Mucaanshees erga guddatee booda, Yihowaa sodaachuu kan barate si’a ta’u, yeroo ammaatti waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tajaajilaa jira.

‘Maqaa Waaqayyoo Gooftaatiin Jajjabaadhaa’

12. Daawit Waaqayyoon sodaachuunsaa kan isa jajjabeesse akkamitti?

12 Daawit Yihowaa sodaachuunsaa gocha hamaarraa akka fagaatu isa gochuu caalaas waan godhe qaba. Haalawwan rakkisaa ta’an keessatti hubannaafi ogummaadhaan akka deddeebi’u isa jajjabeesseera. Daawitiifi namoonnisaa Saa’ol jalaa baqatanii waggaafi ji’a afuriif Siiqlaag biyya Filisxeemotaatti kooluu galanii turan. (1 Saamu’el 27:5-7) Daawitiifi namoonnisaa utuu bakkee jiranii, Amaaleqoonni dhufanii magaalattii gubuudhaan haadhotii manaasaanii, ijoolleesaaniifi horiisaanii fudhatanii sokkan. Daawitiifi namoonnisaa gara magaalattiitti deebi’anii wanta raawwatame yommuu argan ni boo’an. Gaddi namoota Daawit battaluma sanatti waan aariitti jijjiirameef dhagaadhaan isa rukutuu barbaadan. Daawit haalli kun isa dhiphisuyyuu abdii hin kutanne. (Fakkeenya 24:10) Waaqayyoon kan sodaatu ta’uunsaa Yihowaatti akka deebi’uufi ‘maqaa Waaqayyo gooftaatiin akka jajjabaatu’ isa gargaareera. Daawitiifi namoonnisaas gargaarsa Waaqayyootiin, Amaaleqoota qaqqabanii wanta hundumaa deebifataniiru.—1 Saamu’el 30:1-20.

13, 14. Kiristiyaanni tokko Waaqayyoon sodaachuunshee murtoo sirrii akka gootu kan ishee gargaare akkamitti?

13 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaatti jiraatanis, qorumsawwan Yihowaatti amanamuufi ejjennoo sirrii ta’e fudhachuu gaafatantu isaan mudata. Mee fakkeenya Kiristiinaa haa ilaallu. Yeroo shamarree turtetti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turte. Haata’u malee qophii muuziqaarratti piyaanoo taphachuu kan barbaaddu yommuu ta’u, fooyya’iinsa galmashee kanarra ga’uuf ishee gargaarus gootee turte. Kana malees, lallabuun waan ishee qaanessuuf itti gaafatamummaa cuuphaan isheetti fidu fudhachuu sodaatte. Caalaatti Macaafa Qulqulluu qayyabachaa yeroo adeemtu garuu humna inni qabu hubachuu jalqabde. Yihowaa sodaachuu waan baratteef, Waaqayyo tajaajiltoonnisaa garaa, jireenya, yaadaafi humna guutuudhaan akka isa tajaajilan kan barbaadu ta’uusaa hubatte. (Maarqos 12:30) Kunimmoo Yihowaadhaaf of murteessuudhaan akka cuuphamtuuf ishee kakaaseera.

14 Kiristiinaan karaa hafuuraa guddina argisiisuuf gargaarsa Yihowaa kadhatteetti. Akkas jette: “Hojiinkoo yeroo baay’ee biyyaa biyya adeemuu kan gaafatuufi waggaatti qophii sirbaa 400 ol qopheessuuf walii galtee gochuu kan dabalatu ta’uusaa beeka. Kanaaf barsiistuu ta’ee of gargaaraa tajaajiltuu yeroo guutuu ta’uuf murteesseen ture.” Kiristiinaan yeroo murtii kanarra geessutti galma muuziqaa biyyashee baay’ee beekamaa ta’e keessatti muuziqaashee dhiheessuuf qophiirra turte. “Qophiin kun anaaf isa jalqabaafi isa dhumaa ture” jechuudhaan dubbattetti. Ergasii jaarsa gumii tokkotti heerumteetti. Yeroo ammaatti lamaanuu waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa tokko keessaa tajaajilaa jiru. Yihowaan murtoo sirrii akka gootuuf humna isheedhaaf kennuunsaa, akkasumas yeroofi humnasheetiin tajaajilasaarratti hirmaachuu danda’uunshee gammachuu isheedhaaf argamsiiseera.

Dhaala Bakka Guddaan Kennamuufii Qabu

15. Wanti Daawit ijoolleesaa dhaalchisuu barbaade maalidha? Kana kan godhe akkamitti?

15 Daawit akkas jechuudhaan barreesseera: “Kottaa, yaa ijoollee na dhaggeeffadhaa, ani immoo Waaqayyoon sodaachuu isin nan barsiisa.” (Faarfannaa 34:11) Daawit abbaa waan ta’eef, ijoolleesaatiif dhaala guddaa kennuu, jechuunis dhugaa, ilaalcha sirriifi daandii sirrii ta’een Yihowaa sodaachuu isaan barsiisuu barbaadee ture. Daawit jechaanis ta’e gochaan, Yihowaan namoota kan hacuucuufi kan sossodaachisu, akkasumas namoota seerasaarraa hiiqan adabuu kan barbaadu utuu hin ta’in, Abbaa jaalala qabu, ilmaansaa lafarratti argaman kan kunuunsuufi cubbuusaanii kan isaaniif dhiisu ta’uusaa ibseera. Daawit, “Wanta utuu hin beekin irraa kaate eenyutu hubachuu danda’a ree?” jedhee gaafateera. Yihowaan balleessaa keenya hundaa akka hin hordofne amantaa qabu yeroo ibsu: “Balleessaa koo isa na duraa dhokate kana anatti hin ilaalin!” jedheera. Daawit garaasaatii carraaqqii kan godhu yoo ta’e dubbiinsaafi yaannisaa Yihowaa duratti akka fudhatamu sirriitti beeka ture.—Faarfannaa 19:12, 14.

16, 17. Warri ijoolleensaanii Yihowaa akka sodaatan barsiisuu kan danda’an akkamitti?

16 Daawit warra yeroo har’aatti argamaniif fakkeenya gaarii ta’a. Raalf inni obboleessasaa isa quxisuu wajjin waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tajaajilaa jiru akkas jechuudhaan dubbateera: “Warri keenya karaa dhugaatti akka gammannu nu godhuun nu guddisan. Yeroo ijoollee xixinnoo turretti gumii ilaalchisee maree godhanirratti akka yaada kenninu gochuunsaanii, nuyis akkumasaanii dhugaatti akka gammannu nu godheera. Tajaajila Yihowaarratti wanta gaarii ta’e gochuu akka dandeenyutti nu guddisan. Maatiin keenya waggoota hedduudhaaf biyya babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan keessa kan jiraate yommuu ta’u, gumiiwwan haaraan akka hundeeffaman gargaareera.

17 “Karaa sirriirra deemuu keenya akka itti fufnu kan nu gargaare seerri asiif achi jechuu nama dhowwu waan baay’ateef utuu hin ta’in, Yihowaan warra keenyaaf Waaqa jiraataafi gaarii ta’uusaati. Warri keenya Yihowaa caalaatti beekuufi isa gammachiisuu waan barbaadaniif, nutis karaa sirrii ta’een Waaqayyoon sodaachuufi isa jaallachuu baranneerra. Yeroo balleessaa hojjennuttillee akka Yihowaan nu hin jaallanne akka nutti dhaga’amu godhanii hin beekan; aariidhaanis wantoota tokko tokkorratti daangaa nutti hin godhan turan. Yeroo baay’ee, nu teessisanii haala tasgabbii qabuun kan nu haasofsiisan yommuu ta’u, al tokko tokkommoo haati keenya boo’ichaan garaa keenya tuquuf yaalti turte. Kunimmoo bu’a qabeessa ture. Dubbiifi gocha warra keenyaarraa, Yihowaa sodaachuun wanta gaarii tajaajiltootasaatiif gammachuu argamsiisu malee, ba’aa akka hin taane baranneerra.”—1 Yohannis 5:3.

18. Waaqayyoon sodaachuu keenyaan maal arganna?

18 “Dubbiin Daawit gara dhumaatti dubbate kanatti fufee jira. ‘Namni qajeeltootti namoota bulchu, inni sodaa Waaqayyootiin in bulcha. Inni akka ifa ganamaa ti, akka biiftuu yeroo duumessi hin jirre haleelee ifuu ti, akka ifa aduu isa erga bokkaan roobee caamee lafa keessaa marga biqilchuu tis’” jedhe. (2 Saamu’el 23:1, 3, 4) Solomoon, ilmi Daawit inni teessoosaa dhaale, jechoota kana sirriitti waan hubateef, Yihowaan “hamaa fi gaarii gargar baasee akka beekuuf” “garaa ajajamaa” akka isaaf kennu kadhatee ture. (1 Mootota 3:9, NW) Solomoon, Yihowaa sodaachuun ogummaafi gammachuu akka argamsiisu hubatee ture. Dhumarrattis akkas jechuudhaan macaafa Lallabaarratti dubbateera: “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama; xumurri dubbii dhageenye kana hundumaas isa kana. Waaqayyo hojii hundumaa, gaarii ta’us hamaa ta’us wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaaf firdii in kenna.” (Lallaba 12:13, 14) Gorsa kana hojiirra kan oolchinu yoo ta’e, “gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun” ogummaafi gammachuu qofa utuu hin ta’in “qabeenya, ulfinaa fi jireenya” akka nuuf argamsiisu hubanna.—Fakkeenya 22:4.

19. “Waaqayyoon sodaachuu” jechuun maal jechuu akka ta’e hubachuuf maaltu nu gargaara?

19 Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluufi muuxannoowwan yeroo keenyatti argamanirraa, karaa sirrii ta’een Waaqayyoon sodaachuun jireenya tajaajiltoota Yihowaa keessatti ga’ee guddaa akka qabu hubanneerra. Sodaan akkasii kun wanta hamaa Abbaa keenya isa samii gaddisiisurraa akka fagaannu kan nu eegu qofa utuu hin ta’in, diinoota keenya dura ija jabinaan akka dhaabannu, akkasumas humna ittiin qorumsa moonu nuu kenna. Kanaaf, ijoollees taane maanguddoota, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, wanta baranne xiinxaluu, kadhannaa garaadhaa madde gochuudhaan Yihowaatti haa dhihaannu. Akkas gochuudhaan ‘beekumsa Waaqayyoo’ argachuu qofa utuu hin ta’in “Waaqayyoon sodaachuu” jechuun maal jechuu akka ta’e ni hubanna.—Fakkeenya 2:1-5, 1899.

[Miiljaleewwan]

a Maqaan kun geddarameera.

b Haalli kun sababiiwwan Daawit Faarfannaa 57fi 142 akka qindeessu isa taasisan keessaa isa tokko ta’uu hin oolu.

Ibsuu Dandeessaa?

Waaqayyoon sodaachuun

• namni cubbuu cimaa hojjete akka deebi’u kan gargaaru akkamitti?

• yeroo qorumsiifi ari’atamni nurra ga’u gammachuu kan nuuf argamsiisu akkamitti?

• jaalala Waaqayyoo raawwachuuf jabina kan nuuf kennu akkamitti?

• ijoollee keenyaaf dhaala guddaa kan ta’e akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]