Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Hundaa Adaba Yihowaa Fudhadhu

Yeroo Hundaa Adaba Yihowaa Fudhadhu

Yeroo Hundaa Adaba Yihowaa Fudhadhu

“Adaba Waaqayyoo hin tuffatin.” —FAKKEENYA 3:11.

1. Adaba Waaqayyoo fudhachuu kan qabnu maaliifi?

 MOOTII Israa’el kan ture Solomoon, sababii gaarii hundi keenya adaba Waaqayyoo itti fudhachuu qabnu ibseera. “Yaa ilma ko, adaba Waaqayyoo hin tuffatin, ifata isaas hin jibbin! Abbaan ilma isaa isa jaallatu akkuma adabu, Waaqayyo nama jaallatu in adaba.” (Fakkeenya 3:11, 12) Eeyyee, Abbaankee inni samii kan si adabu waan si jaallatuufidha.

2. Jechi “adaba” jedhu hiiknisaa maalidha? Namni tokko adaba eessaa argachuu danda’a?

2 Jechi “adaba” jedhu, ifatamuu, sirreeffamuu, qajeelfamuufi barumsa argachuu argisiisa. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta’a.” (Ibroota 12:11) Adaba Waaqayyoo fudhattee hojiirra oolchuunkee, daandii qajeelummaa akka hordoftu si gargaara; walitti dhufeenya Yihowaa isa Waaqa qulqulluu ta’ee wajjin qabdus sii cimsa. (Faarfannaa 99:5) Sirreeffama akkasii kana namoota hidhata amantaakee ta’anirraa, barumsawwan gumii keessatti baratturraa, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessurraa argachuu dandeessa. (Luqaas 12:42-44) Dhimma tokkorratti sirreeffama akka gootuuf yommuu gorsi sii kennamu galateeffachuu hin qabduu? Haata’u malee, yeroo cubbuu cimaan hojjetamu adaba akkamiitu barbaachisa?

Warri Tokko Tokko Gumii Keessaa Kan Baafaman Maaliifi?

3. Namni tokko gumii keessaa kan baafamu yoomi?

3 Tajaajiltoonni Waaqayyoo Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Kiristiyaanotaaf qophaa’an qayyabatu. Gumiirratti, walga’ii addaa, aanaafi walga’ii koonyaarratti seerri Yihowaan qajeelummaadhaaf baase ni ibsama. Kanaaf, Kiristiyaanonni ulaagaa Yihowaan isaanirraa barbaadu beeku. Miseensi gumii tokko gumii keessaa kan baafamu, cubbuu cimaa hojjetee qalbii geddarachuu yoo dide qofadha.

4, 5. Gumii keessaa baasuu ilaalchisee fakkeenyi Macaafa Qulqulluu akkamii dhihaateera?

4 Nama tokko gumii keessaa baasuu ilaalchisee seenaa Macaafa Ququlluu tokko haa ilaallu. Yeroo tokko, miseensonni gumiin Qorontos “halalummaan warra saba Waaqayyoo hin ta’in keessatti illee salphaatti hin ilaalamne, . . . namni haadha buddeenaa isaa akka haadha manaatti wajjin jiraatu” gidduusaanii akka jiru utuu beekanii callisanii ilaalanii turan. Kanaaf, Phaawulos “hafuurri isaa fayyuu akka danda’uuf, foon isaa balleessuudhaaf amma namichi kun harka Seexanaatti akka kennamu godhaa!” jechuudhaan obboloota gumii Qorontositti argamanitti himeera. (1 Qorontos 5:1-5) Namni cubbamaan tokko gumii keessaa yeroo baafamuufi harka Seexanaatti dabarfamee yommuu kennamu, deebi’ee kutaa biyya lafaa isa Seexanni seerratu kanaa ta’a jechuudha. (1 Yohannis 5:19) Dhiibbaa gadhee namni akkasii geessisu gumii keessaa isa baasuuf, akkasumas gumichi “hafuura” Waaqayyoo inni gaariin calaqqisuusaa akka itti fufu gargaara.—2 Ximotewos 4:22; 1 Qorontos 5:11-13.

5 Phaawulos yeroo muraasa booda Kiristiyaanonni Qorontos, namicha cubbamaa gumii keessaa baafamee ture gumiitti akka deebisan isaanitti hime ture. Maaliif? “Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana in goona” jechuudhaan kana gochuu kan qaban maaliif akka ta’e isaaniif ibseera. Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, namni cubbuu raawwatee ture kun qalbii geddarachuudhaan jireenya qulqulluu jiraachuu jalqabeera. (2 Qorontos 2:8-11) Kiristiyaanonni gumii Qorontos namicha kana gara gumiitti yoo deebisuu didan, akkuma Seexanni barbaadu namoota gaarummaa hin qabneefi dhiifama namaa hin goone waan ta’aniif karaa itti isaan gowwoomsu garabiraa argata jechuudha. Kanaaf, yeroo gabaabaa gidduutti nama qalbii geddarate kanaaf ‘yakka isaa dhiisaniifii isa hin jajjabeessin’ hin oolan.—2 Qorontos 2:5-7.

6. Gumii keessaa baasuun faayidaa akkamii argamsiisa?

6 Gumii keessaa baasuun faayidaa akkamii argamsiisa? Maqaan Yihowaa inni qulqulluun akka hin arrabsamne godha; sabnisaas maqaa gaarii akka qabaatu godha. (1 Phexros 1:14-16) Nama qalbii hin geddaranne gumii keessaa baasuun, ulaagaa Yihowaan qajeelummaadhaaf baase akka kabajamu godha; gumichis karaa hafuuraa qulqulluu akka ta’u gargaara. Namni cubbuu hojjete sunis cubbuunsaa hammam ulfaataa akka ta’e akka hubatu isa gargaara.

Yaada Garaa Geddarachuun Barbaachisaadha

7. Daawit cubbuusaa utuu hin himatin hafuunsaa rakkoo akkamii isarraan ga’ee ture?

7 Namoonni cubbuu cimaa hojjetan hedduun yaada garaasaanii waan geddarataniif gumii keessaa hin baafaman. Ta’us, yaada garaa geddarachuun salphaadhumatti dhufa jechuu miti. Fakkeenya Daawit isa Mootii Israa’el tureefi Faarfannaa 32 qindeesse haa ilaallu. Faarfannichi Daawit cubbuu cimaa Baat-Sheebaa wajjin hojjete yeroo muraasaaf dhoksee akka ture argisiisa. Akkuma ho’i bonaa muka gogsu, cubbuu raawwachuunsaa dhiphina waan isarraan ga’eef Daawitis humna dhabee ture. Qaamaanis ta’e sammuudhaan dhiphinni isarra ga’ullee, ‘irra daddarbasaa waan himateef Yihowaan cubbuusaa isaaf dhiiseera.’ (Faarfannaa 32:3-5) Achiis, Daawit: “Namni Waaqayyo yakka tokko illee irratti hin lakkoofne, . . . haa gammadu!” jechuudhaan faarfateera. (Faarfannaa 32:1, 2) Araara Waaqayyoo argachuun baay’ee nama gammachiisa!

8, 9. Yaada garaa geddarachuun akkamitti argisiifama? Namni gumii keessaa baafame tokko gara gumiitti deebi’uuf yaada garaasaa geddarachuunsaa hammam barbaachisaadha?

8 Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, namni cubbuu hojjete araara argachuu yoo barbaade yaada garaa geddarachuu qaba. Haata’u malee, wanta raawwatametti yeella’uunis ta’e tarii nan saaxilama jedhanii sodaachuun qalbii geddarachuu hin argisiisu. “Yaada garaa geddarachuu” jechuun, namni tokko gocha gadhee raawwatetti gaabbee “ilaalchasaa jijjiiruu” jechuudha. Namni yaada garaasaa geddarate, “garaa cabaadhaaf bullaa’aa” qabaachuuf, ‘dogoggorasaa sirreessuuf’ wanta danda’u hundaa godha.—Faarfannaa 51:17; 2 Qorontos 7:11, NW.

9 Namni gumii keessaa baafame gumiitti deebi’uuf qalbii geddarachuunsaa baay’ee barbaachisaadha. Namni kun yeroo muraasa waan tureef qofa gara gumiitti akka deebi’u heyyamamaaf jechuu miti. Gara gumiitti utuu hin deebifamin dura haalli garaasaa jijjiirama guddaa argisiisuu qaba. Cubbuun inni raawwate maqaa Yihowaafi gumiirratti arrabsoo akkamii akka fide sirriitti hubachuu qaba. Namni cubbuu hojjete yaada garaasaa geddarachuu, araara argachuuf garaasaatii kadhannaa dhiheessuufi ulaagaa Waaqayyo qajeelummaadhaaf baasee wajjin haala wal simuun jiraachuu qaba. Gumiitti deebi’uuf yeroo gaaffii dhiheessu, qalbii geddarachuufi “hojii yaada garaa geddarachuu [isaa] mul’isu” argisiisuu qaba.—Hojii Ergamootaa 26:20.

Cubbuu Ofii Himachuun Kan Barbaachisu Maaliifi?

10, 11. Cubbuu keenya dhoksuuf yaalii gochuu kan hin qabne maaliifi?

10 Namoonni cubbuu hojjetan tokko tokko: ‘Waa’ee cubbuukoo namatti yoon hime, gaaffiiwwan na yeellaasisan gaafatamuufi gumii keessaa baafama ta’a jedhanii yaadu ta’a. Yoon cubbuukoo himachuu baadhe garuu, salphinni kun hundi narra hin ga’u; miseensi gumii kamiyyuu, haala kana beekuu hin danda’an’ jedhanii yaadu ta’a. Haata’u malee, ilaalchi akkasii kun qabxiiwwan baay’ee barbaachisoo ta’an tokko tokko tilmaama keessa kan galche miti. Qabxiiwwan kun maalfa’i?

11 Yihowaan akkas jedhee dubbateera, “Waaqayyo isa oo’a-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha. Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa.” Ta’us, sabasaa ‘qajeelummaadhaan adabee deebisa.’ (Ba’uu 34:6, 7; Ermiyaas 30:11) Cubbuu cimaa hojjette kan dhoksitu yoo ta’e, akkamitti araara Waaqayyoo argachuu dandeessa? Yihowaan haalasaa beeka; cubbuus callisee hin ilaalu.—Fakkeenya 15:3; Anbaaqom 1:13.

12, 13. Cubbuu ofii dhoksuuf yaalii gochuun rakkoo akkamii geessisuu danda’a?

12 Cubbuu cimaa hojjenne himachuun keenya yaada garaa qulqulluu akka qabaannu nu gargaara. (1 Ximotewos 1:18-20) Cubbuu keenya himachuurraa yoo duubatti jenne garuu, yaada garaa gadhee cubbuu garabiraas akka raawwannu nu taasisu akka qabaannu nu gochuu danda’a. Cubbuu kan raawwatte nama kaanirratti ykn gumiirratti utuu hin ta’in Yihowaarratti akka ta’e yaadadhu. Faarfatichi akkas jechuudhaan faarfateera: “Waaqayyo teessoo isaa waaqa irraa qaba; ija isaatiin ilmaan namaa in arga, agartuun isaas namoota qoree in ilaala. Waaqayyo, nama qajeelaa, nama jal’aas in qora.”—Faarfannaa 11:4, 5.

13 Yihowaan, nama cubbuu cimaa hojjetee utuu cubbuusaa hin himatin gumii Kiristiyaana isa qulqulluu keessa jiraachuuf yaalii godhu hin eebbisu. (Yaaqoob 4:6) Kanaaf, cubbuu raawwachuudhaan kufteetta yoo ta’eefi amma garuu wanta sirrii gochuu kan barbaaddu yoo ta’e, cubbuukee himachuurraa duubatti hin jedhin. Akkas gochuu baannaan garuu gorsawwan cubbuu nuti raawwannee wajjin walitti dhufeenya qaban yeroo dhageenyuufi dubbisnu hundaatti yaanni garaa keenya nu ceepha’uu danda’a. Yihowaan akka Saa’ol Mootichaa hafuurasaa yoo sirraa fudhatehoo? (1 Saamu’el 16:14) Hafuurri Waaqayyoo yoo sirraa fagaattemmoo cubbuu guddaa raawwachuu dandeessa.

Obboloota Keerratti Amantaa Qabaadhu

14. Namni cubbuu hojjete gorsa Yaaqoob 5:14, 15⁠rratti argamu hojiirra oolchuu kan qabu maaliifi?

14 Erga akkas ta’ee namni qalbii geddarate tokko maal gochuu qaba? “Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif. Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa.” (Yaaqoob 5:14, 15) Waa’ee dhimma kanaa jaarsolii haasofsiisuunsaa, ‘yaada garaasaa geddarachuusaafi ija gaarii godhachaa akka jiru’ kan argisiisudha. (Maatewos 3:8) Dhiironni amanamoofi jaalala qaban kun, ‘maqaa [“Yihowaatiin,” NW] dibata dibanii kadhatuuf.’ Gorsi isaan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan kennan, nama dhugumaan yaada garaa geddarate akka dibata nama qabbaneessuutti akka isa jajjabeessu homaa hin shakkisiisu.—Ermiyaas 8:22.

15, 16. Jaarsoliin gumii fakkeenya Yihowaan isaaniif kaa’eefi Hisqi’el 34:15, 16⁠rratti argamu hordofuu kan danda’an akkamitti?

15 Tiksee keenya kan ta’e Yihowaan, Dh.K.D. bara 537⁠tti Israa’eloota boojuu Baabilon keessaa, bara 1919⁠ttimmoo Israa’eloota hafuuraa “Baabilon guddittii” jalaa walaba baaseera! (Mul’ata 17:3-5; Galaatiyaa 6:16) Kana gochuusaatiinis waadaa akkas jechuudhaan gale raawwateera: “Ani hoolota koo nan tiksa, ani isaan nan boqochiisa; . . . Ani isa bade nan barbaada, isa karaa irraa ce’es deebisee nan fida, isa cabe nan wal’aana, isa dadhabaa nan jabeessa.”—Hisqi’el 34:15, 16.

16 Yihowaan namootasaa warra hoolotatti fakkeeffaman ni soora; bakka nagaa qabus isaan boqochiisa; warra karaarraa kaatanis deebisee fida. Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliinis hoolonni Waaqayyoo sirriitti soorachuusaaniifi eegumsa argachuusaanii mirkaneessuu qabu. Jaarsoliin hoolota gumii keessaa badan ni barbaadu. Akkuma ‘Waaqayyo hoolaa isa cabe wal’aanu,’ jaarsoliinis hoolota dubbii nama tokkootiin ykn gocha mataasaaniitiin miidhaman ni ‘wal’aanu.’ Akkuma Waaqayyo, ‘warra dadhaban jabeessu,’ balleessaa mataasaaniitiin yoo ta’ellee, namoota karaa hafuuraa dadhaban ni gargaaru.

Tiksitoonni Gargaarsa Kennuu Kan Danda’an Akkamitti?

17. Gargaarsa jaarsoliin karaa hafuuraa nuu godhan barbaachuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?

17 Jaarsoliin: “Ofii keessaniifis sodaachuudhaan, gara-laafina argisiisaa!” jechuudhaan gorsa isaaniif kenname gammachuudhaan abboomamu. (Yihudaa 23) Kiristiyaanonni tokko tokko ejja raawwachuudhaan cubbuu guddaa hojjetaniiru. Haata’u malee, garaasaaniitii yoo qalbii geddaratan, jaarsoliin karaa hafuuraa isaan gargaaruuf qophaa’oo ta’an akka isaaniif oo’aniifi isaan kunuunsan abdachuu danda’u. Phaawulos waa’eesaafi waa’ee dhiirota kanaa yommuu dubbatu: “Isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna malee, nuyi amantii keessan irratti gooftummaa argisiifna jennee miti” jedheera. (2 Qorontos 1:24) Kanaaf, gargaarsa isaan karaa hafuuraa nuu godhan barbaachuurraa duubatti jechuu hin qabnu.

18. Jaarsoliin namoota hidhata amantaasaanii ta’aniifi cubbuu raawwatan akkamitti qabuu isaan barbaachisa?

18 Cubbuu cimaa yoo hojjette jaarsoliirratti amantaa qabaachuun kan si barbaachisu maaliifi? Namoonni kun tiksee hoolota Waaqayyoo waan ta’aniif isaanirratti amantaa qabaachuun si barbaachisa. (1 Phexros 5:1-4) Tikseen jaalala qabu kamiyyuu, hoolaa ajajamaa ta’eefi rakkoo keessa of buusuudhaaf miidhamee iyyu hin rukutu. Jaarsoliin namni hidhata amantaasaanii ta’e yommuu cubbuu hojjetu, hanga danda’ametti kan isaan xiyyeeffatan cubbuu raawwatameefi haala namni kun karaa hafuuraa deebi’ee jabaachuu danda’urratti malee, balleessaa waan raawwateef adabamuu qaba yaada jedhurratti miti. (Yaaqoob 5:13-20) Jaarsoliin qajeelummaadhaan faraduufi ‘karra hoolotaa oo’aan’ qabuutu isaanirraa eegama. (Hojii Ergamootaa 20:29, 30, 1899; Isaayaas 32:1, 2) Jaarsoliinis akkuma Kiristiyaanota kaanii, ‘wanta qajeelaa ta’ee fudhatame hojjechuu, gaarummaa jaallachuu, gad of deebisanii Waaqayyoo wajjin deddeebi’uu’ qabu. (Miikiyaas 6:8) Lubbuufi tajaajila ‘hoolota tika [Yihowaa] jala jiranii’ wajjin haala wal qabateen yommuu murtoo godhan amalawwan kana argisiisuu qabu.—Faarfannaa 100:3.

19. Jaarsoliin nama tokko sirreessuuf yeroo yaalii godhan yaada akkamii sammuutti qabachuu qabu?

19 Kiristiyaanonni tiksitoota ta’an hafuura qulqulluudhaan kan muudaman yommuu ta’u, qajeelfama hafuura qulqulluus akka gaariitti hordofu. “Namni tokko utuu itti hin yaadin cubbuu kamitti illee yoo kufe” dhiironni karaa hafuuraa ga’eessota ta’an ‘hafuura garraamummaatiin akka isa duraatti isa deebisuuf’ carraaqqii gochuu qabu. (Galaatiyaa 6:1; Hojii Ergamootaa 20:28) Akkuma ogeessi fayyaa dhukkubsatootasaarratti rakkoo dabalataa utuu hin geessisin caba sana of eeggannoodhaan iddoosaatti deebisuuf yaalu, jaarsoliinis ulaagaa Waaqayyoo utuu hin cabsin ilaalcha nama cubbuu hojjetee garraamummaadhaan sirreessuuf yaalii godhu. (Qolosaayis 3:12) Jaarsoliin oo’a argisiisuu akka qabaniifi hin qabne Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anii erga dhimmasaa kadhannaadhaan irratti yaadanii booda waan ta’eef, murtoonsaanii ilaalcha Waaqayyoo kan calaqqisudha.—Maatewos 18:18.

20. Namni tokko adabamuusaa gumiitti beeksisuun barbaachisaa kan ta’u yoomi?

20 Cubbuun hojjetame namoota baay’ee biratti kan beekamu ykn beekamuunsaa kan hin oolle yoo ta’e, qulqullina maqaa gumichaa eeguuf jecha beeksisa himuun barbaachisaadha. Kana malees, sababiiwwan garabiraadhaan gumichatti himuu kan qabu yoo ta’e beeksisa himuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Namani koree murtiitiin adabame haalli inni karaa hafuuraa keessatti argamu, nama sababii miidhaa irra ga’een wanti inni hojjetu jalaa daangeffameefi fooyya’aa jiruu wajjin wal fakkaachuu danda’a. Namni yaada garaasaa geddarate tokko walga’iiwwanirratti yaada kennuu mannaa, yeroo muraasaaf dhaggeeffachuunsaa qofti gaariidha. Jaarsoliin nama ‘amantiitti seelkoo hin qabaanne akka ta’u’ gargaaruuf jecha, daandii inni dadhabbii itti argisiiserratti fooyya’iinsa akka argisiisuuf, namani tokko akka Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisu qophii gochuu danda’u. (Tiitoos 2:2) Wanti kun hundi kan godhamu jaalalaan malee nama cubbuu hojjete adabuuf yaadamee miti.

21. Cubbuuwwan tokko tokko akkamitti ilaalamuu qabu?

21 Jaarsoliin karaawwan garagaraa gargaarsa hafuuraa kennuu danda’u. Fakkeenyaaf, namni kanaan dura araada dhugaatii qabu manasaa keessatti dhoksaatti al tokko ykn lama humnaa ol dhugeera haa jennu. Yookiinimmoo, obboleessi waggaa dheeraa dura tamboo xuuxuu dhaabee ture yeroo muraasaaf karaa hafuuraa dadhabee waan tureef, dhoksaatti tamboo al tokko ykn lama xuuxeera ta’a. Namni kun Waaqayyo akka isaaf dhiisu kadhannaa kan dhiheesseefi akka isaaf dhiifame kan itti dhaga’ame ta’us, wanti kun barsiifata akka itti hin taaneef gargaarsa jaarsolii gaafachuu qaba. Haalli akkasii kun jaarsa tokkoon ykn lamaan ilaalamuu danda’a. Wantoonni tilmaama keessa galuu danda’an garabiraanis jiraachuu waan danda’aniif, jaarsichi ykn jaarsoliin sun haalasaa sassaabaa ilaaltuu olaanaatti himuu qabu.

Adaba Waaqayyoo Fudhachuu Keessan Itti Fufaa

22, 23. Yeroo hundaa adaba Waaqayyoo fudhachuu itti fufuu kan qabdu maaliifi?

22 Kiristiyaanni kamiyyuu, Waaqayyo duratti fudhatama argachuu yoo barbaade adaba Yihowaatiif xiyyeeffannaa kennuu qaba. (1 Ximotewos 5:20) Kanaaf, qajeelfamawwan Caaffata Qulqullaa’aafi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an yommuu qo’annu ykn gorsawwan sabni Yihowaa walga’ii gumii, walga’ii addaa, aanaafi koonyaarratti godhanirraa argannu hojiirra haa oolchinu. Yeroo hundaa jaalala Yihowaa raawwachuuf dammaqina haa qabaannu. Adabni Waaqayyoo, gaachana hafuuraa cimaa ta’uudhaan, waldhaansoo cubbuu mo’uuf goonu akka itti fufnu nu gargaara.

23 Adaba Waaqayyoo fudhachuun keenya jaalala Waaqayyoo keessatti qabamnee jiraachuuf nu gargaara. Dhugaadha, namoonni tokko tokko gumii Kiristiyaanaa keessaa baafamaniiru; ta’us, ‘yaada garaa keenya ba’eessa goonee kan eegnuufi’ “akka warra ogeessotaatti” kan jiraannu yoo ta’e, wanti kun nurra ga’uu hin danda’u. (Fakkeenya 4:23; Efesoon 5:15) Yeroo ammaatti gumii keessaa baafamteetta yoo ta’e, tarkaanfiiwwan deebi’uuf si gargaaran maaliif hin fudhattu? Yihowaan namoonni isaaf of murteessan “gammachuudhaa fi garaa guutuudhaan” akka isa waaqeffatan barbaada. (Keessa Deebii 28:47) Yeroo hundaa adaba Yihowaa kan fudhattu yoo ta’e, gammachuufi garaa guutuudhaan bara baraaf isa waaqeffachuu dandeessa.—Faarfannaa 100:2.

Maal Jettee Deebista?

• Namoonni tokko tokko gumii keessaa kan baafaman maaliifi?

• Garaa guutuudhaan yaada garaa geddarachuun maalfaa dabalata?

• Cubbuu cimaa himachuu kan qabnu maaliifi?

• Jaarsoliin gumii, namoota cubbamoo qalbii geddaratan karaa kamiin gargaaru?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]