Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Isa Kadhata Namaa Dhaga’utti’ Dhihaachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

‘Isa Kadhata Namaa Dhaga’utti’ Dhihaachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

‘Isa Kadhata Namaa Dhaga’utti’ Dhihaachuun Kan Danda’amu Akkamitti?

“Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa.” —FAARFANNAA 65:2.

1. Uumamawwan lafarra jiran hundumaarraa ilmaan namootaa adda kan godhu maalidha? Kunoo carraa akkamii bana?

 UUMAMAWWAN lafarraa kumaatamaan lakkaa’aman keessaa, Uumaasaanii waaqeffachuuf dandeettii kan qaban ilmaan namootaa qofadha. Waaqayyoon waaqeffachuun akka isaan barbaachisu kan beekaniifi fedhiisaanii kanas guutuu kan barbaadan isaan qofadha. Kunimmoo Abbaa keenya isa samii wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya uumuuf carraa nuu bana.

2. Cubbuun, walitti dhufeenya ilmaan namootaa Uumaasaanii wajjin qabanirratti rakkina akkamii geessise?

2 Waaqayyo namoonni Uumaasaaniitti dhihaachuu akka danda’an godhee isaan uume. Addaamiifi Hewwaan cubbuurraa walaba ta’anii uumaman. Kanaafuu akkuma mucaan tokko sodaa malee abbaasaa haasofsiisuu danda’u, Waaqayyoon haasofsiisuu danda’u turan. Haata’u malee, cubbuu hojjechuusaaniitiin mirga guddaa kana dhabaniiru. Waaqayyoof ajajamuu waan didaniif walitti dhufeenya gaarii isaa wajjin qabanis ni dhaban. (Uumama 3:8-13, 17-24) Kana jechuun ilmaan Addaamis cubbamoo waan ta’aniif michoota Waaqayyoo ta’uu hin danda’an jechuudhaa? Akkas jechuu miti; Yihowaan ulaagaa isaanirraa barbaadamu yoo guutan garasaatti akka dhihaatan isaanii heyyameera. Ulaagaan kun maalidha?

Ulaagaa Waaqayyootti Dhihaachuuf Barbaachisu

3. Ilmaan namootaa cubbamoo ta’an gara Waaqayyootti dhihaachuu kan qaban akkamitti? Fakkeenya kamtu kana argisiisa?

3 Seenaan ijoollee Addaam lamaanii, Waaqayyo namoonni gonkummaa hin qabne garasaatti dhihaachuu yoo barbaadan maal gochuun akka isaanirraa barbaadamu nu hubachiisa. Qaayinis ta’e Abeel Waaqayyoof aarsaa dhiheessuudhaan garasaatti dhihaachuuf yaalii godhanii turan. Aarsaan Abeel fudhatama kan argate si’a ta’u, kan Qaayin garuu utuu hin argatin hafeera. (Uumama 4:3-5) Maaliif? Ibroonni 11:4 akkas jedha: “Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin irra caalu Waaqayyoof dhi’eesse; Waaqayyo kennaa isaa fudhatee isaaf dhugaa ba’eera. Abeel amantii isaatiin qajeelaa akka ta’es dhugaa ba’ameeraaf.” Kanaafuu, karaa fudhatama qabuun Waaqayyotti dhihaachuuf amantaan akka barbaachisu kanarraa hubachuun ni danda’ama. Wanti barbaadamu kan biraan maal akka ta’emmoo jecha Yihowaan Qaayiniin, “Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree?” jechuudhaan dubbaterraa hubanna. Eeyyee, Qaayin wanta gaarii utuu hojjeteera ta’ee yaaliin inni gara Waaqayyotti dhihaachuuf godhe fudhatama argata ture. Haata’u malee, Qaayin gorsa Waaqayyoo tuffatee Abeeliin waan ajjeeseef, jibbamaa ta’uudhaan qe’eesaarraa ari’ame. (Uumama 4:7-12) Kanaafuu, gara Waaqayyootti dhihaachuuf amantaa qabaachuufi hojii gaarii hojjechuun barbaachisaa akka ta’e durumaa kaasee ibsamee ture.

4. Waaqayyootti dhihaachuu keenyaan haala wal qabateen maal beekuu qabna?

4 Waaqayyootti dhihaachuu yoo barbaanne cubbamoo ta’uu keenya amanuun barbaachisaadha. Namoonni hundumtuu cubbamoodha; cubbuunimmoo gufuu Waaqayyootti dhihaachuurraa nu ittisudha. Ermiyaas raajichi waa’ee Israa’elootaa akkas jechuudhaan barreessee ture: “Nuyi abboommii kee irra daddarbineerra, . . . kadhanni keenya si bira akka hin geenyeetti, duumessa ofitti in golgite.” (Faaruu 3:42, 44) Haata’u malee, seenaa ilmaan namootaarraa hubachuun akka danda’amutti, Waaqayyo namoota amantaafi yaada qajeelaa qabaniif akkasumas abboommiisaa hojiirra oolchaniif kadhannaasaanii dhaga’uuf fedhii akka qabu argisiiseera. (Faarfannaa 119:145) Namoota kana keessaa tokko tokko eenyufa’i? Kadhannaasaaniirraa maal barachuu dandeenya?

5, 6. Akkaataa itti Abrahaam Waaqayyoon kadhaterraa maal baranna?

5 Namoota akkasii keessaa tokko Abrahaam ture. Waaqayyo Abrahaamiin “fira koo” jedhee waan waameef, carraaqqiin inni isatti dhihaachuuf godhe fudhatama argateera jechuu dandeenya. (Isaayaas 41:8) Abrahaam Waaqayyotti dhihaachuusaarraa maal baranna? Namni amanamaa ta’e kun, “utuu ani dhala dhabee jiruu, maal anaaf kennuuf jirta?” jechuudhaan waa’ee nama isa dhaaluu Yihowaa gaafatee ture. (Uumama 15:2, 3; 17:18) Yeroo biraammoo, Waaqayyo namoota jal’aa Sodoomiifi Gomoraa keessa turan yommuu balleessu badiisa sanaarraa kan oolu eenyu akka ta’e kan isa yaaddesse ta’uusaa argisiiseera. (Uumama 18:23-33) Abrahaam warra kaaniifis kadhannaa dhiheesseera. (Uumama 20:7, 17) Akkuma Abeel, Abrahaamis yeroo Yihowaatti dhihaatu al tokko tokko aarsaa ni dhiheessa ture.—Uumama 22:9-14.

6 Yeroo kana hundumaatti, Abrahaam Yihowaatti dhihaachuun isatti hin ulfaanne. Sodaa malee Waaqayyotti dhihaachuu danda’uyyuu, qajeelummaa Uumaasaa biratti qabu ilaalchisee nama gad of qabu ture. Yaada Uumama 18:27⁠rratti dubbaterratti akkamitti ulfinaan yaadasaa akka ibse qalbeeffadhu: “Ani illee biyyoo dha, daaraa dhas, kana keessaa immoo ija jabaadheen gooftaa kootti dubbachaa jira” jedheera. Ilaalcha gaarii hordofamuu qabu mitii?

7. Abbootiin amantaa dhimmawwan akkamii ilaalchisee Yihowaa kadhataniiru?

7 Abbootiin amantaa dhimmawwan adda addaa ilaalchisee kadhannaa dhiheessanii Yihowaa biratti fudhatama argatan jiru. Yaaqoob akkaataa kakuu fakkaatuun kadhannaa dhiheesseera. Gargaarsa Waaqayyoo erga gaafatee booda, “Wanta ati anaaf kennitu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko siifan baasa” jechuudhaan waadaa galeera. (Uumama 28:20-22) Booddees obboleessasaa wajjin wal arguuf yeroo jedhu akkas jechuudhaan Yihowaan akka isa eegu kadhate: “Waanan sodaadhuuf, ati harka obboleessa koo harka Esaawuu akka na oolchituuf sin kadhadha!” (Uumama 32:9-12) Abbaa amantaa kan ture Iyoob bakkasaanii ta’ee aarsaa dhiheessuudhaan maatiisaatiif Yihowaa kadhateera. Michoonnisaa sadan dubbiisaaniitiin cubbuu waan hojjetaniif yeroo isaaniif kadhatetti, Yihowaan “kadhata Iyoob in dhaga’e.” (Iyoob 1:5; 42:7-9) Seenaawwan kun, yeroo kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaannu waa’ee maalii kadhachuu akka dandeenyu kan argisiisanidha. Akkasumas Yihowaan namoota karaa sirrii ta’een kadhannaadhaan isattii dhihaatan dhaga’uuf qophaa’aa akka ta’e hubanna.

Qophii Karaa Seerichaa Godhame

8. Kakuu Seerichaa jalatti dhimmoonni sabicha ilaalan gara Yihowaatti kan dhiheeffaman akkamitti ture?

8 Yihowaan Israa’eloota garbummaa biyya Gibxii jalaa erga baasee booda, kakuu Seerichaa isaanii kenne. Seerichi, namoonni karaa luboota muudamaniin Waaqayyootti akka dhihaatan ajaja ture. Lewwoonni tokko tokko akka lubootaas ta’anii ni muudamu turan. Dhimmi guutummaa saba sanaa ilaalu yoo uumame, bakka buutonni sabichaa, jechuunis mootiin ykn raajiin tokko dhimmasaa kadhannaadhaan Yihowaatti dhiheessu turan. (1 Saamu’el 8:21, 22; 14:36-41; Ermiyaas 42:1-3) Fakkeenyaaf Solomoon Mootichi yeroo manni qulqullummaa waaqeffannaa Yihowaatiif murteeffamutti, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessee ture. Yihowaanimmoo mana qulqullummaa sana ulfinaan guutuudhaan akkasumas, ‘gurri koo kadhata iddoo kanatti kadhatamu in dhaggeeffata’ jechuudhaan kadhannaasaa akka dhaga’e argisiiseera.—2 Seenaa 6:12–7:3, 15.

9. Godoo qulqullaa’aa keessatti karaa fudhatama qabuun Yihowaatti dhihaachuuf maaltu barbaachisa ture?

9 Yihowaan Seera Israa’elootaaf kenne keessatti, kadhannaan godoo qulqullaa’aa keessatti isatti dhihaatu fudhatama akka argatuuf maal gochuu akka qaban ibseera. Ulaagaan kaa’ame kun maal ture? Hangafni lubootaa aarsaa horii dhiheessuu malees, guyyaa hundumaa ganamaafi galgala ixaana urgaa’aa Yihowaa duratti aarsuu qaba ture. Booddees, Guyyaa Araaraarraa kan hafe guyyaa hundumaatti luboonni tajaajila akkasii kana ni raawwatu turan. Karaa kanaan kabaja argisiisuu yoo baatan, Yihowaan tajaajila isaanitti hin gammadu ture.—Ba’uu 30:7, 8; 2 Seenaa 13:11.

10, 11. Yihowaan kadhannaa namoonni dhuunfaadhaan dhiheessan kan fudhatu ta’uusaatiif ragaa maalii qabna?

10 Israa’el durii keessatti Waaqayyootti dhihaachuun kan danda’amu namoota bakka buutota ta’aniin qofa turee? Lakki, Caaffanni Qulqullaa’aan Yihowaan yeroo namoonni dhuunfaadhaan kadhannaa isaaf dhiheessan gammachuudhaan fudhachaa akka ture ibsu. Solomoon kadhannaa yeroo manni qulqullummaa murteeffamu dhiheesserratti akkas jechuudhaan Yihowaa kadhatee ture: “Kadhata isaanii dhaggeeffadhuuf! Guutummaa saba kee Israa’el biraa yookiis isaan keessaa nama tokko biraa kadhannii fi waammanni gara keetti yommuu dhi’aatu, tokkon tokkoon isaanii . . . harka isaanii gara mana qulqullummaa kanaatti yommuu bal’isan, ati waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaniif dhaga’i.” (2 Seenaa 6:29, 30) Seenaan Luqaas barreesse, abbaa Yohannis Cuuphaa kan ta’e Zakaariyaas godoo qulqullaa’aatti ixaana aarsaa yeroo turetti, waaqeffattoonni Yihowaa luboota hin taane hedduun ‘alaa in kadhatu turan’ jechuudhaan ibsa. Yeroo iddoo aarsaa warqeerraa tolfamerratti ixaanni aarfamu, namoonni godoo qulqullaa’aadhaa alatti kadhannaadhaaf walitti qabamuunsaanii baramaa ture.—Luqaas 1:8-10.

11 Akka kanaan Yihowaan karaa sirrii ta’een garasaatti yommuu dhihaatan, kadhannaa namoota saba sana bakka bu’aniis ta’e, kadhannaa namoota dhuunfaadhaan garasaatti dhihaachuu barbaadanii gammachuudhaan fudhata ture. Nuyi yeroo ammaa Kakuu Seerichaa jala kan hin jirre ta’uyyuu, haala Israa’eloonni durii Yihowaatti dhihaachaa turanirraa waa’ee kadhannaa barumsa barbaachisaa ta’e arganna.

Qophii Karaa Kiristosiin Yihowaatti Dhihaachuuf Godhame

12. Kiristiyaanonni kadhannaadhaan Yihowaatti akka dhihaataniif qophiin akkamii godhameera?

12 Yeroo ammaa qophii karaa Kiristosiin godhame jala jirra. Manni qulqullummaa ijaan argamuufi luboonni saba Waaqayyoo bakka bu’uudhaan kadhannaa itti dhiheessan ykn dhaqnee Waaqayyoon itti kadhannu hin jiru. Ta’us, ammayyuu Yihowaan karaa itti isatti dhihaachuu dandeenyu qopheesseera. Karaan kun maalidha? Kiristos Dh.K.B. bara 29⁠tti dibamee Hangafa Lubootaa ta’ee yeroo muudametti, manni qulqullummaa hafuuraa hojiisaa jalqabe. a Manni qulqullummaa hafuuraa kun, qophii haaraa karaa aarsaa Yesus Kiristos isa dhiifama cubbuu argamsiisuutiin Yihowaatti dhihaachuuf godhamedha.—Ibroota 9:11, 12.

13. Kadhannaa ilaalchisee manni qulqullummaa Yerusaalem keessa tureefi manni qulqullummaa hafuuraa akkamitti akka wal fakkaatan ibsi.

13 Haalli mana qulqullummaa Yerusaalem keessa ture, haalawwan kadhannaa wajjin wal qabatan dabalatee akkaataa mana qulqullummaa hafuuraa akka gaaritti kan argisiisudha. (Ibroota 9:1-10) Fakkeenyaaf, ixaanni ganamaafi galgala godoo qulqullaa’aa mana qulqullummaa sana keessatti iddoo aarsaarratti aarfamu maal bakka bu’a? Macaafni Mul’ataa “[ixaanni] kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa’anii ti” jedha. (Mul’ata 5:8; 8:3, 4) Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Kadhanni koo akka ixaana aarfamuutti . . . si duratti anaaf haa fudhatamu!” jechuudhaan barreesseera. (Faarfannaa 141:2) Kanaafuu, qophii karaa Kiristosiin godhame jalatti, ixaanni urgaa gaarii qabu kadhannaafi faarsaa Yihowaadhaaf dhihaatu bakka bu’a.—1 Tasaloniiqee 3:10.

14, 15. (a) Kiristiyaanonni dibamoon, (b) ‘hoolonni kan biraan’ Yihowaatti dhihaachuu kan danda’an akkamitti?

14 Mana qulqullummaa hafuuraa kana keessatti kadhannaadhaan Waaqayyootti kan dhihaatan eenyufa’i? Mana qulqullummaa Yerusaalem keessa turetti, luboonniifi Lewwoonni oobdii isa gara keessaatti tajaajiluuf mirga kan qaban ta’uyyuu, Godoo Qulqullaa’aa keessa galuu kan danda’an garuu luboota qofa turan. Kiristiyaanonni dibamoon samiirra jiraachuuf abdii qaban, haala addaa oobdii isa gara keessaafi Godoo Qulqullaa’aa wajjin wal fakkaatu argatu; kunis Waaqayyoof kadhannaafi galata dhiheessuuf kan isaan dandeessisudha.

15 Yihowaan kadhannaa “hoolota kan biraa” bara baraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban akkamitti ilaala? (Yohannis 10:16) Isaayaas raajichi “bara booddeetti” saba hundumaa keessaa namoonni Yihowaa waaqeffachuuf akka dhufan dubbateera. (Isaayaas 2:2, 3) ‘Warri orma’ ta’an gara Yihowaa akka dhufanis barreesseera. Waaqayyo, “Ani mana kadhataa isa kan kootii keessattis isaan nan gammachiisa” jechuudhaan kadhannaasaanii dhaga’uuf fedhii akka qabu argisiiseera. (Isaayaas 56:6, 7) Mul’anni 7:9-15 waa’ee “tuuta sonaan baay’ee saba hundumaa keessaa” dhufaniifi “halkanii fi guyyaa” Waaqayyoon waaqeffachuuf, akkasumas kadhannaa dhiheessuuf oobdii isa alaa mana qulqullummaa hafuuraatti walitti qabamanii nutti himuudhaan ibsa dabalataa nuu kenna. Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo har’aa jiran hundumtuu kadhannaasaanii akka isaaniif dhaga’u amanuudhaan, sodaa malee isatti dhihaachuu kan danda’an ta’uunsaanii akkam nama gammachiisaa!

Kadhannaa Akkamiitu Fudhatama Argata?

16. Kadhannaa ilaalchisee Kiristiyaanota duriirraa maal baranna?

16 Kiristiyaanonni durii kadhannaa gochuu amaleeffatanii turan. Waa’ee maalii kadhatu turan? Jaarsoliin gumii, qajeelfama namoota jaarmiyaa keessatti itti gaafatamummaadhaan hojjetan filachuuf isaan gargaaru argachuuf kadhatanii turan. (Hojii Ergamootaa 1:24, 25; 6:5, 6) Ephaafraan namoota hidhata amantaasaa ta’aniif kadhannaa dhiheesseera. (Qolosaayis 4:12) Miseensonni gumii Yerusaalemis yeroo Phexros hidhame isaaf kadhataniiru. (Hojii Ergamootaa 12:5) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa mormii isaanirra ga’e mo’uuf ija jabina akka isaaniif kennu akkas jechuudhaan kadhataniiru: “Yaa gooftaa, doorsisa isaanii ilaali, hojjetoonni kee sodaa malee dubbii kee akka dubbataniif, ija jabummaa kenniif!” (Hojii Ergamootaa 4:23-30) Yaaqoob Kiristiyaanonni yeroo qorumsi isaanirra ga’u ogummaa argachuuf Waaqayyoon akka kadhatan isaan gorseera. (Yaaqoob 1:5) Kadhannaa Yihowaadhaaf dhiheessiturratti dhimmawwan akkasii ni caqastaa?

17. Yihowaan kadhannaa namoota akkamii dhaga’a?

17 Waaqayyo kan dhaga’u kadhannaa hundumaa miti. Kadhannaan keenya fudhatama akka argatu amannee kadhachuu kan dandeenyu akkamittiree? Namoonni amanamoon bara duriitti Waaqayyo kadhannaasaanii dhaga’eef, qulqullummaafi yaada garaa sirrii ta’een garasaatti dhihaatanii turan. Amantaa akka qabaniifi amantaasaanii kanas hojiidhaan argisiisaniiru. Yeroo har’aas Yihowaan namoota haala akkasii qabaatanii isatti dhihaataniif kadhannaasaanii akka dhaga’u mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

18. Kiristiyaanonni kadhannaansaanii akka isaaniif dhaga’amuuf maal gochuu qabu?

18 Ulaagaan Kiristiyaanonni guutuu qaban kan biraanis jira. Phaawulos waa’ee ulaagaa kanaa: “Hafuuruma tokkoon karaa isaa akka itti abbaa bira geenyu qabna” jechuudhaan dubbateera. Phaawulos “karaa isaa” ennaa jedhu karaa eenyuu jechuusaati? Karaa Yesus Kiristosidha. (Efesoon 2:13, 18) Eeyyee, rakkina tokko malee kadhannaadhaan gara Abbaatti dhihaachuu kan dandeenyu karaa Yesusiin qofadha.—Yohannis 14:6; 15:16; 16:23, 24.

19. (a) Aarsaan ixaanaa Israa’el keessatti dhihaatu Yihowaa biratti kan jibbamu yeroo isaan maal godhan ture? (b) Kadhannaan keenya Yihowaa biratti akka urgaa gaarii akka ta’u mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

19 Akka armaan olitti ibsametti ixaanni luboonni Israa’el aarsaa turan, kadhannaa tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoo ta’an dhiheessaniifi fudhatama argate kan argisiisudha. Haata’u malee yeroo tokko tokko aarsaan ixaanaa Israa’eloonni dhiheessan Yihowaa biratti ciiggaasisaa ture. Kun kan ta’u Israa’eloonni mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsanii, deebisaniimmoo waaqolii tolfamoodhaaf yommuu sagadan ture. (Hisqi’el 8:10, 11) Yeroo har’aas, namoonni Yihowaa tajaajilla jechaa gochawwan seerasaa wajjin wal faallessan raawwatan, kadhannaansaanii isa biratti akka waan xiraa’aatti balfama. (Fakkeenya 15:8) Kanaafuu, kadhannaan keenya akka urgaa gaariitti Waaqayyo biratti akka fudhatamuuf jireenya keenya hundaan qulqulluu ta’uu keenya itti haa fufnu. Yihowaan kadhannaa namoota daandiisaa isa qajeelaarra deemaniitti ni gammada. (Yohannis 9:31) Ta’uyyuu ammas gaaffiiwwan ka’an jiru. Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu akkamitti? Waa’ee maalii kadhachuu dandeenya? Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii kan kennuhoo akkamitti? Matadureen ittaanu gaaffiiwwan kanaafi kan biraatiif deebii kenna.

[Miiljalee]

a Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 15, 2001, ful. 27 ilaali.

Ibsuu Dandeessaa?

• Namoonni gonkummaa hin qabne karaa fudhatama qabuun Waaqayyootti dhihaachuu kan danda’an akkamitti?

• Akkaataa kadhannaa keenyaan fakkeenya abbootii amantaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

• Kadhannaa Kiristiyaanonni durii dhiheessanirraa maal baranna?

• Kadhannaan keenya Waaqayyo biratti akka ixaana urgaa gaarii qabuu kan ta’u yoomi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]