Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantaafi Waaqayyoon Sodaachuun Ija Jabaachuuf Nu Gargaara

Amantaafi Waaqayyoon Sodaachuun Ija Jabaachuuf Nu Gargaara

Amantaafi Waaqayyoon Sodaachuun Ija Jabaachuuf Nu Gargaara

“Ani Waaqayyo gooftaan kee, . . . sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu.” —IYAASUU 1:9.

1, 2. (a) Akka ilaalcha namootaatti Israa’eloonni Kana’aanota kan injifatan fakkaata turee? (b) Iyaasuun gargaarsa akka argatu kan itti himame akkamitti?

 DHALOOTA KIRISTOOS BOODA bara 1473⁠tti sabni Israa’el gara Biyyattii Abdachiifamteetti galuuf qophiirra turan. Rakkoo isaan mudatu ilaalchisee Museen akkas jechuudhaan isaan akeekkachiiseera: “Ati har’a mandara gurguddaa dheerinni dallaa isaanii waaqa keessa ga’u saba warra kaan warra guddinaa fi humnaan si caalan irraa fudhachuudhaaf laga Yordaanos in ceeta. Jarri sunis sanyii Aanaaqotaa ti; isaan jajjaboodhaa fi dhedheeroo dha; ati iyyuu . . . ‘Eenyutu sanyii Aanaaq dura dhaabachuu danda’a?’ jedhamee akka dubbatamu dhageesseetta.” (Keessa Deebii 9:1, 2) Dhugumayyuu loltoonni kun jajjaboodha! Kana malees, Kana’aanonni tokko tokko loltoota meeshaa waraanaa akka gaariitti hidhataniifi fardeen, akkasumas konkolaattota fardaan harkifaman kan qaban turan.—Abboota Firdii 4:13.

2 Israa’el garuu saba garbummaa jala tureefi waggoota 40 lafa onaa keessa jiraatedha. Kanaafuu akka ilaalcha namootaatti injifachuunsaanii kan hin fakkaannedha. Haata’u malee, Museen amantaa waan qabuuf Yihowaan yeroo isaan geggeessu ‘akka argeetti’ itti dhaga’ameera. (Ibroota 11:27) Museen, Israa’elootaan ‘Waaqayyo gooftaan kee si dura adeema’ jedhee ture. “Inni si duraa isaan in balleessa, harka kee jalas isaan in galcha.” (Keessa Deebii 9:3; Faarfannaa 33:16, 17) Museen erga du’ee booda Yihowaan Iyaasuu akka gargaaruu yommuu dubbatu akkas jechuudhaan mirkaneesseeraaf: “Museen garbichi koo du’eera; egaa amma atii fi sabni kun hundinuu ka’aatii laga Yordaanos kana ce’aatii gara biyya isa ani saba Israa’eliif kennu sanaa dhaqaa! Bara jireenya kee hundumaatti namni si dura dhaabachuu danda’u hin jiru; Musee wajjin akkuman ture sii wajjinis nan ta’a; ani si hin dhiisu, si hin irraanfadhus!”—Iyaasuu 1:2, 5.

3. Iyaasuun amantaafi ija jabina akka qabaatuuf wanti isa gargaare maalidha?

3 Iyaasuun gargaarsaafi qajeelfama Yihowaa argachuuf, Seera Waaqayyoo dubbisuufi isarratti xiinxaluu akkasumas jireenyasaa ittiin geggeessuu qaba ture. Yihowaan yoo akkas godhe ‘karaansaa akka isaaf qajeelu, wanti inni godhus akka wal isaaf qixxaatu’ itti himee ture. Itti dabalees, “Ani Waaqayyo gooftaan kee, ‘Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na’inis!’ jedhee si hin abboomnee ree?” jedheen. (Iyaasuu 1:8, 9) Iyaasuun waan Yihowaan jedhe dhaggeeffachuusaatiin ija jabeessaafi cimaa ta’uusaarrayyuu, wanti inni hojjetu hundi wal qixxaateeraaf. Namoonni barasaatti argaman garuu hin dhaggeeffanne. Kanaafuu wanti isaan hojjetan kan wal hin qixxaanneef ta’uusaarrayyuu, lafa onaa keessatti dhumaniiru.

Namoonni Amantaa Hin Qabne Ija Jabina Hin Qaban

4, 5. (a) Ilaalchi gaaddota kurnanii, ilaalcha Iyaasuufi Kaalebirraa adda kan ture akkamitti? (b) Namoota amantaa dhaban ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhaga’ame?

4 Israa’eloonni Kana’aanitti dhihaachuusaanii waggoota afurtama dura, Museen biyyattii akka gaadaniif namoota 12 ergee ture. Kurnansaanii sodaadhaan guutamanii deebi’an. Achiis akkas jechuudhaan iyyuutti ka’an: “Isaan nu caalaa jajjaboo waan ta’aniif, nuyi isaan rukutuu hin dandeenyu. Namoonni nuyi achitti argine hundinuus dhedheeroo dha. Nuyi achitti namoota hojjaadhaa fi humnaan nama caalan ilmaan Aanaaq argineerra; nuyi ofuma keenyatti iyyuu qorophisa fakkaanne, isaan durattis akkasuma taane.” Ilmaan Aanaaq qofa utuu hin ta’in ‘namoota hundumaatu baay’ee dhedheeroo’ turee? Lakki. Dhuguma ilmaan Aanaaq sanyii Neefliimota Bishaan Badiisaa dura turaniitii? Akka hin turre beekamaadha! Ta’uyyuu, oduu sobaa kanaan kan ka’e sabni Israa’el sodaa guddaadhaan guutamee ture. Kanaafuu gara Gibxiitti bakka garbummaadhaan jiraachaa turanitti deebi’uu barbaadanii turan!—Lakkoobsa 13:31–14:4.

5 Haata’u malee, gaaddonni lamaan jechuunis Iyaasuufi Kaaleb Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf hawwanii turan. Akkas jedhan: “Namoota biyya sanaa akkuma buddeena keenyaatti isaan in alalfanna! Gaaddisi isaanii isaan irraa sokkeera, nuu wajjin garuu Waaqayyotu jira, kanaaf isaan hin sodaatinaa.” (Lakkoobsa 14:9) Iyaasuufi Kaaleb akkasumaan hawwiisaanii dubbachuusaanii turee? Matumaa! Saba Israa’el warra hafanii wajjin ta’uudhaan, Yihowaan gurguddootaafi waaqolii Gibxii Dha’icha Kudhan itti fiduudhaan yeroo isaan qaanessu arganiiru. Yihowaan Fara’ooniifi maccasaa Galaana Diimaatti isaan naquusaas arganiiru. (Faarfannaa 136:15) Kanaafuu, gaaddonni kurnan sodaataniifi namoonni sodaasaaniitiin mo’aman balleessaansaanii akka irra hin darbamneef beekamaadha. Yihowaanis gadda guddaa isatti dhaga’ame yeroo ibsu akkas jedheera: “Jarri kun hamma yoomiitti na tuffatu? Utuma ani isaan gidduutti milikkita garaa garaa argisiisaa jiruu, hamma yoomiitti anatti amanuu didu?”—Lakkoobsa 14:11.

6. Ija jabinni amantaa wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? Kun yeroo ammaatti karaa kamiin mul’achaa jira?

6 Yihowaan, rakkoo kana kan fide namoonni sun sodaadhaan amantaa dhabuusaanii ta’uusaa hubateera. Dhugumayyuu, amantaafi ija jabinni walitti dhufeenya kan qaban ta’uusaa ilaalchisee Yohannis ergamaan waa’ee waraana hafuuraa gumii Kiristiyaanaa yeroo dubbatu: “Humni ittiin biyyi lafaa mo’amu kunis amantaa keenya” jedheera. (1 Yohannis 5:4) Yeroo har’aa Dhugaa Baatonni Yihowaa ijoolleefi maanguddoota, akkasumas ciccimoofi dadhaboo ta’an kan miliyoona ja’aa ol ta’an, addunyaa maratti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuudhaan amantaa akka Iyaasuufi Kaaleb akka qaban argisiisaniiru. Diinni kamiyyuu macca ija jabeessaafi cimaa ta’e kana cal jechisiisuu hin danda’u.—Roomaa 8:31.

‘Duubatti Hin Deebi’inaa’

7. ‘Duubatti deebi’uu’ jechuun maal jechuudha?

7 Yeroo har’aa tajaajiltoonni Yihowaa ija jabinaan misiraachoo kana kan lallaban yaada Phaawulos akkas jedhee wajjin waan walii galaniifidha: “Nuyi warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee, warra badiisaaf duubatti deebi’an miti.” (Ibroota 10:39, NW) Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo ta’an baay’een yeroon itti sodaatan waan jiruuf, Phaawulos “warra duubatti deebi’an” yommuu jedhu, namoota al tokko tokko akka tasaa sodaan itti dhaga’amu jechuusaa miti. (1 Saamu’el 21:12; 1 Mootota 19:1-4) Kanaa mannaa, akka galmeen jechoota Macaafa Qulqulluu tokko jedhutti, “duubaatti deebi’uu, baqachuu” akkasumas “dhugaadhaaf dantaa dhabuu” jechuudha. Itti dabalees, “duubatti deebi’uu” inni jedhu tajaajila Waaqayyoof dhiheessinu wajjin haala wal qabateen, “sharaa qilleensaa dooniirra jiru irraa hiikuudhaan saffisasaa akka hir’isu gochuu” wajjin kan wal fakkaatu ta’uu akka danda’u ibseera. Kan amantaa jabaa qaban hundi rakkoon cimaan jechuunis ari’atamni, dhibeen fayyaa ykn qorumsi kan biraan isaanirra ga’uyyuu, ‘saffisnisaanii akka hir’atu’ hin heyyaman. Kanaa mannaa, Yihowaan akka isaaniif yaaduufi humnasaanii akka beeku hubachuudhaan isa tajaajiluusaanii jabeessanii itti fufuu. (Faarfannaa 55:22; 103:14) Atoo amantaa akkasii qabdaa?

8, 9. (a) Yihowaan amantaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa akka jabaatu kan godhe akkamitti? (b) Amantaa keenya guddisuuf maal gochuu dandeenya?

8 Yeroo tokkotti ergamoonni Yesus amantaansaanii akka hir’ate waan isaanitti dhaga’ameef: “Amantii keenya nuuf guddisi!” jedhanii turan. (Luqaas 17:5) Gaaffiin isaan gaafatan kun, guyyaa Phenxeqostee bara 33 akkuma waadaa galameefitti yeroo hafuurri qulqulluun isaanirratti bu’e, Dubbii Waaqayyoofi kaayyoosaa ilaalchisee hubannaa gadi fagoo akka argatan godheera. (Yohannis 14:26; Hojii Ergamootaa 2:1-4) Aria’atamni jiraatuyyuu amantaansaanii waan jabaateef, duula misiraachoo “waaqa jalaa uumama hundumaatii” lallabuuf godhamerratti hirmaachuu jalqaban.—Qolosaayis 1:23; Hojii Ergamootaa 1:8; 28:22.

9 Nuyis, amantaa keenya guddisuufi tajaajila keenyatti jabaachuuf, Caaffata Qulqullaa’oo dubbisuufi irratti xiinxaluu, akkasumas hafuura qulqulluusaa akka nuuf kennu kadhachuu qabna. Akkuma Iyaasuu, Kaalebiifi ergamoota jaarraa jalqabaa, dhugaan Waaqayyoo sammuufi garaa keenyatti akka maxxanu yoo goone qofa, amantaa lola hafuuraarratti ija jabinaafi injifannoo nuu kennu qabaachuu dandeenya.—Roomaa 10:17.

Waaqayyo Jiraachuusaa Amanuun Qofti Ga’aa Miti

10. Amantaan dhugaa maalfaa dabalata?

10 Seenaan namoota amanamoo durii, amantaan ija jabinaafi obsa argamsiisu Waaqayyo jiraachuusaa amanuu caalaa waan dabalatu akka qabu kan argisiisudha. (Yaaqoob 2:19) Yihowaa sirriitti beekuufi guutummaatti isatti amanamuu kan gaafatudha. (Faarfannaa 78:5-8; Fakkeenya 3:5, 6) Akkasumas seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo hordofuun hunda caalaa akka nu fayyadu garaa guutuudhaan amanamuu jechuudha. (Isaayaas 48:17, 18) Kana malees amantaan, Yihowaan waadaa gale hundumaa akka raawwatuufi “warra isa barbaadaniif gatii isaanii akka kennuuf” amanuu kan dabalatudha.—Ibroota 11:1, 6; Isaayaas 55:11.

11. Iyaasuunis ta’e Kaaleb amantaafi ija jabina argisiisaniif kan eebbifaman karaa kamiini?

11 Amantaan akkasii bakkuma jiru kan dhaabatu miti. Jireenya keenya keessatti dhugaa hojiirra yommuu oolchinu, faayidaasaa yeroo ‘mi’eeffannuu,’ deebiiwwan kadhannaa keenyaa si’a ‘ilaallu’ kana jechuunis, Yihowaan nu qajeelchaa akka jiru yeroo nutti dhaga’amu amantaan akkasii guddachaa adeema. (Faarfannaa 34:8; 1 Yohannis 5:14, 15) Iyaasuufi Kaaleb gaarummaa Yihowaa mi’eeffachaa yeroo adeeman amantaansaanii cimaa akka dhufe mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Iyaasuu 23:14) Yaadawwan kanaa gadi jiran ilaali: Akkuma Waaqayyo waadaa galetti adeemsa waggaa afurtamaa lafa onaa keessa deemanirraa oolaniiru. (Lakkoobsa 14:27-30; 32:11, 12) Waggaa ja’a cimsanii loluudhaan Kana’aaniin akka injifatan godhameera. Dhumarrattis, jireenyaafi haala fayyaa gammachiisaa ta’e akkasumas dhaala kan dhuunfaasaanii ta’e argataniiru. Yihowaan namoota amanamummaafi ija jabinaan isa tajaajilan ni eebbisa!—Iyaasuu 14:6, 9-14; 19:49, 50; 24:29.

12. Yihowaan ‘abdiisaa kan ol kaasu’ akkamitti?

12 Gaarummaan Waaqayyo Iyaasuufi Kaalebitti argisiise, jechoota faarfatichaa ‘wanta ittiin maqaankee beekame gararraatti ati abdiikee ol kaafte’ jedhan kan nu yaadachiisudha. (Faarfannaa 138:2) Yihowaan abdii kenne mirkaneessuuf maqaasaatti yeroo fayyadamu, isa yaanne caalaa waan nuu raawwatuuf abdiinsaa ‘ol kaafama.’ (Efesoon 3:20) Eeyyee, namoota isatti ‘gammadan’ matumaa hin qaanessu.—Faarfannaa 37:3, 4.

Nama ‘Waaqayyoon Gammachiise’

13, 14. Henok amantaaniifi ija jabinni kan isa barbaachisee ture maaliifi?

13 Fakkeenya Henok isa Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura turee ilaaluudhaan waa’ee amantaafi ija jabinaa baay’ee barachuu dandeenya. Henok raajii dubbachuu jalqabuusaa dura, amantaafi ija jabinnisaa akka qoramu utuu hin beekin hin oolu. Akkamitti? Yihowaan, namoota Waaqayyoon tajaajilaniifi Seexana tajaajilan gidduutti diinummaan ykn jibbi akka uumamu iddoo dhaabaa Eeden keessatti dubbatee ture. (Uumama 3:15) Henok jibbi seenaa ilmaan namootaa keessatti kan jalqabe yeroo Qaayin obboleessasaa Abeeliin ajjeesetti ta’uusaas beeka ture. Abbaasaanii kan ta’e Addaam erga Henok dhalatee booda waggoota 310 ta’u jiraate.—Uumama 5:3-18.

14 Haata’u malee Henok, haalli kun utuma jiruu ija jabinaan ‘karaa Waaqayyoorra deddeebi’eera;’ “dubbii jajjabaa” Waaqayyorratti dubbataniif isaanitti faradeera. (Uumama 5:22; Yihudaa 14, 15) Henok waaqeffannaa dhugaa deggeruuf jecha ija jabinaan tarkaanfii fudhachuunsaa, diinota baay’ee lubbuusaa balaarra buusuu barbaadan akka qabaatu godheera. Kanaafuu, Yihowaan raajiisaa kana du’a dhiphinaa jalaa baaseera. ‘Waaqayyoon gammachiisuunsaa’ erga dhugaa ba’aameefii booda, Yihowaan, Henok mul’ata raajii argaa utuma jiruu du’aan akka ‘fudhatamu’ godheera.—Ibroota 11:5, 13; Uumama 5:24.

15. Henok tajaajiltoota Yihowaa yeroo har’aatti argamaniif fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti?

15 Phaawulos ergamaan waa’ee jijjiirama Henok erga dubbattee booda, amantaan hammam barbaachisaa akka ta’e yommuu ibsu: “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu” jedheera. (Ibroota 11:6) Eeyyee, Henok amantaa qabaachuunsaa daandii Yihowaarra deddeebi’uufi biyya lafaa Waaqayyo malee jiraatutti ergaa murtiisaa akka lallabuuf ija jabina kenneeraaf. Karaa kanaan Henok fakkeenya gaarii nuu ta’a. Nuyis, biyya lafaa waaqeffannaa dhugaa mormuufi hammeenyaan guutame keessa waan jiraannuuf hojii wal fakkaatu hojjenna.—Faarfannaa 92:7; Maatewos 24:14; Mul’ata 12:17.

Ija Jabina Waaqayyoon Sodaachuudhaan Argamu

16, 17. Obaadiyaan eenyudha? Haala akkamii keessatti argama ture?

16 Amantaa malee amalli kan biraan ija jabina akka qabaannuuf nu gargaaru Waaqayyoon sodaachuudha. Waaqayyoon sodaachuu ilaalchisee fakkeenya gaarii kan nuu ta’u Eliyaas raajicha, isa bara Ahaab Mooticha Israa’el kaabaa ture haa ilaallu. Bara bulchiinsa Ahaabitti, waaqeffannaan Ba’aal haala takkaa ta’ee hin beekneen mootummaa Israa’el kaabaa mancaasee ture. Raajonni Ba’aal 450 ta’aniifi raajonni Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu 400 ta’an, ‘maaddii Izaabelirraa nyaatu’ turan.—1 Mootota 16:30-33; 18:19.

17 Diina Yihowaa hamtuu kan taate Izaabel, biyyatti keessaa waaqeffannaa dhugaa balleessuuf yaalii gootee turte. Raajota Yihowaa baay’ee kan ajjeesiste si’a ta’u, Eliyaasiinis ajjeesisuuf yaalii gootuyyuu, inni ajaja Waaqayyootiin gara Yordaanositti baqateera. (1 Mootota 17:1-3; 18:13) Kanaafuu, yeroo sana bulchiinsa kaabaa keessatti waaqeffannaa dhugaa deggeruun rakkisaa kan ta’u sitti hin fakkaatuu? Keessumaammoo mana mootummaa keessa kan tajaajiltu yoo taatehoo? Obaadiyaa a inni Waaqayyoon sodaatuufi ergamaa Ahaab ta’e haala akkasii keessa jira ture.—1 Mootota 18:3.

18. Akka nama Yihowaa waaqeffatu tokkootti wanti Obaadiyaa adda taasisu maalidha?

18 Dhugumayyuu, Obaadiyaan waaqeffannaasaarratti abshaalaafi ogeessa akka ture hin shakkisiisu. Kanaafuu, amantaasaa hin laaffisne. 1 Mootota 18:3, [1899] akkas jedha: “Obaadiyaan guddaa Waaqayyoon sodaata ture.” Eeyyee, sodaan Obaadiyaan Waaqayyoof qabu adda ture! Kunis, Izaabel raajota Yihowaa erga ajjeesistee booda akkuma mul’atetti ija jabina kenneeraaf.

19. Obaadiyaan wanta ija jabinasaa argisiisu akkamii raawwate?

19 Akkas kan jedhu dubbisna: “Izaabel yeroo raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti, Obaadiyaan immoo raajota dhibba tokko jalaa fuudhee, shantama shantamaan holqa dhagaa keessa isaan dhoksee, achitti buddeenaa fi bishaan in kennisiisaaf ture.” (1 Mootota 18:4) Namoota dhibbaan lakkaa’aman dhoksaadhaan nyaachisuun balaa hammamii geessisuu akka danda’u tilmaamuu dandeessa. Obaadiyaan, Ahaabiifi Izaabeliin qabamuu qofa utuu hin ta’in, raajota sobaa 850 yeroo hundaa gara mana mootummaa dhufan jalaa dhokachuu qaba ture. Kana malees, waaqeffattoonni sobaa xinnaaf guddaa utuu hin jedhin, mootiisaaniifi mootuusaanii duratti fudhatama argachuuf jecha Obaadiyaa dabarsanii kennuuf carraa akka barbaadan beekamaadha. Haata’u malee, Obaadiyaan utuma warri waaqolii tolfamoodhaaf sagadan kun isa arganii ija jabinaan raajii Yihowaa ta’ee tajaajileera. Sodaan Waaqayyoo nama tokko ija jabeessa gochuuf humna guddaa qaba!

20. Waaqayyoon sodaachuun Obaadiyaa kan gargaare akkamitti? Siinoo fakkeenyisaa kan si gargaaru akkamitti?

20 Obaadiyaan ija jabina akkasii kan argisiise Waaqayyoon sodaachuusaatiin waan ta’eef, Yihowaan diinotasaa jalaa akka isa oolche beekamaadha. Fakkeenyi 29:25 akkas jedha: “Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha, Waaqayyoon amanachuun garuu fayyina.” Obaadiyaan namuma akka keenyaa qabamuufi du’uu sodaatu ture. (1 Mootota 18:7-9, 12) Ta’us, sodaan Waaqayyoof qabu, sodaa inni namootaaf qabu kamiyyuu akka mo’uuf ija jabina kenneeraaf. Obaadiyaan hunda keenyaaf, keessumaa namoota lubbuusaanii balaarra buusuudhaan Yihowaa waaqeffataniif fakkeenya gaarii ta’a. (Maatewos 24:9) Hundi keenya ‘ulfinaafi sodaadhaan’ Yihowaa tajaajiluuf haa carraaqnu.—Ibroota 12:28.

21. Mataduree ittaanutti waa’ee maalii baranna?

21 Ija jabina qabaachuuf kan nu gargaaru amantaafi Waaqayyoon sodaachuu qofa miti; jaalallis humna qabaachuu danda’a. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.” (2 Ximotewos 1:7) Mataduree ittaanutti, guyyoota gara dhumaa sodaachisaa ta’an kana keessatti ija jabinaan Yihowaa tajaajiluuf jaalalli akkamiitti akka nu gargaaruu danda’u ilaalla.—2 Ximotewos 3:1.

[Miiljalee]

a Obaadiyaa raajicha miti.

Deebisuu Dandeessaa?

• Iyaasuufi Kaaleb ija jabina akka qabaatan kan isaan gargaare maalidha?

• Amantaa dhugaa qabaachuun maalfaa dabalata?

• Henok ergaa murtii Waaqayyoo dubbachuun kan isa hin sodaachisne maaliifi?

• Waaqayyoon sodaachuun ija jabina argachuuf kan gargaaru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]