Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Gammadaa’

‘Gammadaa’

‘Gammadaa’

“Ati dhugumaan akka gammaddutti . . . ayyaanicha Waaqayyo . . . gooftaa keef ayyaaneffadhu.” —KEESSA DEEBII 16:15.

1. (a) Seexanni mormii akkamii kaase? (b) Addaamiif Hewwaan Waaqayyorratti erga ka’anii booda Yihowaan raajii akkamii dubbate?

SEEXANNI, Addaamiifi Hewwaan Uumaasaaniirratti akka ka’an yommuu godhetti gaaffii gurguddaa lama kaaseera. Jalqaba, bulchiinsi Yihowaa sirriifi qajeelaa miti jechuudhaan falmeera. Lammaffaammoo, namoonni Waaqayyoon kan tajaajilan ofittummaadhaan kaka’aniitu jechuudhaan dubbateera. Yaannisaa kunis bara Iyoobitti mul’ateera. (Uumama 3:1-6; Iyoob 1:9, 10; 2:4, 5) Haata’u malee, Yihowaan dhimma kanaaf atattamaan furmaata kenneera. Addaamiifi Hewwaan iddoo dhaabaa Eeden keessaa utuu hin baafamin mormii kanaaf akkamitti furmaata akka kennu raajii dubbateera. ‘Sanyiin’ akka dhufu raajiidhaan dubbatame sun erga koomeensaa iddamee booda, mataa Seexanaa buruqsuudhaan akka isa balleessu raajii dubbateera.—Uumama 3:15.

2. Yihowaan raawwii raajii Uumama 3:15⁠rratti galmeeffame ilaalchisee ibsa akkamii kenne?

2 Yeroo booda, Yihowaan raajii dubbatame kanarratti ibsa dabalataa kennuudhaan raajichi akkamitti raawwiisaa akka argatu ifa godheera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo ‘sanyiin’ kun hidda dhalootaa Abrahaam keessaa akka dhufu dubbateera. (Uumama 22:15-18) Ilma ilma Abrahaam kan ta’e Yaaqoob, gosawwan Israa’el 12f abbaa ta’eera. Dh.K.D. bara 1513⁠tti yeroo gosni 12n sun saba tokko ta’an, Yihowaan guyyoota ayyaanaa dabalatee seera ittiin bulmaataa kenneeraaf. Phaawulos guyyoonni ayyaanaa kun “gaaddidduu wanta dhufuuf jiru sanaa” ta’uusaanii dubbateera. (Qolosaayis 2:16, 17; Ibroota 10:1) Guyyoonni kun, haala Sanyichaa wajjin wal qabateen kaayyoon Yihowaa akkamitti raawwiisaa akka argatu kan argisiisanidha. Guyyoota ayyaanaa kana kabajuun Israa’eloota kan gammachiisu ture. Waa’ee guyyoota kanaa hanga ta’e qoruun keenya, abdiiwwan Yihowaan kenne raawwatamuunsaanii akka hin oolle amantaa qabnu nuu jabeessa.

Sanyichi Mul’ate

3. Sanyiin abdachiifame eenyu? Koomeensaa kan iddame akkamitti?

3 Yihowaan raajii kana erga dubbatee waggaa 4,000 booda Sanyichi abdachiifame sun mul’ateera. Sanyiin kunis Yesus ture. (Galaatiyaa 3:16) Yesus nama gonkummaa qabu waan ta’eef amanamummaasaa eegee jiraachuudhaan himanni Seexanaa soba ta’uusaa mirkaneesseera. Kana malees, Yesus cubbuu kan hin qabne waan ta’eef, duutisaa gatii guddaa kan qabu ture. Kana gochuudhaanis ijoolleen Addaamiifi Hewwaan warri ajajamoo ta’an hundi cubbuufi du’arraa walaba akka ta’aniif karaa baneera. Yesus mukarratti fannifamee ajjeefamuunsaa, raajiin Sanyiin abdachiifame sun ‘koomeensaa akka iddamu’ dubbatame raawwatamuusaa argisiisa.—Ibroota 9:11-14.

4. Wanti aarsaa Yesusiif fakkeenya ta’e maalidha?

4 Yesus Dh.K.B. bara 33 gaafa Niisaan 14 du’eera. * Biyya Israa’elitti Niisaan 14, yeroo gammachiisaa ayyaanni Faasikaa itti kabajamu ture. Waggaa waggaadhaan guyyaa sanatti ijoolleessaanii dabalatee, maatiidhaan xobboollaa hoolaa mudaa hin qabne qalanii nyaatu turan. Akka kanaan, yeroo ergamaan tokko Dh.K.D. bara 1513 gaafa Niisaan 14 angafoota Gibxii ajjeesuudhaan angafoota Israa’elootaa oolche, ga’ee dhiigichi qabu isaan yaadachiisee ture. (Ba’uu 12:1-14) Phaawulos: “Kristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta’eera” jechuudhaan, xobboollaan Faasikaa sun Yesusiin kan bakka bu’u ta’uusaa barreesseera. (1 Qorontos 5:7) Dhiiga hoolaa Faasikaa sanaa wajjin haala wal fakkaatuun, dhiigni Yesus inni dhangala’e namoota hedduudhaaf fayyina argamsiiseera.—Yohannis 3:16, 36.

‘Warra Du’an Keessaa Jalqaba Kan Ka’e’

5, 6. (a) Yesus du’aa kan ka’e yoomi? Yeroon sun Seericha keessatti maaliif fakkeenya ta’a? (b) Yesus du’aa ka’uunsaa, raajiin Uumama 3:15⁠rratti argamu akka raawwatamu kan godhu akkamitti?

5 Yesus gatii aarsaa sanaa abbaasaatiif dhiheessuuf guyyaa sadaffaatti du’aa ka’eera. (Ibroota 9:24) Ayyaanni du’aa ka’uu kanaaf fakkeenya ta’u tokko jira. Ayyaanni kun Niisaan 14 booda kan kabajamu yommuu ta’u, innis Ayyaana Maxinoo kan jedhamu ture. Guyyaan ittaanu jechuunis Niisaan 16, bissii mataa midhaaniirraa galfatanii gara lubichaatti fiduudhaan lubichis midhaanichi akka isaanii fudhatamutti Waaqayyo duratti ni sochoosa ture. (Lewwoota 23:6-14) Dh.K.B. bara 33⁠tti jechuunis gaafa Niisaan 16, Yihowaan carraaqqii Seexanni “dhuga-baatuu isa amanamaa” ajjeesuuf godhe jalaa busheessuunsaa sirriidha. Yeroo kanatti Yihowaan hafuura hin duune kennee Yesusiin du’aa kaaseera.—Mul’ata 3:14; 1 Phexros 3:18.

6 Akka kanaan Yesus ‘warra du’an keessaa jalqaba ka’eera.’ (1 Qorontos 15:20) Namoota isa dura du’aa ka’anii deebi’anii du’anirraa haala adda ta’een, Yesus deebi’ee hin duune. Kanaa mannaa, gara harka mirga Yihowaa jechuunis gara samii dhaqeera. Hanga mootii Mootummaa Yihowaa ta’uttis eegaa ture. (Faarfannaa 110:1; Hojii Ergamootaa 2:32, 33; Ibroota 10:12, 13) Yesus erga Mootii ta’ee jalqabee, mataa diinasaa isa guddaa kan ta’e Seexana buruqsuu, jechuunis bara baraaf isa balleessuu ni danda’a.—Mul’ata 11:15, 18; 20:1-3, 10.

Miseensota Sanyii Abrahaam Ta’an Kan Biraa

7. Ayyaanni Torban Torbaa maalidha?

7 Yesus, Sanyii Eeden keessatti abdachiifameefi karaa Yihowaan “hojii Seexanaa diiguudhaaf” itti fayyadamedha. (1 Yohannis 3:8) Haata’u malee, yommuu Yihowaan Abrahaamitti dubbatu, “sanyiin” Abrahaam nama tokko qofa utuu hin ta’in “akka urjoota waaqaa, akka cirracha qarqara galaanaas” akka ta’u dubbateera. (Uumama 22:17) Guyyaan ayyaanaa garabiraan warra miseensota “sanyii” kanaa ta’an kaaniif fakkeenya ta’a. Niisaan 16⁠rraa guyyaa shantama booda, Israa’eloonni Ayyaana Torban Torbaa ni kabaju ture. Kana ilaalchisee Seerri ba’e akkas jedha ture: “Hamma guyyaa isa Sanbata torbaffaatti aanutti guyyaa shantama lakkaa’aa! Yommus midhaan isa haaraa keessaa kennaa midhaanii ana Waaqayyoof dhi’eessaa! Isin iddoo jiraattanii aarsaa sochoofamuuf buddeena lama fidaa! Isaanis daakuu ba’eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harki lama raacitiidhaan tolfamanii mataa midhaanii ana Waaqayyoof dhi’eeffaman haa ta’an!” *Lewwoota 23:16, 17, 20.

8. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti wanta bakki guddaan kennamuuf akkamiitu raawwatame?

8 Yesus yommuu lafarra turetti, Ayyaanni Torban Torbanii guyyaa Phenxeqostee (afaan Giriikiitiin “shantammaffaa” jechuudha) jedhuun kan beekamu ture. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Hangafa Lubootaa kan ta’e Yesus Kiristos inni du’aa ka’e, bartoota 120 ta’aniifi Yerusaalemitti wal ga’anirratti hafuura qulqulluu dhangalaase. Kanaan kan ka’es duuka buutonnisaa kun warra hafuura Waaqayyootiin dibamaniifi obboloota Yesus Kiristos ta’aniiru. (Roomaa 8:15-17) Achiis saba haaraa jechuunis “Israa’el Waaqayyoo” ta’aniiru. (Galaatiyaa 6:16) Lakkoofsi saba sanaa dhumarratti 144,000 ta’a.—Mul’ata 7:1-4.

9, 10. Kiristiyaanonni dibamoon ayyaana Phenxeqosteetiif fakkeenya kan ta’an akkamitti?

9 Buddeenni raacitii qabuufi guyyaa Phenxeqosteetti sochoofamu lamaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf fakkeenya ta’a. Buddeenni raacitii qabu sun Kiristiyaanonni dibamoon ammayyuu cubbuu dhaalanii wajjin akka jiran kan argisiisudha. Haata’u malee, aarsaa furii Yesusirratti amanuudhaan Yihowaatti dhihaachuu danda’aniiru. (Roomaa 5:1, 2) Buddeenichi lama kan ta’e maaliifi? Namoonni kun garee lamaa akka dhufan kan argisiisu yommuu ta’u, gareen inni tokko Yihudoota, inni kaanimmoo warra saba Waaqayyoo hin ta’inirraa akka dhufan kan argisiisu ture.—Galaatiyaa 3:26-29; Efesoon 2:13-18.

10 Buddeenni guyyaa Phenxeqosteetti dhihaatu lamaan kan tolchamu mataa qamadii isa dura galurraa ture. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni dibamoon “uumama isaa hundumaaf angafa” jedhamaniiru. (Yaaqoob 1:18) Dhiiga Yesus isa dhangala’etti amanuudhaan warra cuubbuunsaanii isaanii dhiifamu keessaa warra jalqabaa yommuu ta’an, kunimmoo samii keessatti jechuunis bakka Yesusii wajjin Mootummaa dhaalanitti jireenya hin duune akka argatan isaan gargaara. (1 Qorontos 15:53; Filiphisiiyus 3:20, 21; Mul’ata 20:6) Ijoollee Waaqayyoo ta’uudhaan dhihootti gaaf tokko ‘siiqqee sibiilaatiin saba tiksu’; akkasumas ‘Seexanni yommuu miillasaanii jalatti caccabu’ ni argu. (Mul’ata 2:26, 27; Roomaa 16:20) Yohannis ergamaan akkas jedheera: “Warri lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa bu’an isaan kana. Isaan kun warra sanyii namaa keessaa Waaqayyoo fi hoolichaaf furaman, warra jalqabaa ti.”—Mul’ata 14:4.

Guyyaa Dhiifamni Cubbuu Itti Argamu

11, 12. (a) Guyyaa Araaraatti maaltu godhama? (b) Israa’eloonni jibichaafi re’ee aarsaa godhamanirraa faayidaa maalii argatu?

11 Guyyaa kurnaffaa Etaaniimitti (yeroo booda Tishrii jedhameera),  * Israa’eloonni ayyaana faayidaan aarsaa Yesus Kiristosirraa argamu akkamitti hojiirra akka oolu fakkeenya ta’u ni kabaju turan. Guyyaa sanatti sabni sun walitti qabamuudhaan, Guyyaa Araaraatti cubbuusaaniitiif dhiifama argachuuf aarsaa dhiheessu turan.—Lewwoota 16:29, 30.

12 Guyyaa Araaraatti angafni lubootaa jibicha tokko qaluudhaan, dhiigasaa Saanduqa isa iddoo Hundumaa Caalaa Qulqullaa’aa ta’e dura jirutti al torba facaasa. Sana booda dhiigni sun akka Yihowaadhaaf dhihaateetti ilaalama. Aarsaan sunis cubbuu angafa lubootaa dabalatee, ‘maatii’ lubootaafi Lewwoota jala jiraniif kan dhihaatu ture. Achiis angafni lubootaa re’oota lama fudhata. Isa tokko aarsaa sababii cubbuu “sabaatiif” qala. Dhiignisaa hanga ta’e fudhatamee Saanduqa isa iddoo Hundumaa Caalaa Qulqullaa’aa ta’erratti facaafama. Sana booda, angafni lubootaa harkasaa mataa re’ee isa tokkorra kaa’uudhaan cubbuu saba sanaa dubbata. Achiis re’ee sana gara lafa onaatti gadhiisuudhaan fakkeenyaan cubbuu saba sanaa fuudhee akka adeemu godha.—Lewwoota 16:3-16, 21, 22.

13. Wantoonni Guyyaa Araaraatti godhaman ga’ee Yesus qabuu wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?

13 Wantoota kanaa wajjin haala wal simuun, Angafa Lubootaa isa guddaa kan ta’e Yesus dhiifama cubbuu argamsiisuuf gatii dhiigasaatti fayyadama. Jalqaba gatiin dhiigasaatii Kiristiyaanota dibamoo “mana isa hafuuraa” jedhamaniif kan oolu yommuu ta’u, kunis qajeelota akka jedhamaniifi Waaqayyo duratti yaada garaa qullaa’aa akka qabaatan gargaara. (1 Phexros 2:5; 1 Qorontos 6:11) Kunimmoo fakkeenya aarsaa jibichaa kan bakka bu’udha. Akka kanaan badhaasasaanii isa samii argachuuf karaa isaanii bana jechuudha. Lammaffaarrattimmoo, akkuma aarsaa re’eetiin fakkeeffametti gatiin dhiiga Yesus, namoota isatti amananiifi miliyoonaan lakkaa’aman ni gargaara. Namoonni kun badhaasa Addaamiifi Hewwaan dhaban jechuunis lafarratti jireenya bara baraa argatu. (Faarfannaa 37:10, 11) Akkuma re’een gara lafa onaatti ari’amu cubbuu Israa’elootaa fuudhee adeemu, Yesus dhiigasaa isa dhangala’etti fayyadamuudhaan cubbuu ilmaan namootaa isaanirraa fageessa.—Isaayaas 53:4, 5.

Yihowaa Duratti Gammaduu

14, 15. Yeroo Ayyaana Gordommaatti maaltu godhama ture? Kunoo Israa’eloota waa’ee maalii yaadachiisa ture?

14 Guyyaa Araaraa booda, Israa’eloonni ayyaana baay’ee gammachiisaa ta’e jechuunis Ayyaana Gordommaa ayyaaneffatu turan. (Lewwoota 23:34-43) Ayyaanichi guyyaa 15⁠ffaadhaa jalqabee hanga 21⁠ffaa Etaanimiitti sirna ho’aadhaan guyyaa 22⁠ffaatti xumurama ture. Yeroon kun yeroo Israa’eloonni makarasaanii itti sassaabbataniifi yeroo gaarummaa Yihowaatiif galata galchan ture. Kanaaf Yihowaan warra ayyaanicha ayyaaneffataniin: “Ati dhugumaan akka gammaddutti, Waaqayyo gooftaan kee waan ati galfattuun, hojii harka kee hundumaanis waan si eebbisuuf” jedheera. (Keessa Deebii 16:15) Yeroon sun yeroo gammachiisaa akka ture homaa hin shakkisiisu.

15 Guyyaa ayyaanaa sanatti Israa’eloonni guyyaa torbaaf godoo keessa taa’u turan. Kunimmoo yeroo lafa onaa keessa turanitti godoo keessa jiraachaa akka turan isaan yaadachiisa. Ayyaanichi Yihowaan akka abbaa ta’ee akka isaan kunuunse kan isaan yaadachiisu ture. (Keessa Deebii 8:15, 16) Warri sooressis warri hiyyeessis godooma keessa jiraachaa waan turaniif, guyyaan ayyaanaa sun namoonni hundi qixxee ta’uusaanii isaan yaadachiisa.—Nahimiiyaa 8:14-16.

16. Wanti Ayyaana Gordommaatti fakkeeffame maalidha?

16 Ayyaanni Gordommaa ayyaana makara sassaabuu waan ta’eef, yeroo namoonni Yesus Kiristositti amanan gammachuu itti argatanii wajjin kan wal fakkaatudha. Guyyaan makara sassaabuu kun kan jalqabe, yeroo duuka buutonni Yesus “luboota qulqullummaa” qaban ta’uudhaan dibamanitti jechuunis Dh.K.D. bara 33⁠tti ture. Israa’eloota guyyoota muraasaaf godoo keessa taa’anii wajjin haala wal fakkaatuun, dibamtoonnis biyya lafaa isa Waaqayyo malee jiraatu kana keessatti warra akka ‘ormummaatti jiraatan’ ta’uusaanii beeku. Abdiinsaanii samiirra jiraachuudha. (1 Phexros 2:5, 11) Hojiin Kiristiyaanota dibamoo sassaabuu kun, yeroo namoonni miseensota 144,000 ta’an keessaa warri dhumaa itti sassaabamaa jiran kanatti, jechuunis ‘guyyoota gara dhumaa kanatti’ xumurama.—2 Ximotewos 3:1.

17, 18. (a) Kiristiyaanota dibamoo malees namoonni kaan aarsaa Yesusirraa faayidaa akka argatan kan argisiisu maalidha? (b) Ayyaana Gordommaa yeroo ammaatti kabajamurraa faayidaa argachaa kan jiran eenyu fa’i? Ayyaanni kun kan xumuramu yoomi?

17 Guyyoota ayyaanaa bara duriitti ayyaaneffataman kanatti jiboonni 70 ta’an dhihaachuunsaanii ergaa guddaa qaba. (Lakkoobsa 29:12-34) Lakkoofsi 70⁠ni 7 al 10 baay’isuudhaan kan argamu waan ta’eef, lakkoofsonni kun samiirrattis ta’e lafarratti gonkummaa kan argisiisanidha. Kanaaf, aarsaan Yesus maatii ilmaan namootaa warra 70 ta’aniifi hidda dhalootaa Nohirraa dhufan hundumaatiif faayidaa argamsiisa. (Uumama 10:1-29) Haala kanaa wajjin wal simuun, yeroo ammaattis hojiin makara sassaabuu kun namoota saba hundumaa keessaa dhufaniifi Yesusitti amanuudhaan lafa jannata taaturratti jireenya bara baraa argachuuf abdii qaban hundumaa kan dabalatudha.

18 Yohannis hojii makara sassaabuu bara dhumaa kanatti raawwatamu mul’ataan argeera. Jalqaba, namoonni 144,000 ta’an yeroo dhumaatiif mallatteeffamuunsaanii yeroo beeksifamu dhaga’eera. Achiis, ‘tuutni sonaan baay’ee homtinuu lakkaa’uu hin dandeenye’ “damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii” Yihowaafi Yesus dura dhaabatanii arge. Namoonni kun, “warra rakkina guddaa keessaa ba’anii” gara addunyaa haaraatti galanidha. Isaanis addunyaa hamaa kana keessatti akka galaa yommuu ta’an, yeroo ‘hoolichi teessicha dura gara gidduu jiru isaan tiksuufi gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan geessu’ abdiidhaan eeggatu. Yeroo sanatti “Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa.” (Mul’ata 7:1-10, 14-17) Tuutni sonaan baay’ee warra du’aa ka’anii wajjin ta’uudhaan Bulchiinsa Kiristos Isa Waggaa Kumaa booda yommuu jireenya bara baraa argatan, Ayyaanni Gordommaa kun ni dhaabata.—Mul’ata 20:5.

19. Ayyaanota Israa’el keessatti kabajamaa turan qorachuudhaan faayidaa maalii arganna?

19 Nutis bara duriitti Israa’el keessatti ayyaanni kabajamu hiika maalii akka qabu yommuu qorannu ‘gammachuutu nutti dhaga’ama.’ Raajii Yihowaan Eeden keessatti dubbate qorachuufi sadarkaa sadarkaadhaan yommuu raawwiisaa argatu ilaaluun baay’ee kan nama gammachiisudha. Yeroo ammaatti eenyummaa Sanyii kanaafi koomeensaa akka iddame beekna. Yeroo ammaatti inni samiirratti Mootii ta’eera. Kana malees, namoonni 144,000 ta’an keessaa harki caalaansaanii hanga du’aatti amanamoo ta’uusaanii argisiisaniiru. Raajiin utuu hin raawwatamin jiru isa kamidha? Guutummaatti kan raawwatamuhoo yeroo hammamii boodadha? Deebii gaaffiiwwan kanaa mataduree ittaanutti mari’anna.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Jiini Niisaan yeroo ammaatti ji’a Bitootessa/Eblaa wajjin tokkodha.

^ key. 7 Buddeenni lamaan aarsaa sochoofamuuf dhihaatan kun, yeroo baay’ee lubichi buddeena lama barruu harkasaarra kaa’uudhaan, harkasaa ol kaasee buddeena kana asiif achi sochoosa. Kunis aarsaa Yihowaadhaaf dhihaatu argisiisa.—Kitaaba mataduree Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu (Ingiliffa) jedhuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e Jildii 2, fuula 528 ilaali.

^ key. 11 Etaaniim ykn Tishriin Fulbaana/Onkoloolessaa wajjin tokkodha.

Ibsuu Ni Dandeessaa?

• Hoolaa Faasiikaatti kan fakkeeffame eenyudha?

• Makarri ayyaana Phenxeqosteetti sassaabamu maaliif fakkeenya ta’a?

• Aarsaan Guyyaa Araaraatti dhihaatu aarsaa Yesus dhiheessee wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

• Ayyaanni Gordommaa hojii Kiristiyaanota dibamoo sassaabuuf godhamee wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]