Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wantoota Qulqulluu Ta’aniif Ilaalcha Yihowaan Qabu Qabduu?

Wantoota Qulqulluu Ta’aniif Ilaalcha Yihowaan Qabu Qabduu?

Wantoota Qulqulluu Ta’aniif Ilaalcha Yihowaan Qabu Qabduu?

“Eeggadhaa! Namni tokko illee . . . nama halalummaatti jiraatu yookiis nama wanta qulqullaa’aadhaan mormu hin ta’in!” —IBROOTA 12:15, 16.

1. Ilaalchi si’anaa tajaajiltoota Yihowaa hin to’anne isa kamidha?

 XIYYEEFFANNAAN biyyi lafaa wantoota qulqulluudhaaf kennu yeroodhaa gara yerootti xiqqaachaa jira. Kana ilaalchisee hayyuu hawwaasummaa uummataa (soosiyolojii) Faransaayi kan ta’an Eedgar Mooraan akkas jedhaniiru: “Bu’uurawwan amalli gaariin irratti hundaa’e jechuunis Waaqayyo, uumamni, biyyi dhalootaa, seenaaniifi sababa qabeeyyii ta’uun fudhatama kanaan dura qaban dhabaniiru. . . . Namoonni seera amalaa isaanitti tolu hordofuu filataniiru.” Kunimmoo “hafuura biyya lafaa” “namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa” jiru kan argisiisudha. (1 Qorontos 2:12; Efesoon 2:2) Hafuurri kun namoota mataasaanii Yihowaadhaaf murteessaniifi olaantummaasaatiif abboomamanirratti hin hojjetu. (Roomaa 12:1, 2) Kanaa mannaa, tajaajiltoonni Waaqayyoo waaqeffannaa Yihowaa keessatti qulqullinaaf bakka guddaa kennuunsaanii barbaachisaa akka ta’e hubataniiru. Wantoonni jireenya keenya keessatti qulqulluu ta’an maalfa’i? Matadureen kun wantoota tajaajiltoota Yihowaatiif qulqulluu ta’an shan ibsa. Isa ittaanu keessattimmoo, walga’iiwwan keenya warra qulqulluu ta’anirratti xiyyeeffanna. Haata’u malee jechi “qulqulluu” jedhu maal argisiisa?

2, 3. (a) Caaffanni Qulqullaa’aan qulqullina Yihowaa kan ibsan akkamitti? (b) Maqaa Yihowaa akka waan qulqulluutti ilaaluu kan qabnu maaliifi?

2 Afaan Ibrootaa Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechi “qulqulluu” jedhu yaada adda ta’uu jedhu kan dabarsudha. Waaqeffannaarratti garuu jechi kun haala adda ta’een itti hojjetama. Yihowaan karaa hundaanuu qulqulluudha. Kanaaf, “Isa Hundarra Qulqulluu Ta’e” jedhameera. (Fakkeenya 9:10, NW; 30:3, NW) Israa’el durii keessatti, hangafni lubootaa daraaraa warqee marata mataatti qabsiifamurratti jechoonni “Waaqayyoof kan qulqullaa’e” jedhan irratti qirixaman kaa’ata ture. (Ba’uu 28:36, 37) Suraafelonniifi kirubeelonni teessoo Yihowaa dura jiraniifi samiirratti argaman, “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo” jedhanii akka lallaban Caaffata Qulqulluu keessatti ibsameera. (Isaayaas 6:2, 3; Mul’ata 4:6-8)) Irra deddeebi’amuunsaa qulqullinnisaa hundaa ol ta’uusaa kan ibsuudha. Dhugumayyuu inni Madda wanta qulqulluu ta’e hundaati.

3 Maqaan Yihowaa qulqulluudha. Faarfatichi ajaa’ibsiifamuudhaan akkas jedheera: “Maqaa kee isa guddaadhaa fi isa sodaatamaadhaafis galata haa galchan! Inni dhuguma qulqulluu dha!” (Faarfannaa 99:3) Yesusis akkas jennee akka kadhannu nu barsiiseera: “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu.” (Maatewos 6:9) Maariyaam haati Yesusimmoo akkas jetteetti: “Garaan koo gooftaa kootiif hooqubaa dhi’eessa; . . . waan guddaa anaaf godhe; maqaan isaa qulqulluu dha.” (Luqaas 1:46, 49) Tajaajiltoota Yihowaa hamma taanetti, maqaa kana akka qulqulluutti ilaaluufi wanta maqaa qulqulluu ta’e kanarratti arrabsoo fidurraa fagaachuu qabna. Kana malees, wanta Yihowaan akka qulqulluutti ilaalu akka qulqulluutti ilaaluudhaan ilaalcha inni wantoota qulqulluu ta’aniif qabu qabaanna.—Amos 5:14, 15.

Yesusiif Ulfina Guddaa Kennuu Kan Qabnu Maaliifi?

4. Macaafni Qulqulluun Yesusiin “isa tokkicha qulqulluu” kan jedhu maaliifi?

4 Yesus “ilma tokkicha” Waaqayyo isa qulqulluu waan ta’eef innis qulqulluu ta’ee uumame. (Yohannis 1:14; Qolosaayis 1:15; Ibroota 1:1-3) Kanaaf, “isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo” jedhameera. (Yohannis 6:69) Maariyaam kan isa deesse humna hafuura qulqulluutiin waan ta’eef, Yesus samiirraa gara lafaa yeroo dhufu qulqulluu ta’ee itti fufeera. Ergamaan Waaqayyoo tokko Maariyaamiin akkas jedhee ture: “Hafuurri qulqulluun si irra in bu’a, . . . kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.” (Luqaas 1:35) Kiristiyaanonni Yerusaalem jiraatan yeroo Yihowaatti kadhannaa dhiheessan ilma Waaqayyootiin al lama ‘Yesus hojjetaa kee isa qulqulluu’ jedhaniiru.—Hojii Ergamootaa 4:27, 30.

5. Yesus yeroo lafarra turetti hojii qulqulluu akkamii raawwatee ture? Dhiignisaa gati-jabeessa kan ta’e maaliifi?

5 Yesus yeroo lafarra ture hojii qulqulluu raawwatu qaba ture. Dh.K.B. bara 29⁠tti yeroo cuuphame, mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa keessatti Hangafa Lubaa ta’ee muudameera. (Luqaas 3:21, 22; Ibroota 7:26; 8:1, 2) Akkasumas, du’a aarsaa du’eera. Dhiignisaa inni dhangala’e, furii ilmaan namootaa cubbamoo ta’an fayyisu ta’eera. (Maatewos 20:28; Ibroota 9:14) Kanaafuu, dhiiga Yesus ‘isa gati-jabeessa’ akka qulqulluutti ilaaluu qabna.—1 Phexros 1:19.

6. Ilaalchi Yesusiif qabnu maalidha? Maaliif?

6 Karaa Yesus Kiristos isa Mootiifi Luba keenya ta’eef ulfina guddaa kennuu itti dandeenyu yeroo ibsu Phaawulos ergamaan akkas jedheera: “Kanaafis Waaqayyo [Ilmasaa] waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta’e beeksisuuf jiru.” (Filiphisiiyus 2:9-11) Geggeessaafi Mootii keenya isa bulchaa jiru, isa mataa gumii Kiristiyaanaa ta’e Yesusiif gammachuudhaan abboomamuudhaan, ilaalcha Yihowaan wantoota qulqulluu ta’aniif qabu qabaachuu keenya argisiisuu dandeenya.—Maatewos 23:10; Qolosaayis 1:18.

7. Kiristosiif abboomamuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Kiristosiif abboomamuun namoota yeroo ammaatti hojiisaa akka geggeessan muudamaniif ulfina sirrii kennuus kan dabalatudha. Qaamni Olaanaa Kiristiyaanota hafuuraan dibamanirraa ijaarameefi ilaaltonni olaanaa waajjiroota damee, koonyaa, aanaafi gumiirratti Qaama Olaanaatiin muudaman itti gaafatamummaansaanii qulqulluu akka ta’e beekamuu qaba. Kanaafuu qophii kanaaf ulfina guddaa kennuufi abboomamuu qabna.—Ibroota 13:7, 17.

Saba Qulqulluu

8, 9. (a) Israa’eloonni saba qulqullaa’aa kan ta’an karaa kamiini? (b) Yihowaan Israa’eloonni seera bu’uuraa qulqullummaa akka gaariitti akka hubatan kan godhe akkamitti?

8 Yihowaan saba Israa’elii wajjin waadaa galee ture. Hariiroon kunimmoo saba adda ta’e kanaaf ulfina guddaa argamsiisee ture. Qulqullaa’anii ykn addaan baafamanii turan. Yihowaaniyyuu akkas jedheeraan: “Ani Waaqayyo qulqulluu waanan ta’eef, isin kan koo akka taatanitti saba warra kaanittii addaan waanan isin baaseef, isinis immoo qulqulloota ta’aa!”—Lewwoota 19:2; 20:26.

9 Akkuma sabni Israa’el hundeeffameen Yihowaan, seera bu’uuraa qulqullummaa akka gaariitti isaan hubachiiseera. Tulluu Abboommii Kurnan itti isaaniif kennametti yoo bu’an akka du’an itti himamee ture. Kunis Tulluun Siinaa qulqulluu ta’ee ilaalamuusaa kan argisiisudha. (Ba’uu 19:12, 23) Lubummaan, godoon qulqullaa’aaniifi mi’isaa akka qulqulluutti ilaalamu turan. (Ba’uu 30:26-30) Haalli gumii Kiristiyaanaahoo maal fakkaata?

10, 11. Gumiin Kiristiyaanota dibamoo qulqulluudha kan jedhamu maaliifi? Kunoo ‘hoolota kan biraarratti’ dhiibbaa akkamii geessisa?

10 Gumiin Kiristiyaanota dibamoo ija Yihowaa duratti qulqulluudha. (1 Qorontos 1:2) Guutummaan garee Kiristiyaanota dibamoo lafarra jiranii mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa kan bakka bu’an ta’uu baataniyyuu, yeroo lafarra jiraatan kamittiyyuu mana qulqullummaatti fakkeeffamaniiru. Yihowaan hafuurasaatiin mana qulqullummaa sana keessa jiraata. Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan [Yesus Kiristosiin] walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta’uudhaaf gooftaatti in guddata. Isinis immoo isumaan mana isa Waaqayyo hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii itti ijaaramuu keessan.”—Efesoon 2:21, 22; 1 Phexros 2:5,  9.

11 Itti dabalees Phaawulos Kiristiyaanota dibamoodhaaf akkas jedhee barreesseera: “Isin mana qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, hafuurri Waaqayyoos isin keessa buufatee akka jiru hin beektanii ree? . . . Manni qulqullummaa Waaqayyoo dhuguma qulqulluu dha, innis isin.” (1 Qorontos 3:16, 17) Yihowaan hafuurasaatiin Kiristiyaanota dibamoo gidduu ni ‘buufata, isaan gidduus in deddeebi’a.’ (2 Qorontos 6:16) ‘Hojjetaa’ isaaf amanamaa ta’e geggeessuusaa ittuma fufa. (Maatewos 24:45-47) ‘Hoolonni kan biraa’ mirga kutaa mana qulqullummaa kanaa wajjin sassaabamuuf argatan guddisanii ilaalu.—Yohannis 10:16; Maatewos 25:37-40.

Wantoota Jireenya Kiristiyaanummaa Keessatti Qulqulluu Ta’an

12. Wantoonni jireenya keenya keessatti qulqulluu ta’an maalfa’i? Maaliif?

12 Wantoonni jireenya Kiristiyaanota dibamoofi hiriyootasaanii wajjin wal qabatan baay’een qulqulluu ta’uunsaanii beekamaadha. Hariiroon Yihowaa wajjin qabnus qulqulluudha. (1 Seenaa 28:9; Faarfannaa 36:7) Hariiroo kanaaf bakka guddaa waan kenninuuf wanti tokko ykn namni, nuufi Waaqa keenya Yihowaa gidduu akka seenu hin heyyamnu. (2 Seenaa 15:2; Yaaqoob 4:7, 8) Kadhannaan hariiroo Yihowaa wajjin qabnu eeguuf gahee guddaa qaba. Daani’el raajichaaf kadhannaan qulqulluu waan tureef, lubbuusaallee balaarra kan buusu ta’uyyuu akkuma amalasaa kadhannaa dhiheessuusaa itti fufee ture. (Daani’el 6:7-11) ‘Kadhannaan warra Waaqayyoof qulqullaa’anii’ ykn Kiristiyaanota dibamoo, ixaana mana qulqullummaa keessatti aarfamuu wajjin wal fakkeessameera. (Mul’ata 5:8; 8:3, 4; Lewwoota 16:12, 13) Ixaanaan fakkeeffamuunsaa kadhannaan qulqulluu ta’uusaa kan argisiisudha. Waaqa isa uumama cufarratti Olaantummaa qabu wajjin kadhannaadhaan wal qunnamuun mirga guddaadha! Dhugumayyuu, kadhannaan jireenya keenya keessatti wanta qulqulluu ta’ee eegamudha.

13. Humna isa kamtu qulqulluudha? Humni kun jireenya keenya keessatti akka hojjetu heyyamuu kan qabnu akkamitti?

13 Kiristiyaanonni dibamoonis ta’e hiriyoonnisaanii, humni yeroo hundumaa jireenyasaanii keessatti akka qulqulluutti ilaaluu qaban hafuura qulqulluudha. Hafuurri kun humna Yihowaa si’a ta’u, yeroo hundumaa hojiisaa kan raawwatu jaalala Waaqayyoo Isa Qulqulluu ta’ee wajjin haala wal simuun waan ta’ef ‘hafuura qulqulluu’ ykn ‘qulqullummaa isa hafuuraa’ jedhamee waamamuunsaa sirriidha. (Yohannis 14:26; Roomaa 1:4) Yihowaan tajaajiltoonnisaa misiraachoo akka lallabaniif hafuura qulqulluudhaan humna isaaniif kenna. (Hojii Ergamootaa 1:8; 4:31) Namoota hafuura qulqulluutiif ‘abboomaman,’ akkasumas akka fedha fooniitti utuu hin ta’in akka “jireenya hafuuraatti” jiraataniif hafuurasaa kennaaf. (Hojii Ergamootaa 5:32; Galaatiyaa 5:16, 25; Roomaa 8:5-8) Humni guddaan kun, Kiristiyaanonni amalawwan gaarii “ija hojii hafuuraa” ta’an akka horatan, akkasumas “jireenya qullaa’aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta’u” akka jiraataniif isaan gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23; 2 Phexros 3:11) Hafuura qulqulluu akka qulqulluutti kan ilaallu yoo ta’e, wanta hafuura kana gaddisiisu ykn hojii inni jireenya keenya keessatti raawwatu gufachiisu kamirraayyuu ni fagaanna.—Efesoon 4:30.

14. Mirgi Kiristiyaanonni dibamoon akka qulqulluutti ilaaluu qaban maalidha? Hoolonni kan biraahoo mirga kanarratti qooda kan fudhatan akkamitti?

14 Maqaa Yihowaa isa Waaqa Qulqulluu ta’eetiin waamamuufi Dhugaa Baatotasaa ta’uuf mirgi argannes wanta akka qulqulluutti ilaallu kan biraati. (Isaayaas 43:10-12, 15) Yihowaan, Kiristiyaanonni dibamoon “kakuu haaraadhaaf hojjechuu” akka danda’an isaan godheera. (2 Qorontos 3:5, 6) Kanaaf, ‘wangeela mootummaa’ akka lallabaniifi ‘saba hundumaa bartoota’ akka taasisan hojiin isaaniif kennameera. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Hojii isaaniif kenname kana amanamummaadhaan raawwachaa jiru; namoonni hoolotaan fakkeeffamaniifi miliyoonaan lakkaa’aman, Kiristiyaanota dibamoodhaan fakkeenyaan akkas jedhu: “Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna.” (Zakaariyaas 8:23) Namoonni kun, Kiristiyaanota dibamoo ‘Waaqayyo keenyaaf hojjetaniif’ karaa hafuuraa ‘qottootaafi’ namoota ‘wayinii dhaaban’ ta’anii tajaajilu. Karaa kanaan, hoolonni kan biraa Kiristiyaanonni dibamoon addunyaa maratti hojiisaanii akka fiixaan baasaniif guddaa ni gargaaru.—Isaayaas 61:5, 6.

15. Hojiin Phaawulos ergamaan akka qulqulluutti ilaale maalidha? Nuyis ilaalcha akkasii kan qabnu maaliifi?

15 Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan namoota tajaajilasaanii akka waan qulqulluutti ilaalan keessaa isa tokko ture. Waa’ee mataasaa ilaalchisee akkas jedhee ture: “Warra saba Waaqayyoo hin ta’iniif hojjetaa Kristos Yesus ta’ee, wangeela Waaqayyoof akka lubaatti hojjechuudhaaf ayyaana argadheera.” (Roomaa 15:16, ) Yeroo Kiristiyaanota Qorontosiif barreessettis tajaajillisaa “wanta gati-jabeessa” akka ta’e dubbateera. (2 Qorontos 4:1, 7) Tajaajila keenyaan ‘waan Waaqayyo jedhe’ akka beekamu goona. (1 Phexros 4:11) Kanaaf, Kiristiyaanota dibamoos taane hoolota kan biraa, mirga dhugaa ba’uurratti hirmaachuuf arganne akka qulqulluutti ilaalla.

‘Waaqayyoon Sodaachuutti Jiraachuudhaan Qulqullummaa Fiixaan Baafadhaa’

16. Namoota ‘wanta qulqulluudhaan morman’ akka hin taaneef maaltu nu gargaaruu danda’a?

16 Phaawulos ergamaan, obboloonni Kiristiyaanaa ‘wanta qulqullaa’aadhaan kan morman’ akka hin taane isaan akekkachiiseera. Kanaa mannaa, ‘wanti akka hidda hadhaa’aa isaan gidduutti biqilee rakkina akka hin kaafneefi baay’eenis ittiin akka hin xuroofne eeggachuudhaan jireenya qulqullaa’aadhaaf akka dhama’an’ isaan gorseera. (Ibroota 12:14-16) Jechi “hidda hadhaa’aa” jedhame, namoota muraasa gumii Kiristiyaanaa keessatti argamaniifi akkaataa wantoonni tokko tokko itti raawwatamanirratti dogoggora barbaadan kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, ilaalcha Yihowaan qulqullina gaa’elaafi amalaatiif qabuu wajjin kan walii hin galle ta’uu danda’u. (1 Tasaloniiqee 4:3-7; Ibroota 13:4) Yookiin barumsa gantootaa, “dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa’aadhaan mormu” akkasumas namoota ‘dhugaa irraa kaachisu’ babal’isuurratti hirmaatu ta’a.—2 Ximotewos 2:16-18.

17. Kiristiyaanonni dibamoon ilaalcha Yihowaan qulqullinaaf qabu calaqqisiisuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochuun kan isaan barbaachisu maaliifi?

17 Phaawulos obbolootasaa dibamoo ta’aniif akkas jedhee barreessee ture: “Yaa michoota ko! Abdii kana erga qabaannee, kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafannaa.” (2 Qorontos 7:1) Jechi kun Kiristiyaanonni dibamoon, ‘waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaatan’ karaa hundaanuu ilaalcha Yihowaan wantoota qulqulluu ta’aniif qabu calaqqisiisuuf carraaqqii gochuu akka qaban kan argisiisudha. (Ibroota 3:1) Haaluma wal fakkaatuun, Phexros ergamaan obbolootasaa hafuuraan dibaman akkas jedhee gorseera: “Akka ijoollee abboomamanii ta’aa malee, kajeellaa foonii isa bara gowwummaa keessanii duukaa hin luucca’inaa! Inni isin waame qulqulluu akkuma ta’e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta’aa!”—1 Phexros 1:14, 15.

18, 19. (a) Miseensoonni “tuuta sonaan baay’ee” ilaalcha Yihowaan wantoota qulqulluu ta’aniif qabu qabaachuusaanii kan argisiisan akkamitti? (b) Mataduree ittaanutti wantoota jireenya Kiristiyaanummaa keenya keessatti qulqulluu ta’an kan biroo kamfaa ilaalla?

18 Waa’ee “tuuta sonaan baay’ee” ‘rakkina isa guddaarraa’ oolaniihoo maal jechuutu danda’ama? Isaanis ilaalcha Yihowaan wantoota qulqulluu ta’aniif qabu qabaachuusaanii argisiisuu qabu. Macaafa Mul’ataa keessatti, oobdii mana qulqullummaa hafuuraa isa lafaarratti tajaajila qulqulluu akka dhiheessan godhamanii ibsamaniiru. Furii Yesusitti waan amananiif, fakkeenyaan “uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.” (Mul’ata 7:9, 14, 15) Kunimmoo, Yihowaa duratti qajeeloo ta’anii akka ilaalaman godha, ‘waanuma dhagna isaaniifi hafuura isaanii xureessuttii akka of qulleessan, akkasumas Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaan qulqullummaa fiixaan akka baafataniif’ isaan dirqisiisa.

19 Kiristiyaanonni dibamoonis ta’e hiriyoonnisaanii wanti jireenyasaanii keessatti bakka guddaa kennaniif, utuu walirraa hin kutin Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamuufi Dubbiisaa qayyabachuudha. Yihowaan, walga’iiwwan sabasaa akka qulqulluutti ilaala. Mataduree ittaanutti, ilaalcha Yihowaan wantoota qulqulluu barbaachisaa ta’an kanaaf qabu qabaachuu kan dandeenyu akkamittiifi maaliif akka ta’e ilaalla.

Irra Deebi’uuf

• Ilaalchi biyya lafaa tajaajiltoota Yihowaa biratti fudhatama hin qabne maalidha?

• Maddi wanta qulqulluu ta’e hundaa Yihowaadha kan jennu maaliifi?

• Qulqullummaa Yesusiif ulfina akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

• Wantoonni jireenya keenya keessatti akka qulqulluutti ilaaluu qabnu maalfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]