Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkaataa Jireenya Keessaniitiin Amantaa Akka Qabdan Argisiisaa

Akkaataa Jireenya Keessaniitiin Amantaa Akka Qabdan Argisiisaa

Akkaataa Jireenya Keessaniitiin Amantaa Akka Qabdan Argisiisaa

“Amantiin . . . hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta’e, inni ofii isaatii du’aa dha.” —YAAQOOB 2:17.

1. Kiristiyaanonni durii amantaadhaafis ta’e hojii gaariidhaaf xiyyeeffannaa kan kennan maaliifi?

 DIMSHAASHUMATTI yeroo ilaallu Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akkaataa jireenyaasaaniitiin amantaasaanii argisiisaniiru. Yaaqoob, “Warra dubbicha hojii irra oolchan ta’aa!” jechuudhaan Kiristiyaanota hunda gorseera. Itti dabaluudhaanis akkas jedhe: “Akkuma dhagni hafuurri keessaa ba’e, du’aa ta’e akkasuma amantiin hojii gaarii hin argisiifne du’aa dha.” (Yaaqoob 1:22; 2:26) Erga xalayaa kana barreessee waggaa 35 boodas, Kiristiyaanonni hedduun hojii gaarii hojjechuudhaan amantaasaanii argisiisuusaanii itti fufaniiru. Kan nama gaddisiisu garuu isaan keessaa tokko tokko akkas hin turre. Yesus gumii Simiirnaa galateeffateera; miseensota gumii Saardes keessaa baay’eesaaniitiin garuu akkas jedheera: “Ani hojii kee beeka, maqaadhumaaf jiraataa dha jedhamtee in waamamta, ati garuu du’aa dha.”—Mul’ata 2:8-11; 3:1.

2. Kiristiyaanonni amantaasaanii ilaalchisee maal jedhanii of gaafachuu qabu?

2 Kanaan kan ka’e Yesus, Kiristiyaanonni Saardesis ta’an warri booddee wanta inni jedhe dubbisan, jaalala jalqabarratti dhugaadhaaf qaban akka argisiisaniifi karaa hafuuraa dammaqoo akka ta’an isaan jajjabeesseera. (Mul’ata 3:2, 3) Tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Hojiin koo maal argisiisa? Naannoowwan kallattiidhaan tajaajilaafi walga’ii gumii wajjin walitti dhufeenya hin qabnettillee, gochikoo karaan danda’e hundaan amantaakoo argisiisuuf akkan carraaqu ni argisiisaa?’ (Luqaas 16:10) Haala jireenyaa hedduu ilaaluu dandeenyuyyuu, waamicha qopheessuurratti qofa haa xiyyeeffannu.

Waamicha Xixinnoo

3. Afeerrii ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha?

3 Baay’een keenya afeerrii Kiristiyaanonni gammadoo ta’an qopheessanirratti argamu barbaanna. Yihowaan Waaqa ‘gammadaadha,’ tajaajiltoonnisaas akka gammadan barbaada. (1 Ximotewos 1:11, NW) Yihowaan Solomoon Macaafa Qulqulluu keessatti akkas jedhee akka barreessu godheera: “Namni bara lafa irra jiraatutti nyaatee, dhugee, gammaduu irra kan caalu qannoon waan hin jirreef, ani gammachuu nan jaja.” (Lallaba 3:1, 4, 13; 8:15) Gammachuun akkasii, yeroo maatii wajjin nyaatanitti ykn afeerrii xinnoo waaqeffattoota dhugaatiif godhamerratti kan argamuu ta’uu danda’a.—Iyoob 1:4, 5, 18; Luqaas 10:38-42; 14:12-14.

4. Namni waamicha qopheessu tokko maal gochuuf fedhii qabaachuu qaba?

4 Waamicha akkasii qopheessaa kan jirtu yoo ta’e, nyaata qopheessitee waliin haasa’uuf obboloota muraasa qofa kan afeertu yoo ta’ellee karoora baasterratti sirriitti yaadi. (Roomaa 12:13) ‘Wanti hundinuu akka tolutti’ raawwatamuusaafi ‘ogummaa waaqarraatiin’ kan geggeeffamu ta’uusaa ilaaluu barbaadda. (1 Qorontos 14:40; Yaaqoob 3:17) Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa! . . . gufuu hin ta’inaa!” (1 Qorontos 10:31, 32) Wantoota akkamiitiif xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba? Dursitee wantoota kanarratti yaaduunkee, wanti atis taate keessummoonnikee gootan amantaa keessan hojiidhaan argisiisuu keessan mirkaneessa.—Roomaa 12:2.

Waamicha Akkamiiti?

5. Namni afeerrii qopheessu dhugaatii alkoolii dhiheessuufi muuziqaa ilaalchisee of eeggannoodhaan yaaduu kan qabu maaliifi?

5 Namoonni waamicha qopheessan baay’een, dhugaatii alkoolii dhiheessinumoo dhiisnu yaanni jedhu isaan rakkisa. Afeerriin gammachiisaa akka ta’u kan godhu dhugaatii alkoolii miti. Yesus buddeenaafi qurxummii baay’isuudhaan namoota baay’ee garasaa dhufaniif nyaata akka qopheesse yaadadhu. Dandeettiisaa kan qabu ta’uyyuu, dinqii hojjechuudhaan wayinii akka isaaniif dhiheesse hin ibsamne. (Maatewos 14:14-21) Waamicha qopheessiterratti dhugaatii alkoolii dhiheessuu yoo barbaadde, hammasaa murteessi; warra hin barbaanneefis dhugaatiin alkoolii hin qabne akka jiraatu godhi. (1 Ximotewos 3:2, 3, 8; 5:23; 1 Phexros 4:3) Eenyuyyuu tasumaa wanta “akka bofaa” nama hiddu dhuguuf akka dirqisiifame akka itti dhaga’amu hin godhin. (Fakkeenya 23:29-32) Muuziqaa ilaalchiseehoo maal murteessuu dandeenya? Afeerrii keerratti muuziqaan kan jiraatu yoo ta’e, akkaataa rukuttaasaafi ergaa dabarsu of eeggannoodhaan akka filattu homaa hin shakkisiisu. (Qolosaayis 3:8; Yaaqoob 1:21) Kiristiyaanonni baay’een, Faarfannaawwan Mootummichaa dhaggeeffachuun ykn faarfannaawwan kana waliin faarfachuun akka nama gammachiisu dubbatu. (Efesoon 5:19, 20) Ta’uyyuu, sagaleensaa waliin haasa’uu kan isin dhowwu ykn ollaa kan jeequ akka hin taane godhaa.—Maatewos 7:12.

6. Namni waamicha qopheesse, waliin haasa’uu ykn sochiiwwan kan biraa ilaalchisee amantaa akka qabu argisiisuu kan danda’u akkamitti?

6 Waamicha akkasiirratti Kiristiyaanonni dhimmawwan baay’eerratti haasa’uu, sagalee guddisanii barreeffamoota tokko tokko dubbisuu ykn muuxannoowwan nama gammachiisan dubbachuu danda’u. Haasaan kun seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurraa kan jal’atu yoo ta’e abbaan waamicha sana qopheesse malaan karaa sirriitti qajeelchuu danda’a. Namni warra kaanirra aanuudhaan haasawicha to’atu akka hin jiraannes dammaqinaan hordofuu qaba. Wanta akkasii yoo arge, miira gaariidhaan sagaleesaa ol kaasee dubbachuudhaan tarii dargaggoota hirmaachisuudhaan ykn dhimma namoonni baay’een yaada irratti kennan kaasuudhaan warri kaanis tapha sanarratti akka hirmaatan gochuu danda’a. Dargaggoonnis ta’an maanguddoonni waamicha akkasiitiin gammachuu argachuu danda’u. Waamicha kan qopheessite hamma taatetti, haalawwan tokko tokko ogummaafi malaan kan qajeelchitu yoo ta’e ‘gaarummaankee nama hundumaa biratti kan beekame ta’a.’ (Filiphisiiyus 4:5) Warri afeeraman hundi amantaankee cimaafi jireenyakee hundumaarratti kan mul’atu ta’uusaa ni hubatu.

Cidhaafi Waamichasaa

7. Waamicha cidhaas ta’e kan biraa qopheessuun xiyyeeffannaan kennamuufi kan qabu maaliifi?

7 Yeroon gammachuu namaaf argamsiisu inni tokko cidha Kiristiyaanotaati. Yesusiifi bartootasaa dabalatee tajaajiltoonni Waaqayyoo warri durii, qophii gammachiisaa akkasiirrattiifi afeerrii godhamerratti fedhiisaaniitiin hirmaataniiru. (Uumama 29:21, 22; Yohannis 2:1, 2) Muuxannoowwan yeroo dhihootti argaman akka argisiisanitti, namni tokko hubannaa qabaachuufi wanta sirrii ta’e gochuu yoo barbaade waamicha cidhaa wajjin wal qabate qopheessuun carraaqqii adda ta’e gochuu gaafata. Qophiiwwan akkasii kutaa jireenyaa Kiristiyaanni tokko amantaasaa akka argisiisu carraa bananidha.

8, 9. Wantoonni sirna cidhaa hedduurratti geggeeffaman yaanni 1 Yohannis 2:16, 17⁠rra jiru dhugaa ta’uusaa kan argisiisan akkamitti?

8 Namoonni seerawwan bu’uuraa Waaqayyo baase hin beekneefi dantaa hin qabneef, sirna cidhaa yeroo akka fedhan ta’uun itti danda’amu ykn waan fedhan yoo godhan itti hin gaafatamneetti ilaalu. Barruu Awurooppaatti maxxanfamu tokkorratti haati manaa tokko cidhashee isa kan warra “moototaa” fakkaatu ilaalchisee akkas jetteetti: ‘Nuyi konkolaataa farda afuriin harkifamuun si’a adeemnu, duuba keenyaan konkolaataan fardaan harkifamu 12fi garee muuziqaa taphatu kan qabate kan biraammoo nu hordofaa turan. Achiis muuziqaa nama gammachiisu dhaggeeffachaa nyaata haala dinqisiisaa ta’een qophaa’e nyaanne; ajaa’iba ture. Akkuman hawwe guyyaa sanaaf giiftii ta’een ture.’

9 Aadaan biyyoota hundaa adda adda ta’uyyuu, ilaalchisaanii wanti Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan dubbate dhugaa ta’uusaa mirkaneessa: “Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba’a malee, abbaa biraa hin ba’u.” Kiristiyaanonni ga’eessota ta’an cidha “moototaa” naaf haa fakkaatu jechuudhaan qarshiisaanii dhangalaasuu kan barbaadan sitti fakkaataa? Kanaa mannaa, karoorrisaanii gorsa “namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedhu hubachuusaanii kan argisiisu ta’uu qaba.—1 Yohannis 2:16, 17.

10. (a) Qophii cidhaa giddu galeessa ta’e gochuuf karoora baasuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Namoota afeeraman ilaalchisee murtoon godhamuu kan qabu akkamitti?

10 Dhiiraafi durbi Kiristiyaanota ta’an nama dhugaafi sababa qabeeyyii ta’uu barbaadu; Macaafni Qulqulluunis isaan gargaaruu danda’a. Guyyaan cidhaa iddoo guddaan kan kennamuuf ta’uyyuu, Kiristiyaanota bara baraaf jiraachuuf abdii qabaniif, guyyaa jireenya gaa’elaa itti jalqaban qofa ta’uusaa beeku. Cidhasaaniitiif waamicha guddaa qopheessuuf dirqamni isaanirra hin jiru. Namoota afeeruu yoo barbaadanimmoo, afeerriin sun baasii hammamii akka isaan gaafatuufi maal akka fakkaatu dursanii murteessuu barbaadu. (Luqaas 14:28) Jireenya Kiristiyaanummaa waliin jiraatan keessatti akka Macaafni Qulqulluun jedhutti abbaan manaa mataa maatiiti. (1 Qorontos 11:3; Efesoon 5:22, 23) Kanaafuu wanta waamicha cidhasaaniirratti geggeeffamuuf itti gaafatamaan adda duree ta’e misirroo dhiiraati. Ta’uyyuu, eenyufaa afeeruu akka barbaadan ykn nama meeqa afeeruu akka danda’an ilaalchisee karaa jaalala qabeessa ta’een obboleettii haadhamanaasaa ta’uuf jettuu wajjin irratti mari’ata. Hiriyoota ykn firoottansaanii hunda afeeruun sirrii ta’uu dhiisuu danda’a; kanaafuu, murtoo sirrii gochuun humna ofii beekuu gaafata. Warri wal fuudhan kun obboloota tokko tokko waamuu kan hin dandeenye yoo ta’an, obboloonni sun akka isaaniif hubatan ykn akka isaanitti hin muufanne mirkanaa’oo ta’uu qabu.—Lallaba 7:9.

“Isa Cidhicha Geggeessu”

11. ‘Namni cidha geggeessu’ qophii sanarratti gahee akkamii qabaachuu danda’a?

11 Warri wal fuudhuuf jedhan guyyaa cidhasaanii ayyaaneffachuuf waamicha qopheessuu yoo barbaadan, yeroon sun ulfina qabeessa akka ta’uuf maal gochuu qabu? Dhugaa Baatonni Yihowaa, akka cidha mandara Qaanaa keessatti Yesus irratti argamee turetti nama ‘cidhicha geggeessu,’ jechuunis obboleessa itti gaafatamaa ta’u filachuun barbaachisaa ta’uusaa erga hubatanii waggoonni hedduun darbaniiru. (Yohannis 2:8, 10) Haaluma wal fakkaatuun, abbaan cidhaa ogeessa ta’e, iddoo barbaachisaa kanarratti akka hojjetuuf Kiristiyaana karaa hafuuraa cimaa ta’e tokko filata. Fedhiifi filannaa abbaa cidhichaarratti hundaa’uudhaan, inni geggeessaa cidhichaa ta’e hojiiwwan qophii sana duras ta’e qophii sanarratti hojjetaman geggeessa.

12. Namni fuudhuuf jedhu dhugaatii alkoolii ilaalchisee wanta akkamii xiyyeeffannaa keessa galchuu qaba?

12 Yaada keeyyata 5⁠rratti irratti mari’anneen haala wal simuun, namoonni tokko tokko, afeerriisaaniirratti dhugaatiin alkoolii akka hin jiraanne godhu. Kana kan godhanis namoonni tokko tokko dhugaatii akkasiitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamanii gammachuuniifi fiixaan ba’iinsi cidhasaanii akka hin hir’anneef jechadha. (Roomaa 13:13; 1 Qorontos 5:11) Dhugaatiin alkoolii akka dhihaatu yoo barbaadan garuu, misirrichi hammi barbaadamu qofti dhihaachuusaa mirkaneessuu qaba. Cidha mandara Qaanaa Yesus irratti argamerratti wayiniin dhihaatee kan ture si’a ta’u, innis wayinii gaarii dhiheessee ture. Kan nama gammachiisu, geggeessaan cidhichaa akkas jedheen: “Silaa illee akka amala biyya kanaatti namni hundinuu daadhii waynii isa gaarii dura kennee, erga keessummoonni quufanii daadhii isa laafaa fida; ati garuu daadhii isa gaarii hamma ammaatti keesse.” (Yohannis 2:10) Yesus machii waan balaaleffatuuf, wanta machiidhaaf nama jajjabeessu tokkoyyuu akka hin raawwanne beekamaadha. (Luqaas 12:45, 46) Geggeessaan cidhichaa dinqisiifannaa wayinii sanaaf qabu yommuu ibsu, cidha kan biraarratti keessummoonni machaa’anii arguusaa ifa godheera. (Hojii Ergamootaa 2:15; 1 Tasaloniiqee 5:7) Kanaafuu, inni fuudhus ta’e Kiristiyaanni cidhicha akka geggeessuuf ramadame, keessummoonni hundi gorsa ifaa, “Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa!” jedhu hordofuusaanii mirkaneessuu qabu.—Efesoon 5:18; Fakkeenya 20:1; Hose’aa 4:11.

13. Warri wal fuudhuuf jedhan waamichasaaniirratti muuziqaan akka jiraatu yoo godhan maalsaarratti yaaduu qabu? Maaliif?

13 Akkuma waamichawwan kan biraatti, muuziqaan kan jiraatu yoo ta’e, sagaleensaa hamma haasaa walii dhaggeeffachuu dadhabanitti akka hin iyyine to’atamuu qaba. Jaarsi gumii tokko akkas jedheera: “Yeroon dhihaa ennaa adeemutti, haasaan ho’aa ykn taphni jalqabamaa kan adeemu si’a ta’u, yeroo tokko tokko sagaleen muuziqichaa ni dabala. Muuziqaan sagaleensaa xinnoo ture waan iyyuuf waliin haasa’uun rakkisaa ta’a. Waamichi cidhaa yeroo gammachiisaa waliin dabarsuuf carraa kan banu ta’ee utuu jiruu, sagalee muuziqaatiin kan ka’e kana gochuu dadhabuun hammam nama gaddisiisa!” Namoonni muuziqicha taphachiisan kan qacaraman ta’anis ta’uu baatanis, gosa muuziqichaafi hamma sagaleesaa to’achuuf itti gaafatamummaan kan isaanii ta’uu hin qabu; kanaa mannaa misirrichiifi geggeessaan cidhichaa itti gaafatamummaan isaanitti dhaga’amee tarkaanfii sirrii ta’e fudhachuu qabu. Phaawulos: “Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta’u” jechuudhaan barreesseera. (Qolosaayis 3:17) Keessummoonni waamicha sana booda gara manasaaniitti yeroo deebi’an, muuziqichi warri wal fuudhan waan hundumaa maqaa Yesusiin akka godhan kan isaan yaadachiisudhaa? Akkas ta’uu qaba.

14. Kiristiyaanonni cidha tokko ilaalchisee maal yaadachuu qabu?

14 Dhugaadha, cidhi akka gaariitti qindeeffame haala gaariidhaan yaadatamuu danda’a. Addaamiifi Edeetaan erga wal fuudhanii waggaa 30 waliin turan, cidha tokko ilaalchisee akkas jechuudhaan yaada kennanii turan: “Cidha Kiristiyaanota dhugaa fakkaata ture. Faarfannaawwan Yihowaa jajataniifi wantoonni nama bashannansiisan kan biraanis jiru turan. Shubbisaafi muuziqaadhaaf sadarkaa lammaffaatu kennamee ture. Kan nama gammachiisu, kan nama jajjabeessuufi seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal simu ture.” Eeyyee, misirroon lamaan amantaasaanii hojiidhaan akka argisiisan mirkaneessuuf wanti gochuu danda’an baay’eedha.

Kennaawwan Cidhaa

15. Kennaa cidhaa ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluu kamtu hojiirra oolfamuu danda’a?

15 Warra wal fuudhaniif hiriyoonnisaanii kennaa kennuun biyyoota baay’eetti kan baramedha. Kana gochuu yoo barbaadde maal sammuutti qabachuu qabda? “Jireenyaan kooruu” ilaalchisee yaada Yohannis ergamaan dubbate qalbeeffadhu. Koora akkasii kana Kiristiyaanota amantaasaanii hojiidhaan argisiisanii wajjin utuu hin ta’in, ‘biyya lafaa darbuu’ wajjin wal qabsiiseera. (1 Yohannis 2:16, 17) Yaanni Yohannis geggeessaa hafuuraatiin kaka’ee dubbate kun akka argisiisutti, misirroonni haaraan maqaa namoota kennaa kennanii beeksisuu qabuu? Kiristiyaanonni Maqedooniyaafi Akaayyaadhaa dhufan obboloota Yerusaalem keessa turaniif kennaa kennanii turan; maqaansaanii beeksifamuusaa wanti argisiisu garuu hin jiru. (Roomaa 15:26) Kiristiyaanonni kennaa kennan baay’een, xiyyeeffannaa namootaa harkisuu mannaa maqaansaanii akka hin beekamne barbaadu. Kana ilaalchisee gorsa Yesus Maatewos 6:1-4⁠rratti kenne ilaali.

16. Kennaa cidhaa ilaalchisee misirroonni haaraan miira namootaa miidhuurraa of qusachuu kan danda’an akkamitti?

16 Abbaa kennaa tokko kenne beeksisuun, kennaan caalu ykn gatii guddaan itti ba’e isa kam akka ta’e waan argisiisuuf ‘namoota walitti naquu [wal morkachiisuu, NW]’ danda’a. Kanaafuu, misirroonni haaraan Kiristiyaanota ogeeyyii ta’an, maqaa namoota kennaa kennanii beeksisuurraa of qusatu. Namoota kennaa kennan beeksisuun, namoota kennaa kennuu hin dandeenye qaanessuu danda’a. (Galaatiyaa 5:26; 6:10) Misirroonni namoota kennaawwan tokko tokko isaaniif kennan beekuunsaanii dogoggora akka hin taane beekamaadha. Kaardii kennaa wajjin isaanii kennamerraa maqaa namichaa beekuu danda’u ta’a; ta’uyyuu maqaa nama sanaa beeksisuun isaan hin barbaachisu. Kennaa cidhaa yeroo binnu, kenninuufi fudhannutti, hundi keenya dhimma dhuunfaa kanarrattillee amantaan keenya gochaan argisiisuuf carraa arganna. a

17. Kiristiyaanonni amantaafi hojiisaanii ilaalchisee galma akkamii qabaachuu qabu?

17 Amantaa keenya hojiidhaan argisiisuun, amala gaarii qabaachuu, walga’iiwwan gumiirratti argamuufi hojii lallabaarratti hirmaachuu caalaa waan dabalatu qaba. Tokkoon tokkoon keenya amantaa dhugaa gocha keenya hundumaa to’atu haa qabaannu. Eeyyee, kutaawwan jireenyaa asii olitti ibsaman dabalatee, hojii ‘fiixaan ba’ameen’ amantaa keenya argisiisuu dandeenya.—Mul’ata 3:2.

18. Cidhaafi waamicha Kiristiyaanotaa wajjin haala wal qabateen yaanni Yohannis 13:17⁠rra jiru dhugaa ta’uu kan danda’u akkamitti?

18 Yesus gad of qabuudhaan miilla ergamootasaa amanamoo dhiqee fakkeenya gaarii erga isaaniif ta’ee booda: “Kana erga beektanii, akkuma kanaatti yoo hojjettan kan ayyaanomtanii dha” jedheen. (Yohannis 13:4-17) Yeroo ammaatti nama biraa ykn keessummaa mana keenya dhufe miilla dhiquun barbaachisaa ykn aadaa miti. Haata’u malee, mataduree kana keessatti akkuma arginetti, haalli jireenyaa amantaa keenya karaa jaalala qabeessa ta’een argisiisuu itti dandeenyu kan biraan jira. Cidhichi kan keenya ta’es, namoonni amantaasaanii hojiidhaan argisiisuu barbaadan cidhasaaniirratti ykn afeerrii gammachiisaa sanaan booda godhamurratti nu afeeranii yoo dhaqne, amantaa keenya gocha jaalala qabeessa ta’een argisiisuu ni dandeenya.

[Miiljalee]

a Mataduree, ”Guyyaa Cidha Keessanii Kan Nama Gammachiisuufi Ulfina Qabeessa Gochuu” jedhuufi ful. 28⁠rratti argamus ilaali. (Amaariffa)

Maal Jettee Deebista?

• yeroo waamicha qopheessitu

• yeroo cidha ykn afeerrii qopheessitu

• kennaa cidhaa yommuu kennitu ykn fudhattu

Amantaakee argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]