Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalalli Ija Jabeeyyii Nu Taasisa

Jaalalli Ija Jabeeyyii Nu Taasisa

Jaalalli Ija Jabeeyyii Nu Taasisa

“Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.”—2 XIMOTEWOS 1:7.

1, 2. (a) Jaalalli namni tokko maal akka godhuuf isa dirqisiisuu danda’a? (b) Ija jabinni Yesus adda kan ture maaliifi?

 MISIRROON lama magaalaa qarqara baha Awustiraaliyaatti argamtu tokkotti bishaan waliin daakaa turan. Qarqaraa bishaanichaatti si’a dhihaatan shaarkii adiin gosa qurxummii keessaa nama nyaatu tokko murxuxxifamaa dubartittiitti dhufe. Yeroo kanatti abbaan manaashee haala dinqii ta’een haadha manaasaa oolchuudhaan qurxummichi akka isa qabatu godhe. Sirna awwaalchaasaarratti haati manaasaa, “anaaf jedhee lubbuusaa dabarsee kenne” jetteetti.

2 Eeyyee, jaalalli namoonni ija jabina guddaa akka argisiisan dirqisiisuu danda’a. Yesus Kiristosiyyuu akkas jedheera: “Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u.” (Yohannis 15:13) Yesus kana erga dubbatee sa’aatii 24 utuu hin guutin, nama tokkoof utuu hin ta’in dhala namaa hundaaf lubbuusaa dabarsee kenneera. (Maatewos 20:28) Yesus lubbuusaa dabarsee kan kenne ija jabina akka tasaa isatti dhaga’ameen hin turre. Akka itti qoosamu, miidhaan akka isarra ga’u, balleessaa malee akka isarratti murteeffamu, mukarratti fannifamee akka ajjeeffamu dursee beeka ture. Wanta isarra ga’u ilaalchisee akkas jechuudhaan bartootasaa qopheessee ture: “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol ba’uu keenya! Ilmi namaa luboota warra angafootaatti, barsiisota seeraattis dabarfamee in kennama; isaan immoo yakka du’aa itti muranii, saba Waaqayyoo warra hin ta’initti dabarsanii isa in kennu; jarri itti in ga’isu, itti in tufu, in reebu, in ajjeesus; inni immoo guyyaa sadii booddee du’aa in ka’a.”—Maarqos 10:33, 34.

3. Wanti Yesus akka ija jabaatu isa godhe maalidha?

3 Yesus ija jabina adda ta’e kana akka argisiisu kan isa gargaare maalidha? Amantaafi Waaqayyoon sodaachuun ga’ee guddaa qabu. (Ibroota 5:7; 12:2) Haata’u malee hunda caalaa wanti ija jabina Yesusiif bu’uura ta’e, jaalala Waaqayyoofi dhala namaatiif qabudha. (1 Yohannis 3:16) Amantaafi Waaqayyoon sodaachuurratti jaalala akkasii yoo qabaanne, nuyis akkuma Yesus ija jabina argisiisuu dandeenya. (Efesoon 5:2) Jaalala akkasii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Dursinee Maddasaa beekuu nu barbaachisa.

‘Jaalalli Kan Waaqayyooti’

4. Yihowaan Madda jaalalaati kan jennu maaliifi?

4 Yihowaan jaalala ta’uusaarrayyuu, Madda jaalalaati. Yohannis ergamaan akkas jedha: “Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta’eef, kottaa wal in jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti, Waaqayyoonis in beeka. Waaqayyo jaalala waan ta’eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne.” (1 Yohannis 4:7, 8) Kanaafuu, namni tokko jaalala kana argisiisuu kan danda’u, beekumsa sirrii argachuudhaan Yihowaatti yoo dhihaateefi fedhiisaatiin akka barate sanatti yoo jiraate qofadha.—Filiphisiiyus 1:9; Yaaqoob 4:8; 1 Yohannis 5:3.

5, 6. Bartoonni jaarraa jalqabaa jaalala akka Yesus akka qabaatan kan isaan gargaare maalidha?

5 Yesus kadhannaa xumuraa bartootasaa 11n amanamoo ta’anii wajjin godheen, Waaqayyoon beekuufi jaalalaan guddachuun walitti dhufeenya akka qaban yeroo ibsu akkas jedhee ture: “Maqaan kee isaan biratti akka beekamu godheera, jaalalli ati ittiin na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anis isaan keessa akkan jiraadhuuf, ammas akka beekamu nan godha.” (Yohannis 17:26) Yesus jechaanis ta’e fakkeenyaan maqaan Waaqayyoo amalawwansaa kan bakka bu’u ta’uusaa argisiisuudhaan, bartoonnisaa jaalala Abbaasaafi isa gidduu jiru akka qabaatan gargaareera. Kanaafuu: “Namni ana arge abbaa arge” jechuu danda’eera.—Yohannis 14:9, 10; 17:8.

6 Jaalala akka Yesus qabaachuun, bu’aa hafuurri qulqulluun argamsiisudha. (Galaatiyaa 5:22) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akkuma abdiin kennameefitti Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti hafuurri qulqulluun yeroo isaanirratti bu’u, wanta Yesus isaan barsiise yaadachuu qofa utuu hin ta’in, Caaffata Qulqullaa’oos caalaatti hubachuu danda’aniiru. Hubannaan gadi fagoo ta’e kunimmoo, jaalala Waaqayyoof qaban akka guddifatan isaan gargaareera. (Yohannis 14:26; 15:26) Bu’aansaahoo maalidha? Lubbuusaanii balaarra kan buusu ta’ullee, hinaaffaafi ija jabinaan misiraachicha lallabaniiru.—Hojii Ergamootaa 5:28, 29.

Ija Jabinaafi Jaalala Hojiidhaan Argisiisuu

7. Phaawulosiifi Barnaabaas adeemsa misiyoonummaaf godhaniin maaltu isaanirra ga’ee ture?

7 Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne.” (2 Ximotewos 1:7) Phaawulos muuxannoo mataasaarraa ka’ee dubbata ture. Mee Phaawulosiifi Barnaabaasiin adeemsa misiyoonummaasaaniirratti wanta isaan mudate haa ilaallu. Anxokiyaa, Iqoniiyumiifi Lisxiraa dabalatee magaalaa baay’ee keessatti lallabaniiru. Biyyoota hundatti namoonni tokko tokko amantoota kan ta’an si’a ta’u, kaan garuu jibbaan kaka’aanii isaan mormanii turan. (Hojii Ergamootaa 13:2, 14, 45, 50; 14:1, 5) Lisxiraatti namoonni aariidhaan kaka’aanii Phaawulosiin dhagaadhaan kan rukutan si’a ta’u waan du’e isaanitti fakkaatee isa dhiisanii deeman! “Amantoonni garuu dhufanii isatti naanna’anii dhaabannaan, Phaawulos lafaa ka’ee mandaratti ol deebi’e; borumtaa immoo Baarnaabaasii wajjin mandara Derbee dhaqe.”—Hojii Ergamootaa 14:6, 19, 20.

8. Ija jabinni Phaawulosiifi Barnaabaas argisiisan, jaalala cimaa namootaaf qaban kan calaqqisiise akkamitti?

8 Phaawulosiin ajjeesuuf yaalii gochuunsaanii, inniifi Barnaabaas sodaatanii lallabuusaanii akka dhiisan godheeraa? Lakki! Derbee keessatti ‘namoota baay’ee amantoota’ erga godhanii booda, ‘Lisxiraa, Iqoniiyumiifi Anxokiyaatti’ deebi’an. Maaliif? Warri haaraa ta’an amantiitti akka ciman jajjabeessuufidha. Phaawulosiifi Barnaabaas, “Gidiraa baay’ee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in ta’a” jechuudhaan dubbataniiru. Ija jabinnisaanii jaalala cimaa “ilmoolee” hoolotaa Yesusiif qabanirraa kan argamedha. (Hojii Ergamootaa 14:21-23; Yohannis 21:15-17) Gumiiwwan haaraa hundeeffaman kana keessatti jaarsolii erga muudanii booda, obboloonni lamaan kun kadhannaa dhiheessuudhaan, “amantoota sana hundumaa harka gooftaa isa isaan itti amananiitti hadaraa kennan.”

9. Jaarsoliin Efesoon jaalala Phaawulosiif deebii akkamii kennan?

9 Phaawulos, nama jaalala qabeessaafi ija jabeessa waan ta’eef Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa baay’ee isa jaallatu ture. Walga’ii Phaawulos jaarsolii Efesoon, ishee waggoota sadiif keessa tureefi mormii cimaan itti irra ga’ee dhufanii wajjin godherratti wanta raawwatame hubadhu. (Hojii Ergamootaa 20:17-31) Phaawulos, karra Waaqayyo hadaraa isaanitti kenne akka tiksan erga isaan jajjabeessee booda, jilbeenfatee isaanii wajjin kadhateera. “Hundumti isaaniis boo’aa morma isaatti marmanii dhungatan. Dubbiin inni si’achi akka isaan isa hin argine dubbate immoo, caalaa isaan gaddisiise.” Obboloonni kun akkam Phaawulosiin jaallatu! Yeroon itti adda ba’an si’a ga’u, Phaawulosiifi namoonni isaa wajjin adeeman jaarsoliin achi jiran isaan gadhiisuu waan hin barbaanneef ‘giddiitti isaanirraa gargar ba’an.’—Hojii Ergamootaa 20:36–21:1.

10. Dhugaa Baatonni yeroo har’aatti argaman jaalala ija jabeeyyii ta’uu gaafatu waliisaaniitiif kan argisiisan akkamitti?

10 Yeroo har’aattis, daawwattoonni olaanaa, jaarsoliin gumiifi obboloonni kaan, hoolota Yihowaatiif jecha ija jabina kan argisiisan waan ta’eef baay’ee jaallatamu. Fakkeenyaaf, biyyoota waraanni walii waliin itti godhamutti ykn hojiin lallabaa dhowwametti, daawwattoonni olaanaafi hadholiin manaasaanii gumiiwwan daawwachuuf lubbuusaanii balaarra buusaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, Dhugaa Baatonni hedduun obbolootasaanii dabarsanii kennuu diduusaaniitiin ykn bakka barreeffamoonni jiran saaxila baasuu diduusaaniitiin, bulchitoota hamoofi namoota isaan jala jiraniin gidiraa baay’een isaanirra ga’eera. Kumaan kan lakkaa’amanimmoo, misiraachoo lallabuufi hidhata amantiisaanii wajjin walga’iirratti argamuusaanii dhaabuu diduusaaniitiin ari’atamaniiru, reebamaniiru, akkasumas ajjeefamaniiru. (Hojii Ergamootaa 5:28, 29; Ibroota 10:24, 25) Nuyis akkuma obboloota keenya ija jabeeyyii ta’an kanaa amantaafi jaalala haa argisiisnu!—1 Tasaloniiqee 1:6.

Jaalalli Keessan Akka Qabbanaa’u Hin Heyyaminaa

11. Seexanni karaawwan kamiin tajaajiltoota Yihowaarratti lola hafuuraa kaasa? Isaanoo maal gochuu qabu?

11 Seexanni yeroo gara lafaatti gadi darbatame, tajaajiltoota Yihowaa “warra abboommii Waaqayyoo eeganii, isa Yesus dhugaa ba’ettis jabaatan” irratti aariisaa ba’uuf murteessee ture. (Mul’ata 12:9, 17) Malli Seexanni itti fayyadamu inni guddaan ari’atamadha. Haata’u malee yeroo baay’ee, mallisaa kun faallaasaatiin sabni Waaqayyoo caalaatti akka wal jaallataniifi hinaaffaa akka qabaatan isaan godheera. Malli biraammoo fedhii cubbuu hojjechuutti jallachuudhaaf qabnutti fayyadameetu. Qabsoo kana kan goonu fedhii dogoggoraa ‘garaa keenya isa jal’aafi namni qajeelchuu’ hin dandeenye keessaa madduu wajjin waan ta’eef, mala Seexanaa kana mo’uun ija jabina adda ta’e kan gaafatudha.—Ermiyaas 17:9; Yaaqoob 1:14, 15.

12. Seexanni jaalala Waaqayyoof qabnu laaffisuuf ‘hafuura biyya lafaatti’ kan fayyadamu akkamitti?

12 Meeshaan waraanaa Seexanni itti fayyadamu inni kaanimmoo, fedhii ‘hafuura biyya lafaa,’ isa ilaalcha namootaa to’atuufi kallattiidhaan hafuura Waaqayyootiin mormuudha. (1 Qorontos 2:12) Hafuurri biyya lafaa sassataafi qabeenya jaallachuu jechuunis “hawwii ijaa” kan babal’isudha. (1 Yohannis 2:16; 1 Ximotewos 6:9, 10) Qabeenyi fooniifi maallaqni mataasaatti miidhaa geessisuu baatuyyuu, jaalalli wantoota kanaaf qabnu jaalala Waaqayyoof qabnurra kan caalu yoo ta’e Seexanni injifannoo argate jechuudha. Humni ykn ‘aboon’ hafuura biyya lafaa namoota gowwoomsuudhaan bu’a qabeessa kan ta’e, foon keenya isa cubbamaa yeroodhaaf kan gammachiisu, mala haxxummaatiin kan fayyadamu, kan itti fufuufi akkuma qilleensaa bakka hundaa kan jiru waan ta’eefidha. Matumaa hafuurri biyya lafaa yaadakee akka mancaasu hin heyyamin!—Efesoon 2:2, 3; Fakkeenya 4:23.

13. Ija jabinni keenya qoramuu kan danda’u akkamitti?

13 Haata’u malee hafuura hamaa biyya lafaarraa fagaachuunis ta’e qulqullina keenya eeguun ija jabina gaafata. Fakkeenyaaf, mana tiyaatiraa ykn sagantaa televijiinii fakkiiwwan gadhee argisiisan dhiisanii ba’uun, dhiibbaa hiriyoota gadhee mo’uuniifi isaanirraa fagaachuun ija jabina gaafata. Haaluma wal fakkaatuun, mana barumsaatti, bakka hojiitti, ollaawwan ykn firoonni keenya yeroo nutti qoosan seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Waaqayyootti maxxanuun ija jabina gaafata.—1 Qorontos 15:33; 1 Yohannis 5:19.

14. Hafuurri biyya lafaa dhiibbaa nurraan ga’eera yoo ta’e maal gochuu qabna?

14 Kanaafuu, jaalala Waaqayyoofi obboloota hafuuraa keenyaaf qabnu guddifachuun barbaachisaadha! Karaa tokkoon hafuurri Seexanaa dhiibbaa sirraan geessisee ta’uufi dhiisuusaa beekuuf yeroo fudhadhuutii galmawwankeefi akkaataa jireenyaakee qori. Xinnumallee dhiibbaa sirraan ga’ee yoo jiraate, guutummaatti akka si keessaa buqqaasuuf Yihowaa kadhadhu. Yihowaan kadhannaa akkasii ni dhaga’a. (Faarfannaa 51:17) Kana malees, hafuurrisaa kan biyya lafaa caalaa humna qaba.—1 Yohannis 4:4.

Qorumsawwan Dhuunfaadhaan Nu Mudatan Ija Jabinaan Mo’uu

15, 16. Jaalala akka Yesus qabaachuun rakkoowwan dhuunfaa mo’uuf kan nu gargaaru akkamitti? Fakkeenya kenni.

15 Tajaajiltoonni Yihowaa rakkoowwan gonka dhabeessa ta’uudhaan isaanirra ga’an kan akka, dulluma, dhukkuba, hir’ina qaamaa, abdii kutachuufi kanneen biroo wajjinis ni qabsaa’u. (Roomaa 8:22) Jaalala akka Yesus qabaachuun rakkoowan mo’uuf nu gargaara. Mee fakkeenya Namangolwaa ishee maatii Kiristiyaanaa keessatti guddatteefi Zaambiyaatti argamtu tokko haa ilaallu. Mucaa waggaa lamaa taatee utuu jirtuu naafatte. Akkas jetti: “Haallikoo namoota kan naasisu waan natti fakkaatuuf nan dhiphadhan ture. Haata’u malee obboloonni ilaalchakoo akkan sirreessuuf na gargaaraniiru. Booddees dhiphinakoo mo’e cuuphamuu danda’eera.”

16 Namangolwaan barcuma namoonni deemuu hin dandeenye irra taa’anii deemaniin kan adeemtu ta’uyyuu, yeroo baay’ee karaa cirrachaa kosii ta’erra harkasheefi jilbasheetiin daa’imti. Haata’u malee yoo xinnaate waggaatti ji’a lamaaf qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajilti. Dubartiin tokko yeroo Namangolwaan lallabduuf ni boossi turte. Maaliif? Amantaafi ija jabina obboleettii keenyaan waan tuqamteefidha. Namoota isheen Macaafa Qulqulluu qayyabsiiste keessaa shan kan cuuphamaniifi inni tokko jaarsa gumii ta’ee kan tajaajilu ta’uunsaa Yihowaan carraaqqishee akka eebbiseef kan argisiisudha. “Miillikoo baay’ee kan na dhukkubu ta’uyyuu tajaajilakoo akkan dhaabu na gochuu hin dandeenye” jetteetti. Obboleettiin kun, Dhugaa Baatota baay’ee addunyaa maratti argamaniifi hir’ina qaamaa qabaataniyyuu jaalala Waaqayyoofi ollaawwansaaniitiif qabaniin ija jabina argisiisan keessaa ishee tokko qofadha. Obboloonni akkasii hundi Yihowaa duratti akkam jaallatamoodha!—Haagee 2:7.

17, 18. Namoonni baay’een dhukkubaafi rakkoowwan kan biraa akka mo’an kan isaan gargaare maalidha? Fakkeenyawwan naannookeetti argaman caqasi.

17 Dhukkubni cimaan abdii kan nama kutachiisuufi kan nama dhiphisu ta’uu danda’a. Jaarsi gumii tokko akkas jedheera: “Qayyabannaa kitaabaa ani itti argamu keessatti, obboleettiin tokko dhukkuba sukkaaraafi dhukkuba kalee, isheen tokkommoo kaansarii, obboleettonni lamammoo artiraayitasii [dhukkuba ribuu dhagnaa walitti harkisu] kan qaban yommuu ta’u, obboleettiin tokkos dhukkuba luupas, akkasumas faayibroomaayaalijiyaa jedhamu qabdi. Yeroo tokko tokko abdii kutatu. Haata’u malee walga’iiwwanirraa kan hafan yoo baay’ee isaan dhukkubeefi mana yaalaa ciisan qofadha. Yeroo hundumaa tajaajilarratti ni hirmaatu. Jecha Phaawulos, ‘yeroon dadhabutti nan jabaadha’ jedhu na yaadachiisan. Jaalalasaaniifi ija jabinasaanii baay’een dinqisiifadha. Haalli fayyaasaanii jireenyaafi wanta caalaatti barbaachisaa ta’eef ilaalcha sirrii akka qabaatan godheera.”—2 Qorontos 12:10.

18 Hir’ina qaamaa, dhukkubaafi rakkoowwan kaanii wajjin qabsaa’aa jirta yoo ta’e, abdii akka hin kutanneef “utuu walirraa hin kutin kadhachuu” si barbaachisa. (1 Tasaloniiqee 5:14, 17) Miirrikee kan miidhame ta’uyyuu, wantoota nama jajjabeessanirratti, wantoota hafuuraa, keessumaammoo abdii Mootummaa Waaqayyoorratti xiyyeeffachuuf yaalii godhi. Obboleettiin tokko, “Tajaajilli anaaf qorichadha” jetteetti. Misiraachoo lallabuun ilaalcha sirrii akka qabaattuuf ishee gargaareera.

Jaalalli, Namoonni Cubbuu Hojjetan Gara Yihowaatti Akka Deebi’an Gargaara

19, 20. (a) Namoonni cubbuu hojjetan ija jabina gara Yihowaatti deebi’uuf isaan gargaaru argachuu kan danda’an akkamitti? (b) Mataduree ittaanutti waa’ee maalii baranna?

19 Namoonni karaa hafuuraa dadhaban ykn namoonni cubbuu hojjetan baay’een gara Yihowaatti deebi’uun isaanitti ulfaata. Haata’u malee, namoonni akkasii garaasaaniitii yoo qalbii gedderataniifi jaalala Waaqayyoof qaban yoo haaromsan ija jabina ni argatu. Mee fakkeenya Maariyoo, a isa Yuunaayitid Isteets jiraatuu ilaali. Gumii Kiristiyaanaa keessaa ba’ee, dhugaatii alkoolii gar malee dhuguufi qorichawwan sammuu namaa hadoochan fudhachuu jalqabuusaarrayyuu, waggoota 20 booda mana hidhaa gale. Yeroo dubbatu: “Waa’ee jireenyakoo isa gara fuulduraarratti cimsee yaaduudhaan, deebisees Macaafa Qulqulluu dubbisuun jalqabe. Yeroo booda, amalawwan Yihowaa, keessumaa araarasaa isan kadhachaa ture hubachuun jalqabe. Ergan mana hidhaatii ba’ee hiriyoota gadheerraa kanan fagaadhe si’a ta’u, walga’iiwwan gumiirratti argamuufi booddees gara gumiitti deebi’uu danda’eera. Wantan facaasee qaamakoorratti miidhaa fiduyyuu, kaanillee yoo hafe amma abdii nama gammachiisu qaba. Oo’aafi araara Yihowaan naa godheef guddiseen isa galateeffadha.”—Faarfannaa 103:9-13; 130:3, 4; Galaatiyaa 6:7, 8.

20 Namoonni haala Maariyoo wajjin wal fakkaatu keessa jiran, gara Yihowaatti deebi’uuf carraaqqii guddaa gochuu qabu. Haata’u malee, jaalallisaanii qayyabannaa Macaafa Qulqulluutiin, kadhannaafi xiinxaluudhaan yoo haaromfame, ija jabina isaan barbaachisu argachuufi jijjiiramuu danda’u. Maariyoon abdii Mootummaa Waaqayyootiinis jajjabaateera. Jaalala, amantaafi Waaqayyoon sodaachuu malees, abdiin jireenya keenyaaf faayidaa guddaa argamsiisuuf humna qaba. Mataduree ittaanutti, waa’ee kennaa hafuuraa dinqisiisaa ta’e kanaa gadi fageenyaan ilaalla.

[Miiljalee]

a Maqaansaa geddarameera.

Deebiinkee Maali?

• Jaalalli Yesusiif ija jabina guddaa kan kenne akkamitti?

• Jaalalli Phaawulosiifi Barnaabaas obbolootaaf qaban ija jabina adda ta’e kan isaaniif kenne akkamitti?

• Malli Seexanni jaalala Kiristiyaanotaa balleessuuf itti fayyadamu maalidha?

• Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu rakkoowwan warra kam ija jabinaan akka moonuuf humna nu kenna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]