Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Du’aa Ka’uun Inni Duraa’ Amma Ta’aa Jira!

‘Du’aa Ka’uun Inni Duraa’ Amma Ta’aa Jira!

‘Du’aa Ka’uun Inni Duraa’ Amma Ta’aa Jira!

“Warri Kristositti amananii du’an dura in kaafamu.” —1 TASALONIIQEE 4:16.

1, 2. (a) Namoonni du’an abdii akkamii qabu? (b) Du’aa ka’uutti amanuuf ragaa akkamiitu jira? (Miiljalee ilaali.)

“ADDAAM erga cubbuu hojjetee jalqabee, jechi “warri jiran akka du’an beeku” jedhu dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Seenaa keessatti namoonni hundi, yeroo booda akka du’an beeku; kanaafuu namoonni baay’een: ‘Du’a booda maal taana? Warri du’an haala akkamii keessatti argamu?’ jedhanii gaafatu. Macaafni Qulqulluun: “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan” jechuudhaan deebii nuu kenna.—Lallaba 9:5.

2 Namoonni du’an abdii qabuu? Eeyyee qabu. Kaayyoon Waaqayyo jalqaba ilmaan namaatiif baase kan guutamu yoo ta’e, warri du’an dirqama abdii qabaachuu qabu. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoon waggoota kumaan lakkaa’amaniif, Sanyii Seexanaafi rakkina inni fide balleessuu ilaalchisee abdii Yihowaan kenne hawwiidhaan eeggachaa turaniiru. (Uumama 3:15) Yeroo ammaatti hedduunsaanii du’aniiru. Namoonni kun abdiin kenname kun yeroo raawwatamu akka ilaalan yoo barbaadame, du’aa ka’uu qabu. (Ibroota 11:13) Kun ta’uu kan danda’udhaa? Eeyyee, wanta danda’amudha. Phaawulos: “Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru” dubbateera. (Hojii Ergamootaa 24:15) Phaawulos dargaggeessa Oyxikoos jedhamuufi hulaa mana gubbaa isa sadaffaarraa lafa dha’ee ‘du’e’ du’aa kaaseera. Du’aa ka’uu Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamee argamu salgan keessaa inni kun isa dhumaati.—Hojii Ergamootaa 20:7-12. *

3. Jechoota Yesus dubbateefi Yohannis 5:28, 29⁠rratti galmeeffamanirraa jajjabina akkamii argatte? Maaliif?

3 Du’aa ka’uun raawwataman salgan jecha Phaawulositti akka amannu nu dirqisiisu. Jechoota Yesus akkas jechuudhaan nuu mirkaneessettis akka amannu nu jajjabeessu: “Warri du’anii awwaalaman sagalee isaa [Yesus] yeroon itti dhaga’an in dhufa. Isaan awwaala keessaa in ba’u.” (Yohannis 5:28, 29) Jechoonni kun baay’ee kan nama gammachiisaniifi namoota miliyoonaan lakkaa’amanis ta’e firoottansaanii du’aan dhaban kan jajjabeessan mitii?

4, 5. Macaafni Qulqulluun waa’ee du’aa ka’uu adda addaa akkamii ibsa? Mataduree kana keessatti waa’ee du’aa ka’uu isa kamii baranna?

4 Warra du’aa ka’an keessaa harki caalaansaanii Mootummaa Waaqayyoo jalatti nagaadhaan lafarra jiraatu. (Faarfannaa 37:10, 11, 29; Isaayaas 11:6-9; 35:5, 6; 65:21-23) Haata’u malee, isa dura du’aa ka’uu garabiraan ni raawwatama. Jalqaba, Yesus Kiristos gatii aarsaa nuuf kaffale sana Waaqayyotti dhiheessuuf du’aa ka’uu qaba. Akka kanaan Yesus Dh.K.B. bara 33⁠tti du’ee, du’aa ka’eera.

5 Ittaansuudhaan Kiristiyaanonni dibamoon jechuunis “Israa’el Waaqayyoo” ‘yeroo hundumaa gooftaa bira jiraachuudhaaf’ ulfinasaa isa samii keessaatti Gooftaa Yesus Kiristosii wajjin ta’u. (Galaatiyaa 6:16; 1 Tasaloniiqee 4:17; Mul’ata 20:6) Du’aa ka’uun kun erga raawwatamee booda, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman du’aa ka’anii lafa Jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf carraa argatu. Abdiin keenya samiirra jiraachuus ta’e lafarra jiraachuu, ‘du’aa ka’uu isa duraa’ qorachuun keenya barbaachisaadha. Du’aa ka’uun inni duraa kan akkamiiti? Kan raawwatamuhoo yoomi?

“Dhagni Isaanii Maal Fakkaata?”

6, 7. (a) Kiristiyaanonni dibamoon gara samii dhaquusaanii dura, maal ta’uu qabu? (b) Namoonni kun qaama akkamii qabaachuudhaan du’aa ka’u?

6 Phaawulos xalayaa jalqaba warra Qorontosiif barreesserratti du’aa ka’uu isa duraa ilaalchisee: “Warri du’an attamitti kaafamu? Yommuu argaman dhagni isaanii maal fakkaata?” jechuudhaan erga gaafatee booda, akkas jechuudhaan deebiseera: “Wanti ati facaaftu sun ofii isaatii yoo du’e malee, biqilee jiraachuu hin danda’u. . . . Waaqayyo garuu akka jaallatetti dhagna in kennaaf . . . ulfinni warra waaqa irraa tokko, ulfinni warra lafa irraa tokko.”—1 Qorontos 15:35-40.

7 Phaawulos, Kiristiyaanonni hafuura qulqulluutiin dibaman badhaasasaanii isa samii argachuusaanii dura du’uu akka qaban dubbateera. Yommuu du’an, foonsaanii lafatti deebi’a. (Uumama 3:19) Yeroo Waaqayyo jedhetti, qaama jireenya samiitiif mijaa’aa ta’e argatanii du’aa ka’u. (1 Yohannis 3:2) Achiis Waaqayyo jireenya matumaa hin duune isaanii kenna. Kana jechuun garuu yeroo dhalatanii kaasee lubbuu hin duunetu kennamaaf jedhamee akkuma dubbatamu miti. Phaawulos: “Wanti hin duune iddoo wanta du’u kanaa bu’uutu ta’a” jechuudhaan dubbateera. Du’a utuu hin argin jiraachuun kennaa Waaqayyoo yommuu ta’u, kunis warra du’aa ka’uu isa duraa arganiif kan kennamu ta’a.—1 Qorontos 15:50, 53; Uumama 2:7; 2 Qorontos 5:1, 2, 8.

8. Waaqayyo namoota 144,000 ta’an amantii adda addaa keessaa akka hin filanne akkamitti beekuu dandeenya?

8 Lakkoofsi namoota jalqaba du’aa ka’anii 144,000 qofadha. Yihowaan namoota kana filachuu kan jalqabe, Yesus du’aa ka’ee utuu baay’ee hin turin jechuunis Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteettidha. ‘Maqaan isaafi [Yesusiifi] maqaan abbaa isaatii adda isaaniitti caafameera.’ (Mul’ata 14:1, 3) Kanaaf, namoonni kun amantii adda addaa keessaa kan filataman miti. Hundisaanii Kiristiyaanota yommuu ta’an, maqaa Abbaa jechuunis Maqaa Yihowaa baachuusaaniitti gammachuutu itti dhaga’ama. Yeroo du’aa ka’an hojiin samiirratti hojjetan isaanii kennama. Kallattiidhaan Waaqayyoon tajaajiluuf abdii qabaachuunsaanii isaan gammachiisa.

Amma Ta’aa Jiraa?

9. Mul’anni 12:7fi 17:14 du’aa ka’uun inni duraa yoom akka jalqabe tilmaamuuf kan nu gargaaru akkamitti?

9 Du’aa ka’uun inni duraa yoom ta’a? Yeroo ammaatti raawwatamaa akka jiru ragaa quubsaa qabna. Fakkeenyaaf, boqonnaawwan lamaan Macaafa Mul’ataa wal bira qabii ilaali. Jalqaba, Mul’ata boqonnaa 12 ilaali. Boqonnaan kun Yesus ergamootasaa wajjin ta’uudhaan Seexanaafi hafuurota xuraa’oorratti lola banuusaa nutti hima. (Mul’ata 12:7-9) Yeroo baay’ee Masaraan Eegumsaa waraanni kun bara 1914⁠tti godhamuusaa nutti hima. * Haata’u malee, lola kanarratti duuka buutota Kiristos warra dibaman keessaa eenyuyyuu isaa wajjin akka hin turre hubadhaa. Ammammoo Mul’ata boqonnaa 17 ilaalaa. Boqonnaan kun badiisa ‘Baabilon Guddittiin’ booda, Hoolichi mootummoota akka mo’u nutti hima. Achiis: “Warri isaa wajjin jiranis warri waamaman, warri fo’aman, warri amanamanis isaa wajjin in mo’u, NW” jedha. (Mul’ata 17:5, 14 ) “Warri waamaman, warri fo’amaniifi warri amanaman” Yesusii wajjin Seexana in balleessu taanaan du’aa ka’aniiru jechuun ni danda’ama. Kanarraa ka’uudhaan, warri dibamtoonni Armaagedoon dura du’an, bara 1914fi Armaagedoon gidduutti du’aa ka’u jennee yaaduun keenya sirriidha.

10, 11. (a) Maanguddoonni 24 eenyu fa’i? Isaan keessaa inni tokko Yohannisiif maal ibse? (b) Kanarraa ka’uudhaan maal jennee yaaduu dandeenya?

10 Du’aa ka’uun inni duraa yoom akka jalqabe sirriitti beekuu dandeenyaa? Kana ilaalchisee Mul’ata 7:9-15⁠rratti Yohannis ergamaan ‘tuuta sonaan baay’ee, warra homtinuu lakkaa’uu hin dandeenye’ ilaalchisuudhaan yeroo mul’ata argetti wanta dubbaterraa yaada tokko argachuu dandeenya. Eenyummaa tuuta sonaan baay’ee Yohannisiif kan ibse maanguddoota 24 keessaa isa tokko yommuu ta’u, maanguddoonni kunis warra samii keessatti Kiristosii wajjin bulchan kan argisiisanidha. * (Luqaas 22:28-30; Mul’ata 4:4) Yohannisis samiirra jiraachuuf warra abdii qaban keessaa tokko ture. Haata’u malee, yeroo maanguddoon sun dubbatu lafarra jiraachaa waan tureef, mul’ata sana keessatti Yohannis dibamtoota lafarra jiraniifi jireenya samiirratti isaanii qophaa’e yeroo sanatti akka hin arganne kan argisiisu ture.

11 Maanguddoota 24 keessaa inni tokko waa’ee tuuta sonaan baay’ee Yohannisitti dubbachuusaarraa maal hubanna? Maanguddoota 24 du’aa ka’an keessaa tokko tokko, yeroo ammaatti dhugaa Waaqayyo biraa dhufu kana babal’isuurratti hirmaachaa jiru jennee akka amannu nu dirqisiisa. Kana gochuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Eenyummaan tuuta sonaan baay’ee warra dibamtootaaf kan ifa ta’e bara 1935⁠tti waan ta’eef ture. Maanguddoota 24 keessaa dhugaa kana kan isaanii ibse isa tokko yoo ta’e, namni kun du’aa kaafamee gara samii kan dhaqe bara 1935⁠tti ture jechuudha. Kanarraa ka’uudhaan du’aa ka’uun inni duraa kan jalqabame bara 1914fi bara 1935 gidduuttidha jennee akka amannu nu dirqisiisa. Dhimma kana ilaalchisee ibsa garabiraa argachuu dandeenyaa?

12. Du’aa ka’uun inni duraa birraa bara 1918⁠tti raawwatamee ta’uu danda’a kan jennu maaliif akka ta’e ibsi.

12 Waa’ee dhimma kanaa ilaalchisee fakkeenya Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame tokko hubachuun keenya nu gargaaruu danda’a. Yesus Kiristos Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’ee kan dibame Dh.K.B. bara 29⁠tti ture. Waggoota sadiifi walakkaa booda, jechuunis Dh.K.B. birraa bara 33⁠tti hafuura humna guddaa qabu ta’uudhaan du’aa ka’eera. Yesus bara 1914 teessoorra kan taa’e yommuu ta’u, Kiristiyaanonni dibamoon waggaa sadiifi walakkaa booda jechuunis birraa bara 1918⁠tti du’aa ka’uu jalqabaniiru jedhanii amanuun sirrii mitii? Kunis sababii gaarii ta’uu danda’a. Yaanni kun kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurratti hin argaminiyyuu malee, caqasawwan garabiraa du’aa ka’uun inni duraa argamuu Kiristosirraa utuu baay’ee hin turin akka raawwatame ibsanii wajjin kan wal simudha.

13. Yaanni 1 Tasaloniiqee 4:15-17 du’aa ka’uun inni duraa jalqaba argama Kiristositti raawwatameera jennee akka amannu kan nu gargaaru akkamitti?

13 Fakkeenyaaf Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Nuyi warri gaafa gooftaan deebi’ee dhufu utuu hin du’in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu. Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga’ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irra gad in bu’a; warri Kiristositti amananii du’an dura in kaafamu. Kana booddee nuyi warri utuu hin du’in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna.” (1 Tasaloniiqee 4:15-17) Kanaaf, Kiristiyaanonni dibamoon argamuu Kiristos dura du’an, warra yeroo Kiristos argametti lafarra turan dura du’aa ka’anii jireenya samii argataniiru jechuudha. Kana jechuun du’aa ka’uun inni duraa yeroo Yesus argamee jalqabee hanga ‘deebi’ee dhufutti” itti fufa jechuudha. (1 Qorontos 15:23) Namoonni du’aa ka’uu isa duraarratti hirmaatan, ergaan takkaa utuu hin ta’in suutuma suuta wal duraa duubaan ka’u.

“Uffanni Adaadiin Isaaniif Kenname”

14. (a) Raajiiwwan Mul’ata boqonnaa 6⁠rratti ibsaman kan raawwataman yoomi? (b) Wanti Mul’ata 6:9⁠rratti ibsame maalidha?

14 Mee ragaa Mul’ata boqonnaa 6⁠rratti argamus ilaalaa. Achirratti Yesus akka Mootii fardarra taa’ee mo’aa adeemutti ibsameera. (Mul’ata 6:2) Saboonni walirratti waraana kaasu. (Mul’ata 6:4) Bakka hundumaatti beelli ni babal’ata. (Mul’ata 6:5, 6) Dha’ichi du’aaf nama saaxilu ilmaan namootaarra bu’a. (Mul’ata 6:8) Wantoonni raajiidhaan dubbataman kun hundi, bara 1914 jalqabee haala biyyi lafaa kun irratti argamtu akka gaariitti ibsu. Haata’u malee, wanti yeroo kanatti raawwatame garabiraanis jira. Amma xiyyeeffannaa keenya gara bakka aarsaatti haa goonu. Jallisaa, “lubbuu warra dubbii Waaqayyootiif, wanta dhugaa ba’aa turanitti jabaachuu isaaniitiifis jedhanii qalamanii” qabateera. (Mul’ata 6:9) “Lubbuun [ykn jireenyi] uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf” wanti bakka aarsaa jala jiru, dhiiga tajaajiltoota Yesus warra amanamoo ija jabinaafi hinaaffadhaan dhugaa ba’uusaaniitiin qalamanii kan argisiisudha.—Lewwoota 17:11.

15, 16. Jechoonni Mul’ata 6:10, 11⁠rratti argaman du’aa ka’uu isa duraa argisiisu kan jennu maaliif akka ta’e ibsi.

15 Dhiigni Kiristiyaanota wareegaman kanaa, akkuma dhiiga Abeel firdii qajeelaa argachuuf lafaa ni iyyata. (Uumama 4:10) “Isaan sagalee guddaadhaan iyyanii, ‘Yaa gooftaa guddaa, qulqulluu fi dhuga-qabeessaa! Warra lafa irra jiraatanitti nuuf faraddee hamma dhiiga keenyaaf gumaa nuuf baaftutti hammam tura?’” jedhu. Achiihoo maaltu ta’e? “Yommus adduma addaan uffanni adaadiin isaaniif kenname, obboloonni isaanii, hojii Waaqayyoo keessatti hidhati isaanii, warri akkuma isaanii ajjeefamuuf jiran hamma raawwatanii gumaa’anitti, yeroo xinnoo dabalanii akka aara galfatan isaanitti himame.”—Mul’ata 6:10, 11.

16 Uffanni adaadiin kun dhiiga aarsaa jalatti argamuuf qofa kan kennamu turee? Hin turre! Uffanni kun kan kennaman namoota dhiignisaanii bakka aarsaatti fakkeeffametti dhangala’e hundaatiif ture. Maqaa Yesusiif jecha lubbuusaanii aarsaa kan godhan yommuu ta’u, ammammoo hafuura ta’anii du’aa kaafamaniiru. Kun ta’uusaa akkamitti beekna? Macaafa Mul’ataa olitti ilaallerratti yaada akkas jedhu dubbisna: “Nama mo’utti akkasuma uffata adiitu uffifama; ani maqaa isaa macaafa jireenyaa, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman keessaa hin balleessu.” Kana malees caqasichi maanguddoonni 24 “uffata adaadii uffatanii, mataattis gonfoowwan warqee kaa’atanii turan” akka jedhu yaadadhaa. (Mul’ata 3:5; 4:4) Kanaaf dhiigni bakka aarsaa jalatti argamu du’a namoota 144,000 ta’an du’aa kan ka’an yommuu ta’u, namoonni kun jireenya samii argachuusaaniirrayyuu uffata adii uffatu.

17. Namoonni uffata adaadiin kennameef kan ‘aara galfatan’ akkamitti?

17 Namoonni du’aa ka’an kun dura ‘aara galfachuu’ akkasumas yeroo itti Waaqayyo haaloo itti ba’u obsaan eeggachuu qabu. “Hojii Waaqayyoo keessatti hidhati isaanii” jechuunis Kiristiyaanonni dibamoon lafarratti kan argaman yommuu ta’u, rakkina keessatti amanamummaasaanii argisiisuu qabu. Guyyaan firdii yommuu ga’u ‘aara galfiin’ ykn obsisaanii kun ni xumurama. (Mul’ata 7:3) Yeroo sanatti warri du’aa ka’an Gooftaa Yesus Kiristosii wajjin ta’uudhaan, namoota dhiiga Kiristiyaanotaa dhangalaasan dabalatee biyya lafaa isa hamaa kana ni balleessu.— 2 Tasaloniiqee 1:7-10.

Kun Nuuf Hiika Maalii Qaba?

18, 19. (a) Yeroo ammaatti du’aa ka’uun inni duraa raawwatamaa jira kan jennu maaliifi? (b) Du’aa ka’uu isa duraa hubachuu keessanitti maaltu isinitti dhaga’ama?

18 Dubbiin Waaqayyoo du’aa ka’uun inni duraa yoom akka jalqabamu hin ibsiniyyuu malee, du’aa ka’uun kun yeroo Kiristos argamutti wal duraa duubaan akka raawwatamu ni ibsa. Warri jalqaba du’aa kaafaman Kiristiyaanota dibamoo argamuu Kiristos dura du’an ta’u. Kirstiyaanonni argamuu Kiristos booda du’an, “battala liphsuu ijaatti” gara hafuuraatti geddaramu. (1 Qorontos 15:52) Kiristiyaanonni dibamoon hundi waraana Armaagedoon dura badhaasasaanii isa samii ni argatuu? Kana hin beeknu. Haata’u malee, yeroo Waaqayyo jedhetti namoonni 144,000 ta’an hundi Tulluu Xiyoon isa samii jirurratti akka argaman beekna.

19 Kiristiyaanota dibamoo 144,000 ta’an keessaa harki caalaansaanii yeroo ammaatti Kiristosii wajjin akka ta’an beekna. Amma lafarratti kan argaman muraasaanii qofadha. Kun, yeroon Waaqayyo firdii itti kennu baay’ee dhihaachuusaa kan argisiisu mitii? Yeroo dhihootti guutummaan biyya lafaa inni Seexanni seerratu kun ni bada. Seexannis gara lafa jalaatti darbatama. Achiis guutummaatti du’aa ka’uun ni jalqabama. Namoonni amanamoo ta’an aarsaa furii Yesusitti amanuudhaan gonkummaa Addaam dhabe deebisanii argatu. Yeroo kanatti raajii Yihowaan Uumama 3:15⁠rratti dubbate haala dinqisiisaa ta’een raawwatama. Yeroo sanatti jiraachuun mirga guddaa mitii?

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Macaafa Qulqulluu keessatti du’aa ka’uun saddeettanimmoo, 1 Mootota 17:21-23; 2 Mootota 4:32-37; 13:21; Maarqos 5:35, 41-43; Luqaas 7:11-17; 24:34; Yohannis 11:43-45fi Hojii Ergamootaa 9:36-42⁠rraa ilaaluu dandeessa.

^ key. 9 Yesus Mootii ta’ee bulchuu kan jalqabe bara 1914⁠tti akka ta’e Caaffata Qulqullaa’aarraa beekuu yoo barbaadde, kitaaba mataduree Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ful215-218 ilaali.

^ key. 10 Maanguddoonni 24 Kiristiyaanota dibamoo samiirratti argaman bakka kan bu’an ta’uusaanii beekuu yoo barbaadde, kitaaba Raawwiin Mul’ataa Inni Guddaan Dhihaateera! (Amaariffa) jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ful. 77 ilaali.

Ibsuu Ni Dandeessaa?

Caqasawwan kanatti aananii jiran yeroo ‘du’aa ka’uun inni duraa’ itti raawwatame beekuuf kan nu gargaaran akkamitti?

Mul’ata 12:7; 17:14

Mul’ata 7:13, 14

1 Qorontos 15:23; 1 Tasaloniiqee 4:15-17

Mul’ata 6:2, 9-11

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]