Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Namoota Rakkatan Ni Gargaara

Yihowaan Namoota Rakkatan Ni Gargaara

Yihowaan Namoota Rakkatan Ni Gargaara

“Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay’ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.” —FAARFANNAA 34:19.

1, 2. Obboleettii tokkorra rakkoo akkamiitu ga’ee ture? Rakkoon akkasii nurras ga’uu kan danda’u maaliifi?

 SHAMARREEN Keeyikoo a jedhamtu tokko waggoota 20 oliif Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee turteetti. Hojii Mootummichaa babal’isuuf tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaa kan turte yommuu ta’u, mirga addaa argatte kanaafis iddoo guddaa kenniti turte. Haata’u malee, utuu baay’ee hin turin abdii kutachuufi kophummaadhaan mo’amte. “Boo’icha malee hojii hin qabun ture” jetteetti. Ilaalcha sirrii hin taanerraa fagaachuuf akka ishee gargaarutti qayyabannaa dhuunfaa gochuuf sa’aatii isa duraarra caalu ramadde. “Ergan kana godhee boodas ilaalchakoo sirreessuu hin dandeenye; dhiphinnikoo natti cimuusaatiin du’a hawween ture” jechuudhaan dubbatteetti.

2 Atoo abdii kutachuun kanaa wajjin wal fakkaatu si mudatee beekaa? Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’uu keetiin sababii itti gammaddu baay’ee kan qabdu yommuu ta’u, nama waaqayyoo ta’uunis “jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdii” kan qabudha. (1 Ximotewos 4:8) Ammayyuu karaa hafuuraa jannata keessa jiraatta! Kana jechuun garuu rakkoo kamirraayyuu eegumsa argatta jechuudhaa? Matumaa! Macaafni Qulqulluun: “Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay’ata” jedha. (Faarfannaa 34:19) “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala” jechuunis harka Seexanaa jala waan jiruuf kun nu hin dinqisiisu. (1 Yohannis 5:19) Biyyi lafaa to’annaa Seexanaa jala waan jiruuf miidhaa nurraan ga’uunsaa hin oolu.—Efesoon 6:12.

Miidhaa Rakkinni Geessisu

3. Namoota seenaansaanii Macaafa Qulqulluu keessatti argamuufi rakkoowwan gurguddaan irra ga’e caqasi.

3 Rakkoon nurra ga’e yeroo dheeraadhaaf kan turu yoo ta’e ilaalcha sirrii akka hin qabaanne nu gochuu danda’a. (Fakkeenya 15:15) Mee waa’ee Iyoob isa nama qajeelaa turee yaadi. Yeroo rakkoon irra ga’aa ture: “Nama ta’ee lafa irratti kan dhalate, barri isaa gabaabaa dha, rakkinni isaa immoo baay’ee dha” jedheera. (Iyoob 14:1) Iyoob gammachuusaa dhabee ture. Yeroo gara biraammoo Yihowaan akka isa dhiise isatti dhaga’amee ture. (Iyoob 29:1-5) Haata’u malee, tajaajiltoota Yihowaa keessaa gaddi guddaan akkasii kan ga’e Iyoobirra qofa miti. Macaafni Qulqulluun, Haannaan mucaa utuu hin godhatin waan turteef, “garaa isheetti guddaa gadditee, mararamtee” akka turte dubbata. (1 Saamu’el 1:9-11) Ribqaanis haala maatiishee keessatti uumamee turetti baay’ee waan gadditeef: “Ani jireenya koo nan jibbe” jettee turte. (Uumama 27:46) Daawitis cubbuu hojjete yaadachuudhaan: “Guyyaa guutuus boo’aa nan naanna’a” jedheera. (Faarfannaa 38:6) Fakkeenyawwan muraasa kanarraa arguu akka dandeenyutti, Kiristiyaanummaan utuu hin hundeeffamin dura namoonni Waaqayyoo dhiphina cimaa wajjin qabsaa’aa turaniiru.

4. Yeroo har’aatti Kiristiyaanota gidduutti namoota ‘garaansaanii dadhabe’ arguun keenya nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

4 Waa’ee Kiristiyaanotaahoo maal jechuutu danda’ama? Phaawulos Kiristiyaanonni Tasaloniiqee namoota ‘garaansaanii dadhabe akka jajjabeessan’ gorsee ture. (1 Tasaloniiqee 5:14, 1899) Barruun tokko jechi afaan Giriikii “namoota garaansaanii dadhabe” jedhu “namoota yeroo muraasaafillee bu’aa ba’ii jireenyaatiin dhiphatan” kan argisiisu akka ta’e ibseera. Ibsa Phaawulosirraa hubachuun akka danda’amutti, Kiristiyaanonni dibamoon gumii Tasaloniiqeetti argaman gaddanii turan. Har’as Kiristiyaanonni dhiphatan jiru. Maaliif? Mee sababiiwwan beekamoo ta’an sadii haa ilaallu.

Gonkummaa Dhabuun Keenya Nu Dhiphisuu Danda’a

5, 6. Roomaa 7:22-25⁠rraa yaada nama jajjabeessu akkamii argachuu dandeenya?

5 Kiristiyaanonni dhugaa, namoota ‘jireenya gad dhiisiitti of kennanirraa’ haala adda ta’een cubbamoota ta’uusaaniitti ni gaddu. (Efesoon 4:19) Kiristiyaanota kanattis, akka Phaawulos isa yaada armaan gaditti argamu barreessee itti dhaga’ama: “Ani keessa namummaa kootiitiin seera Waaqayyootti nan gammada. Seerri kan biraa immoo bu’aa dhagna kootii keessaa, seera isa yaadni garaa kootii fudhatee wajjin utuu wal loluu nan arga; lola kanaanis seera cubbuu, isa bu’aa dhagna kootii keessatti hojjechaa jiru jalatti na boojisiisa.” Itti fufuudhaanis Phaawulos: “Ana nama gadadamaa!” jechuudhaan ajaa’ibsiifatee dubbateera.—Roomaa 7:22-24.

6 Akka Phaawulos sitti dhaga’amee beekaa? Nama gonkummaa hin qabne akka taate hubachuunkee dogoggora hin qabu; sababiinsaas cubbuun hammam akka ulfaataa ta’e akka hubattu si gargaaruusaarrayyuu, murtoo wanta gadhee ta’erraa fagaachuuf goote caalaatti siif jabeessa. Haata’u malee, yeroo hundaa hir’ina qabdutti dhiphachuu hin qabdu. Phaawulos wanta isa dhiphisu erga dubbatee booda: “Karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos Waaqayyoof galanni haa ta’u!” jechuudhaan dabalee dubbateera. (Roomaa 7:25) Dhiigni Yesus inni dhangala’e cubbuu inni dhaalerraa akka walaba isa baasu amana ture.—Roomaa 5:18.

7. Namni tokko cubbuu dhaaleen akka hin dhiphanne maaltu isa gargaaruu danda’a?

7 Cubbamaa ta’uukeetti kan gadditu yoo ta’e, jecha Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan barreesserraa jajjabina argachuu dandeessa: “Namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha. Inni furee cubbuu keenyaa ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee.” (1 Yohannis 2:1, 2) Yeroo hundaa cubbuu dhaalteen kan dhiphattu yoo ta’e, Yesus kan du’e cubbamootaaf malee namoota gonkummaa qabaniif akka hin taane yaadadhu. Dhugumayyuu, Macaafni Qulqulluun “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera” jechuunsaa sirriidha.—Roomaa 3:23.

8, 9. Amala of ceepha’uu ykn of komachuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

8 Haata’u malee kanaan dura cubbuu ulfaataa hojjettee turte haa jennu. Waa’ee dhimma kanaa kadhannaadhaan Yihowaatti akka himtu homaa hin shakkisiisu; tarii irra deddeebitee akkas gooteetta ta’a. Jaarsolii gumiirraas karaa hafuuraa gargaarsa argatteetta ta’a. (Yaaqoob 5:14, 15) Garaakeetii waan qalbii geddaratteef miseensa gumii taatee itti fufuu dandeesseetta. Yookiinimmoo, yeroo muraasaaf jaarmiyaa Yihowaarraa erga fagaattee booda, qalbii geddarachuudhaan jireenya qulqulluu jiraachuu jalqabdee ta’a. Haallisaa maaliyyuu yoo ta’e cubbuu dura raawwatte yaadachuunkee si dhiphisuu danda’a. Akkas kan sitti dhaga’amu yoo ta’e, Yihowaan namoota garaasaaniitii qalbii geddaratanii garasaatti deebi’aniif ‘araarrisaa guddaa’ ta’uusaa yaadadhu. (Isaayaas 55:7) Kana malees, Inni garmalee akka of ceephaatu hin barbaadu. Akkas akka sitti dhaga’amu kan barbaadu Seexanadha. (2 Qorontos 2:7, 10, 11) Seexanni badiisni kan isaaf ta’u waan ta’eef yeroo dhihootti kan badu yommuu ta’u, atis badiisni akkasii narratti muramuu qaba jettee akka yaaddu barbaada. (Mul’ata 20:10) Haxxummaan inni amantaakee balleessuuf qopheesse akkasii kun akka isaaf mijaa’u hin heyyamin. (Efesoon 6:11) Kanaa mannaa, akkuma dhimmawwan kaaniin gootu, karaa kanaanis ‘Seexanaan mormi.’—1 Phexros 5:9.

9 Seexanni, Mul’ata 12:10⁠rratti ‘hadheessituu obboloota keenyaa’ [Kiristiyaanota dibamoo] jedhamee waamameera. Inni “halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessa.” Caqasa kanarratti xiinxaluunkee, Seexanni inni sobaan nama hadheessu yoo ati of hadheessites ta’e yoo of komatte akka gammadu hubachuuf si gargaara. Yihowaan garuu si hin hadheessu ykn si hin komatu. (1 Yohannis 3:19-22) Hanga abdii kutattutti waa’ee dadhabbii keetii maaliif dhiphatta? Seexanni walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdu akka si jalaa balleessu hin heyyamin. Inni matumaa, Yihowaan “oo’a-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa; gaarummaa” kan qabu ta’uusaa akka si dagachiisu gochuu hin qabdu.—Ba’uu 34:6.

Humni Keenya Kan Daangeffame Ta’uunsaa Abdii Nu Kutachiisuu Danda’a

10. Humni keenya daangeffamuunsaa abdii nu kutachiisuu kan danda’u akkamitti?

10 Kiristiyaanonni tokko tokko humnisaanii kan daangeffame ta’uunsaa, tajaajila Waaqayyoof dhiheessanirratti dhiibbaa waan geessiseef abdii kutataniiru. Atoo akkas sitti dhaga’amaa? Dhibeen fayyaa cimaan, dullumni ykn haalawwan garabiraan akka durii tajaajilarratti akka hin hirmaanne si dhowwanii ta’uu danda’a. Dhugaadha, Kiristiyaanonni yeroo isaaniif kenname utuu hin dabarsin akka itti hojjetan jajjabeeffamaniiru. (Efesoon 5:15, 16) Ta’us, humnikee kan daangeffame ta’uunsaa tajaajilarratti akka gaariitti akka hin hirmaanne si dhowwuunsaa yoo abdii si kutachiisehoo?

11. Gorsi Phaawulos Galaatiyaa 6:4⁠rratti kenne nu fayyaduu kan danda’u akkamitti?

11 Macaafni Qulqulluun, “daagii utuu hin ta’in, fakkeenya warra amantii fi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jiranii akka [fudhannu]” nu jajjabeessa. (Ibroota 6:12) Kana gochuu kan dandeenyu, fakkeenyasaanii isa gaarii kan qorannuufi amantaasaanii hordofuuf carraaqqii kan goonu yoo ta’e qofadha. Hojii keenya kan warra kaanii wajjin wal bira qabnee kan ilaalluufi wanti hojjennu hundi ga’aa akka hin taane kan nutti dhaga’amu yoo ta’e faayidaa argannu hin qabnu. Kanaafuu, gorsa Phaawulos isa armaan gaditti argamu hojiirra oolchuun keenya gaariidha: “Namni adduma addaan hojii ofii isaa qoree haa ilaalu! Yoos yaaduma ofii isaatii duwwaadhaan of jajuu isaa malee, namni biraa akka isa hin jajanne arguuf jira.”—Galaatiyaa 6:4.

12. Tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinutti gammaduu kan dandeenyu akkamitti?

12 Kiristiyaanonni dhibee fayyaa cimaadhaan dhiphatanillee, gammaduuf sababii ga’aa qabu. Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu, hin jal’isus” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Ibroota 6:10) Wantoonni tajaajila Yihowaarratti akka durii akka hin hirmaanne si ittisan haalawwan humnakeetii ol ta’an ta’uu danda’u. Haata’u malee, gargaarsa Yihowaatiin bilbilaafi xalayaadhaan dhugaa ba’uudhaan gosawwan tajaajilaa tokko tokkorratti hirmaachuu dandeessa ta’a. Yihowaan garaakee guutuudhaan yommuu isa tajaajiltu, akkasumas isattis ta’e namoota kaanitti jaalala argisiisuukeetti akka si eebbisu hin shakkin.—Maatewos 22:36-40.

“Yeroon Sodaachisaan” Keessa Jirru Abdii Nu Kutachiisuu Danda’a

13, 14. (a) “Yeroon sodaachisaan” keessa jirru dhiphinaaf kan nu saaxilu karaawwan kamiini? (b) Yeroo ammaatti jaalalli akka bade kan argisiisu maalidha?

13 Addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaage keessa jiraachuuf kan abdannu ta’ullee, yeroo ammaatti kan jiraannu ‘yeroo sodaachisaa’ keessadha. (2 Ximotewos 3:1) Wantoonni nama dhiphisan babal’achaa adeemuunsaanii yeroon rakkina keessaa walaba itti baanu dhihaachuusaa kan argisiisu waan ta’eef baay’ee nu jajjabeessa. Haata’u malee, haalawwan naannoo keenyatti uumaman nurrattis dhiibbaa geessisu. Fakkeenyaaf, utuu hojii dhabdeehoo? Tarii hojii utuu hin argatin ji’oonni hedduun yoo darban, Yihowaan haala rakkisaa keessa jirtu arguusaa ykn kadhannaakee dhaga’uusaa shakkuu dandeessa. Yookiinimmoo, jal’inni ykn dabni tokko sirratti raawwatamee ta’uu danda’a. Matadureewwan gaazexaa ilaaluun qofti akkuma Loox jal’ina namoota naannoosaatti argamanitti ‘yaadaan rakkate’ (“gadde,” 1899) nutis gadduu dandeenya.—2 Phexros 2:7.

14 Guyyoota gara dhumaa ilaalchisee wanti dagachuu hin qabne garabiraanis jira. Macaafni Qulqulluun namoonni hedduun “warra jaalala of keessaa hin qabne” ta’uusaanii dursee raajiidhaan dubbateera. (2 Ximotewos 3:3) Maatii baay’ee keessaa jaalalli badeera. Kitaabni Faamilii Vaayoolens jedhamu akkas jechuudhaan ibseera: “Ragaawwan jiranirraa hubachuun akka danda’amutti, yeroo baay’ee namoonni kan ajjeefaman, qaamaan, miiraan ykn saalaan miidhaan kan isaanirra ga’u, namoota kaaniin utuu hin ta’in miseensa maatiisaaniitiinidha.” Itti fufuudhaanis, “Bakki namoonni jaalalaafi tasgabbii itti argachuu qaban kun, namoota ga’eessota ta’aniifi daa’immaniif bakka kamiyyuu caalaatti kan sodaachisu ta’eera” jechuudhaan ibseera. Namoonni haala maatii rakkisaa ta’e akkasii keessatti guddatan, waggoota gara boodaatti dhiphinniifi abdii kutachuun isaan mudachuu danda’a. Rakkoo akkasii kan qabdu yoo ta’e maal gochuu dandeessa?

15. Jaalalli Yihowaan nuuf qabu jaalala namni kamiyyuu qabu kan caalu akkamitti?

15 Daawit akkas jechuudhaan faarfateera: “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata.” (Faarfannaa 27:10) Jaalalli Yihowaan nuuf qabu jaalala maatii kamiyyuu akka caalu beekuun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Warrikee si dhiisuunsaanii, si miidhuunsaanii ykn miirakeerratti dhiibbaa geessisuunsaanii ulfaataa ta’us, haalli akkasii kun jaalala Yihowaan siif qaburratti jijjiirama hin fidu. (Roomaa 8:38, 39) Yihowaan namoota jaallatu garasaatti akka harkisu yaadadhu. (Yohannis 3:16; 6:44) Ilaalchi namoonni siif qaban maaliyyuu yoo ta’e, Abbaankee inni samii si jaallata!

Karaawwan Dhiphina Mo’uun Itti Danda’amu

16, 17. Namni tokko wanti isa dhiphisu yommuu isa mudatu jabina karaa hafuuraa qabu akka hin dhabneef maal gochuu danda’a?

16 Tarkaanfiiwwan dhiphina mo’uuf si gargaaran fudhachuu ni dandeessa. Sochiiwwan hafuuraa jabina argachuuf si gargaaranirratti hirmaachuuf sagantaa baafadhu. Caalaattimmoo, dhiphinni sirra ga’e humnakee ol akka ta’e yoo sitti dhaga’ame Sagalee Waaqayyoorratti xiinxali. Faarfatichi akkas jechuudhaan faarfateera: “Yeroo ani, ‘Miilli koo in sigigaate’ jedhetti, gaarummaan kee qabee na oolche, yaa Waaqayyo! Yeroo yaaddoon garaa kootti baay’atu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta.” (Faarfannaa 94:18, 19) Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu dubbisuun sammuunkee yaadawwan nama jajjabeessaniin akka guutamu godha.

17 Kadhannaanis wanta baay’ee barbaachisaa ta’edha. Wanta keessa keetti sitti dhaga’amu ibsuu dadhabdullee, Yihowaan maal jechuu akka barbaadde beeka. (Roomaa 8:26, 27) Faarfatichi akkas jechuudhaan nuu mirkaneesseera: “Wanta yaada sitti ta’u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.”—Faarfannaa 55:22.

18. Namni dhiphina qabu tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu danda’a?

18 Namoonni tokko tokko abdii kan kutatan dhiphina waan qabaniifidha. b Atis dhiphina ulfaataa akkasii kan qabdu yoo ta’e, addunyaa haaraa Waaqayyo fiduufi abdii “namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jedhurratti xiyyeeffadhu. (Isaayaas 33:24) Miirri abdii kutachuu sirra ga’u dhiphina darbee darbee ga’urraa adda yoo ta’e, ogeessa fayyaa gargaarsa gaafachuunkee gaarii ta’uu danda’a. (Maatewos 9:12) Kana malees, of kunuunsuunkee gaariidha. Nyaata madaalamaa soorachuuniifi sochii jabeenya qaamaa muraasa hojjechuun ba’eessa ta’uu danda’a. Boqonnaa ga’aa fudhachuunis gaariidha. Sa’aatii dheeraadhaaf televijiinii ilaalaa hin turin; bashannanawwan qaamakees ta’e miirakee dadhabsiisanirraa fagaadhu. Hundumaa caalaattimmoo, wantoota Waaqayyoon gammachiisan hojjechuukee itti fufi! Yeroon keessa jirru kun yeroo Waaqayyo ‘imimmaan hundumaa ija keenyarraa itti haqu’ ta’uu baatus, Yihowaan hamma dhumaatti jabaattee akka dhaabattu si gargaaruu danda’a.—Mul’ata 21:4; 1 Qorontos 10:13.

“Harka [Waaqayyoo] Isa Aango-Qabeessa Jalatti Gad Of Deebisaa!”

19. Yihowaan namoota rakkoon isaanirra ga’uuf waadaa akkamii galeera?

19 Wanti hamaan nama qajeelaatti baay’atuyyuu, Macaafni Qulqulluun “Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Faarfannaa 34:19) Waaqayyo kan kana godhu akkamitti? Phaawulos ‘wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanurraa’ akka isa oolchuuf irra deddeebi’ee kadhatus, Yihowaan: “Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata” isaan jedheera. (2 Qorontos 12:7-9) Yihowaan Phaawulosiif waadaa akkamii gale? Siifoo? Yihowaan battaluma sanatti rakkoo keenyarraa akka nu oolchu utuu hin ta’in humna rakkoo sana mo’uuf nu dandeessisu akka nuu kennu waadaa nuu galeera.

20. Rakkoowwan nurra ga’anillee 1 Phexros 5:6, 7⁠rratti abdiin akkamii nuu kennameera?

20 Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga’u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa! Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” (1 Phexros 5:6, 7) Yihowaan waan siif yaaduuf si hin dhiisu. Haalli rakkisaan yoo si mudatellee si gargaara. Kiristiyaanonni amanamoon “harka isaa isa aango-qabeessa jala” akka jiran hin dagatin. Yihowaan hamma isa tajaajilletti humna jabaannee dhaabachuuf nu dandeessisu nuu kenna. Yoo isaaf amanamoo taane wanti miidhaa bara baraa nurra geessisu hin jiru. Kanaaf, addunyaa haaraa inni fidu keessatti jireenya bara baraa argachuufi namoota rakkoon irra ga’u bara baraaf yeroo inni itti walaba baasu arguuf Yihowaadhaaf amanamoo haa taanu!

[Miiljaleewwan]

a Maqaanshee geddarameera.

b Dhiphinni cimaan haala abdii kutachuurraa adda ta’een, gadda guddaafi yeroo dheeraadhaaf turuun beekama. Odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa armaan gaditti argaman ilaali: Onkoloolessa 15, 1988, ful. 25-29 (Ingiliffa); Sadaasa 15, 1988, ful. 21-24 (Ingiliffa); fi Fulbaana 1, 1996, ful. 30-31.

Ni Yaadattaa?

• Saba Yihowaarras rakkinni kan ga’u maaliifi?

• Wantoonni tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko akka dhiphatan godhan maalfa’i?

• Yihowaan dhiphina nurra ga’u akka moonu kan nu gargaru akkamitti?

• “Harka isaa [Waaqayyoo] isa aango-qabeessa jala” kan jirru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]