Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhi’aateera’

‘Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhi’aateera’

‘Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhi’aateera’

“Guyyaan Waaqayyoo [“Yihowaa,” NW] inni guddaan dhi’aateera, dhi’aateera, dafees in dhufa.”—SEFAANIYAA 1:14.

1, 2. (a) Kiristiyaanonni guyyaa addaa akkamii eeggatu? (b) Gaaffii akkamii of gaafachuu nu barbaachisa? Maaliif?

SHMARREEN guyyaa cidhashee gammachuufi hawwii guddaadhaan eeggatti. Dubartiin garaatti baattus, guyyaa itti deessu hawwii guddaadhaan eeggatti. Hojjetaan hojiidhaan bututes, guyyaan boqonnaa inni yeroo dheeraadhaaf eegaa turee yeroo itti jalqabu hawwii guddaadhaan eeggata. Wanti hundasaanii wal fakkeessu maalidha? Hundisaanii, guyyaa addaa jireenyasaaniirratti jijjiirama fidu hawwii guddaadhaan eeggatu. Haallisaanii gargar ta’us, hundisaanii hawwii cimaa qabu. Oolee bulus guyyaan isaan hawwiidhaan eegan ni ga’a; guyyichas qophiifi abdiidhaan eeggatu.

2 Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argamanis, guyyaan addaa dhihaachuusaa hawwii guddaadhaan eeggatu. Guyyaan kunis ‘guyyaa Yihowaa’ isa guddaadha. (Isaayaas 13:9; Yo’el 2:1; 2 Phexros 3:12) Dhufaatiin ‘guyyaa Yihowaa’ inni dhihaachaa jiru maalidha? Dhufti guyyaa kanaa ilmaan namootaarratti dhiibbaa geessisuu kan danda’u akkamitti? Guyyaa Yihowaa isa dhihaachaa jiruuf qophaa’oo ta’uu keenya akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Yeroo ammaatti, gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf yaalii gochuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Sababiinsaas jechoonni Macaafa Qulqulluu: “Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhi’aateera, dhi’aateera, dafees in dhufa” jedhan dhugaa ta’uusaanii ragaawwan ni argisiisu.—Sefaaniyaa 1:14.

‘Guyyaa Yihowaa Isa Guddaa’

3. “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” maalidha?

3 “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” maalidha? Macaafa Qulqulluu keessatti jechi guyyaa addaa Yihowaan diinotasaarratti faraduufi maqaasaa isa guddaa itti qulqulleessu akka ta’e argisiisa. Namoota Yihudaafi Yerusaalem warra amanamoo hin taane, akkasumas Baabilon isheen cunqursituu taateefi Gibxi ‘guyyaa Yihowaatti’ firdiitti dhihaachuuf jiru. (Isaayaas 2:1, 10-12; 13:1-6; Ermiyaas 46:7-10) Haata’u malee, “guyyaan Yihowaa” inni guddaan fuuldura keenya jira. “Guyyaan” Yihowaa kun, guyyaa inni namoota maqaasaa balleessanirratti tarkaanfii fudhatudha. Badiisni kun, bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraatti argamtu, jechuunis “Baabilon Guddittii,” akkasumas sirna hamaa isa hafe waraana Armaagedoonitti balleessuudhaan jalqaba.—Mul’ata 16:14, 16; 17:5, 15-17; 19:11-21.

4. Ilmaan namootaa garri caalaan guyyaan Yihowaa saffisaan dhihaachaa adeemuusaa kan sodaatan maaliifi?

4 Ilmaan namootaa garri caalaan hubatanis hubachuu baatanis, guyyaan kun saffisaan dhihaachaa dhufuunsaa isaan sodaachisa. Maaliif? Yihowaan karaa Sefaaniyaa raajichaa akkas jechuudhaan deebiisaa kenneera: “Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa ti, guyyaa dhiphinaatii fi guyyaa gidiraa ti; guyyaa rakkinaatii fi guyyaa badiisaa ti; guyyaa dimimmisaatii fi guyyaa dukkanaa ti; guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkana limixii ti.” Dhugumayyuu, guyyaa baay’ee nama sodaachisudha! Kana malees raajichi: “Ani namoota irratti rakkina nan fida, isaan ana Waaqayyoon waan yakkaniif” jedheera.—Sefaaniyaa 1:15, 17.

5. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman guyyaa Yihowaatiif ilaalcha sirrii akkamii qabu? Maaliif?

5 Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman garuu guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa hawwii guddaadhaan eeggatu. Maaliif? Sababiinsaa guyyaan kun guyyaa namoonni qajeeloon fayyina itti argataniifi rakkinarraa walaba itti ba’an, akkasumas guyyaa Yihowaan ulfina itti argatuufi maqaansaa itti qulqullaa’u waan ta’eefidha. (Yo’el 3:16, 17; Sefaaniyaa 3:12-17) Namoonni guyyaa kana sodaachuus ta’e hawwiidhaan eeggachuunsaanii, jireenyasaanii isa ammaa kana haala itti fayyadamanirratti kan hundaa’edha. Guyyichaaf ilaalcha akkamii qabda? Guyyaa sanaaf qophoofteettaa? Guyyaan Yihowaa akka dhihaate hubachuunkee jireenya keerratti jijjiirama fidaa jiraa?

‘Ga’iftoonni Ka’uuf Jiru’

6. Namoonni hedduun ‘guyyaa Yihowaa’ akkamitti ilaalu? Kunoo Kiristiyaanota dhugaa kan hin dinqisiifne maaliifi?

6 Guyyaan kun ariitiidhaan ga’aa kan jiru ta’us, ilmaan namootaa garri caalaan “guyyaan Yihowaa” dhihaachuunsaa isaan hin yaaddessu. Namoota guyyaan kun dhihaachuusaa isaan akeekkachiisanittis ni ga’isu. Kun Kiristiyaanota dhugaa hin dinqisiisu. Akeekkachiisa Phexros akkas jechuudhaan kenne ni yaadatu: “Guyyoota gara dhumaatti ga’iftoonni akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan ka’uuf akka jiran, duraan dursaatii beekaa! Isaan isinitti ga’isuudhaaf, ‘Deebi’ee dhufuun isaa abdachiifamee ture mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du’anii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata’ in jedhu.”—2 Phexros 3:3, 4.

7. Miira ariitii keenya akka qabannetti itti fufuuf maaltu nu gargaara?

7 Ilaalcha sirrii hin taane akkasii kana mo’uufi miira ariitii qabaachuuf maaltu nu gargaara? Phexros akkas jechuudhaan nutti hima: “Isaan keessatti isin yaadachiisee yaada keessan isa qullaa’aa nan dammaqsa. Wanta raajonni qulqulloonni duraan dursanii dubbatan, abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa isa karaa ergamoota warra isiniif hojjetanii argattan yaadadhaa!” (2 Phexros 3:1, 2) Akeekkachiisa raajonni dubbatanirratti xiyyeeffachuun keenya ‘yaada keenya isa qullaa’aa dammaqsuuf’ nu gargaara. Tarii akeekkachiisa kana irra deddeebinee dhageenyee ta’uu danda’a; ta’us, yeroo kamiyyuu caalaatti akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa kennuu nu barbaachisa.—Isaayaas 34:1-4; Luqaas 21:34-36.

8. Namoonni hedduun akeekkachiisa Macaafa Qulqulluutiif dantaa kan hin qabne maaliifi?

8 Namoonni tokko tokko akeekkachiisa kanaaf dantaa kan hin qabne maaliifi? Phexros itti fufuudhaan akkas jedha: “Jarri kun bantiiwwan waaqaa durii jalqabanii akka uumaman, laftis sagalee Waaqayyootiin bishaaniin uumamee, bishaan keessaas ba’uu isaa [‘jaalala ofiisaaniitiin,’ 1899] yaadachuu dadhaban. Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee akka balleeffame hin yaadanne.” (2 Phexros 3:5, 6) Eeyyee, namoonni dhufa guyyaa Yihowaa hin barbaanne jiru. Wanti garabiraan jireenyasaanii gidduu akka seenu hin barbaadan. Akkaataa jireenyaasaanii isa ofittummaarratti hundaa’eef Yihowaa biratti itti gaafatamuu hin barbaadan! Akkuma Phexros ibse, “akka kajeellaa foon isaaniitti” jiraatu.

9. Namoonni bara Nohiifi bara Loox turan amala akkamii argisiisanii turan?

9 Ga’istoonni kun, Yihowaan baroota darbanitti dhimma ilmaan namootaa keessa harkasaa galchuusaa amananii fudhachuu kan didan ‘jaalalasaaniitiinidha.’ Yesusiifi Phexros baroota Yihowaan dhimma ilmaan namootaa keessa harkasaa itti galchee ture lamaan kan caqasan yommuu ta’u, isaanis wanta “bara Nohii” fi ‘bara Looxitti’ raawwataman caqasaniiru. (Luqaas 17:26-30; 2 Phexros 2:5-9) Namoonni Bishaan Badiisaa dura turan akeekkachiisa Nohi isaanii kenne utuu hin qalbeeffatin hafaniiru. Badiisa Sodoomiifi Gomoraa duras, wanti Loox soddootasaatti dubbatu waan ‘taphaaf isaanitti dubbate itti fakkaatee’ ture.—Uumama 19:14.

10. Yihowaan namoota utuu hin beekin hafaniif ilaalcha akkamii qaba?

10 Har’as haallisaa kanarraa adda miti. Haata’u malee, namoota utuu hin qalbeeffatin hafan ilaalchisee ilaalchi Yihowaa maal akka ta’e qalbeeffadhaa: “Namoota ishee warra akka daadhii waynii isa siicoo irratti hafee ta’an, warra of irraa bu’anii, ‘Waaqayyo wanta gaarii yookiis hamaa hin hojjetu’ jedhanii yaadan nan adaba. Badhaadhummaan isaanii in saamama, manneetiin isaaniis in ona; mana in ijaarratu, garuu keessa hin jiraatan; muka waynii in dhaabbatu, garuu daadhii waynii isaa hin dhugan.” (Sefaaniyaa 1:12, 13) Namoonni jireenyasaanii isa guyyaa guyyaafi isa “beekamaa” ta’e raawwachuusaanii itti fufu ta’a; haata’u malee, wanta itti dhama’anii argatanirraa yeroo hundaa faayidaa hin argatan. Maaliif? Guyyaan Yihowaa akka tasaa waan isaanirra ba’uuf, wanti isaan walitti qabatanis isaan hin oolchu.—Sefaaniyaa 1:18.

“Isa Eeggadhu!”

11. Gorsa isa kam qalbeeffachuu qabna?

11 Biyya lafaa isa hamaa kanarraa haala adda ta’een, gorsa Anbaaqom akkas jechuudhaan kenne qalbeeffanna: “Mul’anni kun yeroo itti raawwatamuun isaaf ta’u in eega, waa’ee guyyaa booddee in dubbata, garuu soba miti; yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus.” (Anbaaqom 2:3) Namoota akka keenya gonkummaa hin qabneen yeroo ilaalamu, guyyaan sun lafarra kan harkifame fakkaatus, Yihowaan guyyaa kana akka lafarra hin harkisne hubachuu qabna. Guyyaan Yihowaa, yeroo namoonni hin eegnettiifi yeroosaatti dhufa.—Maarqos 13:33; 2 Phexros 3:9, 10.

12. Yesus akeekkachiisa akkamii kenneera? Haala kanarraa faallaa ta’een duuka buutonni Yesus amanamoo ta’an haala akkamiirratti argamu?

12 Yesus bartootasaa keessaallee namoonni tokko tokko miira ariitii qaban akka dhaban ibsuudhaan, guyyaa Yihowaa eeguun barbaachisaa ta’uusaa akka gaariitti ibseera. Akkas jechuudhaan waa’ee namoota kanaa dursee dubbateera: “Hojjetaan hamaan sun yaada isaa keessatti, ‘Gooftaan koo in tura’ in jedha ta’a; hojjetoota akka isaatii reebuu, ofii isaatii immoo nyaachuu warra machooftuu wajjinis dhuguu in jalqaba ta’a. Yommus gooftaan isaa guyyaa inni hin eeginitti, yeroo inni hin beekinittis in dhufa; mataa hojjetaa sanaas in tarsaasa.” (Maatewos 24:48-51) Haala kanarraa adda ta’eenimmoo, hojjetaan amanamaaniifi ogeessi miira ariitii qabu amanamummaadhaan eegee jiraateera. Kutaan hojjetaa amanamaa kanaa dammaqeefi qophaa’ee eegaa jira. Yesusis hojjetaa kana “qabeenya isaa hundumaa irratti” isa muudeera.—Maatewos 24:42-47.

Miirri Ariitii Barbaachisaadha

13. Yesus miira ariitii argisiisuun barbaachisaa ta’uusaa kan ibse akkamitti?

13 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa miira ariitiisaanii eeganii jiraachuunsaanii barbaachisaa ture. Yommuu Yerusaalem “loltuudhaan marfamuu” ishee argan atattamaan magaalattii keessaa baqachuu qabu turan. (Luqaas 21:20, 21) Kunimmoo, Dh.K.B. bara 66⁠tti raawwatameera. Yesus, Kiristiyaanonni yeroo sana turan miira ariitii qabaachuunsaanii barbaachisaa ta’uusaa yommuu ibsu maal akka jedhe qalbeeffadhaa: “Namni bantii mana isaa irra jiru, waan manicha keessa jiru fudhachuudhaaf gad hin bu’in! Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa fudhachuudhaaf hin galin!” (Maatewos 24:17, 18) Seenaan akka argisiisutti, Yerusaalem kan badde kun ta’ee waggaa afur boodadha; Kiristiyaanonni yeroo sana turan Dh.K.B. bara 66⁠tti akeekkachiisa Yesus miira ariitiisaanii akka eegan isaanii kenne hojiirra oolchuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

14, 15. Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa, yommuu Yerusaalem loltootaan marfamtee argan, utuu hin turin baqachuunsaanii barbaachisaa kan ture maaliifi?

14 Loltoonni warra Roomaa Yerusaalemiin kan balleessan Dh.K.B. bara 70⁠tti ta’us, waggoonni arfan turan garuu rakkina hin qaban jechuu miti. Haallisaa baay’ee adda ture! Waggoonni sun walirratti ka’uufi dhiiga walii dhangalaasuudhaan kan guutaman turan. Hayyuun seenaa tokko haala bara sana Yerusaalem keessa ture yommuu ibsan, “waraana guddaa dhiigni walii itti dhangalaafameefi gochawwan gara jabinaa yeroo itti babal’atan” ture jedhaniiru. Dargaggoonni humna ittisaa akka jabeessan, meeshaa waraanaa akka hidhataniifi loltoota akka ta’aniif filamu turan. Guyyaa guyyaan leenjii waraanaaf gargaarutu kennamaaf ture. Namni gochasaanii isa gara jabinaa mormus akka gantuutti ilaalama ture. Kiristiyaanonni yeroo muraasaaf magaalatti keessa turuu yoo filatan, rakkoo guddaadhaaf saaxilamu.—Maatewos 26:52; Maarqos 12:17.

15 Yesus, baqachuu kan qaban namoota Yerusaalem keessa jiraatan qofa utuu hin ta’in, ‘warri Yihudaa jiranis’ akka baqatan dubbachuusaa qalbeeffachuu qabna. Dhugumayyuu kun barbaachisaa ture; sababiinsaas waraanni warra Roomaa Yerusaalemiin dhiisee erga adeemee ji’oota muraasa booda, karaa bal’ina qabuun sochii waraanaa gochuusaa itti fufee ture. Jalqabarratti Dh.K.B. bara 67⁠tti Galiilaa to’ate; waggaa ittaanuttis malaan Yihudaa to’annaasaa jala galche. Kanaan kan ka’es namoonni naannoo sana jiraatan hundi rakkoo guddaadhaaf saaxilamanii turan. Kana malees, guyyaadhaa gara guyyaatti lammii Yihudii kamiifiyyuu, Yerusaalemiin gadi lakkisee ba’uun ulfaataa ta’uu jalqabe. Balballi magaalattii eegamuu waan jalqabameef, magaalatti gadi lakkisanii ba’uuf yaalii gochuun, Yihudoota warra Roomaatti dabarsanii kennuu wajjin tokko ture.

16. Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaatti turan yeroo sodaachisaa fuulasaanii duraa isaan eegu jalaa ooluuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu turan?

16 Wantoota kana hundaa yaadatti qabachuun keenya, Yesus haallisaa ariifachiisaadha jedhee kan dubbate maaliif akka ta’e hubachuuf nu gargaara. Kiristiyaanonni, hawwiin qabeenyaa akka duubatti isaan hin harkisneef, aarsaawwan tokko tokko kaffaluuf fedhii qabaachuu qabu turan. Akeekkachiisa Yesus kenneef abboomamuuf jecha, ‘qabeenyasaanii hunda gadhiisuuf’ fedhii argisiisuu qabu turan. (Luqaas 14:33) Namoonni abboommii isaanii kennameef atattamaan ajajamuudhaan Yordaanos gamatti baqatan lubbuusaanii oolchaniiru.

Miira Ariitii Keenya Eeggachuu

17. Miira ariitii keenya jabeessuu kan qabnu maaliifi?

17 Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu, kan jiraannu xumura guyyoota gara dhumaa keessa ta’uusaa argisiisu. Kanaaf, yeroo kamiyyuu caalaatti miira ariitii keenya jabeessuu nu barbaachisa. Loltuun tokko yeroo nagaan jirutti akka yeroo waraanarra jiruutti dhiphinniifi sodaan itti hin dhaga’amu. Haata’u malee, dammaqee hin eegu taanaan, utuu itti hin yaadin waraanarratti akka bobba’u waamichi yoo dhihaateef, utuu hin qophaa’in hafuu danda’a. Kanaan kan ka’es balaa guddaan isarra ga’uu danda’a. Karaa hafuuraas haallisaa wal fakkaata. Miirri ariitii keenya akka laafu kan heyyamnu yoo ta’e, waraana nurratti banamu ofirraa faccisuuf utuu hin qophaa’in hafuufi guyyaan Yihowaa nutti dhufuu danda’a. (Luqaas 21:36; 1 Tasaloniiqee 5:4) ‘Waaqayyo duukaa bu’uu dhiisee kan garagale’ yoo jiraate, deebi’ee isa barbaachuuf yeroonsaa ammadha.—Sefaaniyaa 1:3-6; 2 Tasaloniiqee 1:8, 9.

18, 19. “Dhufa guyyaa Yihowaa” dhiheessinee ilaaluuf maaltu nu gargaara?

18 Phexros “dhufa guyyaa Yihowaa” dhiheessinee akka ilaallu nu akeekkachiisuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko, “jireenya qullaa’aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta’u” jiraachuudhaanidha. (2 Phexros 3:11, 12) Sochiiwwan kanatti qabamuun keenya, “dhufa guyyaa Yihowaa” hawwiidhaan eeggachuuf nu gargaara. Jechi afaan Giriikii ‘eeggachuu’ jedhu, kallattiidhaan yommuu hiikamu “ariifachiisuu” jechuudha. Guyyoota hanga dhufni guyyaa Yihowaa ga’utti jiran dafnee dabarsuu ykn ariifachiisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Ta’us, tajaajila Yihowaatti kan qabamnu yoo ta’e, yerichi utuu nuti hin beekin darbuufi guyyaa hawwiidhaan eeggannu bira ga’uu dandeenya.—1 Qorontos 15:58.

19 Dubbii Waaqayyoofi yaadachiisawwan achi keessatti argamanirratti xiinxaluun keenya, dhufa “guyyichaa jabeessinee barbaaduuf (eeggachuufi ariifachiisuuf),” eeyyee, “utuu walirraa hin kutin eeggachuuf” nu gargaara. (2 Phexros 3:12, Za Ampiliifaayid Baayibil; Za Niiwu Teestaamant, Wiiliyaam Baarkileeyiin kan qophaa’e) Yaadachiisawwan kuniifi raajiiwwan hedduun, guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa qofa utuu hin ta’in, eebbawwan hedduu namoonni Yihowaa ‘eeggatan’ argatanis qabataniiru.—Sefaaniyaa 3:8.

20. Akeekkachiisa isa kam qalbeeffachuu qabna?

20 Yeroo ammaatti, hundi keenya akeekkachiisa Sefaaniyaa raajichi nuu kenne qalbeeffachuu qabna: “Dheekkamsi Waaqayyoo inni boba’aan utuu isinitti hin dhufin, guyyaan dheekkamsa Waaqayyoo sun utuu isinitti hin dhufin walitti qabamaa! Isin warri gad deebi’oon biyyicha keessa jiraattan, warri isa duratti wanta qajeelaa ta’e hojjettan hundinuu Waaqayyoon barbaaddadhaa! Guyyaa dheekkamsa isaa sanatti inni isin golboobee isin in oolcha ta’a, isin immoo qajeelinaa fi garraamummaa barbaaddadhaa!”—Sefaaniyaa 2:2, 3.

21. Bara 2007⁠tti murtoon saba Waaqayyoo maalidha?

21 Kanaaf, caqasni waggaa tajaajilaa 2007: “Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhi’aateera” jedhu filatamuunsaa sirriidha. Sabni Waaqayyoo, guyyaan kun “dhi’aateera, dafees in dhufa” jedhanii amanu. (Sefaaniyaa 1:14, NW) “Hin turus.” (Anbaaqom 2:3) Kanaaf, yeroo dhufa guyyichaa hawwiidhaan eeggannu kanatti, yeroo raajiin kun itti xumuramu dhihaachuusaa qalbeeffachuudhaan yeroo kamiyyuu caalaatti dammaqnee haa jiraannu!

Deebisuu Dandeessaa?

• Guyyaan Yihowaa inni guddaan maalidha?

• Namoonni hedduun yeroonsaa ariifachiisaa ta’uusaa ilaalchisee dantaa kan hin qabne maaliifi?

• Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa miira ariitii argisiisuun kan isaan barbaachise maaliifi?

• Miira ariitii keenya caalaatti jabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]

Caqasni waggaa 2007: “Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhihaateera” kan jedhu ta’a. —Sefaaniyaa 1:14, NW.