Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqa Isa Isin Jaallatu Jaalladhaa

Waaqa Isa Isin Jaallatu Jaalladhaa

Waaqa Isa Isin Jaallatu Jaalladhaa

“Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a.”—MAATEWOS 22:37.

1, 2. Seera hundumaarra caalu ilaalchisee gaaffiin akka ka’u kan godhe maal ta’uu danda’a?

 GAAFFIIN bara Yesusitti dhihaate tokko Fariisota gidduutti falmii guddaa kaasee ture. Seera Musee isa seera 600 qabate keessaa inni baay’ee barbaachisaa ta’e isa kami? Seera isa aarsaa dhiheessuu wajjin walitti dhufeenya qabudhaa? Aarsaa dhiheessuun dhiifama cubbuu argachuufi Waaqayyoof galata galchuuf kan gargaaru ta’uunsaa beekamaadha. Seerri inni hundumaa caalu dhagna qabaa ilaalchisee isa kennamedhaa? Dhagna qabaan kakuu Yihowaan Abrahaamii wajjin galeef akka mallattootti kan gargaaru waan tureef, kunis seera barbaachisaa ture.—Uumama 17:9-13.

2 Karaa garabiraa garuu namoonni seera cimsan, faayidaan seera tokko tokkoo xinnoo ta’uyyuu, seerri Waaqayyo kenne hundi qixxee waan ta’eef, seera isa tokko isa kaan caalaatti ilaaluun sirrii miti jedhanii falmu. Fariisonni Yesusiin gaaffii wal faallessu kan gaafatan, tarii innis wanta amanamummaasaa isaa dhabsiisu dubbata ta’a jedhanii waan yaadaniifidha. Isaan keessaa namni tokko Yesusitti dhihaatee: “Seera keessaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kam?” jedhee isa gaafate.—Maatewos 22:34-36.

3. Abboommii isa guddaa ilaalchisee Yesus maal jedhe?

3 Deebiin Yesus kenne yeroo ammaatti faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Deebiisaarratti waaqeffannaa dhugaa keessatti wanta yeroo kamittiyyuu tureefi gara fulduraattis jiraatu akkas jechuudhaan walitti qabee ibseera. Keessa Deebii 6:5⁠rraa caqasuudhaan akkas jedhe: “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a.’ Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana.” Fariisichi waa’ee abboommii isa tokkoo isa gaafatus, Yesus deebii garabiraas isaa kenneera. Lewwoota 19:18⁠rraa caqasuudhaan akkas jedheera: “Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a.’” Achiis Yesus kaayyoon waaqeffannaa dhugaa seera kana lamaan keessatti kan argamu ta’uusaa argisiiseera. Faayidaa seerawwan kaan qaban ibsuudhaan seericha tartiibaan akka isaaniif ibsu akka isa hin gaafannetti, “Seerrii fi barsiisi raajotaa hundinuu abboommii kana lamaan irra dhaabatanii jiru” jechuudhaan xumureera. (Maatewos 22:37-40) Mataduree kanarratti abboommiiwwan lamaan kana keessaa isa guddaa tokkorratti xiyyeeffanna. Waaqayyoon jaallachuu kan qabnu maaliifi? Jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Jaalala kana guddisuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne, garaa keenya guutuu, jireenya keenya guutuu, yaada keenya guutuudhaanis isa jaallachuun waan nurraa eegamuuf, deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya baay’ee barbaachisaadha.

Jaalalli Barbaachisaa Ta’uusaa

4, 5. (a) Fariisichi wanta Yesus jedhetti kan hin dinqisiifamne maaliifi? (b) Qalmaafi aarsaa caalaa wanti Waaqayyo biratti fudhatama qabu maalidha?

4 Fariisichi Yesusiin gaaffii gaafate deebii inni isaaf kennetti hin mufanne, akkasumas hin dinqisiifamne. Namoonni jaalala kana kan hin argisiisne ta’aniyyuu, Waaqayyoon jaallachuun waaqeffannaa dhugaa keessatti bakka guddaa akka qabu beeka ture. Bara duriitti yaada Keessa Deebii 6:4-9⁠rratti argamuufi Yesus caqase kana, mana sagadaa keessatti kadhannaa Sheemaa jedhamuufi afaan Ibrootaatiin dhihaatu keessatti sagalee ol kaasanii irra deebi’uun kan barame ture. Akka Macaafni Maarqos inni kanaa wajjin wal fakkaatu jedhutti, Fariisichi Yesusiin akkas jedhe: “Ba’eessa dubbatte yaa barsiisaa! ‘Inni tokkicha, isa malee kan biraa hin jiru’ isa jette dhugaa dubbatte. Isas garaa guutuudhaan, qalbii guutuudhaan, humna guutuudhaanis jaallachuun, nama akka ofiitti jaallachuun, guutummaa qalma gubamuu fi aarsaa hundumaa irra guddaa in caala.”—Maarqos 12:32, 33.

5 Dhugaadha, Seerichi qalma gubamuufi aarsaa dhiheessuun barbaachisaa akka ta’e kan ibsu ta’us, wanti Waaqayyo biratti bakki guddaan kennamuuf jaalala tajaajiltoonnisaa isaaf qabanidha. Ilaalcha gadhee qabaatanii korbeeyyii hoolaa kuma dhiheessuu mannaa, jaalalaan kaka’anii dimbiitii tokko Waaqayyoof dhiheessuutu fudhatama qaba. (Miikiyaas 6:6-8) Seenaa haadha hiyyeessaa Yesus mana qulqullummaa Yerusaalem utuu jiruu argee mee yaadadhu. Saantimni xixinnoon saanduqa keessa buufte lamaan dimbiitii tokkollee bituu hin danda’u. Haata’u malee, buusiin garaadhaa Yihowaa jaallachuudhaan kenname sun, namoota bu’aasaanii keessaa buusii hedduu kennanirra kan caalu ture. (Maarqos 12:41-44) Haala akkamii keessayyuu yoo jiraanne, wanti jaalalaan kakaanee goonu Yihowaa biratti bakka guddaa akka qabu beekuun keenya kan nama gammachiisu mitii?

6. Phaawulos jaalalli barbaachisaa ta’uusaa maal jechuudhaan barreesse?

6 Phaawulos waaqeffannaa dhugaa keessatti jaalalli barbaachisaa ta’uusaa akkas jechuudhaan barreesseera: “Afaan namoonni yookiis afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe, ani akka sibiila kililchuu yookiis dibbee kosh kosh jedhuun ta’e. Raajii dubbachuudhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiru hundumaa beekee, beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti amantii guutuus qabaadhee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, ani homaa miti. Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarsee kennee, jaalala yoon qabaachuu dhaabaadhe garuu, homaa waa’ee anaaf hin baasu.” (1 Qorontos 13:1-3) Kanaaf, waaqeffannaan keenya Waaqayyoon akka gammachiisu yoo barbaanne, isa jaallachuun keenya barbaachisaadha. Haata’u malee, jaalala Yihowaadhaaf qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

Jaalala Yihowaadhaaf Qabnu Akka Itti Argisiisuu Dandeenyu

7, 8. Jaalala Yihowaadhaaf qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

7 Namoonni hedduun jaalalli miira nuti to’achuu hin dandeenyedha jedhanii amanu; kanaan kan ka’es jaalalaanan qabame jedhanii dubbatu. Haata’u malee, jaalalli dhugaan miira nutti dhaga’amu qofa miti. Jaalalli dhugaan, hojiidhaan malee miiraan kan ibsamu miti. Macaafni Qulqulluun, jaalalli ‘hundumaarra kan caaluufi’ ‘bira ga’uudhaaf’ akka dhamaanu nu gorsa. (1 Qorontos 12:31; 14:1) Kiristiyaanonni “dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta’in, hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan” warra kaan akka jaallatan gorfamaniiru.—1 Yohannis 3:18.

8 Jaalalli Waaqayyoof qabnu, jechaanis ta’e gocha keenyaan wanta isa gammachiisu akka raawwannuufi olaantummaasaatiif akka falminu nu dirqisiisa. Biyya lafaarraas ta’e daandiiwwansaarraa akka fagaannu nu kakaasa. (1 Yohannis 2:15, 16) Namoonni Waaqayyoon jaallatan waan hamaa ni jibbu. (Faarfannaa 97:10) Mataduree ittaanurratti akka ilaallutti, Waaqayyoon jaallachuu jechuun namoota jaallachuu jechuudha. Kana malees, Waaqayyoon jaallachuu jechuun isaaf ajajamuu jechuudha. Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha” jedha.—1 Yohannis 5:3.

9. Yesus jaalala Waaqayyoof qabu kan argisiise akkamitti?

9 Yesus Waaqayyoon jaallachuu jechuun maal jechuu akka ta’e akka gaariitti argisiiseera. Jaalalli inni Waaqayyoof qabu bakka jireenyaasaa isa samii dhiisee nama ta’ee lafarra akka jiraatu isa kakaaseera. Jaalalli kun gochaanis ta’e barsiisasaatiin Abbaasaatiif ulfina akka kennu isa kakaaseera. Jaalalli inni qabu ‘hamma du’aatti abboomamaa akka ta’u’ isa kakaaseera. (Filiphisiiyus 2:8) Abboomamuunsaa kunimmoo jaalalasaa kan argisiisu yommuu ta’u, kunis namoonni amanamoo ta’an Waaqayyo duratti qajeelota akka ta’an carraa baneera. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Akkuma abboomamuu diduu nama tokkootiin [Addaamiin] baay’een cubbamoota ta’an, abboomamuu nama tokkootiin [Kiristos Yesusiin] immoo akkasuma baay’een qajeelota in ta’u.”—Roomaa 5:19.

10. Waaqayyoon jaallachuun isaaf abboomamuus ni dabalata kan jennu maaliifi?

10 Akkuma Yesus, nutis Waaqayyoof abboomamuudhaan jaalala isaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Yohannis ergamaan inni Yesus jaallatu: “Jaalala jechuun akka abboommii Waaqayyootti jiraachuu dha” jedhee barreesseera. (2 Yohannis 6) Namoonni dhugumaan Yihowaa jaallatan qajeelfamasaa argachuuf hawwu. Karaa jireenyasaanii ofii isaaniitiin geggeeffachuu akka hin dandeenye hubachuudhaan ogummaa Yihowaatti amanamu; akkasumas qajeelfamasaatiif gammachuudhaan ajajamu. (Ermiyaas 10:23) Akkuma warra Beeriyaa duriitti, ergaa Waaqayyo biraa dhufe fudhachuuf ‘qophaa’uudhaan’ jaalala Waaqayyoo raawwachuuf fedhii cimaa qabu. (Hojii Ergamootaa 17:11) Jaalala Waaqayyoo caalaatti hubachuuf Caaffata Qulqullaa’aa qoru; kunimmoo isaaf abboomamuudhaan jaalala Waaqayyoof qaban argisiisuuf isaan gargaara.

11. Garaa keenya guutuu, jireenya keenya guutuu, yaada keenya guutuufi humna keenya guutuudhaan Waaqayyoon jaallachuu jechuun maal jechuudha?

11 Akkuma Yesus jedhe, Waaqayyoon jaallachuun garaa guutuu, jireenya guutuu, yaada guutuufi humna guutuudhaan isa jaallachuu kan gaafatudha. (Maarqos 12:30) Jaalalli akkasii garaadhaa kan maddu yommuu ta’u, kunis miira, fedhiifi yaada keenya, jechuunis fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabnu kan dabalatudha. Yaada keenya guutuudhaan isa jaallanna. Isaaf of kennuun wanta beekumsaan ala godhamu miti. Yihowaa beekneerra; amalawwansaa, sadarkaa ejjennoosaafi kaayyoosaa hubanneerra. Jireenya keenya guutuudhaanis isa jaallanna; eenyummaa keenya ykn jireenya keenya isa tajaajiluuf itti fayyadamna. Humna keenya Yihowaa tajaajiluufi isa jajachuuf itti fayyadamna.

Yihowaa Jaallachuu Kan Qabnu Maaliifi?

12. Waaqayyo akka isa jaallannu kan nurraa barbaadu maaliifi?

12 Sababiin Yihowaa jaallachuu itti qabnu inni tokko, amalawwansaa akka argisiisnu waan nurraa barbaaduufidha. Maddiifi fakkeenyi jaalalaa inni guddaan Waaqayyodha. Yohaannis ergamaan “Waaqayyo jaalala” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 4:8) Namoonni jaalala argisiisuu akka danda’aniifi akka bifa Waaqayyootti uumaman. Olaantummaan Yihowaas jaalalarratti kan hundaa’edha. Yihowaan jaalala isaafi bulchiinsasaa isa qajeelummaarratti hundaa’eef qabnuun kakaanee akka isa tajaajillu barbaada. Dhugumayyuu, uumamni hundi nagaafi tokkummaa akka qabaatuuf jaalalli barbaachisaadha.

13. (a) Israa’eloonni ‘Waaqayyokee goofticha jaalladhu’ kan jedhaman maaliifi? (b) Yihowaan akka isa jaallannu nurraa eeguunsaa sirriidha kan jennu maaliifi?

13 Wanta Yihowaan nuu godhe waan dinqisiifannuufis isa ni jaallanna. Yesus Yihudootaan ‘Waaqayyo kee goofticha jaalladhu’ jedhee akka ture yaadadhaa. Waaqa hin beekamneefi isaanirraa fagoo jiru akka jaallatan utuu hin ta’in, Waaqa isa jaalalasaa isaanitti argisiise akka jaallatan gaafataman. Yihowaan Waaqasaanii ture. Inni isa biyya Gibxii isaan baasee Biyyattii Abdachiifamtetti isaan galche, kan isaan eege, kan isaan jiraachise, kan isaan jaallateefi kan jaalalaan isaan adabe ture. Yeroo ammaattimmoo Yihowaan Waaqa keenya isa jireenya bara baraa akka ittiin argannuuf Ilmasaa furii godhee nuu kennedha. Yihowaan akka isa jaallannu nurraa barbaaduunsaa kan nu dinqisiisu miti. Akka isa jaallannuuf kan nu gaafate Waaqa isa nu jaallatedha. Jaalala akka argisiisnu kan gaafatamne Waaqa isa ‘duraan dursee nu jaallatedha.’—1 Yohannis 4:19.

14. Jaalalli Yihowaa jaalala warri ijoolleesaaniitiif qaban wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini?

14 Jaalalli Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu, jaalala warri ijoolleesaaniitiif qaban wajjin wal fakkaata. Warri, gonkummaa kan hin qabne ta’aniyyuu, ijoolleesaaniitiif kunuunsa gochuuf jecha jabaatanii hojjetu; kunimmoo baasii hedduufi wantoota baay’ee aarsaa gochuu gaafata. Warri ijoolleesaaniitiif qajeelfama, jajjabina, gargaarsaafi adaba kan kennan yommuu ta’u, kanas kan godhan ijoolleensaanii gammachuu akka argataniifi jireenya gaarii akka jiraatan waan barbaadaniifidha. Warri erga kana godhanii booda ijoolleensaanii maal akka isaanii godhan barbaadu? Ijoolleensaanii akka isaan jaallataniifi wanta isaanii godhan akka yaadatan barbaadu. Abbaan keenya inni samiifi inni gonkummaa qabu wanta nuu godheef akka isa jaallannuufi akka isa dinqisiifannu nurraa eeguunsaa sirrii mitii?

Jaalala Waaqayyoof Qabnu Guddisuu

15. Jaalala Waaqayyoof qabnu guddisuuf jalqaba maal gochuu qabna?

15 Nuti Waaqayyoon hin argine sagaleesaas hin dhageenye. (Yohannis 1:18) Ta’us, isaa wajjin walitti dhufeenya jaalalarratti hundaa’e akka uumnu nu afeera. (Yaaqoob 4:8) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Nama hin beekne tokkoof jaalala guddaa qabaachuun waan hin danda’amneef, nama tokko jaallachuu keenya dura waa’eesaa beekuu qabna. Yihowaan waa’eesaa beekuu akka dandeenyuuf Macaafa Qulqulluu nuu qopheesseera. Karaa jaarmiyaasaa yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu akka dubbisnu jajjabina kan nuu kennus kanumaafidha. Waa’ee Waaqayyoo, waa’ee amalawwansaa, waa’ee eenyummaasaafi waggoota kuma hedduudhaaf walitti dhufeenya inni ilmaan namootaa wajjin qabu kan nutti himu Macaafa Qulqulluudha. Seenaawwan kanarratti yommuu xiinxallu, dinqisiifannaafi jaalalli isaaf qabnu ni guddata.—Roomaa 15:4.

16. Tajaajila Yesusirratti xiinxaluun keenya jaalala Yihowaadhaaf qabnu kan nuu guddisu akkamitti?

16 Jaalala Waaqayyoof qabnu guddisuu yoo barbaanne jireenyaafi tajaajila Yesusirratti yaaduu qabna. Yesus guutummaatti amala Abbaasaa calaqqisuu waan danda’eef: “Namni ana arge abbaa arge” jechuu danda’eera. (Yohannis 14:9) Ilma haadha hiyyeessaa tokkicha du’aa kaasuudhaan jaalalli Yesus argisiise garaakee hin tuquu? (Luqaas 7:11-15) Ilmi Waaqayyoofi nama namoota hanga har’aatti jiraatan hunda caalu, miilla bartootasaa dhiquusaa beekuun garaa namaa kan tuqu mitii? (Yohannis 13:3-5) Inni nama isa kamirrayyuu kan caaluufi ogummaa kan qabu ta’uyyuu, ijoollee xixinnoo dabalatee namoota hundumaatti kan dhihaatu ta’uusaa beekuunkee akka isa beektu si hin kakaasuu? (Maarqos 10:13, 14) Wantoota kanarratti xiinxaluun keenya, Kiristiyaanota Phexros: “Isin isa mul’achuuf jiru sana hin argine yoo ta’e iyyuu, isa in jaallattu” jechuudhaan isaaniif barreessee wajjin tokko ta’uuf nu gargaara. (1 Phexros 1:8) Jaalalli Yesusiif qabnu yommuu guddachaa adeemu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnus ni guddata.

17, 18. Jaalala Yihowaadhaaf qabnu kan nuu guddisu qophiiwwan inni nuu godhe akkamiirratti yaaduu keenyadha?

17 Kaaraan jaalala Waaqayyoof qabnu itti guddisnu inni kaanimmoo, qophiiwwan jireenyatti akka gammannuuf inni nuu qopheesserratti xiinxaluudha. Isaanis, uumama bareedaa, nyaata mi’aawaa gosawwan adda addaa ta’an, walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnuufi wantoota gammachuu nuuf argamsiisan hedduu akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. (Hojii Ergamootaa 14:17) Waa’ee Waaqayyoo caalaatti barachaa yeroo adeemnu, gaarummaafi arjummaa inni karaa adda addaa nuu godheef isa galateeffachuuf sababii arganna. Mee wanta Yihowaan dhuunfaatti sii godhe yaadi. Isa jaallachuunkee sirrii akka ta’e sitti hin dhaga’amuu?

18 Kennaawwan hedduu inni nuu kenne keessaa tokko, inni ‘kadhata namaa akka dhaga’u’ beekuudhaan yeroo kamittiyyuu kadhannaadhaan isatti dhihaachuuf carraa argachuu keenyadha. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan Ilmisaa akka bulchuufi akka faradu aboo isaaf kenneera. Kadhannaa namaa dhaga’uu ilaalchisee garuu Ilmasaa dabalatee eenyuufiyyuu mirga kana hin kennine. Kadhannaa keenya isuma qofatu dhaga’a. Yihowaan jaalala qabeessaafi dhuunfaatti namootaaf kan yaadu ta’uunsaa akka isatti dhihaannu barbaachuusaa argisiisa.

19. Gara Yihowaatti akka dhihaannu kan nu gargaaran abdiiwwan inni kenne kamfa’i?

19 Wanta Yihowaan ilmaan namootaatiif qopheesse hubachuun keenyas akka isatti dhihaannu nu jajjabeessa. Dhukkuba, gaddaafi du’a balleessuuf abdii kenneera. (Mul’ata 21:3, 4) Ilmaan namootaa takkaa gonkummaa erga argatanii booda, eenyuyyuu dhiphinaan, abdii kutachuufi balaa gaddisiisaadhaan hin rakkatu. Beelli, hiyyummaaniifi waraanni hin jiraatu. (Faarfannaa 46:9; 72:16) Lafti jannata taati. (Luqaas 23:43) Yihowaan eebbawwan kana kan fidu, akkas gochuun dirqamasaa waan ta’eef utuu hin ta’in waan nu jaallatuufidha.

20. Museen, Yihowaa jaallachuun bu’aa akka qabu kan ibse akkamitti?

20 Kanaaf, Waaqa keenya jaallachuufi jaalala kanas guddisuuf sababii ga’aa qabna. Jaalalli Waaqayyoof qabdan akka cimu gochuudhaan, jaalalli kun akka jireenya keessan geggeessu ni gootuu? Filannaansaa kan keessani. Museen jaalala Yihowaadhaaf qaban guddisuufi jaalala kanas eeganii jiraachuun barbaachisaa ta’uusaa hubatee ture. Israa’eloota bara duriitti turaniin akkas jedheera: “Isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo’adhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhaga’aa! Isattis maxxanaa! Inni jireenya keessan waan ta’eef.”—Keessa Deebii 30:19, 20.

Ni Yaadattaa?

• Yihowaa jaallachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

• Yihowaa jaallachuuf kan nu kakaasu sababii akkamii qabna?

• Jaalala Waaqayyoof qabnu akkamitti guddisuu dandeenya?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]