“Wanti Isin Barbaacisu Waaqayyo Duratti Akka Beekamu Godhaa”
“Wanti Isin Barbaacisu Waaqayyo Duratti Akka Beekamu Godhaa”
“Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa.”—FILIPHISIYUUS 4:6.
1. Eenyuu wajjin haasa’uuf mirga adda ta’e qabna? Kun kan nama dinqisiisu maaliifi?
BULCHAA biyya keetii wajjin walga’ii gochuuf utuu gaafattee deebii akkamii argatta? Hojjettoonnisaa haala gaariidhaan si haasofsiisanillee, kallattiidhaan bulchaa biyyattii haasofsiisuun garuu waan hin yaadamnedha. Bulchaan hunda caaluufi uumama cufarratti olaantummaa qabu Yihowaan garuu akkas miti. Eessayyuu taanee, yeroo barbaanne kamittiyyuu isa haasofsiisuu dandeenya. Inni yeroo hundumaa kadhannaa sirrii ta’e ni dhaga’a. (Fakkeenya 15:29) Kun baay’ee kan nama gammachiisudha! Dinqisiifannaan kanaaf qabnu yeroo hundumaa Waaqa ‘isa kadhata namaa dhaga’utti’ kadhannaa keenya akka dhiheessinu nu kakaasuu hin qabuu?—Faarfannaa 65:2.
2. Kadhannaan keenya Waaqayyo biratti fudhatama akka argatuuf maaltu barbaachisa?
2 Haata’u malee namni tokko ‘Kadhannaa akkamiitu Waaqayyo biratti fudhatama argata?’ jedhee gaafata ta’a. Macaafni Qulqulluun kadhannaan keenya fudhatama akka argatuuf wanti barbaachisu tokko maal akka ta’e akkas jechuudhaan ibsa: “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi’aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira.” (Ibroota 11:6) Mataduree kanaan duraarratti akka ibsametti, kadhannaadhaan gara Waaqayyootti dhihaachuuf wanti barbaachisu inni guddaan amantaadha. Waaqayyo kadhannaa namoota isatti dhihaatanii dhaga’uuf fedhii qaba; haata’u malee, namoonni isatti dhihaatan, amantaa qabaachuu, hojii gaarii hojjechuu, akkasumas garaa guutuufi yaada sirriidhaan isa kadhachuu qabu.
3. (a) Kadhannaa tajaajiltoota amanamoo dur turaniirraa akka hubannetti waa’ee maalii kadhachuu dandeenya? (b) Kadhannaan keenya bifawwan akkamii qabaachuu danda’a?
3 Phaawulos Kiristiyaanota barasaa turan akkas jechuudhaan gorseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Macaafni Qulqulluun fakkeenya namoota wanta isaan yaaddessu kadhannaadhaan Waaqayyotti himan baay’ee qabateera. Isaan keessaa tokko tokko, Haannaa, Eliyaas, Hisqiyaasiifi Daani’eli. (1 Saamu’el 2:1-10; 1 Mootota 18:36, 37; 2 Mootota 19:15-19; Daani’el 9:3-21) Nuyis fakkeenyasaanii hordofuu qabna. Wanti Phaawulos dubbate, kadhannaan keenya bifa adda addaa qabaachuu akka danda’us kan ibsudha. Galata kan ibse yommuu ta’u, kunis kadhannaa waan Waaqayyo nuu godheef dinqisiifannaa keenya itti ibsinudha; kadhannaan galataa kun faarfachuudhaanis ibsamuu danda’a. Kadhata inni jedhamemmoo, gad of qabuufi garaadhaa waan tokko kadhachuu argisiisa. Wanta adda ta’e tokko yommuu kadhannummoo himataan ibsuu dandeenya. (Luqaas 11:2, 3) Karaawwan kana keessaa isa kamiiniyyuu yoo isa kadhanne Abbaan keenya inni samii gammachuudhaan nu dhaga’a.
4. Yihowaan waan nu barbaachisu kan beeku ta’uyyuu isa kadhachuu kan qabnu maaliifi?
4 Namoonni tokko tokko, ‘Yihowaan waan nu barbaachisu hundumaa beeka mitii?’ jedhanii gaafatu ta’a. Eeyyee beeka. (Maatewos 6:8, 32) Erga akkas ta’ee kadhannaadhaan garasaatti akka dhihaannu kan barbaadu maaliifiree? Fakkeenya kana ilaali: Abbaan suuqii tokko maamiltootasaatiif kennaa kennuu barbaada ta’a. Maamiltoonnisaa kun kennaa kana fudhachuu yoo barbaadan garuu isa bira dhufanii gaafachuu qabu. Kana gochuuf carraaqqii gochuu dhiisuunsaanii, kennaa sana akka hin dinqisiifanne argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun, kadhannaa keenya Yihowaatti beeksisuu dhiisuun keenya, qophiiwwansaatiif dinqisiifannaa dhabuu keenya argisiisa. Yesus, “kadhadhaa, in fudhattus!” jedheera. (Yohannis 16:24) Kana gochuudhaan Waaqayyorratti akka amanamnu argisiisna.
Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Qabnu Akkamitti?
5. Maqaa Yesusiin kadhachuu kan qabnu maaliifi?
5 Yihowaan akkaataa itti isa kadhannu ilaalchisee seera nama rakkisu hin baasne. Ta’uyyuu, karaa sirrii ta’een Yihowaatti dhihaachuu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu barachuu nu barbaachisa. Fakkeenyaaf, Yesus duuka buutotasaatiin “waanuma isin maqaa kootiin isa kadhattan abbaan isiniif in kenna” jechuudhaan akkaataa itti kadhatan isaan barsiiseera. (Yohannis 16:23) Kanaafuu, Waaqayyo ilmaan namootaatiif eebbasaa kan dhangalaasu karaa Yesusiin qofa ta’uusaa hubachuudhaan, maqaasaatiin kadhachuu qabna jechuudha.
6. Yeroo kadhannaa dhiheessinu haalli qaama keenyaa akkam ta’uu qaba?
6 Yeroo kadhannaa dhiheessinu akkaataan qaama keenyaa akkam ta’uu qaba? Macaafa Qulqulluu keessatti kadhannaan keenya fudhatama akka argatuuf akkaataa qaama keenyaa ilaalchisee seerri kenname hin jiru. (1 Mootota 8:22; Nahimiiyaa 8:6; Maarqos 11:25; Luqaas 22:41) Kan barbaachisu yaada gaarii qabaannee garaadhaa isa kadhachuudha.—Yo’el 2:12, 13.
7. (a) Jechi “Ameen” jedhu hiika maalii qaba? (b) Kadhannaarratti kan itti fayyadamnu yoomi?
7 Xumura kadhannaarratti “Ameen” jechuun maal argisiisa? Caaffanni Qulqullaa’oon, keessumaammoo namoota baay’ee bakka buunee yommuu kadhannu xumura kadhannaa keenyarratti jecha kanatti fayyadamuun sirrii ta’uusaa argisiisu. (Faarfannaa 72:19; 89:52) Jechi afaan Ibrootaa ameen jedhu kun “haata’u” jechuudha. Saayikilooppeediyaan Maakliintookiifi Istiroong qopheessan, xumura kadhannaarratti “Ameen” kan jedhamu, “wanta kadhatame mirkaneessuufi kadhannaan dhihaate akka raawwatamu hawwuu argisiisuuf” ta’uusaa ibsa. Kanaafuu, namni tokko erga kadhannaa dhiheessee booda, garaadhaa “Ameen” jedhee xumuruudhaan, kadhannaa sanaaf ilaalcha akkamii akka qabu argisiisa. Kiristiyaanni tokko gumii bakka bu’uudhaan erga kadhatee booda akkas jechuudhaan yommuu xumuru, warri dhaggeeffatanis garaasaaniitti ykn sagalee dhageessisanii “Ameen” jechuudhaan, kadhannaa dhihaaterratti akka walii galan argisiisu.—1 Qorontos 14:16.
8. Kadhannaawwan keenya tokko tokko kadhannaa Yaaqoob ykn kan Abrahaam kan fakkaatan akkamitti? Kun waa’ee keenya maal argisiisa?
8 Waaqayyo, wanti kadhannu sun baay’ee kan nu yaaddessu ta’uusaa akka argisiisnu yeroon itti barbaadu jira. Akka Yaaqoob isa bara durii tureefi hamma eebba argatutti halkan guutuu ergamaa tokkoo wajjin wal’aansoo wal qabee, nuyis waan barbaanne sana irra deddeebinee kadhachuun nu barbaachisa ta’a. (Uumama 32:24-26) Yookiinimmoo, haalawwan tokko tokko akka Abrahaam isa Looxiifi namoota qajeeloo Sodoom keessa turan ilaalchisee irra deddeebi’ee Waaqayyoon kadhatee akka goonu nu dirqisiisu ta’a. (Uumama 18:22-33) Akkuma Abrahaam nuyis qajeelummaa, gaarummaafi oo’asaarratti hundaa’uudhaan wanta baay’ee barbaannu tokko ilaalchisee irra deddeebinee Yihowaa kadhachuu dandeenya.
Waa’ee Maalii Kadhachuu Dandeenya?
9. Kadhannaa keenyarratti hunda caalaa nu yaaddessuu kan qabu maalidha?
9 Phaawulos, “Wanta hundumaatti . . . wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa” jechuusaa yaadadhaa. (Filiphisiiyus 4:6) Kanaaf, dhuunfaa keenyatti waa’ee dhimmawwan hedduu kadhachuu dandeenya jechuudha. Haata’u malee kadhannaa keenya keessatti wanti hunda caalaa dursa kennuufii qabnu kaayyoo Yihowaati. Karaa kanaan Daani’el fakkeenya gaarii nuu ta’a. Israa’eloonni cubbuu hojjechuusaaniitiin yeroo adabaman, “Yaa Waaqayyo ko, maqaa keef jedhii lafa irra harkisuu dhiisi!” jechuudhaan Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhu kadhateera. (Daani’el 9:15-19) Kadhannaan keenya maqaan Yihowaa qulqullaa’uunsaafi fedhiinsaa raawwatamuunsaa hunda caalaa akka nu yaaddessu ni argisiisaa?
10. Waa’ee dhimmawwan dhuunfaa kadhachuun sirrii ta’uusaa akkamitti beekna?
10 Haata’u malee, dhimma dhuunfaa keenyaa ilaalchisee kadhannaa dhiheessuunis sirriidha. Fakkeenyaaf, akkuma faarfatichaa nuyis karaa hafuuraa hubannaa gadi fageenya qabu akka qabaannu kadhanna ta’a. Faarfatichi akkas jedheera: “Seera kee akkan yaadaan qabuuf, garaa koo guutuudhaanis akkan isa eeguuf, hubannaa anaaf kenni!” (Faarfannaa 119:33, 34; Qolosaayis 1:9, 10) Yesusis, ‘kadhataa fi waammata gara isa du’a isa oolchuu danda’uutti dhiheesseera.’ (Ibroota 5:7) Kana gochuudhaanis yeroo balaan ykn qorumsi nurra ga’u jabina argachuuf kadhachuun sirrii ta’uusaa argisiiseera. Yesus bartoonnisaa akkamitti akka kadhatan yommuu isaan barsiisu, dhimmawwan dhuunfaa jechuunis dhiifama cubbuu, nyaata barbaachisu argachuufi wantoota kana fakkaatan ilaalchisee kadhachuun barbaachisaa ta’uusaa ibseera.
11. Kadhannaan qorumsaan mo’amuurraa kan nu eegu akkamitti?
11 Yesus kadhannaa akka fakkeenyaatti kennerratti, yaada “Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee” jedhus dabaleera. (Maatewos 6:9-13) Booddees, “Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa!” jechuudhaan gorsa kenneera. (Maatewos 26:41) Yeroo qorumsi nurra ga’u kadhannaan baay’ee barbaachisaadha. Bakka hojiitti ykn mana barumsaatti seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu cabsuuf qoramna ta’a. Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane sochiiwwan dogoggora ta’anirratti akka hirmaannu nu afeeru ta’a. Wanta seera bu’uuraa qajeelummaa akka cabsinu nu godhu tokko akka raawwannu gaafatamna ta’a. Yeroo akkasiitti gorsa Yesus hojiirra oolchuudhaan, qorumsa sana duras ta’e yeroo qorumsi sun nurra ga’u, Waaqayyo qorumsa sanaan kufuu keenya akka hin heyyamne kadhachuu qabna.
12. Rakkoowwan nama dhiphisan akkamiitiif kadhachuu dandeenya? Yihowaan maal akka nuu godhu eeguu dandeenya?
12 Yeroo har’aa tajaajiltoonni Waaqayyoo dhiibbaafi dhiphina adda addaatu isaanirra ga’a. Baay’eesaanii kan dhiphisu inni guddaan dhukkubaafi jeequmsa sammuuti. Hammeenyi naannoo keenyatti raawwatamu nu dhiphisa. Rakkinni dinagdee waan jiruuf wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuun rakkisaadha. Yihowaan tajaajiltoonnisaa rakkoowwan akkasii kana ilaalchisee kadhannaadhaan garasaatti ennaa dhihaatan kan dhaga’u ta’uunsaa baay’ee kan nama jajjabeessudha! Faarfannaa 102:17 Yihowaa ilaalchisee akkas jedha: “Inni gara kadhata warra harka duwwaa hambifamaniitti in garagala, himata isaaniis hin tuffatu.”
13. (a) Waa’ee dhimmawwan dhuunfaa akkamii kadhachuun barbaachisaadha? (b) Kadhannaa akkasii ilaalchisee fakkeenya kenni.
13 Dhimma tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu ykn walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu nu jalaa tuqu kamiyyuu ilaalchisee kadhannaa dhiheessuun barbaachisaadha. (1 Yohannis 5:14) Gaa’ela, hojii ykn tajaajilakee bal’isuu ilaalchisee murtoo gochuun yoo si barbaachise, Waaqayyo qajeelfama akka sii kennu kadhachuu hin sodaatin. Fakkeenyaaf, shamarreen biyya Fiilippiinsitti argamtu tokko tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu barbaadde. Haata’u malee hojii ittiin jiraattu hin qabdu turte. Akkas jetti: “Gaafa Sanbadduraa tokko qajeelchaa ta’uu akkan barbaadu Yihowaatti nan hime. Gaafuma sana tajaajila ba’ee intala umuriinshee waggoota kurnan keessa ta’e tokkoof kitaaba nan kenneef. Akkuma tasaa intalattiin, ‘Wiixata ganama mana barumsaa keenya dhufuu qabda’ naan jette. ‘Maaliif?’ jedheen ishee gaafadhe. Isheenis hojiin tokko akka jiruufi hojii sanaaf namni hatattamaan akka barbaadamu natti himte. Yeruma sana dhaqee nan qacarame. Kun hundumtuu kan ta’e yeroo gabaabaa keessatti.” Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman hedduun muuxannoo walfakkaatu qabu. Kanaafuu kadhannaa garaadhaa maddeen Waaqayyotti dhihaachuurraa duubatti hin jedhin!
Yoo Cubbuu Hojjennehoo?
14, 15. (a) Namni tokko cubbuu hojjetuyyuu kadhannaa dhiheessuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi? (b) Namni cubbuu hojjeterraa qulqullaa’uuf dhuunfaasaatti kadhachuu malees maaltu isa gargaaruu danda’a?
14 Namni tokko cubbuu yoo hojjete kadhannaan kan isa gargaaru akkamitti? Namoonni cubbuu hojjetan waan qaana’aniif kadhannaa dhiheessuu sodaatu. Kun garuu sirrii miti. Fakkeenyaaf: Namni tokko bakka tokko dhaquu barbaadee karaan yoo jalaa bade, nama naannoo sana beeku gaafachuu akka danda’u beeka. Haata’u malee, karaan jalaa baduusaatti qaana’ee yoo gaafachuu baate rakkina akkamiitu isa mudata? Akkas gochuunsaa karicharraa caalaatti isa fageessuu danda’a. Haaluma walfakkaatuun, namni cubbuu hojjete tokko Waaqayyoon kadhachuun yoo isa qaanesse caalaatti miidhamuu danda’a. Cubbuu hojjechuudhaan kan ka’e qaana’uun, Yihowaa kadhachuurraa duubatti akka jennu nu gochuu hin qabu. Waaqayyoyyuu namoonni cubbuu guddaa hojjetan akka isa kadhatan afeera. Isaayaas raajichi ‘inni nama cubbuu hojjete in maara’ jechuudhaan cubbamoonni barasaatti turan Yihowaa akka kadhatan gorseera. (Isaayaas 55:6, 7) Namni tokko ‘Yihowaan fuula ifaadhaan akka isa ilaalu’ yoo barbaade, gad of qabuu, cubbuurraa deebi’uufi garaadhaa qalbii gedderachuu qaba.—Faarfannaa 119:58; Daani’el 9:13.
15 Yeroo cubbuu hojjennu kadhannaa gochuun keenya faayidaa kan biraas qaba. Nama karaa hafuuraa gargaarsi isa barbaachisu ilaalchisee Yaaqoob akkas jedheera: “Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo . . . kadhata haa godhaniif . . . gooftaan isa in kaasa.” (Yaaqoob 5:14, 15) Eeyyee, namichi dhuunfaasaatti kadhannaadhaan cubbuusaa Yihowaatti himuu kan qabu ta’uyyuu, jaarsoliin akka isaaf kadhatan gaafachuus ni danda’a. Kana gochuunsaa karaa hafuuraa akka fooyya’u isa gargaara.
Kadhannaa Keenyaaf Deebii Argachuu
16, 17. (a) Yihowaan kadhannaadhaaf deebii kan kennu akkamitti? (b) Kadhannaaniifi hojiin lallabaa walitti dhufeenya akka qaban muuxannoowwan kamtu argisiisa?
16 Kadhannaan deebii kan argatu akkmitti? Kadhannaa tokko tokkoof kallattiidhaan dafnee deebii arganna. (2 Mootota 20:1-6) Tokko tokkommoo yeroo kan fudhatu ta’uusaarrayyuu, karaa itti deebii argannes hubachuu dhiisuu dandeenya. Akkuma Yesus waa’ee haadha hiyyeessaa firdii qajeelaa argachuuf gara abbaa firdii tokkoo deddeebitee dhuftee fakkeenyaan dubbate, irra deddeebinee kadhachuun barbaachisaa ta’uu danda’a. (Luqaas 18:1-8) Haata’u malee, kadhannaan keenya fedha Waaqayyoo wajjin kan wal simu yoo ta’e, Yihowaan “ana hin dhamaasin” nuun hin jedhu.—Luqaas 11:5-9.
17 Sabni Yihowaa kadhannaawwan baay’een deebii argachuusaanii arganiiru. Kun yeroo baay’ee tajaajila keenyarratti nu mudata. Fakkeenyaaf, Fiilippiins keessatti obboloonni durbaa lama naannoo fagoo tokko dhaqanii barreeffamoota Macaafa Qulqulluu raabsu turan. Dubartii tokkoof tiraaktii yommuu kennan imimmaan ija ishee guute. Akkas jetteen: “Kaleessa galgala Waaqayyo nama Macaafa Qulqulluu na barsiisu akka naaf ergu isa kadhadheen ture; akka natti fakkaatutti amma deebii argadheera.” Sana booda baay’ee utuu hin turin dubartittiin walga’iiwwan gumii Galma Mootummaatti godhamanirratti argamuu jalqabde. Kibba Bahaa Eeshiyaa kan biraattimmoo, obboleessi tokko bakka jireenyaa eegumsi guddaan godhamuufitti tajaajiluu sodaatee ture. Ta’uyyuu Yihowaa kadhachuudhaan jajjabina argatee gara naannoo tajaajilaa sana seene. Mana jireenyaa tokko yommuu rurrukutu shamarreen tokko gadi baate. Obboleessi kun maaliif akka dhufe ennaa itti himu boo’uu jalqabde. Dhugaa Baatota Yihowaa argachuu akka barbaadduufi isaan argachuuf kadhattee akka turte itti himte. Obboleessi kunis gumii naannoo sana jiru akka argattu gammachuudhaan ishee gargaare.
18. (a) Kadhannaa keenyaaf deebii yommuu argannu maal gochuu qabna? (b) Carraa arganne hundaan kan kadhannu yoo ta’e maal akka argannu abdachuu qabna?
18 Kadhannaan qophii baay’ee gaarii ta’edha. Yihowaan kadhannaa keenya dhaggeeffachuufi deebii kennuuf qophaa’aadha. (Isaayaas 30:18, 19) Haata’u malee, karaa Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii itti kennu hubachuu qabna. Kana kan godhu yeroo hundumaa karaa nuyi eegneen ta’uu dhiisuu danda’a. Ta’uyyuu, Waaqayyo qajeelfama akka nuu kenne yommuu hubannu isa galateeffachuufi isa jajuu irraanfachuu hin qabnu. (1 Tasaloniiqee 5:18) Kana malees, yeroo hundumaa gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne yaadadhu: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa.” Waaqayyoon kadhachuuf carraa argatte hundumaatti fayyadami. Akkas gochuudhaan namoota kadhannaansaanii deebii argate ilaalchisee wanti Phaawulos, “Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan in eega” jechuudhaan dubbate dhugaa ta’uusaa ni mirkaneessita.—Filiphisiiyus 4:6, 7.
Deebisuu Dandeessaa?
• Kadhannaan keenya bifa akkamii qabaachuu danda’a?
• Kadhachuu kan qabnu akkamitti?
• Waa’ee maalii kadhachuu dandeenya?
• Namni cubbuu hojjete tokko kadhachuunsaa faayidaa maalii qaba?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]