Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegi!

Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegi!

Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegi!

“Isin garuu michoota ko, . . . jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; . . . araara ittiin . . . jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!”—YIHUDAA 20, 21.

1, 2. Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegdee jiraachuu kan dandeessu akkamitti?

 YIHOWAAN isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa akka argatuuf tokkicha Ilmasaa hamma kennutti biyya lafaa jaallateera. (Yohannis 3:16) Jaalala guddaa akkasii argachuun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Yihowaa kan tajaajiltu taanaan, jaalala Yihowaa bara baraaf argachuu akka barbaaddu homaa hin shakkisiisu.

2 Yihudaan jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e akkas jechuudhaan ibseera. “Amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu irratti dhaabamaatii cimaa! Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa! Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!” (Yihudaa 20, 21) Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi misiraachicha lallabuunkee barumsa Kiristiyaanummaa isa “hundumaa caalaa qulqulluu” ta’etti qabamtee akka jiraattu si gargaara. Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegdanii jiraachuuf, ‘hafuura qulqulluutti’ ykn dhiibbaa gaarii inni geessisu jalaa utuu hin ba’in kadhannaa gochuu si barbaachisa. Kana malees, eebba jireenya bara baraa argachuuf, aarsaa furii Yesus Kiristositti amanuu qabda.—1 Yohannis 4:10.

3. Namoonni tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa ta’anii itti fufuu kan dadhaban maaliifi?

3 Namoonni kanaan dura amantaa qaban tokko tokko jaalala Waaqayyoo keessaa ba’aniiru. Daandii cubbuurra deddeebi’uu waan filataniif, Dhugaa Baatota Yihowaa ta’anii itti fufuu hin dandeenye. Haalli akkasii akka sirra hin geenye maaltu si gargaaruu danda’a? Yaadawwan armaan gaditti argamanirratti xiinxaluunkee, cubbuu hojjechuurraa akka fagaattuufi jaalala Waaqayyoo keessatti of eegdee jiraachuuf si gargaaruu danda’a.

Jaalala Waaqayyoof Qabdu Argisiisi

4. Waaqayyoof abboomamuun hammam barbaachisaadha?

4 Waaqayyoof abboomamuudhaan akka isa jaallattu argisiisi. (Maatewos 22:37) Yohannis, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 5:3) Amala Waaqayyoof abboomamuu guddifachuunkee humna qorumsa mo’uuf si gargaaruufi gammachuu akka argattu si gargaara. Faarfatichi akkas jechudhaan barreesseera: “Namni akka gorsa warra jal’ootaatti hin deddeebine, . . . gammachuu qaba! Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola.”—Faarfannaa 1:1, 2.

5. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu maal gochuuf si kakaasa?

5 Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu cubbuu cimaa maqaasaa arrabsiisu raawwachuurraa akka fagaattu si kakaasa. Aguur akkas jechuudhaan kadhateera: “Soora har’aa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis! Ani quufee akkan si hin wallaalletti. ‘Waaqayyo eenyu inni?’ akka ani hin jennetti, yookiis immoo hiyyoomee, hatee maqaa Waaqayyo kootii akka ani hin salphifne anaaf godhi!” (Fakkeenya 30:1, 8, 9) ‘Maqaa Waaqayyoo salphisuudhaan’ isa arrabsiisuurraa fagaachuuf murtoo godhi. Kanaa mannaa, yeroo hundaa wanta gaarii raawwachuudhaan isaaf ulfina fiduuf carraaqqii godhi.—Faarfannaa 86:12.

6. Ta’e jettee yoo cubbuu hojjette rakkoo akkamiitu sirra ga’uu danda’a?

6 Cubbuu raawwachuudhaan qoramuurraa akka si eeguuf yeroo hundaa Abbaakee isa samiitti kadhannaadhaan dhihaadhu. (Maatewos 6:13; Roomaa 12:12) Kadhannaankee akka hin ittifamnetti, gorsa Waaqayyoo hordofuurraa duubatti hin jedhin. (1 Phexros 3:7) Yihowaan kadhannaa warra jal’ootaa akka hin dhageenye argisiisuuf akka duumessa ofitti golgetti waan ibsameef, ta’e jettee yoo cubbuu hojjette rakkinni sirra ga’u baay’ee ulfaataa ta’a. (Faaruu Ermiyaas 3:42-44) Kanaaf, amala gad of deebisuu qabaadhu; mirga kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuuf qabdu wanta si dhabsiisu raawwachuurraa fagaachuuf kadhannaa godhi.—2 Qorontos 13:7.

Jaalala Ilma Waaqayyoof Qabdu Argisiisi

7, 8. Namni tokko gorsa Yesus hojiirra oolchuunsaa daandii cubbuurra akka fagaatu kan isa eegu akkamitti?

7 Yesusiif abboomamuudhaan jaalala isaaf qabdu argisiisuunkee, daandii cubbuurraa fagaachuuf si gargaara. Yesus: “Akkuma ani abboommii abbaa kootii hundumaa eegee, jaalala isaattis qabamee jiraadhu, isinis abboommii koo hundumaa yoo eegdan jaalala kootti qabamtanii in jiraattu” jedheera. (Yohannis 15:10) Jechi Yesus, jaalala Waaqayyoo keessatti of eegdee akka jiraattu si gargaaruu kan danda’u akkamitti?

8 Qajeelfama Yesus xiyyeeffannaadhaan hordofuunkee jireenya qulqulluu akka jiraattu si gargaara. Seerri Waaqayyo Israa’elootaaf kenne: “Hin ejjin!” jedha. (Ba’uu 20:14) Haata’u malee, Yesus seera bu’uuraa Seericha duuba jiru: “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan ibseera. (Maatewos 5:27, 28) Phexrosis namoonni gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko, “iji isaanii yeroo hundumaa hawwaan gara ejjituu” akka ilaaluufi ‘namoota jabaatanii hin dhaabatin wallaalchisanii kiyyoosaaniitti akka galfatan’ dubbateera. (2 Phexros 2:14) Haala namoota kanarraa adda ta’een, Yihowaafi Kiristosiin kan jaallattu, kan abboomamtu, walitti dhufeenya isaanii wajjin qabdu jabeessitee kan qabattu yoo ta’e, ejjarraa fagaachuu dandeessa.

Hafuurri Yihowaa Si Haa Geggeessu

9. Haala hafuura Waaqayyoo wajjin wal qabateen, namni tokko cubbuu hojjechuusaa yoo itti fufe rakkoo maaliitu isarra ga’a?

9 Hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhannaa dhiheessi; ittiinis geggeeffami. (Luqaas 11:13; Galaatiyaa 5:19-25) Cubbuu hojjechuu yoo itti fufte Waaqayyo hafuurasaa sirraa fudhata. Daawit Baat-Sheebaa wajjin haala wal qabateen erga cubbuu raawwatee booda: “Fuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin!” jechuudhaan kadhateera. (Faarfannaa 51:11) Saa’ol Mootichis cubbuu raawwatee utuu qalbii hin geddaratin hafuusaatiin hafuura Waaqayyoo dhabeera. Saa’ol aarsaa gubamu dhiheessuudhaan, hoolota, re’oota, saawwan Amaaleqotaafi mootiisaanii guutummaatti utuu hin balleessin hafuusaatiin cubbuu hojjeteera. Yihowaan yeroo sanaa jalqabee Saa’olirraa hafuurasaa fudhateera.—1 Saamu’el 13:1-14; 15:1-35; 16:14-23.

10. Yaada cubbuu raawwachuurraa fagaachuu kan qabdu maaliifi?

10 Yaada akka cubbuu raawwattu si godhurraa fagaadhu. Phaawulos: “Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu si’achi hin jiru” jechuudhaan barreesseera. (Ibroota 10:26-31) Ta’e jettee cubbuu yoo hojjette haala gaddisiisaatu sirra ga’a!

Warra Kaaniif Jaalala Dhugaa Akka Qabdu Argisiisi

11, 12. Jaalalliifi ulfinni, namni tokko gaa’elaan alatti saalqunnamtii raawwachuurraa akka fagaatu kan isa eegu karaawwan kamiini?

11 Jaalalli namootaaf qabdu cubbuu raawwachuurraa akka fagaattu si gargaara. (Maatewos 22:39) Akkasumas xiyyeeffannaa hiriyaa gaa’elaa nama kan biraa ofitti harkisuurraa akka fagaattu si kakaasa. Kanarraa fagaachuu baannaan garuu ejja raawwachuu dandeessa. (Fakkeenya 4:23; Ermiyaas 4:14; 17:9, 10) Fakkeenya Iyoob isa haadha manaasaatiin alatti, dubartii kamiifiyyuu xiyyeeffannaa sirrii hin taane kennuurra fagaateefi qajeelummaadhaan jiraatee hordofi.—Iyoob 31:1.

12 Qulqullina gaa’elaatiif ulfina qabaachuunkee cubbuu raawwachuurraa fagaachuuf si gargaara. Waaqayyo gaa’elli ulfina qabeessa ta’eefi saalqunnamtiin akka jiraatu kan godhe, namoonni akka wal horaniifidha. (Uumama 1:26-28) Qaamonni saalaa kan uumaman lubbuu qulqulluu ta’e argamsiisuuf ta’uusaa dagachuu hin qabdu. Namoonni halalummaafi ejja raawwatan Waaqayyoof hin abboomaman; amala addaggummaa akka waan salphaatti ilaalu; gaa’elaaf ulfina hin qaban; akkasumas dhagnasaaniirratti cubbuu hojjetu. (1 Qorontos 6:18) Jaalalli namni tokko Waaqayyoofi namootaaf qabu, akkasumas fedhiin inni isaaf abboomamuuf qabu, gocha gumii Kiristiyaanaa keessaa isa baasisu raawwachuurraa akka of qusatu isa gargaara.

13. Namni amala addaggummaa qabu ‘akkasumaan horiisaa kan bittimsu’ karaa kamiini?

13 Namoota jaallannu gaddisiisuurraa fagaachuu yoo barbaanne, wantoota gara cubbuutti nu geessan raawwachuurraa fagaachuu qabna. Fakkeenyi 29:3, “namni hidhata ejjituu ta’e garuu, akkasumaan horii isaa bittimsa” jechuudhaan dubbata. Namni ejja raawwatuufi qalbii geddarachuu hin barbaanne tokko walitti dhufeenya Waaqayyoofi maatiisaa wajjin qabu dhaba. Haati manaasaas isa hiikuuf sababii ga’aa qabdi. (Maatewos 19:9) Cubbuu kan raawwate abbaa manaas haata’u haadha manaa, gaa’elichi diigamuunsaa hiriyaa gaa’elaa amanamaa ta’e, ijoolleefi namoota kaan baay’ee gaddisiisuu danda’a. Gocha gadhee akkasii raawwachuun miidhaa guddaa akka geessisu beekuunkee, qorumsa wanta gadhee akkasii akka raawwattu si godhu mo’uuf si kakaasuu hin qabuu?

14. Cubbuu raawwachuu ilaalchisee Fakkeenya 6:30-35⁠rraa barumsa akkami arganna?

14 Namni tokko ejja raawwachuusaatiin rakkoo uumame wanta garabiraa hojjechuudhaan kiisuu akka hin dandeenye beekuunsaa, amala yaada ofittummaa calaqqisu kanarraa akka fagaatu isa gochuu qaba. Fakkeenyi 6:30-35 hattuun beela ba’uuf jecha yoo waa hate namoonni akka gaddaniif erga ibsee booda, namni ejja raawwatu garuu yaada garaa gadheedhaan kaka’ee kana gochuusaatiin akka isa tuffatan ibsa. “Namni kana godhu of in balleessa.” Seerri Museemmoo, namni akkasii ajjeefamuu qaba jedha. (Lewwoota 20:10) Namni ejja raawwatu fedhii saalqunnamtii qabu galmaan ga’uuf jecha namoota kaan gaddarra buusa. Namni ejja raawwatuufi yaada garaa hin geddaranne jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu kan hin dandeenye waan ta’eef gumii Kiristiyaanaa isa qulqulluu keessaa ni baafama.

Yaada Garaa Qullaa’aa Qabaadhaa

15. Yaanni garaa “diim[i]naan gubame” haala akkamiirratti argama?

15 Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuuf, yaanni garaa keenyaa akka hadoodu gochuu hin qabnu. Amala addaggummaa biyya lafaa isa manca’aa akka hin hordofne beekamaadha; kanaaf hiriyaa, barreeffamoota dubbisnuufi bashannana of eeggannoodhaan filachuu qabna. Phaawulos akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Bara booddeetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu’anii, amantii wangeelaa irraa akka garagalan, .  . warri sobduun, of hin argineen, yaadni garaa isaanii diim[i]naan gubamee milikkita Seexanaa godhate kun, jara kana wallaalchisanii garagalchaniiru.” (1 Ximotewos 4:1, 2) Yaanni garaa “diim[i]naan gubame” godaannisa homtinuu itti hin dhaga’amneefi hadoodee wajjin wal fakkaata. Kunimmoo, gantootarraas ta’e wantoota amantaarraa akka garagallu nu godhan kaanirraa akka fagaannu nu akeekkachiisuu hin danda’u.

16. Yaada garaa qulqulluu qabaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

16 Fayyinni keenya yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuu keenyarratti kan hundaa’edha. (1 Phexros 3:21) Amantaan dhiiga Yesus isa dhangala’erratti qabnu hojii isa du’atti geessurraa fagaannee, ‘Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjetoota akka taanu’ nu godheera. (Ibroota 9:13, 14) Ta’e jennee yoo cubbuu hojjenne garuu yaanni garaa keenyaa xuraa’uusaarrayyuu, saba qulqulluu Waaqayyoon tajaajilu ta’uu hin dandeenyu. (Tiitoos 1:15) Ta’us, gargaarsa Yihowaatiin yaada garaa qulqulluu qabaachuu dandeenya.

Karaawwan Garabiraa Amala Gadheerraa Fagaachuu Itti Dandeessu

17. ‘Guutummaatti Yihowaa duukaa bu’uun’ bu’aa akkamii argamsiisa?

17 Akka Kaaleb isa Israa’el ishee durii keessa jiraachaa ture, ‘guutummaatti Yihowaa duukaa bu’i.’ (Keessa Deebii 1:34-36) Wanta Waaqayyo sirraa barbaadu raawwadhu; matumaa “maaddii hafuurota hamootaa irraa” hin hirmaatin. (1 Qorontos 10:21) Gantummaarraa fagaadhu. Barsiisota sobaarraa ykn gowwoomsaa hafuurota hamoorraa waan si eeguuf, maaddii hafuuraa Yihowaa biraa siif dhihaatu qofa sooradhu. (Efesoon 6:12; Yihudaa 3, 4) Sochiiwwan hafuuraa kan akka Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, walga’iiwwanirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu wajjin wal fakkaatanirratti xiyyeeffadhu. Garaakee guutuudhaan Yihowaa kan hordoftuufi hojii Gooftaa caalchiftee kan hojjettu yoo ta’e, gammachuu akka argattu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.—1 Qorontos 15:58.

18. Sodaa sirriin Yihowaadhaaf qabdu amala keerratti dhiibbaa gaarii kan geessisu akkamitti?

18 Waaqayyoon “ulfinaa fi sodaadhaan” tajaajiluuf murteessi! (Ibroota 12:28) Waaqayyoof sodaa sirrii qabaachuunkee hojii jal’inaa kamirraayyuu akka fagaattu si kakaasa. Gorsi Phexros Kiristiyaanota dibamoodhaaf akkas jechuudhaan kennee wajjin haala wal simuun akka jiraattu si gargaara: “Isa nama utuu wal hin caalchisin, adduma addaan akka hojii isaatti faradu sana ‘Abbaa’ jettanii in waammattu yoo taatan, bara itti akka ormaatti jiraattan hundumaatti isa safeeffachuutti jiraadhaa!”—1 Phexros 1:17.

19. Yeroo hundaa wanta Dubbii Waaqayyoorra baratte hojiirra oolchuu kan qabdu maaliifi?

19 Yeroo hundaa wanta Dubbii Waaqayyoorraa baratte hojiirra oolchi. Kana gochuunkee, cubbuu cimaa hojjechuurraa akka fagaattuufi akka ‘namoota sammuunsaanii hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar baasuu danda’anii’ akka taatu si gargaara. (Ibroota 5:14) Guyyoota gadhee kanatti, dubbiifi amala keetiin nama dantaa hin qabne ta’uu mannaa, akka nama ogeessa ‘yeroo isaaf kenname utuu hin dabarsin itti hojjetuu’ dammaqina qabaadhu. ‘Jaalalli gooftaa maal akka ta’e hubachuudhaan’ jaalalasaa kana raawwachuukee itti fufi.—Efesoon 5:15-17; 2 Phexros 3:17.

20. Sassatarraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

20 Wantoota kan namaa ta’an sassataan hawwuurraa fagaadhu. Abboommii kurnan keessaa inni tokko akkas jedha: “Mana namaa duraa fudhachuudhaaf [“sassataan,” Niwuu Intarnaashinaal Varshin] hin hawwin! Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!” (Ba’uu 20:17) Seerri kun, mana namaa, haadha manaa, hojjetaa, horii inni qabuufi wantoota kanaa wajjin wal fakkaataniif eegumsa ta’a. Haata’u malee, akkuma Yesus dubbate sassanni nama tokko ni xureessa.—Maarqos 7:20-23.

21, 22. Kiristiyaanonni tarkaanfii akkamii fudhachuusaaniitu cubbuu hojjechuurraa isaan eega?

21 Hawwiinkee cubbuutti akka si hin geessine tarkaanfii fudhachuu qabda. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala.” (Yaaqoob 1:14, 15) Fakkeenyaaf, namni tokko dhugaatii wajjin haala wal qabateen rakkoo yoo qabaate, dhugaatii manasaa keessa kaa’uu dhiisuuf murteessuu danda’a. Kiristiyaanni tokko, qorumsa saala faallaatiin isarra ga’urraa fagaachuuf jecha, bakka hojiisaa ykn hojiisaa dhiisuun isa barbaachisa ta’a.—Fakkeenya 6:23-28.

22 Tarkaanfii jalqabaa gara cubbuutti si geessu kamiyyuu hin fudhatin. Kolomsuufi yaadawwan gara addaggummaatti geessanirratti xiinxaluun ejja raawwachuutti geessuu danda’a. Namni tokko wantoota xixinnoorratti sobuu yoo jalqabe, wantoota gurguddaarrattis akka sobu gochuudhaan gara cubbuutti isa geessuu danda’a. Namni tokko wantoota xixinnoo ta’an hatuunsaa, yaanni garaasaa akka hadooduufi wantoota gurguddaa gara hatuutti isa geessuu danda’a. Namni tokko, yaada gantootaa xinnoo dhaggeeffachuu jalqabuunsaa, gantuu akka ta’u isa gochuu danda’a.—Fakkeenya 11:9; Mul’ata 21:8.

Cubbuu Yoo Hojjette Maal Gochuu Qabda?

23, 24. Lammaffaa Seenaa 6:29, 30fi Fakkeenya 28:13⁠rraa jajjabina maalii argachuu dandeenya?

23 Ilmaan namootaa hundi gonkummaa hin qaban. (Lallaba 7:20) Yoo cubbuu hojjette, kadhannaa Solomoon Mootichi yommuu manni qulqullummaa Yihowaa eebbifame dhiheesserraa jajjabina argachuu dandeessa. Akkas jechuudhaan Waaqayyoon kadhate: “Kadhata isaanii dhaggeeffadhuuf! Guutummaa saba kee Israa’el biraa yookiis isaan keessaa nama tokko biraa kadhannii fi waammanni gara keetti yommuu dhi’aatu, tokkon tokkon isaanii dhukkuba isaanii fi rakkina isaanii kanaaf harka isaanii gara mana qulqullummaa kanaatti yommuu bal’isan, ‘Ati waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaniif dhaga’i, isaaniifis dhiisi! Si duwwaatu garaa namaa beeka, kanaafis ati adduma addaan akka hojii isaaniitti isaaniif deebisi!’”—2 Seenaa 6:29, 30.

24 Eeyyee, Yihowaan wanta garaa keenya keessa jiru beeka; dhiifamas nuu godha. Fakkeenyi 28:13: “Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata” jedha. Garaadhaa gaabbuudhaan, cubbuu ofii himachuufi deebi’uudhaan araara Waaqayyoo argachuun ni danda’ama. Haata’u malee, karaa hafuuraa dadhabdeetta taanaan, jaalala Waaqayyoo keessatti of eegdee jiraachuuf maaltu si gargaaruu danda’a?

Maal Jettee Deebista?

• Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Jaalalli Waaqayyoofi Kiristosiif qabnu cubbuu hojjechuurraa akka fagaannu kan nu gargaaru akkamitti?

• Jaalalli dhugaa namoota kaaniif qabnu amala addaggummaarraa akka fagaannu kan nu gargaaru maaliifi?

• Wantoonni amala gadheerraa akka fagaannu nu gargaaran tokko tokko maalfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]