Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Walga’iiwwan Keenya Warra Qulqulluu Ta’aniif Ulfina Kennuu

Walga’iiwwan Keenya Warra Qulqulluu Ta’aniif Ulfina Kennuu

Walga’iiwwan Keenya Warra Qulqulluu Ta’aniif Ulfina Kennuu

“Ani gara tulluu koo isa qulqullaa’aatti ol nan baasa; mana kadhataa isa kan kootii keessattis isaan nan gammachiisa.”—ISAAYAAS 56:7.

1. Walga’iiwwan keenyaaf ulfina sirrii ta’e kennuu ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’aan maal jedha?

 YIHOWAAN Kiristiyaanota dibamoos ta’e michootasaanii sabasaa ta’an, ‘tulluu isaa isa qulqullaa’aatti’ akka isa waaqessaniif sassaabeera. “Mana kadhataa” mana qulqullummaasaa isa hafuuraa ta’e, isa “saba hundumaaf mana kadhataa” jedhame keessatti isaan gammachiisaa jira. (Isaayaas 56:7; Maarqos 11:17) Kunimmoo waaqeffannaan Yihowaa qulqulluufi bakka guddaan kan kennamuuf ta’uusaa kan argisiisudha. Walga’iiwwan qayyabannaafi waaqeffannaadhaaf itti walitti qabamnuuf ulfina kennuudhaan, ilaalcha Yihowaan wantoota qulqulluu ta’aniif qabu qabaachuu keenya argisiisna.

2. Yihowaan bakka waaqeffannaadhaaf filate akka qulqulluutti akka ilaalu kan argisiisu maalidha? Yesusis ilaalcha akkasii akka qabu kan argisiise akkamitti?

2 Israa’el durii keessatti, bakki Yihowaan waaqeffannaasaatiif filate akka qulqulluutti ilaalama ture. Godoon qulqullaa’aanis ta’e miinisaa “hundumaa irra kan qulqullaa’an” akka ta’aniif kan dibamaniifi kan qulqulleeffaman turan. (Ba’uu 30:26-29) Kutaawwan godichaa lamaan “Iddoo qulqulluu” akkasumas “Iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu” jedhamaniiru. (Ibroota 9:2, 3) Godichi yeroo booda mana qulqullummaa isa Yerusaalem jirutti jijjiirameera. Yerusaalem bakka waaqeffannaa Yihowaa waan taateef, “mandara qulqullooftuu” jedhamtetti. (Nahimiiyaa 11:1; Maatewos 27:53) Yesusis lafarra yeroo turetti, mana qulqullummaatiif ulfina akka kennu argisiisee ture. Namoota tuffiidhaan daldalaaf mana qulqullummaatti fayyadamaniifi karaa gabaabaa keessa darbanii deeman godhatanitti aaree ture.—Maarqos 11:15, 16.

3. Walga’iiwwan Israa’elootaa qulqulluu akka turan kan argisiisu maalidha?

3 Israa’eloonni utuu walirraa hin kutin Yihowaa waaqeffachuufi Seerasaa isa dubbifamu dhaggeeffachuuf walitti qabamu turan. Guyyoota ayyaanaasaanii keessaa tokko tokko walga’iiwwan qulqullaa’oo ykn walga’iiwwan gurguddaa jedhanii kan waaman si’a ta’u, kunis walga’iiwwan sun qulqulluu akka turan kan argisiisudha. (Lewwoota 23:2, 3, 36, 37) Walga’iiwwan sabaa bara Izraafi Nahimiiyaatti turanirratti, Lewwoonni ‘seericha jara in hubachiisu’ turan. Yeroo kanatti “wanta seerichi jedhu yeroo dhaga’an sana garaan isaanii raafamee waan boo’aniif” Lewwoonni, “guyyaan kun Waaqayyo gooftaa keessaniif qulqullaa’aa waan ta’eef, isin hin gaddinaa, hin boo’inaas!” ittiin jedhan. Israa’eloonnis guyyaa torbaaf ‘gammachuu baay’ee guddaadhaan’ Ayyaana Gordommaa ayyaaneffatan. Kana malees, “Izraan guyyaa duraatii jalqabee hamma guyyaa xumura ayyaanichaatti, guyyaa guyyaatti macaafa seera Waaqayyoo keessaa in dubbise; jarri ayyaanicha guyyaa torba in ayyaaneffatan; akka seerichaatti immoo guyyaa saddeettaffaatti walga’ii qulqullaa’aatu ture.” (Nahimiiyaa 8:7-11, 17, 18) Dhugumayyuu walga’iiwwan kun qulqulluu kan ta’aniifi namoonni achirratti argaman ulfina kennuufii kan qaban turan.

Walga’iiwwan Keenya Qulqulluudha

4, 5. Bifawwan walga’ii keenya warra kamtu walga’iiwwan keenya qulqulluu ta’uusaanii mirkaneessa?

4 Yeroo ammaatti Yihowaan magaalaa qulqulluu manni qulqullummaa waaqeffannaasaatiif murteeffame keessa jiru lafarraa akka hin qabaanne beekamaadha. Ta’us, walga’iiwwan Yihowaa waaqessuuf walitti itti qabamnu qulqulluu ta’uusaanii dagachuu hin qabnu. Torbanitti guyyaa sadii, Caaffata Qulqullaa’aa dubbisuufi qayyabachuuf wal geenya. Akkuma bara Nahimiiyaa dubbiin Yihowaa ‘hiikamee in ibsama.’ (Nahimiiyaa 8:8) Walga’iiwwan keenya hundi jalqabamanii kan xumuraman kadhannaadhaan si’a ta’u, baay’eesaaniirrattimmoo faarfannaa galataatiin Yihowaa ni faarfanna. (Faarfannaa 26:12) Dhugumayyuu, walga’iiwwan gumii, kutaa waaqeffannaa keenyaa yaada keenya sassaabnee kabajaan dhaggeeffachuu qabnudha.

5 Yihowaan sabnisaa isa waaqessuuf, Dubbiisaa qayyabachuufi Kiristiyaanota hidhata amantiisaanii ta’anii wajjin ta’uuf yeroo walitti qabaman isaan eebbisa. Yeroo walga’iin geggeeffamutti, ‘eebbi jireenya hin darbinee achirratti akka argamu Waaqayyo akka abboome’ mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Faarfannaa 133:1, 3) Walga’iiwwan sanarratti kan argamnuufi sagantaa hafuuraa kana xiyyeeffanaadhaan kan dhaggeeffannu taanaan ni eebbifamna. Kana malees, Yesus akkas jedheera: “Iddoo namoonni lama yookiis sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani achitti isaan gidduutti nan argama.” Yaanni naannoo caqasa kanaa jiru waa’ee jaarsolii gumii rakkoowwan cimaa namoota lama gidduutti uumame hiikanii kan dubbatu ta’uyyuu, seerri bu’uuraasaa walga’iiwwan gumiitiifis ni hojjeta. (Maatewos 18:20) Yesus Kiristos yeroo maqaasaatiin walitti qabamnutti hafuura qulqulluudhaan nu gidduutti kan argamu erga ta’ee, walga’iiwwan kana akka qulqulluutti ilaaluu hin qabnuu?

6. Gurguddaas haa ta’an xixinnoo, waa’ee bakkawwan walga’ii keenyaa maal jechuutu danda’ama?

6 Yihowaan mana qulqullummaa namni ijaare keessa akka hin jiraanne beekamaadha. Haata’u malee, Galmawwan Mootummaa keenya bakka waaqeffannaa dhugaati. (Hojii Ergamootaa 7:48; 17:24) Dubbii Waaqayyoo qayyabachuuf, kadhannaadhaan isatti dhihaachuufi faarfannaadhaan isa galateeffachuuf achitti wal geenya. Galmawwan Walga’iis akkasuma. Galmawwan gurguddaan walga’ii koonyaa keenyaaf kireeffataman, kan akka galma walga’ii, galma eegziibishiniifi istaadiyemii, yeroo walga’iiwwan qulqulluu ta’an itti geggeeffamanitti bakkawwan waaqeffannaati. Walga’iiwwan waaqeffannaa akkasii kun gurguddaas ta’an xixinnoo ulfina kennuufii kan qabnu si’a ta’u, kanas ilaalchaafi amala keenyaan argisiisuu qabna.

Karaawwan Walga’iiwwan Keenyaaf Ulfina Akka Kenninu Itti Argisiisnu

7. Walga’iiwwan keenyaaf ulfina akka kenninu karaa ifa ta’e kamiin argisiisuu dandeenya?

7 Walga’iiwwan keenyaaf ulfina akka kenninu karaawwan adda addaatiin ifatti argisiisuu dandeenya. Karaan inni tokko, yeroodhaan argamanii faarfannaa Mootummichaarratti hirmaachuudha. Faarfannaawwan kun baay’eensaanii akka kadhannaatti kan dhihaatan waan ta’aniif ulfina guddaadhaan faarfatamuu qabu. Phaawulos ergamaan Faarfannaa 22⁠rraa caqasuudhaan waa’ee Yesus akkas jechuudhaan barreesseera: “Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha.” (Ibroota 2:12) Kanaaf, dura taa’aan sagantichaa faarfannaa faarfatamu utuu hin beeksisin teessuma keenya qabachuufi yeroo faarfannu hiika jechoota achirra jiranirratti xiinxalaa faarfachuuf murtoo gochuu qabna. Faarfannaan keenya miira faarfatichaa isa akkas jedhu kan argisiisu haa ta’u: “Walga’ii gara-qajeelotaa keessatti, waldicha keessattis Waaqayyoon garaa guutuudhaan nan galateeffadha!” (Faarfannaa 111:1) Eeyyee, faarfannaan galataa Yihowaadhaaf dhiheessinu, utuu sa’aatiin walga’iiwwan keenyaa hin ga’in dursanii argamuufi hanga xumuraatti turuuf sababii gaarii ta’a.

8. Kadhannaawwan walga’iiwwan keenyarratti dhihaatan karaa ulfina qabeessa ta’een xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun barbaachisaa ta’usaa kan argisiisu fakkeenya Macaafa Qulqulluu isa kamidha?

8 Walga’iiwwan keenya hundaaf bakka guddaa akka kenninu kan nu taasisu kan biraanimmoo, kadhannaa namoota walitti qabaman bakka bu’uudhaan dhihaatudha. Yeroo tokko Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Yerusaalemitti argaman walitti qabamanii “erga takkaa sagalee isaanii ol fudhatanii Waaqayyoon” kadhachaa turan. Kanaan kan ka’es, ari’atamni jiraatuyyuu “dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan” dubbachuusaanii itti fufaniiru. (Hojii Ergamootaa 4:24-31) Namoonni achitti argaman yeroo kadhannaan sun godhamutti yaadisaanii akka badu godhu jennee yaannaa? Lakki, kanaa mannaa “erga takkaa” kadhachaa turan. Kadhannaawwan walga’ii keenyarratti dhihaatan, miira namoota achitti argamanii kan ibsan waan ta’aniif, karaa ulfina qabeessa ta’een xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu qabna.

9. Uffannaafi amalaan walga’iiwwan keenya qulqulluu ta’aniif ulfina akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Akkaataa uffannaa keenyaanis walga’iiwwan keenyaaf ulfina akka kenninu argisiisuu dandeenya. Akkaataan uffannaafi rifeensa keenyaa walga’iiwwan keenyaaf ulfina guddaa dabaluu danda’a. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan nu gorseera: “Lafa kadhata godhatanitti immoo warri dhiiraa yaada dheekkamsaa fi qoccollootiin utuu hin ta’in, yaada qullaa’aadhaan harka isaanii ol kaasanii akka kadhatan nan barbaada. Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba’uudhaan of kuuluu utuu hin ta’in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta’utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis haa ta’u! Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta’uttis, wanta gaarii haa argisiisan.” (1 Ximotewos 2:8-10) Walga’iiwwan koonyaa gurguddaarratti yeroo argamnu, uffanni keenya haala qilleensaatiif mijaa’aa ta’uyyuu ulfina qabeessa ta’uu qaba. Kana malees, walga’iiwwan kanaaf ulfina kan kenninu yoo ta’e, utuu sagantichi geggeeffamuu nyaachuufi maastikaa alanfachuurraa of qusanna. Akkaataan uffannaafi amalli walga’iiwwan keenyarratti argisiisnu, Yihowaadhaaf, waaqeffannaasaatiif, akkasumas obboloota keenyaaf ulfina fida.

Amala Saba Waaqayyootiif Ta’u

10. Phaawulos ergamaan walga’iiwwan Kiristiyaanaa keenyarratti amala baay’ee gaarii ta’e argisiisuu akka qabnu kan ibse akkamitti?

10 Phaawulos ergamaan, 1 Qorontos, boqonnaa 14⁠rratti walga’iiwwan Kiristiyaanaa akkamitti geggeeffamuu akka qaban ilaalchisee gorsa gaarii kenneera. Achiis akkas jechuudhaan xumure: “Wanti hundinuu garuu akka tolutti, sabiriidhaanis hojjetamuutu irra jira.” (1 Qorontos 14:40) Walga’iiwwan keenya kutaa sochiiwwan gumii Kiristiyaanaa isa barbaachisaa si’a ta’an, walga’iiwwan kanarratti amala nama Yihowaa waaqeffatu tokkoof ta’u argisiisuutu nurraa eegama.

11, 12. (a) Ijoolleen walga’iiwwan keenyarratti argaman maal hubachuu qabu? (b) Walga’iiwwan keenyarratti ijoolleen karaa kamiin amantaasaanii ibsuu danda’u?

11 Keessumaa ijoolleen, amala walga’iiwwan keenyarratti argisiisuu qaban ilaalchisee leenjiin kennamuufii qaba. Warri Kiristiyaana ta’an, Galmi Mootummaas ta’e bakki Qayyabannaan Kitaabaa itti godhamu bakka taphaa akka hin taane ijoolleesaaniitti himuu qabu. Bakkawwan kun bakka Yihowaa itti waaqessinuufi Macaafa Qulqulluu itti qayyabannudha. Solomoon Mootichi, inni ogeessa ta’e akkas jechuudhaan barreesseera: “Mana Waaqayyootti yommuu ol lixxu miilla kee eeggadhu! Dhaga’uudhaaf ol lixi!” (Lallaba 5:1) Museenis, namoota gurguddaas ta’e “ijoollota” akka walitti qaban Israa’eloota barsiisee ture. Akkas jedhe: “Saba sana, . . . Waaqayyo gooftaa keessaniif dhaga’uu fi isa sodaachuu akka baranii fi dubbii abboommii isaa kana hundumaas gaarii godhanii akka eeganiif walitti sassaabaa! Ijoolleen isaanii warri seera kana hin beeknes biyya isa Yordaanosin ceetanii qabachuuf jirtan sana keessatti bara hundumaa isa dhaga’anii Waaqayyo gooftaa keessan sodaachuu haa baran!”Keessa Deebii 31:12, 13.

12 Haaluma wal fakkaatuun har’as, ijoolleen walga’iirratti kan argaman dhaga’uufi barachuufidha. Ijoolleen barumsawwan Macaafa Qulqulluu bu’uura ta’an xiyyeeffannaadhaan hordofuufi hubachuu erga jalqabanii kaasee, yaada gabaabaa kennuudhaan amantiisaanii ‘beeksisuu’ danda’u. (Roomaa 10:10) Mucaan xinnoon tokko gaaffii hubate tokkoof jechoota muraasaan deebii kennuudhaan jalqabuu danda’a. Yeroo duraa dubbisuudhaan kan deebisu ta’uyyuu, oolee bulee jecha mataasaatiin deebisuuf yaalii godha. Kana gochuunsaa mucicha kan fayyaduufi kan gammachiisu si’a ta’u, jecha mataasaatiin deebisuunsaas namoota gurguddaa walga’icharratti argaman ni gammachiisa. Deebii kennuu ilaalchisee warri fakkeenya gaarii ta’uunsaanii barbaachisaadha. Danda’amnaan ijoolleen Macaafa Qulqulluu, kitaaba faarfannaafi barreeffama qayyabatamu dhuunfaatti qabaachuunsaanii barbaachisaadha. Barreeffamoota akkasiitiif ulfina sirrii kennuu barachuu qabu. Kun hundi, ijoolleen walga’iiwwan keenya qulqulluu ta’uusaanii akka hubatan kan godhudha.

13. Namoota walga’iiwwan keenyarratti yeroo jalqabaatiif argaman ilaalchisee hawwiin keenya maalidha?

13 Walga’iiwwan keenya akka sirna Saba Kiristiyaanaa akka ta’an akka hin barbaanne beekamaadha. Kana jechuun, bakka michummaan itti hin argisiifamneefi gar malee qajeelaa itti of godhan ykn akkuma waca mana muuziqaatii dhaga’amuu akka ta’an hin barbaannu jechuudha. Walga’iiwwan Galma Mootummaa keessatti geggeeffaman, ho’aafi kan namatti tolan akka ta’an malee bakka gabaa akka fakkaatan hin barbaannu. Yihowaa waaqessuuf kan walitti qabamnu waan ta’eef, walga’iiwwan keenya yeroo hundumaa ulfina qabeessa ta’uu qaba. Namoonni yeroo jalqabaatiif walga’iiwwan kanarratti argaman barumsa dhihaatu erga dhaggeeffatanii booda, amala keenyas ta’e kan ijoollee keenyaa ilaalanii: ‘Waaqayyo dhuguma isin gidduu jira’ akka jedhan hawwina.—1 Qorontos 14:25.

Waaqeffannaa Keenya Isa Bara Baraaf Itti Fufu

14, 15. (a) ‘Mana Waaqayyo keenyaa dhiisuurraa’ fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Isaayaas 66:23 akkamitti raawwatamaa jira?

14 Akkuma kanaan dura ibsame, Yihowaan sabasaa walitti qabee mana qulqullummaa isa hafuuraa, jechuunis “mana kadhataa” isaa keessatti isaan gammachiisaa jira. (Isaayaas 56:7) Nama amanamaa kan ture Nahimiiyaan, Yihudoonni akkasaa, deggarsa qarshii gochuudhaan ulfina mana qulqullummaatiif qaban akka argisiisan isaan yaadachiisee ture. Akkas jedhe: “Nu immoo mana Waaqayyo keenyaa hin dhiifnu.” (Nahimiiyaa 10:39) Kana malees, Yihowaan “mana kadhataa” isaa keessatti akka isa waaqessinuuf nu afeeruusaa dagachuu hin qabnu.

15 Utuu walirraa hin kutin walga’iirratti argamuun barabaachisaa ta’uusaa yeroo ibsu Isaayaas akkas jechuudhaan raajesseera: “Ayyaana baatii ji’a hundumaatti, Sanbata hundumaattis nama kan ta’e hundinuu ana [Waaqayyo] duratti sagaduudhaaf in dhufa.” (Isaayaas 66:23) Kun yeroo har’aatti raawwatamaa jira. Tajaajiltoonni Yihowaa mataasaanii murteessan Yihowaa waaqeffachuuf torban torbaniin walitti qabamu. Karaa kana itti godhan keessaa, walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuun ni argamu. Atoo namoota utuu walirraa hin kutin Yihowaaf “sagaduudhaaf” dhufan keessaa tokkodhaa?

16. Ammumaa, utuu walirraa hin kutin walga’iiwwanirratti argamuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

16 Isaayaas 66:23 jireenya keenya keessatti guutummaatti kan raawwatamu, addunyaa haaraa Yihowaan fiduuf waadaa gale keessattidha. Yeroo sanatti, “nama kan ta’e hundinuu” kallattiidhaan torban torbaniin ji’a ji’aan bara baraaf Yihowaa “duratti sagaduudhaaf” ykn isa waaqeffachuuf “in dhufa.” Sirna haaraa keessatti Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamuun kutaa jireenya hafuuraa isa dhaabbataa waan ta’uuf, ammumaa kaasnee walga’iiwwan qulqulluufi kutaa jireenyaa itti fufaa ta’anirratti utuu walirraa hin kutin argamuu hin qabnuu?

17. ‘Guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu yeroo arginutti’ walga’iiwwan keenya kan nu barbaachisan maaliifi?

17 Guyyaan dhumaa yeroo dhihaachaa deemutti, yeroo kamiyyuu caalaa waaqeffannaadhaaf walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuuf murteessuu qabna. Ulfinni walga’iiwwan keenya warra qulqulluu ta’aniif qabnu, hojiin, hoji-maneen mana barumsaa ykn barumsi galgalaa walga’iiwwan kanarraa akka nu hin hambisne yeroo kamiyyuu caalaa murtoo gochuuf nu kakaasuu qabna. Jajjabinni walirraa argannu nu barbaachisa. Walga’iiwwan gumii, wal baruuf, wal jajjabeessuuf, “jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis” tuttuqnee yaada walii akka kaasnuuf carraa nuu bana. ‘Guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu waan arginuuf’ kana gochuutu nu barbaachisa. (Ibroota 10:24, 25) Kanaafuu, hundi keenya utuu walirraa hin kutin walga’iiwwan keenya qulqulluu ta’anirratti argamuudhaan, uffannaa sirrii ta’e uffachuudhaaniifi amala nama Yihowaatiif ta’u qabaachuudhaan akka isaan kabajnu haa argisiisnu. Akkas gochuudhaan, ilaalcha Yihowaan wantoota qulqulluu ta’aniif qabu qabaachuu keenya argisiisna.

Irra Deebi’uuf

• Walga’iiwwan saba Yihowaa akka waan qulqulluutti ilaalamuu akka qaban kan argisiisu maalidha?

• Wantoonni walga’iiwwan keenya qulqulluu ta’uusaanii argisiisan maalfa’i?

• Ijoolleen walga’iiwwan keenya qulqulluu ta’aniif ulfina akka qaban argisiisuu kan danda’an akkamitti?

• Yeroo hundaa walga’iirratti argamuu amala jireenya keenyaa bara baraaf itti fufu godhachuu kan qabnu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]